Dawaa Qalbii
6.66K subscribers
1.23K photos
20 videos
10 files
1.93K links
Kayyoon:-Barnoota Diinii hanga beeknu waliif qoodudha akkasumas kan idilee akka itti jabaannu walgorsuudha
Gorsa bifa gabaaban dhihessuu
Tarii Ergaan asiin dabarsinu nama fayyaddi.
Join godhi hiriyyoota keetis affeeri.
@Sammaan
Yaadaf ↓↓↓↓↓↓

@Rabbiiftai
Download Telegram
Forwarded from Ummatii Production (Kali D)
Yaadachistu
Abi Hureyra (R.A) Rasulli Rabbi ﷺ Wayta Akkana Jedhan Dhagahe Namonni Salaata Jum'aa Dhiisan Of Haa Eegan Yoo Kan Of Hin Eegne Ta'e Rabbiin Qalbii Isaani Ni Cufa Erga Qalbiin Isaanii Cufamteen Boodaa Namoota Uf Dagatan Irra Ta'an Jedhan.


Rabbiin Waan Kana Hundaa Irraa Nu Ha Tiiysuu.

Sharee Waliif Gochuun Wal Yaadachiisa

Gama Liinkii Armaan Gadiitin Nu Hordofaa.


Telegram:  https://t.me/ummatiitube

Facebook:  https://shorturl.at/lFU16

Youtube: https://shorturl.at/ftyKS

Tiktok: https://Tiktok.com/@ummatitube

Instagram: https://shorturl.at/eqyQ2


UMMATII TUBE
Eegaree Ummataa!
Forwarded from Hawwii Islamic tube (F Sh)
))Yuuniversiti Al-Qaraawiyyiin.((
Yuuniversiti Hangafa fi Jalqaba Aduunyaa tana.
Yuuniversiitiin al qarawiyyin yuniversiitoota adunyaa khana irraa jiran kheeysa isa jalqaba hundeeyfamedha. Bara 859 ALA tti(ji'a ramadaana bara 245 akka lakkoofa hijraati) shamaree Faaxuma al Fihiriyi jedhamtuun biyya Morookoo magaala Fiizitti hundeeyfame.

Jaarmaynii  yuniversiiticha jalqaba masgiida ture. Tahuus booda jaarmaya manneen isaa dabaluun gara mana barnoota (madarasaa)tti ol guddisun barnoota amantaa barsiisuu jalqabe.
Itti aansudhanis gosoota barnoota adda adda khaneen akka Fayyaa(medicine), seerluuga afaani, loojikii, herregaa, astroonomi fi kkf barsiisuun gara yuniversiititti ol guddate.

Haala khanniinsa barnoota isaatin yuniversiitichi hawwatamummaa gudda haawasa islaama khutaale adunyaa iddoo garagara jiraatan biratti argate. Sababa khanan baratooni baay'een biyyoota Africa, Eeshiyaa, Awroopaa faa irra barnoota barbaacha gara isaa dhufuu itti fufan.

Baratooni iddoowwan adda adda irra gara yuniiversiiticha dhufaan heddumachu irra khan kha'een ulaaga ittin yuniiversiiticha galan bahuun baratoota yuniiversiiticha galan nama qur'aana qomatti hafazee, afaan arabaa dubbachu dandahu fi dandeeyti beekumsaa waligalan madaalamee dabrutti dangeeyfame.

Yuniiversiiticha irra namooni babeekamoon muslimaa fi muslimaa hin tahin heddun barataani eeybifamaa turan kheeysa ibnu Khaldun, ibnu Rushdi, ibnu Arabi, qeensicha gudda warra lixaa khan lakkofsa 1,2,3... warra awroopa barsiisee Gerbert of Aurillac (Pope Sylvester II),Dutchman Golius faan isaan hangafa.

Yuniiversiiticha faakaltii gargara 425 jalatti sirna halaqaa(baratooni bifa geengootin barsiisatti marsanii ta'un barachu)tiin barsiisaa ture. Akkasumaas hanga yeroo ammatti akkaata baruu barsiisuu isaa khan ganama halaqaa saniin barsiisaa jira.

Yuniiversiitichi UNESCO dhan yuniiversiiti iddoowwan seena qabeeyii adunyaa tanaati fi Guinness World Records dhan yuniversiiti jalqaba hundaa'e jedhamuun galmee seenaa adunyaa tana irrati barraahe jira.

Seenalee islaam tan  adda adda argachuuf gara 👇


👇👇 join my channel👇👇
@Hawwiiislamictube
@Hawwiiislamictube
Forwarded from Fursaan Media
Hubannoo Hiikkaan Aayaa Qur’aanaa kanaa nama amma Teeknoolojii fayyadamatu hubata jedheen abdadha.

