๐Ÿš€Techno teaching program๐Ÿ”‘
84 subscribers
61 photos
5 videos
6 files
68 links
comedy,teaching,film,news and poem all in one
For more information contact admin @JWMATT
We drive the world!!!
website:https://tamirat-kebede.jimdosite.com/
Download Telegram
#kutaa dhumaa
Kana qofa miti, gaafa ayyana Irreechaa waan baayโ€™eetu jira. Dargaggoon ni sirba, maanguddoon mareeyoofi gabbisayyoo jedha, shamarran sirbasaanii sirbu.

Aayyoliin faaruu aadaa faarsu, kuun Waaqa faarsa, kuun yoo eebbisu kuun ni jeekkara. Haala kanaan ayyaanni Irreechaa kabajama. Walumaagalatti guyyaan ayyaana irreechaa guyyaa gammachuuti.

#AYYAANA #IRREECHAA #GARII #BARA #2012 #BAGA #GEESSAN!!!
#irreecha TAMMIRAT KABBADATIIN

Waaqa kadhate malee muka jala taaโ€™ee
Rabbii saat waame malee tulluutti ol baโ€™ee
Eessatti Oromoon muka Waaqa godhe?
kan utaalu haa yaa rakkatuu ashandaadha jedhee!
#GADHEE MITI !
Gadhee nu seโ€™anii yoo callifnee laalluu,
Guyyaan keenyaa mitii, dandeenyee hin utaalluu.
Lugna nu hin seโ€™inaa gadheen yoo gadooduu
Kormi biyyaa bahe silas hin barooduu!

warra ija natti babastaniifยปยซ....
BEENU SIN GABBARUU โ€“


Waraansa jecha namaa waliin dabarsinee
Nuti addaan hin baanu jennee wal abdannee
Hiriyaa jaalalaa walfaana kan kaane
Addaan osoo hin bahin kan waliin guddanne
Hololaaf hamiidhaaf iddoo kan hin laanne
Rakkoof dararama waliin dandamannee
Kunoo hanga harโ€™aatti kan waliin jiraanne
Harโ€™a maaltu dhufnaan addaan baโ€™uuf kaane
Waan hedduudha ture kan waliin dharraane

Maalin godha garuu akkan yaade hin taane

Ija mararteedhaan yeroon si ilaalu
Addunyaarraa dhabeeni sirra kan naaf caalu
Siin ala eenyuree kan dhibeekoo yaalu
Osoo kana beektuu maalif na darartee
Jaalala miโ€™aawaa seenaa maaf taasistee
ofiikee filattee naan kophaa koo hambistee ??
Akkatti na jaallatu sana yemmuttiin yaadumee
Isati na masiftee naan jettu
โ€œWฤ…ฤ…qumฤ™ฤ™โ€

Harโ€™a jaalallikee sun dafee maaf dhumee?
Hin gowwoomin maaloo qabeenyi fixeensa ganamaatii
Uumama kamiyyuu kan walitti hidhu jaalala dhugaati
Ganna dabarsanii birraatti tarkaanfatu
Jaalala jalqabanii dhuma rabbiin kadhatu
Rabbi kan naaf kaaโ€™e kankoo nan dhowwatu
Mee dhumakeen arga sichillee hin goyyoomuu
Cubbuun jaalalakoo sin gadhiisin yoomuuuuuu..
ofit si harkisee humnaan sin dararuu
Karaan dugda hindaaqqoo beenu sin gabbaruuuuuuuโ€ฆ

โ†’ Imimmฮฑฮฑn koo seenฮฑฮฑ siif hฮฑฮฑtฮฑโ€™uโ€ฆ!
โ†’ Seenฮฑฮฑnkoo yฮฑฮฑdฮฑnnoo siif hฮฑฮฑtฮฑโ€™uโ€ฆ!
โ†’Yฮฑฮฑdฮฑnnoonkoo gฮฑlฮฑฮฑ jireenyฮฑkee siif hฮฑฮฑtฮฑโ€™uโ€ฆ!

