#Waan dandeessu hojjedhu!

  #Wanti hundi  kan ta'uuf sababa qaba.  Wantoota jijjiiruu hin dandeenyeef hin dhiphatin!  Yoo akkas gochaa jirta ta'e qilleensa hordofaa jirta jechuudha.  Akkana taanaan  eessayyuu hin geessu.  #Yaa qomoo koo isa kaan dhiisii ​​of ilaali!  Waanti si fayyadu waa'ee egeree kee yaaduudha!

#Yeroo gaarii isiniif hawwina!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii
#Ofiif ta'i

#Namni ofiif hin taane eenyuufiyyuu hin ta'u. Kanaafidha namoonni bakka nuti ofiif kenninu ilaaluun kan nu  tuffatan ykn nu kabajan. Innuu of hin kabajnee akkamittan kabaja jedhanii yaadu.

#Obboleessa Kee qixusuu gorsuu dursa gorsa sana ati hojiitti hiikuu Kee mirkaneeffadhu. Yoo of hin jijjiirre nama kamuu jijjiiruu hin dandeenyu. #Jechoota Kuma caala waan qabatamaa tokkotu sammuu namaa keessatti hafa. #Ofiif gaafa taate namootaaf geessa.

#Yeroo Gaarii isiniif hawwina!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii
#Jechoota!

#Dubbiin afaan keenya keessaa bahu hundi gurra keenyatti dhihaata!  Waan namni nutti himu caalaa kan nutti dhihaatu, kan nu ijaaruu fi balleessus dubbii mataa keenyaati, kanaaf akkuma nyaata gaarii garaa keenyaaf filannu, dubbii gaarii gurra keenyaaf haa filannu!

#Yeroo gaarii isiniif hawwina πŸ™
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii
#Xiqqaa irraa jalqabi!

#Yeroo waan tokko jalqabdu miira baay'ee ajaa'iba ta'een jalqabda guyyoota muraasa booda immoo na gaha natti haa hafu jettee dhaabdee rakkattee beektaa? Namoota baay'ee dhimma  kanatu isaan  mudata!

  #Garuu maaliif akka ta'e hin beeku Mee iccitii tokkon isinitti  himuu?  Waan xiqqoo irraa eegalaa hamileen keessan  waan dhufeef gahumsa waan  qabdaniif waantota heddu yeroo tokko hin jalqabinaa! waanti suuta hojjetame firiin isaas suuta dabalaa deema.

Halkan gaarii isiniif hawwina!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Saayikoloojii
#Jabaadhuu itti fufi !

#Yeroo tokko tokko hiriyoota kee ykn namoota naannoo kee jiran hunda irraa duubatti hafuu kee hin jibbiin;  Fageenya dheeraa  gara fuulduraatti darbachuuf gara duubaatti tarkaanfachuun barbaachisaa waan ta’eef.

#Guutummaatti akka bilchaattuuf dhiqamaa jirta.  Hanga carraan sitti dhufutti carraaqqii kee hin dhaabiin!  Addunyaa kana irratti warri carrooman warra carraaqaniidha malee warra hawwan miti.

#Yeroo  eebbifamaa isiniif hawwina

@Saayikoloojii

#Join gochuun nu hordofaa
πŸ‘‰#Sababaaf uumamne!πŸ‘ˆ

#Lafa kana kan dhufne guutuuf malee lakkoofsaaf miti!  Tokkoon tokkoon keenya kaayyoo itti uumamne qabna, umriin keenya, sadarkaa beekumsaa kamiyyuu yoo qabaanne, waan galmaan gahuu dandeenyu qabna!

#Kanaaf nuti nama waan gaariin lafa guutuuf uumamne ta'uu keenya haa yaadannu.!

#Yeroo gaarii isiniif hawwinaπŸ™
                          πŸ‘‡
             πŸ‘‰ @Saayikoloojii πŸ‘ˆ
                            πŸ‘†
#Beekumsaaf banaa ta'i!

#Yeroo hundumaa dammaquuf qophaa’i;  Akka namaatti namni mudaa hin qabne(guutuun) hin jiru Kaleessa wanti beekna jennee yaadne har'a waan haaraa yeroo itti daballu sirumayyuu waanti baay'een akka nu hafu hubanna. #Yeroo mara dubbisuun guutuu nama taasisa.
#Namni dubbisu waan dubbatu hin dhabu jedhama mitiiree? Jechamni kun dhugaadha. Jechoonni afaan namoota yeroo mara  dubbisanii keessaa bahu damma caala mi'aawa akka aannanii nama qabbaneessa. Dandeettiin dubbatanii amansiisuu isaanii olaanaadha.

#Beekumsi dhuma hin qabu. Yeroo hunda barachuuf sammuu kee  banaa hammuma gootu carraa guddinaa of badhaasaa jirta!

#Yeroo gaarii isiniif hawwina

#namoota heddutti #share(qooduun) gochuun Chaanaalii keessan guddisaa!
               πŸ‘‡
πŸ‘‰ @Saayikoloojii πŸ‘ˆ
               πŸ‘†