Øro ßøní kā🔝💯
206 subscribers
68 photos
3 videos
4 files
311 links
#join ur group
★aadaa kan kabajee
@seenaa kan barsiisu
@obbolummaaf hojjenna
@baredduufi bareedaa oromoo
★@...
Qubee afaan oromoo kabajuun uummata oromoo kabajuudha!
Yoo yaadi jirate
@saaqi_saanqaa
@Yomi_boss
Nu quunnamaa.
Download Telegram
Fayyadamtoota #Telegram hundaaf...
👪Join👩‍👩‍👧‍👧
Afaan oromoodhaan #technology beeku barbaadduu??
👉@orotech👈

👉@aktechstream👈
__
✔️join✔️
Afaan oromoon muziqaa(sirba new new) barbaadduu?

@oromomusic

🎶Join🎵
__
Afaan oromoodhan waan isin kofalchiisu(qoosaa) barbaadduu

@orosarcasm

😁join😄
____
A/O asoosama dubbisuu ni jaallattuu ?? Argachuuf

@lammiif

🎖join🎖
____
Aadaa oromoo you feetan..

@orocul

❤️join❤️
____
Kan biroonis nii jiru!!!
#Join
#Join
#Join
Forwarded from Deleted Account
Falaasama Oromoorraa
....
Abdiisaa Balaachootiin
.....

Oromoon Dhiira waaqatti .. Dubartii ammoo lafatti maaf fakkeessa?
Fakkeenyaaf dubartii abbaan warraa irraa du'ee rakkatteen "Lafuma rabbi bokkaa irraa kute taate" jedha... maalif jedha jettee gaafattee beektaalaa..?
"Dachii niitii waaqaa" jedhee maaliif akka geeraruhoo beektaa? Yoo beekte gaarii.. yoo hin beeknes gaarii.. maraafuu na hordofi..
.....

Yoo hubattee ilaalteef Afoolli Oromoo martuu sirbaanis ta'u faaruun.. Geerarsiifi Mammaaksi martuu toora tooraan falaasama mataa isaa qaba. Akkanumaan waanti jedhame tokkollee hin jiru.

Kanumaan wal qabatee Yoo hubatteetta ta'eef bokkuu Abbaan Gadaa qabatu.. horooroon.. gubbaarraan kan waaqatti galagalu qaama dhiiraa(qunxurroo) fakkaata. Kan lafatti galagalu ammoo qaama dhalaa ( buqushaa, shooshoo) fakkaata. Fakkaataayyuu miti akkasuma. Egaa gaaffii guddaan kun maalif ta'e isa jedhu yoo ta'u, falaasama of danda'e qaba. Qaamni dhiiraa asii ol samiitti galagaluufi qaamni dhalaa ammoo asii gad lafatti galagaluun waan akkanumaan ta'e miti. Oromoon dhiira waaqaan fakkeessa. Kanaafis olgalagalche. Waaqni uumaadha isa kan roobsee biqilchiisu. Jeejee dhidhimsiisu. Hoogganaan uumamaaf mataa ta'ee jiraatu waaqa. Dhiirris coba sanyiisaatiin dhaloonni biqila.. sanyiin itti fufa.. mataa maatiitis. Kun immoo haqa. Kanaafis waaqaan fakkeeffame.

Dachiin ammoo rooba waaqaa malee hin margitu. Maal bishaan obaasuun hin danda'amuu naan hin jedhin. Humna biraa maleen jechaa jiraatii. Egaa yoo waaqni roobsee dachiin bishaan argatte uumamni qajeelee qilleensis tolee jiruun bareeda. Akkuma kana dubartiinis yoo mataan maatii irra jiraate , jechuun dhiirri faana ta'e.. ni horti .. ni magartii.. jiruus magarsiti. Kana malees akkuma dachiin rooba argattes dhabdus dandeessuu taate... qotamtees uramtees obsituu taate.. haadhi ykn dubartiin uumama akkanaati.

Kun falaasama Oromoo keessaa isa xiqqoodha.. yoon dogoggore na sirreessaa... Ammoo falaasama Oromoo isa burqaansaa yaa'ew hin cinneefi waraabamee hin dhumne kana ofitti deebineee haa ilaallu. Haa qorannu.. haa barannu.. haa baraiisnu. Osoo of harkaa waan ajaa'ibaa hedduu qabnuu falaasama ormaa isa barreeffamee barumsaan dhihaate qofatti cichinee keenya awwaaluu hin qabnu.
Yoo ofitti deebine oromummaan oluma. deemti waan ta'eef.
Waan dubbistaniif ulfaadhaa!

