GAAFFII QORUMSA XUMURA BARNOOTA SADARKAA GIDDU GALEESSAA (1ffaa) KUTAA 8ffaa BARA 2016β€οΈπŸ’šπŸ’πŸŒΉπŸŒ·
263 subscribers
17 photos
1 video
1 file
14 links
Gaaffii Hubachuun Walakkaa Deebi'iitiπŸ†
Download Telegram
06 QORUMSA BARNOOTA HAWAASAA KUTAA 8FFAA BARA 2016 06

1. Gaarren gurguddoon addunyaa kan akka Atlaasii, Alpisiifi Himaaliyaan sababa maaliin uumaman?
A. Kirkira lafaa C. Babbaqaqinsa lafaa
B. Dadacha'insa lafaa D. Dhoo'insa voolkaanoo
2. Naannoo gaarren gurguddoofi bantileetti sababni guddaan harama biyyee maali?
A. Humna bubbee C. Lolaa bishaanii
B. Dhiibbaa qilleensaa D. Cabbii sigigaatu
3. Naannoo lafa diriiraafi seensa laggeenitti teessumni lafaa kuufama biyyeefi cirracha irraa uumamu maal jedhama?
A. Baarkhaan C. Mansa
B. Kaaldeeraa D. Kireetarii
4. Baqqaana qilleensaa Tiroopoosfeerii keessatti olka'iinsi yoo dabalu teempreecharri maaliif xiqqaachaa deema?
A. Rukkinni qilleensaa dabalaa waan deemuufi
B. Qilleensi tiroopoosfeerii kan biroo irra haphii waan ta'eefi
C. Maddi hoo'aa lafa waan ta'eefi
D. Biiftuutti dhiyaatee waan argamuufi
5. Gaasonni qabee isaanitiin guddaa irraa gara xiqqaatti sirriitti kan tarreeffaman filannoo kam irratti?
A. Oksijiinii, Naaytroojiinii fi Argoonii
B. Naaytroojiinii, Oksijiinii fi Argoonii
C. Argoonii, Oksijiinii fi Naaytroojiinii
D. Oksijiinii, Argoonii fi Naaytroojiinii
6. Baqqaanota qilleensa marsaa lafaa keessaa hunda irra qabee gaasotaatiin rukkina guddaa kan qabu kami?
A. Istiraatoosfeerii C. Tiroopoosfeerii
B. Meesoosfeerii D. Termoosfeerii
7. Namni Adaamaa irraa Finfinnee deeme tokko qabbanni itti dhagahama. Himni kun dhimma Finfinneefi Adaamaa maal ibsa?
A. Rooba C. Teempreechara
B. Duumessa D. Dhiibbaa qilleensaa
8. Akkuma olka'iinsi lafaa dabalaa deemuun kuufamni gaasota hoo'a addunyaa dabalanii hir'achaa deema. Haalli kun maaliif sababa ta'a?
A. Hoo'i dabalaa deemuu
B. Dabaluu dhiibbaa qilleensaa
C. Uwwisni biqiltootaa hir'achuu
D. Hoo'i xiqqaachaa deemuu
9. Biyya keenyatti waqtiin bonaa gogaafi qabbanaa'aa kan ta'uuf maalifi?
A. Biiftun hemiisfeera kaabaatti waan argamtuufi
B. Biiftun hemiisfeera kibbaatti waan argamtuufi
C. Bubbeen kaaba bahaa ho'a waan fiduufi
D. Uwwisni duumessaa olaanaa waan ta'eefi
10. Ibsituu aadaa ummata naannoo tokkoo keessaa tokko kan ta'e kami?
A. Siyaasa C. Afaan
B. Daldala D. Miidiyaa
11. Biyya keenya keessa ummattoota afaan, amantiifi haala jireenyaa adda addaa qabanitu jiraatu. Jechi kun gabaabbatee yoo ibsamu kam bakka bu'a?
