Jaal Dope 🔫
330 subscribers
367 photos
10 videos
5 files
1.37K links
🔴🔴🔴🔴🔴🔴
🔰🔰Baacoo Gaagababo fi Assosama Adda adda isiinif dhiiyesun isiin bashanansisna Erga qabdan karaa @Abiyo007 nuuf ga'a. Gallattoma🔰🔰
🔴🔴🔴🔴🔴🔴
Download Telegram
Xiyyeeffadhu
Maqaan Ganamaa Kutaalee Magaalaa Finfinnee fi Oromiyaa Biroo 130 Meeqa Keenyaatu Beeka Laata?
===============
@Orodope join us
1. FINFINNEE - Addis Ababa
2. AGAMSA - Markaatoo
3. BADDAA EJERSAA - Ras Kaasaa Sefer
4. BAAROO KORMAA - Xuqur Anbassaa
5. BIRBIRSA GOOROO - Piassa
6.Caffee Araaraa -sidist kiiloo
7. CAFFEE aannanii - Meksiikoo
8. CALCALLI - Saar-bet
9. DAALATTII - 4-kiiloo
10. DILDILA ADURREE - Inxooxxoo
11. GARBII - Senga-taraa
12. GOLBOO - Ceerqoos
13. GULALLEE BADHAASOO - Qeeraa
14. HURUFA BOOMBII - Jaan-Meedaa
15. QARSAA - Kaasaanchis
16. ADOOLAA - Kibre-Mengist
17. BULEE HORAA - Hagere Maariyaam
18. EJEREE - Addisaalem
19. ROOBAA - Nifaas Silk
20. ADAAMAA - Naaziret
21. CIROO - Asebe Teferi
22.BISHOOFTUU - Debre zeeyit
23.BOTEE-Maqii
24.BAATUU-Ziwaay
25.Amboo-Hagerehiwoot
26.Sabbataa-Alamganaa
27.Hoolotaa-Gannat
28.Walisoo-Gihoon
29.Tulluu eegduu-Menagesha
30.Haroo sabbuu-Alem teferi
31.Roobee-Goobbaa
32.Lammii-Lamii
33.Birbirsa-Georgis Church
34.Dhekkaa-Yeka
35.Dhooqa booraa-22 mazoria
36.Doobbii-Qacanee
37.Laga harree-Laga haar
39.Dabbassoo-mashalookiyaa
40.Haroomaayyaa-Alemaya
41.Bakkanniisaa-Mekanisa
42.Bookee-Bethel
43.Qarree Gowwaa-Gohatsion
44.Haxaaii-Axaayyee
45.Abbaa Guuguu-Aarbaa guuguu
46.Dirree Dhoaa-Dire dawa
47.Karaa Maraa-Kaarra Maarraa
48.Saa Gurree-Saaguree
49.Naqaadallaa-Maqdela
50.Melka jaldu-Melka Jebdu
51.Naqqamtee-Lekemte
52.Karaa Qoree-Karaa Qorree
53.Illuu Abbaa Booraa-illuubaaboor
54.Oboraa-Waabaraa
55.Dhedheertuu-Dertu
56.Yaaa baloo-Yabello
57.Qolan Koomii-Welenkomi
58.Hara Dambal-Zway
59.Cuqqaalaa-Ziqualla
60.Mataaharaa-Metehara
61.Arsii-Aruusii
62.Bishaan Diimaa-Bisdiimoo
64.Qoqaa-Koqa
65.Mandayyoo-Fasil Awuraja
66.Bishaan Dhinsaa-Yilman Dinsa
67.Haqaaqi-Akaki
68.Irreensaa-Gudeellaa
69.Shaamboo-Shaambuu
70.Ilaalibalaa-Lalibela
71.Fincaaaa-Finca
72.Abboomsaa-Tinsae birihan
73.Hora-Filwuha
74.Hawaas-Awash
75.Qaalluu-Kality
76.Laga Qamalee-H/Giorgis Dildiy
77.Wal-arga-Wellega
78.Tulluu Daalattii-Tiliku Betemengist
79.Addababaii-Adebabay
80.Qilee-Asko
81.Suluula Garbii- T/Haimanot 82.Awwaaroo-Aware
83.Adaamii-Rufael
84.Sheik Hojole/Didiimtuu-Shegole
85.Waddeessa-Chercher Godana
86.Tulluu Ejersaa-Hanna Mariam
87.Lumee-St.Joseph
88.Labuu-Siga meda/Tatek
89.Laaftoo Tumtuu-Buna Board
90.Tulluu Dheertuu-Gofa Betemengist
91.Tulluu Heexoo-Buufata Poolisii Jahaffaa
92.Laalii-Intoto Mariam
93.Burqaa Ejersaa-Faransay Imbassy
94.Caffee Muudaa-Lideta
95.Dhakaa Araaraa-sherathon & Hilton area
96.Dolloo Buddeenaa-Gotera,Wello sefer &
97.Dhummuugaa-Ginfille
98.Fiichee-Xalian mishig
99.Golbaa-Addis ketema
100.Hadaa-Tele,Garaj,Cerkos Betekiristan
101.Harawa-kaca Fabirika
102.Harbuu-Gurd Shola
103.Harbuu Irreessaa-Ras
Hailu Sefer
104.Hulluuqa Kormaa-Istifanos
105.Jaajaa-Bihere Tsige
106.karaa Qorxii-Belay zeleke Qilxu straight
107.Burqaa Qorichaa-Yeka Michael,Around
Kebena river
108.Hurufa Raaree-Around Bus Station
109.Keelloo Masqalaa-Around 4-Kilo Campus
& Betekiristan area
110.Riqicha Alloo-Engliz & Russia Embassy
111.Caancoo/Arsii-Debre Selam
112.Bulikaa-Bulga
113.Collee-Debre Sina
114.Dheedheeraa-Dadar
114.Erar-Yarar
115.Gaara sibiiluu-Minilik Gibbii
116.Hankoober-Ankober
117.Goodaa Boombii-Tatek Defer
118.Bubbee-Yirga Dejen
119.Ganda Aliyyuu-Gandaliyyuu
120.Haadha Adii-Adaadii
121.Walda`a-Woldiya
122.Madaaroo-Ayertena
123.Kuukkuu-Hagere Marian
124.Jajjuu-Yejjuu
124.Tulluu Diimtuu-Bahita Gebriel
125.Tulluu Maraa- Tulluu Amaaraa
126.Wacaalii-Wucaalee
127.Waabee Shabal-Waabee Shebele
128.Malkaa Abbooshee-Baambiis
129.Mandooyyee-Baalee-Faasiil
130.Xarroo-Atana Tera

Maddii: Tjoy
#HoraaBulaa!
