Dhugaa Miidiyaa DM
1.56K subscribers
1.09K photos
16 videos
11 files
447 links
Download Telegram
Seenaa kana irraa waa xiqqoo walii boccoquuf, Hayila Sillaaseen Akkuma fincila Oromoo Raayyaa duraan humna qilleensaa Ingliziin dhabamsiise, kan Baaleef ammoo ogeeyyii (experts) waraanaa fi meeshaa Ameerikaanitti gargaaramee uummata Oromoo Baalee waraanuu seenaan kan lallabu; lola bara 1967 Baalee Dalloo keessatti tahe irratti ogeeyyii (experts) waraanaa Ameerikaan deggaramee meeshaa waraanaa gurgguddaa akka Baazuqaa fi Jeettiin (Xiyyaaraan) boombii ilmaan Oromoo haqa isaaniif lolatan irratti harcaasuun miidhaa guddaa erga irraan gahee booda, konyaa Elkarree dhuunfatamee ture deebisee qabachuu Hayila Sillaasee seenaan lallaba.

Seenaa dhuma keessatti uummati Oromoo lolatee kan injifatamne, tooftaa siyaasaa garaagaraan uummatni keenya cabaa as gahuutu himama. Hayila Sillaaseen uummata nagaa Oromoo humna qilleensaa fi lafoon haa waraanu malee, injifannoo barbaadu saba keenya irratti argachuu akka hindandeenye hubachuudhaan, mammaaksa "Garbuu Garbuudhaan hidhu" jedhutti fayyadamuu isaatu eerama.

Kanaanis Oromoo Oromoon hidhee garboonfachuuf saganteeffatee Jeneraal Jaagamaatti gargaaramuun hoggantoota qabsichaa kanneen akka Jeneraal Waaqoo Guutuu qabachuuf akeekkate.

Haala kanaan Jeneraal Jaagamaan Jeneraal Waaqoo waliin quunnamtii uume. Quunnamtichi garuu qabsoo haqaa itti fufnaa utuu hin taane, wanta Hayila Sillaaseen nuuf qoodan fudhatnee mootiicha tajaajilla kan jedhu ture.

Duula gowwoomsaa karaa Jaagamaa Keelloo kanaan jia Bitootessaa bara 1970tti Waaqoon mootummaa Hayila sillaaseetti araaramee hidhattootnii fi deggertootni isaas gar-tokko akka sochii qabbaneessan tahe.

Waanuma bara keenya kana dhiyeenya WBO irratti ta'e kan fakkaatu, Jeneraal Waaqoo Guutuu Hayile Sillaasee waliin waadaa walii galamee araaramullee; booda garuu wanti karaa Hayile Sillaasee irbuu seenameef guutamuufii hanqannaan Waaqoo Guutuu qabsootti deebi'uu seenaan dubbata.

Qabsoon bilisummaa aarsaa kaffaluu gaafata. Qabsoo uummati keenya eenyummaa isaaf taasisaa ture, aarsaa qaalii deebii hinqabne lubbuu hedduun itti dhabamaa as gahe.

Cuunfaa seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessa yoggaa seennu; Bara 1967tti mootummaan Hayila Sillaasee Waldaa WalGargaarsa Maccaa fi Tuulamaa seeran dhorke. Kuni Waldaan Maccaa fi Tuulamaa uummata isaa dinagdeef siyaasaan qaraa jiraachuu hubachuurraa, dinagdeen Oromoo gabbatee akka sirna Nafxanyaa inni gaggeessu irra hingalagalleef sodaa qaburraa ka'ee dhaabbilee hawaasaa keessaa tokko kan ta'e Waldaa Maccaa fi Tuulamaa irratti dhorkaan bahe.

Boodarras Hayila Sillaaseen hoggantootaa fi miseensota Waldaa kanaa kaan hidhee kaan ammoo ajjeesuu jalqabe. Geggeessaa waraanaa olaanaa fi hogganaa Waldaa kanaa kan ta'e Jeneraal Taaddasaa Birruus qabamee hidhame. Akka seenaan eerutti yaaddoon guddaan Waldaa kana irraa Nafxanyoota biraa eegale, Waldaan Maccaa fi Tuulamaa bifa hojii hawaasaa uummataaf hojjechuun haa ijaaramu malee gara dhaabbata siyaasaatti socho'aa jira shakki jedhu horachuu fi Waldaan kun Oromoo Maccaa fi Tuulamaa walitti hidhee ka'ee daranuu guutummaa Oromiyaa tokkummeessuuf sochii inni gara Kibba Baha Oromiyaa uummata Oromoo Baalee waliin hidhata gochuuf deemsa eegaluu dhaga'uun rifaatuu guddaa Hayila Sillaaseetti uumee ture.

Biyya keenya keessatti Sirni cunqursaa Impaayera Itophiyaa Minilik irraa eegale hanga har'aatti amala wal fakkaataa fi tarsiimoo wal simaa qabatee socho'aa as gahee ittis jira.

Hayile Sillaaseen akka aangoo irraa darbameen bara 1967 Dargiin aangootti dhufe. Hayila Sillaaseen aangoo irraa kufee Dargiin yoggaa gara aangootti dhufe uummati cunqursaa Impaayera Itoophiyaa jala ture marti abdii guddaa jijjiiramni nii dhufa jedhuun guutame. Akkuma hawwiif abdii uummataa Dargiinis sirna sooshaalizimii kan hundumaa wal qixxeessuun Impaayerattii keessatti nan buuuressaa jechaa dhaadachaa aangoo qabatee, gama kaaniin bittaa abbaa irrummaa isaa itti fufe.
Biyyattii Impaayera Itoophiyaa keessatti fedhiin uummata bal'aaf qabsaa'otaa takkaa guutee kan hinbeekne, uummati yoggaa Hayila Sillaasee irratti finciletti akeekni ilmaan Oromoo fi cunqursamoo biroon sirna fiwudaalaa Hayila sillaasee kuffisuuf qabsoo gochaa turan, sirna cunqursaa Impaayerattii hundeen dhabamsiisuu ture.

Dargiin akkuma sirna har'a PP jechuun uummata goolaa jiruu, daranuu olaantummaa aadaa fi afaan Amaaraa kan Oromoo fi sabaa fi sab-lammii kibba Impaayeratti irratti dagaagse malee, ittiin hin qixxeessine.

Akkuma mammaakasi "kan fincooftu hiikee, kan albaatu fuudhe" jedhu Oromoon sirna cubbamaa Hayila Sillaasee hundeen buqqaasee, sirna afaan isaa dubbachuun isa yakkisiisuun dhaalame. Sirna Dargiin afaan ofiin dubbachuun dhippummaaf farra Warraaqsaan nama yakkisiisuu jalqabe.

● Hundeeffama ABO fi moggaasa maqaa WBO argachuu waraana qabsoo bilisummaa galiin gahuuf qabsoo irra hanga har'aa jiruu.

Diddaa uummata Oromoo rogeessuun, dhaabaaf jaarmiyaa tokko jalatti taliigee Oromoon warraaquu akka qabuuf irratti walii galamuudhaan ABO'n bu'uurame. ABOn kan hundeeffame bara 1973 yoggaa ta'u; Kaayyoon inni guddaan ABOn qabatee hundeeffame ummata Oromoo sirna kolonii Itoophiyaa jalaa bilisa baase Oromiyaan biyya of dandeesse taate akka hundooftuf ture.

Kanas karaa waraanaan sirna kolonii Itoophiyaa fi Sirna Impaayera Itoophiyaa dura dhaabbachuuf ilma isaa hangafaa taasisuudhaan Waraana Bilisummaa Oromoo ijaaruun diina uummata isaa dura dhaabbataa as gaheera.

Bara 1973, haalli siyaasaa Itoophiyaa jijjiirama xiqqoo kan agarsiise ture. Hoggantoonni fi miseensonni Waldaa Maccaaf Tuulamaa warri hidhamuu jalaa ba'an karaa lafa jalaa gaazexaa dhoksaan maxxanfamu kan akka "Kana Beektaa?" fi "The Oromo Voice Against Tyranny" jedhamutti fayyadamuun ummata kakaasuu itti fufan jedha seenaan qabsoo bilisummaa Oromoo.

Waraana Bilisummaa Oromoof maqaan kan kenname bara 1973 ta'uu fi namoota jalqaba ABO hundeessaniin moggaasi WBO'f kennamuu seenaan qabsoo eera.

Seenaan kan jedhu irraa bara 1973 keessa "Miseensonni Waldaa Maccaaf Tuulamaa dhoksaadhaan kora Huseen Soraa, Elemoo Qilxuu fi hoggantoonni Oromoo biraa baay'een irratti kan hirmaatan qopheessan. ABO'n kan hundeeffamee fi sagantaan siyaasasaa kan barreeffame kora kanarratti ifa ta'uu isaa seenaa qabsoo bilisummaa ABO golaaf gumbii Kofa ABO keessatti barreeffamee jiru irraa hubatama. Kora kana irratti Hararge Lixaatti hidhattoonni Tulluu Carcar irra qubatan akka gobla waraana dhaaba ABO tti hammatamuudhaan maqaan isaaniis Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jedhamuun laatameef.

Waraanni Bilisummaa Oromoo kan Tulluu Carcar irra jiru hooggansa Hasan Ibraahim kan irra caala maqaa Elemoo Qilxuu jedhamuun beekamu jala gale.

Bara 1974, WBO sochiisaa gaarren irratti baballisiise, kunis bulchitoota naannichaa biratti sodaa guddaa uumeera jedha seenaan. keessattuu erga abbaa lafaa hamaa kan ta'e Mulaatuu Taganyi ajjeefamee booda adamoon WBO irratti baay'ee hammachuu seenaatu ragaa ba'a.

