DHANGAA AARTII OROMOO
511 subscribers
63 photos
1 video
1 file
113 links
Chainaliin kun artii oromoo guddisuuf kan banamedha. kannen akka walaloo, bacoo, mammaaksa, seenaa gotoota fi beekkumsa walii galaa ofitti hammata.

Yaada yoo qabaattan @chakuuuuu qunnamuu danddessuuu.
Download Telegram
Forwarded from DHANGAA AARTII OROMOO
GIRL :- bira nii dhugdaa??
BOY :- eyye
GIRL :- guyyatii ammam dhugdaa
BOY :- sadii duwaa
GIRL :- biraan tokko meqaa...
BOY :- birri25
GIRL :- wagaa meqaaf dhugdee
BOY :- wagaa 20f
GIRL :- kunoo Amma guyya araati Otto birricha kusteeta tahee birri 324,000 xiyyaraa bitata turtee
BOY :- atti nii dhugdaa
GIRL :- Anni tasumaa Hin dhuguu
BOY :- mereree xiyyarii kee ?😀😀😀😀


@sabakoofabdii
@sabakoofabdii

😂😂
Ija kootiif eegumsa Taasisi

Yeroo tokko akkas ture. Shamarree qaroo dhabeeyyii (kan iji ishee hin argine) tokkotu ture. Shamarreen kun iji ishee hin arguu waan tureef baay'ee of jibbiti turte. Jaalallee/hiriyyaa ishee dhiiraa irraa kan hafe nama hundumaa jibbiti. Inni yeroo hundaa isheedhaaf jedhee achuma ishee bira Oola. Isheen yeroo baay'ee akkas jetti;"ani utuu iji koo banamee addunyaa kana argees,ani jaalallee koo kanatti malee hin heeruma"jetti turte.

Guyyaa tokko namni ija lama isheedhaaf arjoome. Isheenis iji ishee waan banameef waan hundumaa argite. Hiriyaa ishee baay'ee ishee jaallatuuf ofii ishees jaallattu kanas argite. Jaalalleen ishee kunis gaaffii ishee gaafate;" amma addunyaa kana ijaan argiteetta, ammas akkuma dura jettu natti heerumtaa ?" Ittiin jedhe.

Intalli sunis baay'ee rifattee,garaan ishee baay'ee hammaate, jaalalleen ishee dhiiraa kunis akkuma ishee duraanii Jaamaa ture,kanaaf isatti heerumuu jibbite. Jaalalleen ishee kunis imimmaan isaa dhangalaasaa biraa deeme. Booda erga biraa deemeen Xalayaa akkana jettu barreessee ergeef; "Hiriyyaa koo IJA kootiif eegumsa sirriitti taasisiif " jedheen jedhama.

Kun Sammuun namaa haalota ilaalee akka jijjiramu argisiisan. Muraasa keenyatuu jireenya kaleessa keessa turre yaadanna. Yeroo baay'ee Ulfaataa ture keessatti yeroo ati baay'ee jibbamaafi namni sirraa baqataa ture sana eenyutuu akka si bira dhaabbataa ture dagachuun barbaachisaa hin turre.

Seenaa kana irraa akkuma arginu Jaalalleen ishee dhiiraa kun waan baay'ee ishee jaallatuuf Qaroo isaa lamaan of irraa baasee kenneef,isheenis addunyaa akkana ilaallaan bareedu kana argite. Akka inni isheef jedhee ija isaa lamaan dhabes quba hin qabdu. Jaamummaa ishee kaleessaa keessatti inni baay'ee ishee jaallataa ture,isheen garuu isheef jedhee jaamaa tahuu isaa keessatti iyyuu isa hin jaallanne.

Yeroo Fayyaa kee jirtu, Dhukkuba kee kaleessa keessa darbite sana hin dagatiin.
Yeroo qabeenya argattee sooromtus/duuromtus hiyyummaa kee kaleessa keessa darbite sana hin dagatiin.
Jireenyi dabareedha waan ta'eef, kaleessa baay'ee ajaa'uu dandeessa. Har'a garuu baay'ee Urgaa'uu dandeessa. Yeroo ati baay'ee ajaa'aa turte sana kan ajaa kee sanaa waliin si jaallatus jira ture. Kanaafuu atis warra har'a jireenyi isaanii foolii badaa itti maxxanse sana hin jibbiin isaanis akkuma kee har'aa kana jijjiramuu danda'u waan ta'eef.

Galatoomaa Horaa Bulaa
Guyyaa Gaarii Qabaadhaa !!!

Yoo itti gammaddan irraas baratan Sharee gochuu hin dagatiinaa.

@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
@GumaatAartii
@GumaatAartii
waan nama kolfisiiftuu kana dubisaame

Namichatu haadha manaa isaa ajjeesee mana murtif dhiyaatee akkas taate dubbiin..
..
#abbaa_seeraa▶️ yakka ittin himatamte amanteettaa?
#himatamaa▶️ eeyyeen kabajamoo mana murti
#abbaa_seeraa▶️ maaliin rukuttee ajjeeste?
#himatamaa▶️ madooshaa 🔨
..
hirmaattota keessaa tokko dubbii himatamaa addaan kute wacaan
..
#abbaa_seeraa▶️ callisi maaltu si iyyisiisaa hin jeeqiin ta'uu baatnaan atis adabamuu keeti.
.
#namicha:▶️ kabajamoo namichi ofittoon kun si'a meeqa kadhadhee hin qabu naan jedhee tureem
..
#abbaa_seeraa▶️ (aariidhaan gara himatamaa ilaalaa) maal kadhattee si dide
...
..
#namicha▶️ madoosha🔨🔨🔨
..
.

😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂
@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Qiilxuu gamaa jala taa'ee
Ni darbitaan eega dhufee
Erga gaafan si Argeetii
Ijaan argee yooman si suufee

Natti qorra natti dhamoota
Akka nama qullaa jiruu
Si'ii baargamaa taa'uu
Qalbiin kiyya mana hin jiruu


Na qimmidaa jaalallikee
onnee gubbaa
Takkaa hin beeku abju'adhee
anoo jibba
Jaalallikees anaaf caalaam
Kumaaf dhibbaa
Bara quufii naaf jiraadhu
Darbii dhibba.