Share Waliif gochuun wål ha barsifnuu
@orodope
@orodope
Kaayyoon Gareen kun dhaabateef
Waan beknuurra,kalaqa sammuurra, akasuuma karaa dandeenyu hundaan Uummaata keenya barsiisuudha! Join us @orodope
Eyyeega akkuuma jalqaba jennee assoosama babbareedoo qabannee isinii dhiyanneerraa
Eyyee isinnis dubbistanii akka ittin boohartan abdii qabnu gamanumman ibsa
Marree hiriyoota keessaniif qoodu yoo barbaddab @orodope jettanii yoo hiriyoota keessanif ergitaan hiriyaan keessan salphaatti argatee dubbisu danda'a.
Horaa bulaa!
#Kutaa 1ffaa
*****
Barruun kun asoosama gabaabduu yoo taatu kutaa sadiitti qoodamtee isiniif dhihaatti. Amalli keessan ilalamees itti isiniif dabalamuu mala. Har’aaf garuu kutaan jalqabaa kunooti.
*****
Abaan warraa koo ganamaan qarshi bilbilli manaa keenyaa lakkaa’e kaffaluuf erga ba’een booda ture, xomboreen mana koo biddiiqxuun meeshaa ishee sassaabbattee yoo deemuuf qophooftu kanan arge.
“Maal taate intalaa? Eessa deemuuf jetta?” Jedheen osoo natti hin himin tasuma lafaa kaatee qoqophaa’uun ishii kun bita natti gallaan.
“Yoo isin qarshii dhibba shan naaf hin kaffaltan ta’e kanarra mana kana hin taa’u!” Jette uuruu dhiibaa. Sanuu akkaataan dubbii ishii kan duraarraa jijjiirameera. Miiruma isiin ittiin haasoftuuyuu kabajaafi ulfina anaaf qabdu of keessaa hurkisiseera.
“eeee… waan haaraa maaltu argamnaan altokkoon qarshii dhibba sadii itti dabaltu malee naan jetta intalaa? Mee natti himimee?” Yoon jedhuun,
“maal taate giiftiin immoo isayyuu waan haaraa maaltu argeme jettuu?” Jechaa erga meeshaashee walitti qabatte lafa godhatteen booda
“Sababa gurguddaa sadiin qabayyuudha kanan qarshii dhibba sadii dabaleef.” Jettee qubashii sadi na agarsiiste
“Mee natti himi adaraa.. Kan kee hoo raajiidha!” Jedheen amala ishiin hn qabne irratti ilaalaa…
“Tokkoffaan..” Jette qubashee sadan agarsiiste keessaa tokko gadi qabaa..
“Tokkoffaan huccuu tokkosuudhaan isinirra nan caala.” Naan jette qaanii malee of tuula..
“Dhugaa jettaa.. ?! Eenyu kan akkas jedhee sitti himemmoo?”
“Maal taate giiftiin immoo gooftaafaadhaka.. Kan biraa eenyuutu natti hima?”
“Toole lammaffaa noo?”
“Lammaffaan immoo nyaata mi’aawaafi gaarii ta’e hojjechudhaanis isinirrra akkan wayyus gooftaanfaa irra deebi’anii natti himaniiru.. Sababni kiyya inni guddaafi inni dhumaas immoo..” Jettee qubashee isa sadaaffaa qofaa hafe erga gad deebisteen booda,
“Tapha siree gubbaattis isinirra akkan caalu waan natti himameefi..” Naan jette qaanii malee.. Nan rifadhe… fuula kiyya dura waatu ‘balaq’ jedhee onnee na danfisnaan aariidhaan sagalee ol fudhee..
“Eenyuutu akkas siin jedhe intalaa..? Isas gooftaafaadhaa..? Siinan jedhaam!” Yoon jedhuun,
“Lakki” jette na sodaataa. Dheekkamsa koon rifattee walitti shuntuurteetti.
“Eenyuutu akkas jedheree….?”
“iiii.. Eenyuutu jedhe jettanii..?” Harkashee lamaan qomatti qabattee walitti sukkuumaa..
“Eeyyee eenyuutu jedhen siin jedhaam?”
“iiiiiii….waardiyyaa keenya garafaadha.. Isatu natti hime” jette takka ija koo takka lafa.. Ilaalaa..
Miiran ittiin dheekkamaa ture keessaa tasuma darbatamee ba’een waan jedhuufi godhu of harkaa dhabe.
“Qarshii meeqa ture amma kan ati naaf kaffali jette?” Jecha jedhu qofa ture kan afaanitti na dhufe.
“Dhibba shan” jette biddiiqxuun gammadaa.. Kanuma gidduun abbaan manaan kiyya miira aarii of keessaa qabuun balbala humnaan darbatee banuun “Akkamitti?” Jechaa dheekkamaa ol seene, sagalee ol fudhatee……

Itti fufa….
@orodope join us
#KUTAA_2ffaa - XOMBOREETTI
***
Isanni balbala rukutee,
“akkamitti!?” Jechaa ol seenu bakkan lixun dhabe… onneen kiyya ariitii durii caalaa saffisaan rukutuu eegale. Dhaabbatee dhaggeeffataa waan ture natti fakkateera… garuu amma inni jecha biraa afaanii baafatutti miiruma rifaatuu keessa dhaabbadheen eegee.
