𝐐𝐚𝐫𝐨𝐨 π…πšπ π¨πŸ‘€
4.85K subscribers
54 photos
2 files
75 links
πŸ“ŒQaroon qara qaba
Fageesse ilaaluf ilaalee hubaachuf.
☞Qaroon fagoottis ilaalte dhiyoottis mul'aatte dhugaa Qabatamaa sammutti argisiftii
☞Sammun ajaja dhufef, fuudhe dalagaf yoo qopha'uu.
☞Atimmoo sammu kee qarii qopheeffadhuu.
Download Telegram
Fuldurrii Kee Ifaa!!

Fuldurrii Kee Ifaa....
Ati har'aa kee ilaalte maaf of daangesitaa
Akka abdii qabduu borii kee argitaa
Jireenyi kee inni caalu borii kee keessa jiraam muudannoo kee har'aa ilaalte funyoo abdii kee isaa borii maaf kutta garaa fuuldaratti tarkaanfadhuu malee waan booddetti sii goottotuu barbaduuf karaa hin kennin..

Jireenyi biyya lafaa guyya hundumaa yeroo hundumaa iddo hundumaatti guutudha.
Ati biyya lafaa keessa jirta moo? Ofi kee keessa jirtaa??
Ofii kee keessa jiraadhuu, Biyyi lafaa hundaaf hin tooltu.
Ati mataan kee ofii keef ga'aadha Yoos immo maaltu sii qabuu danda'aree.
Fuldurrii Kee Ifaa guutudhan siif dhufaa jiraati itti tarkaanfadhuu...

πŸ“Œ Qaroon qara qaba
Faagesse ilaaluf ilaale hubaachuuf.

πŸ‘‰Yaadaf qeeqa yoo qabattaan naaf qoodu hin dagatiina πŸ™πŸ™
πŸ‘‰Imaala wajjin eegallerraa....
..............Halkaan Gaari qabadhaa

#Share_Join
#Share_Join
@Qaroo_FagooπŸ‘€
❀1πŸ‘1
IMAALA KAAYYOO KOOTI!!!
Agarsiifadhee kolfeen
Dhokfadhee kophaa boo'aa
Fiixee galma koo tuquuf
Funyoo jireenyaan foo'aa.

Yaadakoo toora galchuun
Tulluu sodaa butuchee
Dugdakoo abdiin xaxuun
Laphee koo obsaan itichee

Daandii galmaa fi gufannaa
Adda baasee tarreessee
Duraafi duuba gochootaa
Tokkoofi lamaan barreessee

Roorroo walakkaa obsaa
Walakkaa tooftaan maqsaa
Tulluuwwan cabbiifi sodaa
Hamilee hoo'an baqsaa

Amma walakkaa deemee
Gufannaan akkan dhufneef
Imaanaa meeqa baadhee
Dirreetti akkan kufneef...

Xurreen malaan saaqqatee
Garaan galmaaf qajeelee
Lixa biiftuun duratti
Dhangaa milkii kajeelee.

Faana fixeensaaf kennee
Dirra koo aduuf laachuun
Yaadaan milkii dhandhamaa
Obsaan hunda baachuun

Abjuu dhugoomsuuf jedhee
Bidiruu milkii yaabee
Hunduu fireessuu dide
Firii jireenyaa dhaabee.

Galma dhugaa ijaaruuf
Tabba sobaa caccabsee
Keessa koof waadaa galeen
Imala kankoo labsee.

#share_Join πŸŽ„πŸŽ„

@Qaroo_FagooπŸ‘€
@Qaroo_FagooπŸ‘€
@Qaroo_FagooπŸ‘€
❀2πŸ‘1
KARAA ITTIN KAAYYOOTTII MILKAA'AN.

#OBSAAN

πŸ–οΈKaayyoon deeemsa karaa dheera nama gaafata. kariicha irraa immoo gufuun baayyedha. Bu'a ba'iinis ni hedduummata. Beela'u fi dheebochuunis ni baayyata, qorraa fi aduudhaan midhamuunis ni jiraata; yoo achii ilaalan galmis ni faagata; yoo itti adeeman immoo karaan ni dheerata; ba'ichiis ni ulfaata deemsaf jilbaa nama laffiisaa. Hundaa kana keessatti immoo obsii garuu waan hunduuma sii dandeessisa akkasumaas akka ati injifaatuuf si gargaraa.
Injifaannoon obsii namaf argamsiisuu injifaanno gartuun lolaa tokko lolee moo'ate nii caala.

