𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر
9.47K subscribers
547 photos
20 videos
20 files
1.78K links
𝚃𝙰𝙵𝙰𝙺𝙺𝚄𝚁/🌍
قَناةٌ تُعنى بخدمة السنّة المحمّديّة، على صاحبها أفضلُ الصّلاة وأتمُّ السّلام.
Sunnaa Rasuulaa kaddamuuf hundeeffamte (Sallallaahu aleyhi wasallam)
Yaadaaf👇
https://t.me/Ibrahim_92taf
Download Telegram
#Simaaf.....

Obboleetti islaamaa... hanguma uffanni kee dhiphataa dhufuun, qabriin teetis dhiphataa dhufti...
Rabbii kee sodaadhu... duuti tee guyyaa takkaa....

@tafak_or
#Yaadachiisa:

Akka tasaa kaleessa osoo garee Tafakkur jalatti nama seensisu... nama maqaan isaa "Allah is my best friend" jedhu arge.
Amma garuu keessaan dubbisa jedhee barbaadee dhabe.
inshallah asumaanuu isaafis namoota biraatiifis gorsa haa tahuufan barreesse. jechoota akkanaa hedduu kan nuti dogoggora tahuu isaa hin beekne, moggaafataa oollu fi itti fayyadamaa oollu heddutu jira.

#Cuunfaan_dubbii: jechoota akka
" Hiriyyaan muslimtootaa Rabbiin qofa, Rabbii koo malee hiriyyaa fi jaalalleehis hin qabu; Rabbii keetitti waahiloomi ykn hiriyyoomi... " jechoonni jedhaman dogongora guddaadha....
wanti Aqiidaan wal qabata waan taheef uf haa eeggannuu isiniin jedha.

Galatoomaa👇
https://t.me/tafak_or
Osoo kijibatti hin dirqamneen duratti karaalee armaan gadii kana dabruu yaali:

👉 Hin dubbatinii... caldhisuuf yaali..,
👉 Deebii deebisuu akka hin dandeenye rakkoo himadhu...!
👉 Hanga wahiis taatu dhugaa irraa dubbadhu.....,
👉 Gaafii sana gaafiidhaan deebisi....,
👉 Dhimma sana dagadhuu, mataduree/ajandaa haaraa eegali....

Rabbumaa jedhii hin kijibin🫵

Share👇
https://t.me/tafak_or
Muhaadaraan keenya ykn barnoonni Sanbata dhufuu... #laamiyaa Kutaa 6ffaan Wal qabatee:

1) Aqiidaa Howditti amanuu,
2) Baldhinna Howdii Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wasallam) ilaalchisee,
Bifaa fi hafuura bishaan kanaa ?
3) Baay'inna Makarajii/jookii fi kubbaayyaa Howdii Rasuulaa.
4) Howdiin iddoo itti argamu,
5) Nama yeroo jalqabaa Howdii irraa dhugu,
6) Nabiyyoonni hunduu Howdii mataa isaanii qaban moo Nabi Muhammad (Sallallaahu aleyhi wasallam) qofatu qaba ?
7) Namoota Howdii Rasuulaa dhuguu hin dandeenye ykn isaan irratti haraamaa,
8) Warroonni Howdii Rasuulaa irraa hammaaratan eennuun fa'a.
9) Aqiidaan Ahlussunnaa Wal jamaa'aa miizaana keessatti maal jetti ?
10) Howdiin Kuni waan amma jiraati moo hin jiru ?
11) Howdiin hin jiru warri jedhu eennu fa'i ?
12) Miizaanni guyyaa qiyaamaa jiraachuu Ragaan qur'aanaa fi Hadiisarraa maali ?
13) Miizaanni Gurraa fi arraba qabaan dhugaadhaa ?
14) Miizaana tokko qofa moo heddutu jira guyyaa sana ?
15) Guyyaa sana maaltu mazzanama ?
Abbaa dalagaati moo, dalagaa isaati moo, galmee dalagaa isaati ?
16) Kan mazzanamu ulfaatinna keeti moo, ulfaatinna kiiloo keetiiti ?
Ragaa qabdaa ?
17) Dalagaan Kuffaaraa mazzanamtii ?
18) Warri Miizaanni qiyaamaa hin jiru jedhu eennu ? maaf akkasitti mormo ?
19) Warra miizaanaan Wal qabatee si morman akkamitti keessummeessuu dandeessa ?

Kun hunduu 👇
وأقر بالميزان والحوض الذي
أرجوا بأني منه ريا أنهل.....
20) Waa'ee Siraaxaa irraa...

👉#Deebiif....Wal argaan keenya Sanabata dhufu galgala sa'aatii 3:00 irratti #Live haa tahu.

Share👇
https://t.me/tafak_or
﴿ولا طعام إلا من غسلين﴾
✍️ Rabbiin qur'aana keessatti, Ummanni kaafiraa azaaba keessatti nyaata
Gisliina jedhamu malee, nyaata biraa hin qaban jedha. Gisliina jechuun___?
Anonymous Poll
28%
A) Bishaan hafuurri hoo'a isaa qofti gogaa namaa quuncisu
40%
B) Malaa warra azaabaa...
38%
C) Muka qoree qabu nyaatan
Hanguma sadarkaan barnoota keetii guddataa dhufuun, beekkumsarraa waan xiqqoo wahii malee akka waan beekne sirritti siif galaa dhufa.
كلما تعلمت أكثر، أدركت أكثر أنك لا تعرف إلا قليلا......
Gaafa barnoota dhiiste beekaa uf seeta, garuu wallaalaan si gahe inuma hin jirre.