“waanumti mana keessatti adeemsifamaa jiru naaf hin galle.. Maaluma jechuudhan jedheem an!?” Jedhe mudhiisaa lamaan qabatee. Hiddi mormaafi addasaa jabaataniiru.
“maaltu maal ta’e?” Sagalee koo sassaabbadheen… suuta dubbadhe.
“maaltu maal ta’ee maal na gaafatta? Atuu nii beekta!” Jedhaa waraqaa biilii bilbilaa harkasaa keessa jirtu mirmirsaa..
Biddiiqxuun ol darbite…
“mee ilaali kana…” jedhee biilicha erga natti hiixateen booda,
“ji’atti bilbilaaf qarshii kuma tokko kaffaluu jechuun maal jechuudha..?” Jedhee na tasgabbeesse… hafuura dheeraan baafadhe. Amma mata dureen haasaa isaa kan biraa waan ta’eef,
“maal jechuudha..? Akkamitti ta’a?” Jedheen gargaare anis laphee kiyya dha’atu qabataa.
“ani maalittan beekaree? Of gaafadhuka..! Ana yoo ta’e silaaa atuu ni beekta. Bilbila kamiyyuu yoo ta’e kan waajjira keenyaan fayyadama malee tasa ji’a kana kan mana kanaarraa bilbilee hin beeku… dhimma ariifachiisaan galgalaan yoo na mudatellee, bulchee ganama waajjira koo deemee akkan bilbilu atiyuu ni beekta natti fakkaata?”
“”eeyyee nan beeka.. Garuu dhugaadha anis ji’a kana bilbilee hin beeku.. Guyyaa tokkollee itti hin buune.. Anis waajjirumaatin bilbiladha malee.. Boo’icha hiriyyaa kootii himuufiyyuu bilbiluma waajjira keenyaan gargaaramaa ture.” Jedheen akka inni caalatti na amanuuf..
“eenyuutu bilbillaan qarshii kuma tokko nurratti lakkaa’eree?” Jedhe ariidhaan of nyaataa.
“irra deebinee ilaalla malee.. Dogggora ta’uu mala.” Yoon jedhuun..
“mee biddiiqxuufi garafaa naa waami!” Jedhe.. Utuun hin waamin garuu ofiimasaan sagalee olfudhatee waamnaan dhufan.
“garafa.. Bilblila mana kanaa bilbiltee beektaa..?”
“lakki du’a harmee.. Tasumaa itti hin buune.. Ani. Ani balbala gubbaan ta’a yooman mana kana ol seenee beeka.. Dhugaan isiniin jedha.. Yooma giiftiin akka carraa na waamten ol seena malee.. An mana kana dhufee bilbila tuqee hin beeku..” Jechaa falmate garafaan ija keessa na ilaalaa.
“tole atoo..?” Jedheen biddiiqxuudhaan….
“iii.. Ani moo..?”
“eeyyee atumti..”
“ani bilbiladheera..”
“maalif”
“kan waajjira kootii waan ta’eefika… kan mana warra kootii fayyadamuurra… kanumaanin waanan barbaadu xumuradha..”
“akkasii..” Jedheema aruu dhiisee biilicha teessuma gubbaa godhuun kutaa hirribaatti ol darbe. Maalif akkanatti aaraa dhufee isheen bilbiladhe jennaan akka tasgabbaa’e garuu shakkii natti naqe.

Itti fufa….. Click on @orodope
Kutaa 3ffaa fi Isa dhumaa
****

Maalif akka inni callisee kutaa irribaa seenetu bita natti gale.
"Rakkoon hin jiru, kan ammaa ni kaffalla. Lammata garuu akka itti hin deebine." Jedheetuma dhiise. Aarii ittiin hiddi mormasaa kaatee dhaabbattee turte afuuffatee tasuma dhaabuunsaas shakkii natti naqe. biddiiqxuu faana waa jiraachuu hin oolu jechuudha.

Homaas dubbachuu dhiiseen.. Tooftaan ittiin hariiroo kana bira gahu barbaaddachuu eegale.
Buuseen baase, baaseen buuse.. Nan xiinxale.. Nan ilaale.. Achiis yaadi naaf dhufte..
Guyyaa tokko ganamaan ka'een warra kiyya dubbisuu akkan deemuufi Biddiiqxuun nyaata hojjechaafii akka turtu Isa gaafannaan ijayyuu hin hooqqanne.

"Tole dafii galimmoo hin turinii!" Naan jedhee gara hojiitti deeme.
Anis erga inni deemeen booda..Biddiiqxuun akka deemtee warrashee dubbistee dhuftuufan, utuu Garafaan hin argin biyyasheetti erge. Utuuma of nyaattuu deemte.

Galgala yeroo sa'aatii itti abbaan warraa koo galu gahu, kutaa Biddiiqxuu seeneen sireeshee keessa seenee eeguu eegale. Yoo dhufe akka inni kallattii ishiitti dhufu amaneera. Silaas waa malee aaruu dhiisee...
Akkuman seenee ciiseen, turtii xiqqoon booda balballi kutaa ishii baname. Anis afuura dhokfadheeman bakkan ciise turee eege. Akkuma seeneen suuta luka kaasaa dhufee bullukkoo ol qabuun na biraan ciise... Na dhungate.. Nan callise... Harkisaa tokko harma koorra qubate.. Inni biraammoo gadi siqee qaama koo sakatta'uu eegale. Nan callise. Mee waanuma inni godhun ilaala utuuman jedhee.. Akkanumaan ilaaluu anumayyuu miirri na dammaqe. Utuu inni sadarkaa biraatti hin darbin qabee qaanessuuf yaaleen... 'Mee waan barbaade godhee haa fixu' jedheeman dhiise. Innis tokko tokkoon erga huccuu kiyya baaseen. Booda....
