ODAA Electronics N1
11.9K subscribers
1.52K photos
10 videos
14 files
687 links
Dinagdeen Jabaachuuf Wal Barbaaduu Qabna
πŸ‘‰Laptops Haaraa fi Kan Hojjete(Used)
Bilbiloota, Camera fi kkf Gatii Bareedaan argattu πŸ‘‰ Fifinnee Boolee Gamoo Oromiyaa 1st flr
@Odaa_Electronics
Bilb βœ† +251911430007
πŸ“© @odaaSmart
Download Telegram
πŸ‘†ODAA AWARD πŸ‘†
Forwarded from Deleted Account
Falmikeef:
Bareeddu tiyya nagayatti!

firraa siif yaaduuf
Fedhii lubbuu seeree
Akka haadha Manaa
Akka obbleeytiitti si eeree
Na barbaachifta ja'ee
Bishaaniin si qixxeesse
nagayaan manaa si baase
Nagayaan si gaggeesse
Amma an as keessaatti
Mee maaliin balleeyse ?

Arra Wal barree Boru
Wal fuune iftaan Wal hiikun
Lakkii nuufin tahuu
Je'ee fuulduraaf yaadee
Osoon mukaarra ba'uu
Safuu fi aadaa eegee
Osoon jaalalaan siif dhama'uu

Badawa jaalalan beeyne
Garyu Si fakkaatee atii
Kabajaa kee eeguun
Eegan gowwoome si biratti
Eega siif mulluchuu didee
Na ilaate badawattii
An dhugaaniin si jaaladha
Bareeddu tiyya nagayatti!

"Dubartii dhugaan isaan jaalachuun gowwummaa itti fakkaateef biraan naaf geyaa"
Forwarded from Lami Lamessaβ™‘
*.TASA SIIN GOWWOOMUU
Soba dhugaa fakkaatuun jireenya koo hubdee!
Abidda jaalalaan onnee koo guggubdee!
Sagalee laafaadhaan suuta natti hasaasta!
Dhugaa fakkeessitee garaa koo na raastaa!
Anis dhugaa se’een sifaana gugadhe!
Gantu akka taate an yooman hubadhe!
Tutturee bubbulee naaf gale amalli kee!
Dhugaaf osoo hin taane gowwoomsaaf deemuun kee!
Hum! Arrabni kees nadhii namatti mi’aawa!
Keessikee summiidhaa hadhaa kuusee taa’a!
Bifti kees miidhagaa ofitti nama hawwata!
Manca’aa keessakee nama hubatee ilaale hundatu dinqisiifata!
Bor deebita jedheen obsaan si eeggadhee!
Jireenya koo borii si waliin dabarsuuf murtoo murteeffadhee!
Dadhabee naaf gamnaan jijjiire yaada koo!
Urursee sossobeen gad qabee garaakoo!
Siif jireenyi hin galle siif kan gale addaa!
Utuu akkasiin joortuu lakkii tasa baddaa!
Asiif achi fiigda akka saree dhaltuu!
Bowwaa fuuldurakee tasa hin agartu!
Anaafis naaf gale hubadhe waa’eekee!
Yaadachuu hin barbaadu deebisee seenaakee!
Kattuu akka qilleensaa kan dhaabbannaa hin qabne!
Jireenya koo keessatti nama akka keetii takkaa nan quunnamne!
Sitti addaan ba’uun koo egaa murtoo kootii!
Darbii barbaaddadhu gantuu akka keetii!
An qilleensa miti kayyoofan jiraadha!
Har’a irra dhaabbadheen boriif of abdadha!
Yoo du’aatiif malee namni wal hin dhabuu!
Teenyeetu ilaalla abba booddee gaabbuu!
An waa’eekees quufe lamuu si hin barbaadu!
Of booda deebi’ees garaa kootti hin yaadu!
Irraan yaraa ta’uus keessi koo cimaadhaa!
Kaayyoon koo jalqabaa galmakoo ga’uudha!
Ushuruuruu jedhee si hin sossobu lamuu!
Murteesse keessa koo lammata debi’ee tasa si hin gowwomuu.

