Galmee Seenaa Qulqulloota!
2.7K subscribers
50 photos
2 files
64 links
" Dhagaadhaan in rukutaman, iddoo lamatti in baqaqfaman, billaadhaan in ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiis re'ootaa uffatanii asii fi achi in deddeebifaman, waan isaan barbaachisu in dhaban, in rakkifaman, in miidhaman."
Ibroota 11: 37
Download Telegram
Forwarded from #Belina #Melaku
Yaa'ii Mooraa Gondar
R.Hos. 6:1 "Kottaa Gara Waaqayyootti Deebinaa"!!!
https://t.me/IjoolleeOrtodoxTewahido
Forwarded from Qabsuura Abbootii (#Baliye #Melaku)
🍷 Onkololeessa 25 Guyyaa Itti Abbaan Bullaa / Habiib Itti Boqotanii dha.

πŸ…Ύ Abbaan Bullaa maqaan isaanii kan biroon Habiibi jedhama. Bullaa jechuun firii amantii jechuudha.

🍸Abbaan isaanii Abirama harmeen isaanii Harkii jedhamu. Dhala dhabanii yeroo dheeraa turan. Gaaf tokko ergamaan waaqayyoo itti mul’atee firii bilchaata tokko fidee laateef. Gaafuma sana mucichi gadameessa isheetti hafe. Gaafa mucaan kun dhalatu muka guddaa balbala mana isaanii duraa jiru baala isaa irratti "Bullaan garbicha Waaqayyooti" kan jedhu afaan warra Laatiniin barreeffamee argame. Utuu wanta kana ajaa'ibsiifatanii gaafachiisa, nama itti qorachaa waggaa tokko taa'an. Dhuma irrattis Giiftii Maariyaamiin Phaaphaasii biyyichaatti mul'attee " Balbala mana isaanii Mallattoo kanatu jira, maqaa isaa Bullaa jedhii itti moggaasi"! Jetteen. Mucaan kun gaafa cuuphaa isaatii "Abbaan Qulqulluu, Ilmi Qulqulluu, Hafuurri Qulqulluun Qulqulluu dha" jedhee galateeffateera. Abbaa fi harmeen isaa mucummaa isaan irraa du'an.

βœ” Umurii waggaa 10ffaa isaatti yeroo " Waaqa tolfamaaf sagadi! " ittiin jedhan diduu isaa irraa kan ka'ee utuu garaa hin laafiin muka irratti waqaranii ajjeessan.

βœ” Q/ Mikaa'eliin waaqa irraa ergamee dhufee ulee isaan xuqee fayyiseera. Yeroo biraa ammas Sadaasa (Hidar) 18 qaraan rukutanii ajjeessaniiru. Q/ Mikaa'eliin kaasee uffata monoksummaa itti uffisee gara bosonaatti geesse. Bosona sana keessatti qabsoo guddaan jiraatanii umuriin ijoollee haa ta'an malee hojii afuuraa qulqulluutiin badhaadhanii maanguddoo irras ni caalu. Foon isaanii dadhabsiisuudhaan waan isaan hin goone hin jiru. Gooftaan Iyyesuus mul’atee Habiibi jedhee itti moggaase. Habiibi jechuun abbaa hundumaa jechuu dha. Kana booda dhukkuba gooftaa yaadachuudhaan waggaa 40 midhaanii fi bishaan afaaniin osoo hin qabin jiraatanii hafuura waaqayyootiin waggaa kudha lamaa fi ji'a ja'a guutuu mataa isaaniin dhaabbatanii boo'an. Dhuma irratti onkololeessa 25tti muka waqaraanii of jala dhaabanii irratti kufanii du'an. Giiftiin Maariyaamiin ergamoota wajjin dhuftee " Yaa jaalallee koo Habiibi nagaan siif haa ta’uu! " jette. Reeffii isaa ka'ee " Yaa mootittii waaqaa fi lafaa galatni siif haa ta’uu! " jedhee deebiseef.

βœ” Gooftaan du'a keessaa kaasee waadaa seeneef. Waadaan inni seeneefis baay'ee kan nama ajaa’ibuu dha. Innis, yeroo buddeena nyaatanii xumuranii eebbisan yaa waaqa Abune Habiibi jechuudhaan si'a sadii kan fudhatamuuf waada isaaniif kennameedha. Kana jedhee maqaa kee kan yaadatee "Hanga dhaloota kudhaniitti siin fayyisa!" Jedheen.

Eebbi isaanii hunda keenyarra hanga bara baraatti haa jiraatu. Ameen.


@Qulqulloota @Qulqulloota
@Qulqulloota @Qulqulloota
@Qulqulloota @Qulqulloota
@Qulqulloota
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
🌹BAGA GEESSAN!🌹

AYYAANA YAADANNOO FAYYISA ADDUNYAA MEDAANALI'EEM NAGAAN GEESSAN!