﴿يُنَبَّأُ الْإِنسَانُ يَوْمَئِذٍ بِمَا قَدَّمَ وَأَخَّرَ (١٣) ﴾ [القِيَامَة :
Guyyaa Qiyaamaa Ilmi namaa Gaariifi Badaa Dabarseefi Hambisetu itti himama.

Aqliin nama amma Teeknooloojii fayyadamuu dubbiin kun isaaf hubannoo keessatti ni salphata .

Fknf :Fbn kee waggaa lama dura yaadannoo barruu, suuraa garaagaraa siif fiduun Gaarii fi Badaa, wantoota ati dagatteefi yaadattu hundaa sii odeessa.

Allaahaan immoo kanaa olitti siif odeessuuf jira...

Kanaaf waan nurratti dubbifamuufi nu eeggatu ha tolchannu.

©
Forwarded from 𝗧𝗔𝗙𝗔𝗞𝗞𝗨𝗥 /تفكر (Telegram)
#Salaata_Fajrii....

Yaa midhaaginna salaata Fajrii.... ❤️

🍃 Waajibni isaa: Tika Rabbii keessa si oolcha...
🍃 Sunnaan isaa: Duniyaa fi waan duniyaa tana keessa jiraa hundaa caala...!
🍃 Qur'aanni isaa: Malaa'ikatu irratti hirmaatee dhageeffata....!

👉 Akkuma Subhii salaatteen... hiriyyaa keef share godhi... 👇

@tafak_or
https://t.me/tafak_or
Forwarded from QUBE JENRATION(DQ) (M S)
*Qabriin marraa 5 lallaba akkana jedha:*
    ╬═╬    ╬═╬    ╬═╬
Ani mana kophaati qur'aana taasifadhu saahiba kee .
╬═╬    ╬═╬    ╬═╬
Ani mana dukkanaati salaata halkaniitiin na ibsi
╬═╬    ╬═╬    ╬═╬
Ani mana biyyeeti taasifadhu firaasha kee dalagaa gaarii
╬═╬    ╬═╬    ╬═╬
Ani mana boofaati ballaqqisa baahadhu inni sunuu maqaa rabbiitii
╬═╬    ╬═╬    ╬═╬
Ani mana munkirii nakiri heddummeessi jecha shahaadaa lamaanii
╬═╬    ╬═╬    ╬═╬
Share godhi sababaa seensa kiyyaaf keetii tahu malaa jannata insha Allah

Osoo share hin godhin dura
* bismillahi arrahmaani arrahiim jedhi*
(Risaalaa akkanaa tana akka namarra naannoftu taasisii ajrii isii fudhadhu , waan duniyaan dhabamtuu taate)

Du'aa'ii tana nama meeqatu share godha ?
*( yaa rabbi haadha tiyya dubartoota jannataa irraa taasisi )*
*( Abbaa kiyyas ollaa nabiyyii keenaa muhammad  ﷺ jannatatti )*

Namni dubbisee geesse hundinuu share godhi grouppii sibira jiru hunda keessatti sifayyaduu hin ooltuu aakiraa tee keessatti.
  
Waa shanan tana itti fayyadami
........................................................
☞1- Kana bektaa
Hoggaa azaanamu arraba keessan hin sochoosinaa du'aa'iin malee hanga azaanni xumuramutti , share godhi namni biraa hin beekuu.↓

☞2-Kana hoo bektaa
Eessa kaayamti diliin tee hoggaa ati salaattu ?*
Ergamaan rabbi 🍃S A W🍃 akkana jedhan gabrichi yoo salaatuuf qophaahu dilii isaa hundaa baahatee dhufa mataa isaatii fi gurmuu isaatirra kaahamti yeroo inni ruku'a bu'e yookaa sujuude isarraa buuti )*

☞Yaa nama rukuu'aa fi sujuuda ariifachiiftu sujuuda keetii fi ruku'a keetis dheeressi haga dandeessu akka sirraa buutu diliin ifin dabarsin ajrii kana "

Namni ilmii diinii takka beekee isii nama hin barsiisin guyyaa qiyaamaa ni gaafatama "*

*Kana hoo bektaa
Intalti gaariin takka duutee wayta qabrii isii bira dabran hundaa foolii akkaan urgooftu suufan jaarsi isii akkana jedhe isiin yeroo hundaa suuraa almulki qara'uu hin dhiiftu osoo hin rafin dura atis isii qara'i isiin azaaba qabrii irraa najaa nama baaftii nama jaalattuuf himi ani waan sijaaladhuuf sii himee .*

☞Kana hoo bektaa
Yoo aayatal kirsiyyii qaraate salaata hunda booda jidduu keetii fi jidduu jannataa du'a qofatu jira .* 👇

☞Kana hoo bektaa !
Hoggaa salaata xumurte hin ariifatin waa xiqqo turi sababaan waan malaa'ikaan siif kadhattuufi rabbii kee biratti. *

