Dhugaa Miidiyaa DM
1.57K subscribers
1.09K photos
16 videos
11 files
447 links
Download Telegram
Muummee Seenaa (Seenaarraa maal baranna?)

Qalbeessaa Dhangi'aan
Adooleessa 27,2018
Finfinnee Oromiyaa

Seensa

Uummanni Kuush/Kuusaan waggoota hedduun duras cunqursaarra tureera. Seenaan isaas hatamaa yoona gaheera. Kaawwan ammoo gubamaa yoona gahan. Waa'ee Kuush barreessitoonni maal jedhu.
Obbo Birruu Tsaggaayee kitaaba isaanii keessatti waa'ee saamicha uummata Kuush irra gahaa ture haala kanaan ibsu "Araboonni yeroo Afrikaa Kaabaa weeraranii babal'ataa turanitti kitaaba Misir saamanii biyyatti fe'ataniin gamatti kan guban ji'a jahaaf (6f) halkanii guyyaa akka boba'e seenaan galmeesseera. Piraamidoota Nuumiibiyaa fi Misir keessa jiran dachaan kan caalan kan mancaa'an warra seenaa sana hinojjeenneeni. Fakkii dubartii (Sphinx) kan yaadannoo Asiisif (Asete-Ateete) tolfame san Naappoliyoon Boonappaartii madfiidhaan jigsiisef inaaffaa jibba sanyiitiin qabamee yoo ta'u siidaa guddaan kun yoo lafarratti hafe ragaa guddaa sagalee hinqabne warra hojjeteef ta'a jedheeti. Aleeksaandar guddichi Giriik barruu waa'ee mootota Misir san duraa barreeffamee kaa'ame barruu waggoota kuma hedduu hanga danda'e saamee fudhatee jira" jechuun ibsa.

Dursiilaa Duunjii Hawistaan Kuushootaaf yoo dhaamsa kitaabashee keessa keessu akkana jetti "isin Kuushoonni Ithiyoophiyaa kan tuffatamtaniif balfamtan waan abbootiin keessan isinii barreessan ol jedhaa ilaalaa! Warri Kuush durii sun warra qaroomina isa jalqabaa dhala namaatiif fidanii dhaalchisan. Kan nama gaddisiisu garuu; isaan uummata seenaan akka hintaaneetti jalaa hatamee dhiibbaan irra gahe. Yeroo durii utuu jibbi sanyummaa akkanatti hindagaagin beektonniifii abuurtonni bara durii san keessa kan qaroomina fideefi magaalota hundeesse warra Kuush ta'uu ragaa bahaniif turan. Horteen jara qaroo sanii har'a seenaa keessatti iddoo tokkollee dhowwataman kun warri isaanii qaroomina Hindii, kan Baabilooniif magaalaa isaanii akkasumas mi'a daldalaa, qaroomina Eeshiyaa xiqqitti kan bara sanaan duraafii kkf warra uumani. Dhaabbileen Kuushota durii, seeronni aadaaniifi yaadonni isaanii bu'ura aadaanii fi seerri keenya kan ammaa irraa dhaabbatani. Maleekaawwan bara durii Giriikii fi Roomaa keessatti amanamaa turan kan akka saatarnii, Daayuunsus, Oosiriis, Appoolloo, Zeeyoos fi Heerakilas faani kabajaa maqaa fi gurra mootota Kuush kan durii irraa fudhatani" jechuun katabde.

Waa'ee seenaa Kuush kaleessaa Taabor Waamii kitaaba isaanii "Seenaa Dhugaatiif Barreeffa Loogii!" Jedhu keessatti, seenawwan hedduun akka uummata Kuush jalaa barbada'uuf seenaan uummatichaa akka baduuf duula Baarlin, Paaris, Xaaliyaanii akkasuma Ameerikaa dabalatee bananiin mancaa'uusaa eera. Wantoota socho'uu danda'aan kanneen akka siidaa Lippiisiyaas (lepsius) Kaarimaa(Karima) jedhaman saba Kuush harkaa saamamuun akka ragaatti katabamee jira.

Achumaa as dhufa dhagaan halagaan nutti darbatamaa turera. Uummanni Kuush dhiibbaa uummata biraan irraan geessiseen gaddaaf gadadoo keessatti kufe. Ta'us falmachuuf ciisee hinbeeku. Habashoonni waanuma warra isaanii irraa dhaalan uummata Oromoo irratti raawwataa yoona gahaniiru. Seenaan uummata Oromoo akka badutti waan garaagaraa katabaa yoona gahan. Kaansaammoo dhuunfachuurrattis hojjeraniiru. Har'as Habashaan takkaa waa'ee Oromoo waan gaarii katabee hinbeeku. Seenaan uummata Oromoo balleessuuf aggaammii halagaan aggaamu ofirraa qolachuuf Oromoon Gadaa jalatti wal ijaaree akka falmataa ture ragaawwan hedduutu eera. Har'a yakkoota daddaabaa uummata keenyarra gahaa jiru qolachuurrattis Qeerroon uummata ijaarratee qabsootti jiraachuun eenyuuf iyyuu ifaadha. Waa'ee qabsoo Oromoo baroottan darbanii barreessitoonni maal jedhu?

Barreessan Heerbart Bilaandeel kitaaba "A Journey through Abyssinia to the Nile" jedhu keessatti adeemsa Oromoon ittiin Habashaan cabe raageessuun akkas jedha "Odoo warri Absiiniyaa achi hinga'in kan biyya sana jiraachaa ture Oromoo ta'uu hinoolu. Akksumas ta'ee warri Aabisiiniyaa Oromootaan warra bakka biraatii dhufan jedhuun. Warri Absiiniyaa meeshaa gargaarsaan argataniin Oromoota waraananii erga cabsaniin booda garboonfatanii akka isaan meeshaa waraanaa gargaars
an hinarganne too'annoo cimaa jala oolchanii jiru" jedha.

Gochaan Habashoonni uummata keenya irratti gochaa turan hangam ulfaataa ta'uu raageessa. Ofiisaaniif meeshaa gargaarsaa gaafa argatan Oromoon gargaarsa akka hinarganneef ammoo dippiloomaasii isaa dura dhaabbatamaa yoona gaheera. Akeekni kun har'allee itti fufee jiraachuu beekuu qabna. Mallasaan akka ABO'n gargaarsa biyyoota alaa irraa hinarganneef maqaa garaagaraan xureessuuf dhamaatii guddaa taasisaa ture. Kanas ta'uu sana qabsoon Oromoo haalota danqaa mara irra aanaa dhufe.

