Manni murtii kondominiyemiin akka hin dabarfamne dhorke
Manneen jireenyaa waliinii 40/60 dhiheenya kana carraan itti bahe akka abbootii carraatti hindabarfamneef mana murtiin dhorkaman. Manni Murtii Olaanaa Federaalaa, manneen jireenyaa 40/60 waliinii dhiheenya carraan itti bahe akka maqaa /kaartaa/ qabeenyaa abbootii carraatti hindabarfamne dhorke. Himannaa lammiileen manneen argachuuf galmaa'anii buusii %100 kanfalan dhiyeeffataniin walqabateeti hanga manni murtichaa xumuruutti akka gara abbootii carraatti hindabarfamnee kan dhorke ta'u gabaafameera.
©FBC
@OMN_tv1

Ibsa ABO‼️
"Seenaa qabsoo Oromoo haaluudhaan qabsicha galii isaa hanqisuuf shirri xaxamu kamuu hin milkaawu !"
Sabni Oromoo Ummata Amaaraa irraa akka Ummataatti rakkina siyaasaas tahe kan biraa hin qabu. Ummatoota kaan irraahis akkasuma. Ummatni Oromoo kan irratti qabsaawaa turee fi jiru cunqursaa fi roorroo gama siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa, akkasumas, bittaa afaan qawwee mootummoota Itoophiyaa dhufaa-dabraan irratti wal furaa yoona gahan irratti malee Ummata kamuu irratti miti. Gochaa suukanneessaa Harkaa fi Harma Muraa Aanoleetiifis Sabni Oromoo takkaa Ummata Amaaraa akka Ummataatti yakkamaa taasisee ykn. komatee hin beeku. Itoophiyaa keessatti miidhaa mootummootni Itoophiyaa dhufaa-dabraan Oromoo fi ummatoota biroo irraan gahaniif Ummatni jimlaadhaan akka Ummataatti itti gaafatamu ni jira jenneetis hin amannu.
Seenaan Harkaa fi Harma Muraa Aanolee fi kan Calii Calanqoo seenaa qabsoo Oromoon Bilisummaa isaa tikfachuuf godhe keessatti iddoo ol’aanaa kan qabuu fi yoomuu hin dagatamne dha. Seenaa qabsoo Ummataa hangas mul’ataa kana haaluu ykn. dhoksuudhaan rakkoo uumamu malee bu’aan irraa argatamu hin jiraatu. Tattaaffiin akkasii Qabsoo Bilisummaa Oromoo gufachiisuuf yoo akeekame tahes gonkumaa fiixaan hin bahu. Hariiroon gaariin wal-qixxummaa, obbolummaa fi dantaa waloo irratti hundaawe Ummata Oromoo fi Amaaraa gidduutti qofa osoo hin taane Ummatoota hunda gidduutti dagaaguun akka barbaachisu kan haalu hin jiru. Hariiroon akkasii kan uumamuu fi dagaagu ammoo hamaas haa tahu gaarii, seenaa keessatti hariiroo fi seenaa Ummatootni kunniin wal gidduutti fi mata mataattis qaban dhugaa isaa beekanii isa gaarii jabeeffachuu fi isa hamaa irraa baratanii fuula duraaf irraa of tiksuu irratti hubannaa fi ejjennoo wal fakkaataa qabaachuun yoo danda’ame dha. Sirni siyaasaa Itoophiyaa dhufaa-dabraa as gahee fi ammas jiru garuu addaan qoodanii walitti buusuudhaan aangoo irra turuu kan aadeffate waan taheef kana gochuu kan danda’u hin fakkaatu.