*_If biratti qabdee hin taa'iniin ilmii keyrii mindaa ittiin argattu
☞ilmii kheyrii mindaa irratti argattu ifbiratti qabdee hin taa'iniin
>><<>><<
Sakandii 20 keessatti qormaata qabda
↪️Sheyxaana kee qormaati
Sheyxaana injifatuu beekuu barbaaddaa ??
Ergaa tana ergi nama hundaaf eega dubbistee ni agarra mee yoo Sheyxaanni dhaabuu dandahe Subhaanallaahi wal hamdu lillaahi walaa ilaaha illallaah wallaahu akber walaa howla walaa quwwata ilaa billaahii

Allaahummaa salli wabaarik alaa sayyidinaa wanabiyyinaa muhammad aleyhissalaatu wasallam
Subhaanallahi wabi hamdih adada kalqihii waridaa nafsihii wazinata arshihii wamidaada kalimaatih
Astaghfurulahil aziim
Laa ilaaha illallaah muhammad rasuulullaah
Share godhi amma hin turin haga guyyaan qiyaamaa dhuftutti hasanaata fakkeenya gaaraatu siif jiraa
Waan ati sababaa taateefi zikrii rabbii nama yaadachiisuu Keessatti ...

Alhamdulillah ani ufirraa ergee jira gara kiyyaan
👉Yoo rabbii kee jaalatte 💔message hin cufin yoo ergite malee nama kidmaatti dabalame3hundaa/
Laa ilaaha illallaah muhammad rasuulullaah /
Laa ilaaha illallaah muhammad rasuulullaah /
Laa ilaaha illallaah muhammad rasuulullaah /
Na dhugoomsi guyyaa ati erguu hawwitutu dhufaa😭
🌷Astaghfurullaahil aziim
... ... ... ... ... ... ... ... .... ... ... ... .
Rizqiiwwan yeroo hedduu nuti ufirratti dagannu keessaa ...;

👌 Keessi keenna tasgabbii qabaachuu,
👌 qaamni keenya fayyaa tahuu,
👌 Du'aa'ii Ummaa teenyaa,
👌 Nama jaalattuun Wal arguu Kee,
👌 Obboleessi kee lubbuun jiraachuun,
👌 séequu fi tapha ilmaan keetii,
👌hiriyyaa gaarii qabaachuun Kee,
👌 gaarummaa kankee,
👌 Salaata yeroodhaaf salaatuun kée,
👌 ijaan arguu fi arrabaan dubbachuu danda'uun kee,
👌 hirriba gaarii fi fayyaan gaariin qananii guddoo nama hedduu irraa Rabbiin fuudhe siif kenne....

👉 kanaafuu Yeroo hundaa Alhamdulillaah jedhi... ta haftes Rabbiin siif dabalaa ...
فالحمد لله دائما وابدا....

Share👇
https://t.me/tafak_or
https://t.me/Sammaan
ALEXANDER n   Namni hin beekne waan jiru hin sehu  .

ALEXANDER yerooo jiruun Isaa xumuura irra geettee du'aaf ka'utti  jeneraalota isaa waamee , hawwii  dhaammannaa isa xumuuraa waa sadi (3) itti himate .

Sadan :-
1⃣. Doktoroonni dandeettii gahaa  qaban qofti  Sanduuqa reeffa kiyyaa haa baatan .
2⃣ Qabeenya koo hundaa karaa iddoo awwaalchaa fidu irratti haa bittinnaayu/gad haa naqamu .

3⃣ Harka koo lamaan Saaxina reefaa keessaa baafamee  qilleensa keessa akka tahu /rarra'u  godhaa jedhee itti dubbate

Jeneraalonnis Rifatanii 😳 Bifa naasuutiin wantoota sadan kana maaliif akka dhaammate gaafatan

ALEXANDERis akkas jechuun deebiseef

1⃣. Sababni ani doctoroonni dandeettii gahaa qaban qofti sanduuqa reeffa kootii akka baatan barbaadeef
Gaafa duuti sitti dhufte doctorri cimaan fedhe du'arraa si deebisuu akka hin dandeenne hubachiisuufi

2⃣. Akkasuma sababni qabeenya koo guutuu karaa iddoo awwaalchaa geessu irratti haa bittinneessan  /firfirsan barbaadeef  qabeenyi ati addunyaa kana irratti argatte/ horatte hunduu  addunyamarratti akka si biraa hafu namni hunduu  haa beekuufi.

3⃣. Wanti ani harka koo qilleensa keessatti akka gad dhiisan ykn rarraasan barbaadeef ,  gaafa addunyaa tanatti dhufnu  harka qullaa dhufnee  gaafa  addunyaa tanarraa godaannus  yerooo wanti qaalii tahe ( yeroo/Time )  dhumatetti harkuma qullaa asirraa  deemnu namni hundi akka hubatuufi.  jedhee deebise .