Mootummaan Dargii Waraana Itoophiyaa jeneraal Geetaachoo Shibashiin durfamu akka finciltoota kana dhabamsiisuuf erge. Fulbaana 6, 1974, Waraanni Bilisummaa Oromoo kan jalqabaa dhukaasa moortaaritiin Waraana Xirroo irratti moo'ame; lola kanaan WBO irraa Ahimad Taqii fi Elemoo Qilxuu yoo du'an loltoota WBO sadi'i qofatu lubbuun hafe.

Aarsaa Waaraanni Bilisummaa Oromoo gaarreen Oromiyaa Hararge irratti kaffale, kan oggayyuu yaadatamuuf gootaawwan ilmi Oromoo leellisaa jiraatu gaarreen sana irratti lafee caban oggayyuu kan laphee saba Oromoo keessa jiraatanidha. Gocha har'a PP'n Oromoo irratti raawwataa jiru kan fakkaatu; Gootichi Oromoo "Kun Sagalee Bilisummaa Oromooti!" Jechuun yeroo jalqabaaf maqaa WBO'n dhukaase Elemoo Qilxuu Wareegamuun booda Fincila Oromoo itti fufuu akka hin dandeenye gochuuf, Dargiin uummata magaaloota naannoo WBO'n itti socho'aa ture sana keessa jiraatan hidhuu fi ajjeesuu jalqabe. keessattuu magaalota Galamsoo , Baddeessaa, Machaaraa, Bookee fi Balballee keessatti ajjeechaa suukanneessaaf hidhaa daran babal'ise.
Waraanni riphee lolaa gabaabaa kana booda ABO'n addaan faffaca'e, hooggantoonni isaa muraasni gara Edenitti deebi'uun dhaabicha deebisanii karaa qabachiisuuf yaalan garuu hin milkoofne.

Jeneraal Taaddasaa Birruu kan mana hidhaatii ba'ee qabsoo waraanaa Shawaa keessatti Hayiluu Raggaasaa wajjin itti fufan. Boodarra garuu lamaanuu jechuun Jeneraal Taaddasaa Birruu fi Hayiluu Raggaasaa qabamanii bara 1976 ajjeefaman. Garuu WBO jeneraal Taaddasaa Birruu hundeesse waraana ittuma fufe, namoonni itti makamuunis ajjeechaa Taaddasaa booda ni dabale.

Hundeeffama ABO'n duratti biyya abbaa keenya Oromiyaaf moggaasi dhaabbataan hinlaatamne ture. Habashoonni tasumayyuu Oromoon akka biyya hinqabneetti yoggaa ibsan, barreessitoonni Awuuroophaa takkii "Biyya uummata fuula Gurraachaa, Biyya uummata mammagaallanii, Biyya Ormaaniyaa, Lafa Oromoo...fi" waan itti fakkaate jedhanii ibsu ture. ABO'n akkuma hundeeffameen maqaa biyya abbaa isaa biyya Oromoo, Oromiyaa jechuun moggaase raggaasise. Kun bu'aa qabsoo bilisummaa ABO'n argame keessaa isa hangafaati.

Dargiin aangootti erga dhufee qabee Oromoo Oromummaa isaaf falmatuu fi ittiin boonu hidhuu, dararuu fi ajjeesuu akkuma PP har'aa kanatti duula gaggeesse.

Kana irraa ilmaan Oromoo fi cunqurfamoo kibba Impaayerattii, bittaa kolonii Hayila sillaasee irraa gara kan dargiitti tarkaanfatan. Sabboontotni Oromoo labsii siyaasaaf Dargiin walqixxummaa jedhee karaa saaqetti haajomanii Fulbaana bara 1974 hanga gurraandhala 1977tti kutaa Oromiyaa warra akka Baalee, Arsii, Harargee, Shawaa fi Wallagga keessatti gartuun hawwisoo aadaa Oromoo dhaabbatanii aadaa fi afaan Oromoo waltajjiitti baasuu fi tokkummaa Oromoo argisiisuuf tattaafan ittiin yakkaman.

Yeroo sana ture sirba tokkummaa Oromoo kan lallabamuu eegale.

"Adaamaadhaan, Naazireeti jedhanii
Tolasaa fi Badhaasaa kiristinnaa kaasanii
Ilmaan abbaa tokkoo gar gar nu baasanii!..." sirbi jedhus Waltajjii bara sanaa irratti sirbame.

Sanaan ture dhuma bara 1976 fi jalqaba 1977tti Gartuun Hawwisoo Aadaa Oromoo Kutaalee 7 (Shawaa, Harargee, Arsii. Baalee, Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraa Fi Kafaa) Finfinnee irratti walitti dhufanii sirba aadaa fi doii garaa garaa kan argisiisan. Dargiin afaaniin walqixxummaa lallabaa ilmaan Oromoo jajjabina eenyummaa Oromoo irratti qooda fudhatan dhippummaan yakkee hidhaatti guure kan jedhu seenaan, Baruma 1976 keessa, qotee bulaan Oromoo walakkeessa Oromiyaa Dhiha Shaawaa waltumsanii, ayyaana Oromoo kutaa garaa garaa irraa walitti fidu tokko bifa Ayyana Buttaan Bokkuu Xuleettii qopheessan. Ayyaanni fakkaataan kan Bokkuu Xulee, kutaa dhiha Wallaggaa konyaa Gimbii ona Innaangootti bara kana qopheeffamuu seenaan ragaa baha. Kun ammoo ilmaan nafxanyaa ifa baasanii akka balaaleffatanii fi maqaa Farra Warraaqxummaan Oromootti akka duulan taasise jedha seenaa barreeffame lallabee kan ibsu.

Sababa sanaan ilmaan Oromoo Dargiin galaafate keessaa sab-boontotni akka Immiruu Ibsaa, Birruu Warquu fi Faarsii Hirphaa warra jalqabaatti seenaan galmeessedha.

Bara 1977 mootummaan Koloneel Mangistuun baay'ee hammaate. Dargiin dura afaan tolaa gara aangotti dhufe humnaan dhidhiitee uummata bulchuutti as deebi'e. Kan Dargii mormu ajjeesuuf hidhuutti fuulleffate. Haala kana damdamachuuf ABO'n Kora Hatattamaa taa'e. Kora kanaan hoggana ABO's haaresse. Kana malees murtii hoogganootnii ABO marti akka Dirree WBO Bahaa dhaqan murteessee ka'e.

Haala kana keessatti Baaroo Tumsaa jaarmaa ABO jabeessee gadi dhaabuuf beekumsaaf kutannoo addaa kan qabu gara Dirree Bahaatti imale. Lalisummaan ABO daran gabbachuu eegaluudhaan Jaallan qabsoo isaa Bariisoo Waabee, Gadaa Gammadaa, Gootabobbaas Bultum, Galaasaa Dilboo, Abboomaa Mitikkuu faa dirree waraanaa seenani.

Bara sana obbo Leencoo Lataa Finfinnee dhumatti hafuudhaan bara 1978 haalli daran hammaannaan Dirree Bahaa seenu isaatu himama. Dargiin bara 1978 kana qabsoo Bilisummaa Oromoo danquuf baajeta biyyattii parsantaa 70% waraanaaf oolchuus seenaan ragaadha.
Haala hineegamne keessatti qabsoo irra osoo jiranii qaaliiwwan hanga har'aa ija Oromoo duraa seenaan isaanii dhibee hinbeekne Baaroo Tumsaa fi Badhoo Dachaas wareegamanii lubbuun darban.

Gochaa Dargiiin uummata Oromoo irratti taasisu barataan Oromoo dura dhaabbatee falmaa ture. Kana irrattis dabballoonni dargii barataa Oromoo jibbuu, ija shakkiin ilaaluun adamsanii ajjeesuu, hidhuuf hiraarsuu irratti bobba'uu seenatu hima.

Qabsoo Oromoo dhaamsuuf saboota biroo Oromiyaa keessatti dhalatanitti Dargiin dhimma bahaa turuus seenaan ibsee, Mangistuu Hayila Maariyaam bara 1977
Kaaba irraa qubattoota 250,000 Oromiyaa keessa qubsiise.

Qubattoonni kunneen hanga har'aa wal horanii Oromiyaa keessa kan jiraniif bakka jiran maratti miidhaa Oromoo qofa irratti xiyyeeffate dalaguun beekamu.

Dargiin Qubattoota kana leenjisee hidhachiisuun sochii ABOtti gufuu cimaa akka tahan dhimma itti bahate. Qubattoonni kun Gondar, Tigiraay, kaaba Amaaraa fi Walloo irraa guuramanii dhufuutu himama. Qubattoonnii bara 1979tti, namoota 25,000 wallagga, kuma kudha shan (15,000) Baalee ennaa qubachiisu bakka (kutaa) biroo bifa fakkaataan qubsiisaa ture.

Hidhaan daranuu Dargiin hammaachuudhaan dhuma bara 1979 keessa hoogganoota ABO magaalaa jiraniif miseensotni ABO gameeyyii hedduun guuramanii hidhaatti naqaman. Osoo hogganaaf miseensi ABO Finfinnee dabalatee magaalota keessaa guutummaan hin hidhamiin; ABO'n labsii hogganaa fi miseensotni isaa hatattamaan gara Dirree WBO baha Oromiyaa fi gara biyya Sudaanitti socho'an labse. Labsii sana bu'uura godhachuun namoota gara Sudaanitti bahan keessaa tokko Hayyu Duree ABO har'aa jaal Daawud Ibsaati.