@Amaan17

@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Dhugaa dubbaachuuf dirree adduunya kana irraatti sababa malee hin uumamne.
tarii sababa woyiif uummamtee.kitaabota hedduu dubbise ture. kennaa kee barbaadii isaan jedha. w
aaqni kennaa woyii siif kennee adduunyaa kana irratti si qalaqee.
tarii kennaa kana argachuu dhabuu dandeessa isa barbadde argachuun gahee kee ta'u qaba. gaafa kennaa kee isaa waaqni sii uumeef argatte jireenyaa gammaachu qabu jiratte dabartaa.
waan tokko naaf beeki. addunyaa kana irraa ni deemta kun shakki hin qabu. qaamani deemu dandeessaa garuu waan tokko siif dhaama. maqaan kee akka si faana hin duune. maqaan kee dhaloota dhalootan yaadatama akka deemu godhi..


@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
@oro_love1
SEENAA ABBAA JIFAAR

Abbaan Jifaar bara 1852 tti abbaa isaanii Abba Gommoolii fi
Haadha isaani Guumayitti irra dhalatan
Abbaan Jifaar dhalatanii woggaa 15ttii Abbaan isaanii Abbaan
Gommool du’an
Abbaan Gommool kan du’an bara 1875 tti
Abbaan Jifaar Maqaa adda addaa qabu 1)Tulluu
2)Muhammad ibni daawud
3)Abba jifaar
Yeroo Abbaan isaani du’an irraa eegalanii abbaan jifaar biyya
bulchuu eegalan waggaa 3 haadha isaani Guumayitti wojjin
bulchan
sababni isaan haadha isaanii wojjin bulchaniif yeroo sanatti
Abbaan Jifaar woggaa 15 waan ta’aniif akkasumas dandeetti
biyya bulchuutiif umuriin isaani xiqqoo waan ta’eef
Yeroo wagga 18 guutanutti guutummaan guutuutti biyya
bulchuu eegalan
kan isaan biyya jimma bulchanis bara 1878 hanga 1933 tti
Maqaan isaani akka biyyaatti Tulluu jedhamanii waamamu
sababni isaan tulluu jedhamaniif dheerina isaani irraan kan
ka’e
Abbaan jifaar dheerinni isaanii meetira 2 fi sentimetira 10
Maqaan isaani gara islaamaatiin ittiin waamaman Muhammad
ibnu daawud
Akka maqaa kabajaattimmo Abbaa Jifaar A/Gommool
jedhamanii waamamu
Masaraan Abbaa Jifaar kan argamu lafa olka’aa jireen irratti
argama
Jireen magaala Jimmaa irraa km7 fagaatee argama
akkasumas Hospitaala Jimmaa irraa km3 fagaatee argama
Masaraan Abbaa jifaar kan ijaarame nama lammii Hindii ta’ee
maqaan isaa #tikem jedhamuun
Haala ijaarumsa isaa keessatti meshaan tokko tokko kan biyya
hindirra dhufe ni jira fknf meeshaan tokko akka meshaa
teknikaatti kan yeroo bubbeen bubbisu bubbee manarra
dhorku tokko gubbaa masaraa isaani gara fuula duraarra ni
jirti
masaraa sanarratti kan argamu kan imaaraa fakkaatu sun
kallattii Afur qaba kallatti kaabaa
Kallatti kibbaa
Kallatti bahaa
Kallatti dhiha
kallattiin 4 kun hundinuu kallatti ittiin to’annaan gaggeeffamu
Masaraa sana keessatti meedaan yookan bakkeen bakki
kaadimoonni ykn hojjattoonni isaani itti Taphatantu ni jira
akkasumas bakki mootiin Abba jifaar ta’anii yeroo kaadimeen
isaani wollaansoo waan adda adda woliin taphatanu ilaalanu
ni jira
Yeroo masaraan kun ijaaramutti ummanni naannoo Jimmaa
killee ykn hanqaaquu wolitti qabuudhaan gumaachaa turan
ijaarumsi masaraa sanaa yeroo jalqaba xuubii dhaafi killee
wolitti qabuun girgiddaan ykn jidaarri isaa kana lamman irra
ture
Masaraan Abba Jifaar kan ijaarame bara 1870 tti
yeroo ijaaramu baasiin itti ba’e worqii kg 400 fii Doolaara
Awustiraliya(Maantereza)65,000 tti tilmaamama
Masaraa kana keessa kanjiru masjiida dhiiraa fi dubaraa adda
ba’ee kan jiru
akkasumas bakka qur’aana itti qara’an kan dhiiraa fi kan
dubaraa adda ba’uudhaan jira
Masaraan kun yeroo ol seenan
jalqaba isaarratti ykn balbala isaarratti jecha laailahaillallah
Muhammadan Rasuulallah jedhutu barraa’ee jira itti Aansee
Abubkri
Umar
Usmaan
Aliyyii
kan jedhutu barraa’e jira
Abbaan jifaar teesso isaani jireen godhachuudhaan ummata
isaanii akka guutuu biyyattiitti gargaaraa turan keessumayyu
ummata muslimaa
maallaqaan
lafa adda adda
kennuufidhaan
Yeroo jalqabaatiif Akka guutuu biyyattiitti Amantiin islaama
jimma irra ka’e akka baballatu kan godhe Mootii Abbaa jifaari
Abbaan jifaar ummata isaaniitiif saudi Arabiyaa makka
keessatti mana ijaaruudhaan bakka ummanni keenya qubatu
taasisanii jiru
ummanni keenya yeroo umraa fi hajjiidhaaf gara makka
deemu bakka kana deemee qubata
bakki kun kaabaa irra meetira 300 qofa fagaata
Akkasumas madiina irrayis akka lafa fudhatanii turan seenaan
ni dubbata
Haala kanaan Mootiin Abba jifaar bara 1878 irra hanga bara
1932tti jiraatan

@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Qawwee gannee hin gallu

Qabsoon akka ulfaattu
Qalbeeffannee beeknee
Kuffisnee kufuudhaaf
Dirree qabsoo deemne

Bashananuuf miti
Kan qe'eerraa baane
Diina oromoo loluuf
Loltuu haqaa taane

Diinni yoo nu saamu
Teenyee hin ilaallu
Baraan ilmaan keenya
Boonyee hin awwaallu

Yoo arganne nyaannee
Dhabnu bullee agabuu
Qawwee hidhannee lolla
Isa qawwee qabu

Jennee manaa baanee
Qabsaa'uuf hidhanne
Jireenya qananii
Nuti yoom filanne?

