𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
9.79K subscribers
550 photos
20 videos
21 files
1.82K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
Kitaaba haaraa kanaan Wal baruuf.....




Isin qophiidhaa....
Hanga pdf erguuf page hardha barannu kana ilaalaa
Live stream finished (46 minutes)
Hardha Mee waa'ee maalii isiniif haa barreessu...



carraa isiniif kenne👇
Warroota yaada kee hubachuu dadhaban sana akkam goote sila___?!


Homa takkaan goone, akka waan isaan hin jirreetti fudhadheeti, bira kute...!
Yeroo tokko tokko Facebook gubbaa yeroo seenu waan buufata fayyaa seene natti fakkaata dhugaa...!
Kun dhibame;
Kun madaahe;
Kun cabe;
Kun fannifame;
Kun Makiinaan dhahame;
Kun du'e waan jedhutu baay'ata... sila page kiyya qofa moo isin mudatee beeka....!!

Addunyaa miidiyaa keessaa Facebook fi TikTok akka malee jibba...
Rabbiin nu haa eegu
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Haa'iyyaa Kutaa #2ffaa




sa'aatii 2 booda nu eegaa...
3:00-3:45
✍️ Islaamummaa keessatti Bid'aan yeroo jalqabaa muldhatte bid'aa tami_?
Anonymous Poll
43%
A) Bid'aa kalaamaa/qur'aanni Makluuqa moo makluuqaa miti.
52%
B) Bid'aa Kawaarijaa
19%
C) Bid'aa Raafidaa...
Ilmii barachuun dubartoota keessatti dhiibbaa hangam ykn bu'aa hangam akka qabu.... yeroo booda isiniif barreessa...



Asumaanuu shamarran keenya kan Diinii islaamaa akkanatti itti yaaddoftanii barataa jirtan jzkl. keeyran isiniin jechuu barbaada

-
«ٲطلُبي العِلم ٲُخيتِي لكِي یقول علیّكِ؛ بُلیتُ بها فقیهَةََ ذاتُ جدَال..تُجادل بالدّلیلِ و الدَّلال🌱؛)»
Live stream finished (56 minutes)
Assalamualaikum warahmatullaahi wabarakaatuh.

✍️ Tol Rabbiin guddaan gadaa tana keessa dubartii islaamaatiif oole keessaa, fageenyatti barnoota barachuudha. karaa salphaadhaan manuma ishee keessa teettee barnoota hedduu argachuu dandeessi.
Imalli Ilmiidhaa/barnoota Shari'aa Kuni jireenya dubartootaa keessatti, gadaa Nabii keenyaa irraa eegalee (Sallallaahu aleyhi wasallam) hanga gadaa tanaa waan diriireedha.
Dubartiin gadaa tana keessa Ilmii barataa jirtu hunduu, karaa warra ishee duraa -( dubartoota sahaabotaa fi Taabi'ootaa, akkasuma hayyuu hedduu isaanii as jiran)- qabattee deemaa jirti.
Dubartoonni Sahaabaa waa'ee Ibaadaadhaan wal qabatu ilaalchisee, akkasuma gaafilee hedduu islaamummaan wal qabatu, kan isaaniif hin galle Rasuula Rabbii Sallallaahu aleyhi wasallam gaafachaa turan.
Rasuulli dubartootaaf qofa, guyyaa isaan waa'ee islaamummaa sirritti itti baratan, waan duniyaa fi aakirattis isaan fayyadaa isaaniif guduunfuuf jecha guyyaa addaa godheefii barsiisaa ture..!
Kanarraa ka'uun, gahee dubartoonni islaamaa Diinii barachuu keessatti qabanii fi qooda isaan islaamummaa diriirsuu keessatti qaban guddaa akka tahe tilmaamuun nama hin dhibu.
Dubartoonnis barnoota shari'aatiin dagaaguu keessatti, garaagarumma dhiiraan waan hin qabneef jecha... manneen muslimtoota hedduu keessaa Ulmaa'ii fi urjiiwwan addunyaan tuni isaaniin ifte hedduun biqilaa turan.

