Jechoota Saayikoloojii 🧠
202 subscribers
7 photos
11 links
Download Telegram
Biiroon Barnoota Oromiyaa bu'aa qormaata naannoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa bara 2016 beeksise.

Naannichatti qabxiin darbiinsa kutaa 8ffaa 50 fi isaa ol ta’uu waajjirichi beeksiseera.

Baadiyyaa naannichaa keessatti qabxiin darbiinsaa dhiirota 48 fi dubartoota 45 yommuu ta’u qabxiin darbiinsa barattoota qaama miidhamtootaa dhiiraaf 45, dubartootaaf 42 akka ta’e ibsameera.

Bu’aa kutaa 6ffaa ilaaluuf 👇
https://oromia6.ministry.et/#result

Bu’aa kutaa 8ffaa ilaaluuf 👇
https://oromia.ministry.et/#result

Karaa Teelegiraamaa ilaaluuf 👇
@emacs_ministry_result_qmt_bot

@saayikoloojii
Naannoo Oromiyaatti qabxiin qormaata  Kutaa 6ffaafi kutaa 8ffaa bara 2016 ifoome
-
Naannoo Oromiyaatti Qabxiin qormaata barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2016 har'a ifoomeera.

Barattootni kutaa 8ffaa fi 6ffaa qabxii isaanii karaa Kompitara ykn bilbila isaanii irraa  'Link' asii gaditti kenname keessa galuun fuula 'Home Result' jedhu argattu.
Fuula kanarratti  bakka lakkoofsa galmeefi  maqaa keessan kan jalqabaa galchuun dhumarratti 'check result' kan jedhu tuquun qabxii keessan beekuu ni dandeessu.
Kutaa 6ffaaf
https://oromia6.ministry.et/#result
Dabalataanis; telegraamii irratti . @emacs_ministry_result_qmt_bot 
- 'start' kan jedhu tuquun, itii aansee kutaa keessan filadhaa .
- itti aansuun Naannoo keessan filaa,
- itti aansuun lakkoofsa galmeefi maqaa keessan kan jalqabaa galchuun  qabxii keessan beekuu dandeessu.

Kutaa 8ffaaf
Liinkiin asii gaditti kenname kan qabxii kutaa 8ffaa ittiin ilaalludha.
https://oromia.ministry.et/#result
Dabalataan,  Telegraamii  irratti @emacs_ministry_result_qmt_bot 
- start' kan jedhu tuquun, itii aansee kutaa keessan filadhaa .
- itti aansuun Naannoo keessan filaa,
  - itti aansuun lakkoofsa galmeefi maqaa keessan kan jalqabaa galchuun  qabxii keessan beekuu dandeessu.
#Komii_yoo_qabaattan:
Barataan Komii Qabu Yoo Jiraate; Liinkii asii gaditti kenname keessa galuun komiisaa dhiheeffachuu ni danda'a.
Komiinis kan dhihaatu danda'u har'a irraa eegalee #guyyoota_hojii 10 keessatti qofa ta'a. 
Kutaa 6ffaaf https://oromia6.ministry.et/#/complaint
yoo ta'u,
Kutaa 8ffaaf immoo https://oromia.ministry.et/#/complaint
fuula 'form' irratti gosa barnootaa komii irratti dhiheeffattan filachuun iyyannoo dhiheeffachuu ni dandeessu.
Hubachiisa: Dursitanii App. VPA cufuu qabdu.

Qabxii darbiinsaa
Kutaa 8ffaa
#Dhiiraafi dubartii 50%fi ol yoo ta'u,
#Naannawa horsiisee bulaatiif
dhiiraaf 48% , dubartiif 45%fi ol
# Qaama miidhamtootaaf immoo,
dhiiraaf 45% , dubartiif 42 % fi ol ta'ee murtaa'eera.

Qabxii Manneen Barnootaa Bultii Addaa Galchanis fuulduratti kan ibsamu ta'a. Via BBO.
Jechoota Saayikoloojii 🧠 pinned «Naannoo Oromiyaatti qabxiin qormaata  Kutaa 6ffaafi kutaa 8ffaa bara 2016 ifoome - Naannoo Oromiyaatti Qabxiin qormaata barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2016 har'a ifoomeera. Barattootni kutaa 8ffaa fi 6ffaa qabxii isaanii karaa Kompitara ykn bilbila isaanii…»
➡️1. AARIIN MAALI?

Aariin miira mufachuu nama kamiyyuu mudachuu dandahudha. kun ammoo nama kamuu dhibee addaa akka waan qabuu isa hin taasisu. Haata’u malee aariin dhibee kan ta’u, to’annoon ol(osoo nuti hin to’atiin yoo nu to’atedha).

➡️2.MIIDHAAN ISAA MAALI?
A.maatii diiga
B.walitti dhufeenya namoota waliin qabnu laaffisa
C.rakkoo fayyaa fida. Fakkeenyaaf kan akka:
• dhukkuba onnee
• dhukkuba dhiibbaa dhiigaa 
• dhukkuba garaachaa
• dhiphachuu
• hirriba dhabuu
D.ilaalcha namootni nuuf qaban gadi hirdhisa
E.dirree hojii irratti bu’a dhabeessa nu taasisa.
F.ofitti amanamummaa keenya gadi buusa

➡️3.AKKAMIIN TO’ACHUU DANDEENYA?
A.Osoo gara tarkaanfii kamiittuu hin deemiin gaaffii armaan gadii of gaafadhu
• Maaltu na aarsaa jira?
• Waan kun waan nama aarsudhaa?
• Aariin kun fala rakkoo kanaa ta’uu danda’aa?
• Aarii kanarraa maalan fayyadama?
• Aariin kun miidhaa narraan gahaa?
• Akkamiin furmaata itti kennuun danda’a?
B.Daqiiqaa muraasaaf gocha ykn nama si aarse sana biraa adeemi
C.Lakkofsa 1 hanga 20 tti lakkaa’i.
D.Hafuura dadhabbii baafadhu(deep breath)
E.Ofitti dubbadhu”waa’ee waan kanaa itti yaaduun qaba” ofiin jedhi.
F.Hiriyyoota kee ykn namoota naannoo sana jiran waliin mari’adhu.
G.Bakka ija badee,ija balleessuun Addunyaa keenya jaamaa akka taasisu hubadhu.