Yoom ganda ormaa deemne
Funaannachuu raqa
Bosona jirraahoo
Barbaaddachuuf haqa

Waan garaa nun dhibne
Waa'ee sabaa malee
Kanaaf galuu didnee
Lolaa jirra hardhallee

Qabsoo saba bal'aa
Yoomiyyuu hin daldallu
Garaadhaf bitamnee
Qawwee gannee hin gallu!
Yadesa M Gudina
@dinnee_didaa
@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Ati garuu ijuma kootiin argaa koo jibbite...

➥ Barataa tokkotu yeroo hunda haadha isaa jibba. Sababa haati isaa ijji ishee tokko qofa ta'eef haadha ija tokkee qabaachuun isatti hin tolu. Yeroo hunda "ijuma kee kana arguu hin barbaadu wayyaatiin maradhu!" jedhee harmee isaa kana argaa jibba ture. "ati hiriyoota koo biratti na qaanessita si arguu hin fedhu" jedha ture.

Gaaftokko mana barumsaa inni baratutti ayyaana maatii barattootaatu kabajamuuf jedha. Barattoonnis, maatii isaanii fudhatanii mana barnootaa deeman. Inni garuu harmee isaa dhoksee qofaa isaa deeme. Haati isaa kunis nama irraa dhageessee, "mucaan koo otuu ani jiruu akkamitti qofaa dhaabata" jechuun mana barumsichaa dhaqxee isa barbaaddee bira teesse. Innis akka isheen hin dhufne waan beekuuf yommuu ishee argu na'ee, fuulli isaas gurraacha'e. "Ani ija kee arguu hin barbaadu siin hin jennee?" jedhee achitti dhiisee bakka jijjiirrate.

Yeroo sagantaan xumuramee gara qe'eetti galuuf jedhanis harmeen isaa kun isa wajjin qajeelte. Mucaan ishees, "ati hiriyoota koo biratti na qaanessite, ilma haadha ija tokkee jedhamuu irra otoon du'ee naaf wayya" jechaa aaree boba'e. Barattoonni tokko tokkos "hey hey ijji haadha kee tokko garam dhaqee?" jechuun itti qoosuu jalqaban. Innis kan duraa caalaa aaree gubate. Gara manaatti galuu jibbee biyya biraatti bade.

Achittis turtii yeroo booda carraa barnootaa argatee gara biyya biraa deeme. Haati isaas abbaa manaa waan hin qabneef qofaa taatee baay'ee yaaddofte. Dhiphinaaf yaaddoo irraan kan ka'es ni dhukkubsatte.

Mucaan ishee immoo barumsa xumuree hojii argatee jira. Bultii ijaarees abbaa ijoollee ta'e. Harmeen isaas sababa inni ishee jibbuuf mana isaa dhaquu sodaatte. Gaaftokko garuu murteessitee iddoo mana isaa nama gaafattee bira deemte. Akkuma mana isaa deemteen balbala rurrukutte. Mucaan ilma ishee yommuu balbala bantu jaartii ija tokkootu balbala irra dhaabatti. Mucattiin sunis ni baqatte.

Booda irra ilmi ishee gadi itti ba'ee, "ati maalumaaf jireenya kootti gufuu taataa jaartittii nanaa, ani si arguu hin fedhu siin hin jennee? Amma dafii ija koo duraa badi!" ittiin jedhe.

Isheenis waan gootu dhabdee gara qe'ee isheetti tirattee galte. Yeroo boodas dhukkubnishee itti hammaate. Ilmi ishee kunis waa'een harmee kanaa garaa isa nyaachuu eegale. Guyyaa tokko haadha warraa isaatiin, "guyyoota muraasaaf hojiif iddoo biraan deema" jechuun ishee sobee mana haadha isaa dhaqe. Haati isaa yommuu isa argitu, "ishoo mucaa koo baga dhufte. Ani akkuma ati argitu kana du'uuf qophiittin jira. Garuu osoo afuurri na keessaa hin ba'in dhugaa tokko sitti himuun fedha.

"Ani kanaan booda sin qaanessu, jireenya kees hin jeequ nagaan jiraadhu. Dhugaan jiru garuu, yeroo ati daa'ima turte osoo taphattuu, mukaan of waraantee ija kee tokko balleessite. Anis ati ija tokkoon guddachuu irra ani ija tokkoon du'uu wayya jedheen ija koo tokko of keessaa baasisee siif arjoome. Ati garuu ijuma kootiin barattee bakka guddaa geessee, hamaaf gaarii hunda argitee, ijuma kootiinis argaa koo jibbite. Kanas jaaladheen godhe, ammas nan si jaaladha. Nagaan taa'i" jechuun afuura dhumaa baafatte addunyaa kana irraas lubbuu dhaan darbite.

Mucaan ishee kun eelaa onnee horatee bara jireenya isaa guutuu dhukkuba gaabbii dhukkubsachaa jiraate. Kanaafuu haati ofii haadhuma!

Haati haadha eeyyen haadha fakkaattiif fakkeessaa hin qabdu.