Akka waan guddaa irraa barannu abdii qaba .
Gaafa yeroon geette kan nu baasu Hojii keenya gaarii qofa tahuu irraa baranna .

Waan dubbiftaniif galatoomaa

@Alrisala1
@Sammaan
Forwarded from GAGGEESSUMMAA (Getu Abera✟)
▣ Dhimmoota hedduu, milkaa'uu fi milkii dhabuu, fuulduratti tarkaanfachuu fi bakka yaadan hanqachuu kan murteessan keessaa inni tokko, fagoo hin deeminaa, amala yookiin bartee keenya. Milkaa'ina argachuun amalaa fi aadaa daandii milkii irra nama dhaabu qabaachuu irraa kan eegalu ta’uu isaati hayyoonni kan gorsan.

✧ Namni wal’aansoo jireenyaa moo’achuu, qabsoo dadhabsiisaa booda abbaa mirgaa ta’ee dirree irratti mul’achuu hin hawwine hin jiru. Hawwii yeroo hedduu hundi keenya hawwina. Hedduun keenya garuu hawwiidhuma qofaan daangeffamnee jiraanna; buddeenuma abjuu nyaanna.

✧ Namoonni milkaa'anis hedduutu jira. Milkaa'ina isaaniitiif sababni maal ta’inna laata? Sababa hedduu tarreessuun ni danda’ama. Kunniin sababoota ijoo amalaa fi aadaa jireenya namoota milkaa'aniin walitti hidhata qabaniidha. Milkaa'ina isaaniitiifis daandii kan saaqan amalootuma kanniin.

NAMOONNI JIREENYATTI MILKAA'AN:

➊. Yeroo hundaa waan haarawa yoo baran mul’atu. Muuxxannoo haaraa baruu fi yeroo hunda waa dubbisuun nama guddisa, dirree hiree fi milkaa'ina namaaf bal'isa.

➋. Hir’inaa fi cimina isaanii addaan baafatu yookiin bareechanii beeku.
Namoota jireenyatti milkaa'anii sadarkaa guddaa irra gahan kan isaan biroon adda taasisu qabxiin tokko yoo jiraate, namoonni kunniin ciminaa fi dadhabina isaanii qajeelchanii beekuu isaaniiti. Waakkachuu irra, namoonni kunniin, hir’ina qaban hubatu yoo itti himames gammachuudhaan simatu.

➌. Dhimmoota kamiif dursi akka laatamuu qabu hubatu. Jireenya bu'aa bahiin itti heddummate kana keessatti, wanti hojjatamuu qabu yookiin rakkoon furamuu qabu hedduu dha. Dhugaan jiru garuu, hangamuu cimaa taanu, rakkoo nama mudatu hundaaf yeroo tokkotti deebii kennuun tasa waan hin danda’amneedha. Isa hunda irra xiyyeeffannaan guddaan kan barbaachisuuf dursi laatamuu qaba.

❍ Namoonni ciccimoon jireenya isaanii keessatti milkaayina guddaa galmeessisan kan godhan kanuma. Hedduun keenya garuu, waan cufa al tokko raawwachuuf carraaqna; akkas gochuu keenyaan dhoqqee keessaa hin baaneen qabamna. Al tokko waan dursi laatamuuf tokko!

➍. Maallaqa isaaniitti sirnaan fayyadamu.
Waa’ee mallaqaan walqabatee dhugaan yeroo hunda ka’u tokko hanga argattu qofa osoo hin taane waan argattu akka itti qabattuudha kan si duroomsu. Hangamuu haa baay’atuu, maallaqa argattu faffacaasta, bubbeef kennita taanaan ati yoomuu rakkataa fi liqii kadhataadha.

➎. Yeroodhaan hirribaa ka’u
Amalli namoonni barnootaan, daldalaanis ta’ee waan biraatiin cimina yookiin milkii guddaa argisiisan ittiin beekaman tokko yoo jiraate simbira ganamaa ta’uu isaaniiti.

➏. Kaayyoo fi Galmi isaanii Ifa
Maaliidhaaf jiraatta? Essa ga'uudhaaf tiratta jettanii yoo gaafattan namoota kanniin irraa kan argattan deebii gabaabaa fi ifa ta’e tokko. Maaliidhaaf akka hojjatan, eessa ga'uudhaaf akka tarkaanfatan yoo gaafataman bifa wal hin dhoofneen deebii isaanii lafa kaa'u.

➐. Hawaasaa fi hiriyyoota wajjin hariiroo cimaa uummatu. Milkaa'inni, kallattii kamiinuu ta’uu danda’a, jireenya hawaasummaatiin hedduu walitti hidhata qaba. Kophaatti ba'anii jiraachuunis ta’ee milkiin kophaatti galmeessisan waan hin yaadamne ta’uu waan beekaniif hawaasummaa fi hariiroo gaariidhaaf iddoo guddaa laatu.