A. Biyya ummattoota aadaa garaagaraa qaban ta'uu
B. Biyya ummata lakkofsa guddaa
C. Biyya waliin jireenyi ummattoota walxaxaa ta'e
D. Ummata haalli jireenyaa duubatti hafaa ta'e
12. Yeroo ammaa addunyaa ganda tokko kan taasise maali?
A. Walitti siquu ardilee
B. Babal'achuu magaalotaa
C. Addunyaan siyaasan tokko ta'uu
D. Tamsaa'ina beekumsaafi odeeffannoo
13. Adeemsi qabeenya uumamaa fayyadamuun omisha omishuu sochii dinagdee kami?
A. Sadarkaa 2ffaa C. Sadarkaa 4ffaa
B. Sadarkaa 3ffaa D. Sadarkaa 1ffaa
14. Sochii dinagdee tajaajila kennuun beekamu isa kami?
A. Sochii dinagdee sadarkaa 2ffaa
B. Sochii dinagdee sadarkaa 3ffaa
C. Sochii dinagdee sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa
D. Sochii dinagdee sadarkaa 1ffaa
15. Yeroo ammaa ummanni addunyaa lakkoofsi guddaan (67%) ta'u hojii kamiin jiraata?
A. Qonna. C. Hojii bosonaa
B. Tuuriizimii. D. Warshaan omishuu
16. Bu'aawwan daldalaa keessaa tokko kan ta'e kami?
A. Aadaa hojii qancarsa
B. Qabeenyi niqisaasa'a
C. Guddinni magaalotaa nisaffisa
D. Sababa walitti bu'iinsati
17. Daldalli Naqamteefi Jimma gidduutti gaggeeffamu gosa daldalaa maal jedhama?
A. Daldala biyya keessaa C. Baartariingi
B. Daldala biyya alaa D. Invastimentii
18. Wal dorgommii gabaatiif gufuu kan ta'u kami?
A. Meeshaaleen qulqullina qabaachuu
B. Ummanni odeeffannoo gahaa argachuu
C. Gatii kan murteessu gabaa ta'uu
D. Meeshaaleen adda adda ta'uu
19. Buusii akka dirqamaatti mootummaan labsamu ta'ee kan lammiileen biyya sana keessa jiran galii argatan irraa kaffalan maal jedhama?
A. Galii C. Gibira
B. Daldala alaa D. Kaffaltii beenyaa
20. Itoophiyaa keessatti gibirri ammayyaa kan eegale bara kami?
A. Mootummaa Dargii
B. Mootii H/Sillaasee
C. Mootii Tewoodiroos
D. Mootii Minilik
----////-----////CARRAA GAARII ISINIIF HAA TA'U INSHA ALLAHA
❀7πŸ‘3πŸ‘2πŸŽ„1
🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀
πŸ”₯5❀3
Gaaffii Beekumsa Walii Gala/General KnowlagdeπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•Š

1. Gaarreen gurguddoon Aafrika sababa gadsigigaachu lafaatiin uumaman keessaa tokko kan ta'e kami?
A.Kilimanjaaro
B. Ras dashen
C. Tullu diimtu
D. Ru'anzoori
2. Baakteeri'aan hangam takkati wal hora ?
A. Guyyaa 1 fi 2 jiddutti wal hora
B. Sa'a 2:50tti wal hora
C. Daqiiqaa 20 hanga 30tti wal hora
D. A fi B deebidha
3. Adeemsa kallattiin qaamni wal_dhabe lamaan waliin mari'aachuun walitti bu'iinsa isaanii karaa nagaa ta'een hiikataniidha.
A. ILAAF_ILAAMEE
B. JARSUMMAA
C. MANGUDDUMMAA
D. ADEEMSA FALMII MANA MURTII
❀7πŸ₯°2πŸ‘1πŸ•Š1
06 QORUMSA BARNOOTA HAWAASAA KUTAA 8FFAA BARA 2016 06