@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
@JechootaJaallaanQabsoo
@GumaatAartii
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Ani Gaabbeera
💚💚💚💚💚💚💚💚💚
Utuu muree dhaabee
Akka ciisee latuu
Na darbeera jedhee
Garaa koo nan nyaatu

Garaa kootu na gaddee
Boquutu gad na ccabee
Wanta na harkaa bades
Utuun barbaadee qabee

Silaa iji na boo'ee
Garaan koo naan hin gadduu
Keessi koos na madaa'ee
Firii gaddaas hin baadhu

Garuu didee na keessa iyya
Waceetu mankaraaraa
Imimmaan kee gaafasiitu
Ija koo dura jira

Ni hasaasa hin gumguma
Na tuqee na qimmida
Si dhiiseen deema jennan
Didee keessa koo hidda

Jaallatanii hin quufanii
Yoo soba tahe malee
Dur jaalala dhugaati
Kan teenyee walii galle

Ammas sin dharra'aa
Siin taa'een beela'aa
Hawwiin garaa kootii
Sumaan galma gaha

Ani gaabbeen of dhaana
Si yaadeen rarra'aa
Mee dafiitii naaf koottu
Haajaan lubbuu kootii
Si'iin galma gahaa


@GumaatAartii
@sabakoofabdii
#Fayyaa

Dhibeen Kalee akkamiin namatti dhufu danda'a?

Waantoonni armaan gadii kun #KALEE namaa balaaf kan saaxilaan ta'uu ogeessoonni ni himu.

1. Fincaan finca’uu dhiisuun hagaa nama muddutti qabatani turu.

2. Bishaan sirritti dhuguu dhiisuu.

3. Nyaata soogiddii itti baay’ate nyaachuu.

4. Infeekishinoota dafanii haala gaariin yaalamu dhabu.

5. Foon baay’isani nyaachuu.

6. Nyaata gahaa nyaachuu dhabuu.

7. Qoriicha dhukkuba namatti fursisuu(antiipeen) baay’isanii fayyadamu. Waan akka parastamol faa jechudha.

8. Yeroo dheeradhaaf osoo wal irraa hin kutiin Insuluunii fayyadamu(fudhachuu)

9. Alkoolii baay’isanii fayyadamuu fi

10. Boqonnaa gahaa dhabuun dhibee Kaleef akka nama saaxiluu danda'u ogeeyyin fayyaa ni ibsu.

Waantota kanneen irraa of eegaa!

(OBS)
@GadaaMagazine
@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Sagalee Harmee
💚💚💚💚💚💚💚💚💚💚
Siif kuusee siif calallaan
Kan keetu ititee jiraa
Utuun ija koo weersee
Haalalatti si eeguu
Maaf darbita na bira

Hameessa gu'aa elmeen
Coroorsaadhan si eega
Hamma fedhe rakkadhus
Siif garuu hin tahu deegaa

Qabeenyi koo jaalalaa
Sitti garaa hin jabaadhu
Turtus Kan kee dabarsee
Nama Ormaaf hin laadhu

Ilaammee yaa dhalee koo
Dhalee koo hidda Onnee
Haati garaa hin kutattu
Anis garaa hin kuttannee

Jabaattee jajjabaattee
Figdee biyyaa yoo baate
Handhuura kee hin dagatiin
Gadameessa si baatte

Garaan haadhaa dhala
Garaan dhalaa lagaa
Akkuma jedhanii
Hin ta'in kaa dhalee
Haadha ofii hin gatanii

Imimmaan koos irbaata
Of irra yaasee dhugaa
Si yaadetan Kichuu koo
Guyyaa walakkaan muga

Manaa bahuun ni jiraa
Deebitee maaf hin galtu
Harmee kee dhukkubsattu
ariifattee maa hin yaaltu

Sin qabaafan of jaja
Hundumaan koo naaf jiraa
Har'a jiruun hammaatus
Booru mucaan koo jira

Jedheen si'iin of jaja
Akka garaa naaf ta'i
Fagaatus adaraa kee
Gaafa rakkoo na gahi

Jetti harmeen


@GumaatAartii
@sabakoofabdii
Aadaa Fuudhaa fi Heeruma Naannoo wallaggaa.