Gaazexaa Addis Zaman jedhamu Ebla 24 bara 1971 akka lakkoofsa Habashaatti maxxansame irratti hoggantootni farra warraaqsaa sagal qabaman jechuun baase hoggantoota qotee bulaa Oromoo irraan ajjeechaa fi miidhaa geessifame ragaa ba'a. Namootni maqaan dhahaman kunis:

1. Alii Ahmad- Dura taaa waldaa qottoota konyaa Carcar.
2. Abdallaa Badhaasoo Dura taaa waldaa qottoota ona mieessoo
3. Faqaaduu Damisee Barreessaa
4. Taammiraat Balaay wal-qunnamsisaa waldaa qottoota
5. Umar Ahmad fi Dhaabaa kan jedhamanii fi hakiimummaa kan tajaajilan
6. Alii Abdallaa
7. Sh\ Mahammad Naasir Abduu Ahmad
8. Usumaan Alii qabduu maallaqaa fi barreessaa waldaa qottoota araddaa
9. Hasan Adam Itti gaafatamaa misooma kutaa Harar kan turan. Humni Dargii maqaa Farra Warraaqsaa itti moggaasuun kan hiraarse ta'uu saaxila.

Gaazexaan "Journal of the union of Oromo student in North America" jedhu Mudde 1980 keessa gabaasa fuula 15-16 irratti maxxanseen Miidhaa Dargii yerosii akka gabaasetti, namootni miliyoona lamaa ol siyaasaan yakkamanii mannetii hidhaa keessatti dhiphachaa jiruu, jechuun dalagaa farrummaa dargii yerosii saaxileera.

Hidhamtoota kana keessa irra caalaan Oromoo ta'uu kan ibsu barruun sun, Dhiphoo, Miseensa ABOtii fi deggertoota jechuun kan hidhaman akka ta'e akeeka. Haala kana keessatti seenaan kan galmeesseen Ebla jalqaba bara 1979 keessa guyyaa tokkotti magaalaa Dirre Dhawaa qofa keessa namootni 350 siyaasaan shakkamuudhaan ukkaamsaman.

Ilmaan Oromoo Dargiin ukkamsaman kana keessa ijoolleen waggaa 12 fi maanguddoon waggaa 75 kan keessatti argamanii ta'uu kan eeramu; Jia Bitootessaa bara 1978 keessa kutaa Wallaggaattii namootni 1000, Amboo 250, Fichee 200, dararama mana hidhaa dargiif saaxilamuu gabaafamaa ture. Harar, Arsii, Baalee, Sidaamoo fi k.k.fn keessaa kan kumaan lakkaawaman hedduun, maqaa dhiphoo fi sargoo gabbii jedhuun guuramanii hidhaatti naqamuus eerama.

Aarsaa qaalii Waraanni Bilisummaa Oromoo WBO'n bakka iyyuutti baasaa as gaheen, Dirree dhiyaa Ebla 2, 1981 saglii WBO miseensota 17 of kessaa qabuun baname irraa Jaal Daawwud Ibsaa abbaa saglii, Abbaa Caalaa Lataa itti aanaa abbaa saglii, Tottoobaa Waaqwayaa dabballe sagilii turan. Miseensonni WBO kun akkuma biyya seenaniin saffisaan uummataan walbaruun hojii guddaa hojjetan.
Haalli isaan hineegne Mudde 22, 1981 warri hojiif karaa Gidaamii seenan abbaa sagilii fi dabballe sagilii dabalatee jaallaan 8 shira diinatiin summii nyaachifamuun namoonni 7 yammuu du'an Jaal Daawwud summii sanaan laafee harka diinaatti kufuun hidhaa dargii seene.

Kana malees balaa kanaan walfakkaatu dirree bahaa irratti hooggantoota ABO hojiif gara Sumaaliyaa deemaa jiran irratti shiftoota sumaaleetiin gammojjii Ogaaden bakka shinniiggaa jedhamutti Ebla 15, 1980 ajjeechaa suukaneessaan Hayyu Duree ABO yero sanaa Magarsaa Barii dabalatee hogganoota olaanoo dhaabichaaf miseensota Gumii Sabaa ABO walumatti namni 11 shiftaa Somaaleen ajjeefaman.

Maqaa ABO itti maxxansuun Dargiin deggartoota beektootaa fi jaarsolii Oromoo hidhee dararuu fi qabeenyaa saamuun daran hammaataa dhufee Bara 1984 fi 1985 waraanni Dargii qotatee bulaa Harargee, Arsii fi Baalee, qubsuma gandaaf dirquuf jecha horii beeladaa fi gaala 8,000 ol akka saaman kaan akka fixanii dabalataan midhaan tonii kumaatamootaa fi manneetii kumaatamaan lakkaawaman gubuu isaanii kitaabni Gadaa Meelbaa fuula 98 irratti barreessee jira.

Dargiin humna Sudaan takkaa lola Oromoo waliin seenee hinbeekne illee ABO tti bara 1984 duulchisee lolchiisaa turuu seenaa ragaadha. Hidhaa, ukkaamsaanii fi ajjeechaan Dargiin Oromoo irratti raawwataa ture hanga bara 1991 arihameetti addaan hin citne. Mirgaaf falmachuu fi Qabsoon bilisummaa Oromoo garuu dabree itti fufe.

Dhaabni TPLF bara 1983tti Sochii Dimokraasummaa Ummatoota Itophiyaa SDUI (kanneen duraan EPRP irraa foxxoqanii itti dabalaman) waliin teessuma jalqabaa tolfatee, innis akkuma sirnoota darbaniitti ABO/WBO irratti lola jalqabe.

Humnootiin TPLF Bara 1988 irraa kaasanii waraqaa hogganaa ABO fi akeeka isaa qeequ facaasuu eegalan. Silaa kan irratti ololamuu qabu diina waloo walii qaban Dargii tahee utuu jiruu, akeeka ABOn deemuuf ofii mormuu caalaa, saboota biroo biratti ABO fudhatama dhabsiisuuf qeeqa diiggaa ABO itti fufan.

TPLF akkuma teessuma qabataniin sammuu dhalootaa Itoophiyaa leellisiisuuf waa'ee Itoophiyaa lallabuun hadoochaa, ABO rukutuuf jecha maqaa Oromootin saba keenya keessaa OPDO dhaaba jedhamtu bara 1990 keessa ijaaran.

Burruusa mataa ABO rukutu akka ta'utti dholondholanii qabata itti tolchuudhaan Oromiyaa keessatti DHDUO/OPDO ijaaran. Murni Oromiyaa keessatti dhalatanii TPLF'n jalqaba OPDO jedhamuun ijaaraman bakka lamaa walitti dhufan. Isaanis warra duraan miseensa EPRP turan oggaa tahan, 2ffaan loltoota Dargii warra Shaabiyaa fi Wayyaaneen boojiamanii EPDMtti ijaaraman tahuutu ibsama.

Kaadhimamtootuma OPDO Oggaa TPLF ilmaan nafxanyaa afaan Oromoo dubbatanii fi Oromoo EPDM keessa jiran booji'amtoota dhaaba OPDO ijaarra jedhanii itti dhiheessan, warri dammaqiinsa qabanii fi dubbichi maaliif akka deemamu hubatan yaada mormii dhiheessan nii dhabamsiifaman.

Booji'amtoota Dargii kanneen jalqaba hogganummaa OPDOf kaadhimaman keessaa 1ffaan nama Tasammaa Leencoo, 2ffaan Asaffaa Kitilaa 3ffaan Ajajaa dhibbaa Abduu jedhaman turan. Isaan kun utuu ABO'n jiruu Oromiyaa keessatti dhaabni biraan hin hundaa'u jechuudhaan TPLF mormanii, as buuteen isaanii dhabame.

Asaffaan hogganoota EPRP keessaa tokko ture. Keessattuu Asaffaa Kitilaa fi Abduun, ijaaramuu OPDO seera idil-addunyaa irratti hundaauun mormii kaasan. Gartuun OPDOn irraa ijaaramuuf deemamu, boojiamtoota. Akka seera idil-addunyaatti ammoo boojiamaa akka meeshaatti itti gargaaramuun dhorkaa tahuu ibsuun mormii kaasuu isaanii seenaan dubbata.

Yaada ishee galmaan gahachuuf jecha TPLF miseensota IHDN keessaa kan Dura Taaaa OPDOf jedhamee ture Asaffaa Kitilaa erga dhabamsiistee booda, laga Takkazeetu nyaate jechuun gabaasa dhiyeessite. Eenyu waliin bobbaee, yoom, attamitti Takkazeedhaan akka nyaatame wanti ibsuu fi beekamu garuu hinturre.

Ajajaa dhibbaa Abduun ammoo ni gane jedhamee achi buuteen isaa wallaalamee hafe. Kan TPLF'n eessa geessite jedhee gaafates hinturre. Abduun ni ganee malee, biyya kamitti akka baafate, yookaan dhaaba kamitti akka dabalame wanti ibsames hin turre.
Erga warri akka Asaffaa Kitilaa fi Abduu, kanneen qondaala turanii fi dammaqoo taan TPLFn dhabamsiifamanii booda, warri waraana Dargii keessattis tahe EPRDF keessatti bakka homaatuu hin qabnee fi TPLF gara barbaadutti oofuu dandau, akka buureessituu OPDOtti fudhataman . Isaanis:
1. Taayyee T/Maariyaam (Kumaa Dammaksaa) oggaa sana barsiisaa ijoollee kutaa 4ffaa gad baratanii kan ture.
2. Taayyee Dhibbisaa (Yoonaattaan) Waajjira Taamiraat Laayinee keessa ergamaa poostaa deddeebisaa kan ture.
3. Baacaa Dabalee sirbituu fi gitaara rukutaa kan ture.
4. Minaasee W/Gioorgis (A/Duulaa Gammadaa) hakiima waraanaa (Buttaa) kan ture.
5. Takkaalinyi Tafarraa (Ibraahim Malkaa) qondaala waraanaa Wayyaanee kan turan akka bu'uuressitoota OPDO TPLF bocce.