21. Guddina biyyaa walitti fufaa mirkaneessuuf kan raawwatamuu qaban keessaa tokko kan ta'e kami?
A. Qabeenya sirnaan fayyadamuu
B. Qabeenya humnaa ol fayyadamuu
C. Lakkoofsa ummataa dabaluu
D. Omisha gara biyyaa galan dabaluu
22. Wantoota itti fayyadama qabeenyaa irratti dhiibbaa uuman keessaa adda kan ta'e kami?
A. Aadaa hojii C. Teeknooloojii
B. Qilleensa baramaa D. Kaappitaala
23. Fedhiin dhiyeessii yoo caale rakkoon uumamuu danda'u maal ta'a?
A. Jireenyi ummataa fooyya'aa deema
B. Galiin dhuunfaafi biyyaa niguddata
C. Carraan hojii nibabaldhataa
D. Umriin jireenyaa nigabaabbata
24. Bosona kunuunsudhaan bu'aa argamu keessaa tokko kami?
A. Gabateen bishaan lafa jalaa xiqqaachuu
B. Haramni biyyee dabaluu
C. Kuufamni bishaan fuula lafaa dabaluu
D. Hongeefi beelli babal'achuu
25. Biyya keenyatti daagaa hojjechuun beekamtii "UNESCO" irraa kan argate hawaasa_ti.
A. Koonsoo C. Guraage
B. Affaar D. Sumaalee
26. Miidhaa qabeeny uumamaa kunuunsuu dhabuu irraa dhufu kami?
A. Hir'achuu faalama qabeenyaa
B. Galiin biyyaa dachaan dabaluu
C. Hanqina bishan qulqulluu
D. Dabaluu omishtummaa
27. Horsiisee bulaan daangaa waliin qooddatan lafa margaa akkamitti fayyadamuu qabu?
A. Laafa margaa fayyadamuu dhiisuu
B. Qusannaafi waliigalteen fayyadamuu
C. Kan lakkoofsa guddaa akka fayyadamu eyyamuu
D. Qabeenya jiru duguuganii fayyadamuu
28. Kanneen armaan gadii keessaa kam yoo kununsine biyyeefi bishaan kunuunsuu dandeenya ?
A. Bosona C. Bineensota
B. Ifa aduu D. Albuudota
29. Jaarraa 16ffaafi 17ffaa keessa Ameerikaa kibbaa to'achuun ol'aantummaa siyaasaafi dinagdee kan argatan biyyoota kami?