Share👇
@tafak_or
Yoo dhageetteef deebii kennuuf hin xaarin:
👇

🫵 waan garmalee furdatte fakkaatta... maaluma nyaatteeti garuu... 🫢
🫵 Nyaatatu hin jirre moo maaltu akkanatti si huqqise garuu siin jedhu.... 🫢
🫵 Qabxiin kankee waan si jalaa gadi bu'e fakkaatta.... 🙈
🫵 Hanga GM ykn spoortii dalaguu eegalte yeroo dheeraadha.... garuu hanga ammaa achumà jirtaa.... 🫢
🫵 Urga biyya ormaa deemtee waggaa hangana turte...hanga ammaa Makiinaa hin binnee...siin jedhu....waa hedduudha...!

Yeroo namoonni gaafii akkanaa si gaafatan ykn dudduuba kee haasahan dhageessu .. hanguma yeroo hunda deebii isaaniif laataa deemtuun keessi kee miidhamaa deema.
Gaafii gaafatamte kana hundaaf deebii kennaa deemta taanaan... ati kan ifaajaa jirtu isaaniif, jijjiiramni ati fiduuf deemtu isaaniif waan tahe namatti fakkaata.
kana jechuun ati kan jiraattu ufiif osoo hin taane namaaf jechuudha
Eennullee haala jireenya keetii hin beeku... eennullee waan ati dabarsitee fi waan ati milkeessite si caala hin beeku...!
Waan keessa jirtuu fi waan dabarsite Rabbii fi si qofatu beeka..kanaafuu gaafii kana hundaa uf duubatti darbuudhaan gara fuulduraatti tarkaanfadhu...!

@Ibro👇
https://t.me/tafak_or
Yoo osoo walin garre akka tasaa duuti na fudhatte... si arguudhaaf baay'ee akka hawwaa ture hin dagatin...!
@tafak_or
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Sahaabaabonni Rasuulaa (Sallallaahu aleyhi wasallam), Hadiisa Rasuularraa fuudhanii nutti geessan. isaan keessaa kan hedduu odeessetu jiras, kan muraasa odeessetu jiras.

1ffaan: #Abuu_Hureeyraadha...sahaàbota hunda keessaa, namni hadiisa hedduu hedduu himeedha. Hadiisa 5374 odeesse.
● فأبو هريرةَ هو أكثرهم حديثاً فقد روى 5374 حديثا
2ffaa:
#Abdallaa Ibnu Umar Hadiisa 2630 odeesse.
● ثم عبدالله ابن عمر روى 2630 حديثا
3ffaan:
#Anas binu Maalik Hadiisa 2286 odeesse.
● ثم أنس بن مالك روى 2286 حديثا
4ffaan:
Haadha muslima maraa @Aa'ishaadha Hadiisa 2210 odeessite.
● ثم أمُّنا عائشة روت 2210 حديثا
5ffaan:
#Abdallaa binu Abbaasa Hadiisa 1660 odeesse.
● ثم ابن عباس روى 1660 حديثا
6ffaan:
#Jaabir binu Abdillaah Hadiisa 1540 odeesse.
● ثم جابر بن عبدالله روى 1540 حديثا
7ffaan:
#Abuu_Sa'iid Alkudriyyii Hadiisa 1170 odeesse....
● ثم أبو سعيد الخدري روى 1170 حديثا
رضيَ اللّٰهُ عنهم
(Radiyallaahu anhum jamii'a).

Sahaabonni torban kunniin warra hadiisa gurguddaa galmeessuudhaan beekamaniidha.... hin dagatinaa...

Share👇
https://t.me/tafak_or
#Sisters....

Karaa irratti if babbareechitee muldhachuun abbaa manaa gaarii namaa fida sitti fakkaatee akka hin gowwoomne.
Dhiira dhugaa biratti, dhalaan dhiira hundaaf uf bareechitu isa hin harkifatu/itti hin toltu...!

Shamarran hedduun yeroo ala bahuu hedan, dibataa fi dhiqata qofarratti sa'aatii lamaa ol gubu. inumaa waan guyyaa sana cidha qabdu/heerumaartu sitti fakkaata.

Innaa lillaah........ 🙈
https://t.me/tafak_or
Laamiyaa #Kutaa_6ffaa...



Wal geettiin keenya hardha galgala sa'aatii 3:00 irratti haa tahu.
#Faaya_jireenyaa

Ati qur'aanaaf yeroo kennuun mallattoo ati qur'aanaaf jaalala qabaachuuti.
Namni qur'aanaaf yeroo hin qabu jedhu; ykn busy tahuu isaa kan sitti himu.... Kuni hoongahaadha... sheeyxaanatu isa injifateera.
Yeroo nyaataa hin dhabdu!, yeroo hujii hin dhabdu!, yeroo hirribaa hin dhabdu!, jireenya kankee keessatti wanti hunduu yeroo qaba, garuu qur'aanni si biratti yeroo hin qabu.

👉 Amma eennuun sobaarta ? Rabbiin sobaarta moo lubbuu tanteeti....!!

Qur'aana sagantaa kankee keessaa, isa jalqabaa godhadhu...!

Share👇
https://t.me/tafak_or