Walitti dhufeenya (hariiroo) Ummatoota Oromoo fi Amaaraa cimsuu akeeka jedhuun walgahii ODP fi ADPn guyyaa dheengaddaa magaalaa Ambootti qopheessan irratti hooggantootni ol’aanoon ODP waahiloota isaanii gammachiisuuf haa tahu waan biraa sababa isaan qofti beekaniin seenaa qabsoo Oromoo fi miidhaa Saba Oromoo irra gahee dabre ifatti oggaa haalanii fi jallisan mul’atan. Kuni Oromoo hundaan kan balaaleffatamuu qabuu fi Dhaabni ODPtis ifatti gadi bahee Saba Oromoo kan dhiifama itti gaafachuu qabu dha jennee amanna. Maayyii irratti, rakkoo siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa naannoo Gaanfa Afiriikaaf furmaata argamsiisuudhaan nagaa waaraa fi dimokiraasii dhugaa naannoo kanatti argamsiisuun kan danda’amu bilisummaa fi mirgi Abbaa biyyummaa ummatootaa yoo kabajameef qofa tahuun hundaan beekamuu qaba. Adeemsi faallaa kanaa (keessattuu ammoo sab- boonummaa Oromoo cabsuudhaan gaaffii Sabichaa ukkaamsuuf shirri xaxamuu fi daboon ykn. guuzni waliif bahamu) madda jeequmsaa fi diigamiinsa guddaa Godina Gaanfa Afriikaa tahuu waan danda’auuf irraa of qusachuun barbaachisaa dha.

Ibsa Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Naannoo Amaaraa‼️
Walitti bu'iinsa Matakkalitti mudate hiikuuf hoggansi naannoo Beenishaanguul Guumzii fi Amaaraa qindoominaan hojjechaa jiraachuun ibsame. Hogganaan Waajjira Dhimmoota Koominikeeshinii Naannoo Amaaraa obbo Assammaahany Asras ibsa laataniin, gochaan raawwatame bara kana kan hin madaallee fi kan balaaleffatamudha jedhaniiru. Walitti bu'iinsa mudate hiikuuf hoggansi naannoo lamaanii, caasaan nageenyaa naannolee fi federaalaa irratti hojjechaa jira jedhaniiru. Naannoleen walitti bu'iinsi itti mudate tasgabbiitti deebi'aa jiraachuus ibsaniiru. Gareen qorannaa naannolee lamaanirraa walitti babba'e bakkichatti bobbaafamuus eeraniiru.

Beenishaanguul Guumz Maanduraa bakka jedhamuutti namoonni 8 ajjeefaman‼️
Naannoo Beenishaanguul Guumzitti walitti bu'iinsa uumameen lubbuun namaa darbe. Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannichaa akka beeksisetti rakkinichi kan uumame godina Matakkal aanaa Maanduuraa, ganda Gannata Maariyaamitti. Rakkoo mudateen lubbuun namoota 8 yoo darbu, 11 miidhamanii deeggarsa yaalaa argachaa jiru.
Naannoo walitti bu'iinsi itti mudate tasgabbeesuuf hojjetamaa jiraachuu biirichi ibsa baasen beeksiseera. Hogganaan Biirichaa obbo Abarraa Baayyataan akka jedhanitti, sababiin ka'umsa walitti bu'iinsaa itti aanaan bulchaa ganda Gannata Maariyaam cuubedhaan waraanamuu fi meeshaan hidhate irraa fudhachuudha. Walitti bu'iinsa mudate to'achuuf hojii hojjetamaa jiru cinaatti, shakkamtoota to'achuun itti fufeera.
Maddi : OBN

Jechoota Jaal Marroo Muraasa:-
❤️Dhugaaf Dhagaa Boraafanne Malee Dhagaan Boraatii Manaa Nuuf Hin Caalle.
❤️Bakkakkaa Waaqaa Yoo Ta'e Malee Rasaasni Wayyaanee Nan Argatu.
❤️Nuti Faashinii Barbaacha Dhagaatti Galle Osoo Hin Taane Bilisummaaf Jechadha.
❤️ WBO'n Qurxummiidha Uummanni Oromoo Immoo Galaana Nuti Keessa Jiraanudha.
❤️Harmee Koo Oromiyyaatu Sabbata Ishee Irraa Harcaafatte Meeshaa Bittee Na Hidhachiifte Kanaaf Ishee Qofaatu Meeshaa Ishee Narraa Hiikkata.
Jabbilee Jaal Marroo(🅰️🅱️🅾️)
Jabbilee Jaal Marroo (🅰️🅱️🅾️)
Jabbilee Jaal Marroo (🅰️🅱️🅾️)
Share Waliif Godhaa.

