GAAFFII QORUMSA XUMURA BARNOOTA SADARKAA GIDDU GALEESSAA (1ffaa) KUTAA 8ffaa BARA 2016β€οΈπŸ’šπŸ’πŸŒΉπŸŒ·
263 subscribers
17 photos
1 video
1 file
14 links
Gaaffii Hubachuun Walakkaa Deebi'iitiπŸ†
Download Telegram
06 QORUMSA BARNOOTA HAWAASAA KUTAA 8FFAA BARA 2016 06

1. Gaarren gurguddoon addunyaa kan akka Atlaasii, Alpisiifi Himaaliyaan sababa maaliin uumaman?
A. Kirkira lafaa C. Babbaqaqinsa lafaa
B. Dadacha'insa lafaa D. Dhoo'insa voolkaanoo
2. Naannoo gaarren gurguddoofi bantileetti sababni guddaan harama biyyee maali?
A. Humna bubbee C. Lolaa bishaanii
B. Dhiibbaa qilleensaa D. Cabbii sigigaatu
3. Naannoo lafa diriiraafi seensa laggeenitti teessumni lafaa kuufama biyyeefi cirracha irraa uumamu maal jedhama?
A. Baarkhaan C. Mansa
B. Kaaldeeraa D. Kireetarii
4. Baqqaana qilleensaa Tiroopoosfeerii keessatti olka'iinsi yoo dabalu teempreecharri maaliif xiqqaachaa deema?
A. Rukkinni qilleensaa dabalaa waan deemuufi
B. Qilleensi tiroopoosfeerii kan biroo irra haphii waan ta'eefi
C. Maddi hoo'aa lafa waan ta'eefi
D. Biiftuutti dhiyaatee waan argamuufi
5. Gaasonni qabee isaanitiin guddaa irraa gara xiqqaatti sirriitti kan tarreeffaman filannoo kam irratti?
A. Oksijiinii, Naaytroojiinii fi Argoonii
B. Naaytroojiinii, Oksijiinii fi Argoonii
C. Argoonii, Oksijiinii fi Naaytroojiinii
D. Oksijiinii, Argoonii fi Naaytroojiinii
6. Baqqaanota qilleensa marsaa lafaa keessaa hunda irra qabee gaasotaatiin rukkina guddaa kan qabu kami?
A. Istiraatoosfeerii C. Tiroopoosfeerii
B. Meesoosfeerii D. Termoosfeerii
7. Namni Adaamaa irraa Finfinnee deeme tokko qabbanni itti dhagahama. Himni kun dhimma Finfinneefi Adaamaa maal ibsa?
A. Rooba C. Teempreechara
B. Duumessa D. Dhiibbaa qilleensaa
8. Akkuma olka'iinsi lafaa dabalaa deemuun kuufamni gaasota hoo'a addunyaa dabalanii hir'achaa deema. Haalli kun maaliif sababa ta'a?
A. Hoo'i dabalaa deemuu
B. Dabaluu dhiibbaa qilleensaa
C. Uwwisni biqiltootaa hir'achuu
D. Hoo'i xiqqaachaa deemuu
9. Biyya keenyatti waqtiin bonaa gogaafi qabbanaa'aa kan ta'uuf maalifi?
A. Biiftun hemiisfeera kaabaatti waan argamtuufi
B. Biiftun hemiisfeera kibbaatti waan argamtuufi
C. Bubbeen kaaba bahaa ho'a waan fiduufi
D. Uwwisni duumessaa olaanaa waan ta'eefi
10. Ibsituu aadaa ummata naannoo tokkoo keessaa tokko kan ta'e kami?
A. Siyaasa C. Afaan
B. Daldala D. Miidiyaa
11. Biyya keenya keessa ummattoota afaan, amantiifi haala jireenyaa adda addaa qabanitu jiraatu. Jechi kun gabaabbatee yoo ibsamu kam bakka bu'a?
A. Biyya ummattoota aadaa garaagaraa qaban ta'uu
B. Biyya ummata lakkofsa guddaa
C. Biyya waliin jireenyi ummattoota walxaxaa ta'e
D. Ummata haalli jireenyaa duubatti hafaa ta'e
12. Yeroo ammaa addunyaa ganda tokko kan taasise maali?
A. Walitti siquu ardilee
B. Babal'achuu magaalotaa
C. Addunyaan siyaasan tokko ta'uu
D. Tamsaa'ina beekumsaafi odeeffannoo
13. Adeemsi qabeenya uumamaa fayyadamuun omisha omishuu sochii dinagdee kami?
A. Sadarkaa 2ffaa C. Sadarkaa 4ffaa
B. Sadarkaa 3ffaa D. Sadarkaa 1ffaa
14. Sochii dinagdee tajaajila kennuun beekamu isa kami?
A. Sochii dinagdee sadarkaa 2ffaa
B. Sochii dinagdee sadarkaa 3ffaa
C. Sochii dinagdee sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa
D. Sochii dinagdee sadarkaa 1ffaa
15. Yeroo ammaa ummanni addunyaa lakkoofsi guddaan (67%) ta'u hojii kamiin jiraata?
A. Qonna. C. Hojii bosonaa
B. Tuuriizimii. D. Warshaan omishuu
16. Bu'aawwan daldalaa keessaa tokko kan ta'e kami?
A. Aadaa hojii qancarsa
B. Qabeenyi niqisaasa'a
C. Guddinni magaalotaa nisaffisa
D. Sababa walitti bu'iinsati
17. Daldalli Naqamteefi Jimma gidduutti gaggeeffamu gosa daldalaa maal jedhama?
A. Daldala biyya keessaa C. Baartariingi
B. Daldala biyya alaa D. Invastimentii
18. Wal dorgommii gabaatiif gufuu kan ta'u kami?
A. Meeshaaleen qulqullina qabaachuu
B. Ummanni odeeffannoo gahaa argachuu
C. Gatii kan murteessu gabaa ta'uu
D. Meeshaaleen adda adda ta'uu
19. Buusii akka dirqamaatti mootummaan labsamu ta'ee kan lammiileen biyya sana keessa jiran galii argatan irraa kaffalan maal jedhama?
A. Galii C. Gibira
B. Daldala alaa D. Kaffaltii beenyaa
20. Itoophiyaa keessatti gibirri ammayyaa kan eegale bara kami?
A. Mootummaa Dargii
B. Mootii H/Sillaasee
C. Mootii Tewoodiroos
D. Mootii Minilik
----////-----////CARRAA GAARII ISINIIF HAA TA'U INSHA ALLAHA
❀7πŸ‘3πŸ‘2πŸŽ„1
🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀
πŸ”₯5❀3
Gaaffii Beekumsa Walii Gala/General KnowlagdeπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•Š

1. Gaarreen gurguddoon Aafrika sababa gadsigigaachu lafaatiin uumaman keessaa tokko kan ta'e kami?
A.Kilimanjaaro
B. Ras dashen
C. Tullu diimtu
D. Ru'anzoori
2. Baakteeri'aan hangam takkati wal hora ?
A. Guyyaa 1 fi 2 jiddutti wal hora
B. Sa'a 2:50tti wal hora
C. Daqiiqaa 20 hanga 30tti wal hora
D. A fi B deebidha
3. Adeemsa kallattiin qaamni wal_dhabe lamaan waliin mari'aachuun walitti bu'iinsa isaanii karaa nagaa ta'een hiikataniidha.
A. ILAAF_ILAAMEE
B. JARSUMMAA
C. MANGUDDUMMAA
D. ADEEMSA FALMII MANA MURTII
❀7πŸ₯°2πŸ‘1πŸ•Š1