𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
9.41K subscribers
547 photos
20 videos
20 files
1.78K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Udhiyyaa....

Sadaqaa jaalatamtuu keessaa... takka namoota Udhiyyaa qalachuu hin dandeenyeef mallaqa kenninee Akka bitatanii ittiin gammadan gochuudha...!

@tafak_or
#Iccitii_Udhiyyaa_qaluu....

1) Ajajaa Rabbiin nurra kaahe galmaan gahuu...
2) Sunnaa Nabiyyallaahi Ibraahim Aleyhissalaam deebisnee jiraachisuu,
3) Qananii hedduu Rabbiin keenya tola nutti oole yaadannee... Rabbiif galata galchuu... sana keessaa qananii hoolaa fi re'ee, Beeyladoota nuuf kennuu...
4) Warri biyya jirus, dalagaa takka takka keessatti hirmaachuudhaan... warra Hajjii deemeen wajjiin keeyrii saamachuu...
5) Lubbuu teenyarraa kaasee, Maatii fi ollaa, akkasuma firoottan keenya gammachiisuun, akkasuma hiyyeessa irratti sadaqachuun dirqama waan taheef....!


Irra deebiidhaaf Baga geessan jechuun barbaada.
Share👇
https://t.me/tafak_or
Forwarded from Lencho Abdul
Yaa tafakkuroow
Waan nuti hinbeeyne nu barsiifta ....
Tan nuti irraanfanne nu yaadachiifta....

Jazaa kee maalumaan siif deebifna habiibii?
Nuti waa siif deebisuu hin dandeenyu.

But

Kan siif deebisuu danda'u rabbuma qofa.


Therefore...
Marraa 2 qofa aammiin najalaa ja'aa
أحبابي فالله
1,Ilmii fii fahmii akka isin yaaddanii hin beeknetti rabbi isiniif haa kannu.......

2,Kheyrii gurguddoo addunyaa fii aakhiraa si fayyaddu tan isin yaaddanii hin beeyne rabbi isiniif haa kannu❤️❤️❤️. Habiibii

Ani Waa du'aa'iillee godhuu hin beeku..
لاكن.
Jabaa ofii abbaatu jabeeyfata ja'eetuma malee....💪💪💪💪💪
Ati uffata haaraa waan qabduuf, ykn bilbila Iphone ykn smart phone waan qabduuf suuraa kaatee miidiyaa hawaasaa gubbatti post goota. qalbiin nama uffata jijjiirachuu hin dandeenyee, qalbiin nama humna hin qabnee yoo si argitu ni gammaddi moo ni cabdi laata....!!
Ati hiriyyaa waan qabduuf ykn Maatii kankee wajjiin waan jirtuuf gammachuu kankee baastee miidiyaa gubbatti hardha muldhisaa jirta .. ilmi haadhaa Abbaa hin qabne, namni maatii fi hiriyyoottan isaa wajjiin hin jirre.... maal keessa jira jettee yaaddeertaa....!

Mee xiqqoo if haa qusannuu...!
https://t.me/tafak_or
Qalbiin keenya mootii qaamaati, qaamni keenya waraana mootummaati... mootiin bannaan waraannis ni bada, mootiin tollaan waraannis ni tola...!

Rabbiin qalbii teenya nu haa tolchu..
اللهم أحسن قلوبنا...
#Eeyyee....!

Yaanni kankee guddaan jaalala nama biratti horachuu akka hin taane...
Qalbiin ilma namaa olii gadi garagaltii beektaa...!, hardha si jaalattee boru si jibbuus dandeessi.
Kaayyoon kankee guddaan Rabbiin ilma namaa akkamitti na jaalata? Jaalala Rabbii argachuuf maal gochuu qaba ?! jedhii yaadi...
Rabbiin gaafa si jaalate qalbiin ilma namaa hundi akka si hawattu godhà waan taheef...!

Share👇
https://t.me/tafak_or
#Dhugaa.....!

Nama dachee qalbii tanteetii keessatti dhaabuu heddu sana, osoo hin hin dhaabiniin duratti sirritti filachuu qabda laal...!
Erga dhabdee muka dagaage buqqisuuf yaaluu irra, firii dhaabuu heddu sana filachuun irra namaaf salphata waan taheef.....!!

@Ibro keessaniin....Share👇
https://t.me/tafak_or
Waan natti ulfaatu wahii isiniif himuu....!
Qalbii irraa qalbiidhaaf.....

