"● Gaaffiin uummata Oromoo bakka of duuba deebi'uu hin dandeenye ga'eera. Dogoggorri darbe Oromoof barumsa ta'uu qaba. Sabni kun alaaf keessaa harka wal qabatee of ittisuufi gaaffiisaa deebifachuu qaba.
● Haala ammaa kanaan ajandaa filannootiin mootummaan as ba'a yoo ta'e sun waan fudhatamu miti. Yoo didee ajandaa kanaan dhufe ammas gaaga'ama nageenyaafi lola guddaatu ta'a
● "Mootummaan kun Fulbaana kana booda seerawaa akka hin taane hunduu ni beeka. Yoo mootummaan humnaan itti fufuu barbaade qaamoleen addunyaa akka gidduu seenaniifi Oromoonis akka of qopheessu waamicha goone
● Oromoon rakkoo hammaataa kana keessaa ba'uuf mootummaan ce'umsaa Oromiyaa akka utubamu qaamni kamuu qooda kennuu qaba jennee amanna"
Hayyu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaati! OMN irratti

"Fedhii mootummaa qofaan filannoon hin geggeeffamu. Waliigaltee biyyaa fedha. Rakkoon filannoo danqu koroonaa qofa utuu hin taane, rakkoo bal'aatu jira. Dhiibbaan dhaabbachuu qaba, hidhaan dhaabbachuu qaba. Filannoon geggeeffame qofaaf nagaan hin bu'u"
Prof. Mararaa Guddinaa
Prof. Mararaa Guddinaa
"Itoophiyaan biyya hidhaa sabootaaf sablammootati" HD ABO jaal Daawud Ibsaa
Jawaar Mohammad dabalatee namoota 24 galmee tokko jalatti himachuu Abbaan Alangaa beeksise.
Ajjeefamuu Artist Hacaaluu Hundeessaa booda namoonni kuma 10,000 qabamanii dararamaa jiranii fi 250 ol lubbuun baduun ni beekama.
Abbaan Alangaa Federaalaa Obbo Jawaar Mohammad,Baqqalaa Garbaa,Haamzaa Booranaa fi namoota biyya alaa jiran Dajanee Guutamaa,Dr BiraaneMasqal Sanyii Abbabee,Tsaggaayee Araarsaa kan keessatti argaman bakka hin argamnetti namoota 24 galmee Obbo Jawaar jalatti keeyyata yakkaa 240 jalatti kan bara 1996 E.C baheen himachuu ifoomse.
Ilmaan Oromoo waggoota 30 dabarsaa jirruuf sirna nama nyaataa Ilmaan Oromoo Sabboontota tahan dhabamsiisaa kumootaan lakkaayaman ajjeesaa tureen har'as daramaa,hidhamaa ,ajjeefamaa jiru.
Akka abbaan Alangaa Federaalaa beeksisetti Fulbaana 11/2013 himatni kan namoota himataman kanaaf dubbifamuu fi kennamu tahuu akeeka.
Oromoo ka'i falmadhu ilmaan kee mana hidhaa irraa yaafadhu.
Ummata Oromoof furmaatni Mootummaa Ceehumsaa ABO fi KFO of keessatti qabate hatattamaan dhaabbachuun filannoon hanga gaggeeffamutti akka bulchan gahee kee bahadhu namuu bakka jirtuu.
Hidhamtootni siyaasaa gaafa mootummaan Oromoo fi Oromiyaaf yaadu hundaaye ni dhaabbata ,kanneen hidhamanis ni hiikamu.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo gabaase