"****'

Ergan dadhabbiirraa xiqqoo bayyaannadheen an Biddiiqxuu akkan hin taane Isa agarsiisuuf gaafan ifa bobeessu, Garafaa ture (zananya mana kenyaa) kan olgalagalee na ilaalaa ture.
@orodope
@Orodope
Kkkkkkkkkkkkkkkkki
😆😆😆😆😆😆😆😆😆😆😆
Mee gidduutti
ODUU DURII
kanaan haa booharruu!
Akka jaallattan abdiin qaba
Via @Abiyo007
Join us @orodope
ODUU DURII
@ORODOPE
Namicha tokkotu ture. Namichi kun jaarsa biyyaati. Yeroo hedduu gaaddisatti namoota wal dhaban jaarrolee biroo waliin araarsaa oola.Tasa gaaddisarraa hin dhabamu.
Namichi kun ilmaan dhiiraa lama kan qabu yoo ta’u, ilmisaa hangafti dubbii hin jaalatu. Yeroo hedduu callisee dhaggeeffata. Ilmi quxisuun ammoo afaan hoo’a. Umuriin isaa xiqqaatus akka nama jabaatti haasawa. Kanaaf namtichi angafticha jibbee,
quxisichi gaangee qabee isa jala deema. Quxisichis, waan jaarroleen gaaddisatti dubbatan dhaggeeffatee dubbii barataa oola. Hangaftichi garuu akka horii eegu waan itti murteeffameef, Gaaddisa dhaqee hin beeku.
Gaafa kana hangaftichi gocha abbaa isaa kanatti muufatee haadhasaatti himate. Haatis galgala abbaa gaafatte. Abbaan ammoo “An mucaa kana gaaddisa geessuu hin jibbine. Garuu inni haasawa waan hin beekneef waan hin taane dubbatee akka maqaa koo hin balleessine jedheetan geessuu dida.” Jedheen. Haati garuu dubbii kana hin fudhanne.
“Mucaan kun dubbatee waan hin beekneef haasawa fokkuu ykn midhagaa dubbachuu isaa hin beeknu. Waan hin taane dubbachuu mala yoo jenne, waan gaariis dubbachuu mala. Gara biraatiin ammoo osoo waan fokkuu kan dubbatu ta’eeyyuu bakka haasofni miidhagaan itti dubbatamu geessitee akka baratu gochuu qabda malee akka inni wallaalummaa keessatti hafu godhuu hin qabdu.” jatteen.
Falmiin haadha warraasaa namicha akka gaaritti amansiise. Kanumaaf ganama itti aanu ilma angafa gaangee qabsiifatee gara gaaddisaatti qajeele.
Osoo deemanii karaatti warra du’aa argan. Hangaftichis, namootni reeffa baatanii booyaa awwaalaaf deemaa jiran arguun abbaa isaa gaaffii gaafate“Awwalli kun kan nama du’eeti moo kan nama jiruuti?” jedheen.Abbaan dheekkamuun.”Namni kan awwaalamu erga du’ee booda ta’uu wallaaltee na gaafattaa? Akkamiin waan akkanaa dubbatta?” jedhee akka lammata gaaffii akkasii hin gaafanne akeekkachiise.
Deemsa isaanii itti fufanii Osuma deemanii midhaan asheete ooyiruu keessatti argan. Ammas mucaan gaaffii kaase. “Midhaan kun kan baranaati moo kan bara darbeeti? Jedheen. Abbaan akka malee aaree, “Midhaan asheeta ammaan tana ooyiruurra jiru osoo argituu kan bara darbeeti jettaa? Raafuu maalii natti qabe rabbi! Lammata gaaffii gowwaa akkanaa hin gaafatin siin hin jennee?” jedhee alangeedhan rukutuuf itti dheekkame. Mucaan garuu ni callise. Karaa isaanii wayita xumuruu gahan mucaan namoota gaaddisa jala tataa’an argee ammas gaaffii biraa kaase. “Kan Odaa jala tataa’u kun nama moo Jaldeessa?” jedheen. Yoona abbaan aaree abidda ta’e. Gangeerraa bu’ees akka maleetti mucaa reebe.“Ammaan booda yoo dubbatte sin ajjeesa!” jedhee sodaachisuudhaan gaangeerratti deebi’e.
Achumaan gaaddisa dhaqqaban. Gaafa gaaddisa dhaqqaban mucaan callisee taa’e. Jaarroleen akka haasawu gaafannaan akka abbaan haasawa isa dhoowwe himate. Jaarsoliinis, “Maaliif haasaa dhoowwite?” jedhaniin abbaadhan. “Haasawa isaatu fokkuudha. Gaaffii gowwaa nama gaafata. Kanaafan dhowwe.” jedhe. “Mee maalfaa sigaafate?” jedhaniin. “Jalqaba namoota awwaala deemanitti dhufne.“Awwaalli kun kan nama du’eeti moo kan nama jiruuti?” naan jedhe. Lammata ammoo, osoo midhaan asheeta ooyiruurratti arguu “Midhaan kun kan baranaati moo kan bara darbeeti?” naan jedhe. Kun isa hanqatee waayita as geenyu ammoo “kan odaa jala jiran kunniin jaldeeyyiidha moo nama?” naan jedhe. Gaaffiisaa kanniintu na aarsinaan dubbii isa dhoowwe”
“Gurbaa ati dhuguma akkana jettee?” jaarroleen mucaa gaafatan.
“Eeyyeen jedheera. Garuu balleessaa hin qabu. Abbaan kiyya yoon dubbii wallaale na barsiisuu qaba malee dubbii na dhowwuu hin qabu. Gaaffiilee kiyyas yoo danda’e naa deebisuu qaba. Yoo galuufii baate ammoo “Maaliif akkana jette?” jedhee na gaafachuu qaba malee na reebee haasawa na dhoowwuu hin qabu. Abbaan kiyya kun miidhaa guddaa narra geechise. Gaaffileen koo sirriidha.” Jedhe mucaan. “Mee gaaffiilee kee nuuf ibsi. Maaliif akkas jette?” jedhaniin. Mucaan sagalee qaratee dubbii eegale. Jaarroleen gurra qeensanii dhaggeefatu. Abbaan “Mucaan koo maal jedhinnaa!” jedhee yaadda’aa jira.
