Shambu College of Teacher Education
11.3K subscribers
153 photos
1 video
450 files
5 links
We teach the generation!
Download Telegram
Qabxii Dorgommii Dippiloomaa fi Sartifikeetii Bara 2015 hanga 2017 akkasumas guyyaa galmee.
‎Dorgomtoota leenjii ogummaa barsiisummaa Magaalaa Shaambuutti galmaa'uu barbaaddaniif:
‎Bakki galmee kanneen sagantaa dippiloomaa sad. 1ffaatiif dorgomtanii Mooraa Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Shaambuu keessaafi kanneen BSTD(B/Boruu) Waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Shaambuutti tahuu isin beeksisna.
‎ Kanneen barbaaddaniif wiirtuun dorgommii Aanaa A/Coomman Magaalaa Fincaa'aa kan jiru tahuu isin hubachiisna. Carraa Gaarii!
DIPPILOOMAA SAD. 1FFAATIIIF MUUMMEEWWAN IRRATTI DORGOMAMU:
πŸ“˜ AFAAN OROMOO
πŸ“— AFAAN INGILIZII
πŸ“™ AFAAN AMAARAA
πŸ“• HERREGA
πŸ“’ SAAYINSII NAAΓ‘NOO
πŸ“š OGARTII
πŸ“– FJQ
πŸ•Š SAFUU
🌳 GADAA
Dorgomtoota ogummaa barsiisummaa wiirtuulee KBB Shaambuu irratti galmooftan hundaaf:
Calalliin dorgomtoota qormaata seensaatti darbuu qabanii guyyaa boruu (27/02/2018) ganama 3:30 booda waan maxxanfamuuf bakka itti galmooftanitti ilaallachuu dandeessu. Carraa Gaarii!
KBB Shaambuu Irraa!
Tarreeffamni maqaa Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Shaambuutti maxxanfamee waan jiruuf ilaallachuu dandeessu.
Guyyaa 27/02/2018
‎BEEKSISA
‎Dorgomtoota Bu'uura Boruu Sartifikeetii(12+1) Qorumsa Seensaaf Darbitaniif:
‎Qorumsi seensaa guyyaa boruu(28/02/2018) ganama saa'atii 2:00 irratti waan kennamuuf waraqaa eenyummaa keessan agarsiisu qabachuun kutaa Galma OBN'tti akka argamtan cimsinee isin beeksisna.
‎Bakka: Waajjira Barnootaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa fuuldura.
‎Hub.! Duraan BLTO'tti qoramtu jedhamee kan ture gara kutaa Galma OBN'tti jijjiiramuusaa isin hubachiisna.
Guyyaa 29/02/2018
BEEKSISA
Dorgomtoota Ogummaa Barsiisummaa Wiirtuulee Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Shaambuufi Waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Shaambuu Hundaaf:
Gaaffiin qomaa(interview) guyyaa boruu(30/02/2018) waaree booda saa'atii 8:00 irratti waan gaggeeffamuuf waraqaa eenyummaa keessan agarsiisu qabachuun Mooraa Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Shaambuu keessatti akka argamtan isin beeksisaa, calalliin har'a 10:30'tti waan maxxanfamuuf bakka galmooftanitti ilaallachuu kan dandeessan tahuu isin hubachiifna.
Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Shaambuu Irraa
Forwarded from Melkamu Gudeta
Sirreeffama!

Kolleejjota Oromiyaa keessaa Qabxiin Af-Gaaffii (interview ), kolleejjii tokkoo dogoggoraan osoo hin ida'amiin waan hafeef jijjiirama jiru obsaan eegaa!
11/03/2018 Ramaddii Kaadhimamtoota Bara 2018
Beeksisa Waamichaa Kaadhimamtoota Waggaa1ffaa KBB Shaambuu
Dorgomtoonni ramaddii haaraan isiniif taasifameef hundaaf:
Ragaa barnootaa, Unka Wabiifi Medikaalaa qabachuun hanga 03/04/2018'tti akka galmooftan cimsinee isin beeksisna.
Forwarded from Workineh Nedessa
Ramaddii Dabalataa.xlsx
24 KB
Ramaddii dabalataa k/barsiisotaa waan isinii ergineef dorgomtoota carraa argatan kana beeksisa baasaatii gala leenjiitti akka galan taasisaa.
Eeggattoota Leenjii BB Marsaa Lammaffaa 2018.xlsx
89.1 KB
Leenjii B/Boruu Marsaa 2ffaatiif Eeggattoota Filataman
Hubachiisa: Kanneen Ramaddii Leenjii Gabaabaa Bu'uura Boruu Marsaa 2ffaa argattan hundi hanga gaafa guyyaa 12/06/2018 saa'atii 4:00tti bakka Ramadamtanitti argamuun leenjii akka eegaltan cimsinee isin beeksisna. Yeroo Leenjii Gaarii Isiniif Haatahu! KBB Shaambuu Irraa!