Seenaan akka ragaa bahutti Oromoon waraana Gadaa jalqabaa bara 1522-1530 taasiseen hogganaa waraana Libna Dingil kan Faasil jedhamu ajjeesuun baalee gartokkee tohateera. Baalee diinni harkaa fudhate deeffachuusaa kan raageessudha. Seenaa kana dabsuudhaaf barreessitoonni Habashaa hedduu ifaaju. Sababaan ammoo waan mataaf miilla hinqabne "Oromoon jaarraa 16 ffaa booda biyya kana dhufe" jechuun seenaa sobaa barreessanii uummata barsiisan sana haguuguuf akka ukkamsanis seenaatu ragaa baha.

Dabalataan roorroon Habashaa itti hammannaan Oromoon waraana Gadaa afraffaa bara 1547-1554 tti waraana Mootii Galaadiwoos faana taasiseera. Galaadiwos deggarsa biyyoota alaa Poorchugaal irraa argateen Daawwaroo deeffatus bara 1548 mo'amuusaa seenaatu ragaa baha. Baruma kana loltoonni Gadaa Oromoo hogganaa waraana Porchugaal kan ta'e nama maqaansaa Oroyaas Diyaas jedhamu galaafateera. Seena kana maanoosaa balleessuuf gitooti habashaa Fincila Bilisummaaf Oromoonni taasisan "Fincila Shiftaa" jechuun maqaa badaa moggaasaaniiru.

Qabsoon Oromoo achumaa as dhufa ofirratti hirkataa ta'uusaa waa hedduutu ragaa baha. Abboonni keenya darban Oromoonni fincila Bilisummaaf taasisaa turusaanii karaawwan hedduun ibsamee jira. Yaa ta'uutii Oromoo karaa Waraanaa cabeera seenaan jedhu hanga ammaa an argee hinbeeku. Oromoo kan cabsu Shira. Shirri halagaan nurratti xaxuun akka cabnee garboomnu ta'aa dhufne. Malee waraanaan uummata cabu akka hintaane seenaan Habashaan barreessanuu ragaa baha.

Bara waraana Abiishee Garbaa Habashaan Qadiidaa Wannabee michoonfate, sana booda Abiishee galaafate. Bara Minilik ammoo Minilik Goobanaa Daaccee qabatee of dura buusee Oromoo garboomfate. Oromoo erga karaa Goobanaa ofarka galfatee boodammoo Goobana mataasaayyuu galaafate. Hayila Sillaaseen ammoo paartii OPDO har'aa fakkaattu Oromoo dura qabee Oromoo cabse. Dhumarra paartitti sanis nii balleesse. Darguun Ammoo MEISON qabatee Oromootti dhufe, ABO balleessuufis MEISON jabeeffatee akka socho'aa ture dhageenya. ABO balleessuu dadhabus boodarra ammoo jaarmiyaa MEISON haxaa'uu danda'e.

Mallasaan ykn IHADIG jaarmiyaa OPDO qabatee Oromootti dhufe. OPDO qabatee ABO balleessuu akeeka jedhu qabatees socho'e. Galmi OPDO ABO balleessuu akka ta'etti Project godhe. Boodarra akkuma waan ABO balleessiteetti OPDO baatee dubbachuus yaalaa turte. Sana booda ABO sodaatus waan hinqabne itti fakkaatuun OPDO dhaan ka'aa bulchiinsi keessan Finfinnee ta'u hinqabu Adaamaadha jechuun waajjira OPDO Finfinnee keessaa ari'uunsaa seenaa dhiyooti. Darggagoonniif ABO falma guddaa taasiisuutiin Finfinnee irratti wareegama kaffaluunis itti fufe.

Haa ta'uutii ABO qabsoo isaa nii jabeesse. Har'a OPDO kana qabatee Habashaan socho'uu barbaada. OPDO qabatanii ABO balleessuu akeekni jettus ammas ajandaa Habashaati. Habashaan OPDO jaallatee itti siqataa jira miti. Akeeka ABO balleessuu qaba. Boodarra ammoo OPDO amma leellisu rukutuu dhufa. Kun hundi OPDO'f yaadamee utuu hintaane dantaa dhuunfaaf bololuu Habashaan ta'uu raageessa.

Kanaaf OPDO ABO balaaleeffatuu irraa walaba ta'uun barbaachisaadha. ABO balleessuu matumaa hindandeessu. Dura dhaabbannaa kanaan garuu Bilisummaa Oromoo lafarra harkisuu dandeessi. Yoo dura dhaabbanna kana itti fuftemmoo ofiifuu baduun waan oolu hinta'u. Habashaa hedduutti amananii waliin ragaduun isaaniis waa'ee seenaa gadi fageessanii hubatuu dhabuudhaa laata? nama jechiisiisa. Maraafuu hanga halagaatti Kooluu galanirra waan uummanni fedhuuf jaallatu ABO tti michoomuuf tattaafatuun isaan fayyada jedheen tilmaama. Wal arrabsuuf walabaaruun is
a karaa nu adeemsisu miti. OPDO holola ABO irratti banan dhaabuu qabu.

Horaa Bulaa
Qalbeessaa Dhangi'aatiin
Adooleessa 27,2018
Finfinnee Oromiyaa
....
Suuraan mul'atu jaallan hidhaa jiranidha. Isaanifis sagalee ta'aa jechuumaafi
"...Yohaannis booda biyyattii kan qabate Minilik II ture. Akka barreeffamni seenaan jedhutti Minilik bara 1868 fi 1900 meeshaa waraana biyyoota Awuuroophaa irraa hedduu argate. Qawwee 500,000 fi rasaasa 20, 000,000 Faransaayi irraa argate. Ingilizii irraa ammoo Qawwee 15,000 fi rasaasa 5, 000, 000 fudhate. Xaaliyaanii irraa Qawwee 50,000 fi rasaasa 10,000,000 akkasuma Raashiyaa irraa Qawwee 150,000 fi rasaasa 15,000,000 argate. Kana malees qaaruxeewwan (Tika) fi ogummaa waraanaa kan qaban biyyoota Awuuroophaa irraa fudhatee dhimma itti bahateera jedha kitaabni Gadaa Melbaa fuula 59 barreeffama Darkwan bara 1975 wabeeffachuun.

Meeshaa waraanaa kunneen hundi lola Eenyummaa Oromoof Kushoota kaanii ballesssuuf kan dhimma itti bahame ta'u ragaan seenaa nii hima. Meeshaa waraanaa kanaan Oromoo dabalatee saboota Affaar, Sidaamaa, Somaalii fi saboota hiddi isaanii maatii afaan Naayilootik ta'e waraanee garboonfate jedha seenaan..."Barruu mata duree "Dhuftee Agaazoota (Agaazii) fi Habashaa" jedhuun barreesse keessaa kan fudhatame
Sirna Kolonii: Biyya afaanshee dagattee afaan ormaa dirqamaan fudhatte


Addunyaarratti taateewwan afaan, aadaafi jiruufi jireenya hawaasa kaanii miidhuun karaarraa dabsan keessaa tokko sirna koloniiti.