"RABBI HOO KEESSA JIRAA?" JETTE QOCAAN.
dur jedhan bara durii
bara dhagaan biddeenii
qocaan akkana hin turre
qaamni ishee hundi fooni.
bara bineensonni bosonaa
gamtaadhan jiraatan,
bakka barbaadan oolanii
wanta barbaadan nyaatan.
bara bineensonni hundi
jaalala waliif qaban,
bara mootin isaanii Leencaa
Bara Leencan durfaman.
Bara durii durii sana
bara dhagaan biddeenii
qocaan akkana hin turre
qaamni ishee hundi foonii.
Osoo akkanaan jiraatanuu
osoo tokkummaa qabanuu
Bineensota hunda keessaa
Albaadhessi daba mure.
isa biraa nyaachudhaafis
ququphanee shurshure.
sagalee isaa ol fuudhee
hunda isaanitti sagaleesse
waan garaa isaatti yaade
hunda isaanif dhiheesse.
"Callisaa mee al tokko jarana
Yaa bineensota dhagahaa!
waanin garaatti yaaden
hunda keessanii gahaa
Gaara baanee buunee
oliif gadi kaachaa
hundi keenya kan joorru
Silaa soorata barbaachaa.
Qorra, Aduu fi rooba jennee
yookan dukkana halkanii
Maalif qocaa hin nyaannu?
Qocaan hoo silaa foonii"
jedhee itti sagaleessee
iyyee lallabee dubbate
isaanis suuta ususanii
yaadni isaanii wal fakkaate.
hojiitti jijjiiruf hundi walii gale
dubbiin murtee argachuuf
gara Mootii isaanii Leelcatti qajeele
Leencis dafee hatattamaan
walgahii isaan waame.
waan daftee deemuu hin dandeenyef
walgahicha irraa Qocaatu dhabame
Gaaffii Bineensonni dursanii
Mootidhaaf dhiheessan
Sagalee guutudhaan
Hundi isaanii mirkaneessan.
Akkuma isaan yaadaa turan
hawwiin isaanii milkaa'e
Waa'en nyaatamuu Qocaa
gama Leencanis Murtaa'e.
Qocaa barbaadanii Nyaachuf
hooman bineensotaa facahe
garuu hunda isaanii dursee
hilleentitu ishee bira gahe.
isheen nyaachudhaaf miti
kan dursitee bira geesse
Qocaa gurra buusudhaafi
wanta jara irraa dhageesse.
"Yaa hiriyaatoo yaa Qocaa
yaa qocaa yaa suutumee
nagaatti egaa maalin godha
kee har'a dubbiin dhumee
Deemsa kee illee nan beeka
fiigdee illee jaalaa hin baatu.
humna qabaattee illee
Bineensi hundi si hin sodaatu.
Hiriyummaa keenya hin jibbinee
garuu kana booda hin hawwuu
anis humna qabaadhee
waan tokka sirraa hin dhoowwuu
Bineensonni hundi isaanii
Si nyaachudhaaf walii galanii
Sibiratti na argannaan
anaayyuu itti na dabalanii.
Osoo wal jaalannuu
osoo wal mararruu,
Nagaatti egaa maal siif godhu
siichi wal hin agarruu"
jetteenii hilleentin
"xarraph xarraph" jechaa
fiigicha ishee eegalte
Lubbuu isheef sodaachaa.
"mee afachu hilleentii
as deebi'i hoo takkittii
waan naaf hin gallen qabaa
waa tokkon si gaafadhaatii
Walgahii keessan har'aa
haga dhumaatuu dhageessee?
waa'ee Nyaatamuu kiyyaa
Leenci hoo maal murteessee?"
jettee gaafatte Qocaan
hubachuuf waan dhageesse
Deebin isheen argatte garuu
akka Leencis isheetti murteesse.
"Gaaffii dhumaan sigaafadhaa
naaf deebisi mee adaraa
murtee natti laatame kana
rabbiin hoo keessa jiraa?"
"Qocaa badii hin qabduu bar
ati homaa hin balleessine
Leencatu murteesse malee
rabbiin hin murteessine."
Jetteenii deemte Hilleentin
xarraph xarraph jettee
Iccitii jiru hundaayyuu
takka takkaan itti himtee
"guddaa galatoomi hilleentii
galanni kee guddaadha
rabbii irraa yoo hin taane
wanti hundi salphaadha"
jechaatii ofiin gugumaa
Qocaan tirachuu eegalte
akkuma yeroo hundumaa.