πŸ–οΈUlfaatina fi ciminaa ba'aa kaayyos waanti nama dandeessisuus obsuuma qofadha.Humnaa guddaa, beekumsanis gonfaami, jabinas qabadhuu aga dandeessu garu obsaa hin qabduu taanan ati kuftee jirtaa jechuudha kanaaf nama koo agaa obsaa hin qabannetti addunyaa badii kanarratti waanti akka ati ciimtee dhaabbattu sii gargaruu obsaa fi obsaa qofaa.Obsaan goonfon hin gonfaatamne hin jiruu.nama obsaa qabuuf rakkinni waan salphadhaa. Jarjaraaf garuu ba'a ulfaatadha.

πŸ–οΈHiriiyaa koo Obsii rakkinaa siirra ga'e hunduuma sii tuffachisee, abdii haara immoo sii horachiisaa

#KUTATAA_TA'UDHAAN

πŸ“ŒDinni milkaa'inaa sodaadha. Sodaan mana hidhaa ofii keef keessatti of-hiituudha. Rasaasni sodaa galafaatuu immoo kutaannadha. Yoo kutaanno hin qabannee atif milkaa'inni waal arguuf baayye cimaata.
Ofi kee murteessite, sammuu kee amansiiftee kutaannoo fi gootummadhaan itti seennan garuu osoo hin milkaa'in hin haftuu atumtii mataan kee kutaadhuu, muraadhu itti adeemi malee milkaa'ina hammarratte ykn goonfaatte galta.

#GALMAA OFII BEEKUDHAAN

Ati galma kee beekta taanan ammayyuu orbiiti kaayyoo kee keessa akka jirtuu beeki!!
Namonni Baay'een kaayyoo qabuu maale galma hin qaban. Dhugaa dubbachuuf Ati kaayyoo mul'aata guddaan dabalamee qabannan fuldurrii Kee Ifaa guutudhan cimee siif dhufaa.
Ati Abba Mul'aatati..
Galatoomii Hiriiyaa koo
waan dubbifteefπŸ™πŸ™

πŸ“ŒQaroon qara qaba.
Faagesse ilaaluf ilaale hubaachuf

Yaadaf qeeqa yoo qabattan naaf qoodu hin daagatina✍️✍️✍️

#Join_ShareπŸ””πŸ””πŸ””
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Qaroo_FagooπŸ‘€
@Qaroo_FagooπŸ‘€
❀3πŸ‘1
Forwarded from 20ghhsssvsq23
Baga gammaddan baga gammanne warri fagoof alaala
Akka join gootan kan isiinif eyyamee garan jalaalaa.
Amma kunoo baay'achutti jirra
Waan tokko osoo isiinif hin qusaatin
yaada gaad fagoo isiinif irraa
galatooma galanni keessan gudda
bagaa gammaddan!!!

Imallii garaa fuuldaratti @Qaroo_FagooπŸ‘€
@Qaroo_FagooπŸ‘€
πŸ‘2πŸ₯°2
●Namoonni Waa'ee Kee Akka Hin Dubbanneef, Furmaanni Isaan Dhaggeeffachuu Dhiisuu Qofa.

●"Addunyaa Kana Irra Namoota Lamaatu Jira, Kan Baruu Barbaaduu Fi Kan Amanuu Barbaadu".
#Share_join
@Qaroo_FagooπŸ‘€
⭐Humni Humnaa Gararraa Humna Jaalalati.
Summi Ajjeesaan Hundumaa Irraa Haama Ta'e Immo Inaaffaa Haadha'adha.

⭐ Garaa jaalala waalif haa qabannu!
Join Us For More
☞@Qaroo_FagooπŸ‘€πŸ’―
☞ @Qaroo_FagooπŸ‘€πŸ’―πŸ’―
☞ @Qaroo_FagooπŸ‘€πŸ’―πŸ’―πŸ’―
❀2
Biqiltuu xiqqoo tokkotu, muka guddaa tokko of cinatti argite. Argitee hin dhiifnee dafee dheeradhee muka guddaa kanaan qixxaachuun qaba jettee xiiqeffatte.Akkuma xiiqeffattes gootee daftee guddattee muka guddaa kanaan qixxaatte.