Wanti yeroo baay'ee namatti ulfaataa... nama dhugaan jaalattuu fi kabaja guddaa qabduuf tokkoo, jaalala fi kabajaa qabduuf sana barreeffamaan ibsuun ni ulfaata...!
Jechoonni ati barreessituuf hanguma fedhanis mimmi'aawanis.... kabajaa fi jaalala onnee kankee keessa jiru ibsuufii hin danda'an...!
Maatii akka keessan gaggaariidhaaf..... kabajaa fii jaalala ibsuu hin dandeenye wahii qaba wlh.....
Yeroo hedduu sababni ani waan barreessu hunda isiniif filadhuuf, akkuma isin na jaalattan kabajaa fi jaalala waan isiniif qabuuf...hanga ammaatti yaada gaarii malee hamaa isinirraa hin garre.

Jechi Ani jedhee isin galateeffadhu natti hanqata waan ta'eef...bakkuma jirtanitti nagahaan; kabajaa fi jaalalaan; ulfinnaa fi guddinna keessa naaf jiraadhaa....!

Galatoomaa.... isin jaaladha...
#Xalayaan_maatii_Tafakkur qofa ilaallatti....!
👇
https://t.me/tafak_or
#Anaa_fi_isin.....

Page ykn Chaanalli dhuunfaa keessanii kan isin miidiyaa gubbatti fayyadamtan akka mana dhuunfaa keessaniti... hordoftoonni fuula miidiyaa keessanii/follower's ammoo akka fakkeenya keessummaa mana keessan dhufteeti...
Keessummoota keessaniif jechaa fi qubee barreessitaniif filataa barreessaafii....!!

Walumaagalatti keessummaa mana keessan dhufte sirritti keessummeessaa....!!

Share👇
https://t.me/tafak_or
Hanguma Rabbiin irraa fagaataa dhuftuun.... ilma namaatiin adabamaa dhufta.....!
Galatoomi @Siyaam
...... jzkl keyran
👇
Forwarded from SIYAM
Rabbiif jecha wal jaalachuu

#Rabbiif jecha wal jaalachuun: sodaa namni tokko rabbii isaatiif qabu irraa kaate isa jaalachuudha.

👉Nama sana iimaana, sodaa rabbii walumaa galatti waan keeyrii irratti isa arguu keetiif isa jaalatta, yoo waan badaa irratti argite ammoo akkuma lubbuu teetiif jibbitu isafis jibbite keeyrii irratti qajeelchita.

Bu'aa rabbiif wal jaalachuun qabu.

👉Yeroo Rabbiif jecha nama jaalannu kan asiin gadii niyyaataa.

👇
1.Rabbiif jecha nama jaalachuun naqattoo
(haada) Rabbii jabduu tahuu.

2.Malattoo iimaanni namaa guuttamiinsaa tahuu.

3.Mi’aa iimaanaa argachuu.

4.Jaalala Rabbii argachuu.

5.Karaamaa(kabajaa) Rabbii argachuu.

6.Gaaddisa Arshii jala warra qubatu ta'uu.

7. Owliyoota rabbii warra guyyaa qiyaamaa sodaafi rifannaa hin qabne keessaa tayuu.

👇
#Beeki jaalallii obolummaa tan rabbiif jecha wal jaalatan waan addunya tana qofatti cittee haftuu miti, hanga aakiraatti waan dabraati.
👇
ﻳﻘﻮﻝ ﺗﻌﺎﻟﻰ } :ﺍﻟْﺄَﺧِﻠَّﺎﺀُ ﻳَﻮْﻣَﺌِﺬٍ ﺑَﻌْﻀُﻬُﻢْ ﻟِﺒَﻌْﺾٍ ﻋَﺪُﻭٌّ ﺇِﻟَّﺎ ﺍﻟْﻤُﺘَّﻘِﻴﻦَ { ‏[ﺍﻟﺰﺧﺮﻑ 67:‏]

Maatiin tafakkur maatii jaalalaati dhugaa dubbachuuf jaalalii fi kabajaan isiin waliif qabdan nama gammachiisa akkanumati ittii fufaa...🙏🙏🙏
Nama dhaame/jiruun isatti hadhoofte wahii yoo tasa argite... waa'ee gaarummaa isaa fi kennaa Rabbiin isaaf kenne kan inni namoota biroo irraa adda ittiin ta'e wahii itti haasahi...
hanga inniin dhaame sun deebi'ee ifutti gaarummaa fi qulqullinna inni qabu sanarraa itti haasahuu addaan hin kutin....!

Wal haa qurcinuu...!!
https://t.me/tafak_or
#Psychologically....

Wantoota sadi ilmi namaa bu'aa tokko malee yeroo isaa itti ajjeesu isiniif hima. isaanis:
1) Waan dabreef jettee sheenawuu ykn uf ajiifachuu...!
2) Nama biraatiin uf Madaaluu yookiin nama biraatti if fakkeessuu...
3) Nama hunda jaalachiisuuf yaaluudha...!