Saba isaa cunqursaa fi gidiraa keessaa baasuuf dhaaba qabsoo wareegama ulfaataa kaffalchiisaa tureef jiru kan itichuuf kan tiksu dargaggoota qaqqaalii kitilaan Oromoon horatee qaba. ABO hongeessuu dhiisii taakkuu tokko duubatti deebisuun hindanda'amu!
Dhaamsa Jaal Abdii Raggaasaa!
Har'a(Fulbaana 19,2020) J/Abdii argadhee, ji'a torba booda yeroo jalqabaatiif waliin haasa'uuf hiree argadhe!
J/Abdiin jabaa isaati, "Ganama rafuu dhiiste jechuudha!" Jedheeti, natti qoose! Hirriiba ganama tokko wantan jaaladhuuf, " bilisummaa irra rafta!" naan jechaa ture, yeroo waliin turretti.
J/Abdiin "hidhaan keenya qaboodha, numa tursiisuu barbaadaniiti, yakka wahiituu akka hinqabne beeku, 'ABOdhuma diigna!' jedhaniiti godhan, kan na hiisise namootuma ganda kootiti, 'Giddu-gala nu harkaa baaste!'naan jedhu. Sabni qabsoo isaatti jira, harka namaarra hinjiru. Maatiin qaba, ijoolle koo yaada'uu malu, hireen maatii koo kan Oromoo biraatin adda miti, kan Abbaa isaanii du'aan dhaban immoo meeqa? Jabaadhaa, dargaggeessi qabsoo keessan jabeessaa! Hegereen Oromoo isin harkaa jirti!" dhaamsa J/Abdii Raggaasaati!
Hidhaa nama onnate, J/Abdiin arge. Homaa itti hinfakkaanne, fuula isaa irraa hiphina hinagartu, waan hundaaf of-qopheesse fakkaata, haamilee koo ol kaaseeti na gaggeesse!
#JaalBatteeUrgeessaa!

"Addi Bilisummaa Oromoo mootummaa ce'umsaa gaafachuun bilchina siyyaasaa irraa kan maddedha" Proffessor Asfawu Bayyanee
Birriin Itiyoophiyaa inni haaraa, dogoggora maxxansaa akkasumas ammoo doggoggora saxaxaa qabaachuun isaa gaaffii kaase.
Birriin Itiyoophiyaa waggoota 20 oliif tajaajile, abbaa 10, 50fi abbaan 100 jijjiiramuudhaan Noottaa haaraa abbaa 200 dabalatee saxaxni haaraan hojjetamee raabsamaa kan jirudha.
Seerota Noottaa Qarshii Baankilee Addunyaa irratti tumamanii jiran keessaas, dogoggoroonni xixiqqoon Saxaxa waliin wal qabatan Maallaqa irratti yoo mullatan maallaqicha hojiin ala gochuu waan danda'aniif of eeggannoon murteessaa ta'uutu himama. Keessattuu, rakkoowwan lakkoobsa Maallaqaa akkasumas gita maallaqaa waliin wal qabatan yoo jiraatan, rakkoo waldha'iinsa dinagdee uumuu malu jedhama.
Birriin Itiyoophiyaa isa haaraa keessaa abbaan 100 rakkoo saxaxaa, fakkii leencaa achirratti mullatu, birriidhaa gara birriirti addaa addummaa kan qabuufi inni tokko achi siqee, kan biraa irratti ammoo ol siqee mul'ata.
Abbaan 200 ammoo gita maallaqichaa ibsuu irratti rakkoo maxxansaa kan qabu yoo ta'u, Afaan Ingiliffaatiin gitni maallaqaa seeraan kan hin qubeeffamne ta'ee, qubee "D" dhiisuun lakkoobsa "0" akka qubee "D"tti fayyadamame.
Maddi rakkoon kana lamaaniis, xiyyeeffannoo dhabuu akkasumas ariitiin marii uummataa malee hojjetamuu isaati jechuun marsaalee hawaasummaarratti qeeqaaf saaxilameera.
Hayyoonni dinagdees dhimmi kun yoo fooyya'uu baate, wal amantaa dhabuu Bitaafi gurguraa gidduutti uumuu waan maluuf, sochii daldalaaf guufuu ta'uu danda'a jechuun dubbataa jiru. Yeroo ammaa kanattis Birriin gosni tokkoo saxaxa addaa addaa qabaachuunsaa, shakkii maallaqa sobaati jedhu kaasaa jiraachuun isaa mullataa jira.
Kanaaf Mootummaafi Baankiin Biyyaalessa Itiyoophiyaa dhimmicharratti ibsa ga'aa kennuu qabu jechuun marsaalee hawaasummaarratti mata duree dubbii ta'ee jira.
OMN gabaase!