Sana booda yaa muka nanaa ati guddatte ammana gahuuf yeroo agamii sitti fudhate jettee gaafatte.Achumaan waggaa 20 (digdama) deebii muka isa guddaati.Qisqisqisqis.... Jettee itti kofalteetu mukti xiqqoon ani siin qixxaachuuf torban digdama qofa natti fudhate jetteen.

Mukni guddaan cal jedheetuma callisuun dhaabbate.Gidduma kanaan qilleensi ulfaataan tokko dhufee qilleensahuu jalqaba.Jalqabees hin dhiifne mukkeen waliin dhahee kaan buqqisee kaan kukuffisee huursuu itti fufe. Maarree mukti xiqqoon carraa kufuutu ishee ga'e waan ta'eef lafa ciifte.

Yeroo qilleensi hamaan suni darbu muka guddaan muka xiqqoo lafa ciiftu lafatti ilaalaa qilleensa hamaa kana damdamatte yeroo ammamiif dhaabbatte jedheen.Daqiiqaa lama deebii muka xiqqooti.Laal ani waggaa digdama balaa gara garaa damdamachaa qilleensaaf bubbee hamaan dhaanamaati kan guddadhe.Kanaaf iddi kiyya gad fagoodha kanaaf kufuu dhiifne jedheen.

Namni beekumsa xiqqoo qabu amma raacha boolla bishaan xiqqoo qabu keessa jiraattuuti.
Jireenyi nama qaroo hin qabnee amma uleen isaa dheeratuun daanga'a.

Kanaaf namakoo haa bilchaannu.Sirriitti haa bilchaannu oduuf mee hin ariifatiinaa, hubannaa hubannaa, hubannaa, hubannaa.
πŸ‘‰Dubbisaa dubbisuun hanga du'aatti.
❀5πŸ₯°5πŸ‘4
Warri yaadan fagaatan dacheef waa abuuru Kana malees Ifaajjin karaa ofii tottolfachuuf Imaala addaan hin cinne sii imaalchisaa. Fageessite ilaalun borii kee midhaginaaf bakka laachudha.
Qaroon immoo isaa ittin fageessanii ilaalanidha dawwiti jireenyaaπŸ™πŸ™
#Share_join godha maati keenya ta'a yaada jajjaabo fi midhaagoo argatuu
πŸ“ŒπŸ“ŒπŸ“ŒπŸ“ŒπŸ“ŒπŸ“ŒπŸ“ŒπŸ“ŒπŸ“Œ
https://t.me/Qaroo_Fagoo
GUYYAA DHIIFAMAA!!

...Qalbiin koo goolame
yaada kootu biifamaa
maaloo baalleserati
naaf goodhi dhiifama.

... Osoon itti hin yaadin
waan an dubbadhee
baallesaa koo ta'u
an ammaan hubaadhee.

....Waan feedhelle haa ta'u
waan kaamille haa baduu
jechoota afaan koon
sii miidhuu hin barbaduu.

... kunoo siin gaafadhaa
akka ati naaf dhiftuu
siif dhiiseraa naan jedhii
Garaan koo haa ciistuu..

πŸ“ŒKunoo Guyyan har'aa guyya dhiifamati
Dhiifama Dhifaama Waliif..
Dilbaata Gaarii siif haawweraa πŸ‘ˆ
___Hiriyootaf ShareπŸ™πŸ™

#Share & #Join godha adara.
@Qaroo_FagooπŸ‘€
@Qaroo_FagooπŸ‘€
@Qaroo_FagooπŸ‘€
❀2πŸ‘2πŸ₯°1
Mul'anni waan amma qabatamaatti hin jirre tokko qor~qalbii of keessatti arguu danda'uu jeechudha.
Jijjiiramaaf si caalaa namni sirrii, ammaa caalaa yeroon sirrii bakka ati jirtu caalaa bakki sirrii hin jiru.
            Dr. Maayelsi Munroo
"Namni ulaagaa keessa darbuu qabu keessa hin darbine nama guutuu hin jedhamu!" jedhu mitiiree!

