Oromia Land - πŸŒ€
138 subscribers
135 photos
16 videos
22 files
79 links
Channel keenyaa Oromia Devilopment Media oromoo fi Addaa oromoo kan barsisuudha. Kottaa irraati baradha.
Download Telegram
DUBBISI

Jireenya keessatti waanti nuti akka karooraatti qabannu waanta lamatu jira. Inni jalqabaa waanta barbaannu argachuu yoo tau,Inni lammaffaan immoo waanta argannetti gammaduudha.Namoonni karoora isa lammaffaatti gammadan garuu beektota qofa.

Balaa namatti dhufe injifachuuf tarkaanfiin jalqabaa waanta raawwate galataan fudhachuudha.Rakkoo si mudate akkuma jirutti fudhachuuf eeyyamamaa tai.

-William James

Haala si mudatu waliin jireenya kee walfudhachiisuuf yaalii godhi malee akkan barbaadu tauu qaba hin jedhiin.

Abraham Liinkan

Namni hiriyaa isaatiif gammachuu hin yaadne rakkinaaf saaxilamaadha. Namni akkasii ofiisaa qofa osoo hin taane,namoota biroos ni madeessa.Kufaatiin namaas eenyummaa akkasii irraa dhufa.

-Alfred Adiler

Karaan ittiin gammachuu argatan tokkicha.Innis muddamaa fi sodaa human keenyaa olitti nutti dhufan jalaa miliquudha.

-Monten

Yeroo hundumaa tarkaanfii tokko tarkaanfachuu yommuu yaaddu,gufuu tarkaanfii tokko si ittisuu dandautu si dura dhaabbata.

-Antuwan Tekov

Sammuun kee foddaa ati ittiin addunyaa kana ilaaltu waan taeef yeroo hundumaa banaa taasisi.

-George Barnaad show

Waanti nama beekamaa si taasisu waanta ta'uu barbaaddu taatee argamuudha.

-Sokirates



Irra deddeebianii yaaluun salphina miti.Carraa gaarii tauusaatu ittiin safarama.

-Joorjii maatiyaas

Miirri injifannoo kan madaalamu injifachuu qofaan osuu hin taane,yommuu kufanis tattaaffii gochuudhaan ni madaalama.

-Oliver Gold Smiz

Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko qofa.Innis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha.

-Kanan Frederik Furar

Namni namoota injifatu nama cimaadha. Namni ofiisaa injifatummoo nama hundumaa caala.
-Laawoo 8ffaa



Akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqifne akkasuma namnis yoo rakkinaan qoramee bahe malee addunyaatti mulachuu hin dandau.

-Konfiishiyees



Baayinni rifeensaa,baayinni copha bokkaas, akkuma beekamuu hin dandeenye baayinni rakkinaas sammuu nama mul'ataa xureessuu hin dandau. Namni akkasii madaala jireenyasaatii ni eega.
-Seeneka



Namoonni hedduun abdii fuula duraa qaban abjootanii yeroo gammachuu abdiidhaan eeggatu. Garuu guyyaan har'aa guyyaa hundumaarra guyyaa addaati. Sababnisaa guyyaan har'aa harka kee keessa seentee jirti.

-Charles Koltan)

Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane,waanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna.

-Rey Liiman Wiilber

Namni dogoggorasaa mul'isee himatu akka nama kosii manaa haruuti.

-Maataammaa Gaandii

Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha.Namni waan argachuu danda'u qofa hawwummoo nama ogeessadha.

-Jecha warra Aayilaandii

Daandii bakka yaadde si geessitu osuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin.

-Jecha warra Ingilizii

Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu.
-William shekispir

Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa haraa balleessuudha.
- Maaksim Troobey

Sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka'i.
-Jecha warra Ingilizii

Nama tokko gargaarun addunyaa guutuu jijjiiruu dhabuu danda'a. Garuu nama tokkoof addunyaa isaa jijjiruu danda'a!!

Waan barbaadde tokkoof hin qabsoofne yoo ta'e Waan dhabdeef hin gaddin!!