➑. Amala gaariidhaan ummata biratti mul’atu. Ummata biraa jibbaa fi tuffii horachuun gufuu imala gara milkiitti godhamu gatantarsan keessaa isa tokko.

❍ Hawwuu qofa miti jireenyi. Kanniin milkaa'an irraa barachuudhaan nutis waan hawwinu harkatti galfachuu ni dandeenya. Gufuuleen hawwii keenya bira akka hin geenyeef danqaa ta’an hedduutu jira. Gufuun guddaan garuu nuti ofii keenyaa amalaa fi aadaa milkiitti nu geessu dhabuu keenya. Ammumaa amalaa fi aadaa gara milkaa'inaatti nu geessu simachuudhaan hawwii milkaa'inaaf qabnu haa dhugoomsinu.

Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!
Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
#Ramadaanaa_Akkamitti_simanna ??

#كيف_نستقبل_شهر_رمضان؟؟


١-النية الخالصة.
1⃣ Niyyaa qulqulluun.
Ji'a ramadaanaa haalaa rabbii keenna irratti herreegataa taaneen niyyaa qulqulluun simatuu qabna

٢-الرجوع الى الله.
2⃣ Gama rabbii deebi'uu.
Dilii dalayne hundaa irraa gama rabbii seenooynee gaabbinee deebi'uun xurii ma'asiyaa hunda irraa qulqullaahuun.
Akkasuma ulaagaa Towbaa guutuun
1-Dilii hojjataa jirru dhiisuun
2-Waan dur dalaynee dabarsine irratti seenahuun
3-Itti hin deebi'uu jennee muratuun

٢-بالتعلم احكام رمضان.
3⃣ Seera ramadaanaa baratuun.
Namni muslimaa tokko rabbii isaa akkaataa itti gabbaru baratuu qaba
Akkasuma akkaataa ramadaana itti soomuu  waajibaata isaa, wanta sooma nama jalaa balleessu hundaa baratuun dirqama isaati.

٤-العفو للناس.
4⃣ Namaaf irra dabruun.
Ramadaana kana keessa nama itti mufanne, zannii itti banne hundaaf dhiifama goonee laphee teenna nama hundaa haala diriirsaa taaneen simatuu qabna.

٥-العزم والهمة العالية.
5⃣ Murannoofii kaayyoo jabaa.
Murannoo jabaan kaayyoo kaayyeeffannee akkataa ji'a kana keessa boojuu fii badhaasa guddaa rabirraa argannuun kan akka salaataa kan akka Qiraatii qur'aanaa kan akka I'itikaafaa, Sadaqaa, karoorfannee itti seenuu qabna.

٦-شكر نعمة بلوغ رمضان.
6️⃣ Qananii Ramadaana gahuu galatoomfatuu.
Ramadaana dabre soomtee carraa argatte ka baranaatiin wal gahuu keetiif rabbii kee galatoomfadhu, tola sitti oolee waggaa itti si naanneessuu isaatiif, meeqaa kami ka ji'a kabajamaa kana osoo hawwuu lubbuun dabarte atis waggaa dhufu hin deebitaaf hin deebituu kee waan him beeyneef keeyrii keessa dalagadhu obboleeyyan tee si bira godaananis araaramaan yaadadhu.


اللهم بلغنا رمضان...

Yaa rabbi ji'a Ramadaanaa nuun gahi.

By✍🏾Fares Muhammed
   

Share waliif gochuu hin irraanfatinaa

https://t.me/Sammaan
Forwarded from Gali Ababor Official
6/Arjoomuu fi qur'aana qara'uu:
Quraana qara'uu fi arjoomuun yeroo hundaa jaallatamaa dha. Garuu sooma keessa caalaatti jaalatama.
روى البخاري عن ابن عباس رضي الله عنهما قال: كان رسول الله صلى الله عليه وسلم أجود الناس، وكان أجود ما يكون في رمضان حين يلقاه جبريل، وكان يلقاه في كل ليلة من رمضان فيدارسه القرآن فلرسول الله صلى الله عليه وسلم أجود بالخير من الريح المرسلة
Abdallah bin Abbaas irraa akka odeffametti Rasuulli (SAW) nama hunda irra arjaa turani. Yeroo hundarra kan isaan arjaa ta'an ramadaana keessa yeroo jibriil isaan qunnamu. Halkan ramadaanaa cufa jibriil rasuula bira dhufee quraana wajjin qara'a. ogga sana Ergamaan Rabbii (SAW) qilleensa biyya tokko balleessuuf arifattu caalaa khayritti arifatu. Bukhaaritu gabaase.