Onkololeessa 27 Guyyaa Itti abbaa Takilee Maariyaam boqotanii dha.


Eebbi isaanii hunda keenya waliin haa jiraatu.
πŸ“΅ Hubannoodhaaf dubbisiπŸ“΅

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuuraa Qulqulluu Waaqayyoo Tokko. Ameen


Maatiiwwan waaqayyoo nagaa waaqayyoon nagaan isin gaafadhaa akkam jirtu? Durboo Maariyaam galanni haa ta’uu. Ameen.
Waaqayyoo isaa nagaa nuu kenneef galanni haa ta’uu. Ameen.


Egaan har'a yaada xiqqoo tokko qabadhee isiniif dhiyaadheera.

Yaadni koos chaannalii keenya kana irraa waa xiqqoo ishee akka barataa jirtan abdiin qaba.

Haa ta’uu malee garuu yaada fi qeeqaa member / hirmaatoota keenya waanan barbaadeef yaada naaf laadhaa.

⚠Hubachiisa:
1. Galataa fi Galatoomii hin barbaaddu.
2. Qeeqaa fi yaada naan barbaada.
3. Hanqinaa fi dadhabina natti hima.
4. Enyummaa fi maalummaa koo baruu warri barbaadan gaafa waaqayyoo jedhee ofiin ibsa. Kanaafuu akka naan gaafanne.
6. Telegramii irratti Koorsii barachuu warri barbaadan inbox na qunnamuu dandeessuu.
8. Yaada yeroo naaf barreessitan karaa group hin barreesina karaa inbox naaf barreessa.
7. Walumaagalatti gala Wantootni isin haasa'uu qabdani Waa'ee tajajilaa fi barumsaa qofa dha.

Oddeeffanno argachuu barbaadaniif:-

@Baliye @Baliye @Baliye
@Baliye @Baliye @Baliye
"Bara itti namni nama ta’uu dhabamee; ati moo nama ta'i argamii"

"Yaa mucaa koo nama ta'i"


Waaqayyoof galanni haa ta’uu.
Galmee Seenaa Qulqulloota!
" Dhagaadhaan in rukutaman, iddoo lamatti in baqaqfaman, billaadhaan in ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiis re'ootaa uffatanii asii fi achi in deddeebifaman, waan isaan barbaachisu in dhaban, in rakkifaman, in miidhaman."
Ibroota 11: 37
https://t.me/Qulqulloota
Forwarded from Qabsuura Abbootii (#Baliye #Melaku)
Qabsuura Abbootii
" Warri akka fedha fooniitti jiraatan,Waaqayyoon garaa ciibsuu hin danda'an. "
Rome 8: 8
"Seexanni Abdii hin qabu Garuu Abdii hin kutattu", Dhallii Nama Abdii qaba Garuu Abdii kutata"
@Baliye_bot
@Baliye
https://t.me/abbootii
Forwarded from Dn Firaol Promotion via @Firaol_bot
✝Beeksisa chaanaalota afuuraa kan Dn Firaol✝

πŸ”°Faaruu Daawit irraaπŸ”°
πŸ‹ Waaqa Abboolii Kootii
🍏 Jaalalli Kee
🍐 Kottu Kottu
πŸ‡ Buhee jedhaa
🍎 Latiin jirma qaba
🍍 Tawaahidoo keessattan uumame
😱 Lakkoofsota Giizii hamma miiliyoona 100'tti - Dn Firaa'oliin

πŸ“Chaanaalii Yuutiyuubii kan Faaruu Daawit jedhu #Subscribe gochuun deggaraa.

πŸ“Beeksisa chaanaalota afuuraa galmaa'uuf - Dn Firaol

πŸ“’Chaanaalota afuuraa kanneen afaan Oromoon uummata tajaajilaa jiran kana join taasisaaπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Forwarded from #Belina #Melaku
Yeroo ji'ootni abaaboo darban; Galataa kee hin dhumneen, osoon sii galateeffadhu, dhaabbachuu koo hin yeella’uu ajaa’ibaa kee, miya'ina maqaa kee isaa daangaa hin qabnee sana naan waammadha.