Kanaafuu dhiifama gochuun nama hubataa si taasisuu isaa beeki!

Yeroo Gaarii Isiniif Hawwina!
   ⤵️⤵️⤵️

⤵️⤵️⤵️
@saayikoloojii

⤵️⤵️⤵️
@saayikoloojii
Jechoota Hayyoota Addunyaa
***👇
1.👉 Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu,kanneen itti fayyadaman beektota qofa.(Thomas Takias)
2.👉 sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i. (Jecha warra Ingilizii)
3.👉 Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama.(wiiliyaam sheekispir)
4. 👉Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha. (Maaksim Troobey)
5. 👉Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu.(William shekispir)

6.👉 Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru.(Jecha warra Morookoo)
7. 👉Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha.(Jecha warra Arabaa)
8.👉 Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha.(jecha warra chaayinaa)
9.👉 Daandii bakka yaadde si geessitu osuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin.(Jecha warra Ingilizii)
10.👉 Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha.Namni waan argachuu danda’u qofaa hawwummoo nama ogeessadha.(Jecha warra Aayilaandii)

11.👉 Namni dogoggorsasaa mul’isee himatu akka nama kosii manaa haruuti.(Maataammaa Gaandii)
12.👉 Nama tokko dogoggorasaarraa deebisuun hojii guddaadha.(Abirahaan Liinkan)
13.👉 Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu.(Abirahaam Liinkan) 14.👉 Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane,waanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna.(Rey Liiman Wiilber)
15.👉 Gammachuu fi shittoon walfakkaatu.Osuu namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu.(Maaliif Waaltoo Imarsan)

16.👉 √ Maalaqni nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu. √ Maalaqni qoricha malee fayyaa hin bitu. √ Maalaqni hordoftoota malee hiriyaa hin bitu. √ Maalaqni Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu. (Heenriik Ibsan)
17.👉 Namoonni hedduun abdii fuula duraa qaban abjootanii yeroo gammachuu abdiidhaan eeggatu. Garuu guyyaan har’aa guyyaa hundumaarra guyyaa addaati. Sababnisaa guyyaan har’aa harka kee keessa seentee jirti.(Charles Koltan)
18.👉 Har’i akka ta’etti yoo qabaatti siif galte malee Boris hin amanamtu. (Toomaas Diiriyes) 19) Waanti nuti sodaachuu qabnu sodaa qaofadha.(Franklin Ruzvelt)
20.👉 Baay’inni rifeensaa,baay’inni copha bokkaas, akkuma beekamuu hin dandeenye baay’inni rakkinaas sammuu nama mul’ataa xureessuu hin danda’u. Namni akkasii madaala jireenyasaatii ni eega.(Seeneka)

21.👉 Akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqifne akkasuma namnis yoo rakkinaan qoramee bahe malee addunyaatti mul’achuu hin danda’u.(Konfiishiyees)
22.👉 Sodaa kee of keessa dhokfadhu. Dhimma biraa garuu hiriyoota keetiin mari’adhu.(Robert Luis Stevens)
23.👉 Sammuun keenya qaamota keenyatti amanuu dhiisuuf aangoo qaba.(Andire Morwa) 24.👉 Namni namoota injifatu nama cimaadha. Namni ofiisaa injifatummoo nama hundumaa caala.(Laawoo 8ffaa)
25.👉 Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko qofa.Innis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha.(Kanan Frederik Furar)

26.👉 Miirri injifannoo kan madaalamu injifachuu qofaan osuu hin taane,yommuu kufanis tattaaffii gochuudhaan ni madaalama.(Oliver Gold Smiz)
27.👉 Irra deddeebi’anii yaaluun salphina miti.Carraa gaarii ta’uusaatu ittiin safarama.(Joorjii maatiyaas)
28.👉 Waanti nama beekamaa si taasisu waanta ta’uu barbaaddu taatee argamuudha.(Sokirates)
29.👉 Sammuun kee foddaa ati ittiin addunyaa kana ilaaltu waan ta’eef yeroo hundumaa banaa taasisi.(George Barnaad show)
30.👉 Namoonni dhukkubaan hin du’an, dhiphina keessa isaaniitiin malee… (wiiliyaam Muuldan)

31.👉 Yeroo hundumaa tarkaanfii tokko tarkaanfachuu yommuu yaaddu,gufuu tarkaanfii tokko si ittisuu danda’utu si dura dhaabbata.(Antuwan Tekov)
32.👉 Karaan ittiin gammachuu argatan tokkicha.Innis muddamaa fi sodaa human keenyaa olitti nutti dhufan jalaa miliquudha.(Monten)
33.👉 Namni tokko amaloota sadii(3) qaba. isaanis: √ Amala inni agarsiisu √ Amala inni qabuu fi √ Amala inni qaba jedhee yaadu. (Alfans Kar)

Yoo sinitti tolee share godha!

@saayikoloojii
Jechoota Saayikoloojii 🧠 pinned «Jechoota Hayyoota Addunyaa ***👇 1.👉 Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu,kanneen itti fayyadaman beektota qofa.(Thomas Takias) 2.👉 sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i. (Jecha warra Ingilizii) 3.👉 Ifa arguuf dukkana…»