Forwarded from Odaa App Store
Sirboota Afaan Oromoo MP3 2000 ol kallattimaan asirraa Download or dhaggeeffachuu dandeessu. play store irraatti Urjii * shan rate godhaa๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ https://play.google.com/store/apps/details?id=com.ardisoft.oromomusic
#share #share
Garee guddicha oromoo kan miseensota 8600 ol qabu garee qeerroofi qarree oromootti dabalamuudhaan wal haa barruu, odeeffannoo wal haa jijjiirruu akkasumas oromummaa waliin haa faarsinuu! miseensa garichaa ta'uudhaaf link isa gadii kana fayyadamuudhaan seenuu dandeessu! Horaa bulaa!
@qeerroofqarree

Forwarded from Kiilolee News
#Dr_Gurmeessaa
Bakkeewwan dhukkubni kun saffisaan nama hedduu
qabachuu malu.
**********************
1. Mana rifeensaa itti sirreeffatan [Aadduun mataa yoo alkooliin qulqullaa'eyyuu, uffata tokko irraa tokkotti uffifamee waan hojjetamuuf, namnis walitti sissiqee waan taa'uuf]
2. Gabaa fi bakkeewwan bittaaf gurgurtaa namni itti
heddummatu/rukkatu haga dirqama hin taanetti fayyadamuu
dhiisuu.
3. Mana puulii, jootenii, teenisii.... fi taphoota kana
fakkaatan dargaggoonni itti dabarsan yeroof dhiifnee mana
teenyee kitaabota dubbisuu.
4. Bakkeewwan waaqeffannaa amantaa gara garaa deemuu
irra mana ofii taa'anii amantaa ofii geggeeffachuu.
5. Mana cidhaa fi ceremony adda addaa namni itti baay'atu
irratti hirmaachuu irraa of qusachuu.
6. Manneen boo'ichaa ykn sirna awwaalchaa garagaraa
irraatti argamuu dhiisuu.
7. Geejjiba hawaasaa (public transportation) haga dirqama
nutti hin taanetti fayyadamuu dhiisuu.
8. Manneen nyaataaf dhugaatii (haga dirqama hin taanetti)
manneen sirbaa (guyyaas ta'e halkanii) irraa hafuu.
9. Walga'ii, afooshaa fi gurmaa'inaalee biroo namni itti
baay'atu irraa yeroof fagaachuu.
10. Manneen fiilmii fi agarsiisa adda addaa (cinema)
keessatti hirmaachuu dhiisuu.
11. Waldorgommii taphootaa gosa kam iyyuu (kubbaa,
wal'aansoo, fiigicha....) irraa fagaachuu.
12. Hospitaala (Yoo ofii dhukkubsanne, yokaan hin
dhukkubsachiifnu ta'e, nama gaafachuu dhiisuu).
13. Manneen dubbisaa (Library) keessatti baay'atanii dubbisuu irra mana ofiitti kitaaba fudhatanii galanii qofaa ofii dubbisuu.
ยฉDr. Gurmeessaa Hinkoosaa
Fayyaan Faaya
@kiilolee

Jawar mohammed Telegram channel baneera. Asirraan seenaa
๐๐๐๐๐๐๐
๐ @Jawarmd ๐
๐๐๐๐๐๐๐
๐๐๐๐๐๐๐
๐ @Jawarmd ๐
๐๐๐๐๐๐๐
OS tech solutions pinned ยซ๐ฅ๐ฅ https://orosoftblog.blogspot.com/2020/04/beekumsa-programming-keenya-akkamitti.htmlยป
@orosoft #orosoft
Uf eeggannoo yeroo interneetii fayyadamnu gochuu qabnu!
-
-
Yeroo interneetii fayyadamnu uf eeggannoo gahaa yoo hin taasisnu ta'e, haakaroonni akkuma salphatti odeeffannoowwan keenya gara garaa argachuu danda'u. nutis har'a interneetii irratti uf eeggannoowwan godhamuu qabamu haala armaan gadii kanaan isiniif tarreessinee jirra.
-
1. Linkii ykn attachment argite hunda irratti click hin godhin.
-
Malli sobanii linkii nama tuqsisuu kun mala baay'inaan haakaroonni fayyadamaniidha. isaanis linkichi yoo tuqame, marsaa gaarii hin taanetti nu geessuu danda'u. dabalataan attachment gara garaa akka bannu nu ajajuun kompiitara keenya miidhuu danda'u. isa kana salphumatti jala darbuuf ergaan siif ergame kun eennurraa akka ta'e adda baafachuufi barreeffamicha xiinxalaa dubbisuudha.