“Tokkoffaa” jedhe mucaan, “Awwaalli kun kan nama du’eeti moo kan nama jeruu?j
echuun koo namichi du’e ilmoo qaba moo hin qabu? Jechuu dha. Yoo namichi ilmoo qabaate awwaalichi kan nama jiruuti jechuudha. Maqaan isaa ilmoo isaatiin waan yaamamuuf namichi hin duune. Yoo ilmoo hin qabaanne garuu namichi maqaa isaa waliin awwaalama. Awwaalichis kan nama du’eeti jechuudha.”
“Inni Lammaffaa ammo “Midhaan kun kan baranaati moo kan bara darbeeti?” jechuun abbaan ooyiruu kanaa liqii ofirraa qaba moo hin qabu? jechuu dha. Yoo liqii of irraa qabaate midhaanichi kan bara darbeeti jechuudha. Namichi waan bara darbe liqeeffatee nyaate ofirraa galcha. Yoo liqii ofirraa dhabe ammo midhaanichi kan baranaati jechuudha.”
“Dhumarratti “Kan Odaa jalaa kunniin nama moo jaldeessa?” jechuun, jarri kun sirnaan wal mari’atanii waliif galu moo akkasumaan walitti wacanii addaan deeman?” jechuudha. Yoo kan sirnaan dubbatanii waliif dhaga’an ta’e jarri kun nama,yoo akkasumaan walitti kan wacan ta’e ammoo jarri kun jaldeessa malee nama miti. Gaaffileen koos akkanatti kan hiikaman” isaaniin jedhe.
Jaarroleen raajamanii ija keessa wal-ilaalan. Waan akkanaa dhagahanii hin beekan. Mucaan haasawa hin beeku jedhames, gooftaa haasawaa ta’ee argame.
Abbaan mucaa waan jedhu wallaalee. Badii malee ilma isaa si’a lama reebee ture. Si’a meeqa akka arrabse ammoo hin yaadatuyyuudha. Amma waan sana cufa gaabbe. Namni dubbii hin beekne isuma mataasaati malee ilmasaa miti. Takka turanii jaarroleen akkas jedhan,
“Haasofti mucaa kanaa sirriidha. Abbaan seeraan ala isa dhaane. Badii abbaatti agarre. Kanaaf har’aa kaafnee bokkuu gaaddisa kanaa abbaarraa fuunee mucaaf kennina” jedhan.
“Lakki!” jedhe mucaan, “bokkuun abbaa kiyyaa borus kiyyuma. Ani ammaa ijoolledha. Itti Gaafatamummaa guddaa baachuu hin danda’u. lammata ammoo abbaan koo wallaalee malee beekee nan miine. Kanaaf hanga gaafa dadhabuutti bokkuu innumti yaa qabatu. Booda garuu anaaf kenna.” Jedhe.
“Ilma koo ati guddadhu! Ammas dabalii beeki!” jedhan jaarroleen. “Ilma koo ati ulfaadhu! Waaqi gurraachi si haa kabaju! Ati guddadhu!” jedheen abbaanis jedhama.
Channel name was changed to «🌳Oro Dope»
Kutaa 1ffaa @orodope
WAANUMTI_HOJJAA_KIYYA_GABAABSEE_HAMBISE_BARUMSI_NAAF_GALUU_DHABUUSAATI
Akkuma itti ergaa wayii ta’ee dur barnootni naan galu ture. Anatu isaaf hin galu ta’ee, isatu naan galu ta’ee garuu adda hin beeku. Kanumti hojjaa kiyya gabaabsee hambiseyyuu barumsa yoon jedhe tarii soba sitti fakkaachuu mala. Garuu dhugaadha. Rukuttaa barsiisotaafi maatiin kiyya mataa gubbaan narratti geggeessantu akkan hin dheeranne godhee na hanbise. Gaafuman xiqqoomallee latuu jalqabu gad na deebisu. Sitti hin agarsiisuuf malee, waan qonxoxxaan isaanii luka kiyya gara oliifi mudhiin gaditti na godhee jiru utuu argiteemmoo mataa qabattee naaf boossa. Ani maaluman hin taanee garuu..!?
Kan si dhibu! Mana barumsaatti gaaffii gaafatamu deebisuuf namni ana dursee harka kaasu hin jiru. Garuu deebiin kiyya mataa keessa na rukuchiisa malee harka waliin naaf dhoofsisee hin beeku.. Fakkeenyaaf gaaftokoo barsiisaan Ji’oogiraafii akkana jedhee gaafate.
“Sararri guddaan galaana diimaa addaan kutee darbu maal jedhama?” ani qaxaleen kee harka baasuuf sekandii hin turre. Carraanis naaf laatame.
Bakkan taa’ee ol ka’een boonaa “Ulee museeti.” Jedhe. Osoon gadi hin taa’in garuu harki barsiisichaa aboottifatee mataa kiyyarra ga’ee ture. Amman maalan balleesse…? “Ati qoosuu dhiisi jennaan ni didde mitii.. ?” jedhee amman seentimeetira kurnan tokko hir’isutti gad na tumate.
Gaafa biraammoo Baayoloojii barachaa turre. Waa’ee baakteeriyaan ijaan argamuu dhabuufi shifguddistuu/microscope malee akka hin mullanneefaa akkasumas, caasaaleefi kutaalee isaa hunda erga nu barsiiseen booda fakkii baakteeriyaa kaasuun akka itti fidnu nu ajaje.
Hundumtuu waraqaa kutatee itti gadi taa’e. Ani garuu waraqaa kuteen maqaa kiyya qofa barreessee itti geesse. “Ni qoostamoo.. fakkii baakteeriyaa kaasaan isiniin jedheem!” aariidhaan
Anis ija hooqqataa “Maali barsiisa baakteeriyaan ijaan hin mullatu hin jennee shifargaa malee.. ? kaaseeraam” yoon jedhuun akka inni itti na kabale har’allee hin yaadadhu. Anatu lafaan mareefi lafatu naan mareellee hin hubatinin hafe. Lafumatti diriiree of arguu malee. Har’a gaafan taa’ee yaadu.. anamoo isaantu sirrii hin turre jedheen of gaafadha. Kana rabbi haa beeku
Keessumaamoo herregi naan galtu. Lakkoobsa waliin baayyisuu hiruufi eda’uun toe jettee sammuutti nan cobdu, narra dhangala’uu malee. Garuu Xiqqooshee hir’isuu kanan nan yaala. Isayyuu kiisa abbaa kiyyaa keessaa saantima hatee hir’isuurrattin shaakale.
Gaaf tokkoyyuu kutaa herregaatti.. barsiistuun keenya tokko, eenyuun ture amma maqaanshee….? Dagadheera… garuu gaaffiishee hin irraanfanne.
“Adurree lama qabda haa jennu, yoon adurree tokko itti siif dabale adurree meeqa siif ta’a?”
“Adurree Afur”
“Yoo siin galle fakkeenya biraanan siif hima.. yoo harka kee keessa burtukaaniin lama jiraatee animmoo tokko itti siif dabele meeqa qabda jedhuudha?”
“Burtukaana sadii”
“Adurre lama qabaattee yoon tokko irratti siif dabale akkamitti afur ta’aree?”
“Tokko manaan qabaka”
Deebiinkoo qoosa itti fakkaannaan hamma na reebdu erga na reebdeen booda, maatii akkan fidu na ajajje. Anis abbaa kiyya waanin sodaadhuuf haadha kiyyan geese. Akka herregi naan galleefii.. deebii dalgaa malee sirreessee akka hin deebisnefaa itti himte barsiistuunkoo.. haatikoos akka na abboomtuufi herregas akka manatti na barsiistu waadaa galteefii manatti deebite.
Galgalichas of bira na teessistee herrega na barsiisuu eegalte. Haatikoo.
“Lama baayyisuu sadii ja’a. lama eda’uu sadiimmoo shan. Akka waliin sin dhoofne.”naan jette irra deddeebitee. Anis ishee faanan irra deddeebi’ee jechaa ture. Achiis akka naaf gale hubachuuf irra deebitee na gaafatte.
“Lama baayyisuu sadii meeqa?” “Sadii” deebiikoo ture
“Lama eda’uu sadiihoo” “Ja’a”
“Sitti hmuuurra dhagaatti fincaa’uutu salphata.” jettee mataa keessa asii gad….. gurra kiyya qabdee asii ol…. Waan isheen na goote mee atumti tilmaami.!
Isheenis akkuma barsiisota kootii, gaafa sanaa eegaltee gabaabbachuu kiyya keessatti ga’ee mataashee taphachuu eegalte.
Itti fuufaa.... Join @orodope
🚬🚬💉💉📛⛔️🚫🔞🔞🚭🚯🚷
"ITIYOOPHIYUMMAAN SUSIIDHA ykn HASHISHI Jadhe" Dr Kabajaa Lammaa magarsaa kanaaf Habashonni Lammaa Lammaa jadhani maraatu. 🤣😜😂🤣😁
Dubbiin Ergaa qabdi.
MIDHAA HASHISHAA
1: Dhukubaaf si saaxila
2: of si jibisiisa
3: Barri si jala fixa
4: si ajjeesti

Garuu adaraa, Dubbiin tun iccitidha hin dubbatin habashootatti, dhimma isaaniti ha du'ani maltu nun gahe.
😁😁😁😁😁😁😁
Kanaafu yoo fayyaa gutuun jiraachu barbaadde Oromummaa kee jabeessi.

👍godhu mee maltu hanqata?.
Hayyuu qofa hubata kanaaf hayyu akka keti qofaf share naf godhi.

Erga fi yaada yoo qabatte gara @abiyo007 nu quunama
Join us
@orodope @orodope
@orodope @orodope
👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆👆

Gocha suukanneessaa addunyaa duratti nu qaanessaa hafu dha. Gonkumaa irra deebi'amuun hin malu.
KUTAA 2ffaa @orodope
#WAANUMTI_HOJJAAKOO_GABAABSEE_HAMBISE_BARUMSI_NAAF_GALUU_DHABUUSAATI
Barreeffama kiyya kutaa 1FFAA keessatti yaadota an kaaseen akka bohaartan inbox fi comment isin naaf laattan irraa hubadheera. Warra homaayyuu itti hin fakkaanneef immoo dhiheenyatti mana manarra deemuun tajaajila hidhii gargar qabani ilkaan agarsiisuu waan laannuuf hagasitti kutaa 2ffaa isaa dubbisaa nu eegaa. Inni itti aanu kunooti.
Silaa an harka kaasuu hin dhiisu.. rukittichis deebii kiyya faana narraa hin hafne. Kutaa barnoota Afaan Oromoo ture. Kan nu barsiistummoo dubartiidha. Sirna tuqaalee erga barsiisteen booda akka nuu gale hubachuuf gaaffilee nuuf dhiheessite. Ana qaxalee kee dura namni harka baasuu akka hin jirre atuu ni beekta mitiiree?
“Hudhaan maaliif fayyada?”
“Of ajjeesuuf”
“Hin arganne.. gaaffii dhumaan siif eda’a.. Qoodduunoo maaliif fayyada.. ?“
“ihh… abbaa manaaf haadha manaa, sabaaf saba..hiriyyoota.. akkasumas gosa addaan baasuuf”
Dubbiin kiyya waanuma amaleeffatame sanaan xumuramte. Gaafa biraasmmoo gilgaala dubbisa keessaa jechuun gaaffii nuuf qopheessitee dhiheessite.
“Kan isa dhaggeeffachaa jiru akka itti hin tolle osoo beekuu namni oduu utuu addaan hin kutin callisee odeessu eenyuudha?”
Har’a garuu dura harka baasuyyuu carraan naaf hin laatamne. Erga barattoonni kaan waan isaanitti fakkaate deebisaniin booda na gahe malee.
Anis dabaree argadheen bakkan taa’ee ol ka’uun “Gaaffiin kun deebii lama qabaachuu danda’a.” yoon jedhu, mataa raastee akkan itti fufu na akeekte.
“1ffaan barsiisota.. 2ffaan immoo namoota siyaasa oofan..keessattuu bulchitoota gandaaafi aanaafaa… ol darbeemmoo mootummaa.. akkasumas diyaaspooraa”
Utuun deebisee hin fixin barattoonni martuu harka waliin naaf rukutan. Anis gammadaan gara teessookootti deeebi’e. barsiiftuun garuu tasuma utaaltee ‘ “Tapharran jira seetee ?” isa jettu lukakoo tokko fannistee qilleensa gubbaa dhaabde. Na qonxoxxe hin se’in.. qabaa tafkii na qabde malee. Qonxoxxaan gaafa sanaa ammallee qalbiitti na hafee yeroo heedduu rifaatuudhaan irribaa na dammaqsa.
Adabbiinkoo osoo kanaan dhaabbatee maal nama dhiba “Ati kophaatti qormaata qoramuu qabda jechuun barattoota kaanirraa kophaatti adda baastee moggaa na keesse.. achiin boodas gaaffilee barsiistuu Afaan Oromoo ta’uushee ishee shakkisiisan tarreessuun na jala keesse.
Walii galteen wucaalee eessatti mallatteeffame
“Waraqaarratti”
Abbaa manaafi haati warraa akka wal hiikaniif sababni isaanii inni guddaan maali?
“Wal fuudhuu isaanii”
Ababbaan Biqilaa yoom dhalate
“Gaafa haatisaa miixattee isa deesse”
Namni maalif bishaan dhuga?
“Akka buddeenaa alanfatanii nyaachuun waan hin danda’amneef.”
Imimmaan kiyya haxa’ataan gaaffi isheef deebii ni maadaala jedhu barreessee itti kenne. Isheenis na harkaa fuutee erga ilaalteen booda seeqaa, “Ammati namaa?” jettee na gaafatte.
“Eeyyee” lafa lafa ilaalaa
“Ati nama natti hin fakkaattu… an namuma akka keetii tasumaayyuu argee hin beeku… namni maalirraa akka uumame ni beektaa ammati?
“Eeyyee.. abbaaf haadhasaarraa” ammas rukuttaa biraa…
Namni abbaaf haadhasaarraa hin uumamne moo gaaffiin jedhu ergan rukutameen booda mataa keessa na naanna’uu eegale. Amman mana ga’ee haadha koo gaafadhuttis dhugaa hin seene. “Harme har’a barsiistuun namni maalirraa dhufe jennaan, abbaaf haadhasaarraa jedheen deebise..isheen garuu sirrii miti jettee na rukutte… ani sirraa hin dhufnee..?” muumma’amaan gaafadhe.
Isheenis erga kolfiteen booda.. “Anarraa dhufte sareeko.. garuu akka walii galaatti.. namni biyyoorraa dhufe. Waaqni biyyoo dholondholee hafuura itti baafannaan, foon uffatee hafuura horatee Addaam ta’ee uumame. Nus isarraa baayyannee uumamne.” naan jette. Gogaa kiyyan ialaale.. foon malee dhoqqee miti.. utuu dhuguma biyyoo ta’ee gaafa na qonxoxan maafin folloqee hin dhumu tureree?
Deebiin ishii na amansiisuu didnaanin gaafa abbaan hojiirraa galu eegee gaaffii walfakkaataa gaafadhe.
“Namni jaldeessarraatii dhufe. Waggoota dheeraan dura miila afuriin utuu deemuu jijjiirama dhawaataan yeroo keessa… … suutuma ol jechaa dhufuun sadarkaa har’aarra ga’e. namni addunyaa kanarra jiru marti waggoota miliy
Miliyona hedduun dura jaldeessa ture jechuudha.” Jedhee eenyummaa koo bita natti galche. Anis akkuman deebiisaa dhagaheen gara harmeetti fiigeen… harme maalif sobde jechuun waan abbaan naan jedhe himeef.
“Akkas siin jedhee?” jeettee na gaafatte akkuman deebiisaa narraa dhageesseen
“Eeyyee.”
“Maarree hin dogoggorre, inni akkaataa dhufaatii maatii isaatii sitti hime.. animmoo akkaataa dhufaatii maatiikoo” jettee yaadasaanii lamaan walitti araarsite
Anis gaafa bari’ee mana barumsaatti deebi’u , gaaffii barsiistuttii deebisuuf jarjareen, akkuma isheen kutaa seenteen harka kaase.
“Maalimmoo feete? Naan jette dheekkamsaaf jarjaraa.
“Gaaffii ati kaleessa waa’ee namaarratti na gaafatte deebiisaa himuuf jedheeni..”
“Tole mee deebisi.”
“”iiii.. akkuman kaleessa jedhe, namni abbaaf haadhasaarraa dhufa.. an garuu karaa abbaa koo jaldeessarraa.. karaa haadha koo immoo biyyoorraan uumame”
Kana natti himuuf osoon ol hin galin jarjartee isa jettee qulqulleessituu gabatee gurraachaa natti darbattu…….
*
Ittii fuufa
Via @orodope
Jaal Dope 🔫 pinned «Miliyona hedduun dura jaldeessa ture jechuudha.” Jedhee eenyummaa koo bita natti galche. Anis akkuman deebiisaa dhagaheen gara harmeetti fiigeen… harme maalif sobde jechuun waan abbaan naan jedhe himeef. “Akkas siin jedhee?” jeettee na gaafatte akkuman deebiisaa…»
KUTAA 3FAA
#WAANUMTI_HOJJAAKOO_GABAABSEE_HAMBISE_BARUMSI_NAAF_GALUU_DHABUUSAATI
Egaa akkuma amaleeffanne har’as kolfuuf walitti dachaaneerra. feetu kolfitee feetu dhiistu garuu dhimmakoo miti. Yoom naaf kaffalte?.. kanin tola barreessee siif fidetti isayyuu….