A. Ingiliizifi Jarman C. Raashiyaafi Ameerikaa
B. Faransaayfi Xaaliyaanii. D. Ispeeniifi Poorchugaal
30. Xiyyeeffannaan yaadota haaraa baroota durii maal ture?
A. Qarooma durii irra deebi'uun gadi fageenyan qorachuu
B. Qarooma durii haaran bakka buusuu
C. Amantiiwwwan durii haaraatti jijjiiruu
D. Sababeessun ala beekumsa haaraa fudhachuu
31. Sababni ka'umsa sochii haaromsaa maal ture?
A. Hanqina midhaan nyaataa Awurooppaa muudate
B. Safuu eeguu dhiisuu gageessitoota amantii kaatoliikii
C. Koloneeffattoota irratti mormii Awurooppaanotaa
D. Daangeffamuu aangoo amantii kaatoliikii
32. Warraqsi induustirii yeroo jalqabaaf essatti mul'ate?
A. Ameerikaa C. Ingiliiz
B. Jaappaan D. Chaaynaa
33. Bu'aan warraaqsa induustirii maali?
A. Godaansi baadiyyaa gara magaalaa hir'achuu
B. Humni namaa maashinootan bakka bu'uu
C. Faalmni qilleensaa miidhaa fiduu eegaluu
D. Biyyoonni Afrikaa sirna kolonii jala galu
34. Waraana Addunyaa 1ffaan booda waraanni biroo akka hin uumamne fala yeroof kaa'ame keessaa tokko maal ture?
A. Liigii mootummoota addunyaa hundeessuu
B. Meeshaa waraanaa omishuu dhiisuu
C. Biyyoota sirna siyaasaa tokkotti fiduu
D. Biyyoota Afrikaa kolonii jala akka turan gochuu
35. Sababni bu'uuraa ka'umsa waraana addunyaa 2ffaa maal ture?
A. Faashistummaa fi naazistummaan cimaa dhufuu
B. Ajjeechaa Firaansis Fardinaandiifi haadha warraa isaa
C. Babaldhachuu sirna sooshaaliizimii
D. Raashiyaan Ameerikaa Irratti waraana banuu
36. Waraana addunyaa 2ffaan booda Raashiyaafi Ameerikaan olaantummaa argachuun isaanii maaliif ka'umsa ta'e?
A. Waraana addunyaa 3ffaa
B. Warraqsa induustirii
C. Waraana ololaa
D. Jalqabuu yaada haaraa
37. Taateewwan Waraana Addunyaa 2ffaa keessaa tokko kan ta'e kami?.
A. Guddina dinagdee addunyaa.
B. Diigamuu sirna koloneeffannaa
C. Hundeeffamuu liigii mootummootaa
D. Michummaan Raashiyaafi Ameerikaa cimuu
38. Miidhaa waraana ololaa keessaa tokko kan ta'e kami?
A. Lubbuun namoota heddu baduu
B. Addunyaa siyaasa tokkootti dhufuu
C. Biyyoonni Afrikaa heddu bilisoomuu
D. Kooriyaan lamatti qoodamtee hafuu
39. Sirni daldala garbaa kan balaaleffamu keessaa tokko maaliini?
A. Mirgi dhala namaa sarbamuu
B. Hojii dhabdummaan hir'achuu
C. Lakkoofsi ummataa dabaluu
D. Qabeenyi uumamaa manca'uu
40. Bu'uurri sochii faallaa daldala garbaa maaliin walqabata?
A. Daldalli garbaa cimee itti fufuu
B. Warraaqsa induustirii
-------->>>
❀6πŸ”₯1πŸ‘1
06 QORUMSA BARNOOTA HAWAASAA KUTAA 8 FFAA BARA 2016 06

C. Daandiin daldala garbaa cufamuu
D. Waraanni addunyaa 2ffaan eegaluu
41. Qabsoo ummanni Afrikaa sirna kolonii irratti gaggeesse keeessaa kan milkaa'e ummata___ qofa.
A. Seenegaal C. Gaanaa
B. Itoophiyaa D. Naayjeeriyaa
42. Bu'uurri rakkoolee daangafi walitti bu'iinsa biyyoota Afrikaa amma jiruu maali?
A. Sirna kolonii C. Guddina dinagdee
B. Garaagarummaa addaa D. Fedhii walitti makamuu
43. Afrikaanonni lammii Amerikaa mirga ummata gurraachaa kabachiisuuf dhaabbanni hundeessan maal jedhama?
A. Dhabbata gargaarsa Ameerikaa (USAID)
B. Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa (Dh. T. A)
C. Dhaabbata misooma kibba Afrikaa(SADC)
D. Paan-Afrikaan
44. Yaadni jalqabaa hundeeffama walta'iinsa mootummoota gaanfa Afrikaa misoomaaf (IGADD) maal ture?
A. Dursi misooma baha Afrikaa
B. Olaantummaa biyyoota Afrikaa
C. Sirna Koloneeffannaa deeggaru
D. Humna waraanaa ijaarufi cimsuu
45. Mootummaan ammayyaa Itoophiyaa hundeeffamuu kan eegale bara mootii kamitti?
A. Minilik II C. Teewoodiroos II
B. H/Sillaasee D. Yohaanniis IV
46. Weerartoota Suudaan, Misiriifi Xaaliyaanii erga falmaa tureen booda matammaa irratti loltoota Suudaaniin kan ajjeefame eenyu?
A. Teewoodiroos II C. Minilik II
B. H/Sillaasee D. Yohaanniis IV
47. Mala Minilik II mootummaa ammayyaa Itoophiyaa hundeessuuf fayyadame keessaa tokko maal ture ?
A. Hariiroo fuudhafi heeruma raawwachuu
B. Humna waraanaa Xaaliyaanitti fayyadamuu
C. Aangoo mootummoota naannoleetiif qooduu
D. Biyyattii naannoleetti qooduu
48. Wiirtun daldala daandii dheeraa daangaa kaaba dhiha Itoophiyaatti argamu kam ture?
A. Mitsiwwaa C. Adawaa
B. Matammaa D. Gondar
49. Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif hariiroo michummaa biyya alaa waliin mallatteessite bara mootii _tti.
A. Teewoodiroos II C. Yoohaannis IV
B. Minilik II D. H/Sillaasee
50. Bara durii irraa eegalee hariiroo Itoophiyaan biyyoota addunyaa waliin qabaachuu ragaan ibsu kami?
A. Mirgoota lammilee kabachiisuu
B. Sirna koloneeffannaa ofirraa qolachuu
C. Miseensa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (UNO) ta'uu
D. Qabeenya uumamaa kunuunsun jijjiirama qilleensaa too'achuu
51. Sababni weerartoonni yeroo adda addaa Itoophiyaa qabachuuf yaalanii hinmilkoofneef maali?
A. Meeshaa waraanaa ammayyaa waan qabduufi
B. Tokkummaan sabootaafi sablammootaa jiraachuu
C. Lakkoofsi ummataa guddaa ta'uu
D. Iddoo istraateejikaalawaa ta'etti argamuu
52. Bara 1848 dirree waraanaa Dabaarqi, bara 1875 Gundati akkasumas, bara 1876 Guraa irratti Itoophyaadhaan biyyi moo'amte kami?