Egaa nutis waan baayyee yaalleerra...
FAKKEENYAAF:
πŸ‘‰Yeroo jalqaba Mooraa Yuunivarsiitii seenne sana loqoda keenya jijjiiruuf yaalleerra garuu hin milkoofne😁😁😁Sanuu Baalee taa'een loqodako wallaga bahaatti jijjiiruuf yaaleem.😁😁

πŸ‘‰Boonuuf yaaleera Qormaanni miiddii natti dhiyaannaan na ganee deeme malee

πŸ‘‰Rifeensas Guddisneerra Biyya galuun gahennaan haaddannee galle malee😁
πŸ‘‰Kishaafaa/Manatsarii/eyeglass Isa jedhan sanas bitannee takka itti koorreerra biyyattan irraaffadhee dhufe malee😁😁

πŸ‘‰ Library's Bulleerra baayyee hin dubbisne hirribni na qabnaan achuman rafe malee

πŸ‘‰Jinjinaa kanas yaaleera xiqqoo timirtiiko waliin walfaana deemuu dinnaanan dhiise malee😁😁

πŸ‘‰Maatiiko yaadees boo'ee beeka maalsaan isin dhoksaπŸ™„

πŸ‘‰Rafee halkaan ka'ee dubbisee qormaata deema jedhee alaarmii irra godhadhee ganama saa'atii 1:00ttis of baree beeka.

πŸ‘‰Osoon library' taa'uus kaaffeen natti cufamee Bilbilee harmeekootti himadhees beeka siniin hin dhoksu😁😁

πŸ‘‰Bilbila ibsadhees Bilbiluma sana barbaadaa oolee beeka.(Teenshinaam) 😁😁

πŸ‘‰Boqonnaaf biyya galeemmoo namni nama natti fakkaachuu didees beeka(Except some people like M*l*sha)πŸ˜ƒ

πŸ‘‰Polisii Gibbiin ID'n nurraa fuudhamee guyyaa sadan tokkos lawunjii kana kireeffannees beekna.....

πŸ‘‰ Dhukkubsannees addunyaatti nagaa dhaamuuf waan xiqqoon yeroon nu haftees tureera😭
Mee haa hafu seenaa baay'eedha....

Ayiii Gadan naqe mitii😁😁Kun fireeshumaattidhammoo Naaf beekaa! Amma nama Guddaadha nuti! πŸ˜…πŸ˜…
❀8
......Yoomille Gaaruummaa fi amanamummaan sitti hin fagaatin
morma keetti isaan hidhadhu gabatee garaa keettis isaan caffaadhu.
Yommus Waaqayyoo duratti, nama durattis maqaa gaari in argatta faara tolaadhaanis ni ilaalamta.
πŸ“Œ https://t.me/Qaroo_Fagoo
❀3
#AMMAYYUUMMADHA

...Har'aaf waanti hunduu gaari fakkatee Yakkaf cubbu keessatti nama gatuu danda'a. Keessuma bara hamma keessa jiruu kana keessatti haala mijaata heeddutu jiraa bara sexxanni nama goyyomsaa jirtu kanatti waanti hundumtu gaari fakkate namatti argama.Eyyen jireenyi biyya lafaa guyya irra gara guyyatti ammayyuummadhan badhaadha jirtii..
....Bara amma keessa jirruu kanatti waanti martii isaa kan nama gammachisuudha maalif??
Hojii seexanni ajaandeffate ba'ee keessa inni tokko dhaloota mancasuudha akkamittin??
Eyyen mancasuu, gaari fakkesse hamaa hojjisisuudhan, ammayyuummadhan, araada garagaraan, karaa onlinettin, bittaf gurgurtaale tokko tokkon akkasumas karaa maallaqatin dhaloota jilbaan ofaa kan jiruu dhabbataa seexana kanadha