🌷 Dubartoonni islaamaa Ilmii barachuun jireenya dubartootaa keessatti bu'aa maal uf keessaa qaba___?
1) Ibaadaa Rabbiin waajiba ishee irratti godhe, Akka isheen dhuftetti bifa gaariin gaggeessuuf ilmii nama barate gaafata.
2) Ijoollee isaanii Akhlaaqa islaamaa; mallattoo fi shari'aa islaamaatiin leenjisanii guddisuuf dubartii ilmii baratte gaafata.
3) Ilmii barattee, waan baratte sana deebitee barsiisuunuu isheef Ibaadaadha. Ilmii barataa jirti jechuun Ibaadatti jirti jechuudha.
4) Hidhannoon ishee moodeloota gadaa tanaa osoo hin taane, moodeloota addunyaa tanaa warra turan, kanneen akka Aa'ishaa fi Ummu Salamaa tahaa dhufa.
5) Addunyaan tuni bakka turte sanitti deebi'uuf, dhaloota akka sahaabaa sanneen oomishuu yoo barbaanne... dubartoonni barnoota Islaamaa keessatti qooda ishee bahachuu nu gaafata.
🖋@Ibroo keessan....

Galatoomaa....!👇
https://t.me/tafak_or
Dhaloota dhumatu.... addunyaa teessee akka fiilmiitti daaw'attu... 😢
#Aamiin_jedhi....

Qalbii bareedduu, ishee jaalachuu qofaan galata ishee deebisuu hin dandeessu. sanuu yoo du'aa'ii gooteef malee...!

Rabbii koo... qalbiiwwan nuti jaalanne tan ati qofti beektu sana nuuf tiksi.., hanga jaalala nuti qabnuuf saniin nuuf gammachiisi..., gammachuu gammachuu irraan nuuf dabaliif....!

Allaahumma... aamiin... 🤲
https://t.me/tafak_or
Dhiirummaa jechuun maal jechuudha.....?🤔


ibsa barbaadeeti... nama sirritti naa ibsu Mee
.....
#Dhiirummaa......🫵

Jecha kabajaati.... bakka ulfinnaati....
👉 Dhiirummaan kennuu, arjoomuu fi wareegama barbaachisu kafaluudha...!
👉 Dhiirummaan nama gaarii siif ooleef gaarii ooluu fi nama hamaa sitti ooleefis gaarima yaaduudha...!
👉 Dhiirummaa jechuun... namoota biraaf kabaja qabaachuu, akkasuma ilaalcha isaaniitiifis kabaja qabaachuu... isaan tuffachuu fi sadarkaa isaanii gadi buusuu dhabuudha..
👉 Dhiirummaa jechuun dhugaa ol baastee dubbachuu... dhugaa dirretti baasuudha... dhugaa dubbachuu keessatti sodaa wanni jedhamu keessa keetii dhabamuudha...!
👉 Dhiirummaa jechuun...guddinna lubbuu... guddinna sammuu.... bakka guddaa gahuuf tarkanfachuudha...
👉 Dhiirummaa jechuun Duudhaa fi Safuu hawaasaa eeggachuu...
👉 Dhiirummaa jechuun... sodaa Rabbii qabaachuudha... bakka Rabbiin jaalatutti argamuudha...!
👉 Dhiirummaa jechuun... Bareedinna keetiin osoo hin taane namummaa keetiin dubartii hawatuudha...!
👉 Dhiirummaa jechuun bakka miidhamni jirutti haqa dalaguudha...!
👉 Dhiirummaa jechuun... Hajamaa hunda, bakka inni harka diriirsetti moggaa dhaabachuudha....!
👉 Dhiirummaa jechuun... Sadarkaa kankee beektee... bakka siif kenname bira kutuu dhabuudha....!
👉 Dhiirummaa jechuun... bakka silaa Aaluu/gadoo bahachuu dandeessutti Irra namaaf dabruu... iddoo aariin sitti jirtutti if toohachuu...!
👉 Dhiirummaa jechuun... harka lafaadhaan... imimmaan fula Abdii kutaterraa haquu...!
👉 Dhiirummaa jechuun... ijji kee gammachuun.. keessi kee boqonnaa horatee... osoo nama hin miine rafuudha...

yoom kana qofa👇
https://t.me/tafak_or