-
2. Marsariitii hundaafuu jechi darbii (password)n kee gara gara ta'uu qaba!
-
password wal fakkaataa fayyadamta taanaan akkaawuntiin kee tokko yoo cabe, hundi isaanii akka cabetti fudhachuun ni danda'ama. gaafiin biraa immoo weebsaayitii hundaaf jecha darbii gara garaa akkamitti yaadachuu dandeenya? kan jedhuudha. jecha darbii gaarii kan jedhamu isa baay'inni isaa 8 fi isaa ol ta'e, kan qubee guguddaafi xixiqqaa, laakkofsa akkasumas mallattoolee uf keessaa qabuudha. fakkeenyaaf mala tokko kan passwordii cimaa ta'eefi salphumatti yaadatamuu danda'u ittiin filattan isinitti haa himu.
-
jalqaba jecha gaarii ta'e kan yeroo hunda yaadattu fudhu. an jecha AfoolA jedhu fudheera.sana booda jecha kana keessa bakka "A"(4), "O"(0) fi "l"(1) haa buusu. innis 4f0014 kan jedhu ta'e.dhuma jecha kanaa irratti mallattoo doolaaraa "$" haa galchu! innis "4f0014$" ta'e.qubee jalqabaa weebsaayitii sanaa(Qubee guddaa) fudhee passwordii filadhe san jalqabasaa irratti galcha! fakkeenyaaf twitter yoo ta'e passwordiin koo "T4f0014$" ta'a jechuudha. passwordii cimaa! salphatti yaadatamu! mala salphaan filannee jirra!
Hubadhaa:- an passwordii keessan kan armaan olii kana taasisaa hin jenne. passwordiin an fayyadamu kan armaan olii kanas hin jenne! kun fakkeenya qofaaf barraa'e. passwordiin kee hanga fedhe cimaa ta'us ati uf eeggannoo gahaa yoo hin taasisin... 'gowwaa dirra dhahan, qaruutee bira dhahan!'... dhiifama jedheera. โบ
-
3. mala 'Two step verification' fayyadamuun dirqamaa?
-
Eeyyen dirqama!
'two step authentication(2SA)' kan jennu kun fuula haaraa jecha darbii kee erga galchitee siif dhufu yoo ta'u, ergaa barreeffamaa bilbila kee irratti siif ergame akka achirratti guuttu si gaafata. kana jechuun ati 'two step verification' fayyadamta taanaan namni tokko passwordii kee yoo beekes hanga bilbila kee harkaan gahatutti eenyummee kee saaqee seenuu hin danda'u jechuudha. dhaabbatoonni gurguddaan kanneen akka google, facebook, twitter fi kanneen biroo heddu mala kana ni qabu.
-
5. Yeroo public WiFi/ wifi hawaasaa fayyadamtu eenyummee kee login/signup hin taasisin, hin gabayatin
-
namni si waliin neetworkii tokko fayyadamaa jiru salphumatti wantoota ati walii gadi ergitu kanneen akka username, password, credit card info...) arguu danda'a. kanaafuu yeroo WiFi hawaasaa fayyadamtu haakariin tokko Odeeffannoowwan kee hatuu akka danda'u beekaa fayyadami.
-
6. 'Find my mobile' bilbila keef banadhu.
-
bilbilli keenya yoo nu jalaa bade, akkaawuntii keenyaan bilbila keenya cufsiisuu akkasumas format gochuu fa'aaf nu gargaara.
-
7. 'Anti virus software'/mosajjii farra qinqanii fayyadami.
-
faaydaan moosaajjiiwwan farra qinqanii fayyadamuun argannu inni guddaan qinqaniiwwan kanaan dura baraman gara garaa akka salphatti too'achuudha. sooftweeriiwwan kanneen yeroo yeroon fooyyessuun nageenyummaa maashinootaafi eenyummeewwaniif gaariidha.
-
8. Nama ta'uu kee hin irraanfatin
-
Gochi eenyummee hatuu gara garaa hedduun kompiitaroota osoo hin taane, nama gowwoomsaniiti kan raawwataman. waa'ee dhuunfaa kee interneetii irratti fe'uu hin baay'isin. yoo hatames kan sin miine qofa upload godhi. Interneetii irratti nama, marsariitii fi sooftweerii kamuu hin amanin. sababnisaa sooqiddaafi sukkarri bifaan wal fakkaatu.
-
'share' gootaa ree? hayyee ni danda'ama. Galatoomaa!