Yeroo bàay’ee Aadaan fuudhaaf heerumaa akkaataa naannootiin Hamma murtaa’e Garaagarummaa qaba. innis fkn Aseennaa.. Aseennaan Akka naannoo ani dhaladhee guddadheetti Gurbaa fi intalti utuu maatiin ishee fi kan isaa quba hin qabaatin karaa bakkee wal sossobatanii wal fuudhu .> kun Aseennaa jedhama Garuu Akka iddoo biraattimmoo …. “Intalli manatti hafte ykn nama itti heerumuu barbaadde waan duudhaa fi aadaa guuttattee mana warra gurbaa dhaquudha” jedhama. mee kamiifuu hunda dura Naqatatu dursa waan ta’eef Naqatni Naannoo e beekutti akkamitti akka adeemsifamu waliin haa ilaallu ! Sirni Gaa’ila Naannoo wallaggaa kana fakkaata.. 1) NAQATA:- Umriin Gurbaa(Mucaa) waggaa 17 fi isaa ol yeroo ta’u ykn mana Dargaggummaa guutee (Waa’een “jaalalaa”itti dhagaamu) haatiniif Abbaan mucaa kana fuularraa ni beeku. isa booda inni na fuusisaa jechuun waan itti ulfaatuuf ykn saalfatuuf maaliin isaa(haadhaaf abbaan) mucaa kanaan si fuusifnaa durba ilaalladhu jedhanii dirqisiisu. mucaanis yeroo kana Tole jedhee durba filachuu eegala bakka shamarran qoraan funaananiif bishaan waraaban irra deemee. Yeroo kana Goofaree isaa filatee ulee ykn Eeboo isaa qabatee shittoo isaa dibatee of mimmiidhegsuun bakka #Qabdoo( Dhungoo) Ammas bakka sirbaa. Bakka Qabdoo sanatti Durba tokko wajjin quunnamtii saalaa geggeessuun bàay’ee safuudha waan ta’eef karameellaa (mi’eessituu afaanii) Afaan wal-kaa’uun dhongoo isaanii geggeessu. isa booda intalti kuniif mucaan wal jaallatanii Akka wal fuudhan wal gaafatanii Mucaan Guyyaa biraa hiriyaa isaa kan warra intalaatti siquuf kan isatti siqu fudhatee mana warra intalaa dhaqee intala ilaallata. Yeroo ilaallata dhaqu kanattis beekaa ulee isaa lafa buusee akka intalti irra tarkaanfattuuf akka isheen lafaa fuutee hirkistu ilaala. yoo isheen kan irra tarkaanfattee kan dabartu taate intalti kun naamusa hin qabdu waan taateef waa hin dubbatu kan biraa akkasuma deemee filata. yoo isheen fuutee keesse garuu intala kana akka isheen isaaf taatu yerooma sana mirkaneeffatee galee maatii isaatiin ilaalladheeraa intala Abaluu naaf naqaa! jedhee maatii isaatti himata. maatiin isaas siif taateettii? jedhanii gaafatu . innis sasaalfataa Eyyen! jedha . kana booda Abbaa mucàatiif Jaarsoliin Ollaa mana wara intalaaa utuu hin deemin xalayaa barreessanii postaadhaan Abbaa intalaatti ergu. Abbaan intalaas utuu Tole hin jedhin dura waa’ee mucaa sanaa qorata akkana jedhee.. ilmi obbo abaluu kun nama akkami? warraan walii gala moo didaadha? Egaa ijoolleen waan beektee wal hin qoranneef jarreen lammaan wal qorachuu qabu! ykn fira dhiigaa ta’uu waan danda’aniif Akaakayuu 5 fi isaa ol wal gaafatu. Yoo firummaa wal keessaa qabaatan dafanii akka hambisaniif. kana booda deebii argachuuf ammas nama ergu gara mana warra intalaatti. warri intalaas yoo ta’eeraaf ta’e intala immoo hiryaa ishee gaafachiisu isheenis naaf ta’a jetti. isa booda guyyaa naqataa walitti himu. Egaa naqata yeroo jennu Naqata jechuun waan isaanirraa eegamu intala kanatti naquu jechuudha… Innis:- Bitayoo harkaa,, Albuu miillaa,, waan gurraa,, uffata ishee fi k.k.f bitanii guyyaa beellamaa sanatii dhiyaatu. Guyyaama sana Gaa’illi kun yoom akka geggeeffamu walii galu. hanga gaa’illi kun geggeeffamutti garuu intala kana uffata ishee kan itti bitu warra mucaati. Yeroo guyyaan beellamaa dhiyaatu( ji’a 5 fi isaa as ) ta’u maatiin lammeen qophii dhangaa gochuu jalqabu. Gaagura fannifatanii, yoo sangaa coomfatanii, yoo xaafii hin qonne ta’e bitatanii… isa booda guyyaan beellamaa ji’a2tti yemmuu galu waraqaa barreessanii firaa fi fira firaa hudarra hiruudhaan waamicha eegalu . Jarri waamaman kunis waan isaanirraa eegamuun qophii eegalu. innis:- keessumaa gareen warra intalaa .. Guyyaa waamichaa sana gumaacha adda addaa qabatanii dhiyaatu Dubartoonni waan akka qorii garbuu, mi’a mana keessaa kan akka mi’a nyaanni itti nyaatamuu fi k.k.f shamarran .. dibata fuulaa(qibaatii) isa jedhan shaashii, callee mormaa fi k.k.f bitanii guyyaa sana sirna
kanarratti hirmaatu. Gurbaanis akkasuma Amaamota waammatee, waa’ila qopheeffatee Raada Gabbaraa bitatee Guyyaan gaafa ga’u haala ho’aadhaan gara mana warra intalaa dhaqa. asirratti waan darbamuu hin qabne Raada Gabbaraa jechuun Akka Aadaa oromootti jijjiirraa intalaa jedhama. Raada jechuun goromsa saawwaa kan waggaa 1f isaa ol taayeedha. Guyyaa sana kana hin geessan taanaan warri intalaa intala isaanii itti hin kennan. Akka kanaan guyyaa sana haala ho’aadhaan mucaan Amaamota isaa fudhatee gara mana warra intalaatti imamal. Yeroo sanatii mana warra intalaa biratti haala ho’aadhaan eegamu. innis shamarran mararoo sirbuudhaan marii koo yaa maroolewoo hiriyee koo gargar baaneewoo? jechuudhaan ija keessa wal ilaalanii imimmaan fuularra of yaasaa weeddisu. mucaanis Amaamota isaa fudhatee dhufee hamma isaan waamanitti Odaa ykn qilxuu, mukuma gaaddisa qabu jala taa’ee eeggatee yeroo isaan waamanitti nama shanii fi isaa ol fudhatee ol seena. jarreen isa wajjin seenan kunis 1 Jaala(miinzee)isa jedhan 2 waa’ila 3 nama hayyuu ykn beekaa ta’e Lamaa–3 4 kan Teephii baatee kaaseta itti jijijjiiraa uummata bashannansiisu Akka kanaan mana seenanii Eebba fudhatu. Hamma inni mana keessa taa’uttimmoo shamarran ala jiran soddaa aarsuuf Arrabsoo adda addaatiin weeddisu.. “urgufaa garbuu ya geeshee birraa soddeen budaadha dhageenyee jirra, baalli atariin addaata yaa sodde eessaan gadi baata? hardhawoo surreetti albaataa :D” jechuudhaan soddaa arrabsu. kana booda yeroo gadi ba’u innis karameellaa bitee boorsaatti naqatee jira isa ammaaree fuula isaaniirratti facaasee Farda isaa yaabbata. isa booda amaamonni isaa meeshaa intalaa sana harka-harkatti qabachuun weedduu jalqabu gaafa karaatti ba’an.. akkana jedhu hoooo asham jennee ilil jennee galleerra gurbaa lolli hin ooltee? jechuudhaan warraaqaa gara mana gurbaatti galu yeroo manatti dhiyaatan akkana jedhanii weeddisu ishoo obboo koo ililleef gammachuun mirgaan gale obboon koo jechuudhaan gammadanii weeddisaa galu. Aseennaa(sokkaa) Sirni kun sirna gaa’ilaa keessaa isa tokko. Aseennaa( sokkaa) jechuun utuu maatiin ishee fi kan isaa utuu hin beekin ijoolleen kun karaa bakee wal amansiisanii wal fudhatanii badu . Ergasii booda mucaan intala fuudhu kun mana fira Aantii isaa kaawwatee maatii isaatiif maatii isheetti akka himamu godhama. isa booda Amaamota waammatee achuma mana fira isaatii gara mana maatii isaatti fudhatee gala. BUTII. Butii jechuun intalti otuu isheen hin beekin mucaan hiriyoottan isaa fudhatee karaa lagaa ykn bakka isheen qoraan cabsituu dirqamaan fudhatee gala jedhama. DHAALA. Dhaala jechuun Akkanatti dhaalama=- --- Karaa dhiiraatiin "Namni tokko yoo du'e/boqote Obboleessa isaa isa xiqqaatu Haadha manaa isaa fuudha. Sababni kun ta'us .. 1 Yoo namni sun ijoollee qabaate ijoollee isaa fudhattee nama biraatti heerumuurra obboleessa Abbaa manaa isheetti heerumuu isheef wayya. ammas namni ormaa ijoollee sana akka dhiiga/fira dhiiga isaatti waan hin ilaalleef . kanaafuu utuu inni hin jaallanne maatiin dirqamaan akka inni ishee fuudhu godhu. Karaa Dubartii.. Yoo obboleettiin ishee hangafaa Boqotte/duute Abbaa manaa obboleettii ishee kan ture sanatti heerumuun akka dirqamaatti fudhatama. Sababa obboleettiin ishee sun yoo ijoollee qabaatte haati ormaa ijoollee sana waan cunqusituuf , firummaan jara sanaa akka duraaniitti akka hafuuf fi kkf dha.