Biyyoonni Afriikaa ammoo irra-jireessaan miidhamtoota bulchiinsa koloniiti.

Koloneeffattoonni akka Firaansi, Ingiliz, Italii, Poorchugaal fi kaan biyyoota Afriikaa keessa naanna'uun bakka isaaniif mijatu qubatanii aadaa fi afaan isaanii irratti fe'uun kansaanii akka dagatan gochaa turaniiru.

Biyyoota Afriikaa afaan dhalootaasaanii dagatanii afaan Firaansi, Ingilizi yookiin Poorchugaal akka afaansaaniitti fudhachuuf dirqaman keessaa tokko Ivory Coast.

Biyyi kun afaan dhalootaa ishee 'Nouchi' jedhamu dhiisuun afaan Firaansi qofa dubbachuutti deebitee turte.

Afaan ofii calaqqistuu eenyummaa ofii ta'uu kan hubatan warri Ivory Coast, afaan ganamaa, afaan dhalootaa, 'Nouch' bakkatti deebisuuf ifaajee guddaa gochaa jiru.

Waanjoo kolonii Firaansi jala kan turte biyya dhiha Afriikaa Ivory Coast, saboota afaanota 60 ol dubbatan of keessatti hammattee jirti.

Biyyattii keessatti bara bulchiinsa kolonii irraa eegalee afaan Firaansi afaan hojii fi namni hedduun biyyattii keessatti ittiin walii galu ta'ee tureera.

Haata'u malee erga bara 1960 biyyattii waanjoo kolonii Firaansi ofirraa fonqolchitee, afaan Firaansi gaaffii keessa galaa dhufe.

Afaan kun sababa sirna koloniitiin kan nurratti fe'ameedha jechuun lammiileen biyyattii gaaffii kaasuu eegalan.

Kanaafuu qeerroowwan magaalaa fi baadiyyaa biyyattii afaansaanii ganamaa barbaaduu eegalan, afaan Firaansi ammoo diduu jalqaban.

Afaan Nouchi walleedhaan...
Namoota yaada kana qaban keessaa tokko kan taate weellistuun biyyattii Natacha F Sonloue, afaanshee ganamaa kan ta'e ''Nouchi'' hiika akkanaa itti kenniti.

''N=Afaan biyyaalessaa, O=Afaan ganamaa, U=Afaan tokkummaa, C=mallattoo uummata Ivory Coast, H=gaarummaa uummata Ivory Coast, I=mallattoo eenyummaati'' jechuun hiikti.

Afaan 'Nouchi' wayita dubbannu akka waan namni hedduun dhagahuu fi dubbatuutti waan nutti dhagamuuf hedduu gammadna jettiweellistuun kun.

Lammiileen Ivory Coast afaan aadaa fi eenyummaasaanii calaqqisiisu dubbachuu fedhu.

Kanaaf ammoo 'Nouchi'n fakkeenya guddaadha jedha weellisaa biraan wallee gosa raappiin beekamu Hyanick Akoua.

''Nouchi'n saboota hedduu biratti baayyee jaallatama. Qooqa keenya isa sirriidhaan dubbachuu kan dandeenyudha'' jedha.

Kanaan dura akka waan afaan hiyyeeyyii fi warra hojii hin qabneetti qoollifatamaa kan ture 'Nouchi'n, yeroo ammaa afaan lammiilee Ivory Coast tokkoomse ta'eera.

Afaan kanatti namoota carraa barnootaa hin argatintu dhimma itti ba'aa ture kan jettu weellistuu Naash, yeroo ammaa garuu dirree kamittuu faayidaarra oolaa jiraachuu ibsite.

Gosa sirbaa addunyaarratti beekamu, raappii, afaan Kanaan hojjechuun afaanicha guddisaa jiraachuus dubbatte.

Qabsoon afaan 'Nouchi' akka beekamuuf taasifame lammiileen Ivory Coast tokko ta'anii eenyummaa walfakkaataa ganamaatti akka deebi'an carraa uumeera.

''Nouchi'n nu tokkoomseera. Walitti nu araarseera. Kaaba kibbatti, bahaa dhihatti yoo imalte walii galuu dandeessa.'' Jedha weellisaa Hyanick Akoua.

Nouchi akka afaan miidiyaatti
Afaanni kun yeroo ammaa afaan miidiyaallee ta'eera.

Barruun beekamaan biyyatti 'Gbich' jedhamu afaan Kanaan maxxansaa jira.

Gulaalaan barruu kanaa Illary Simplice barruu keenya nami hunduu akka dubbisuu danda'uuf jecha afaan nami hundi danda'uun qopheessuu eegalle jedhan.

''Dhimma lammiilee Ivory Coast ilaallatu hunda waan hojjennuuf afaan isaan hubataniin qopheessina'' jedhan.

Tarkaanfiin kun hunduu duudhaa keenya ganamaa kan duraan dhabnee turretti akka deebinuuf hedduu gumaacha jedhan.

Nouchi'n yeroo ammaa maneen barnootaa fi kolleejjiiwwan keessattis beekameera.

Inumaa namoonni siyaallee dargaggoota ittiin qabachuuf jecha afaan kanatti dhimma ba'uu eegalaniiru.

Aanga'oonni mootummaallee dhimma itti ba'uu eegalaniiru kan jedhu weellisaa Hyanick Akoua, gara fuulduraatti afaan kun afaan hojii mootummaa ta'a jennee abdanna jedha.

Abdii Kanaan kan guutamte weellistuu Naash, faaruu biyyaaless
aa biyyattiillee afaan kanatti geeddartee sagalee kiiloleen sirbitee beeksisaa jirti.

Akka BBC'n gabaasetti
ABO'n dhaaba uummataati!

Dhaaba uummata jechuun maali? Dhaaba uummataa ta'uuf ulaagaan dhaabbilee siyaasaa irraa guutamuu qabu maali?

Dhaaba uummataa yoggaa jennu yoo sabni inni bakka bu'ee qabsaa'u miidhamu kan dhukkubsatu, yoo sabni isaa dhiigu kan dhiiguuf jechuudha. Dhaabni miidhama saba isaa ofitti fudhatee qabsoo gaggeessu dhaaba uummataati. Kana malees dantaa dhuunfaa isaa ajjeesee dhaabni kan sabaa caalchisu dhaaba uummataati.