Albaadhessi abbaan garaa
dafee bira qaqqabe
"Dhangaan barbaadu argadhe"
jedhee nyaachudhaaf gaggabe
Qocaa liqimsuudhaf
afaan isaa itti bane
garuu hin milkoofne
akka yaadan hin taane.
wanti yaadame hundi
jalaa fashalaa'ee eege
rabbiitu qaama Qocaa
waan jabaatan haguuge
akkuma rabbi abdattee
murtii jaraa tuffatte
Qocaan humna rabbiitin
haga yoonaa jiraatte
Anis waa malee hin mammaakne
seenaa Qocaatin kaasee
waa'ee keenyas akkasuma
yoon ilaalu buusee baasee
har'a boruutu nu huuqqisee
baraanis bara lakkoofnee
Abdii namarra kaawwannee
eegaa turree hin milkoofnee
eenyutti boonyee himanna
inqirfannee wawwaata
waa'en keenya hoo maali
mee suuta hubadhuu ilaali
seenan keenyaf kan qocaa
waan baay'en wal fakkaata
akkuma Qocaan jette keenyas
Rabbi hoo keessa jiraa laata??
#Ittiiqaa_Tafarii_Warra Lolaa
@OMN_tv1
dur jedhan bara durii
bara dhagaan biddeenii
qocaan akkana hin turre
qaamni ishee hundi fooni.
bara bineensonni bosonaa
gamtaadhan jiraatan,
bakka barbaadan oolanii
wanta barbaadan nyaatan.
bara bineensonni hundi
jaalala waliif qaban,
bara mootin isaanii Leencaa
Bara Leencan durfaman.
Bara durii durii sana
bara dhagaan biddeenii
qocaan akkana hin turre
qaamni ishee hundi foonii.
Osoo akkanaan jiraatanuu
osoo tokkummaa qabanuu
Bineensota hunda keessaa
Albaadhessi daba mure.
isa biraa nyaachudhaafis
ququphanee shurshure.
sagalee isaa ol fuudhee
hunda isaanitti sagaleesse
waan garaa isaatti yaade
hunda isaanif dhiheesse.
"Callisaa mee al tokko jarana
Yaa bineensota dhagahaa!
waanin garaatti yaaden
hunda keessanii gahaa
Gaara baanee buunee
oliif gadi kaachaa
hundi keenya kan joorru
Silaa soorata barbaachaa.
Qorra, Aduu fi rooba jennee
yookan dukkana halkanii
Maalif qocaa hin nyaannu?
Qocaan hoo silaa foonii"
jedhee itti sagaleessee
iyyee lallabee dubbate
isaanis suuta ususanii
yaadni isaanii wal fakkaate.
hojiitti jijjiiruf hundi walii gale
dubbiin murtee argachuuf
gara Mootii isaanii Leelcatti qajeele
Leencis dafee hatattamaan
walgahii isaan waame.
waan daftee deemuu hin dandeenyef
walgahicha irraa Qocaatu dhabame
Gaaffii Bineensonni dursanii
Mootidhaaf dhiheessan
Sagalee guutudhaan
Hundi isaanii mirkaneessan.
Akkuma isaan yaadaa turan
hawwiin isaanii milkaa'e
Waa'en nyaatamuu Qocaa
gama Leencanis Murtaa'e.
Qocaa barbaadanii Nyaachuf
hooman bineensotaa facahe
garuu hunda isaanii dursee
hilleentitu ishee bira gahe.
isheen nyaachudhaaf miti
kan dursitee bira geesse
Qocaa gurra buusudhaafi
wanta jara irraa dhageesse.
"Yaa hiriyaatoo yaa Qocaa
yaa qocaa yaa suutumee
nagaatti egaa maalin godha
kee har'a dubbiin dhumee
Deemsa kee illee nan beeka
fiigdee illee jaalaa hin baatu.
humna qabaattee illee
Bineensi hundi si hin sodaatu.