Warra of beeke nu haa godhu!
Oromummaan oluma
Øro culture kan isinitti tole yoo ta'e 👍 tuqaa
Kan isinitti hin tolle yoo tahe immoo 👎 tuqaa.
Galatoomaa!
Aadaa keenya nutu guddifata!!
Join @orocul
Share friends
👉@orocul👈
Forwarded from ABDU CREATIVE via @like
Seenaa Gabaabduu Haadhaa fi Ilmaa Onnee Namaa Tuqu
........................
Mucaa Dargaggeessa umrii 16 tokkotu "Harmee umrii 18 yoo guute maal naa kennita?" Jedhee gaafata.
Haatillee "Ilmakoo umrii 18 guutuuf hedduu si hafa bar" jettee deebistiif.
Mucaan umrii 17 erga guuteen booda guyyaa tokko of gatee kufee haati gara Hospitala geessiti. Doktoroonni laalanillee "Mucaan kee Onneen sirrii miti" jedhanii itti himan.
Mucaan Istirechari irra taa'e "Harmee Doktarichi akka ani du'u sitti himee?" Jedhee gaafata Haati yeroo kana booyuu jalqabdi.
.
Dhumarratti guyyaa dhaloota isaa waggaa 18 titti fayyee gara Manaa yoo deemuu Siree irratti xalayaa Haati barreessiteefii deemte arga.xaliyichis akkana jedha."Ilmakoo xalayaa kana dubbisaa yoo jiraatte,kun kan ta'eef wanti hunduu karaa gaarii irra deemaa waan jiruuf, umrii 18 yoo ga'e kennaa maal naa bitta jettee guyyaa nagaafatte san yaadadhu. Ilmakoo kan si jaaladhu,onnee too sii kenne,sirnaan qabi,Bara Gammachuu siif haa ta'u."
.
Haati onnee isii kennuufii qabduuf (haadhummaan dirqamsiisee) kenniteefii jirti.
.
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
Onnee fi Jaalala Haadhaa wanti caalu kamuu hin jiru.
Meeqa keennatu maatii keennatti qaanfata? Wareegama meeqa kanfalanii nu guddisan?
Har'as deebiin keenna maali? Kan yeroon isin jalaa hin dabarin wanta dandeettan hundaan "Siif jira Abbaakoo"......."Siif jira Harmeetoo" haa jennuunii.
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
.........................
Galatoomaa
@beekumsaaf
Oromoon
Mukattis lagattis amanee hin beeku!!
Namoonni hubannoon itti hir'uu akkas jedhu "mukatti sagadaa,qaalluu waaqeffataa,laga waaqeffataa..." Jedhu. Nuti ilmaan #Abbaa_Gadaa garuu laga waaqeffanna osoo hin taane isa laga sana uume isa jiidhaa nuuf biqiche isa muka nuuf uume,, uumaa waaqeffanna.

Irreechi irree keenya!!!
Gadaan gadaa Bilisummaati!!!
Gooticha Oliiqaa Dingil


Oliiqaa Dingil lammii Oromoo yoo ta'u, ummata Oromoo naannawa Qeellem Wallaggaa keessa jiraatu jidduudhaa kanneen hidda ja'an Sayyoo warra Laaloorraa dhalate. Qorannoon seenaa hangaa har'aatiin maqaa hadhaasaa beekuun danda'amu baatus maqaansaa guutuun Oliiqaa Dingil Bookaa jedhama.

Seenaasaa Ijoollummaa

Bakki dhaloota gooticha Oliiqaa, Qeellem Wallaggaa keessa Yamaaloogii Walal, Ganda Gurraattii Walal, bakka Deentaa Garee jedhamu. Barri dhalootasaa sirriitti qoratamee beekamuu baatus namoota bara sana beeku jedhamanirraa akka himametti, tilmaamaan bara 1890 ta'uu akka hin oole dubbatama.