ABO'n dhaaba Oromooti. Dhaaba Oromoo kan isa jechiisiisu dhaaba saba isaa dubbatu, saba isaaf dhaabbatu ta'uu isaati. As keessatti ABO'n quuqamtoota Oromoo maraaf aantummaa qaba. Aantummaa isaas hojiin agarsiisa. Miseensa ABO ta'uudhaa utuu baateeyyuu quuqamaa sabaa tokko ykn sabboonaan tokko mirgi isaa sarbamee yoo cunqurfamu dhaabni awwaatu ABO'n amala dhaaba uummataa kana agarsiisudha.

Addi Bilisummaa Oromoo jaarmiyaalee hawwaasaaf jaarmiyaalee siyaasaa dhugaadhaan saba isaaf qabsaa'an hundaaf mararfannoo qabaachuunsaa dhaaba uummataa isa jechisiisa. Kanaafuu miseensota KFO yoggaa hidhaman, miidhaman, gidirfaman miseensotiif dhaabni ABO dirmannaa barbaachisaa isa irraa eegamu hanga humna isaa taasisa.

ABO'n dhaabbilee Oromoo dhugaadhaan sabicha keessaa marganii roorroof gidiraa Oromoo irraa kutuuf qabsaa'aniif gara laafinaa guddaa qaba. Kana malees dhaabbilee hawwaasaa kanneen akka Waldaa Maccaaf Tuulamaa fi fakkaataa isaaf mararfannoo ajaa'ibaa qaba. Qooda olaanaas laataaf. Amaloonni kunneen akka ABO'n dhaaba uummata Oromoo ta'e raageessu.
Dhuftee Habashaa fi Agaazii (Agaazootaa)

(Muummee Seenaa)

Qalbeessaa Dhangi'aatiin
Waxabajjii 26, 2020

Afrikaan biyya gurraachootaati. Gurraachi Afrikaa Oromoo dabalatee, Ardii isaa Afrikaaf naatoof marartee qaba. An gurraacha miti jedhees hinaalu. Ani sanyii warri adiiti, ani sanyii Solomooni jedhee seenaa isaa dhugaa dhoqqee halagaan hinfaalu. Faallaa kanaa godaantoonni ardii biraa irraa gara Afrikaa dhufan, dhaadannoowwan "nuti sanyii solomooni, biyya bulchuufis waaqati aangoo nuu kenne!" Jechuun lallabataa turan. Ardiin Afrikaa akka ardii isaanii hintaane dubbiin kun ragaa baati jechaadha.

Kitaaboleen seenaa Oromoo gadi fageessanii barreessan baay'een jiraachuu baatanis, erga haqaaf dhugaan uummata Kuush katabamuu eegalee waa'ee Oromoo seenaan Coreen wal walitti dabalamuun barreeffamaa turaniif itti jiran haga tokko lafa kaahaniiru.

Oromoon qubsuma isaan Kaaba Baha Afrikaa irraa ka'uun gara kibbaaf gara Lixaatti taasisaa turuu seenaatu ragaa ba'a. Kunis lola Eenyummaa isaa balleessuuf irratti banamuun, lola humnootiin Habashaa fi Agi'aaziyaan deggarsa Arabootaa fi deggarsa Awuuroophaan irratti gaggeessaniin dhiibaa as gahuu ragaa bahama.

Akka seenaan barreeffamaa jedhutti Jaarraa 14 dura biyyi Arabiyaa Kibbaa beelaan rukutamte. Wayiita kanatti biyyi Kushootaa (Oromootaa) jireenya qananii qabu. Beela Arabiyaa kibbaa rukute baqa uummati Arabaa biyya Kushitti godaanuu jalqaban.

Gaafa biyya Kushootaa dhufanis Loon Tiksuu fi hojii qonnaa irratti uummata Kuush (Oromoo) gargaaraa turan jedha kitaabileen seenaa.

Araboonni biyya isaanii beelaan rukutame gadhiisanii as ce'uun itti fufe. Booda irra humni guddaan biyya Arabaatii maqaa "Agi'aaziyaan" jedhuun ijaaramee biyya Kushootaa weerare. Agi'aaziyaan jechuun "bilisa baastota" kan jedhu akka ta'e seenaan dhuftee Agaazii eera.

Uummata Kuush nagaan jiraachaa ture waraanaan gooluuf nagaa dhowwachuun cimee itti fufe. Warreen biyya Arabaa irraa as ce'an kunneen suutuma suuta bulchiinsa naannoo dhuunfatan jedha. Lola Agi'aaziyaan kanaan mootiin Kuusaa (Kuush) guutummaatti barbadaa'uu itti fufe.

Bara sanatti bulchiinsa warra Kuusaa kan bulchaa turan Oromootaa fi Daamotoota ta'uus seenaan nii eera. Oromoof Daamot obbolaadha jechuudhaan illee kitaabni Kudhamaa Seenaa jedhu kan Leellisaa Aadaa Bantiin barreeffame lafa kaaha.

Dr. Laphisoon kitaaba isaa seenaa Ethiyoophiyaa jedhu keessatti "bulchiinsi bara weerara Agaazi'aan sanaa kan warra Daamoot ture" jedha.

Lola Seemetikoonni Kuushota irratti gaggeessaniin biyya isaanii irraa buqqa'uun uummati Kuush (Oromoof gariin) gara Nuubiyaa fi Kibbaatti godaanan jedha seenaan. Irra jireesaan ammoo Oromootiin dhuftee isaanii ganamaa Nuubiyaa keessaa gara Meeroweetti baqatan jechuun ibsa kitaabni seenaa.

Adeemsi Oromooti Raayyaaf Walloo har'a biyya isaanii ganamaatti hafanis seenaan dhimma weerara lola Oromoo irratti adeemu kanneen damdamatanii baqachuu didanii biyyuma isaanii qabatanii hafan akka ta'e lafa kaha. Malee Oromootiin Raayyaa fi Walloo kibbaa ykn lixa Itiyoophiyaatii gara Kaabaatti deemanii qubatan hinjedhu.

Warri Absiiniyaa buufata galaana diimaa cina jirtu, kan Adulaas jedhamtu Kuushoota irraa buqqaasanii dhuunfatan jedha. Erga Adulaas dhuunfataniis daandii daldalaa Oromoon ykn Kushootni warra Arabaa waliin qaban nii kutan.

Kana malees dhuftee isaanii kan ta'e biyya Arabaa irraa meeshaa waraanaa ergifatanii Oromoo waraanaa turuu kitaaboleen seenaa nii eeru.