Hanguma ilmi namaa wantoota armaan olitti dubbadhe kanaaf, yeroodhaa fi humna isaa kennaa deemuun..., jijjiirama tokko malee yaadaa fi dhiphachuudhaan miidhamni isaa bu'aa tokko malee dabalaa dhufa...!!

Share👇
https://t.me/tafak_or
#Gorsaaf...!

Duniyaa tantee aakiraadhaan gurguradhu, duniyaa fi aakiraallee milkooftaa...!,
Aakiraa tantee garuu duniyaan hin gurguratin..., lamaanuu hoongoftaa....!!

@tafak_or
Namoota wajjiin jiraachuu qabdu keessaa muraasa isaanii:

1) Namoota si deeggaran ykn si utuban,
2) Namoota daangaa kankee siif kabajan,
3) Namoota si wajjiin argamuun isaanii si gammachiisu,
4) Namoota lafumaa ka'anii sirratti hin murteessine,
5) Namoota bakka ati isaan bira hin jirrettis sirraa falmatan,
6) Namoota onneerraa si dhageeffatan...!

Galatoomaa... 👇
https://t.me/tafak_or
#Jaallan_koof....!
Ilmi namaa jireenya isaa keessatti jaalallee isa barbaachisa....
Jaalallee karaa wajjiin imalu, jaalallee yoo inni mucucaate harka isa qabu,
yoo inni imimmaan dhangalaase isarraa haqu,
Jaalallee qoree miilaa siif baasu, kan yaada siif qabbaneessu si barbaachisa.
Jaalallee wayta si bira jiru boohartiidhaan akka waan addunyaan guutuun si bira jirtuutti si guutu...!
Yoo si wajjiin imala bahe, qalbii kankee jaalalaan guutu.....
Bakka inni si wajjiin jirutti, sodaa wanti jedhamu kan onnee keessatti bakka hin qabne; kan yaadni yeroo Hun qabne.
Hiriyyaa wayta wantoonni hedduun harkaa si bahuu gahanitti, qabee harka kee keessatti si deebisu..... hiriyyaa yeroo ati karaa keetirraa maqxe, karatti si qaceelchu si barbaachisa....!
Jaalallee wayta ati Abdii muratte Aayata qur'aanaa tan Abdii sitti hortu sitti dubbisu, wayta ati milkooftu Nashiidaa milkaahinnaa siif barreessu..!
Kan wayta karaan sitti dhiphatee, rakkoon sitti heddummaatte.... Jannataa fi qananii Jannataa irraa sitti haasahu...., kan wayta sheeyxanni dirree tantee seene, cabsee sirraa baasu....! jaalallee akkanaa si barbaachisa....!
Jaalallee yoo ati Abdii fi yaada gaarii kennituuf, inni jaalala siif kennu....!
Yoo ati tasgabbii fi nageenya keessa isaatiif ergitu.... inni jaalala dhuma hin qabne baasee siif kenna....!
Waadaan gidduu keessan jiru, dawaa rakkoo gidduu teessan jirtu furu malee, dhakaa laphee teessan irratti ulfaatu kan hin taane wahii....!
Wadaadhaan wanti hunduu namaaf salphataa deema...!, adaduma kuftuun waadaa waliif seentan yaadachaa.... humnaa fi Abdii guddaa onnee kee keessatti horataa dhufta...!
Lubbuun teessan gaggaariin, waadaa waliif galtee, walitti boohartee, akka dhiiga tokkootti wal keessa danbalaatee.... akka waan waadaan keessan haada gidduu keessan walitti hidheetti...
Niyyaa toluun waan baay'ee bareeda.... hiriyyoota akkanaa argachuun immoo waan sana hunda irra caalu....
Hiriyyaa gaarii Rabbiin isiniif haa hiru....
🖋 @Ibro....

Share👇
https://t.me/tafak_or
Hunduu haqa sirraa qabu ...!

Haadhaa fi Abbaa kankeetitti tola ooluu jechuun haadha manaa kankee miidhuu jechuu miti. haadha manaa kankee jaalachuunis haadhaa Abbaa kankeetitti jallachuu jechuu miti.
👉 Nama haqa sirraa qabu hundaafuu haqa isaa kenniif....!

🌸أعطِ كل ذي حق حقهِ🌸

👇
https://t.me/tafak_or
Ijoolleen islaamaa Social media seenaatii, islaamummaa fi dhugaa facaasuudhaan.... warra jallinnaa fi sharriin deemu hundatti xurree dhiphisaa....!