Hiriyummaa keenya hin jibbinee
garuu kana booda hin hawwuu
anis humna qabaadhee
waan tokka sirraa hin dhoowwuu
Bineensonni hundi isaanii
Si nyaachudhaaf walii galanii
Sibiratti na argannaan
anaayyuu itti na dabalanii.
Osoo wal jaalannuu
osoo wal mararruu,
Nagaatti egaa maal siif godhu
siichi wal hin agarruu"
jetteenii hilleentin
"xarraph xarraph" jechaa
fiigicha ishee eegalte
Lubbuu isheef sodaachaa.
"mee afachu hilleentii
as deebi'i hoo takkittii
waan naaf hin gallen qabaa
waa tokkon si gaafadhaatii
Walgahii keessan har'aa
haga dhumaatuu dhageessee?
waa'ee Nyaatamuu kiyyaa
Leenci hoo maal murteessee?"
jettee gaafatte Qocaan
hubachuuf waan dhageesse
Deebin isheen argatte garuu
akka Leencis isheetti murteesse.
"Gaaffii dhumaan sigaafadhaa
naaf deebisi mee adaraa
murtee natti laatame kana
rabbiin hoo keessa jiraa?"
"Qocaa badii hin qabduu bar
ati homaa hin balleessine
Leencatu murteesse malee
rabbiin hin murteessine."
Jetteenii deemte Hilleentin
xarraph xarraph jettee
Iccitii jiru hundaayyuu
takka takkaan itti himtee
"guddaa galatoomi hilleentii
galanni kee guddaadha
rabbii irraa yoo hin taane
wanti hundi salphaadha"
jechaatii ofiin gugumaa
Qocaan tirachuu eegalte
akkuma yeroo hundumaa.
Albaadhessi abbaan garaa
dafee bira qaqqabe
"Dhangaan barbaadu argadhe"
jedhee nyaachudhaaf gaggabe
Qocaa liqimsuudhaf
afaan isaa itti bane
garuu hin milkoofne
akka yaadan hin taane.
wanti yaadame hundi
jalaa fashalaa'ee eege
rabbiitu qaama Qocaa
waan jabaatan haguuge
akkuma rabbi abdattee
murtii jaraa tuffatte
Qocaan humna rabbiitin
haga yoonaa jiraatte
Anis waa malee hin mammaakne
seenaa Qocaatin kaasee
waa'ee keenyas akkasuma
yoon ilaalu buusee baasee
har'a boruutu nu huuqqisee
baraanis bara lakkoofnee
Abdii namarra kaawwannee
eegaa turree hin milkoofnee
eenyutti boonyee himanna
inqirfannee wawwaata
waa'en keenya hoo maali
mee suuta hubadhuu ilaali
seenan keenyaf kan qocaa
waan baay'en wal fakkaata
akkuma Qocaan jette keenyas
Rabbi hoo keessa jiraa laata??
#Ittiiqaa_Tafarii_Warra Lolaa
@OMN_tv1
Mooraa Sanqalleetti namoonni hedduun dhukubsachuun himame⤵️
Namoota mootummaan maqaa haaroomsaatiin Mooraa Leenjii Sanqalleetti walitti qabe keessaa hedduun dhukkubsachuu, kan du’anis jiraachuu kanneen VOA himan ibsanii jiru.
Hospitaalli riferaalii Amboo namoonni Shan dhibamanii mooraa Sanqallee tii achi geeffaman yaalamuu isaani ibsee, garuu kan dhufee du’e yokaan du’ee achi geeffame akka hin jirre dubbate.
Biroon Bulchiinsa fi Nageenya Oromiyaa gama isaatiin kanneen biyya gooluu barbaadan tu dubbii bu’ura dhugaa hin qabne hafarsa, jedhee jira.
VoA'tu gabaase

Beekumsaaf‼️
Oromoon Odaa shan, Gadaa shan, Hortee shan, Bokkuu shan qaba.
