OS tech solutions
2.17K subscribers
134 photos
3 videos
138 files
262 links
Download Telegram
🔔🔔🔔🔔🔔🔔🔔🔔🔔🔔
➡️➡️➡️➡️➡️➡️➡️➡️➡️➡️
Waa’ee Tesla Cybertruck quba qabduu?
➡️➡️➡️➡️➡️➡️➡️
Konkolaataan kun boca rog sadee kan qabuufi konkolaataawwan kanaan dura oomishaman irraa bifa addaan kan dhufeedha.

Bulletproof ykn qalawii rasaasaa kan dhoorku/hin seensisne yoo ta’u, fully electric/ guutuun guututti chaarjii electrikaan hojjata. Balbala afur, iddoo meeshaa itti fe’an bal’aa, screeniiwwan akka daawwitiitti tajaajilan, goommaa afran al takka marfaman kan bakka xinnoo keessatti marfachuu salphisan fi saffisa hanga 210km/hr ta’e qaba. Ammatti maallaqa $61,000 - $100,000tti tilmaamama.

Dhaabbata tesla’n kan oomishame yoo ta’u dhaabbatichi kan namoota hedduuti. Haa ta’u malee ‘Elon musk’ share guddaa qaba.

Viidiyoon bal’inaan akka hojjatamuuf 30 likes(👍) booda ni hojjatama.
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
👍215🔥3
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from Stickers Bot
Stats for the sticker set Nagaa by @orosoft:

Usage today: 3
Installed today: 0
Removed today: 0

Usage yesterday: 69
Installed yesterday: 6
Removed yesterday: 2

Total usage: 388637
Total installed: 30352
Total removed: 5176
(Total – since 12 pm UTC, 09/17/2015)

To get stats for a particular day, month or year, send me a message in the format MM/DD/YYYY, MM/YYYY or YYYY.
OS tech solutions
Sticker
Sticker kanneen erga hojjannee waggaa 8 fi ji’a 5 guutee jira. Si’a 388,637 ol itti fayyadamameera. Ammayyuu nama 30,000 oltu fe’atee itti fayyadamaa jira.

@orosoft
Mosaajjiiwwan uummataa!
👍7
🟢🟢🟢🟢🟢🟢
Turing.com beektuu??

➡️➡️➡️➡️➡️➡️
Turing platform dhaabbata biiznasii remote software developers waliin wal qunnamsiisuudha. Dhaabbanni kanneen akka Open AI, pepsi, Reddit, disney fi dhaabbatoota of dhoksan kanneen akka Open AI dabalatee marsaa kanarraan remote software developers qacaru. Marsaa kana developers hedduutu fayyadama. Keessattuu namoonni remote software jobs bifa kontiraataan barbaadan turing filatu. Turing account erga banannee booda skill filannee challenge jiran erga darbinee booda hojiin siif barbaadamuu jalqaba. Interviews jiran booda contract isiniif gala. Sana booda hourly rate galchiteen siif kaffalama jechuudha. Yeroo hojii hojjattu tracking software kanneen akka “Hubstaff” itti dhimma ba’ama.


Ammatti Ethiopia’n list of supported countries keessaa dhiheenya kana baafamtus eenyummee banachuun gaariidha. Namoonni software developer taatan eenyummee keessan uumachuu dandeessu.🟢🟢🟢

@orosoft
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
👍124
Telegram’s new feature 👌
Payoneer mastercard barbaadduu??

Akkaataa itti baafachuu dandeessan isiniif hima, jalqaba like 20 !!
👍434🔥4
Payoneer mastercard akkamitti baafachuu dandeenya?

🟢🟢🟢🟢🟢

Jalqaba gara payoneer.com imaluun ykn app payoneer buufannee sign up goona. Passport dirqama isin barbaachisa. Address isaa bakka amma jiraattan galchitu!

Erga account banannee booda, gama address verification deemna. Step baay’ee ulfaataan isa kana. Gama sadiin verify gochuu dandeenya:
- bank statement
- utility bill
- rental agreement

👉 Bank statement: inni kun transaction account keetirratti raawwatame kan tarreessuudha. Bank statement biyya keenyaa yeroo heddu address hin qabu, yookiin odeeffannoo gahaa tahe ufirraa hin qabu waan taheef payoneer hin fudhatu. Kanaafuu an kana recommend hin godhu.

👉 Utility bill : kun kaffaltii bishaanii, ibsaa fi tajaajiloota hawaasaa gara garaaf isin kafaltaniidha. Inni kunis biyya keenyatti yeroo heddu address ofirraa waan hin qabneef, an kanatti isin hin gorsu.

rental agreement : inni kun walii galtee mana kiraa isiniifi nama mana isinii kireesse jiddutti ta’uudha. Biyya keenyatti document kireeffachuu kee ibsu yeroo baay’ee hin mallatteeffamu, walii galteedhaan ta’a. Nuti garuu payoneer’iif jennee walii galtee kana afaan ingiliffaan qopheessinee ittiin address verify godhachuu dandeenya.