....Addunnyaa mallaqan golboobe harkaa isaa keessa galfachuuf halkaanifi guyya sa'aa 24 hojii isaa hojjetaa jiraa.
Atis yaa nama Waaqayyoo amma waan tokkon sitti himaa kaayyon seexana inni guuddanif ijoon biyya lafaa kanarratti qabuu biyya lafaa aangoo isaa jala galchuudha kana males jechii addunyaa jettuu tun baddee mootumma tokkon akka bultuu carraa qabuu hundaan yaala jiraa gaafa kun ta'uu garuu dhuumni waan hundumaa akka dhiiyaate haa beeknu.
Egaa obbolessa koo atis obboletti tiyyya dhugaa dubbachuuf yoo ta'e garaa itti gorru haalellanne haa beeknu waanti cuftii isaa gara dhumaa irra ga'eraa kana jechuun koos dhumnii waan hundumaa dhiiyaatera jechuu kooti kanafuu of haa qophessinuu gara itti goruus haa beeknu
Waan Gaarii fakkatu dhumnii isaa badii irraa fagaadhuu, jireenyaa keef murtoo sirrii ta'ee fudhadhu...
πŸ“ŒDhumnii waan hundumaa dhiiyaatera
GalatoomaπŸ™πŸ™
βœ“Yaadaf qeeqa yoo qabattaan of quusanna tokko malee nuuf barressa✍️✍️
#Share_Share🌼🌼
#Join_JoinπŸ””πŸ””

@Qaroo_FagooπŸ‘€
@Qaroo_FagooπŸ‘€
πŸ‘1
Deemsa kee jalqabdee
Hin dhabiin itti fufii
Yaada haanqattoota
Atis of keessa tufii.

Yaadni haanqattoota
Yeroodhaf wakabuu
Siqanii dhabbachuuf
Kaayyoof galmaa dhabuu
Waanta akkana kana
Rabbii sirraa haa qabu..
GalatoomaπŸ™
Hiriyoota keessanif qoodaπŸ‘ˆ

@Qaroo_FagooπŸ‘€
❀2πŸ₯°1
Elaamee......

Jireenyakeef tuqaan kaa'iin
Dadhabdullee gadin taa'iin
Egereekeef abdiin kutiin
Mogoleenkee sin bututiin

Yaaluu dhiistee obsan fixiin
Imalakee addan kutiin
Gufuu xiqqoof hin gufatiin
Jecha namaaf hin mufatiin

Obsaan deemi hin jajariin
Abdii kuttee harkan mariin
Siif mijateef ofin tuuliin
Mula'atakee hin gurguriin

Kaayyookeerraa hin dhaabatiin
Galma xiqqoon safaratiin
Gaafas taata nama guddaa
Yoo qabaatte galma guddaa...
#JOIN US FOR MOREπŸ’―πŸ’―πŸ’―πŸ’―

@Qaroo_FagooπŸ‘€
@Qaroo_FagooπŸ‘€
@Qaroo_FagooπŸ‘€
❀3πŸ₯°2πŸ‘1πŸ‘1
Ilmi namaa warqiidha, warqii warqii caaltu!

Callisaniif hin wallaalani dubbataniif immoo hin beekani. Wallaalummaanis gatiin namaa gad hin buustu. Hiyyumnis fixeensa Booru keessaa bahu. Waallaalummaas taanaan barannaan , dhaggeeffaan akkasumas gaafannaan seenaa taati.. Namummaan garuu kennaa rabbiiti. Namni immoo Warqii jatii jabeessayyuu akka caalu sitti himuun barbaada.


Biftii fi simboon irra keessa Kun nama waliin walitti dhufeenya uumuu bira darbee homaa gatiin qabu. Waan si dhibummoo haabaaboon coolignaan argaa si jibbisiisa. Mukti ejersaa immoo muka jabaadha. Habaaboo Fi miidhagina hin qabu. Garuu jabina isaaf qofa jallaatamee filatama.Ilmi namaas akkasi. Amalli, bifti, qabeenyii fi beekumsi ilma namaa booda dhufa.

Kanaaf ilma namaa hin tuffatiin walqixa kabaji.

Respect for human person and humanity!