A. Suudaan. C. Somaaliyaa
B. Xaaliyaanii. (D.) Misir
53. Barri Itoophiyaanonni Adawaa irratti Xaaliyaanoota moo'atan kami?
A. 1896 ( C.) 1996
B. 1889 D. 1756
54. Yeroo weerara Somaaliyaa biyyi cinaa Itoophiyaa dhaabbachuun gargaarte_dha.
A. Ameerikaa C. Jibuutii
B. Keeniyaa D. Kuubaa
55. Jijjiiramni qilleensaa maalii ?
A. Haalonni qilleensaa haaran yeroo gabaabaaf umamuu
B. Haalonni qilleensaa haaran yeroo dheeraaf umamuu
C. Dabaluu teempreecharaa
D. Hir'achuu roobaa
56. Hoo'a qilleensa naannoo lafaa dabaluu keessatti kamtu gahee guddaa qaba?
A. Oksijiiniifi naaytiroojiinii C. Sochii ardiilee
B. Argonii fi oksijiinii D. Gaazota giriin haawusii
57. Maddoota anniisaa ofhaaromsaniin fayyadamuun bu'aa maalii qaba?
A. Miidhaan lolaan dhufu nidabala
B. Gaazonni giriin haawusii nihir'atu
C. Bakka hundatti waan Argamaniifi
D. Jijjiiramni qilleensaa nisaffisa
58. Sagantaa bara baraan biqiltuu dhaabuu(gumii magariisaa) bu'aa maalii qaba?
A. Hoo'a addunyaa dabala
B. Gammoojjummaa babaldhisa
C. Jijjiirama qilleensaa hir'isa
D. Gaazota giriin haawusii baay'isa
59. Sababa hanqina bishaan qulqulluu hintaane kami?
A. Dabaluu hoo'a addunyaa C. Bishaan seeran fayyadamuu
B. Faalama bishaanii D. Saffisaan dabaluu ummataa
60. Kunuunsa naannotiif taasifamu keessatti namoota maal dalagan dinqisiifatta?
A. Itti fayyadama qabeenya uumamaa dacheen kan guddisan
B. Qabeenya uumamaa itti fayyadamuu dhiisaan
C. Kan isaan fayyadan qofa kan kunuunsan-----
❀9πŸ‘4πŸ”₯1πŸ₯°1
1🎀🎀🎀🎀🎀🎀2🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀3🎀557🎀🎀00🎀4🎀🎀🎀8🎀🎀🎀🎀78🎀🎀🎀🎀9πŸŽ€πŸŽ€πŸŽ€πŸŽ€πŸŽ€πŸŽ€πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸ’“πŸŽ€πŸŽ€πŸŽ€πŸ’“πŸ’™πŸ’™πŸ’™πŸ’™πŸ’“πŸ’–β€οΈπŸ˜‰πŸ’‹πŸ’‹πŸ’–πŸ’–β€οΈβ€οΈβ€οΈπŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸ’‹πŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ’πŸ’™πŸ«ΆπŸŒΉπŸŒΉπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ’•πŸ’•πŸ’•πŸ’•πŸ’•πŸ’•πŸ’•πŸ’•πŸ’•πŸ’•πŸ’–πŸ’–πŸ’–πŸ’–πŸ’–πŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ’™πŸ’™πŸ’™πŸ’™πŸ’™πŸ’™πŸ’™πŸ’™πŸ’™πŸ’™πŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•Š
πŸ‘2❀1
αŒ€α‰£α‹³αˆƒ ቆዓዳ ባαˆͺ α‰£αˆ« ሚልαŠͺ αŠ’αˆ²αŠ’α αˆƒ α‰³αŠ‘ πŸ’ͺπŸ’š
❀2πŸ”₯2