Akkamitti ?
➡️ document kun kan ji’a sadi darbe ta’uu hin qabu.
➡️ maqaa kee(kireeffataa), maqaa kireessaa, iddoo argama manichaa, mallattoo keefi kan kireessaa ofirraa qabaachuu qaba.
➡️ hammamiif akka mana san keessa jiraachuuf deemtuufi walii galtichi turtii hangam hangamiin akka haaromfamu ibsamuu qaba.
➡️ ji’aan qarshii meeqa akka kafaltuufi manichi hangam akka bal’atu ykn kutaalee meeqa akka qabu ibsamuu qaba.
➡️

🟢 DIRQAMA mana kireeffachuun isinirra hin jiraatu. Document sobaa address keessaniin wal simu hojjattanii ittiin approve gochuu dandeessu.


✔️ Documenticha isiniif yaabbisa. Garuu edit gochuu qabdu. Bakkeewwan isin barbaachisan mallattoo diimaan dibee isinitti garsiisa.


🔘 documenticha barbaadduu? Like’n nu garsiisaa mee 👍
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
👍247
OS tech solutions pinned «Dokumentichi isa kana 📌📌📌 Rental agreement template for payoneer 👇 https://www.scribd.com/document/694997193/payoneer-rental-Agreement»
⚡️⚡️⚡️⚡️⚡️⚡️

Jechoota akka Crypto mining, Tapswap, hamster, Airdrop, Notcoin fa’a dhageessanii jirtu ta’a. Dhuguma maallaqa argamsiisu moo yeroo gubuudha?? Waa’ee jara kanaa bal’inaan baruu feetuu?

(👍) = like 25 booda bal’inaan isiniif maxxansina.
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
👍478
🐹🐹🐹🐹🐹🐹

Airdrop maali?

🐹🐹🐹🐹🐹🐹


🐹 Cryptocurrency keessatti airdrop jechuun kennaa tolaa jechuudha. Dhaabbanni tokko maallaqa dijitaalaa isaa gad lakkisuuf jalqaba fudhatama argachuuf kennaa inni fayyadamtootaaf tola kennu jechuudha.

Yeroo tokko tokko, saantima/token kana kan argattu galmaa'uu ykn qaama hawaasa onlaayinii murtaa'e tokkoo ta'uu qofaani. Yeroo tokko tokko namoota dursa galmaa’aniif kennama. Yeroo tokko tokko namoota game taphataniif kennama.

Dhaabbanni, pirojektichi xiyyeeffannoo hawwachuu fi namoonni maallaqa dijitaalaa isaanii haaraa kanaaf fedhii akka qabaatan karaa itti nama amansiisaniidha.
Akka promotion/advertisement’tti ilaaluu dandeenya.

@orosoft

Fakkeenyota airdrop kana duraa:-
➡️ Uniswap(UNI) - 2020 keessa UNI 400 namoota platform isaanii fayyadamaa turaniif kennee ture.
➡️ Stellar (XLM) - 2018 keessa blockchain.com wajjiin ta’uun XLM maallaqa doolaara miiliyeena $125 baasu fayyadamtootaaf tola kennee ture.
➡️ Decred (DCR) - 2016 keessa DCR 258,000 keessa fayyadamtoota duraa(early users)f kennee ture.
➡️ Algorand (ALGO), Notcoin fi kkf hedduutu ture.

@orosoft

Amma immoo telegram airdrops jiran:-
➡️Tapswap
➡️Hamster combat
➡️Blum
➡️YesCoin
➡️Catizen
➡️PixelVerse
➡️GemZ
➡️MemeFi
➡️HotWallet fi kkf

🐹 Erga waa’ee airdrop hubannee, waa’ee tap tap biyya keessa faca’ee kanas sirritti hubanne jedheen yaada.

📌 tap tap waan gooneef qofa qarshii arganna osoo hin taane, dhaabbatichi wantoota heddu ilaaluun reward/token nuuf kenna malee coin miliyeena 2 hojjanneef miiliyeenota arganna jechuu miti. Hamster’s ta’ee tapswap tokko doolaara meeqaan akka list ta’u wanti beekame hin jiru.

Fakkeenya Hamster(HMSTR) dhiheenya kana pre sale’dhaan kucoin fi gate.io irratti token 5000 doolaara $0.369’n gurguramaa ture.

Kan biraa immoo kun fulltime job miti! expectation keessan gad buusuun yeroo boqonnaa qabdanitti qofa hojjadhaan dhaamsa kooti.

✔️ osoma jennu, Binance National ID’dhaan verify gochuu dandeessu.

@orosoft
Gaafiiwwan keessan maxxansa kana jalatti comment keessan barreessuun gaafachuu dandeessu.
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
👍171