Dhaabni maqaa Dh D U O (OPDO) jedhuun gufuu Qabsoo Bilisummaa Oromoof ABUT qopheesse kun Eblaa 27-29 bara 1990tti raadiyoo ABUTn labsame.

Kufaatii mootummaa Dargii booda dhaabotni siyaasaa kaayyoo, sagantaa fi ilaalcha adda addaa qaban walitti dhufanii, carraa argameen, hireen sabaa fi sab-lammoota Impaayerattii maal tahuu qabaa fi attamiin buluu qabdii irratti mariin geggeeffamuu jalqabe. walgahii isa dhumaa irratti Charter akka tolfamu, ABO fi ABUT waliin tahanii biyya sana akka bulchan walii galame.

Itti fufees akka seenaan Chaarteraa ibsutti gareeleen adda addaa, ilaalcha garaa garaa qaban, Adoolessa (July) 1-5 bara 1991tti magaalaa Finfinneetti, kora guutuu biyyaa geggeeffatani, Teessuma sana irratti chaartera yeroo cehumsaa Itophiyaa mirkaneessuun xumuran.

Waltahiinsi Adoolessa 19, 1991 Finfinneetti raawwatame kana irratti, lamaanuu (ABO fi ABUT), wanneen gama gama isaaniin raawwachuu qaban irratti marii balaan deemsifamee, sagantaa isaanii hojoomsuu fi kaayyoo isaanii karaa nagaa fi dimokraataween, walabummaan tarkaanfachiisuu akka dandaan waliigalamee, murtiin waliin hojjechuu ni dandaama jedhu irra gahameetu charteritti seename.

ABO fi ABUt (TPLF) Chaartera sana keessatti waliin hojjechuuf jaarsummaa Shaabiyaa (Eertiraa) fi Sudaan gidduu seenanii Sudaan magaalaa Kaartumitti walii mallatteeffame.

Tuqaaleen gurguddoon irratti waliigaman keessaa ijoon: mirgoota Dimokraasii, nam-tokkees tahe murnaa eeguu fi eegsisuu kan jedhu yoo ta'u sunis: Mirgi amantii, yaada ofii ibsachuu, gurmaawuu, walgahuu, mormuu fi deggeruu ni kabajama, Mirgoota warra kaanii hanga hin dhiibnetti, sochii siyaasaa kamuu keessatti daangessa tokko malee hirmaachuu, dhaaba siyaasaa gurmeessuuf mirga qabaachuu, Sabaa fi sab-lammootaaf mirgi hiree murteeffatnaa mirkanaaweeraaf, kanneen jedhan ture.

Haa ta'u malee gocha farrummaan wayyaaneen qabsoon karaa nagaa ABO yeroo chaarteraa sana karoorfate fashaleessuuf, waan irratti walii galame kana mara tokko tokkoon haaluun ABO ganuu itti fufte.

Gantummaa waadaa Chaarteraa TPLF oolee osoo hinbulin Adoolessaa bara 1991, waltahiinsi Charteraa mallatteeffamaa wayiita jiru keessa magaalaa Dirre-dhawaatti dhukaasa jalqan. Waajjira ABO Dirre-dhawaa fi Hararitti dhukaasa banan. Gocha sanaan, Miseensi Waajjira Siyaasaa ABO tokko ukkaamsamee, miseensi biraan tokko immoo ajjeefame.

Bakka kaanitti ammoo, dhimma nagaa fi hariiroo dalagaa haasauu fakkeesanii, qondaalota ABO ofitti waamanii ukkaamsuu fi ajjeesuun, hojiin dhaabichaa naannoo tokko tokkotti akka gufatu taasisan. Walgahiin ji'a Adoolessaa xumuramee erga walii mallateefamee osoo oolee hinbulin jia Hagayya bara 1991 keessa Miseensa Waajjira Siyaasaa ABO kan tahe, Gammachiis Dhaabaa, Nagallee Booranatti wal tahiinsaaf haasauu fakkeessanii waamanii humnoonni Wayyaanee ajjeesan. Haalli kun koree ABO fi ADWUI (EPRDF) irraa ergamaniin qoratamee badii EPRDF tahuun mirkaneeffame illee, tarkaanfiin fudhatame hin turre.

Ji'uma Nageellee Booranaatti hoggana Siyaasa ABO ajjeesanitti, Lixa Oromiyaa magaalaa Naqamtetti qonnaan bulaa baadiyyaa naannoo magaalaa Naqamtee, garii buaa xixiqqaan gowwomsuun, kaan ammoo humnaan dirqanii of dura buusanii waraanni TPLF fi OPDO Fulbaana 22 bara 1991 waajjira ABO magaalaa Naqamtee irratti dhukaasa banuu seenaan hima.
Balaa kanaan qonnaan bulaa humnaan dirqamanii dhufan keessaa fi waraana ADWUI irraa namootni 7 yoggaa ajjeefaman, gama ABOn lola gaafa sanaa irraatti dabballootni ABO 3 madaa'aniiru. Dabballee ABO madaa'e keessaa tokko Mahaammad Alii kan jedhamuu fi duraan lola dargii waliin tahee irratti madaaee kan ture waan ta'eef sababa lola gaafa sanaan bayyanachuu dadhabee guyyoota muraasa booda wareegameera.

Aarsaan ABO'n kaffalu itti fufuudhaan Caamsaa (May) 1, bara 1992 dabballootni ABO Baacaa Lammaa fi Habtaamuu jedhaman zoonii Dhiha Shawaa ona Baakkootti loltoota TPLF fi wal ta'a OPDO tiin ajjeeffaman. Baacaa Lammaa erga rasaasaan rukutamee mana walaansaa seenee booda, loltootni TPLF mana walaansaatii baasanii Siif rasaasaa balleessuu hin barbaachisu jechuudhaan akka bofaa uleen tumanii ajjeesuu galmeen seenaa nii eera.

Caamsaa 1 hanga 4 bara 1992tti, hiriira nagaa ilmaan Oromoo Jijjigaatii hanga laga Hawaashitti godhan irratti humni waraanaa Wayyaanee lola banee balaa sanaan namootni 205 ajjeesamanii 300 ol madaawan.

Baruma 1992 kana Kutaa Oromiyaa Arsii naannoo Caancoo, Gunaa fi Afaakkootti waraanni Wayyaanee, haala suukkanneessaan, manneetii jireenyaa 606 gubsisuun midhaan gombisaa 2,041 fi horii beeladaa 1,500 saamanii saamsisuun miidhaa guddaa geessisan.

Haalonni kun marti danqaa ABO tti uumuuf kan Wayyaaneef OPDO'n dalagaman turan. Kanaan fedhiin ABOn nagaaf qabu gufatee waliigalteen Chaarteraa mallatteefamees diigamuun qabsoo hidhannoo isaa WBO'n adeemsisutti deebi'ee haaressuun dirree qabsoo hidhannootti ABO'n seene. ABO'nis Chaartera keessaa haalota rakkisoo akkanaan dhiibamee bahe.

Erga ABO'n dhiibamee Chaartera keessaa bahee maqaa ABO tiin ilmaan Oromoo jiilmaan qabanii mana hiraarsaatti darbachuun hojii guyyuu TPLF fi OPDO'n waliin ta'anii Oromiyaa keessatti dalagan ta'e. Haala kanaan manneen hiraarsaa taasifamanii mooraan leenjii waraana Dargii durii ilmaan Oromoo simachuu jalqaban. Mana hiraarsaa kanneen keessaa: Dhidheessa, Agarfaa, Huursoo, Bilaattee, Zuwaay fi Xoollaay kan Godina Jimma kessatti argamutti jumulaan Oromoo guuranii hidhan.

Manneen hiraarsaa kanattis nyaata summeessuun miseensota WBO qabamanii hidhamaniif ilmaan Oromoo sabboontota ta'an kumaan lakkaa'amanii akka dhuman taasifame.

Mana hiraarsaa Huursootti ilmaan Oromoo lakkoofsi isaanii 900 ol tahan WBO fi sabboontonni Oromoo bara 1993 keessa duanii jiru, jechuun barruun Madda Walaabuu jia Fulbaana bara 1993 bahe saaxilee jira.

Sadaasa 20 bara 1993tti ilmaan Oromoo 51 manuma hidha Huursoo kana keessaa baafamanii duaan adabamuu barruun Karaa Bilisummaa jettu, lakk 18. Adoolessa 1,bara 1994 maxxanfamte ibsitee jirti.

Mooruma hidhaa Huursoo kana keessaa hidhaa waggaa 2 booda Oromootni 8 jia Amajjii bara 1994 keessa baafamanii ajjesamuu barruun Oromo Commentay jedhu kan Fulbaana 1,1994 maxxansame saaxilera.

Ragaa biraan waa'ee mana hiraarsaa Huursoo Jaarsi Mahaammad yookaan Abbaa Jibriil jedhamu ganda mooraa hidhaa Huursoo cinaatti argamtu Sarkamaa jedhamtu keessa jiraatu, bara 1993, keessa baatii 6 keessatti namootni 2000 hiraarsa adda addaatiin dhumuu fi awwaalcha dhabanii bakkeetti gatamaa turuu ijaan arguu isaa ibseera.