Oliiqaa Dingil mana barumsaa qeesotaa /lubootaa/ galee akka barate seenaansaa ni mirkaneessa. Erga guddatee umriinsaa hojiif ga'ee booda bara bulchiinsa Hayilasillaasee mootummaadhaan mindeeffamee hojjetaa ture. Ga'een hojii goota kanaas gabaarra naanna'ee ashuura mootummaa walitti qabu ture. Gabaa hedduu inni irra naanna'aa ture keessaa gabaan Ashii, Muggii, Shabal, Qaaqeefaan ni eeramu. Bakki jireenyaasaa magaalaa Dambii Doolloo, Ganda 03 keessa akka ture odeeffannoon jiru ni ibsa.

Oliiqaan, dubartii maqaanshee Gannatawarqi Ashanaa jedhamtu Gidaamiidhaa fuudhee jiraachaa ture. Walumaagalatti Oliiqaan lammii nagaa namaa fi biyyaaf yaaduu fi quuqamu yoo ta'u amalasaa kanaan ummata Oromoo biratti hedduu jaalatama ture.

Qabsoo

Caamsaa 23, bara 1929 wayita koloneeffattoonni Xaaliyaanii Itoophiyaa humnaan weeraranii qabatanitti waggaa tokko booda dhiibbaa koloneeffattoonni kun ummatarraan gahaniin mormee bosona seene. Gocha Xaaliyaanonnii fi sirni gita bittaa Nafxanyootaa ummata biyyattii keessa jiraatan irratti keessumaa Oromoorratti raawwachaa turanirraa kan ka'e haalli jireenyaa, aadaa fi safuun ummatootaa baduu jalqabe. Wayita sana Xaaliyaanonni lammiilee Itoophiyaa tokko tokko ofitti madaqsuudhaan maqaa "Baandaa" jedhamu itti moggaasuun duuka buutuusaanii taasifachaa turaniiru.

Xaaliyaanonni baandota kanneenirraa odeeffannoowwan gara garaa argataa, akka turjumaanaattis itti gargaaramaa turaniiru. Gochi baandotaafi Xaaliyaanotaa kun Oliiqaa qofa osoo hinta'iin namoota saba isaanii jaalatan hunda kan aarsu ture. Gochi suukanneessaan ummatarratti raawwatamu yeroodhaa gara yerootti babal'achaa dhufuusaarrayyuu roorroon haadha warraa Oliiqaa Dingil, Aadde Gannatawarqi /Moominaa/ Ashanaarra ga'eera jedhamu aarii Oliiqaan duraanuu qabu akka dabalu taasise. Kana malees gaaf tokko baandaa Xaaliyaanii kan ture namichi Baashaa Gabayyoo Waldee fi Oliiqaan otuu Amaariffaan haasa'anii Baashaa Gabayyoon Oliiqaa Dingil akka tuffiitti jecha Oromoon jedhamuu hin feeneen arrabsa.

Guyyaa biraammoo Baashaa Gabayyoon namicha Dhaabaa Maashaa jedhamu wajjin waliigaluudhaan Oliiqaan qarshii ashuuraa walitti qabe dhimma dhuunfaa irra oolfateera jechuun odeessisiisuurra darbee hoogganaa Xaaliyaanii yeroo sanaatti hima. Oliiqaan qawwee dhokfatee qaba jedhees yakke. Odeeffannoo kanarratti hundaa'uun Xaaliyaanonni Oliiqaa qabanii mana hidhaa galchan. Oliiqaan halkanuma sana mana hidhaa cabsee ba'uudhaan, bakka dhalootasaa Deentaa Garee dhaquudhaan qawwee Beeljigii 2fa jedhamu bitatee Dambii Doollootti deebi'e.

Halkan gaaf tokkoo Baashaa Gabayyoo ajjeesee, gara mana Baashaa Gabayyoos dhaqee haadha warraa Baashaa alatti baasuun, "Ati dhirsa kee dhabda, ani immoo haadha warraa koon dhabe" jechuun du'a abbaa warraashee itti himee manicha qabeenya keessa jiru waliin gube. Itti aansee, namicha Dhaabaa Maashaa jedhamummoo Gabaa Dafinoo /Dambii Dolloo/ keessatti ajjeesee, "Anatu ajjeesee nama bira hin gaafatiinaa" jedhee barreessee mukatti maxxanse. Intalasaa fi haadha warraasaa Ganduma 03 keessatti dhiisee deeme.

Kana booda Oliiqaan nama durumaa qabee isa bira jiraatu, kan maqaansaa Shaanqoo jedhamu, qawwee namoonni dirqiidhaan Xaaliyaaniif galchuuf deeman irraa booji'ee Shaanqoo hidhachiise. Kanaanis Xaaliyaaniifi baandaarratti tarkaanfii fudhachuu eegalan. Sababoota Oliiqaa 'shiftummaaf' kakaasan keessaa tokko tokko eeruuf.