@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
#SOCRATES

Warroota sitti siqee Dogoggora kee siif himu sani, malee warroonni jecha fi gochoota kee hunda usaniituma faarsan fira sitti hin fakkaatin.

Tokko tokko jiraachuf yeroo nyaatan, tokko tokko ammoo nyaachuf jiraatu.

Karaan qaxxaamuraan kabajatti si geessu, waan hawwitu san ta'uuf tattaafachuudha.

Yeroo argatte humnaa ol hin utaalin, yeroo dhabdes hedduu hemilee hin cabin.
Dachii tanarratti wanti hundi ni dabra.

Yeroo ofiif yaaduu egaltetti barbaaddee of argatta.

Kan waan qabuun hin gammanne, waan hawwuuf san yoo argates hin gammadu.

An Wallaallummaa kiyya beekhudhan beekhadha!.

Nama gaarii oso lubbuun jirus ta'e eega du'e boodas wanti isa miidhu hin jiru.

@ilmanesruu

@oroquotes
@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Forwarded from Miiltoo Electronics (Soressaa Chali)
~ Jecha beektotaa~

"Mo'attoonni waan adda ta'e hojjetu miti waanuma jiru karaa adda ta'een hojjetu."
Shiiv keeraa

👉"Muka ija qabdutti dhagaan darbatamu itti baay'ata."
Shiiv keeraa.

"Namni Kamillee miilla dhoqqeedhaan Sammuu koo irra akka ejjetu hin eeyyamu."
M. Gaandii
"
"Hin danda'amu kan jedhamu wanta hin hojjetamne qofadha."
N. Maandellaa.
"Dukkanni dukkana hin ibsu; Ifatu dukkana ibsa. Jibbi jibba in ari'u; jaalalatu jibba ari'a."
Maartiin Luuter Kiingi.

"Haala si mudatu waliin jireenyakee wal fudhachiisuuf yaalii godhi malee; akkan barbaadu ta'uu qaba, hin jedhin."
Maartiin Luuter Kiingi.

"Addunyaan kun bor nii baddi yoo naan jedhan illee har'a sanyii facaasuu hin dhiisu."
Maartiin Luuter Kiingi.
"Namni tokko yommuu kufu hin injifatamu, yommuu abdii kutatu injifatama."
Riichaard Niiksoon.

"Namni dogoggora hojjetee hin beekne nama homaa tokko yaalee hin beeknedha."
Albeert Inestaayin.
👉"Nagaan waliigalteedhaan malee humnaan hin argamu."
Albeert Inestaayin.

👉"Sababan gatiittii namoota gurguddoo irra dhaabbadheefan namoota kaan caalmaatti fageessee ilaaluu danda'e."
Iyezak niiwtan.

👉"Hiyyeessa taatee dhalachuun kee dogoggora mataa kee miti, Carraadha. Garuu yop hiyyeessa taatee duute dogoggora mataa keedha."
Biil Geet.

👉"Karaa milkaa'inatti geessu hin beeku yoon ta'ellee karaa kufaatiitti geessu garuu nan beeka. Innis namoota hundumaa gammachiisuuf dhama'uudha."
Biil koosbiil

👉"Kun hundumtuu ta'ullee, ani garuu ammayyuu ilmaan namootaa uumama isaanii irraa jalqabanii gaariidha jedheen yaada."
Haannaa Firaank.
👉 "Maqaa diinota kee fi hojii isaan si irratti hojjetan hin irraanfatin. Balleessaa isaaniif garuu dhiifama godhi."
Joon F Keenedii.
👉 "Addunyaa kana irraa wanti baay'ee nama gaddisiisu, utuu ija qabanii mul'ata dhabuudha."
Heelen kiiler.
"Hiyyumnis ta'u soorumni bu'aa ilaalcha keenyaati."
Naappooliyoon Hiil.

"Carraatti cimseen amana, yoon jabaadhee hojjedhe immoo carraawwan hedduu akkam argadhus nan amana."
Toomaas jeefersen.