✍️
Barreessuun itti fufaa
#share_JoinπŸ””πŸ””πŸ””
@Qaroo_FagooπŸ‘€
❀1
Baran si barbaacha
Oliif gadi labe
Maal ta'a miilliko
Qarxam jedhee cabe

Baran si leellisuuf
Yerookollee fixe
Osoo arrabniko
Na keessatti cite

Isa Naaf wayya ture😒
❀4πŸ‘1
Allaattiiwwan jiran keessaa Harraagessatu muka irra taa’ee utuu boo’uu cophni imimmaan isaa harka Luba muka sana jala taa’aa turee irra bu’e jedhama. Yeroo kana lubni kun maali harraagessa nana Maal taate? Jedhanii gaafatani.Innis β€œani allaattiiwwan hunda keessaa habaaramaadha, utuun hin uumamne ta’ee wayya ture, mee bifakoo ilaali akkam akka ani fokkisu” jedhe boo’ichaan.

Lubni kun akkas ittiin jedhe β€œhin boo’iin waan Ati barbaaddetti si jijjiiruu nan danda’a, Maal ta’uu feeta jennaan β€œ Daakiyyee ta’uun barbaada” jedhe.Egaa utuu ani daakiyyee si hin taasisiin deemiitii jireenya daakiyyee qoradhuu kottu ittiin jedhe lubni. Harraagessis galaana qaxxaamuree daakiyyee bira ga'e. ''Baay’ee bareedda'' akka aannanii addaatta, uumamni akka kee gammadee jiraatu waan jiru natti hin fakkaatu” jedhee haasaa jalqabe.

Daakiyyeen deebistee β€œlakki yaa obboleessakoo ani gammadduu miti jireenyakootti, halluu baay’ee babbareedaatu jira ani garuu halluu hin qabu, adiin halluu maaliiti? Ici” jettee imimmaan lakkuu lakkuu buuste.

Itti aansitees dakiyyeen akkas jette β€œallaattiiwwan keessaa parrotiin baay’ee gammadaadha, halluu bareedaa qaba mee isa gaafadhu” jennaan harraagessi gara parrot 🦜 deemee β€œ oo kan akkakee bareedu addunyaa irra hin jiru, allaattiiwwan jiran hunda irra Situ bareeda, kanaaf ati gammadduudha” jedhee haasaa eegale. Isheen immoo deebistee β€œlakki ani jireenyakootti gammadduu miti, halkanii guyyaan sababa halluukoofan adamsama, yoo na qabatan immoo sanduuqa keessa kaa’anii akka faayaatti natti fayyadamu, baay’een rakkadha” jettee waakkii eegalte. β€œMee immoo 🦚 ( peacock) bira deemi isheen ana irra bareedduudha β€œ jennaan ammas harraagessikee ka’ee 🦚 (peacock) barbaaduu deeme.

Utuma jooruu namootni baay’een itti marsanii bareedina ishii yeroo dinqisiifatan argee itti maqanaan namoonni isa hari’an. Erga daawwattoonni irraa siqanii suuta jedhee itti siqeeβ€œ Ati allaattiiwwan hunda irra Iyyu baay’ee bareedduudha, anaan gurrachinakoof na jibbu, siin garuu qarshii kaffalanii si ilaalu, jireenyakeettis gammadduu fakkaatta β€œ jedhee haasaa eegale. Isheenis deebistee β€œeyyee anis akkan baay’ee bareedu beeka, garuu sababa bareedinakoof jedhanii na gidirsu, mana isaanii keessatti akka faayaatti nu gargaara jedhanii baalleekoo ciraa oolu, baay’ee na dhukkubsanii natti taphachaa oolu β€œ jettee boo’ichaan itti himte.

Harraagessis baay’ee dinqisiifate, β€œerga ati jireenyakeetti hin gammannee, allaattiiwwan keessaa eenyutu jireenya isaatti gammadaree” jedhe. Isheenis deebistee allaattiiwwan hunda jireenya isaanii qoradheera. Hunda keessaa kan namoonni hin adamsine, fi kan hin gaadamne si qofaadha. Nuun garuu sababa halluu gogaa keenyaaf qabanii sanduuqa keessa nu oolchu, madda galii isaanii nu godhachuuf jedhanii bilisummaa keenya mulqu, yeroo darbe taa’ee si ilaaleen utuun harraagessa ta’ee iddoon barbaade gaheen bashannana mitii jedheen jireenya bilisummaa Ati qabdu kana hawwe” jettee naasiste.