Hogganootiin Absiiniyaa ykn Agiiziyaan yerosii mootii Izaanaa yookan Abriha ture jedhama. Mootiin Izaanaa uummata Kuush hanga Meeroweetti adeemee akka rukutaa ture ragaan seenaa nii mirkaneessa.

Yeroo kana keessa karaa Kaabaa Awuuroopaanonni Giriikii fi Roomaan karaa Gibxi ammoo Misir uummata Kuush irratti lola bananii gadi dhiibaa turuu fi garboonfataa akka turan Kudhaama Seenaa keessatti barreeffamee jira.

Adeemsa kanaan warri Absiiniyaa (Habashaa) aadaaf duudhaa uummata Kuush mancaasaa lola Eenyummaa uummata Kuush balleessu irratti gaggeessuun jaarraa 14 keessa Oromiyaa har'aa ykn Itiyoophiyaa akka gahan seenaan barreeffamaa lafa kaha.

Jaarr
aa kana keessa Oromootiin qubsuma Qaalluuf Abbaa Gadaa Odaa Nabee taasifachuun falmataa akka turanis kitaabni Kudhaama Seenaa nii eera.

Poortugaalonni Absiiniyaa gargaaruuf yeroo jalqabaaf bara 1533 ykn bara 1541, Adooleessa 15 hanga 25 Mitsiwwaa irraa gara Dubaruwwaatti socho'an jedha. Kunis humnootiin Absiiniyaa (Habashootiin) amantaa dhuftee isaanii biyya Arabaa san dhiisanii, waan amantaa Kiristaanaa leellisuu irratti xiyyeeffataniif gargaarsi meeshaa waraanaa biyyi arabaa gootuuf irraa cituu irraa kan ka'edha.

Erga Arabootiin meeshaa waraanaa sababa amantaaf gargaaruu dhiisanii, Habashootiin biyyoota Awuuroophaa irraa gargaarsa meeshaa waraanaa kadhatanii Oromoof saboota Kuush irratti lola adeemsisan cimsanii itti fufan jedhu qorattoonni seenaa.

Oromootiin hanga jaarraa 18ffaatti sirna gadaan wal gaggeessaa bilisummaa isaan jiraataa akka ture himama. Haa ta'u malee humni Awuuroophaa akkuma Habashoota cimsaa dhufeen lolli gurguddaan Oromoo irratti Habashaan adeemuu itti fufa.

Teewdroos gargaarsa Meeshaa waraanaa biyyoota Awuuroophaa irraa argateen Oromoo Gondar, Walloo fi Raayyaa keessaa irratti duula daguuggaa sanyii raawwate.

Teewdros ilmaan Oromoo kitilaan lakkaa'aman mana hidhaa keessatti qalee fixeera. Gochaawwaan suukanneessaa uummata keenya Oromoo irratti raawwate hanga ammaa sabni keenya Oromoon kulkulfataa jiraanna.

Gootonni shamarran Oromoo Mastaawot fi Warqituun lola Teewdros dura dhaabbatanii weerara jallinaa sana qolachuuf waraana itti gaggeeffame sanaan Teewdroosiin ajjeesanii humnoota Habashaa meeshaa ammayyaan dhaadatu gootummaan lolanii qaaneessaniiru.

Lola sana injifatanii Teewodros haa dhabamsiisan malee, bu'aaf furmaata waaraa Oromoon barbaadu argamsiisuu hindandeenye. Kun ammoo loogii biyyoota Awuuroophaa sababa Amantaaf humnoota Habashaaf aangoos ta'ee meeshaa waraanaa Takle Goorgisiif laatan. Humni Takle Goorgis wayiita sanatti bittinnaa'ee ture. Humna kanaaf biyyootiin Awuuroophaa Ingilizoonni gargaarsa meeshaa taasisanii aangoos laataniif. Kanaanis 1868-72 Takle Gorgis bulchuu danda'e.

Itti aansuun kan aangoo qabate Kaasaa dha. Kaasaan ykn Yohaannis IV ture. Namni kunis akkuma aangoo qabateen lola fakkaataa Oromoo irratti gaggeesse. Uummata Oromoo Walloo, Raayyaa irratti duula daguuggaa sanyii adeemsise. Yohaannis IV gargaarsa Ingilizootaan meeshaa ammayyaan Oromoo lolaa akka ture ragaan seenaa hima.

Osoo Oromoo irratti duula daguuggaa banee jiruu karaa dhihaan Maahandistoonni lola itti bananii Maatammaa irratti mataan isaa irraa citee Hundurmaan geeffame.

Yohaannis booda biyyattii kan qabate Minilik II ture. Akka barreeffamni seenaan jedhutti Minilik bara 1868 fi 1900 meeshaa waraana biyyoota Awuuroophaa irraa hedduu argate. Qawwee 500,000 fi rasaasa 20, 000,000 Faransaayi irraa argate. Ingilizii irraa ammoo Qawwee 15,000 fi rasaasa 5, 000, 000 fudhate. Xaaliyaanii irraa Qawwee 50,000 fi rasaasa 10,000,000 akkasuma Raashiyaa irraa Qawwee 150,000 fi rasaasa 15,000,000 argate. Kana malees qaaruxeewwan (Tika) fi ogummaa waraanaa kan qaban biyyoota Awuuroophaa irraa fudhatee dhimma itti bahateera jedha kitaabni Gadaa Melbaa fuula 59 barreeffama Darkwan bara 1975 wabeeffachuun.

Meeshaa waraanaa kunneen hundi lola Eenyummaa Oromoof Kushoota kaanii ballesssuuf kan dhimma itti bahame ta'u ragaan seenaa nii hima. Meeshaa waraanaa kanaan Oromoo dabalatee saboota Affaar, Sidaamaa, Somaalii fi saboota hiddi isaanii maatii afaan Naayilootik ta'e waraanee garboonfate jedha seenaan.

Weerara Minilik kanaan, lola Oromootti banameen kanneen ajjeefamaniif biyya isaanii jiraachuu dadhabanii garba ta'anii gurguraman waliin yeroo sanatti Oromoon baayyinaan walakkaa gadi xiqqaate. Oromoon yeros miliyoona 10 ta'u lola Minilikiin miliyoona 5 tti gadi bu'e jedhu qorattoonni seenaa. Kana jechuun Oromoo miliyoona shan ajjeesee kaan biyyoota garaagaraatti gurguree daguuggaa sanyii raawwachuu isaa ragaa ga'aadha.