Join @oromiaodm
@oromiaodm
@oromiaodm
@oromiaodm
Xalayaa Muluu Adaraa ilmaa ishee Fayyisaa Nugusee awwaala keessa jiruuf

Haa ga’u nagaan koo kan mucummaa qilleensa adda kutee tullu qaari'ee galaana lamatti muree, Awwaala diigee, sanduuqa ati keessa jirtu cabsee ekeraa dubbisee akkam jirta Fayyoo koo! Sii yaade, sii dheebodheera mucaa koo! Fayyoo koo akkam mannii sitti ho'eera. Abbaan kee waggaa 20 booda wal agartaniiin hoo Walbeektani laata? Yoo Abbaan kee dhiguuman sii beeke malee, Ati gaafa Abbaan kee gara bakka dhugaa deemuu ati reefuu Da'imaa ji'a 6 turte! Waaqni ana ija koo balleessee Abbaa keetiif manatsarii kenneef waal siin haa barsiisuu malee maalan jedha.

Fayyoo ati ija koo mirgaati sii malee lafa hin argu, harka koo mirgaati sii malee waayyu lafaa hin kaasuu, milaa koo mirgaati danda'ee hin dhaabbadhu naan okkolaan jira, miciree gadameessa kooti gadameessatu na madayee! Hangana garaa natti jabaatta jedhee eegee hin beeku. Ofii yoo dhufu dadhabdes namatti maal keessa akka jirtu maaliif naa hin dhaamnee! Haadhaaf ilmoon hammanumaa fayyoo koo! Q
Xalayaa Muluu Adaraa ilmaa ishee Fayyisaa Nugusee awwaala keessa jiruuf

Haa ga’u nagaan koo kan mucummaa qilleensa adda kutee tullu qaari'ee galaana lamatti muree, Awwaala diigee, sanduuqa ati keessa jirtu cabsee ekeraa dubbisee akkam jirta Fayyoo koo! Sii yaade, sii dheebodheera mucaa koo! Fayyoo koo akkam mannii sitti ho'eera. Abbaan kee waggaa 20 booda wal agartaniiin hoo Walbeektani laata? Yoo Abbaan kee dhiguuman sii beeke malee, Ati gaafa Abbaan kee gara bakka dhugaa deemuu ati reefuu Da'imaa ji'a 6 turte! Waaqni ana ija koo balleessee Abbaa keetiif manatsarii kenneef waal siin haa barsiisuu malee maalan jedha.

Fayyoo ati ija koo mirgaati sii malee lafa hin argu, harka koo mirgaati sii malee waayyu lafaa hin kaasuu, milaa koo mirgaati danda'ee hin dhaabbadhu naan okkolaan jira, miciree gadameessa kooti gadameessatu na madayee! Hangana garaa natti jabaatta jedhee eegee hin beeku. Ofii yoo dhufu dadhabdes namatti maal keessa akka jirtu maaliif naa hin dhaamnee! Haadhaaf ilmoon hammanumaa fayyoo koo! Qe'een natti dhaamoote jira. Addaa kee haxaawuu fi dabbasaa kee qaqqabuun yaade. Ilmoo koo miciree tiruu koo waan hundumaa koo sii dhabeem.

Fayyoo isaa Abbaan kee ji'a jahatti sirraa du'ee akka Haadha fi Abbaa tahe sii guddisee illee maaliif dagattee! Atis beekta akkattan sii guddisee Ashaaroo ormaa ashaaree, Loomii, Birtukaan, qoraan fi Kobootaa dugdaatti baadhee akkan si guddisee. Atis harmee tiyyaa hin rakkatanii jettee yeroo Akaafaa fi doomaa qabattee jireenyaa na jiraachisuuf jilbeeffatte loo'uu eegalteetti sareen na duraa sii nyaattee wayyoooo Fayyoo koo! Of bira sii ilaalee dhaabnaan kophummaa, duwwuummaa, fi hirkoo dhabuutu natti muldhata! Qofaa tahu fi hirkoo dhabuun kana caaluu maalii sanduuqa itti si awwaaluu iyyuu dhabeen liqeeffadhe uuufffii Liqicha hanga ammaa hin kaffallee Fayyoo koo! Garuu fayyoo maaliif akkas na goote! Mee Fayyoo koo altokko oljedhii na dhaggeeffadhu. Naa hin nufiin lammata dhufee siin jeequ. Garuu na hin baqatiin maaloo Fayyoo Fayyoo koo gadameessa kootu madaayee! kaanillee haa hafuu hafuuraan natti koottuu, Abjuudhaan natti mul'adhu na taphachisii waanan keessa jiruun sitti himadha. Gammachuu fi Gaddaa Koo na waliin hirmaatta. Jedhi nagaan turi Iddoo jirtuutti sitti haa tolu gaaf tokko ijaan wal agarra Nagaatti siin jaaladha Fayyoo koo

Namoota gargaaruu barbaadaniif
Baankii hojii Gamtaa oromiyaa
Lakk Account 1000066984919
Baankii daldala Itiyoophiyaa
Lakk Account: 100033347791

Waan gargaartaniif Galatooma!
Warri dhugaan hin galleef
Harcaatotni abbaa hirree
Kan keenyaan "kooti" jetti
Akka waan nuti hin jirree!
Funaantuun 'taaksii' fi kiraa
Hattuun #kontorabaandii
Waan dhuguu barte dhabdee
Haaloodhaan uuruu dhaabdi!
- -
Egaa,
Ilkaan raamma'ee dhumeen
Qorsoo nyaachuun ni cimaa
Barri kan uummataati
Warra hin dhageenyeetti himaa!


@oromiaodm
@oromiaodm
@oromiaodm
@oromiaodm
+251929104621 Finfinnee Muujjaa(shiromeeda).
+971525132577 Dubaayii Shaarjaa.
Whatsap,Telegram,imo,Toktok,Viberiinis nudubbisuu dandeessu.
Dhukkuba Covid-19 Irraa cimsinee of haa eegnuun immoo dhaamsa keenya.
********Galatooma**********
Ebbaa

βœ”Nagaan waan hunda caala waan ta'eef;
Waaqni nagaan baasee nagaan nu haa galchu!
Hamaa fi hamajaajii nurraa haa dhorku!...
Yaadni diinaa okkotee urataa kan bishaan hin baanne haa ta'u!
βœ”OROMOON;
Akka abidda manarraa bitaafi mirgatti haa ifu
Akka andoodee kormaa bonaafi ganna haa lalisu
Akka walleensuu gaaraa yaabbiifi bu'a haa dhowwatu!


@oromiaodm
@oromiaodm
@oromiaodm
Forwarded from Ν™Ν™FoormulΙ‘Ι‘ JireenyΙ‘Ι‘ πŸ‡΅πŸ‡Έ (πŸ‘‘Lij IyyasuuπŸ‘‘ Neng⭐)
Join godhaa irraa baradhaa
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://telegram.me/Hamiltan_tv_Hamilee_Ummataa
Hawwiin koo wantoota armaan gadii kana arguudha.
βš«οΈβš«οΈβš«οΈβš«οΈπŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄βšͺ️βšͺ️βšͺ️βšͺ️
Oromoon Artiidhaan --1ffaa ta'uu
Oromoon Barnootaan--1ffaa ta'uu
Oromoon Siyaasaan----1ffaa ta'uu
Oromoon Dinaagdeen--1ffaa ta'uu
Oromoon Isportiin------- 1ffaa ta'uu
Akkasumas Oromoon Tokkummaa fi jaalala Waggoota shanan darbee qabachaa turre sirritti jabeessuun fakeenya Adunyaaf ta'uu.

Ani Hawwii koo kana dhugoomsuuf hangaa danda'utti kuttannoon hojjachaan jira isinis Gama dandeessanin Hojjachuun wan hundaan Saba keenyatti Maqaa haa goonu.
@oromiaodm
@oromiaodm
Intala dhiira lama janajjantu sana maqaa isii eenyu jedhanii waamu
.
.
.
@oromiaodm🀣🀣
@oromiaodm