Abbaa Tsige Dingil.
Forwarded from Qabsuura Abbootii (#Baliye #Melaku)
🌻Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee

πŸ¦‹"Namaa yeroo gargaartuu qoomoo isaatiif jettee, saalan, amantii isaatiif jettee utuu hin ta'iin Kiristoosiif jedhiiti gargari" !πŸ¦‹
@abbootii @abbootii
@abbootii @abbootii
Forwarded from Dn Firaol Promotion via @Firaol_bot
πŸ—£βœDn Firaol PresentsπŸ—£βœ

πŸ”°Faaruu Daawit irraaπŸ”°
πŸ‹ Waaqa Abboolii Kootii
🍏 Jaalalli Kee
🍐 Kottu Kottu
πŸ‡ Buhee jedhaa
🍎 Latiin jirma qaba
🍍 Tawaahidoo keessattan uumame
😱 Lakkoofsota Giizii hamma miiliyoona 100'tti - Dn Firaa'oliin

πŸ“Chaanaalii Yuutiyuubii kan Faaruu Daawit jedhu #Subscribe gochuun deggaraa.

πŸ“Beeksisa chaanaalota afuuraa galmaa'uuf - Dn Firaol

πŸ“’Chaanaalotaa fi πŸ‘₯Gareewwan afuuraa kanneen afaan Oromoon uummata tajaajilaa jiran kana join taasisaaπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Sadaasa 3 Guyyaa itti Qulqulluu Naakutolaa'ab dhalatee dha!

Abbaan isaa Harbeeyii jedhama. Harmeen isaa immoo Markezaa jedhamti. Obboleessa mootii laallibaalaati. Laallibaalaan erga boqote booda qeerrummaa isaatiin mootii Itoophiyaa ta’uudhaan bara kudha lama hanga kudha shanitti bulchaa ture. Yeroo daaquniin neakuto le ab jedhaa jiru waan dhalateef maqaa isaa Naakutolaa'ab jedhamee. Abbaan isaa amantiidhaan namaa cimoo waan turaniif. Mootummaa isaanii mucaa laallibaala kan ta'ee Yitibarik dha kennani akka Eeliyaas fi heenook gara samiiti ol bahaniiru.

Eebbi isaanii hunda keenya waliin haa jiraatu. Ameen.

@Qulqulloota @Qulqulloota
@Qulqulloota @Qulqulloota
πŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•ŠBaga Geessan!πŸ•ŠπŸ•ŠπŸ•Š
Sadaasa 6 Qusqaam Maariyaam jedhama.

πŸ•ŠFulbaana 26 irraa hanga Sadaasa 6 Godaansa Giiftii Maariyaamii fi Gooftaa Iyyesuus Kiristoosii dha.

πŸ•ŠWaggaa sadiifi ji'a ja'a booda misiraachoo ergamaa waaqayyoon gaara Qosqaam irratti " Inni mucaa kee ajjeessuu barbaaduu du’eera gara biyya keessanitti gala" guyyaa ittiin jedhamee dha. Mat 2:18.



Jaalalli Abbaa Arjummaan Ilmaa Tokkummaan Afuura Qulqulluu. Kadhannaan Durboo Maariyaam araarsummaan Qulqulloota fi wareegamtoota nuu waliin haa ta’uu. Ameen.
Forwarded from #Belina #Melaku
😭 BEEKSISA😭
🌿 Dhiifama Waliin!🌿

Maqaa Abbaa kan Ilmaa Kan Afuuraa Qulqulluu Waaqayyoo Tokko. Ameen


✍ Guyyaa 6/3/2012 sagantaan yaa'ii mooraa afaan oromoo koorsiin har'a qofaaf akka hin jirree beeksiseera. Sabaabni isaa haala yeroo ammaa ilaalchisee nageenya waliin waan wal qabatuuf waan taheef. Kana barattoota haaraas ta'e kan warra buleeyyiis guyyaa har'a hafeera. Kanaafuu walii walii keessanitti hima. Of eeggannoo taasisaa.
✍ Sa’aatii malee bataskaana deemurraa of qusadhaa.
Oduu sobaatin ofiif maatii keessaan hin jeeqinaa.

Waaqayyoo nageenya isaa nuuf haa buusuu.

Waaqayyoof galanni haa ta’uu. Ameen.

✍Kutaa Walii-galaa irraa
Sadaasa 7 Guyyaa manni Qulqullumma Qulqulluu Giyoorgis biyya Lidiyaatti
Ijaramee eebbifame dha.

Baga guyyaa yaadannoo Wareegamaa Qulqulluu Giyoorgis nagaan geessan!
@Baliye
@Baliye_bot
Sadaasa 8 Guyyaa Kiruubeel Yookaan Arbaayi'tuu Insisa itti kabajamanii dha.

Arbaayi'tuu Insisa Kiruubeel kan jedhaman akka eeyyama waaqayyootti teessoo waaqayyoo warra baatanii dha. Isaan kun gosuma ergamtooti. Hojiin isaanii waaqayyoon kadhachuu dha.

Arbaayi'tuu Insisa jechuun " Arfan bifa bineensota kan qaban " jechuudha.
Bifni kunis:-
1. Bifa namaa.
2. Bifa Leencaa.
3.Bifa sa'aa
4. Bifa allaatti kan qaban jechuu dha.
Tokkoon tokkoon isaanii koochoo ja'a ja'aa qabu.