"Kaleessa caalaa bortu sitti dhihoodha."
Miratuu shaanqoo.
👇👇👇👇👇👇👇👇
@beekuuf
@beekuuf share and join
Kiyya jedhee sin abdanne
deemte jedhees sin dagannee,
yaada keetiin hunkutaayee
kiyya jiruun hibboo tahe

Naaf jiraadhu ammayyuu
tokkittii koo yaa tiruu
haalaaf yeroo ilaalee
eenyuudhaan sin jijjiiruu

@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
Mee wal haa tajjabnuu

Mee xiqquma ishee
Wal haa tajjabnuu
Irra goraaf dogongorraa
Wal haa deebiffannuu
Walaalaa keenyaasi
Suuta haa gorsinuu
Beekaa harkaa qabnuus
Tole jennee haa dhaggeeffannuu

Tajjabuun bareedaa
Kan jaallattu yaajjabdaa
Akka of sirreessuuf
Quba itti qabdaa
Jijjirama isaa malee
Ati maal barbaaddaa
Isa nama gochuuf
Halkan guyyaa yaaddaa
Abdii osoo hin kutiin
Gorsa isaaf dadhabdaa

Tajjabuun gariidhaa
Isa dabe meelchaa
Komachuun dhugaadha
Karaatti qajeelchaa
Tajjabbii inni sirriin
Isa bade tolchaa

Isa beekaa diduu
Beekaa of fakkeessee
Isa of guddisuu
Kan biraa xiqqeessee
Isa of bareechuu
Kan biroo xiqqeessee

Tokko tokkos jiruu
Warri of dagatanii
Waan safuu maxxansan
Miidiyaan bahanii
Mataa nu nannanneessuu
Safuu dagatanii
Of gowwomsaa ooluu
Qarooma se'anii

Maaloo dhiisaa natti haa hafuu
Inumaa baay'ee nama aarsuu
😱😱😱😱😱😱😱😱😱😱😱😱

✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
#Atinaafi, Bahir Dar

@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
🇯‌🇮‌🇭‌🇦‌🇩‌ 🇮‌🇧‌🇳‌ 🇺‌🇲‌🇲‌🇮‌:
Seerri siinqee ulee qal'oo sorooroo muka harooressaa irraa muranii tolchan, kan dubartiin heerumte qabattuun ibsama. Mukti harooressaa qaqal'aa fi sorooroo wanta qabuu fi kan laayyootti hin cabne waan ta'eef filatama. Siinqee dheerina dubartii qabattu akka gitutti muru. Siinqeen akka diimatee bareedu baaxii manaa jala bakka aara argatutti suuqu. Siinqee akka uleetti hin fayyadaman, horii ittiin hin haleelan. Yeroo qabatan illee akka dhadhaabbataatti hin fayyadaman.

Dubartoonni siinqee qabatanii gurumuudhaan sirna hawaasummaa fi amantaa heddu wanta raawwataniif siinqeen waraana dubartii ti jedhu.

Siinqeen Idaayyiif Kennamuu

Haati intala heerumsiistu, siinqee, boraatii fi baarree qopheessiti. Siinqeen mallattoo birmadummaa (uumamaan bilisa ta'uu) ti. Boraatiin muka irraa soqamee tolfamee, calleedhaan faayame immoo mallattoo haadha-warrummaa ti. Baarreen qodaa aannanii waan ta'eef mallattoo qabeenyaa ti.

Cidha gaa'elaa irratti yeroo idaayyichi idaayyittii fudhatee galuuf ka'u, haati ishii siinqee, boraatii fi baarree harkatti qabattee, balbala fuula dura teessi. Idaayyichi haadha idaayyittii bira ga'ee dhaabbata. Haati idaayyittii "hoo baarree, hoo barsee" jettee siinqee, boraatii fi baarree itti kenniti. "Hoo barsee" jechuun yaboo sirra keewwadhee jechuu dha.

Hamaamonni oggaa qe'ee ga'u, idaayyichi siinqee, boraatii fi baarree idaayyittiitti kenna. Idaayyittiin seera hirma furaa booda, siinqee boraatii fi baarree qabattee ol seentee gola ishii keessi. Kanumaan haadha siinqee taati. Yeroo eebbisanillee "siinqee baarree oofkalaa" jedhu. Kunis fuudha kana nagaadhaan keessa fulla'aa ykn ofkalaa jechuu dha.

Siinqee seeraan kenname kanaan mirga haadha-warrummaa ishiin qabdu ittiin tikfatti. Hawaasa keessattis dubartoota siinqee qaban waliin gurmuu uummatanii seera adda addaa ittiin raawwachiisu.

Ulfina Haadha Siiqqee

Dubartiin siinqee qabatte, hawaasa keessatti ulfina guddaa qabdi. Dubartii siinqee qabattee karaa deemtutti yoo dhufan hin qaxxaamuran. keessattuu dhiirti yoo ishiin hayyama kenniteefii dabarsite malee bira hin darbu. Dhaabbatee ishii dabarsuuf dirqama qaba. Lagas ishii dura hin ce'an.

Dubartoonni siinqee qabatanii wal faana yaa'an/bayima ba'an, Ateetee/Ganyaa jedhamu. Dubartoonni bayima ba'anii, siinqee faarfachaa deemanitti yoo dhufan, nama tokkoos ta'e nama hedduus ta'an, maanguddoonillee, fardarraa bu'anii, gadi jedhanii marga jiidhaa ciratanii "Ilteeninnaa" jedhanii itti irreeffatu. Dubartoonnis akkasuma marga ciratanii itti irreeffatanii "obbayaa" jedhanii deebisu. Dubartoonni bayima ba'an, otoo isaan hin eebbisiin nama isaan qaxxaamure ari'anii qabanii adabu.

Aangoo Haadha Siinqee

Dhaanicha Abbaa Warraarraa Baraaruu

Sirni Gadaa, seera siinqeetiin, mirgi dubartoota Oromoof kenne, kan ittiin mul'atu keessaa tokko, dubartii abbaa warraatiin dhaanamteef, dubartoota gurmuu uummataniin birmannaa godhamu.

Sagaleen dubartii dhaanamte bakka dhaga'ametti, mallattoo wal waamichaa kan ta'e sagalee ililfannaa, "ililii,ililii,ililii…" jedhu wal dhageessisanii walii qaqqabu. Akka seera siinqeetti, dubartiin sagalee ililfannaa dhageesse, kan daa'ima hoosisaa jirtus, kan sa'a elmitus, kan okkotee ibiddarraa qabduus, hojii of harkaa qabdu battalatti dhiistee, siinqee ofii luqqifattee, hatattamaan birmachuuf dirqama qabdi. Dubartoonni seera siinqee raawwachiisuuf gurmuun deeman, weedduu siinqee weeddifachaa mana dubartii abbaan warraa dhaane sana qaqqabu. Dubartoonni dura qaqqaban, dubartii sana siinqee qabachiisanii manaa baasu.