รŸyeโ™ฅ๏ธ! รŸyeโ™ฅ๏ธ! รŸyeโ™ฅ๏ธ!
@NASAtechnotechIngprogram
SIN DHIISU! =========================
Umurii ganamaa
Jaalala Ijoollummaa
Mi'ooftuu akka Dammaa
Hiriyyee ganamaa
Jaalallee haga ammaa

Dhiigakee durbummaa
Simboo Miidhagummaa
Maddii dargaggummaa
Natti yaadatama
Ijoollummaa kiyyaan
Onneef yaada kiyyaan
Takkaa si argadhee
Ofitti si fudhee
Gaafan si jaalladhe
Anaaf hayyamamtee
Atis na jaallattee
Onneekee naaf laatte
Walumaaf dhalannee
Dhandhama jaalalaa
Waliin dhamdhamannee
Walumaan tapannee
"Qoda-qodaa" jennee
Waliin dabarsine

Ayii Fira dhabnus maatii
Waaqa qabna mootii
Gatamnus karaatti
#An_sin_dhiisu_hootii
Ati yoomuu kootii

Egaa Atis yoo dulloomte
Anis yoon dulloome
Guyyaan du'aas geesse
Adda bahuun geesse
Fuula Rabbi keenyaa walumaan imalla
Gaafa obbaafannu waliin nu awwaalaa!!
Galatoomaa ============ #like.
@NASAtechnotechIngprogram
si beeka foolii kee


Dhibbaaf kumaa keessaa
Foolii kee in wallalluu
Bakka mara geessaa
Maalin sin madaaluu

Uumaa koon gadittii
Bakka waan hundattii
An sumaan abdadhaa
Sumaanan dadhaadha
Hundarraa caalchisee
Bakka waan hundaatti
Tiruu koo dammaa koo
Ati yoomuu kooti
Ormi kan abdatuu
Wanta danuu qabaa
Kan ittin dadhatuu
Yeroo yeroon qaba

Anaaf suma qofaa
Maddii gammachuu koo
Waan hundaa ilaalee
Suma filannoon koo
Qaroo koo dammaa koo
Qillensa sombaa koo
Si malee jirachuun
Dukkanaa filachuun
Wajjiin tokkichaa
Sin addaa ba'uun
Gammachuun bo'ichaa

Filannoo koo dhumaa
Qalloo magallee koo
Kan naaf kennee uumaan
Sidhaa badhaasni koo
#kooo
@NASAtechnotechIngprogram
Guyyaa gara waaree
lapheerra ol na aaree
Halkaan gara waarii
hubadhuu naaf barii

Irriballee in qabuu
suuraa keen dubbisaa
Boqonnaallee in qabuu
waa'ee kee barreessaa

Araada homaa in qabu
Bunaa qofaan dhugaa
Har'a bor in jedhuu
yoomumaan si argaa

Warra gibee gamaa
warra sanyii mootii
Imaale ganamaa
gara mattuu kootti

Si barbachaan dhufee
bahii na simadhuu
Kan siif qaphee dhufee
Anaa harkaa fudhadhuu
@NASAtechnotechIngprogram
#RGA
Qillensii bubbisee
Awwara ol kaasaa
Yaada kee gabbisee
Bakka jiruun baasaa

Dhugaa dubbachuu dhaaf
Hedduun si jaalladhee
Gaarii argachuu dhaaf
Uumaa koon kadhaadhee

Halkaan abjuu keessaa
Waa nattii agarsiisee
Suuraa si fakkatuu
Na duraa rarrasee
Kanan yaadee in beekne
Gooftaan na badhaasee

