Nabil Walaloo
42.3K subscribers
87 photos
24 videos
13 links
Baradhu dubbisi !
Hubadhu dubbadhu !
Download Telegram
Ka'i Yeroon Amma


Amma yoo hin taane
Wanti godhuuf kaate
Arra yoo hin taane
Wanti godhuuf baate

Yoom hojjachuufi mee
Yeroon numa deemtii
Boru boru jattee
Maaf qoosta ofitti

Tan akka salphaatti
Ati ciiste laaltu
Yeroon takka kutte
Beekhi hin deebitu

Booda booda jatte
Yeroo maaf taphatta
Booda yeroo dhabde
Sheenaa quba nyaatta

Kanaaf..

Waan hojjachuu feetu
Ammumaa hojjadhu
Hawwii qofa dhiisi
Gochaanis raawwadhu

Maatiif biyya teeti
Booda sitti haajamaa
Booda booda dhiisi
Ka'i yeroon ammaa


@Nabel_Moha ✍
@Nabel_Moha ✍
❀10πŸ‘7πŸ₯°1
Nan eegin hin dhufu !


Osoon an siif jecha
Imimmaan lolaasuu
Narran fagaatin ja'e
Daddeebi'e si gorsuu

Gorsaan an si gorse
Lafatti lakkistee
Na dagdee fagaatte
Kophaa koo na dhiistee

Anis Kophaa bo'een
Kophaa koo maraadhe
Waan ati na goote
Eegaan dandamadhe

Hulii nama tokko
Akkaan hin amanne
Onnee tiyya oolchuuf
Waadaa ofiif seene

Anu nama miti
Yoo Debbi'e jaaladhe
Ja'een jabeeffadhe
Garaa koo hidhadhe

Dhuftuus deemtus hulii
Anaaf humaa mitii
Namni ati taate
Naaf galeera marti

Jaalaltiin siif qabu
Garaa kootti haa hafuu
Si bira lammaffaa
Nan eegin hin dhufu !

@Nabel_Moha ✍
@Nabel_Moha ✍
❀7πŸ‘3
ከ464 α‹¨αŒα α‰€αŠ“α‰΅ α‰ αŠƒαˆ‹ α‹¨αŒ‹α‹› αŠ•αŒΉαˆ€αŠ• αˆ°αˆ‹αˆ›α‹Š αˆŒαˆŠα‰΅αŠ• α‰ αŠ αˆ‹αˆ… ፍቃዡ α‹›αˆ¬ αˆαˆ½α‰΅ α‹«αˆ³αˆα‹αˆ‰α’ αˆ°αˆ›α‹•α‰Άα‰»α‰½αˆαŠ• αŠ αˆ‹αˆ… α‹­α‰€α‰ αˆα£ α‰…α‹‹α‰½αˆαŠ•αˆ α‹¨α‰ αˆˆαŒ  αŠƒα‹«αˆ α‹«α‹΅αˆ­αŒˆα‹..!

Alhamdulillaah πŸ₯°πŸ₯Ή
πŸ₯°5
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
ALLAHU AKBER


ALLAHU AKBER


ALLAHU AKBER
❀9πŸ‘5
α‹˜αˆ˜αŠ“α‹ŠαŠα‰΄


α‹¨α‰΅αˆ‹αŠ•α‰΅ α‹¨α‹›αˆ¬
α‹¨αŠαŒˆαˆ ውበቴ
ሁሌም αŠ¨αŠ” αŒ‹αˆ­
αŠα‹ α‹˜αˆ˜αŠ“α‹ŠαŠα‰΄

α‹˜αˆ˜αŠ“α‰΅ α‰’αŠαŒ‰α‹±
α‰ αˆ…α‹­α‹ˆα‰΅ αŠ₯αˆ΅αŠ«αˆˆα‹
αˆ˜αŒ α‰ α‰‚α‹«α‹¬ αŠα‹
αŠ₯αŠ”αˆ αŠ₯α‹ˆα‹°α‹‹αˆˆα‹

α‹°α‰‚α‰ƒαˆ αˆ°α‹α‰³α‰΅
αˆ³αˆαŠ•α‰³α‰΅αˆ α‹ˆαˆ«α‰΅
ሺ αŒŠα‹œαˆ α‰’αˆ¨α‹αˆ™
α‰’α‹«αˆα‰ αŠ αˆ˜α‰³α‰΅

α‹˜αˆ˜αŠ• α‹¨αˆ›α‹­αˆ½αˆ¨α‹
α‹˜αˆ˜αŠ“α‹ŠαŠα‰΄
αˆ‚αŒƒα‰€ αŠα‹ ክα‰₯ሬ
αˆˆαŠ” αˆ›αŠ•αŠα‰΄

α‹›αˆ¬ α‰’α‰ αˆ¨αŠ­α‰΅
α‹˜αˆ˜αŠ“α‹Š ነኝ ባይ
αˆ΅α‰³α‹­αˆ α‰°α‰₯ሎ αˆ΄α‰΅
αŠ¨α‹ˆαŠ•α‹΅ α‰£αˆˆα‹­

