Sona Oromoota salaalee(SOS)
195 subscribers
34 photos
1 file
7 links
Kaayyoon chaanalii kana oromoota salaale kaleessa sirna gita bittaatin aadaa fi duudha isaa irraa mulqamee deebisu fi Oromoota salaalee kuta biyyatti kam keessayyu jiraatu of tahe akka jiraatu baarsiisudha
Download Telegram
#Mormor Dangaa salaalee
maaltu booressa bishaan isaa
Yoo Naacha ta'e malee
Nuti gadhe hin amannu
yoo #shimala ta'e malee
===================
Enyuu jibba qe'ee isaa
lafa itti dhalate
Jiraatus lafaa fedhe
biyyaa irraas fagaate
=================
nama biraa fakkadhus
Yeroo gadii na qabdee
Naa keessa gumguma
Afuurii #Agariif #Taddee
#Sona oromoota salaalee(SOS)
Guyyaa Kalessaa Namonnii 2 Eenyumman isanii hin bekkamin. Dr. Abiyyi irratti ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@sona_oromotasalale
Finfinnee lafa seenaa
Lafa halagaan irraa qubatee
Egan argaa kee dhabee
Kiyyaa maari'maan na guggubate

Tafarii Taaddassa warra salaalee new music 2019
Ani gaaf rakkoo
Gaaf dhiphina fi naasuu
Gaaf dheebu beelaa
Ana gaaf cinqii nama baasu