Kunis eenyuu jettee
Na jala in didinii
Si ta'usaa bektee
Garaa kee in hirinii

Sumaan si jaalladhee
Kumaatama keessaa
Tokkoo lama jedhee
Waa'ee keen addeessaa
Gitaaf qixaa in qabduu
Addaattii addumaa
Kanan jedhuun dhabeem
Abaaboo umaamaa
@NASAtechnotechIngprogram
Uruurseen raffisaa onnee koo madoofte
Guyyaa dhufee darbuu si arguu yaaddattee
Jaalalaa maraatan erga ati na dhooftee
Lubbuun koo gaggabdee ofuma wallaltee

Sin jaalladhee malee
Homallee in wallallee
Si go'omsuuf jechaa
Daba tokkoo in yaallee
Oonnee si jaallatee
Jibbaa keen in faallee
Har'as si dheeboodheen
Homallee in argannee

Weerarameen jira
Samichaa gar malee
Dhunfaatameen jira
Kan in taaneen hiree
Har'allee sin eegaa
Abduu in muradhuu
Haala in ilaaliin waan darbee yaadadhuuuu
@NASAtechnotechIngprogram
akkam jirtu kabajamtoota hordoftoota kenyaa baga jala bultii ayyaan #irreechaa nagaan geessaan jedha channeliin keenya techno teaching program
ayyaani kan nagaa kan badhaadhinaa isiniif haa hata'uu
@Ebbi_official

ASOOSAMA GABAABAA

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
WARQII ABBAAN GATE!!!
๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†


โœEFDAH๐Ÿ’‹

Har'a Galgala Kutaa 1ffa isaa isin biraan genya!!!


Join fi share godhaa!!!

๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://t.me/joinchat/AAAAAFTbCnJPyqqhmpSHEw
soonaan jaalalaa kee
guddaa natti argamaa
na jaalladhu sin in jedhu
adaraa dirqamaa
oonneen dhiigan hojjetta
sombii qillensanii
rabbii walitti nu haa fiduu
karaa in beekaminnii
halkaan abjuu keessaa
yaada keen fonqolchaa
guyyaas hojii dhabee
chat irra na olchaa
bilbilan bilbilu
tasa narra in kastuu
hamma yoomitti egaa
kanat na dhamastuu
nama jaallattanii
dhiigaa itti wakkattu
jaalalli kee miitee
na gotee maratu
jaalalaan na miitee
callisu filatte
rabbii sif haa laatu gocha ati gootee
jaalalaf bakka kennun
maaf sitti wakkata
dhuga an sitti himuu
maf dhara fakkata
dhugan si jaalladhe
simadhu furadhu
ballisi itti yaadi
bakka itti laadhu
qufa'uu dadhabee
na axxifachiisaa
hiriyaa dhokfadha
suman na yaachiisa
dhibee dawwa hin qabne
na keessatti argamee
booda akka waa hin jenne
Ergaan siif miidhameee
join @NASAtechnotechIngprogram
Ati anaaf addaa
Hiikumti maqaa kee
Yeroo ittii yaaduu
Gaariin amaala kee
Jechaa ol ta'ee
Qalbii nama hanqooqaa
Akkannii itti si uumee
Saafuu hojii waaqaa

Rifeensaa mataa kee
Hangaa qeensaa millaa
Dhiiri si ilaalee
Hamummataa oolaa
Kan mudaa in qabnee
Miidhagduu waa maraa
Har'a yoo odeessee
Xinneessee waan yaraa

Konkonnii fuula kee
Yommuuttiin ilaaluu
Dhibeen yoo na qabdee
Dokteerin nan yaaluu
Funyaan kee dhaabbatee
Qarattii ijaajjaa
Dhirrii si ilaalee
Dhaabatee fajaajaa
Maddii kee ilaallan
Burtukaana diimaa
Miidhamee jaalalaan
An kararraan adeemaa

Ilkaan kee ilaallaan
Baddeessaa fakkaata
Dokteeriin na yaallaan
Dhabeera furmaata