Namicha haadhawarraa isaa dhaane dabalatee, dhiirti haati warraa isaa gurumuu kana keessa jirtu hundi, qe'een isaa adiyyoo dha. Bultiin abbaa hin qabu. Daa'imni ni booya. Kanaafiyyuu dhiirti marti namicha balleessaa hojjate sana murtiitti dhiyeessuuf carraaqa. Dubartoonni, miseensa isaanii miidhamte itti marsanii, faaruu isaanitiin roorroo didaa, gara caffee/Mana maree Gadaa/ erga seerri Gadaa laaffatee booda jaarsolee gosaatti iyyata deemu.

Qaamni itti iyyatan, waltajjii qabaniifii, ulfina isaanitiif jecha, ofirra taa'anii dubbisu. Kana malees,
gadi jedhanii marga jiidhaa ciratanii, "ilteeninnaa" jechuun itti irreeffatu. Dubartoonnis "hobbayaa" jedhanii eebbisu. Yeroo seera kana raawwatan, weeddudhaan siinqee faarsuu hin dagatan.

Qaamni himannaa isaanii dhaga'uuf taa'e, "Wayyooma/ulfina dubartii kan tumaadhaan dhugoomse Gadaa dha." Jechuun seera jiru mirkaneessuudhaan, waltajjii jalqabu. Sana booda, "ulfoo teenya maaltu bade, maal rakkattan" jedhanii dubartoota gaafatu. Dubartiin gurmuu kana gaggeessitu, dubartii dhaanamte of fuuldura qabdee, waan ishii irratti raawwatame caffee fi yaa'iitti himti. Qaamni seera raawwachiisu, nama miidhaa kana raawwate, waamanii dhiyeessanii, dubbii qoratu. Hanga murteen kennamutti, dubartoonni, roorroon akka irraa dhaabbatu weedduudhaan gaafatu.

Xumura irratti caffeen, miidhaa qaqqabe madaalee, murtee dabarsa. Murteen kun loon inni qabu keessaa isa mararsiifatu sangaa/qotiyyoo isaa qaluu ta'uu danda'a. Seerri siinqee murtee kana raawwachiisee, dubartoonni sangaa qalame yaa'iidhaaf laatanii, weedduu isaanitiin siinqee faarfachaa, dubartii dhugaa argatte sana manaan ga'anii, mana mana ofitti galu.

Birmannaan akkanaa, dubartii qanafaa addarraa qabdu/ kan deessee ji'a jahaa hin guunneef/ malee, dubartii abbaan warraa dhaane hundaafii miti kan jedhan jiru. Akka manguddoo irraa dhageenyeetti , erga sirni Gadaa laaffatee booda birmannaan akkanaa, deessuu dhaanamteef qofa ta'e malee, dur dubartii hundaaf birmatu. Kan deessuu dhaane adaba isaatu guddaa dha.

Lola dhaabuu

Gosa Oromoo gidduutti, walitti bu'iinsi uumamee, lolli hamaan/waraanni ka'ee, namni wal miidhe, dubartiin oduun lolaa kun dura, gurra bu'e, ililfattee, dubartoota bakka hallee dammaqsiti. Gurmuun dubartootaa, oduu waraanaa kana darbaa walii dabarsanii, siinqee qabatanii battalatti walga'u.

Weedduu isaanitiin siinqee weeddisaa gara lafa lolaatti oggaa deeman, Waaqa siinqeedhaaf aangoo kana kenne faarsu. Iddoo lolaa sanatti wayta dhiyaatan immoo weedduu isaanii keessa, waraanni akka dhaabbatu maqaa Waaqaatiin gaafatu. Bakka lolaa sana yoo ga'an siinqee isaanii faarfachaa, lolli akka dhaabbatu gaaftu. Kanaan yoo dhaabbachuu dide, gidduu seenu. Waraana hamaa attamii illee yoo ta'e, seera kana bira hin darbu. Battalatti dhaabbata. Siinqeen meeshaa araaraa ti.

Daa'ima guddifachuu

Warri ilmoo hin arganne, warri ilma hin qabne, fira irraa yookaan nama michuu ta'uuf irraa ilmoo guddifata. Dubartiin dhala hin qabne, seera guddifachaan ilmoo guddifachuu barbaadde, siinqee qabattee, aannan ciicoodhaan fuutee warra irraa guddifattu sana dhaqxi.

Warri ilmoo irraa guddifachuuf filatan warra ijoollee baayee hore. Warri akkanaa, dubartii siinqeedhaan dhaqxee ilmoo isaan irraa guddifachuuf gaafatteef, ilmoo isaanii kennuuf dirqamu. Dubartiin siinqeedhaan deemtu hin qoltu/hin dhabdu.


@sabakoofabdii
@sabakoofabdii
@seenagotootaoromonunlo
@seenagotootaoromonunlo
Akkamittiin kolfa?

Ilaamee yaa jamaa
Oromoon hundumtuu
Waaggarii qajeelaa
Oliiqaaf calqituu
Maammad abbaa fuggii
Qana'aaf mardaasaa
Qoyyaas abbaa kakuu
Jamaal abbaa fiixaa
Dunqujeef dirbaasaa

Ijoolleen abbichuu
Ijoolleen tuulamaa
Warri iluu abbaa booraa
Warri aggaaroof jimmaa
Ijoolleen maccaafii
Ijoolleen baabbilee
Ijoolleen booranaa
Ijoollonni jiillee

Ijoolleen ituudhaa
Hundi oromoollee
Hunduma keessanuu
Mee waa isin gaafadhuu?
naa deebisuu didduu?

Gorsanii deebisuu
Hin barsiisu jennaan
Wallaalaa oromoo
Kan barri raatesse
Yookaan isa doofaa
Itti uwwisu jennaan
Lammiin gonnaafatee
Aguuggatee moofaa
Oromoon inni tokko
Oromoo akkasaatti
Akkamittiin kolfaa🤔🤔?
@dera_zreal

@dinnee_didaa
@dinnee_didaa
@sabakoofabdii
@sabakoofabdii