Harraagessis yeroo jalqabaaf harraagessa ta’uu isaatti gammadee balali’ee Luba sana bira deemee β€œani allaattii Kamuu ta’uu hin fedhu, harraagessa ta’eedhuman bilisummaakoo wajjin jiraadha” jedhe jedhama.

Jireenya kee keessatti namootaan of madaaltee, jireenyakee jibbita ta’a.
Waan qabdu hin beektu waan ta’eef akka hiyyeessaatti of lakkoofta ta’a.Anis atis Kana keessaa baanee
-waan dhabne lakkaa’uu utuu hin taane waan qabnuuf galateeffachuu jalqabuu qabna.
-kan sii gad qabus, kan sii ol qabus jira. Jireenyakee kan namootaa waliin madaalta taanaan yoomuu hin gammaddu.
Namni waan qabutti quufu fi galateeffatu yoo jiraate inni addunyaa kana irraa nama gammadaa dha
πŸ‘7
ALBUDAA GATII JABEESSAπŸ’―

πŸ“šπŸ“šπŸ‘ˆ
Addunyaa kanarraatti albuudotni argamani fi argamuuf jiraan hamma barbadamu fii bakka itti barbadaman qabu...eyyen kun sirridha Warqeef Diyaamandin Meetif Naasan addunyaa kanarraatti warra gatiin isaani Qalii jedhaman keessa isaan muraasa haa tahuti garuu akkumaa kana Yeroon immoo Addunya kanarraa albudaa warqee caalatti gatii gudda qabudha..

Warqeetu yeroo keessa argama malee yeroon warqee keessa hin argamuu..
Yeroon qabeenya uummamaa keessa qabeenyaa caaludhaa.. Yeroo keef bakka kenni yeroo qabduu kanatti qixaa sirrii ta'een fayyadamii bakkaf iddoo hin taanetti yeroo kee akka hin gubneen siif dhaama an obboleessi kee..

Waanuma qabduu yoo mararfachaa haftee waan hin qabnee qabachuun immoo kan si barbaachisu raawwatte argachuu hin dandeessu.... maallaqa qabduu caalatti yeroo qabdu mararfadhuu, sababiinsaas maallaqaa harka qabdu silaa qabda Maallaqaa caalu garu yeroo kee keessaa qabda via #Qaroo
🀳YEROON QABEENYA UUMMAMAA KEESSA TOKKO AKKASUMAS ALBUUDA GATI JABEESSA...
GALATOOMII HIRIIYAA KOOπŸ™πŸ™

πŸ“Œ Qaroon qara qaba
Fageesse ilaaluf ilaale hubaachuf.

#Share🌼🌼 #JoinπŸ””πŸ””
#Share🌼🌼 #JoinπŸ””πŸ””
@Qaroo_FagooπŸ‘€
❀1πŸ₯°1
Karaan durakee jiru dheera waan ta'eef adeemsa itti fufi malee bakka amma jirtu kanatti tasumaa hin hafin.

Jireenyi kee kitaaba guddaa ta'uu hin dagatin. Kufaatii fi mo'amuunkee immoo fuula kitaaba guddaa sanaa keessa isaan muraasa qofaa akka ta'anis yaadachaa jiraadhu. Bakka kuftee fi dirree keessatti mo'amte keessati yoo haftee guutummaa kitaabichaa gatii dhabsiista. Kanaaf ka'ii arredi(adeemi) malee bakka yoo turte waan dhaaltu hinqabne hin barfatin. DHUGAAN SITTI HIMAA ATI MO'ICHAAF DHALATTE! Kanaaf kufaatiikee irraa barachaa hafi malee kufaatii keetiin ofiikee ibsaa, ittiin of ceepha'aa; ittiin of boosisaa hin hafin!

"I NEVER LOSE; I EITHER WIN OR LEARN!"
#Nelson _Mandela

#Gatiin kee_Guddaadha!
πŸ‘2
Gibbii Yuunivarsiitii keessatti hanqina maallaqaatu Deddeebi'ee nu mudachaa jira. Mee warri biyya jirtan check nuuf godhaa maatiin XAA'OO bituu eegalaniirumoo?
😁😁😁😁😁😁😁😁😁😁
πŸ‘4❀3πŸ₯°1πŸ‘1