baga guyyaa jalaaleewanii gesse.πŸ™ˆπŸ™ˆπŸ™ˆπŸ™ˆπŸ™ˆ
Lamidha unv jimma irraa
πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†

Share Gochun Waalif Habirmanu
@obsii28
@dambalii_jaalalaa
Eid Mubarak

hordoftoota amantaa musliimaa maraan baga ayyaan Eid al fixriitin isi gahe nuun gahe
✍@dirribaa_wogi
Asw Obboleyan kiyya martuu baga ayyaana eid alfaxirin nu gahe jedha baga guyyatti nu agarsiiseee
Inshaallaaaaaaaa rabbi injifannon nu xumursiisera
Forwarded from Deleted Account
πŸ’–πŸ’– Nurisha__BestπŸ’–πŸ’–:
---------------------------
🌹🌷 lammeenirra FILI 🌷🌹
🌼🌻🌺⚘⚘ ⚘ ⚘⚘🌺🌻🌼
---------------------------

Jalqabuu khoo male
Hin geenye walakkaa...
Jaalalli khee natti
Fakkaate bakhakkaa...

Sagaleedhaan male
Ijaan naan mullanne...
Jaallachuu koo male
Du'uu koon hubanne...
Harka kennuu diddaaf
Jaalalaan gubanne...

Osoon habbuuqqatin
Khadee jaalalaarraa...
Taa'ee si eeguuniin
Lakkaawwadhe jaarraa...

As boodan barbaadu
Jaallachuun naaf gahe...
Jaalalti baanan sun
Yoo khanuma tahe...

Akkanatti hidhee
Afaan khoo na qabee...
Ammafaa aangawee
Cunqursaas jalqabee...
Wayyaanee hin sodaanne
Qawwee afaan qabee...
Jaalala tee qofaan
Moohachuu dadhabe...

QEERRANSA naaf baasan
Qeerroon maqaa khiyya...
Naatu bilisoomse
OROMIYAA tiyya...

Garuu si harkattiin
Khufe booji'amee...
Jaalala teetiinin
Miila gaadi'amee...

Lammeenirraa FILI
Carraan an siif laadhu...
Yookhaan gad na dhiisii
Tee na taasifadhu...
Or carraa naaf khenni
Akkaan si galfadhu...Baresaan___ NURIISHA Best
SIMBOO

Kutaa 3
Xummura
-
----Akkuman magaalaa Finfinnee galeen taksii qabadhee gara kiiloo afurii (Daalattii) ttin fiige,achi geenyan xurree xiqqoo qabadheen gara bahaatti gadi lixe.Gara keessatti hanga tahe siqeen mana baaxin ishee daanda'e wayiittin dhufe.Utubaan manattii gar-tokkotti jal'attee waan jiguuf jirtu fakkaatti,karra qe'ee hin qabdu balbala manaa malee,fuldura ishee dhaabbadheen mudhii koo qabadhee afuura dheeraa fudheen of tasgabbeesse.Qaamni koo marti na callabbaa'e,balbala manattiitti siqeen gadi jedhee qosoqqose,keessa garuu hoomtu hin jiru fakkaata.Sagalee wayiituu hin arganne,furtuun manittiin ittiin cufamtee jirtu manittii irra osoo godhanii jiguun ishee hin hafu,abdiin kutadhe tarii onneen Simboo akkanaan furtuun cufamtee laata jedhee.Osoo manittiin banaa taatee mana warra Simboo akka taate mirkaneeffadheen ture,silaa ishee achitti argachuufin deeme.Gara duubatti fuldura kootin dhiisen manattii ilaala suuta jedhee osoon duugda duuban tarkanfachaa jiruu muka ibsaa naannoo mana isaanii dhaabbatuuttin bu'e,itti bu'ee irraa hin deebine siriidhaa itti maxxaneen mataa koo itti irkisee jilba koo dachafachaa miira abdii kutuutin ija koo dunuunfadhee sorooradheen ofirra gadi taa'e.Harka kootin fuula koo irraa dafqaaf imimmaan makaa xuruurfadheen ija koo cufamee jiru banadhee of fuldura ila ale.Takka turee garuu sagalee ''…Maatin keetis bilisaan lafa tana irra jiraatu aniif ati immoo gara Washington D.C yoo deemne jireenya badhaadhinaa jiraanna,Jaalalli qofti jireenya kee hin geeddaru,ani garuu jaalala dabalatee waa hunda siif kenneen jireenya kee qofa osoo hin taane kan maatii keen geeddara'' jedhun dhagahe.Suuta jedheen idduman taa'un mataa koo gara lixaatti naanneffadhe.Kanan arge amanuu hin dandeenye,mucayyoo fuulli ishee imimmaanin corroqa tahe,ijji ishee diimate,rifeensi ishee wal jala marqame wayii yeroo mucaan diimaa qal'aa dheeran,#Diasporan tokko konkolaatatti hirkatee morma ishee irra harka godhatee jirun arge.Simboo koo turte,dafeen ol utaalee kahee gara isaanitti fiige.Fuulli Simboo gara kootti ife,naasuun jaalalaa garuu iddoo dhaabbattutti ishee kuffise.Namtichi waliin dhaabbatus ni rifate,lafaa kaasuf harka lamaan itti jedhe,ana xiiqiin jaalalaa na keessaa laboobaa jira,humna hin jirre ergifadheen matarratti isa bahe.Wanti ta'amaa jiru abjuu itti tahe,amma inni laafuttin tume.Uuuuuffff osoon ajjeeseyyuu natti tola.Isa achumatti dhiisen Simboo koo awwaara irraa haqeen duugdatti baadhee gara mana isaanittin fiige.Balballi duraan cufamte amma banamtee jirti,osoo hin rukkutiniin Simboo koo fuudheen manattiin gale.Abbaa fi Haati ishee mana jiru,wanta tahe hunda ittan hime,safuu cabseen loleen,ofiif dabarfachuuf jedhanii mucaa isaanii jaalala mulqanii ofiif akka qarshii badaa kanaan of hin golginen itti hime.Sirriidha ammaaf hiyyeessa tahuu dandeessu,garuu mucaa keessan gurgurtanii miti kan duroomtanin jedheen.Abbaan ishee mataa qabatee ofirra taa'e,sadan keenyaa gara Simboo ilaalle,ijaa ishee keessatti sona jaalalan arge,ijji ishee miira jaalalaatin akka walitti guduunfamen bare, Imimmaan lakkuu roobsaa akkana jette…''Urjii koo maatii koo gammachiisuf si miidhen ture,garuu waaqni jaalala uume jaalalaan nu dhuunfate jaalala keenya hin diigne kunoo amma wal bira jirra kan nu giidduu galu hin jiru,Sin jaaladha…''jechaa humna jaalalatin ol utaaltee natti marmite,ittan marame,nin dhungadhe,na dhungatte,hammadheen manaa gadi bahe,SIMBOO koon fudhee lixe.
#Goolabameera,waan dubbistaniif galanni koo guddaadha


Yaada qabdan asumaan gadi roobsaa @Sabakoo143

@dambalii_jaalalaa
πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†

Ashamaa Harka Fuunne Jirra Jirtu Guyyaa Haraa Oddefannoo Baredaa Tokkon Issif Qodaa Waren Youtube Irrati videon Garaagaraa Dalgaa Jirtanif Namoota Camera dhabidanif Faala Gaaridha
Mesholen Armaan Oliiti Argita Kun mobile phone telescope fi
microphone jedhamu waraabi Video Bilbila Keenyati Qabsisine Qulquliinaan Waraabuf nugargaara fageenya irraa fi Bilbilaa Hundaa Irrati Hojechun Issaa Adda Issa Taasisaa
microphone immoo salgalee bilbila keenya waliin wal qunmisisun sagalee baredaa akka waraabinu nu gargaaraa
gatiin issaanis madaalawwadha

Oddefanoo dabalataaf
@obsii28

@dambalii_jaalalaa
Ashamaa Harka Fuune Jirra Jirtu Wareen Promotion Dhunfaa VIP Barbaadanin Hojechuf Qophii Xumure Jiraa

1) Member Gara Channel Keessani Fidudhaan

1K Member Qarshii 100
2K Member Qarshii 200
3K Member Qarshii 300

Hub:- waare sponsor taatani Tajaajiilaa fi omisha keessan bekisifachu barbaadanif haala baredaa ta'en isinif hojanaa
Contact :- @obsii28
βœ† +251941252428

@dambalii_jaalalaa
@dambalii_jaalalaa
Dhiisi Hin Gowwoominii !!

barumsaan fagaattee
yoo taates doktorii
ykn gaarii ooftee
yoo taates shufeerii
xiyyaaras balaliisii
yoo taates kaapteenii
abbaa argannoo haaraa
ykn pirofeesarii
kalaqa qabaattus
ykn sooftiweerii
abbaa dizaayinii
kaanis injinarii
abbaa oxfoordii
kaan vocabilaarii
biyyuma lafaatii
du'uu kan kee bari
--------------------------------
--------------------------------
daldaltee yoo bultees
taatees qotee bulaa
kadhattees yoo nyaatte
taatus dafqaan bulaa
huccuun sirraa dhumtee
yennaa taates qullaa
nama sirrii taatus
ykn nama jallaa
nama guddaas ta'u
yoo feetes wallaalaa
hedduus yoo qabaatte
hiriyaa jaalalaa
biyyuma lafaatii
dhiisi yaa wallaalla
--------------------------------
--------------------------------
baay'ees yoo furdatte
hamma arbaa yoo geesse
bor arguu hin dandeessuu
hojjaan kee si geessee
biyyuma lafaatii
Rabbitu daangessee
-----------------------------------
-----------------------------------
sooressa yoo taates
akkuma biilgeetii
yeroos hin qaqqabduu
ammatuu fiigdee
baadiyyaas yoo jiraatte
galtus finfinneetti
jireenyi kanumaa
dhimma mataa keetii
mana yoo ijaartes
mukaaf bilookeettiin
boontees yoo jiraatte
har'aaf yeroon kee
biyyuma lafaatii
hundinuu ni darbaa
bu'aan hojii isaa
hin turu ni argaa
kanaaf wanti biyya lafaa
hundumtuu yeroofii
Rabbiin jabeefadhuu
isa boruutifi!!!!!!

✍@dirribaa_wogi

@dambalii_jaalalaa
Forwarded from Deleted Account
πŸ‘­πŸ˜’Jiruf gargaar. banee✈️ wal. arguf dhamana jabadhu kode too .walin Tabaa banaa πŸ‘ .lubu too 😒❀️ siyade jiruf adaa banee turus wal agaraa .naf.nuu fafacanee πŸ’ͺ😒✈️ sila baden dhufa karatu fagataa namni kayo qabu garaf opsaa lataa .πŸ‘alagan sinahu bar garaa jabata ilkan sitifet .dubaa kes sinyata πŸ˜’πŸ€¦β€β™€jirun biya ormaa sifalmaa citanuu qabnaa πŸ‘­πŸ‘‰oromiyaπŸ₯° πŸ’ͺbadhatu maranu πŸŒ·πŸ€” .an yomun baleseπŸ˜” gorsii nadebisi wan. tundu ni.darbaa kode too naf opsiiπŸ’ͺπŸ‘­πŸ˜’
πŸ™πŸŒ·Harmee koo sin .yadaa argaa keen haradaa hamtun sin arginii naf tahii nagaa ani nagaan jiraa Atii .nagaan naf turii yaa rabii hadaraa 🀲. harmee koof umurii isheti homtuu sin arginii gaddaaf gadadonii yomaran siyadaa garaan yom naf rafee ijii xinaf gudaa hanaf sigarafee πŸ’πŸŒ·πŸ€±πŸŒ·πŸ’ nagudisuf .jetet☹️ qoranilen batee anan na haxoftaa hofi dalachoftee 😒senan kan kee .bayee dha yoom dubadhe fixee sin jaladha harmee too nagahan naf turii 😒harmee koo🌷😘 yashii 🌷tan godina adda nannawaa finfiinee anaa suluultati argamtuf πŸ™

@dambalii_jaalalaa
Ashamaa Harka Fuune Kalesa halkan irraa egaluun telegramin hugarumun issa bekkame jiraa haala salphaa ta'en pisphon fayyadamun argachu dandessu

@obsii28

@dambalii_jaalalaa
😭😭😭😭😭😭😭😭😭
Du'a weellistuu Iteenash Girmaa ttin maqaa Dambaliin jaalalaa gaddaa guddaa nutii dhagahaamuu issaa himmaa maatiwwan ishe fi ummata oromoo maraaf jajabina hawwinaa

✍ @obsii28

@dambalii_jaalalaa
☹️☹️Akkasi Malee!!!πŸ˜„πŸ˜„

yoon caffare
biiraa dhugee
yoon machaa'ee
taa'ees mugee
yoon hate illee
nama saamee
maraqanus caatii qaamee
yoon sirbillee
namas faarsee
yoon sigaraa xuuxee aarses
yoon hamadhee
nama arrabse
yoon kakadhee
dhugaa dabse
kuni kaleessaa
har'i haaraadha
Rabbiin keenya
inni Araaraadhaa!!!!

✍ @dirribaa_wogi

@dambalii_jaalalaa
Ashamaa Harka Fuune Akkuma gidduu kan bekkamu connection cufamun issaa ni yaadatamaa kanaafi channeloni promotion VIP issin dalgamaa jiruu

#MO'AA TV
#KUSH ELECTRONICS SHOP
#ONLINE SHAGER
#JIRRA OROMIYAA

Rakkoo connectionitin addaan citera akkuma connection debi'en kan itti fufinu ta'u issaa cimsinee issin bekisisinaa

@obsii28

@dambalii_jaalalaa
Warra Biyya Ormaa Jiraniif!

jiruuf jedhee
kaniin biyyaa ba'ee
akkan yaade garuu
yoom naaf ta'ee
ta'uu baatus!
qaama fayyaan
qabaa
jiruu qananiis
waaqatu harkaa qaba!!!!!
πŸ˜₯πŸ˜₯πŸ˜₯πŸ˜₯πŸ˜₯

✍@dirribaa_wogi

@dambalii_jaalalaa
πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†
naannoo amaaratti yaaliin fonqolcha moottumma irrattii aggaamamee fashala'ee jira namoota yaalii fonqolchaa geggessaan irrattii tarkaanfiin akka fudhatamuu ajajnii kennamee sochiin egalamee jira

@dambalii_jaalalaa
AJAB!!!!!!!πŸ™ŠπŸ™ŠπŸ™Š

Takkaa guutuu
takkaa onaa
amma gannaa
ammaa bonaa
osoo aduun ba'uu
amma bokkaa
Amma dhufee
amma sokkaa
-------------------------
Ta'e jedhee yoon burraaqu
dhufeet ciisa akka danquu
asiin kabu
achiin dhimmisaa
harra dhaabeen
bor buqqisaa
takkii boochoo karaa ballaa
takkiimmoo wadaroorra qallaa
yoo amma ife
ammaa galgalaa
kolfaan ba'een
boo'aan galaa
maali Rabbii abbaa guddaa
maaliif natti laatta dugda??πŸ˜”πŸ˜”πŸ˜”πŸ˜”πŸ˜”

✍@dirribaa_wogi

@dambalii_jaalalaa