πŸ†Inni bifa namaa qabu dhala namaaf kan kadhatuu dha.
πŸ†Inni bifa Leencaa qabu bineensaa bosonaa hundumaaf kan kadhatuu dha.
πŸ†Inni bifa Sa'aa qabu horii mana hundaaf kan kadhatuu dha.
πŸ†Inni bifa allaatti qabu immoo baalleen kan balali’aan hundaaf kan kadhatuu dha. Akka Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee hiikeeti.


Kan biraan immoo:-
πŸ•ŠBifa namaatti kan fakkeeffamu Qulqulluu Maatiwoositti fakkeeffama
πŸ•ŠBifa Leencaatti kan fakkeeffamu Qulqulluu Maarqositti fakkeeffama.
πŸ•ŠBifa sa'aatti kan fakkeeffamu Qulqulluu Luuqasitti fakkeeffama.
πŸ•ŠBifa allaattitti kan fakkeeffamu Qulqulluu Yohaannisitti fakkeeffama


🌻Waa'ee Kiruubeel ilaalchisee macaafa Qulqulluu keessatti S.Uumamaa 3:24 balbala jannataa kan eeguudha. Hisq.1:9, 10:1 raajichi hisqeel Waa'ee Kiruubeel ni dubbata.

Far.17/8:10 irratti "waaqayyoo ergamoota isaa Kiruubeel irraa ta’ee balali’ee" jedheera. 2Sam.22:11, 1Sam.4:4, 2Sam.6:2, 2Mot.19:15.

Isay. 37:16...."Inni Kiruubeel irraa teessuu mul’adhu! " far. 98:1...Waaqayyoos ni moo’e teessoo Kiruubeel irraa ta’ee.

🌻Egaa walumaa gala Kiruubeel kan jedhaman ergamoota waaqayyoo qulqulloota dha. Waa'ee isaanii ilaalchisee kakuu haaraa keessatti M.Yoh.4:6 irratti barreeffame jira.

🌻Guyyaan kabajaa Tsilaatti isaanii sadaasa 8 ti dha.

Kadhannaa fi eegumsi isaanii nuu waliin haa ta’uu. Ameen.


@Qulqulloota @Qulqulloota
@Qulqulloota @Qulqulloota
Forwarded from Ortoodoksii ishee dhugaa
Deemsa gargaarsa Manneen kiristaanaa miidhaan irra gaheef WALDAA DUUKA BU’OOTAAN

β€œNamni yeroo qorumsaatti jabaate kan eebbifamedha.” Erga Ya’iqob 1:12. Tajaajila afuurawaa kana keessatti qorumsi manneen kiristaanaa keenyarra gahu yeroo yerodhaan hammaachaa dhufeera. Keessumattuu yeroo ammaa kana aggaammiin kallattii gara garaan Mana kiristaanaa keenyarratti adeemaa jiru baay’ee nama gaddisiisa. Manneen kiristaanaa yeroo ammaa darara gara garaarra jiran kana ammo akka Waldaa Duuka Bu’ootaatti deemnee jajjabeessuu fi Kiristaanota ari’atamaa fi dararamaa jiran kana keessumattuu #Hararii fi #Dodolaatti deemsa Afuurawaa qopheessineerra.

Namoonni gargaarsa Manneen kiristaanaa fi Kiristaanota rakkinarra jiran gargaaruu barbaaddan, Uffata, Meeshaalee Nyaataa, Nyaataa fi Dhugaatiif wantoota oolan fi Ijaarsa Mana kiristaanaa gubateef wantoota oolan abboota qabeenyaa itti dhiyaattan gaafattanii fi ofii keessaniinis waan ittiin hirmaachuu dandeessan guyyaa har’aa kanarraa kaasee akka haala mijeessitan isin gaafanna. Bakki meeshaaleen kunneen itti walitti qabaman Waajjira Waldaa Duuka Bu’ootaa Kiiloo 5, Gamoo Almii Darbii 2ffaa irra ta’a.
Gama gargaarsa Qarshiinis biyya keessaa fi Alaa irraa namoonni taasisuu barbaaddan #Account deeggarsa kanaaf oolu yeroo dhiyootti isin beeksisna.
Odeeffannoo dabalataaf: 0920671021/0926766381/0903196868 irratti bilbilaa.
Maqaa Abbaa kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqayyoo Tokko. Ameen.


Sadaasa 9 Guyyaa Itti Abbootiin 318 Biyya Niqiyaatti Walgahii Jalqabanii dha.


Eebbi abbootii hunda keenya waliin bara baraan haa jiraatu. Ameen.


@Qulqulloota @Qulqulloota
@Qulqulloota @Qulqulloota