7/ Kurnan dhumaa keessa ibaadaatti jabaachuu:
روى البخاري ومسلم عن عائشة رضي الله عنها أن النبي صلى الله عليه وسلم: " كان إذا دخل العشر الاواخر أحيى الليل، وأيقظ أهله، وشد المئزر ".
Aa’ishaa irraa akka odeefaametti Rasuulli(SAW) “yeroo kurnan dhumaa seene halkan ibaadaan fayyisu, maatii isaanii dammaqsu, marxoo isaanii jabeeffatu" Bukhaarii Fi Muslimtu gabaasan.

8/ Namootan faxarsiisuu: inni kun akkuma nama cufa birattuu beekamu namni nama soomu faxirsiise miindaan soomichaa isaafis Rabbiin biratti ni barreeffama.
SEERA 10 JIREENYA GAARIIDHAAF
••••••••••••••••••••••••••••••••••••

1. Yoomiyyuu nama hin jibbin,onnee tee qulqulleessi.

2. Hin yaaddawin,Rabbitti irkadhu.

3. Jireenya salphaa jiraadhu,jiruun siif salphata fedhii rabbiitiin.

4. Xiqqoo eeggadhu,waanuma argattetti gammadi, Alhamdulillaah jedhi.

5. Hedduu kennitu hedduu argatta,ni badhaafamta fedhii rabbiitiin.

6. Yeroo hundaa seeqadhu,seequun sadaqaadha, namoonni birootis yoo si wajjiin jiran ni gammaduutii.

7. Jaalalaan jiraadhu,namoota birootis rabbiif jecha jaaladhu.

8. Adaduma hedduu salaattuun,hedduu badhaafamta.

9. Beekkumsa kee namaaf qoodi,yoo kan aayata tokkollee qur`aana keessaa kan beektu taate.

10. Yeroo hundaa rabbii kee yaadadhu, waan hafe onneen kee ni barbaddiitii.

JECHA HAYYICHA KEENYA DR ZAAKIR NAAYIKI.

https://t.me/derajemea
T.me/Sammaan
Forwarded from Fursaan Media
#Ramadaaniyyaat...
#رمضانيات...
Kutaa6⃣ffaa

#Namoota_sooma_furuun_hayyamamuuf

1⃣Nama dhukkubsate
       👉🏽Yoo dhibeen ka isa hinjifattu taate guyyaa san furee guyyaa biraa deebisa (qadaa kafala)
       👉🏽Yoo nama dhibee irraa fayyuun isaa hin kajeelamne tahe sooma furee guyyaa furu hundaa muskiina nyaachisa.

2⃣Nama Imala deeme
      👉🏽Nama imala baheef sooma furuun isaa hayyamamee jira yoo soomuu dandahee soomes bareeda yoo kan hin dandeenne tahee fures bareeda guyya fure kana qadaa ni deebisa.

3⃣ Nama maanguddoome
      👉🏽Namni yoo maanguddoome humna ittiin soomu waan hin qabneef guyyaa sooma fure hundaa ni nyaachisa sooma deebisuun isaarra hin jiru .
قال إبن عباس رضي الله عنه "رخص للشيخ الكبير أن يطعم عن كل يوم مسكينا ولا قضاء عليه"

4⃣ Dubartii Ulfaa fii Hoosistu.
      👉🏽Dubartiin ulfaa fii hoosistu lubbuu  isiitiifii daa'ima garaa qabdu irratti yoo sodaatte sooma ni furti gaafa sooma soomuun isii miijjaahe guyyaawwan furtee san deebisaa Miskiina tokko nyaachisti

5⃣Dubartii dhiiyni dhalaatiifii dhiiyni ji'aa irra jiru.
     👉🏽Dubartiin dhiiynii dhalaatiifii dhiiyni ji'aa ( Laguun ) irra jiru sooma ni furti guyyaa qulqullooyte qadaa deebisti.
                 Itti fufa...

Kutaa7️⃣ffaa
Wantoota Ramadaana keessa dalaguun sirraa eeggamu
Mata duree jedhuun nu eegaa.

Obboleeyyan keessaniif Share godhaa

@Fursaan_Media
     @Fursaan_Media

http://t.me/Fursaan_Media
Forwarded from Nuuralhudaa (TU)
Walloon nu waamaa jirti!

Waraana ummata Walloo irratti baname waan salphatti laaluu qabnuu miti. Hawaasni hundi bakka hundaa dammaqee waan kana mormachuu qaba. Imaamonni masjiidaa, majliisni naannoleetiifi hoggantoonni majliisa federaalaa, dhimma kanarratti waan danda’an hunda godhuu qaban. Osoo hawaasni Walloo dhumu, osoo miidhaan jechaan ibsuun hin danda’amne isaan irra gahu cal’isuun hin taatu. Hundi dammaqee mootummaa irratti dhiibbaa godhee, hawaasa kanaaf dirmannaan akka taasifamu godhuu qaba. ummanni Walloo qaama keenya. Miidhamni isaanii miidhama keenya. Roorroo walirratti laaluun hin taatu. Bakka jirruu waliif dirmachuu qabna.