Namni Tafarii Alabee Goonboo jedhamu Haroo Machaaraarratti fannifamuun, Qanyaazmaach Dhoosaa Abbaa Qoroo qawwee
dhoksite jechuun harkasaanii duubatti hidhanii Buraayyuu bakka, “Bakkee Abbaa Boroo” jedhamutti rasaasa torbaan ajjeefamuusaaniifaa eeruun ni danda'ama.

Guyyuma Luba Maammoo Corqaa fi Luba Gidaadaa Soolan Hayilasillaasee wajjin quunnamtii qabdu jechuun harkasaanii lachan duubatti hidhanii Jimmaa Abbaa Jifaar geeffamanii murtoon du'aa itti murta'ee utuu har'a boru duuna jedhanii eegaa jiranii haala hin yaadamneen bilisa ba'anii gara naannawa jirenyaasaaniitti deebi'aniiru.

Oliiqaan erga Gabayyoo ajjeesee deemee booda gaaf tokko halkan keessaa sa'aatii shanitti haala haati warraasaa irra jirtu ilaalee deebi'uuf wayita gara manasaatti qajeelu isheen teessee jirbii fo'aa:

Oliiqaa yaa abbaa jigsaa
Ati duute moo jirtaa?
Utuu ati jiraattee
Hantuunni maa warraaqxee?
Yaa abbaa coomaafi booka kootii
Amaaseniin maal na gooti?
jettee isa faarsituu dhokatee dhaggeeffate. Halkan sana dhokatee ishee ajjeesee deebi'uuf yaadeeti kan dhufe. Garuu wayita faaruu haadha warraasaa dhaga'u cancala qawweesaa dhaamsee halkan sana manasaa bulee ganama bariidhaan bakka dhufetti deebi'e. Yeroo yerootti uffata waraana Xaaliyaanii uffatee Dambii Dolloo seenuudhaan mana Aadde Moominaafi Aadde Daasharee Akkayyuutii daadhii dhugee, odeeffannoo barbaachisus walitti qabatee deebi'aa ture. Namoota isa fakkaatan waliinis dhoksaatti ni mariyata ture.
Deggartoota Oliiqaa gocha weerartoonnii fi jala kaattuun warrasaaniirratti raawwatan namoota hedduu aarsee tureera. Haala kanatti aaree kan garaa kutate Oliiqaa duukaa shaffata, warri kuun immoo, naannoodhuma jiran taa'anii deggaraa turan. Daggarsi kennamaa tures, odeeffannoo kennuu, galaa qopheessanii nyaachisuu, meeshaa waraanaa kaa'uufi erguu dabalata. Namoonni adda addaa yeroo waraanni Oliiqaa naannawa tokko galu nyaataa fi dhugaatii dhiyeessuudhaan halkanii guyyaa wajjin dhama'aa turan. Loltoonni Oliiqaa Xaaliyaanii dhamaasaniifi baandaa bakka garagaraatti oliifi gadi joonjessaa fi ajjeesaa turan.

Bakkii da'annoosaanii haala yeroon jijjiirama ture. Lafti akka holqa Qacii, Aggataa, Macaqeddoo, Ondoloqqee, Doggaa, Walal, Cabal, Qilxuu Kaarraa fi Ulaa Biyyaa'oo bakka itti da'atan akka ture dubbatama.

Lola koloneeffattoota wajjin godhame guyyaafi haalli lola Oliiqaadhaan geggeeffame barreeffamaan yoo jiraachuu baateyyuu seenaa afaaniin darberraa hubachuun akka danda'amutti qabsoo ittisa koloneeffataa keessatti Oliiqaa Dingil gumaacha olaanaa akka godhe beekama. Tooftaa mataasaatiin geggeeffamee injifannoowwan gurguddoo galmeessaa tureera. Fakkeenyaaf yeroo Xaaliyaanonniifi baandaan Oliiqaan Awusa jira jedhanii achi dhaqan jalaa mimmiliquun jara joonjessaa tureera. Injifannoowwan guguddoo waraana Oliiqaatiin argaman keessaa Aanaa Yamaaloogii Walal keessatti bakki Fiinchoofi Dubbisi jedhamu gidduu lola Xaaliyaaniifi Oliiqaan wajjin gaggeeffameen Xaaliyaanonni 30 ta'an du'aniiru. Dirreen injifannoo inni seena qabeessa jedhamee himamu immoo, lola Wallaggaa, Aanaa Tajjootti gaggeeffame yoo ta'u, lola kanarratti baandonni 750 ta'anii Oliiqaatti duulan. Lola hamaa, tooftaa fi kutannoo guddaa gaafate kanarratti Xaaliyaaniifi baandonni waraana Oliiqaatiin yommuu dhuman, loltuun Xaaliyaanii maqaansaa Tinintii Biichee jedhamuufi baandonni sadii duwwaan baqatanii deebi'anii akka galaniidha kan ibsamu.