Hunda beekta jedhu
Hin beekuu hin dhabne
Agraa dhageeti koo
Hamma fi gaarii qabnee
Bushaa fidaa hin dhoksuu
Dhangaa irraa dabsee
Cimaa gowwomsuuf jecha
Kalee fi cinaacha cabsee
Ayii yaa qeerroo salaalee
Dhugaa garaa ganda naa laalee
๐Ÿ‘†
Afrikaa Kibbaatti lubbuun namaa darbuun qabeenyis saamamaa jira
*****************************
Afrikaa Kibbaatti qabeenyi lammiilee biyyoota Afrikaa biyyicha jiraatanii kaan saamamuun kaan ammoo manca'aa jirachuu poolisiin beeksise. Jeequmsii fi saamichi kun naannoo Jeeppistaawon jedhamutti eegaluun booda magaala Johaanisbargi keessa naannoo Denver, Maalveerni, Tuurfoonteen, Tembisaa fi kaanittis babbal'ateera. Haalicha tasgabbeessuuf qaama mootummaa waliin hojjechaa akka jiran kan himan Ambaasadarri Itiyoophiyaa Johaanisbargi jiran Dr Shiffarraaw Takilemaariyaam qabeenyi lammiilee saamamuu BBCtti himaniiru. Kallattiidhaan rakkoo umame keessatti tahuu baatus lammiileen Itiyoophiyaa lama balaa konkolaataa isaan mudateen lubbuun isaanii darbuus himaniiru. Tarii yeroo saamichii fi rakkoon nageenyaa dargaggoota gurmaa'aniin uumamu osoo baqatanii tahuu akka danda'us himaniiru. Qabeenyi saamameefi manca'e jiraatus ammatti hanga kana jennee ibsuuf rakkisaadha kan lammiilee Itiyoophiyaa qofa waan hin taaneef jedhan ambaasadar Shifarraaw Takilemaariraam.Jiraataan magaalaa Johaanisbargi dubbisne ammoo torbanoota lamaan dura konkolaachisaan tokko lammiilee alaan ajjeefameera jechuun saamichi gaggeeffamaa ture jedhe. Karaa miidiyaalee hawwasaas hiriira nagaa bahuuf waamaa akka turan himee kunis lammiileen biyyota biroo irraa dhufan carraa hojii nurraa fudhataniiru, poolisoota keenya reebaniiru, qoricha sammuu namaa hadoochus asitti daldalu jechuun akka mormaa turan hime. Kana sababa godhachuunis qabeenya lammiilee alaa saamanii kaan ammoo gubaa turan jedhe. Kaleessas bakka poolisootni hin jirretti konkolaattotni 50 ol tahanis gubataniiru jedha jiraataan kun. Dabalaatan lammiin Itiyoophiyaa tokko meeshaa bitachuuf magaalaa biraa irraa dhufee bakka Niwuu Taawon jedhamutti hordofanii maallaqa isaa saamanii ajjeesan jedhe. Jiraataan kun haalichi daldaltootaaf yaaddessadha jedhee gariin meeshaa seeraan alaa daldaltu jedhamuun saamamu kaan ammoo jiraattota biroon saamamu jedhe. Ji'a Adoolessaa keessa rakkoon nageenyaa wal fakkaataan uumamee ture. Magaalaa Johaanisbargi keessatti meeshaalee seeraan alaa daldaltu jechuun poolisiin suuqii ykn dukkaana lammiilee alaa irra deemuun sakkatta'insa gaggeessaa ture. Yeroo sanas irra caalaan isaanii lammiilee Itiyoophiyaa tahuu kan himame poolisii waliinis walitti bu'aniiru jedhamuun namootni 1000 ol mana hidhaa seenanii akka ture ni yaadatama. Ambaasadar Shifarraa Takilemaariyaam lammiileen biyyoota alaa irraa dhufan carraa hojii keenyaa nurraa fudhataniiru jechuun dargaggoonni wal gurmeessanii akka ka'an dubbatanii qaamni nageenyaa garuu isaan dhaabsisuuf tarkaanfii gahaa fudhateera amantaa jedhu garuu hin qabnu jedhan. Kaleessa irraa eegaluun bal'inaan konkolaattota fe'umsaa gurguddoo akka hin sochoone goonerras jedhan.
Dargaggoonno wal gurmeessuun dhaabbilee daldalaa fi suuqii lammilee alaa irratti duulaniiru jedhan. Saamichii fi qabeenya mancaasuun uumae kun magaalaa Piritooriyaa fi Johaanisbargi keessatti akka tahes himanii lammiilee keenyaaf gama xiinsamuun akka hin miidhamneef hojjechaa jirra jedhan. Qabeenyi isaanii kanneen jalaa fudhatames akka jiran himanii kanaanis rakkoon isaan mudatu jira jedhan. Qaamoleen nageenyaa biyyichaas waan danda'an gochaa jiraatanis gama hawwaasa keenyaa fi lammiilee biyyota biroodhaan garuu nageenya isaanii eegsisuufi qabeenya isaanii tiksuu irratti tarkaanfiin gahaa tahe hin fudhatamne kan jedhu komiin jira jedhan amaabsadarichi. Waan gaariin jiru garuu mootummaan biyyattii haalicha balaleffachaa jiraachuu isaafi to'achuufis yaalii gochaa jiraachuu isaati jedhan. Dabalataan qaamni nageenyaa Dhaabbata Mootummota Gamtoomaniis naanolee rakkoon itti uumametti sochiin akka hin taasifamneefi eeggannoon akka tahu himaniiru. Ambaasadar Shifarraaw qabeenyi saamamuu qofa osoo hin taane miidhaan xiinsammuu lammiilee keenya irra gahu guddaadha jedhanii maal gochuu akka qaban irrattis hawwaasa keenya waliin mari'achaa jirra jedhan.
Waan hunda qabaatte
Yoo dhabde fayyaa
Gatii maal siif qaba
Mee yaa ilma ayyaa

Sitti fakkaate malee
Qarshiin fayyaa hin bituu
Hunduu toora qaba
Dhiisi wal hin gituu

Waaqni cittoo uumee
Nama hin dhoowwatu qeensa
Boru bittinee badaam
Qabeenyi fixeensaa

Bara maaliin baana jedhan
Waaqni dhadhaa afaan nama kaaya
Qoosatti hin ilaalin garuu
Yaa namana fayyaan faaya

Dubbiin akkas miti
Ati akkasitti beektaa
Konkolaataa dhibba qabaattus
Bakka siree miilan deemta

Har'aaf sitti fakkaata malee
Ni argata inni dhabe
Atis qullaa dhalattee
Dura eenyutu walitti siif qabe

Wallaalaa hin ta'inii
Dhaabadhuu yaadi al takka
Qabeenyatti hin amaninii
Namaaf kenni bakka

Akka fixeensaa bada
Inni har'a warqii fakkaatu
Kan hafetu hafa malee
Gaalli uraa limmoo keessa hin baat
Kabjamtoota hordoftoota page kana hundaf baga geessan ayyana Gaarii
Jedhi Nagaatti
Argaa Kee Hin Fedhuu
Naga'a Kana Booda
Sin Gabbaru Sin Kadhuu

Maaltu Natti Hafa
Deemi Deemi Narraa
Sin Fedhu Yoomillee
Taane Waliif Farraa

Waan Baa'een Siif Yaadee
Waa Guddaafan Si Eegee
gammachuufi Gadda
Waan baayyen Siin Argee

Badii Dura Kootii
Hin Deebi'in Nattii
Bara 2011
Jedhikaa Nagaattii

Nagaadhan Naaf Koottu
Jaalleekoo Bareedduu
2012
Si Hawwine Hunduu

Kan Nagaa Nuuf Ta'ii
Bara Kan Araaraa
Gammachuufi Nagaa
Hin Fageessin Nurraa
Kabajamtoota hordoftoota page kana tatan kuta 10ffa keessan baruuf registration numbet keessan qofa as nuu erga qabxi keessan siin baarsiisfna
Eejansii Madaallii Barnootaa fi Qormaata Biyyoolessaa qabxii qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa ifoomse. Eejansichi bara 2011 barattoonni miiliyoonni 1.2 ol qormaata kutaa 10ffaa fudhachuu ibseera. Barattoota qormaataman keessaa 682,572 dardarran, 572,997 ammoo shamarrani. Kanneen keessaa 894,318 idileedhan, 354,782 dhuunfadhaan, 6,469 galgala barnoota isaanii kan hordofanidha. Qormaatamtoota keessaa %75.5 qabxii 2 fi sanaa ol kan fidan yammuu ta'u, kuma 10 ol kan ta'an ammoo 4 fidaniiru. Daayreektarri olaanaa eejansichaa obbo Araayaa G/igzi'aabheer akka jedhanitti, lakkoofsi barattoota qabxii 2 fi sanaa ol galmeessisanii kan bara darbee ni caala. Bara darbe 2 fi lamaa ol kan galmeessisan %71 ture. Barattoonnis qabxii qormaata isaanii karaa marsariitii Eejansii Madaallii Barnootaa fi Qormaata Biyyoolessaa http://app.neaea.gov.et yookin www.neaea.gov.et akkasumas lakkoofsa ergaa gabaabaa 8181 irratti ID- jechuun lakkoofsa ittiin qormaatama/admiishinii barreessuun ilaallachuu danda'u jedhaniiru
Jarana jirtu akkam mee Ayyaana irraa haftani!!!!
Ashamaa akkam jirtu
Ayyaana irraa haftani
Jaarsaf jaartii hin jedhu
Xiqqaaf guddaan keessanii
Bacaqii gannaa baatani
Baga birraa geessaniii!

Birraa foolii urgooftuu
Birraa daraaraa keelloo
Bara jaarsuu maraatee
jaartiif bitu beelloo!

Barri kuni nuuf haa tahu
Bara itti argannu lakkuu lakkuu
Bara jaalalaf tokkummaan keenya
Lalisee ol nuu margu!

Barri kun diilallaa'ee
Kan hin taane Akka cabbii
Bara jaalallii itti latu
Nuuf yaa taasisu rabbii!

Bilisummaa inni dhugaa
kan itti nuuf argamu
Bara warri nu nyaatu
Nurraa bahuuf harganu!

Nuf haa godhu waaqni
Bara kabajaa qabu
Bara diinni keenyallee
Nurraa kufee caccabu!

Ammas nuuf yaa ta'u
Bara jaalalli margu
Lammiin oromoo martuu
Kan yaannisaa Wal argu
Bara Akkasii ta'uu
Ijji keenya yaa argu!

Birraa jaalalaaf quufaa
Kan gammachuuf qabeenyaa
Kan dhibeef yaaddoon qabne
Yaa ta'u hunda keenyaa!

Qeerroof qarreen Wal qabaa
Shaashaa jedhaa ofirraa
Hundumtuu Wal jaalalaan
Simadhaa Booqaa birraa!
Awwaala koo hin hafiin gaafa yeroon geesse
=================================
Innu #tokkicha innuu moo moorticha
maalif goote garuu carraan kan koo boo'icha

Namni Lama qabu Tokkotti aara baha
inni akka ana kuno Yoom garaa of gaha

An sii malee hin qabu
danuudha ormii gareedha
An sii jibbuu ilma koo
garaan dhale #sareedha

Ni buutan sii eega konkoolaataan dhufe darbu
maalan godha jetta? Kan dhalan hin gaabbuu

Ayyaana haftu ille dhoksite wantan balleesse
Awwaala koo hin hafin Gaafa yeroon geesse

Naan abaarte qalbitti Adaara harmee koo
Aarii haar'a darbuuf Naa gatiin cubbutti
๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚
Tulluu Abdi kooti irraatti
Qarree teessani raagdu
#Gitintiru fi #kufuu koo
Boo'icha koo maaf eegdu
Dheedhii fi gogaa nyaadhee
utuun #siqiqiin of bulchuu
Hin dhaga'uu kan nama
Anan hooma na hin galchu
#แˆ˜แŠ•แŒ‹ แˆ›แˆˆแ‰ตแฆ...............
แŠฅแˆตแŠจ แŠฅแ‹แ‰€แ‰ด แ‹ตแˆจแˆต #แˆ˜แŠ•แŒ‹ แ‹จแŠฆแˆฎแˆž แˆ…แ‹แ‰ฅแˆ แˆ†แŠ– แ‰ตแŒแˆ‰แŠ•แˆ แŠ แ‹ญแ‹ˆแŠญแˆแˆแฃ แˆ˜แŠ•แŒ‹ แ‹จแŠฆแˆฎแˆž แ‰ฅแˆญแ‰…แ‹ฌ แ‰ฐแŒ‹แ‹ญ #แŒ€แ‹‹แˆญ แˆ˜แˆ€แˆ˜แ‹ตแŠ• แŠ แ‹ญแ‹ˆแŠญแˆแˆแฃ แˆ˜แŠ•แŒ‹ แ‰„แˆฎแŠ“ แ‰€แˆฌแŠ• แŠ แ‹ญแ‹ˆแŠญแˆแˆแข แŠฅแˆ„แŠ•แŠ• แ‰ตแˆแ‰… แˆ…แ‹แ‰ฅ #แˆ˜แŠ•แŒ‹ แ‰ฅแˆแŠ• แŠฅแˆซแˆณแ‰ฝแŠ•แŠ• แŠ แˆณแŠ•แˆฐแŠ• แˆˆแ‹›แ‰ฝ #แŒ‹แˆ‹แˆžแ‰ณ แˆแŒ… แˆ›แ‹ตแˆ˜แ‰‚แ‹ซ แˆ†แАแŠ• แŠฅแˆซแˆณแ‰ฝแŠ• แˆ›แ‹แˆจแ‹ต แŠจแˆแˆ†แА แ‰ แˆตแ‰ฐแ‰€แˆญ แŠฅแŠ›แŠ• แŠ แ‹ญแ‹ˆแŠญแˆˆแŠ•แˆ แข แŠจแŠ แˆแŠ• แ‰ แŠ‹แˆ‹ #แˆ˜แŠ•แŒ‹ แ‹จแˆšแˆแ‹ แ‰ƒแˆ แˆˆแŠฆแˆฎแˆž แˆ…แ‹แ‰ฅ แ‹จแˆแŒ แ‰€แˆ แˆฐแ‹ แŠฅแŠ•แŒ‚ แˆแŒ…แ‰ท แŠ แ‹ญแ‹ฐแˆˆแˆ แˆ˜แŒ แ‹จแ‰… แ‹ซแˆˆแ‰ แ‰ตแข แŠฅแŠ› แ‰ตแˆแ‰… แˆ…แ‹แ‰ฅ แŠฅแŠ•แŒ‚ แ‹จแŒ…แ‰ฅ แˆ˜แŠ•แŒ‹ แ‹ˆแ‹ญแˆ แ‹จแ‹แŠ•แŒ€แˆฎ แˆ˜แŠ•แŒ‹ แŠ แ‹ญแ‹ฐแˆˆแŠ•แˆ แ‰ฅแ‹ฌ แˆตแˆˆแˆ›แˆตแ‰ฅ แАแ‹แข แŠฅแŠ“แˆต แˆ˜แŠ•แŒ‹ แˆ›แАแ‹ แŠซแˆ‹แ‰นแŠ แ‹ฐแŒแˆž แŠฅแˆ„แ‹แˆ‹แ‰น แŠ แŠ•แ‰ฅแ‰กแ‰ตแฆ

๐Ÿ‘‰ แˆ˜แŠ•แŒ‹ แˆ›แˆˆแ‰ต แ‹จแŠฆแˆฎแˆž แˆ…แ‹แ‰ฅ แˆฒแŒˆแ‹ตแˆแฃ แŠฅแŒ…แŠ“ แŒกแ‰ต แˆฒแ‰†แˆญแŒฅแฃ แˆฒแ‹ซแˆแŠ“แ‰…แˆแฃ แˆฒแ‹ซแˆธแˆ›แ‰‚แ‰…แฃ แ‹ˆแŒฃแ‰ฑแŠ• แˆฒแ‹ซแˆตแˆญแฃ แˆฒแ‹ซแˆธแ‰ฅแˆญแŠ“ แŠฅแŒแˆฉแŠ• แˆฒแ‰†แˆญแŒฅแฃ แˆฒแ‹ซแˆณแ‹ตแ‹ต แ‹จแŠ–แˆจแ‹แฃ แˆšแ‹ซแ‹šแ‹ซ 17, 2010 แ‹“.แˆ แ‹ถแˆญ แŠ แ‰ฅแ‹ญ แˆˆแˆแˆญแŒซ แˆ›แˆˆแ‰ แ‹ซแŠ“แ‹ฐแ‹ณแ‰ธแ‹แฃ
#แˆˆแˆ› แˆ˜แŒˆแˆญแˆณ แˆแŒแ‹ฐแˆ แˆˆแŒ แ‰ฃแ‰‚แ‹Žแ‰ฝ 2แˆšแˆŠแ‹จแŠ• แˆฒแŠจแแˆ แ‹จแ‰†แ‹จแฃ แ‹ถแˆญ แŠ แ‰ฅแ‹ญ แˆแŒแ‹ฐแˆ แˆฐแŠ” 16 แ‰ฆแˆแ‰ฅ แ‹ซแˆแŠ•แ‹ณแฃ แ‰ แ‰กแˆซแ‹ฉ แ‰ แŒ€แ‰ต แ‰ แˆ˜แ‰ แŒ€แ‰ต แˆ…แ‹แ‰กแŠ• แŒจแแŒญแˆแ‹ แŠฆแАแŒ แŠจแˆ˜แŒแ‰ฃแ‰ฑ แŒ‹แˆญ แŠ แ‹ซแ‹ญแ‹ž แ‹จแŠฆแˆฎแˆž แ‹ˆแŒฃแ‰ต แАแ‹ แ‹ซแˆˆแ‹แฃ แŠขแŠ•แŒ‚แАแˆญ #แˆตแˆ˜แŠ˜แ‹ แ‰ แ‰€แˆˆแŠ• แ‹จแŒˆแ‹ฐแˆˆแ‹แฃ แ‰คแ‰ฐแˆ˜แŠ•แŒแˆตแ‰ต แ‹ตแˆจแˆต แˆ„แ‹ฐแ‹ แˆ˜แˆแŠ•แ‰…แˆˆ แˆ˜แŠ•แŒแˆฐแ‰ต แ‹จแˆžแŠจแˆจแ‹ แ‹ˆแ‰ณแ‹ฐแˆญแฃ แ‰ แŠ แˆ›แˆซ แŠญแˆแˆ แˆญแ‹•แˆฐ แˆ›แˆตแ‰ฐแ‹ณแ‹ฐแˆญ #แ‹ถแˆญ #แŠ แˆแ‰ฃแ‰ธแ‹แŠ•แŠ“ แŠ แˆ˜แˆซแˆฉแŠ• แ‹จแŒˆแ‹ฐแˆ‰แฃ แˆ…แ‹แ‰กแŠ• แˆฒแˆตแˆญแ‰… แ‹จแŠ–แˆจแ‹แฃ แ‹จแ–แˆˆแ‰ฒแŠซ แˆฝแˆญแˆ™แŒฅแŠ“ แˆฑแˆต แ‹จแˆ†แАแ‰ฃแ‰ธแ‹ แŠ แˆ˜แˆซแˆฎแ‰ฝแฃ แ“แˆญแ‰ฒแ‹ฎแ‰ฝ แŠฅแŠ“ แ‹จแŠฆแˆฎแˆž แŠ แˆตแ‰ฐแ‹ณแ‹ฐแˆญ แˆ€แŒˆแˆซแ‹Š แŠ แŠ•แ‹ตแАแ‰ตแฃ แŒ แŠ•แŠซแˆซ แ‹ฒแ•แˆŽแˆ›แˆฒ แˆ˜แˆแŒ แˆฉแŠ• แ‹ซแŠ“แ‹ณแ‹ณแ‰ธแ‹แŠ“ แ‹จแŠฆแˆฎแˆž แ‹จแˆ†แА แˆแˆ‰ แŠฅแŠ•แ‹ฐ แˆฌแ‰ต แ‹จแˆšแˆ˜แˆซแ‰ธแ‹ แ‰ แŠ แŒญแˆฉ แ€แˆจ แŠฆแˆฎแˆž แŠฅแŠ•แŒ‚ แˆ˜แŠ•แŒ‹ แ‰ แˆแŠ•แˆ แŠ แ‹ญแАแ‰ต แ‰‹แŠ•แ‰‹ แŠฆแˆฎแˆžแŠ•แˆ แˆ†แŠ– แˆŒแˆ‹ แˆ…แ‹แ‰ฅ แŠ แ‹ญแ‹ˆแŠญแˆแˆแข