Gaafa Fulbaana 6, 1889 qofa Oromoon Arsii keessatti baayinni isaa kuma kudha lama (12,000) ta'e lola Minilik kanaan bakka tokkotti ajjeefamuu kitaabni Gadaa Melbaa nii ibsa.

Namichi Bulato
vichi jedhamu qondaalli waraanaa Raashaa Minilik gargaaruuf dhufe, waan ija isaan arge kitaaba isaa "From Entotto to the River Baro" jedhu kan bara 1897 barreeffame "with the Armies of Menelik II (1900)" jedhu keessatti barreesseera. Barreessitonni hedduun garajabummaa Minilik II barreessanii jiru.

Minilik kan balaaleffatamuuf callifamee miti. Eenyummaa Oromoo dhabamsiisuu kesssatti cimsee dalage. Eenyummaan keenya: Aadaa, Duudhaa, Amantaa, Afaan keenya, Qabeenya keenya akka sabaatti qabnuuf ashaaraa Eenyummaa keenyaa kanneen akka siidaaleef bobboca dhagaa irraati. Jarreen kana balleessuu keessatti, Oromoo waan jedhamu lafa kana irraa daguuguuf eenyuun olitti yakka bara baraan Oromoo keessaa hinbaane namni nurratti raawwate Minilik fi fakkaataa isaa ta'uu eenyu hinaalu.

Faallaa kanaa Habashootiin ammoo lola sana akka waan gaariif godhamee, akka biyya ijaaruuf godhameetti akeekanii katabaa turan. Wanti Habashoonni Minilik faarsaniif, akeekaaf sagantaa saamichaa isaanii dhugoomseeraaf. Biyya Oromoo dhuunfachiisuu keessatti gahee fakkaataa hinqabne taphateef. Oromoo qe'ee isaa irraa buqqaasee Habashoota qubsiisaa ture. Oromoo lafa irraa miliyoonaan lakkaa'ee ajjeesee daguugee fixee, Habashoota qe'ee Oromoo dhaalchise. Kanaaf isaaniif abbaa olmaati. Jireenya isaanii gammoojjii gara Baddaatti jijjiireeraaf. Biyya namaa weeraree biyya isaanii taasiseef.

Minilik tti aansuun Impaayera Ithiyoophiyaa hogganuun Oromoo cabsuuf dhabamsiisuu irratti kan hojjete Hayila Sillaasee ture. Hayila Sillaaseenis sagantaa Oromoo cabsuu, Oromoo dhabamsiisuu san ofitti fudhatee dalage. Inni akkuma abboota isaatti uummata keenya duraa Eenyummaa isaa awwaaluu irratti cimee hojjete.

Erga Habashaan (Absiiniyaa fi Agaazi'aan) Baha Afrikaa seenanii lolli itti fufiinsaan Oromoo irratti adeemaa as gahe. Hanga ammaa sirni Absiiyaanotaan ijaarame Oromoo irratti lola bane itti fufeetuma jira.

Agaazii kan jedhu dhuftee Habashoota biyya Arabaan maqaa wal qabatu ta'uu qorattoonni seenaa nii dubbatu. Agi'aaziyaan maqaa gartuun jalqaba Beela baqaaf Arabiyaa irraa gara biyya Kuush dhufe ittiin wal ijaaree Oromoo irratti lola labsedha.

Loltoonni waggaa lama dura qabanii hanga ammaa biyyattii keessatti waraana mootummaa EPRDF ta'anii "Agaazii" jedhaman maqaa sana irraa akka moggaafaman dubbatama. Dhufteen Habashaaf Agaazotaa kana fakkaata. Agaaziin hanga har'aa Oromoo ajjeesaa, jireenya isaa mancaasaa jira.

Sirni har'a Oromoo lolaa jiru sirna Absiiniyaati. Sirni Absiiniyaa sagantaa Oromoo balleessuu, Oromiyaa dhabamsiisuu baafatee hanga har'aa dhaalmaan nu waraanaa nu weeraraa as gaheera. Sirna kana hundeen burkuteessuun nagaan Oromoo nii argama.

Injifannoon uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi'aatiin
Waxabajjii 26, 2020
"Filannoon kan jiraatu yoo nagaan jiraatedha" jedhe qondaala ABO kan ta'e Jaal Waaqoo Noolee

Turtii Oromia Media Network (OMN) waliin taasiseen haala ijaarsa Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa irratti hubannoo kan kenne Jaal Waaqoo Noolee, haalota yeroofi labsii ABOn mootummaa Ce'umsaa ijaaruuf labse irratti yaada bal'aa kenneera.

"Mootummaa Ce'umsaa Naannoo Oromiyaa jechuun kan sabaaf sablammoota Oromiyaa keessa jiran ofitti hammatee Lammiilee Oromiyaaf ijaaramudha" kan jedhe Jaal Waaqoon, kunis Lammiilee Oromiyaa fi dhaabbilee hawaasaa adda addaa biratti fudhatama argatee hojiirra oolmaasaaf hojjetamaa kan jiru ta'uu ibseera.
"Sirna kana jalatti maqaa goototaan mana barumsaafi daandii moggaasuun, ofumaa ajjeesanii maatii wareegamtootaa gargaaruu maqaa jedhuun kondominiyeemiifi waan xixiqqaa kennuun, ofumaa hidhanii hidhamaa hiikne jechuun kun jijjiirama utuu hin taane micciirama" jedhe Jaal Waaqoon.

Ittuma fufuun, "Oromoorraa hidhaafi ajjeechaan, roorroofi gidiraan dhaabbachuuf Oromoon Mootummaa mataasaa ijaarrachuu qaba. Mootummaa ofii ijaarrachuuf ammatti falli jiru Mootummaa Ce'umsaa kana tumsuun furmaata. Oromoon mootummaa mataasaa hin ijaarratu yoo ta'e hidhamaan har'a yoo hiikames bor deebi'ee hidhamuu danda'a. Nuti kan barbaannu jijjiirama bubuutuufi kabeebsaa utuu hin taane, jijjiirama bu'uuraati. Jijjiirama bu'uuraa kana argachuuf, nagaan waaraan argamuuf Mootummaan Ce'umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa ijaaramuutu fala. Lammiileen Oromiyaa milkaa'ina isaa irratti hojjechuu qabu" jedhe.

Yeroo ammaa kana murni bara bulchiinsa isaa fixatee humnaan itti fufuu barbaadu ajandaa "filannoo geggeessuu" jedhuun as ba'uun ni yaadatama. Dhimma kana irratti gaaffii OMN irraa dhiyaateef deebii yeroo kennu Jaal Waaqoon, "Filannoon kan jiraatu yoo nagaan jiraatedha. Yeroo uummanni keenya ba'ee galuuf yaadda'aa jirutti waa'een filannoo hin yaadamu; hin abjootamu. Paartilee siyaasaa danqanii, dorgomtoota mana hidhaatti guuranii filannoon dirree duwwaa irratti geggeeffamu hin jiraatu." jechuun deebise.