Namoota Xaaliyaanii wajjin waliigalanii Oliiqaa fi waraanasaa booji'uuf ykn ajjeesuuf yaalaa turanirratti Oliiqaan dursee tarkaanfii fudhataa ture. Akka fakkeenyaatti namichi maqaansaa Waacilaa Waloo jedhamu miseensa waraana Oliiqaa kan ta'e Dhaabaa Bocoloo ajjeefnaan Oliiqaan battaluma sanatti Waacilaa Waloo, Anfillootti ajjeesee gumaa Dhaabaa Bocoloo baaseera. Itti dabalees, Aanaa Tijjootti namichi maqaansaa Fullaasaa Baabil jedhamu, "Oliiqaa ajjeeseen mataasaa muree fida" jedhee Xaaliyaaniif waadaa galee qawwee minishirii shan fudhatees deeme. Otoo hin turin dhimmi kun Oliiqaaa bira ga'e, Oliiqaan mana Fullaasaa Baabil dhaqee ajjeesuudhaan qawwee shananuu harkaa fudhatee humna waraanasaa ittiin cimsate. Haaluma kanaan lola hedduurratti lubbuun diinaafi deggartootasaanii lakkoofsaan kaa'uun nama rakkisu dhabamee
ra.

Walumaagalatti qabsoon Oliiqaan ummata Oromootiin deggaramee gaggeesse, ummatichi akkasuma lammiifi saba kaanii goota cimaa akka qabu kan mirkaneessuu dha. Du'a Oliiqaa Dingil qabsoo ittisa koloneeffataa Oliiqaa Dingil gaggeessaa ture jala deemtonni diinaa hin deggaran ture.

Oliiqaan yommuu bosonaa dhufu Magaalaa Dambi Dolloo keessa mana meeshaasaa keewwatu qaba ture. Yeroo inni dhufee kaa'u halkan keessaa sa'aatii shanii hanga 10 gidduu ture. Yeroo bosonatti deebi'ummoo rasaasaafi meeshaalee isa barbaachisan fudhateeti.

Namichii Oliiqaan waliin hojjetu, warra Xaaliyaanii wajjin qunnamtii dhoksaa qaba ture. Namichi akka warri Xaaliyaanii hin shakkineef halkan halkan manasaa biratti qawwee dhukaasaa bula. Ganama ka'ee, eda mana eebaluu biratti qawween dhuka'aa bule yeroo jedhan Xaaliyaanonni dhaqanii qalahaa hammaarratanii akka galaniidha seenaan kan eeeru. Tooftaa kanaan Oliiqaafi namichi kun waliin deemaa erga turanii booda, qarshiin Oliiqaa namicha kanarratti heddummaataa waan dhufeef gaafa tokko Oliiqaan qarshiisaa akka deebisuuf gaafatee, namichi didnaan Oliiqaan arrabse. Arrabsoon Oliiqaa Dingil onnee namicha kanaa waan madeesseef namoota Oliiqaa Dingil qunnaman qarshiidhaan kadhachuu jalqabe.

Du'asaa

Haaluma kanaan Oliiqaan holqa Qacii keessa otuu jiraatuu namichi isa irratti haaloo kuufate sun, dubartii imaanaa Oliiqaa turte /haadha warraa Baaburii Wagee/ uffata babbareedaa, bituufiidhaan, qarshiis harkatti kennuufiidhaan, akkasheen Oliiqaa hordoftee qoricha obaaftuuf summiin itti kenname. Haaluma kanaan osoo jiranii gaaf tokko Oliiqaa heexoon mul'anaan dubartiin imaanasaa turte sun qoricha daaktee summii itti kenname itti dabaltee Oliiqaan akka dhuguuf kenniteef.