***********
Dubbisuu jibbuun waan an ofirraa balfe. Qarshiima karameellaa ittiin bitadhu, kanin hatee fudhullee erga isaan dabtara kiyya keessa dhossuu eegalanii ijaan argee hin beeku. Kanarrattimmoo “Wallaalaa” jechi jettuufi “Ati gowwaadha.” arrabsoon jettu amaleeffannaa bultoo kootii naa ta’ani.
Ani garuu gaafachuu hin dhiisu… rukuttaa mataa keessaa dhiisii du’iyyuu irraa nan hanbisu. Mirgakoo gaafachaa du’uun du’amoo… waan namaa hin liqimfamne liqimsanii jiraachuuniyyuu du’a hoo…..
“Wallaalaa” jechuurraammoo “Gowwaa” jechi jedhummoo caalaa dhufuu eegale.. amma fakkeenyaaf kun gowwummaadhaa..
Abbaa kiyyatu waldorgommii maraatonii TvO gubbaatti daawwachaa ture. Gara jalqabaarra namoota hedduutu fiigicha jalqabe.. achiis hir’ataa dhufanii nama muraasatti galuu argeen “Abba maalif namni kun hundi fiiga?” jedheen gaafadhe.
“Inni !faa ba’e qarshiifi medaaliyaa badhaafama kanaafi.” naan jedhee ilaaluusaatti fufe.
“Erga nama 1ffaa ba’etu badhaafama ta’ee warri kaan maalif rakkaturee?” gaaffii koo kan biraa ture.
“Dorgomuufika!” akkan irraa calllisu fedhaa.
Ani garuu hin callisne.. gaaffii biraan dhiheesseef
“Garuu isuma 1ffaa ba’u malee warri kaan ni mo’amu mitii..?”
“Aboo narraa callisi.. ! Ati maal akka gowwaa wayii haasofta ?“ jedhee ofirraa na darbachuun sa’atii lama umuriisaa keessaa dorgommii kana ilaaluuf aarsaa godhe. Inni fiigu lubbuusaafi, bultoosaa jijjiiruuf rakkina baqata.. abbaan kiyya garuu ofii taa’ee isa injifatuuf harka rukuta. Mee anamoo isatu gowwaadha?
Dirqamaan akka namni ta’e ta’uun qabaa an.? Yoo sitti bulluqe anattis bulluquutu jiramoo? Natti qorruu hin danda’uu? Akkamumatti bokkaa keessa dibaabee qabattee biqiltuu bishaan obaasta jedhameen reebame guyyaa tokkofaa. Gaafa biraamoo akkamiin aduu saafaa keessa bullukkoo uffatta jedhamee. Kunis gowwummaa natti maxxanse.
Fakkeenyaaf qarshii abbaa dhibbaafi abbaa tokkoo yoo walbira qabanii natti kennan an abbaa tokkoo malee hin fudhu. Kuni garuu isaaniif gowwummaadha.. ani garuu abshaala isaan caalu. Sababa kanaaf gaafa namni mana keenya dhufu qarshii lameenuu walbira qabanii natti kennu. Gowwummaa koon bashannanuuf.. anis qarshiittiima tokkoo sanan fudha. Yoon qarshii dhibba altokkotti fudhe, lammata qarshii argachuu akkan hin dandeenyen beeka an.. qarshii tokko garuu yeroo dhibbaan ol fudhachuu nan danda’a. anamoo isaantu gowwaadharee…
Arrabsoon isaanii garuu yeroo keessa morma na ga’ee dandamachuu na dhowwe. Ganamaaf galgala wallaalummaafi gowwummaan arrabsamuun na aarsinaanin jiraachuuma jibbee funyoo bitadhe. Imalan dachee kanarri jalqabe muka gubbaatti fannisee kaa’uuf. Akkuman funyoo bitadheenis suufii abbaa kiyyaa uffadhee, rifeensa kiyya filachuun fuulatti vaasiliinii dibadhee anumaa funyoo mormatti galfatu haati kiyya narra baatee.. iyya kuukkuu gadhiiste…. “Maali dhalakoo maaltu sitti hir’ate..? maali ani iddookee du’a malee..” waanuma jettee nama hind dirmachiisiin hin qabdu. Ollaan yaa’ee erga nagaan bu’een booda.. maalif akkan vaaziliiniin cululuqee ee suufiin of miidhagsee odu’uuf ka’e na gaafatan.
“Bor gaafan du’e gaazexaarratti ba’uu kootu oolaaree.. maraatuu akkan hin fakkaadnneefika”
“Hummm!” jechaa mana manatti deebi’an.
Erga gaafa sanaatii akka fedha koo ta’uun jalqabe. Martuu “yoo aare of fannisa “ waan jedhuuf waanti an barbaadu marti naaf ta’uu jalqabe. Kanuman maqaa dha’etu naaf bitama… mootiiman ta’e. parsantii dhibbaan hin mo’anne malee. Dubbisuu dhiisuufis mirgan argadhe.
Haaluma kanaan gaaf tokko qormaatni ga’e. Ani garuu dubbisuudhaan orma ta’een ture. Haala kana garuu abbaan kiyya hin jaallanne. Anaa qo’annaa dhiisee kubbaa faana utaalaa oolu akkanumaan ilaaluus hin jaallanne. Ganama gaafa hojii deemu fuula shan akkan dubbisee isa eegu na ajajee deeme. Galgaa gaafa inni galu garuu an sarara shan gubbaarrayyuu hin geenye ani..
Gaafa kana abban koo aariidhaan “Si