♻️Odaa shanan(5)
1⃣. Odaa Nabee - G/Shawaa bahaa
2⃣. Odaa Bisil - G/Shawaa lixaa
3⃣. Odaa Bulluq - G/Horroo Guduruu
4⃣. Odaa Roobaa - G/Baalee
5⃣. Odaa Bultum - G/Harargee lixaa
♻️Gadaa Oromoo shanan(5)
1⃣. Birmajii
2⃣. Duuloo
3⃣. Michilee
4⃣. Melba
5⃣. Roobalee
♻️Hortee Oromoo shanan(5)
1⃣. Maccaa fi Tuulama
2⃣. Ituu fi Humbana
3⃣. Raayya fi Asabo
4⃣. Sabboo fi Goona
5⃣. Sikkoo fi Mandoo
♻️Bokkuu Shanan
1⃣. Bokkuu Kallachaa
2⃣. Bokkuu Dikaa
3⃣. Bokkuu Biifaa
4⃣. Bokkuu Roobaa
5⃣. Bokkuu Horaa
@Gadaapost

Guyyaa kaleessaa walumaa-galatti biqiltuu 353,633,660 kan dhaabame yoo ta'e kunis karoorichaan ol (177%) akka ta'e ibsameera. Kana keessa Oromiyaan harka walakkaa ol fudhatti.
@OMN_tv1
@OMN_tv1
Forwarded from Oromo news
Beeksisa
~~~~~~~~~~~~
Namoonni Omishaa fi taajajila keessan beeksifachuu barbaaddan hundaa karaa keessan na dubbisuu dandeessu.
Any Body who want to announce their #production and #services you can contact me through inbox.
Inbox 📩 @Alemu24
@Oromonews

"Naqamtee keessatti kanneen hidhaman Mana Murtiitti hin dhiyaatiin jiru" 💬Maatii
Magaalaa Naqamteetti "Miseensotni maatii keenya erga hidhamanii ji'i lama darbus hanga yoonaa mana murtiitti hin dhiyaanne ykn hin gadhiifamne jechuun namoonni firri duraa hidhamuu komatan hagi tokko. Mooraa Masaraa Kumsaa Morodaa keessatti manni isaan keessa ciisan ibsaa hin qabu, bishaan qulqulluus waan hin arganneef dhibeef saaxilamaa jiru jedhu kunneen komee dhiyeessan kun.
Waajjira Nageenyaa magaalichaa fi Komaand Poostii Oromiyaa Lixaa, dhimma kana irratti dubbisuuf yaaliin godhame milkaa'u baatus, Itti aanaan Hoogganaa Biiroo Nageenyaa Naannoo Oromiyaa gama isaaniin "Namootni bilisa tahan akka gadhiifaman godhamaa jira, warri yakka raawwatan ammo akka seeratti dhiyaatan godhama" jedhan.
Gabaasni kan VoA

#Details➕
Qabxii qormaata Skoolaastiiks Aptiitiyuudiirratti gaaffii ka’e #qulqulleessaan jira jedhe Eejansiin Madaallii fi Qormaata Biyyoolessaa.
Eejansichi qabxii qormaatichaarratti barattoota, maatii fi barsiisotarraa gaaffiin ka’uu beeksisee, dhimmicha qulqulleessaa jiraachuu eerera.
Guyyoota muraasa keessatti tarkaanfii #sirreeffamaa fudhachuun waan irra ga’e kan beeksisu ta’uus ibseera.
Maddi:- FBC Afaan Oromoo

Qormaanni kutaa 12ffaa baranaa rakkoo akka qabu bu’aan maxxansame ni agarsiisa. Kanaafu qaamni dhimmi ilaallattu dafee furmaata laachuun barbaachisaadha.
Via~ Jawwar Mohammed
@OMN_tv1
Via~ Jawwar Mohammed
@OMN_tv1
Ibsa Biiroo Barnoota Oromiyaa⬇️
Ejensiin Qorumsaa fi Madaalliin Firii Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa Kan bara 2011 ifoomsuun isaa ni yaadatama. Haa ta'u malee firii qormaataa ifoome keessumaa kan naannoo keenyaan walqabatee odeeffannoon adda addaa karaa miidiyaa hawaasaa akka deemaa jiru ifaadha. Firiin qormaataa biyyoolessaa ifoome kun sadarkaa ejensichaatti malee baay'ina barattootaa naannoleen qabaniin naannoleef akka hin ergamin jiru ifa dha.
Haa ta'u malee firii qormaata bara kanaan walqabatee waan ejensichi ifoomse naannoleen gaaffii akka kaasan taasiseera. Gaaffii naannoleen kaasan kana immoo ejensichi fudhatee qulqulleessaa jira. Waan kana ta'eef, waan akka qulqullaa'uuf ejensichi gaafatame dabalatee firiin barattoota keenyaa tokko tokkoon yeroo qaqqabutti Biiroon Barnootaa Oromiyaa hawaasa keenyaaf ibsa akka kennu hubachiisa.
Kanaan alatti ololli adda addaa miidiyaa hawaasaan oofamaa jirurraa of qusachuun barbaachisaadha. Fkf Firii amma ejensiin qormaata biyyoolessaa ifoomse kana irraa ka'uun barnoota naannoo keenyaa irratti ololli oofamaa jiru:
• Barnootni naannoo keenyaa kufeera,
• Yeroo qorumsi kennamaa turetti barattoota naannoo keenyaa irratti eegumsi cimsanii kan naannoo biroo gad furan kan jedhuu fi yaadotni kkf hundi dhugaa irraa kan fagaatanii fi yaadotni akkasii ofumaaf iyyuu aggaammii ta'uu hubachuun barbaachisaadha. Sababiin isaa dubbii qorannoon adda hin ba'inii fi dhimma ifooma firii qormaata ejensiin baaseen walqabatee ololli naannoo keenya irratti oofamu kamiyyuu fudhatama kan hin qabneedha.
Biiroo Barnootaa Oromiyaa

#Scholastic_Aptitude
Qabxiin dogoggoraa ture sirreffamaa jira. Barattoonnis amma irraa eegalee firii keessan akka irra deebitanii mirkanneeffataan.

🌻Baga ayyaana waggaan isin gahee🌼🌼🌼
Ayyaanni kun kan:
🌻Nagaa
🌻Jaalalaa
🌻Badhaadhinaa
Isiniif haa ta'u.
🌸🌻Alemu Abdisa🌻🌻
🌸🌸🌸The Boss🌺🌺🌺
📩Inbox @Alemu24
@Oromonews
@Oromonews
Ayyaanni kun kan:
🌻Nagaa
🌻Jaalalaa
🌻Badhaadhinaa
Isiniif haa ta'u.
🌸🌻Alemu Abdisa🌻🌻
🌸🌸🌸The Boss🌺🌺🌺
📩Inbox @Alemu24
@Oromonews
@Oromonews
Forwarded from Oromo news
Breaking News
££££££££££££
Eejansii
Madaallii Barnootaa fi Qormaata Biyyoolessaa
qabxii qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa
ifoomse.
Eejansichi bara 2011 barattoonni miiliyoonni 1.2
ol qormaata kutaa 10ffaa fudhachuu ibseera.
Barattoota qormaataman keessaa 682,572
dardarran, 572,997 ammoo shamarrani.
Kanneen keessaa 894,318 idileedhan, 354,782
dhuunfadhaan, 6,469 galgala barnoota isaanii kan
hordofanidha.
Qormaatamtoota keessaa %75.5 qabxii 2 fi sanaa
ol kan fidan yammuu ta'u, kuma 10 ol kan ta'an
ammoo 4 fidaniiru.
Daayreektarri olaanaa eejansichaa obbo Araayaa
G/igzi'aabheer akka jedhanitti, lakkoofsi
barattoota qabxii 2 fi sanaa ol galmeessisanii kan
bara darbee ni caala.
Bara darbe 2 fi lamaa ol kan galmeessisan %71
ture.
Maddi: FBC

OROMO®-NEWS®, [22.11.19 16:31]
Oduu/NEWS Manni Maree Adda Demookiraatawaa Warraaqsa Ummattoota Ityoophiyaa ADWUI'n walga’ii guyyaa lamaaf gaggeessaa ture xumureera.
Olmaa isaa guyyaa lamaaffaan dambii paartii haaraa walitti makamuu irratti erga mari’atee booddee miseensootni argamaan sagalee guutuun raggasisaaniiru.
Manni marichaa olmaa isaa guyyaa jalqabaan walitti makamuu paartichaa fi sagantaa gara fuulduraatti irratti mari’atee raggaasiseera. maddi : FBC @OMN_tv1