Dhiha Oromiyaa mooraa hiraarsaa Dhidheessaa keessatti ammoo Oromoo 8,000 taanii fi bakka garaagaraatii guuramanii hidhamuun dararamaa turan dhumuu jaarsi Oromoo Ona Diggaa keessa, naannoo sana jiraatu ibsuun, lafa sana irraa qotanii nyaachuu lagatanii akka gadhiisan ibsan.

Qotee bulaa ona Diggaa naannoo mooraa waraana Dhidheessaa jiraatuu fi maqaan isaa Oliiqaa jedhamu, lafa gabbataa naannoo mooraa waraanaa sana jiru dhiisanii maaliif lafa dhiqamee borqaae irratti akka rakkatan gaafatamanii oggaa deebi miidiyaaleef laatan "Lafti gabbataan illee numa jira garuu waatu keessa jira" jechuun waaee dhimmichaa haasauu akka jibban ibsataa "Waggaa 9 dura ati dhagauu fi dhagauu dhabuu kee hin beeku malee mooraa waraanaa sana keessatti namni keenya 8,000 taan, isin waraana Bilisummaa Oromoo WBO dha jedhamanii hidhamanii turani.
Bara sana namni keenya mooraa kanatti hidhame nyaataa fi walaansa dhorkamee guddaa waan midhameef guyyaaguyyaadhaan reeffi nama keenyaa 10 ykn 20 ol tahu lafa irra harkifamee qonnaa maasaa keenya irratti gatamaa ture" jechuun laficha qotuun Irmii itti taanaan akka gadhiise namni Oliiqaa jedhamuu turtii waggaa 9 booda ibse

Oromiyaa Zoonii Iluu Abbaa Booraa araddaalee sigmoo fi Gaattiraa keessaa jia Guraandhala bara 1995 fi Caamsaa 1995tti Oromoo hedduun waraana Wayyaaneen hidhamanii hiraarfaman. Araddaalee kanneen keessaa namootni 28 murtii seeraa malee ajjeesamanii bakkeetti gatamuun kanneen waraabessaan nyaataman keessaa maqaan namoota: Abdulqaadir Abbaa kaarruu, Raayyaa Muusaa, Shek Jihaad Abbaa Garoo, Usumaan Abbaa Gissaa, Haj Adam Abbaa Saambii, Haj Ali Abbaa Diggaa (ilma isaanii waliin), Yimaam Abbaa Alii, Raimoo Abbaa moggaa, Sheek Daaliil Sheek Kadir, Shariif Abbaa Gaaroo (obboleessa isaanii waliin) jechuun seenaan maqaa waliin lafa kaha.

Dhiha Harargee, magaalaa Mieessoo fi Asaboot gidduutti kan argamtu Gaara Suufiitti Gurraandhala 21, 2007 bakka tokkotti mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo 20 ol fixe.

Sadaasa 2, bara 2005tti, mana hidhaa Qaallittii dhukaasa jumulaa hidhamtoota Oromoo irratti Wayyaaneef OPDO'n banameen namootni 19 ajjeefamanii, hedduun ammoo gar-malee madaawan.

Magaalaa Ambootti Fulbaana 3 bara 1994tti obbo Daraaraa kafanii hidhattoota Wayyaaneen ajjeefameera.

Jia Hagayyaa bara 1995 keessa namootni 27 loltoota ADWUIn Dhiha Wallaggaa, ona Jaarsoo Gambeel, naannoo magaalaa Baabboo Gambeelitti ajjeesamuu isaanii, Suee Poilook qormaata gooteen addeessite. Reeffi jaraa Ebla 28, 1995 booda argamuu jiraattootni naannichaa ibsuu dubbatte.

Zoonii Wallaggaa Bahaa Ona Billoo Boshee ganda Guutee Shamboloo keessaa Obbo Fufaa Guddataa WBO waliin qunnamtii qabdaa sababa jedhuun loltootni Wayyaanee, nama lubbuu qabutti, bishaan danfaa itti naqanii erga affeelanii booda harka lamaan boodatti hidhanii Ebla 18 bara 1995 halkan walakkaa saa 12:00 bakka itti affeelanii fuudhanii bosona keessatti gatan. Barii isaa argamee mana walaansaa Naqamteetti geessamee erga fooyyaee booda, eenyutu akka isaan affeelee fi sababa isaa ennaa ibsatan. "Bishaan danfaa keessa buusee kan na affeele, loltoota IHDG (ADWUI). Sababa waraana ABO naannoo kee keessa sossoaa jiru gargaarta, tumsita jedhamuun akka ta'e ibsate.

Aarsaawwan muraasi olitti eerre danqaa qabsoo bilisummaa Oromoof kan diinni saba keenyaa nurratti adeemsisaa as gahedha. Qabsoon ABO galma akka hingeenye maqaan garaagaraa "Mankaraarsitummaa, Shororkeessummaa, Shiftummaa,..." kan kana fakkaatan OPDO dhaan ABO tti moggaafamaa tureera.

Bara 2020 kanas hanga guyyaa har'aatti WBO'n biyya keenya Oromiyaa tiksuuf aarsaa gati jabeessa, lubbuu qaalii hinqabne kaffalee qabsoo bilisummaa gaggeessaa jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo uummata isaa Oromoo fi Oromummaa dagaagsuuf aarsaa qaalii lubbuu isaa qabu tokkitti laatee qabsoof akka bahetti, hanga galma qabsoo isaa dhugaa gahutti qabsoo hidhannoon falma hadhaawaa taasisaa jira.

Waayita har'aas mootummaan maqaa PP jedhuun of waamu maqaa WBO gurraacjessuu fi hadheessuu irratti bobbaa guddaa taasisaa jira. Keessattuu akka uummati keenya Oromoon jibbu taasisuuf waan hinyaalle hinqabu.

Maayii irratti ABO'n dhaaba labooba abidda Cunqursitootaan qoramedha. Jaarmiyaa rakkoof gidiraa meeqa damdamatee har'a gabbatee dirree Oromiyaa mara keessatti qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsaa jirudha. WBO'n bara baraan haa jiraatu.

Goolabe

Qalbeessaa Dhangi'aatiin
Mudde 28,2020
Sololi’aa Kiyyoon Dadhabe!

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Waxabajji 7,2019

Lafuma waaqni isheef laateetti deemanii adamsu. Ajjeesuu barbaadu. Ajjeesanii fooneessuuf tattaafatu. Soorratanii qaama taasifachuuf maggalu. Foon isheef kiyyoon gaadu. Firaaf hiriiyootashee olla ishee kiyyeessee harka nyaatee baretu Sololi’aa kanatti gama. Sololi’aan kun gamnuma muuxannoof gamnuma uumamaa qabdi.

Sinbirroo Waggaa dheeraaf bosona waaqni laateef sana mandheefatee jiraatudha. Sinbirroo ogeettii kanatti kora wal waamu. Akka itti kiyyeesanii qaban yaadaa oolanii yaadaa bulu. Akkaataa dhabama Sololi’aa sanaa karaa salphaa filachuuf; Kana wayya, sana wayya yaada jedhu uumanii irratti wal falmaa oolu. Inni tokko “maluma waggaa dheeraa dura Sololi’aa akka isaa ittiin qabnetti dhimma baana” yoo jedhu; inni akka gootaa, akka beekaa of godhu tokko ammoo “lakki sun mala nurratti baramedha. Tooftaa haaraa nuu barbaada” jedha.

Guyyaa guyyaan dabaree itti wal furanii ajjeesuuf; yoo gootoman ammoo harkumaan fayyaa Sololi’aa kanaa qabachuuf lafa jiruuf jireenya isaa dhaqu. Utuu Sololi’aan kun isaan hinxuqin, isaantu xuxxuqee dhabamsiisuuf maggala. Shira shiraa oolanii, xaxaaf daba meeqa irratti yaalaa oolu. Kiyyoo kiyyeessanii akkuma obboleessa isaa ittiin qaban sanatti guyyaa mara yaalu. Obboleessa isaa qabanii akkatti dhabamsiisan beeka; muuxannoo fi ogummaa waaqni laateef beekumsa addunyaa kana jijjiiru baatee waan jiruuf sammuu kiyyeessituu dursee yaada. Waan isa dhaamsiisu, waan isa gaaga’ee ilmaan isaa isa jalatti bineensa nyaachisu beeka.

Malaaf tarsiimoo isaa ilmaan isaa barsiifata. Akka gowwonfamuu hinqabnes guyyaa hunda fuudhee gaafa bobba’us gaafa manatti galus nii barsiifata. Ilmaan isaa isaaf dhaga’an akkuma isaa ogeeyyota hedduus hore. Ilmaan isaa dubbii isaa tuffatan kanneen diinaaf kiyyeeffamanii sossobban qabamaniif nii gadda. Gadda isaa yeroo gara yerootti of keessaa baasees of keessatti ukkaamsees nii dhageessifata. Ilmaan isaa isa dhaga’anii hafan yeroo mara balaarraa bararuuf gorsaaf barnoota siyyaasa jireenya isaa sana gadi fageessee barsiisa.

Icciitiin Sololi’aa kana humaa hanga ammaa hinbaramne. Icciitiin jireenya isaa, icciitiin kiyyoo garaagaraa injifachuu isaa baruuf qorannoon guyyaa mara nii taasifama. Sun matumaa hinbaramne. Icciitiin Sololi’aa sanaa akkuma icciita waaqaaf icciita kolfa Saree sana. Icciita kana qabatee jiraachuu isaan akkanni of kabachiisu, akka diinni abdii kutee dhiisuuf daandii saaqeera. Gaadduun Sololi’aa kanaa akkuma nyaachuuf ilkaan gadi yaasanii, gorora coccobsaa jiraatanitti hafuuf dirqamani. Kiyyoos qopheessanii akkuma ittiin qaban yaaluudhaan; kiyyicha keessa midhaan facaasuun akka inni midhaan nyaachuu dhaqee kiyyicha seenee qabamu yaalii guddaan bara kana taasisameera. Kiyyichas hidhanii midhaan sanas kiyyoo sana gidduutti facaasan. Sololi’aan kun ilmaan isaa (Cuucii) horatee qabu mara baraarsuuf daandii kiyyichi jiru irra duubaan utuu itti oofanii barrisee irra darba. Kanneen ilmaan isaa isaaf abboomaman kiyyicharra gaafa inni barrisee darbu duukuma barrisanii darban. Akkuma barootaa dheeraa duraa ilmaan isaa midhaan diinni kiyyoo keessatti facaase sana funaannachuuf barrisuu dhiisanii midhaan sana bu’atan muraasni nii qabaman.

Sololi’aan kun “midhaaniin gowwonfamanii qabamuu ilmaan isaa fi qabamuu firoota isaa gaafa arge hedduu gadde. “Utumaan isinitti himuu diinaaf soorrata taatuu?” jedhees warra hafe gorfata. Gamnuma sanyii isaa lafa irratti hanbisu barsiisa; gamnuma lafarraa hortee isaa daguuguu hanbisu leenjisa. Mala diinaa jala bu’ee tokko lamaan shaakalsiisee barsiisa.

Warri diina isaa fooneeffatanii nyaachuu barbaadan gaafii kiyyoo Fo’aatti haalluu cilee dibanii bosona dhaqu. Sanaan booda; kiyyicha hidhanii midhaan kiyyatti facaasanii duubaan itti oofu. Fiiganii qabuu waan dadhabaniif mala garaagaraa malatan isa olaanaa guyya guyyaan uumanii lafa jireenya isaa deemanii adamsu. “Anis hanguma waaqni naa laate jiraachuufan uumamee; na nyaachuuf maa dhamaataa na dhiisi” jedhee nii kadhata.
Jarri kisaaraa isa qabachuuf baaftu guyyaa guyyaa hunda obsitee ammas diddee itti deddeebiti.

Sololi’aan ogumabadhaadha qabu kun “an soorratuma waaqni naa laaten soorradha! Midhaan keessan hinbarbaadu!” jedhee dida. Kanaaf kan isa dandeessisees muuxannoo jireenya yeroo dheeraa qabu sani. Jigduus mukarraa tolchanii midhaan itti rarraasuun yoonni midhaanicha kutu Jigduun sun dhagaa dugdarratti hidhame baatee akka irratti jiguuf yaalii nii taasisu. Kanas inni nii beeka. Midhaan jarri ittiin qabachuuf waan gadditeef fakkaattee qabattee deemtu mara nii dida. Waan hunda diduu isaa kanaan gaafa aaran jarri dadhabbii karaa dheeraaf yeroo warqee qisaassessanii hojii manaa dhaabanii bosona deeman sanaaf aaranii abaaru.

Ammas galanii “akkuma Sinbirroo hedduu qabannee; Sololi’aa dhumayyuu qabataa turree isa kana akkamuma qabnee fooneeffachuu dadhabne?” jedhanii ofitti aaru. Mala biraas baafatanii bulu. Ganamas akkuma amala isaanii mala haaraan Sololi’aa kanatti dhaqu. Rasaasaan muka irratti rukutuuf lafa jireenya Sololi’aa kanaa deemu. Sololi’aan kun sanas isa biraa rasaasni akkamiin akka ajjeesaa ture, akkamiin akka of biraallee dhabe cimsee waan beekuuf gaafa jara Qawwee baattu argu, lafa jarri hinarginetti bosona waaqni isaa isaaf uume keessa cala’u jedhee harkaa bada.

Sololi’aa kana dhumarra kiyyoon dadhabuu isaa fi rasaasnis dadhabuu malaaf shirri dadhabuu irratti walii galu. Mala dhumaa godhanii akkatti Koochoo/Gooblaa isaa ittii hurgufan Koochoo lamaan irraa caccabsanii sochii isa dhorkuu irratti walii galan. Kanas yeroo yeroon akka ta’uuf saganteeffatanii tartiiba Koochoo/Gooblaa Sololi’aa kanaa caccabsanii irraa baasan Koochoo isaa 2f Sololi’aa addaan baasuuf aggaamu.

Kana dhugoomsuufis waan gabaabaa tolfatanii ittiin rukutuuf yaadan. Mokoliyaa(Muka gabaabaa) qopheeffatan kanaanis Sololi’aa kanarraa jalqaba Koochoo bitaa isaa irraa baasanii “Kochoon kankee miti kankooti!” jechuuf karoorsan. “ati Koochoo dhuma waan jedhamu hinqabdu; kan keenya kan ati kan kooti jettu” jechuu yaalan. Kanaafis murxuxxee tolfatanii gara Sololi’aa kanatti darbatan. Koochoon isaa akkuma inni leenjifate ta’ee fii aniif inni qaama tokko adda hinbaanu jedhee itti marate. Murxuxxeen kun bira darbe. Humaa irra deddeebiin yaalanii dadhabanii dhiisan. Koochoon mirgaa Sololi’aa kunis akkuma Koochoo bitaa sana ta’e.

“malli keenya kunis hindandeenye” jedhan. Kanaan booda ammas mala biraa malan. Sololi’aa kanaan dura midhaan nyaachuutti kiyyoo isaanii seentee guyyaa du’aa; guyyaa gorraa’aamuu eegdu sanatti Summii raatessu dibne bakka inni jirutti gadhiifna jedhan. Malli kun mala ajaa’iba mala ittiin qabamu jedhame. Kanaafuu Sololi’aa dhuma akkasaatti summii raatessu dibanii lafa jireenya isaa geessanii lakkisuuf ba’an. Akkuma jedhanis taasisan. Sololi’aan booji’amtuun sagalee waamichaa dhageessisaa gara Sololi’aa sun jiran deemte. “kottu, kottu, kottu” sagalee jedhus dhageessiste.Sololi’aan sun ammas mala kana hubachuudhaan sagalee isaas afuura isaas dhoksatee hatattamaan bosona sana keessa bade.

Dhumarra waan hundaan yaalanii dadhabanii Sololi’aa kana maqaa balleessuu jalqaban. Sololi’aa Seexanaati, Sololi’aa Caattoo, Sololi’aa jeedalaa jedhanii maqaa balleessuuf yaalan. Maqa balleessii isaaniittis bakka utuu hinlaatin of kabachiisee jiraachuu itti fufe. Sololi’aa Kiyyoon dadhabe jedhamees maqaan mogga’eef. Sololi’aan kun boris hinqabamu; warra kiyyoon qabameyyuu barsiisee yeroonni harka warra fooneeffachuuf kunuunsaa jiruutii baasu fagoo miti.

Injifannoon Uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi’aatiin.
Waxabajji 7,2019
...Dheekkamsa yaadaa!...

Of ta'i! Of ajaji kan jedhu erga barruulee siinsammuu dubbisee as akka ajajaa kumaa, itaamaajor Shuumiitti na keessaa gilindisu. Hima gaggabaaboo lama, kan hanga kitaaba guddaa gahan ta'anii natti mul'atu. Fiixee yaadaa qabanii hurgufanii na gingilchu. Kosii yaadaa gatuudhaaf qerqebanii soru. Of ta'uu akkan qabu na dirqamsiisu. Isaan kun ajajoota olaanoo sammuu kiyyaati.

An nama kamiin kan dirqisiifamee yaada namaa of irratti fe'u akkan hin taane na adaru. Anummaakoo barbaadanii naaf argu. Daawwitii anummaa keessatti Leenca taasisanii na agarsiisu. Kanaafan ofitti boona. Nama yaada qaama kamiin osoo hin taane yaada itti amaneen socho'u akkan ta'u na godhaniiru.

Yeroo tokko tokko ofin dheekkama. Of abaareen of sookka'a. Yaadota alaa natti darbataman sana qolachuuf jecha garuu; of abaaruuf of waakkachuu akkan dhaabu na taasisa. An anuma. Addunyaa kana irraa an nama biraa ta'uu hin danda'u. An gurraachuma Afrikaati. Adiis diimaas ta'uu hin danda'u. Anummaa koon yoon sirriiqe, yoon biddiiqee akka natti tolu ta'e akkan bu'aa guddaa saba kanaaf buusu beeka.

Addunyaa nama biliyoonotaan lakkaa'amu baattee jirtu kana keessatti namoota mara wal qixa gammachiisuu akkan hin dandeenye beeka. Dhugaan asitti naa galu ammoo, of gammachiisuu akkan danda'u cimseen ofiif hima. Of irratti of aangessuu, of muuduu akkan danda'u cimseen beeka. Muudamsan of irratti ofiif laadhe namuu narraa fudhachuu akka hin dandeenye illee nan hubadha.

Namooti hedduun 'addunyaa nuti sii uumne keessa jiraadhu!' Kan naan jedhan danuudha. Isaan kun akka bobboca isaaniitti warreen na fudhachuu yaadanidha. An nama nam-tolchee miti! Nama waaq uume,sammuu ittiin gaggeeffamu qabudha. Akka roobotiitti natti gargaaramuu yaaddee gara kootti kan imalte hin milkooftu. Ani nama waanan ta'eef.

Akka kiyyatti yaadi jechuun anummaa kee gatii ana ta'i jechuudha. An akkamittan anummaa kiyya gataree? Akkamiin nama biraa ta'uu danda'aree? Anummaa koo jijjiiree akkamiinan sammuu koo faana walii galuus danda'a? Kanaaf anummaa koo jijjiiruu yaaluu dhiisaa! An anuma.
Daandii WBO dhiisanii daandii biraa leellisuu fi filachuun, akka nama riqicha shiboon tolfame dhiisee hiddarra laga ce'uu filatuuti!
Kitaaba Siyaasessitotaa!
...