Ummata Walloo irraa waraanni dhaabbatee hin beeku. Ta’us yeroo Ramadaanaa eeguudhaan obboloota keenya irratti gocha gara jabeenyaa hedduu raawwachuu irratti argaman. Kun ammoo waan akka tasaa mudate osoo hin taane waan itti yaadamee hojjatamaa jiruudha. Kanaafuu bara baraan rakkoo deemaa jirtu tana dhaabsisuudhaaf namuu bakka jiruu dammaqinaan hirmaachuu barbaachisa.

Waraana hamaa yeroo ammaa godina Walloo keessatti gaggeeffamaa jiruun, namoonni madaawan wal’aansa gahaa argachutti hin jiran. Gara Magaalaa Adaamaa deemanii akka hin wal’aanames karaa cufaadha. Imala dheeraa baasii guddaa gaafatuun namoonni muraasni gara magaalaa Adaamaa deemuun tajaajila wal’aansaa muraasa argachaa jiran. Warri carraa argatee gara magaalaa Adaamaa imale kunis gargaarsa nurraa barbaada. Nuti hundi bakka jirrurraa wal gurmeessinee, namoota wal’aansaaf gara Adaamaa deeman kana bira dhaabbachuu qabna. Waan qabnu walitti buusnee obboleewwan keenyaaf tumsuun dirqama Islaamummaati.

Rabbiin ummata Wallootiif haa dirmatu. Tumsa isaatiin isaan bira dhaabbatee nasriin isaan haa gammachiisu
Islaamummaa xiqqeessuun sarara diimaa tuquudha > Majlisa Oromiyaa

Spider Media: Bitootessa 27/2016
Ergaa mana maree dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaa
~~
Assalaamu Aleykum Warahmatullah!!

Namooti hedduun dhiphina Diiniidhaaf qaban irratti hundaa'uun "Majliisni Namoota Amantaa keenya xureessan akkam cal jedhee ilaalaa" jedhanii gaafataa jiru. Nuti akka Majlisa Oromiyaa - የኦሮሚያ መጅሊስ - Oromia Mejlis tti dhimmaa laaffisnee ilaallees hin jirru. Garuu akkamiin kallattii seeraatiin namootiin kun itti gaafatamummaa fudhatu isa jedhu irratti hojjetaa jirra. Isinis Ragaalee fi teessoo namoota kanaa karaa keessoon nuu erguun deeggarsa barbaachisaa godha.

Nuuf Islaamummaa keenya xiqqeessuun sarara diimaa ta'uun ifa galaadha waan ta'eef Mootummmaanis nu faana dhaabbatee Namoota nageenya booressuufi Amantaafi Amantaa walitti buusuuf deeman kana adabbii isaani malu akka argatan ni gaafanna.

Nagaa nuuf taha!!
#Majlisa_Oromiyaa

Nu hordofaa
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#SpiderMedian
@Sammaan
Forwarded from Fu'ee Hassan
As wr wb
Dhaabbanni keenya,
Salaanni keenya,
Qaraatiin qur'aana keenyaa,
Sadaqaan keenya, walumaa galattuu ibaadaan nuti ji'a Ramadaanaa keessa hojjataa turre nurraa qeebalamuufi qeebalamuu dhabuun isiidhaa kan ittiin addaan baafannu ragaa nijira
Yoo ibaadaa soomana keessa hojjataa salaanni salaataa turte haluma sanaan yoo itti fufte mallattoo soomanni kee sirraa qeebalamuuti, kana tahuu baatee ibaadaan kee kan ji'a Ramadaanaa qofa salaatuu, sadaqatuu, taha taanan "AKKA WAAN JI'A GABBARUU NUJALAA FAKKAATA " Yaa ikhwaani fillaahi kanaaf haa jabaannu yeroo hundaa rabbiin ima gabbaramaa.
'Kheeyriitti wal haawaamnuu. '❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️💫❣️
Hanga feete gaariis taatu; hundaa ol bareedinnas qabaattu.. nama sababa tokko malee si jibbu hin dhabdu.
maaliif na jibban jettee hin rifatin.
Hunda dura waa barachuu beekaa tahi... garuu dubbataa dhumaa tahi...!
Yaada mormuu dandeessa... garuu nama yaada san qindeesse hin falmin.
Humnaa ol hin abjatin... hanga abjuun ati keessa seente, iddoo jirtu si dagachiisu takka jechuudha..
bakki ati jirtuu fi haalli ati keessa jirtus akka sin hiine,... hanga abjuu fi kaayyoo manaa baateef dagattu takka.
hundaa giddugaleessa godhachuu qabda.
Yoo ta jaalatte fuudhuu dadhabde... ta fuute jaaladhu... kaayyoo ati kufte sana isheen harka keessaa hin qabdu waan taheef...!
Wantoota osoo ol baasii dalagi siin jedhanii dalaguu saalfattu tokko, maaf dhoksitee akka dalagdu uf gaafadhu mee__?!
Hin sodaatin.. wantoonni sodaannu gariin nutti dhufuu dhabuus danda'a waan taheef...!