"Murni aangoo polotikaa dhuunfatee biyya bulchaa ture kan ammas humnaan itti fufuu barbaadu kun biyya kana balleessuuf yoo ta'e malee uummanni haala kanaan hin bulu" jedheera.

"Sababa mootummaan bara bulchiinsa isaa fixateef nagaafi tasgabbiin sabatiinsa qabu akka uumamuuf ABOn mootummaa Ce'umsaa kana labseera; kana kan hojiirra oolchu Lammiilee Oromiyaa hundaafi qaama dhimmi biyya keenyaa ilaallatu hundadha; sanaafis koreen ijaaramee hojiitti seeneera" jedhe Jaal Waaqoon.

Mootummaa Ce'umsaa kana keessatti qaamoleen nageenyaa akkaataa itti ilaalaman ilaalchisee gaaffii dhiyaateef, humni waraanaafi poolisiin, walumaagalatti qaamoleen nageenyaa paartii tokkoof kan hin ergamne ta'uu ibsuun nageenya Lammiilee Oromiyaa eegsisuuf dirqama akka qaban dubbate.

Dhumarrattis, Qeerroon Bilisummaa Oromoo Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa kana milkeessuu keessatti qooda dursaa akka ba'atuufi miidiyaaleenis ga'ee isaanii akka ba'atan dhaameera.
Muummee Seenaa (Seenaarraa maal baranna?) Waa'ee Kuush!

Qalbeessaa Dhangi'aan
Adooleessa 27,2018
Finfinnee Oromiyaa

Seensa

Uummanni Kuush/Kuusaan waggoota hedduun duras cunqursaarra tureera. Seenaan isaas hatamaa yoona gaheera. Kaawwan ammoo gubamaa yoona gahan. Waa'ee Kuush barreessitoonni maal jedhu.
Obbo Birruu Tsaggaayee kitaaba isaanii keessatti waa'ee saamicha uummata Kuush irra gahaa ture haala kanaan ibsu "Araboonni yeroo Afrikaa Kaabaa weeraranii babal'ataa turanitti kitaaba Misir saamanii biyyatti fe'ataniin gamatti kan guban ji'a jahaaf (6f) halkanii guyyaa akka boba'e seenaan galmeesseera. Piraamidoota Nuumiibiyaa fi Misir keessa jiran dachaan kan caalan kan mancaa'an warra seenaa sana hinojjeenneeni. Fakkii dubartii (Sphinx) kan yaadannoo Asiisif (Asete-Ateete) tolfame san Naappoliyoon Boonappaartii madfiidhaan jigsiisef inaaffaa jibba sanyiitiin qabamee yoo ta'u siidaa guddaan kun yoo lafarratti hafe ragaa guddaa sagalee hinqabne warra hojjeteef ta'a jedheeti. Aleeksaandar guddichi Giriik barruu waa'ee mootota Misir san duraa barreeffamee kaa'ame barruu waggoota kuma hedduu hanga danda'e saamee fudhatee jira" jechuun ibsa.

Dursiilaa Duunjii Hawistaan Kuushootaaf yoo dhaamsa kitaabashee keessa keessu akkana jetti "isin Kuushoonni Ithiyoophiyaa kan tuffatamtaniif balfamtan waan abbootiin keessan isinii barreessan ol jedhaa ilaalaa! Warri Kuush durii sun warra qaroomina isa jalqabaa dhala namaatiif fidanii dhaalchisan. Kan nama gaddisiisu garuu; isaan uummata seenaan akka hintaaneetti jalaa hatamee dhiibbaan irra gahe. Yeroo durii utuu jibbi sanyummaa akkanatti hindagaagin beektonniifii abuurtonni bara durii san keessa kan qaroomina fideefi magaalota hundeesse warra Kuush ta'uu ragaa bahaniif turan. Horteen jara qaroo sanii har'a seenaa keessatti iddoo tokkollee dhowwataman kun warri isaanii qaroomina Hindii, kan Baabilooniif magaalaa isaanii akkasumas mi'a daldalaa, qaroomina Eeshiyaa xiqqitti kan bara sanaan duraafii kkf warra uumani. Dhaabbileen Kuushota durii, seeronni aadaaniifi yaadonni isaanii bu'ura aadaanii fi seerri keenya kan ammaa irraa dhaabbatani. Maleekaawwan bara durii Giriikii fi Roomaa keessatti amanamaa turan kan akka saatarnii, Daayuunsus, Oosiriis, Appoolloo, Zeeyoos fi Heerakilas faani kabajaa maqaa fi gurra mootota Kuush kan durii irraa fudhatani" jechuun katabde.

Waa'ee seenaa Kuush kaleessaa Taabor Waamii kitaaba isaanii "Seenaa Dhugaatiif Barreeffa Loogii!" Jedhu keessatti, seenawwan hedduun akka uummata Kuush jalaa barbada'uuf seenaan uummatichaa akka baduuf duula Baarlin, Paaris, Xaaliyaanii akkasuma Ameerikaa dabalatee bananiin mancaa'uusaa eera. Wantoota socho'uu danda'aan kanneen akka siidaa Lippiisiyaas (lepsius) Kaarimaa(Karima) jedhaman saba Kuush harkaa saamamuun akka ragaatti katabamee jira.

Achumaa as dhufa dhagaan halagaan nutti darbatamaa turera. Uummanni Kuush dhiibbaa uummata biraan irraan geessiseen gaddaaf gadadoo keessatti kufe. Ta'us falmachuuf ciisee hinbeeku. Habashoonni waanuma warra isaanii irraa dhaalan uummata Oromoo irratti raawwataa yoona gahaniiru. Seenaan uummata Oromoo akka badutti waan garaagaraa katabaa yoona gahan. Kaansaammoo dhuunfachuurrattis hojjeraniiru. Har'as Habashaan takkaa waa'ee Oromoo waan gaarii katabee hinbeeku. Seenaan uummata Oromoo balleessuuf aggaammii halagaan aggaamu ofirraa qolachuuf Oromoon Gadaa jalatti wal ijaaree akka falmataa ture ragaawwan hedduutu eera. Har'a yakkoota daddaabaa uummata keenyarra gahaa jiru qolachuurrattis Qeerroon uummata ijaarratee qabsootti jiraachuun eenyuuf iyyuu ifaadha. Waa'ee qabsoo Oromoo baroottan darbanii barreessitoonni maal jedhu?