Fuulli jalqaba kitaabichaa "yoo hin dubbattu ta'e, sittan hima" jedheetu eegala. Eyyee hin dubbadhu jedheen waan inni natti himu dhaga'uuf akkan qophaa'en ofitti dubbadhe. Kanas ammoo tarii 'ni dubbatte kunoo' naan jedhaa laata jechaan, kitaaba haasa'uu malee dhaggeeffachuu hin beekne sana calliseen ija keessa ilaale.

Amala kitaabaa keessaa inni kun baayyee na ajaa'iba. Kitaabni ni dubbata; garuu hin dhaggeeffatu. Ammoo hin dogoggoru. Waanuma al tokko qabate utuu hin maksin hima. Nu garuu waan hundayyuu utuu sirriitti hin hubatin dubbachuuf ariifanna; sanuu dogoggora. Waan ta'e tokko utuu hin qalbifatin wajagna. Erga qalbifannee ammoo ofittillee hin qaanofnu; akka waan yerosis sirrii turrettti fakkeessina. Kanaaf nurra Kitaaba wayyinnaa laata!

Waan itti aanee barreeffamee jiru dubbisuuf rora'een jira. Garuu iccitiin an baruuf adeemu na sodaachiseera. Bakki ani jiru kunis sodaa biraati. Hoogganaan waajjiricha keessa hin jiru. Haajaan xumurachuuf garas dhaqe waanin qabuuf, gad taa'ee isa eeguun dirqama kiyya. "Amma inni dhuufutti kana dubbisi" jettee Kitaaba an harkatti baadhu kan natti kennite Barreessituu waajjirichaati.

Kitaabnichi kan warra Siyaasaati. mata dureen kitaabichaa "Iccitii bulchiinsa, hawaasa fedhii baayyee qabu geggeessuu" jedha. Kitaabni kun fuuldura teessoo Hoogganaa waajjirichaarra ture. Akkan yaadutti hoogganichi utuu dubbisaa jiruu achirratti dhiisee ba'e.

Jalqabbiin seensa isaa "yoo hin dubbattu ta'e sittan hima" jedha. Itti fufee ammoo waa'ee saba Ejew jedhamu kan uummata Niijer Deeltaa Naajeeriyaa keessa jiraatan tokkoo fakkeenya fudhatee dubbata.
"Mootummaan Naajeeriyaa Uummata Niijer garboomsuuf qabsa'aa isaanii Isaak Adookaa ajjeesuu filannoo hin taasifanne" jedha. Itti fufees:

"Yeroo sana uummatni Niijeer Deeltaa miira ho'atiin waan dammaqeef, mootummichi angoosaa itti fufsiisuuf Nijeer Deeltaa deebisanii mugaatii keessa galchuun dirqama ture. Kana gochuuf ammoo tooftaa barbaada" jedha.

Kitaabni kun dhaawata dhaawata qalbii na fuunaanin, suuta gara Barreessituu ilaale.
Teessoo barreessituu sanaarra Qarcummee (stapler) guddaa tokkotu mullata. Ijakoo qaradheen suuta garas milladhe. Afaan rukuttuu Qarcummee sanaafi gabatee sana gidduutiin kan argamu teessoo kitaabotaa danuuti. Amman danda'e mata dureewwan kitaaba sanaan shuufe. Hundisaanii maqaa adda adda qabu "The Prince, 48 Power, Performance of Machiavellian fi kkf" kitaabotatu toora galee jira.

Ijikoo isaaniin dubbisee utuu hin xumurin, harki Barreessituu sana Qarcummee sana yoo bakkasaatii kaasun rifadhe. Battaluman ija kiyya gara kitaaba harkakoo keessa jirtuutti deebise. Bakkan dhaabee eegaleen dubbisuu itti fufe.

"Dammaqiinsa siyaasaa Uuummata Niijeer Deeltaa Ijoo jedhaman kanaa busheessuuf tooftaan guddaafi tarsimaawaa ta'e, mootummaa Naajeeriyaaf ni barbaachisa ture. Kanaaf akka tooftaa guddaatti mootimmichi kan inni itti gargaarame uummaticha burjaajjeesuu ture. Akka uummatni sun hoogganaa isaanii Isaak Adookaa isa biliisummaa isaaniif qabsaa'u hin amanneef, hiriyoonni Isaak akka faayida argatanii isa ganan taasisuu tarsiimoo dura godhate. Akka waan Isaak qabsaa'ota Ijoo warra hangafaaf kabaja hin qabneettis ololli akka qindaa'u taasifame. Isaakiifi gaaffiisaa ammoo sirrii jechuun hafarfame. Mootummaan gaaffii Isaak gaafatu Isaakiin dursee ofiin dubbachuu eegale. Gaaffii misoomaatiin akka uummatni hin fincilleef mana barumsaa duraan Niijer Deeltaa keessatti dhorgame hayyame. Riqichaafi bu'uraalee misoomaas ni galcheef. Garuu ammoo biliisummaa ammas ni dhoragate." jedha.

Ammas itti fufeera. "Qorannoo geggeeffameen Waayiloonni qabsoo Isaak Dookaa baayyeen isaanii rakkoo dinagdee qabu turan. Kanaaf isaaniif yoo fedhiin isaanii eegame, afaan qabachuu ni danda'u. Warra kaan ammoo gara bulchiinsaatti hafeeramuu barbaadu turan. Isaniin ammoo bakka isaan dhiibba hin uumnetti muuduun tarsiimoodha. Waggoota murtaa'eef uffannaan aadaa, afaaniifi qaroomni uummata Niijer Deeltaa Sabni Ijoo jedhamu kanaa miidiyaa aguuguu qaba.
Dargaggoonni waa hubatan akka hin jiraanneef carraa barnootaatiin gara biyya ormaatti ergamuu akka qaban murteesse. Isa booda Isaak Adoolaa laaffisuu, gantuu fakkeessuu yoo hammaate hidhuu, didu anmoo ajjeesuun salphaadha" jedha.

Seenaan uummata kanaa kan keenya waliin wal natti fakkaannaanin ammas miiraan liqimfamee dubbisuu itti fufe. "Yoomiyyuu gowwaa ta'uu hin qabdu" jedheetu eegala. Itti fufe "Yoomiyyuu gowwaa akka hin taaneef, uummata dammaqe kan ati laaffistu waan wajjin dammaqxe yoo fakkaate malee, uummataan ati sirrii miti jetta taanaan ati gowwaadha" jedha.

Tole abbookoo jedheen, quba abuugduukoo gororaan jiifadheen baallee kitaabichaa galagalche.
"Gaaffiin sabummaa ho'aa qarqara laga Niijer Deeltaatti saba Ijoo jedhamuun dho'e sun, akka dammaqinaafi hayyummaa Isaak Adookaa Booruutiif ni milka'a ture. Utuu mootummaan yerosii humnaan ukkaamsuuf yaaleera ta'ees uummatichi ni injifata ture. Mootummaan garuu ni abshoolome. Umurii angoosaa dheereffachuuf tooftaan gubbaatti sitti hime kana hunda raawwate.

Dhumarra uummatni akka qabsa'aasaa Isaakiin shakkuuf olola itti oofe. Isaakiinis mana hidhaa erga galchee booda, hiriyoota Isaak alatti hafan ammoo muudana kenneef. Uummatni Ijoo yookaan Jew ammoo akka wal shakkaniif warra laga Niijeer gamanaafi gamasii jedhee angoorratti wal nyaachise. Afaan isaanii isa uummaticha tokko godhu dagatanii Looga (dialect) afaan isaaniirratti akka wal moorkatan taasise. Atis ammoo yoo nama siyaasaa bilchaataa taate, uummata si finciluuf ijaarameefi fedhii garaa garaa inni qabu fayyadantee akkasittiin diiguu dandeessa. Garuu yoo dabarsitee hin himtu ta'eef ammas waan tokkon sitti hima..." jedhee itti fufa.

Anis ammas galagalchee dubbisuuf qubakoo gororaan jiifachuufan gara afaaniitti erge. Garuu sammuunkoo na dide. Waan nuy akka Oromootti taaneefi waan sabni Ijoo uummata Niijer Deeltaa ta'etu wal natti fakkaate. Qaban gororaan jiisuuf gara afaaniitti erge achitti hanbiseen ilkaaniin ciniine. Nan gaabbe. Edaa warri siyaasaa akkasitti nutti shiran; akkasittis humna ni hiran. Hooggantoota keenya hidhamanii jiraniifi waayiloota isaanii muudamanin wal bira qabee yaadadhe.

Kana gidduutti sagaleen yaada keessaa na dammakse. "Kitaaba kana maalif fuutee namatti kennita?" Hoogganicha ture. Kana dubbatee utuu hin turin battaluma kitaabicha narkaa bute. Barreessituttiin ni rifatte. Akka teessoorra turellee itti himuuf ni giingofte. Ani garuu nan dubbadhe "kitaabnichi namatti tola. Yoo isinitti tole naaf ergisaan" jedhe.

Battala ija aariin na ilaalaa, "naamusni dirqama barbaachisa. Waan namni kaa'ee deeme callistee kaastee tuquu hin qabdu. Siifis ergisuu hin danda'u. Kun moojula geggeessummaati malee Kitaaba miti." Erga naan jedhee booda, "maal si gargaaru. Dhimma maaliitiif dhufte?" jechuun miira ifannaan na gaafate.