Oliiqaan eddii summicha dhugee booda qaamnisaa dadhabaa adeeme. Guyyaa yeroon inni waa nyaatu geenyaan ammas lammaffaa nyaata summii qabu dabalteef. Dhugaatii maastikaa jedhamu kan summiin makame akka inni dhuguufis affeerte. Kana booda Oliiqaan laafaa deeme. Namoonni isa duukaa turanis waan godhan wallaalan. Guyyaa guutuu dhukkubsataa oolee, Roobii halkan sa'aatii 9:00 irratti bakka Oddoo Butaa jedhamutti du'e.

Namichi tooftaan nyaataa fi summii dhiyeessuudhaan nafxanyicha wajjin waliigaltee qabaachaa tureefi namni maqaansaa Wadaajoo jedhamu, gaafa Oliiqaan du'uusaa hubatu qawwee dhukaasee funyaansaa madeessuun, anatu ajjeese jedhee muudamuuf jecha Xaaliyaanotatti gabaase. Gaafa du'a Oliiqaa dhaga'u ummanni naannawa sanaa ba'ee hiyyee boo'e. Hogganoonni koloneeffataas Dambii Dolloorraa yeroo dhufan "Oliiqaa miti, kan du'e nama kan biraa ta'a" jedhanii shakkanii turan. Sababiin shakkii saaniis Oliiqaa qabachuu fi ajjeesuuf yeroo dheeraaf yaalii godhaniin waan hin milkoofneefi.

Kana booda muudamaan Xaaliyaanii kan Gavarnoo Dhaayee jedhamu reeffa Oliiqaa yommuu argu "ajjeesuu balleessitan, nama akkasii hin ajjeesan, muudanii hoogganaa waraanaa godhatu" jechuun Wadaajootti dheekkame. Erga reeffasaa gara magaalaa Dambii Dolloo geessanii booda haadha warraa Oliiqaa waamanii isa ta'uufi dhiisuusaa adda akka baaftu gaafatan. Isheenis mallattoo duraan miilasaarra ture ilaaltee isa ta'uu mirkaneessiteef.

Sana booda Xaaliyaanonni reeffasaa suura kaasanii karaa laga Borxaa buusanii naannawa dur Biheeraawwii Xoor jedhamutti awwaalan. Wadaajoo isa Oliiqaa natu ajjeese jedhu Jimmaa geeffamee otuu achi jiruu guyyaa tokko mana daadhii taa'ee otuu dhaadatuu durbiin Oliiqaa achumatti ajjeese. Erga Oliiqaan du'ee weediftoonni akkana jedhanii isa faarsaa turan:

Facaasaa heexoo dhuguun
Oddoo Butaarra buluun
Michuu dubartii buluun
Xixxiixaa Dingil Bookaa
Oliiqaa galaafate
Qawween Oliiqaa ajjeesee
Maqaansaa Wacafoodha
Baga kaartaa hin nyaatini
Namni Oliiqaa ajjeese
Maqaansaa Wadaajoodha
Baga taa'ee hin nyaatini
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Yoo sitti tole qofa goota kanaaf 👍like 👍 tuqi.
Barattoota Yuunvarsiitii naannoo Somaalee
Itiyoophiyaatti bara 2010 ramadamaniif ramaddii haaran
ibsame.
Rakkoo nageenyaa uumamee tureen barattoonni Oromoo
naannoo Somaalee Itiyoophiyaatti ramadaman jijjiirraa
gaafachuun isaanii ni yaadatama.
Ministeera Barnoota akka ibseetti, barattoota naannoo
Somaalee yuunvarsitoota naannoo Oromiyaa keessatti bara
2010 ramadaman dabalatee, kan naannoo Oromiyaa
Somaalee Itiyoophiyaa keessatti haaraa barana ramadamanis
gara dhaabbilee barnoota olaanoo birootti jijjiirrameef jira.
Ramaddichas karaa marsariitii Eejansii Madaallii Barnootaa fi
Qormaata Biyyaalessaa www.app.neaea.gov.et ilaallachuun
ni danda’ama jedhameera.
Ministeerichi barattoonni ramaddii isaanii ilaallatanii gara
dhaabbilee barnootaa ramadamanitti deemuun barnoota
isaanii akka hordofan dhaame jira.
Maddi: Ministeera Barnootaa
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM