𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
11.6K subscribers
562 photos
22 videos
24 files
1.99K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
Live stream finished (48 minutes)
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Keeyrii Zul-Hijjaa 130 ol.pdf
Pdf kana hundi keessanuu yoo xiqqaate nama 10 fi achii oliif share gochuu qabdan

Yaa Rabbi nama ilmi namaa qur'aanarraa isa jaataneessuu mitii (Busy godhu), nama qur'aanni ilma namaa irraa busy isa godhu/jaataneessu nu taasisi.... 🤲

Qur'aanni jiruu kooti...
@tafak_or
Arkaana Hajjii 4:

1) Ihraamachuu,
Niyyaa ibaadatti seenuu niyyachuudha.
2) Arafa dhaabachuudha,
” الحج عرفة “
Hajji jechuunuu arafaadha...
3) Xawaafa Ifaadaa xawaafuudha.
4) Safaa fi marwaa gidduu suksukuudha....

4n keessaa tokko hafnaan hajiin hin guutamne....
👇
https://t.me/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Keeyrii Zul-Hijjaa 130 ol.pdf
Yoo kana #share gootan waa'ee Udhiyyaas qabxiilee 60 ol barreessee isiniif gadi lakkisa....



Dafaa kaa maatii jaalalaa
#Gaafii...

1) Rasuulli ( Sallallaahu aleyhi wasallam) Hajjii meeqa hajjan ? bara kam keessa ? hajjiin Suni maal jedhamti?
2) Rasuulli yeroo meeqa Umraa godhan ? Umraa sana yaamuu dandeessaa ?


comment 👇
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
#Gaafii... 1) Rasuulli ( Sallallaahu aleyhi wasallam) Hajjii meeqa hajjan ? bara kam keessa ? hajjiin Suni maal jedhamti? 2) Rasuulli yeroo meeqa Umraa godhan ? Umraa sana yaamuu dandeessaa ? comment 👇
#Deebii

1) Rasuulli Sallallaahu aleyhi wasallam Muslimtootaan Hajjii takka qofa hajje, waggaa 10ffaa keessa... hajjiin suni hajjatal wadaa'i/Hajjii dhaamannaa jedhamti.
2) Rasuulli Umraa afur godhàn. isaanis:
A) Umraa hudeybiyyaa, waggaa 6ffaaa..
B) Umraa Qadaa'aa, waggaa 7ffaa keessa.
C) Umraa ji'iraanaa waggaa 8ffaa fi
D) Umraa hajjiin wajjiinii..
Sadan duraa baatii Zul-qa'adaa keessa ture.

Hedduun keessan yaaltanii jirtu
Share👇
https://t.me/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Dubartoota Armaan gadii tanneen hin fuudhinaa... 1) Mannaanaa, 2) Annaanaa, 3) Hannaanaa, 4) Haddaaqaa, 5) Barraaqaa, 6)Shaddaaqaa, 7) Ushbatud-daar jedhaman..... Isiniif galee? haa hiikkamuu ?😁 https://t.me/tafak_or
1) #Mannaanaa.. Tan Abbaa manaa ishee irratti waan taateefiin uf faarsitu.
fkn: Gaafa inni rakkate Ani mallaqa hanganaa liqeesseefii; rakkoo akkanaa keessaa baasee; abbaan kiyya akkas akkas taheefii; warri kiyya waan akkanaa jaarsa kiyyaa godhanii;..... akkasiyyoo tahee .... hii.... kanuma hafarsaa oolti bakka geettetti.
2) #Annaanaa; Tan yeroo maraa dhibee himattu.
Tama osoo dhibee hin qabnellee, dhibee ufitti faarsitutu jira.
Intaloo mee akkana godhi .. ana mataa na dhukkubaa; garaa na qabee; qaama guutuu na hoo'isaa; na haxaxxeessa..... na bobeessaa .... uuuuuuuuy

Dhiiroo kijiba isii irraa kan ka'e .. ni hifattaayyu... garuu bar yeroma si argitu dhubamti malee namoota hafan wajjiin fayyaa qabdi....
3ffa: #Hannaanaa.....


#Itti_fufa...Jalaa share godhaa, bakka takkatti isin maraachitii😁
👇
https://t.me/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Dubartoota Armaan gadii tanneen hin fuudhinaa... 1) Mannaanaa, 2) Annaanaa, 3) Hannaanaa, 4) Haddaaqaa, 5) Barraaqaa, 6)Shaddaaqaa, 7) Ushbatud-daar jedhaman..... Isiniif galee? haa hiikkamuu ?😁 https://t.me/tafak_or
Hin_fuudhinaa.....👇


3ffaan: #Hannaanaa,
Hannaanaa jechuun tan warra isii malee gadi hin dhaabanne...
Tuni dubartii mana ufii hin beekne, dubartii heeruma jechuun mana ishee sirritti qabuu akka tahe isiif hin galleedha.
Ganama warra deemtee, guyyaa deemtee... galgala galti.
guyyatti yeroo lamaa ol mana maatii ishee deemti.
#Hubachiisa: Kana yoo jennu mana maatii hin dhaqinaa osoo hin taane, erga mana maatii keetii baatee... manni kee inni hundeedhaa... Jaarsaa fi ijoollee tantee wajjiin mana keetitti booharuudha.
4ffaa; #Haddaaqaa...
Haddaaqaa jechuun: dubartii ija gogeettii jechuudha... dubartii economically lafaan si geettu jechuudha...
Akka tasaa waan addaa wahii mana nama biraatti ykn harka dubartoota biraatti yoo agarte... hanga ati waan sana bittutti gadi sin teessiftu.
Dubartii waan haaraa argite hundaa nama bichisiiftu... dubartiin akkanaa yoomuu hin quuftu, waan mana namaatti argite hundaa isheedhaaf bituun dirqama..... tanas isin haa baasu... 😁

4ffaa 5ffaan..... uuuuuuuu 😁
Nu haa baraaru....
👇
https://t.me/tafak_or
Suuraan Kuni maal Ibsa....



nama dursee argate.... kaardii Abbaa 50 badhaasaan...
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Suuraan Kuni maal Ibsa.... nama dursee argate.... kaardii Abbaa 50 badhaasaan...
Daqiiqaa 30 qofa qabdan... achiin boodatti namni deebise..... sadaqaa jaariyaa siif taati malee... kaardiin Akka nama Udhiyyaa salaata dura qaleeti....
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Suuraan Kuni maal Ibsa.... nama dursee argate.... kaardii Abbaa 50 badhaasaan...
Hanga ammaa warri yaaltan hunduu baay'ee galatoomaa...deebiin isin yaaltan hedduun sirritti itti qajeela... garuu kan nuti barbaanne deebii qofa osoo hin taane... The best answerdha...



Deebiin isaa...... 👇

Obsaan na eegaa... badhaafamtoonnis yoo jiraatan... isiniif himaa
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Suuraan Kuni maal Ibsa.... nama dursee argate.... kaardii Abbaa 50 badhaasaan...
Deebiin #Hama/Wal hamachuu

Kan muka Jala ciisu sun sihi ... mukni Marge Kun immoo dalagaa tanteeti... dalagaa ati ifaajjee... keeyrii ati dalagatte.



Firii isaa situ nyaachuu qaba ture... garuu toltuu ati dalagatte, warra ati isaan hamataa oolte santu sirraa guurata guyyaa qiyaamaa...
ni ifaajja...kan ifaajju ammoo nama biraatiif....


walumaagalatti Suuraan waan hedduu ibsa, Suuraan Kuni Kitaaba guddaadha... hundi keessanuu akka keessanitti argattanii jirtu.... garuu sirritti kan inni ibsu... hama/nama hamachuu ibsa.

Family Tafakkur baay'ee galatoomaa... garuu nama tokko qofatu yaada kiyya kanatti dhihaate....

Share👇

https://t.me/tafak_or
𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
Dubartoota Armaan gadii tanneen hin fuudhinaa... 1) Mannaanaa, 2) Annaanaa, 3) Hannaanaa, 4) Haddaaqaa, 5) Barraaqaa, 6)Shaddaaqaa, 7) Ushbatud-daar jedhaman..... Isiniif galee? haa hiikkamuu ?😁 https://t.me/tafak_or
5ffaan: #Barraaqaa
Barraaqaa jechuun... dubartii dibata heddummeessitu, dubartii garmalee uf babbareechisuu yaaltu....
Bareedinni ishee sun Abbaa manaa ishee gammachiisuuf osoo hin taane, namoota biraa gowwoomsuuf ykn Bareedinna ishee sana ummatatti mukdhifachuuf... hanga namni hundi waa'ee ishee haasahu takka kan uf bareechitu jechuudha...
tana hin fuudhinaa walumaagalatti.....
6ffaa: #Shaddaaqaa/Odeessituu...
Shaddaaqaa jechuun: dubartii yeroo hundaa iyyitu; ta oduu addaan hin kunne; tan haasaa ishee keessatti kijiba heddummattu...
Tan oduu bu'aa hin qabne hanga namni ishee hifatutti haasoftu jechuudha....
Beekkamaadha oduun ishee qiletti akka si gatu.... irraa fagaadhu....
7ffaa: Rabbuu ittiin isin hin mokkorin..... 7ffaan😁

Share👇
https://t.me/tafak_or