Anis suuta jedheen "Carraa barnoota biyya alaa tokko argannee turre. Barattoonni waliin carricha arganne anaan bakka na buuftanii as na ergan. Xalayyaan dhaabbata kanarraa gara imbaasiitti barreeffamuu qabu ammallee hin ergamne. Isa isinitti himuufan dhufe. Gamanumaan garuu yeroo murtaa'eef kitaaba kana dubbisee waa hedduun hubadhe. Kanaaf carraa barnoota kana dhiisuuf murteesseera. Ijoollee qormaata darbanii xalayyaa waajjira keessanii eeggachaa jiran keessaa ani of haqeera." jedheen boorsaakoo qabadhee ba'e.

Ammallee guungumaan jira. Taaksiis hin qabanne; dugdakoo irraangadee Arat Kiilootti gateen miilla kiyyaan gara Qaallittiitti ademaa jira. Yaadnikoo ammoo waa lama yaadaa jirti. Tokko nama keenya isa utuu ofirratti hin beekin diinaaf hojjetu. Isa diina dhagaan itti guuramuu qabu dhiisee waliisaatti dhagaa furuursu. Kan lammataa ammoo nama keenya isa sababa nuuf dubbate, sababa gaarii nuuf yaadeef, sababa biliisummaa nuuf hawwe qofaaf aarsaa kaffalaa jiru. Kana lamaan gidduutti Abbaaafi haadha keenya warra "baradhuu nama ta'i; nus nu gargaari; rakkoo keessaa nu baasi" jedhan dhamaatii isaaniifi haala dhaloota keenyaatu wal darbee natti mullate.
Yoo maal ta'e walii keenya hubannee, walii keenyaaf gubannee, walii keenyaaf dubbannee, waliin waliif taana laata? Mooji kooti...

(Barreeffamni kun dubbisaaf akka mijatuuf seenaan Kalaqaa itti dabalamus, kan nuti taaneefi uummatni Ijoo Niijer Deeltaa ta'an waan olitti heerame kana)

Lalisaa Indiris Adamiin barreeffame.
Adeemsa laafina sochii dargaggoota Oromoo!

Qalbeessaa Dhangi'aatiin
Fulbaana 25,2021

Sochii mootummaa Itoophiyaa fi kaadiree isaa irratti hin dammaqamin!

Siyaasni tapha barbaada. Tapha sana injifachuuf mala si feesisa. Mala garaagaraa uumtee tapha caallaan mormitootakee salphaatti injifatta jechaadha.

Mootummaan Itoophiyaa adeemsa gurguddaa ittiin qabsoo dargaggoota Oromoo duuba deebisuuf yaale qaba. Adeemsi kun kan irratti dammaqamaniif hin dammaqamin qabu. Amma kan ilaaluuf deemnu adeemsa irratti hin dammaqamin sana ilaaluu yaalla.

1. Sammuu dargaggootaa gara yaada qabsoo bilisummaa irraa haqaanqaluu!

1.1 olmaa dargaggootaa

Qabxii kana jalatti wantoota hedduu raawwate. Kun kan bara bulchiinsa EPRDF aangoo TPLF jala ture irraa eegale. Bara bulchiinsa aangoo TPLF magaalaalee keessatti "olmaa dargaggootaa" waan jedhu hundeeffamuu jalqabe.

Olmaa Dargaggootaa kana keessa wantoota akka Puulii, Tenesii, DS TV, buufataalee Jimaa, bufaata Tamboo turan. Wantoonni kun haala salphaa ta'een dargaggoota injifachuu qabxii jedhu jalaa fudhatame. Adeemsa kana keessa dargaggeessi seenu araadaan qabama. Araada kana keessatti dargaggeessi kufe waa'ee saba isaa dhiisii waa'ee jireenya mataa isaa yaaduuf hiree hin argatu.

Haala kanaan sammuu dargaggootaa gara aaraada hin feesifneetti oofuudhaan guuboo araadaatti dargaggoota hedduun nam'aniiru. Dargaggeessi geengoo kana keessa seene sammuun isaa waan Jimaaf Tamboo qofa argatee jennaan jireenyi isaaf jannata. Kun of dagachuu, of wal'aaluu, namummaa ofii awwaaluu keessaa isaan tokko.

1.2. Gartuu beeksisaaf wal arboomsuu

Bara kana ammoo gurmuu hojii uummataa waan hojjetu fakkaatutu uumame. Gurmuun kun miidiyaa dhuunfachuu, miidiyaatti fayyadamuu haalaan danda'a. Dargaggoota fayyaaleyyiis osoo isaan hin beekin ofitti makuuf dandeettii qaba.

Geengoo gartuu kanaa halaala dhaabattee gaafa ilaaltu dargaggoota hojii Oromoo irra oolan fakkaatu. Waa'een Oromoo ajandaa isaanii isa guddaadha. Gurmuun kun barreessaa, wellisaa, namoota qoosaa danda'aan fi walumaa gala namoota hedduu of keessaa qaba.

Kana malees gartuu kana keessa namoota dhaabbi toleeyyii mimmiidhagoo. Kanneen jechi isaanii mi'aa dammaa fakkaatuu of keessaa qaba. Gartuu hojii daldala adda addaa hojjetus qaba. Gurmuu beeksisaas fakkaata. Isaan keessa kanneen seeneen ala garuu hojii barreessuu fi wellisuu nama hojjete hojii isaa beeksisuu hin barbaadan.

Gurmuun kun barreessitoota uummataaf tattaafatanii hojjetan, kanneen hojiin isaanii dhuka qabu hedduu al kallattiin haamilee buusu. Kitaabni gartuu isaaniin ala yoo barreeffame beeksisuu hin barbaadan. Gartuu kana keessaa namni tokko bahee yoo waanuma xiqqoo barreessee kitaaba fakkeessee maxxanse ammoo galma giddu gala aadaa Oromootti kaabineen mootummaa osoo hin hafin bahanii eebbisiisu.

Hojii namoota kanaa baay'ee bilchinaaf icciitaawaan waan mootummaaf dalaganiif irratti hin beekamu. Wellisaas ta'e artistiin garee kana keessaa hojiin inni dhoksaan dalagu uummata biratti salphaatti kan bahee mul'atu miti.

1.2.1. Bifa qoosaan miira uummataa gara kallattii biraatti dhiibuu

Gartuun kun qoosaa waan danda'an fakkaatu. Qoosaan isaanii dhimmoota salqunnamtii dabalatee, dhimmoota adda addaa of keessaa qaba. Akkaataa wantoota araada nama qabsiisanitti dargaggoota oofan dabalatee miidiyaa kana irratti facaasaa oolu. Ajandaan isaanii sammuu dargaggootaa gara seer-maleessummaatti dhiibuudha. Waan babbareedoo fakkaatan agarsiisuu, dhimmoota qaama saalaa dhiiraaf dhalaa facaasuun sagaagalummaaf dargaggoota kaadhimuu dabalatee ajandaa baay'ee dhokataa ta'e qabatanii socho'u.

Miidiyaa hawaasaa kana irraa baayyina waan qabaniif, darbees akkaataa fayyada jechootaaf gargaarama hojii isaanii irraa kan ka'e irratti baruuf baay'ee ulfaata. Uummata fayyaaleyyii dhiisii namoota siyaasaa gowwonfachuuf dandeettii itti qabu. Duubni isaanii garuu gidaara OPDO ti. Sponsor kan godhu illee kaabineef kaadiree mootummaati. Amma gartuun kun biyyoota Itoophiyaa alatti illee of babal'iseera. Gartuun kun siyaasa irraa walaba of fakkeessu.
Siyaasni isaanii garuu kan PP ta'uu ammoo hojii isaanii saaxila.

Rakkoo uummata Oromoo dubbachuu hin barbaadan. Ergama isaaniitu isaan danqa isaan dhorka waan ta'eef. Waa'ee hidhaaf hiraarsaa uummata keenya irra gahuu, ajjeechaa saba keenya irra gahu fuula miidiyaa isaaniin dubbachuu hin barbaadan.

Kana qofa miti ajandaan uummata Oromoo fayyadu dhageettii akka argatu hin godhan. Karaa irratti hin beekamneen ajandaan uummata fayyadu akka bushaa'u taasisu.

Wayiita ajandaan saba keenya Oromoo fayyadu lakkifamu, itti yaadanii isaan ammoo ajandaa bililcii wayii tokko gadi gadhiisu. Kunis waa'ee akkaataa qaama saalaa dhiiraaf durbaa dabalatee jechuudha. Ajandaawwan gati dhabeeyyii akkanaatti akka sabni keenya yeroo isaa gubu, dargaggeessi taa'ee waa'ee xebexebaaf xibaara maayii hin qabne akkanaatti akka yeroo isaa dabarsu taasisu. Gartuun kun Rirma sammuu dargaggoota Oromoo nyaate jechuunii dandeenya.

Wantoonni haala kanaan uummata keessa deddeemaa jiran akka dargaggoonni Oromoo yaada isaanii gara hin malletti haqaaqan taasiseera. Ajandaa siyaasaa keessaa bahee akka dargaggeessi gara waan isa illee hin fayyadne dhimmoota sagaagalummaaf gaa'eela hin barbaachifneetti akka oofamnuuf daandii saaqaniiru.

Oromoon dargaggoota ajandaa dhokataa qabatanii socho'aa jiran kanneen ilaalee addaan baafatee of irraa dinninuu qaba. Tooftaa mootummaan PP dhimma itti bahaa jiru kanneen namoota oofan haalaan addaan baafatee of irraa dhorkuuf yoo kan deebi'an ta'e gorfatee deebifachuu akka qabun dhuma barruu kanaan dhaama!

Injifannoon uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi'aatiin

WBO'n haa waaru!