แŠฅแˆตแŠญ แˆˆแˆ›แ‹ญแˆจแ‰ฃ แАแŒˆแˆญ แˆšแ‹ตแ‹ซ แˆฝแ‹แŠ• แŠ แ‰ตแˆแŠ‘แข แˆตแˆˆแ‹šแˆ… แ‹ถแˆญ #แŠ แ‰ฅแ‹ญ แŠจแˆตแˆแŒฃแŠ• แ‹ญแ‹ˆแˆจแ‹ต แ‹จแˆšแ‰ตแˆˆแ‹ #แ‹ถแˆญ แˆ˜แˆณแ‹ญ แ‹ซแˆแ‰ฐแˆ›แˆญแŠญ แˆฐแ‹แ‹ฌ แˆฐแ‹Žแ‰ฝแŠ• แˆแŠ• แŠ แˆˆแ‰ แ‰ต แ‹ˆแ‹ฐ แŒˆแ‹ฐแˆ แ‰ฃแ‰ตแАแ‹ณแ‰ธแ‹!!! แˆตแˆˆแ‹šแˆ… แАแ‹ แŠ แŠ•แ‰ฐ #แ‹จแ‹ถแŠญแ‰ฐแˆญ Title แ‹ญแ‹˜ แˆฐแ‹แŠ• แŠจแˆแ‰ณแ‹ˆแ‹˜แŒˆแ‰ แ‹ แˆฐแ‹แ‹ฌ แŠฅแŠ” แАแŠ แ‹ถแŠจแ‰ฐแˆญ แ‹ซแˆแŠฉแ‰ตแข
#แŠจQeerroo baha Afrikaa!!!
#Kuta 1ffaa
#Salaaleen #wal baraa!!!!
=================
Hallayyaa Laga Abbayyaa gadi yoo ilaalan uumaan wanta bilisaan bashananaa jedhe dhala namatif gumaache fakkata! #Qarree #gohaa gubbaa dhaabbatani qilleensa qulqulluu fudhacha haara galfachun namoota naannaawaa sana jiru wanta haarawa miti. uuma dinqisifachaa yoo qaree kana irraa dhabbanne #Mormoorin gadi ilaaluu qilleensii #baddaa #jaarsoo irraa danbali'u wanta laga Abbayyaatti yaa'u fakkata. jalli qarree kanas gamoowwan gurguddaa fakkatee tarree galee mula'ata.Yeroon kuni ganni aangoo isaa biirraadhaf dabarse laate bacaqiin ganna baane kuno fulbaana booqaa birraa geenye jirra. hallayyan laga #mormooris(Abbayyaas) daraaraa keelloon haguugame magaaloota Awuroppaa #maadriid fi #manchister fakkata. Iddoon kunis jiraatoota naannoo sana qofa osoo hin tane tuuristoota biyyaa biraatu harkisuuf iddoo humna guddaa qabudha!
Lagni Abbayyaa handhura oromiyaa finfinnee irraa Km 200 fagaate dangaa naannoo oromiyaa fi naannoo amaaraati magaaloota Filiqliq, #Qarree Goha