@Ibro
👇
https://t.me/Tafakkur
Forwarded from Oromia Education Bureau (BIIROO BARNOOTAA OROMIYAA(2016 E.C))
24/08/2016
#Hatattamaan_Haa_Raawwatu!

Waajjira Barnotaa #Godinaalee_21fi Waajjira Barnootaa #Magaalotaa_23 tiif
B.J.
----------------
#Lafa_Mana_Jireenyaa_Barsiisotaa yeroo gabaabaa keessatti akka kennamuuf Bul. Mootummaa Naannoo Oromiyaa Qajeelfama dabarsee ture irratti hundaa'un Magaalotni muraasni qajeelfama mootummaa kabajuun kan raawwatan yoo ta'u, magaalotni hedduun ammas rincicaa jiru.

Kanaafuu, Waajjirri Barnootaa Godinaalee 21fi Waajjirri Barnootaa Bul. Magaalota 23 dhimma kan qaama dhimmi ilaalu waliin ta'uun hordoffii wal irraa hin cinne taasisuun akka raawwachiistan xalayaan isin gaheera.

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. |

👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/

📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store
​QORMATA BARA 2016

#1_Caamsaa 26-30/2016 #Kutaa_6ffaafi
#2_Waxabajjii 3-7/2016 #Kutaa_8ffaaf ni kennama.
-------------------
BBO-Ebla 30/2016
#1_Qormaatni kutaa 6ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e gosoota barnoota kutaa 6ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1.Afaan Oromoo/Amaariffa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. Barnoota Gadaa 50%fi i Safuu 50% .

#2_Qormaatni kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e; gosoota barnootaa kutaa 8ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1-Afaan Oromoo/Amaariffa
2-Afaan Ingilizii
3- Herrega
4- Saayinsii Hawaasaa
5- Saayinsii Waliigalaa
6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50% ta'a

#DHAAMSA!
#_Gumiin Tiraansiformeeshinii Barnootaa (GTB) hordoffiin keessan daran cimuu qaba,
#_Barsiisotni keenya barattootaaf deeggarsi taasifamaa jiru itti haa fufu,
#_Hoggansi manneen barnootaa haala mijaawaa irratti of kennitanii hojjachuu qabdu,
#_Maatiin barattootaa ijoollee keessaniif xiyyeeffannoon keessan daran haa dabalu,
#_Hundaa'ol #barattootni_keenya_Addunyaa_Iftuu_Egeree_arguuf har'a #ciminaan_qo'achuufi #tasgabbiin_qprmaataaf_of_qopheessuu_qabdu kan jedhu dhaamsa BBO ti.

#CARRAA_GAARII !!
BBO

🔔 You Tube Official 🔔 - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. | 👍 Facebook  Official 👍 - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/
📖 New curriculum 📖 - https://t.me/oeb_book_store
Forwarded from Jechoota Gaggaarii️️
Biyyoota dhihaa keessatti yeroo kabajaan Qur'aanaa salphatu Pirezidaantiin Iraan Ibraahim Ra'iisii n Yaa'ii walii-galaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti dhihaachuun Qur'aana olkaasanii dhungatanii akkas jechuun mootummoota biyyoota dhihaatti dhaadatan:-

"Kuni (Qur'aanni) waan hundaa keenya waan ta'eef salphisuuf hin yaalinaa! Kuni sarara diimaa keenya dha!!" jechuun dubbatan.


Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa.

Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii
Forwarded from Spider Media
#Breaking
Xiyyaarri Perezidaantii Itti Aanaa Maalaawiifi haadha manaa isaanii akkasumas qondaalota biroo 9 fe'ee ture baduun erga barbaadamaa ture booda kufe caccabuufi lubbuun namoota xiyyaaricha keessa turan hundaa darbuunis ibsame


Spider Media: Zul-Hijjah 5/1445

Xiyyaarri Perezidaantii Itti Aanaa Maalaawiifi haadha manaa isaanii dabalatee namoota 9 fe'ee imalaa ture kufee caccabuun lubbuun namoota xiyyaaricha keessa turan hundaa darbuunis ibsame


Xiyyaarri Pireezidantii Ittaanaa Maalaawii Saawulos Chilimaafi aanga’oota biroo sagal fe’ee ture kaleessa achi buuteen dhabamuun barbaadamaa erga turee booda naannoo gaara Chikangawaa jedhamutti kufee akka cacabe Daily Mirror gabaaseera.

© Amar Temam

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
>#SpiderMedia