Jaalalli kee cimee
Mormaatti na hudhee
Kana hunda sitti himee
Fala naaf laadhumee
Guntuuta ilaalee
Namni in ofkaaluu
Mudhii kee ilaallaan
Hundu mudaa in qabuu
Deemsa kee ilaalee
Dhiibamaatu fayyaa
Kan sin millatamee
Dhaabateetu iyyaa

Qalloo akka soonsaa
Kan mudhii baredduu
Si qabuun na boonsaa
Borii koof kan yaaduu
join๐ŸŽ๐Ÿš ๐Ÿ‘‰@NASAtechnotechIngprogram
#kolfaa guyyaa #kolfaa
kolfuuf dubbisi.
๐Ÿ‘‰๐Ÿ˜œguyyaa tokko mucaa tokko dubara wa'ii jaallate ni gafate, ni didde ammas ni gaafate,ni didde,irra deddebi'e gaafate,ni diddee.yeroo ishee dhabe dhuma irraatti yoo mal jedheen wayya...
๐Ÿ˜œ๐Ÿ˜œ๐Ÿ˜œ๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰in chemisty inorder to gain must loose jedheen jedhama.๐Ÿ˜œ๐Ÿ˜œ๐Ÿ˜œ join us @technoteachingprogram
๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข
JAALALA KOO SIMADHU..
Diyaamendii yoon dhabes
Isa gatiinsaa cimaa
Onneerraan si jaalladha
Jilbeenfadheen sitti hima!
------------------
Murteessaan warqee mitiim
Warqee isa gatii jabaa
Jaalalli dhugaa taanan
Abaaboon hiika qaba!
----------
Utuun onnee siif laadhee
Sagal kufee siif cabuu
Garaan kee amma kana
Natti jabaachuu hin qabu!!
---------
Kennaa waaqaatii malee
Jaalalli hin qabu cubbuu
Onneerraan si jaalladhaa
Tole naaf jedhi lubbu!!!!
(Yoo ofiif jette "share"godhii ittiin
ga'adhu.Anoo argadheeraa ishee warqee
fakkaattu!kkkkkk
@technoteachingprogram
#NAA BARAA

Ilaalaa amma dhiheem
Osoo hin beekiin bari'ee
Na ajjeesuudhaaf deemaa
Yaadaaf yaaddoon ari'ee
Isheen sagal bilbiltii
Ani asii gubadhee
Engaddaa du'een oolee
Osoon fiiguu gufadhee
Kan isheen naaf bilbiltuu
Booleetti na arguufii
Natti jiruun hammaatee
Sammuunuu na darbuufii
# Kool-baakii ergaa ooltiim
Hin dhiistum yeroo maraa
Ani waan tokko taanaan
Ishee ta'uu naa baraa
Qarshii qarshii naan jettii
Maal bituufii gabaadhaa
Ilkaan koollee gurguruuf
Namni hin bitu cabaadhaa!
join @technoteachingprogram
How does spiritual decline happen? I think there are at least 4 ways:
1. Through neglect.
2. Through the storms of life.
3. Through the influence of negative relationships.
4. Through willful disobedience.
My question for you: What do you do if you find yourself in spiritual decline? Think about it
@technoteachingprogram
Adda baana hin seene
Gaafa na jaallatte
1ffaan kee anaa
Gaafa anaan jette

Gaafa na dhungattee
Yeroon si haammadhe
Waliin deemna se'een
Icciti koo himadhe

Karaa dheeraa jaalala
Waliin qaxxaamurraa
Nama hin barbaannu
Nuti waliif jirraa

Hafuura keenyatu
Anaaf siif qorichaa


Waadaan keenya ammaatu
Borii keenyaaf riqichaa

Jettee sobaa keetiin
Keessi koo madaa'e
Haamileen koo cabee
Namaa gadin ta'e

Waa'ee keef booniikoo
An yoomuu hin gaabbuu
Kan waaqni naaf kennu
Hiree koos hin dhabu
#yaada#keessaan#naan#Gahaa
@jwmatt