Barreessan Heerbart Bilaandeel kitaaba "A Journey through Abyssinia to the Nile" jedhu keessatti adeemsa Oromoon ittiin Habashaan cabe raageessuun akkas jedha "Odoo warri Absiiniyaa achi hinga'in kan biyya sana jiraachaa ture Oromoo ta'uu hinoolu. Akksumas ta'ee warri Aabisiiniyaa Oromootaan warra bakka biraatii dhufan jedhuun. Warri Absiiniyaa meeshaa gargaarsaan argataniin Oromoota waraananii erga cabsaniin booda garboonfatanii akka isaan meeshaa war
aanaa gargaarsan hinarganne too'annoo cimaa jala oolchanii jiru" jedha.

Gochaan Habashoonni uummata keenya irratti gochaa turan hangam ulfaataa ta'uu raageessa. Ofiisaaniif meeshaa gargaarsaa gaafa argatan Oromoon gargaarsa akka hinarganneef ammoo dippiloomaasii isaa dura dhaabbatamaa yoona gaheera. Akeekni kun har'allee itti fufee jiraachuu beekuu qabna. Mallasaan akka ABO'n gargaarsa biyyoota alaa irraa hinarganneef maqaa garaagaraan xureessuuf dhamaatii guddaa taasisaa ture. Kanas ta'uu sana qabsoon Oromoo haalota danqaa mara irra aanaa dhufe.

Seenaan akka ragaa bahutti Oromoon waraana Gadaa jalqabaa bara 1522-1530 taasiseen hogganaa waraana Libna Dingil kan Faasil jedhamu ajjeesuun baalee gartokkee tohateera. Baalee diinni harkaa fudhate deeffachuusaa kan raageessudha. Seenaa kana dabsuudhaaf barreessitoonni Habashaa hedduu ifaaju. Sababaan ammoo waan mataaf miilla hinqabne "Oromoon jaarraa 16 ffaa booda biyya kana dhufe" jechuun seenaa sobaa barreessanii uummata barsiisan sana haguuguuf akka ukkamsanis seenaatu ragaa baha.

Dabalataan roorroon Habashaa itti hammannaan Oromoon waraana Gadaa afraffaa bara 1547-1554 tti waraana Mootii Galaadiwoos faana taasiseera. Galaadiwos deggarsa biyyoota alaa Poorchugaal irraa argateen Daawwaroo deeffatus bara 1548 mo'amuusaa seenaatu ragaa baha. Baruma kana loltoonni Gadaa Oromoo hogganaa waraana Porchugaal kan ta'e nama maqaansaa Oroyaas Diyaas jedhamu galaafateera. Seena kana maanoosaa balleessuuf gitooti habashaa Fincila Bilisummaaf Oromoonni taasisan "Fincila Shiftaa" jechuun maqaa badaa moggaasaaniiru.

Qabsoon Oromoo achumaa as dhufa ofirratti hirkataa ta'uusaa waa hedduutu ragaa baha. Abboonni keenya darban Oromoonni fincila Bilisummaaf taasisaa turusaanii karaawwan hedduun ibsamee jira. Yaa ta'uutii Oromoo karaa Waraanaa cabeera seenaan jedhu hanga ammaa an argee hinbeeku. Oromoo kan cabsu Shira. Shirri halagaan nurratti xaxuun akka cabnee garboomnu ta'aa dhufne. Malee waraanaan uummata cabu akka hintaane seenaan Habashaan barreessanuu ragaa baha.

Bara waraana Abiishee Garbaa Habashaan Qadiidaa Wannabee michoonfate, sana booda Abiishee galaafate. Bara Minilik ammoo Minilik Goobanaa Daaccee qabatee of dura buusee Oromoo garboomfate. Oromoo erga karaa Goobanaa ofarka galfatee boodammoo Goobana mataasaayyuu galaafate. Hayila Sillaaseen ammoo paartii OPDO har'aa fakkaattu Oromoo dura qabee Oromoo cabse. Dhumarra paartitti sanis nii balleesse. Darguun Ammoo MEISON qabatee Oromootti dhufe, ABO balleessuufis MEISON jabeeffatee akka socho'aa ture dhageenya. ABO balleessuu dadhabus boodarra ammoo jaarmiyaa MEISON haxaa'uu danda'e.

Mallasaan ykn IHADIG jaarmiyaa OPDO qabatee Oromootti dhufe. OPDO qabatee ABO balleessuu akeeka jedhu qabatees socho'e. Galmi OPDO ABO balleessuu akka ta'etti Project godhe. Boodarra akkuma waan ABO balleessiteetti OPDO baatee dubbachuus yaalaa turte. Sana booda ABO sodaatus waan hinqabne itti fakkaatuun OPDO dhaan ka'aa bulchiinsi keessan Finfinnee ta'u hinqabu Adaamaadha jechuun waajjira OPDO Finfinnee keessaa ari'uunsaa seenaa dhiyooti. Darggagoonniif ABO falma guddaa taasiisuutiin Finfinnee irratti wareegama kaffaluunis itti fufe.

Haa ta'uutii ABO qabsoo isaa nii jabeesse. Har'a OPDO kana qabatee Habashaan socho'uu barbaada. OPDO qabatanii ABO balleessuu akeekni jettus ammas ajandaa Habashaati. Habashaan OPDO jaallatee itti siqataa jira miti. Akeeka ABO balleessuu qaba. Boodarra ammoo OPDO amma leellisu rukutuu dhufa. Kun hundi OPDO'f yaadamee utuu hintaane dantaa dhuunfaaf bololuu Habashaan ta'uu raageessa.

Kanaaf OPDO ABO balaaleeffatuu irraa walaba ta'uun barbaachisaadha. ABO balleessuu matumaa hindandeessu. Dura dhaabbannaa kanaan garuu Bilisummaa Oromoo lafarra harkisuu dandeessi. Yoo dura dhaabbanna kana itti fuftemmoo ofiifuu baduun waan oolu hinta'u. Habashaa hedduutti amananii waliin ragaduun isaaniis waa'ee seenaa gadi fageessanii hubatuu dhabuudhaa laata? nama jechiisiisa. Maraafuu hanga halagaatti Kooluu galanirra waan uummanni fedhuuf jaallatu ABO tti michoomuuf tattaafatuun isaan fayyada jedheen tilmaama. Wal arrabsuuf
walabaaruun isa karaa nu adeemsisu miti. OPDO holola ABO irratti banan dhaabuu qabu.

Horaa Bulaa
Qalbeessaa Dhangi'aatiin
Adooleessa 27,2018
Finfinnee Oromiyaa