α‰ αˆ±αˆͺ α‰ αˆšαŠ’
αˆ΄α‰± αˆ΅αˆ­αŠ α‰΅ α‰’α‹«αŒ£
ቀቡ αˆ˜α‰€αˆ˜αŒ₯ ቡታ
αŒŽα‹³αŠ“ α‰₯α‰΅α‹ˆαŒ£

αˆ΄α‰·αˆ ክα‰₯αˆ―αŠ• α‰₯αŒ₯ል
α‹ˆαŠ•α‹±αˆ αˆ€α‹«αŠ₯ α‰’α‹«αŒ£
αŠ α‹­αŠ“α‹αˆ©αˆ αŒ αα‰Ά
α‰’α‰ α‹›αˆ ፈጣጣ

α‹­αˆ…αŠ• α‰₯αˆˆα‹ αŒ αˆ©α‰΅
α‹˜αˆ˜αŠ“α‹ŠαŠα‰΅
α‹¨αŠα‰΅αŠ“ αˆ˜ααˆˆα‰‚α‹«
αˆ˜αˆ†αŠ‘αŠ• αˆ³α‹«α‹α‰α‰΅

αˆˆαŠ”αˆ› αˆαŠ• αŒŠα‹œαˆ
α‹˜αˆ˜αŠ“α‹ŠαŠα‰΄
αˆˆα‹±αŠ•α‹«αˆ αˆ†αŠ
αˆˆαŠ αŠΊαˆ«α‹ ቀቴ
α‹¨αˆ€α‹«αŠ₯ αˆαˆαŠ­α‰΅
α‹«α‹­αŠ“α‹αˆ­αŠα‰΄

በየ αˆαˆ„α‹΅α‰ α‰΅
α‹°αˆα‰† αˆ˜α‰³α‹«α‹¬
αˆ‚αŒƒα‰€ αŠα‹ ክα‰₯ሬ
αˆˆαŠ” αˆ˜αˆˆα‹«α‹¬

α‹˜αˆ˜αŠ• α‹¨αˆ›α‹­α‰°αŠ«α‹
α‹˜αˆ˜αŠ“α‹ŠαŠα‰΄
αŒ…αˆα‰£α‰₯ αˆ˜αˆˆα‹«α‹¬
αŠ’α‰ƒα‰₯ αŠα‹ ውበቴፒ
❀10πŸ‘4
Siin jaaladha


Siif himeera hunda
Sumaatu natt aanaa
Dhukkubbi keessa koo
Siitu na wallaanaa

Siitu na moo'atee
Na booji'e onnee
Kanaafan jiruu too
Lubbu too siin kenne

Jechoonni kee laafaan
Yeroo naan haasooftu
Ilkaan Kan kee adiin
Yeroo naan kofaltuu

Haalaa amalli kee
Hundinuu naaf ta'e
Kanafan sitti hime
Siin jaaladha ja'e

Niin dhabe jechoota
Naaf ibsu miira koo
Michuu keen siif ta'a
Naaf ta'i michuu koo

Aduu seente baatu
Galgala ganamuu
Hunda si caalchise
Siin jaaladha yoomu


@Nabel_Moha ✍
@Nabel_Moha ✍
❀18πŸ‘7πŸ₯°3
Kana Ergamaan koo


Tolaa nama maraa
Haalli isaa gaarii
Jaalallee koo Nabii
Muhammed naaf bari

Arjaa yeroo kennu
Human hambifanne
Kan firaa fi diinni
Birattin rakkanne

Hiyyeessa gargaaree
Yaadasaa hubatuu
Daa'imaaf yatiima
Ofitti hammatuu

Nama qofaaf miti
Lubbu qabeeyyi hunda
Caalaan ambiyootaa
Dhugumaani yaadaa

Ajab ! Gaarummaasa
Wallaahi guyya tokko
Simbira barristuu
Itti himate rakkoo...

Innis yeruma san
Laateefi furmaata
Ergamaan koo kana
Nabiyyii Rahmataa

@Nabel_Moha ✍
@Nabel_Moha ✍
❀16πŸ‘9🌭1
Garuu maaliif ?


Maaf taa'ee ilaala
Mootummaan biyyatti
Finxaaleeyyi hamoo
Maaf hin dhiheessu seeratti

Hijaaba baastan malee
Barachuun hin ta'u
Dhookfachu qaama ofi
Warra yakka ja'u

Warra barnootarraa
Ilmaan keenya dhorke
Barattoota hijaabaa
Mooraa seenu dhorke

Ijoollee dubaraa
Hulaa itti cufe
Bineensi isin haa nyaatu.
Ja'e galee bira rafe

Seera nuuf dhiyeessi
Mootumma jiraannaan
Tahu baatu garuu
Mirga keenya ofii
Kaanee khabajchiisna

@Nabel_Moha ✍
@Nabel_Moha ✍
πŸ₯°9πŸ‘5πŸ‘4❀1
#RAMADAAN


Shahru Ramadaan
Yaa ji'a soomanaa
Wali qabdu kheeyrii
Badhaasa Mu'uminaa

Yaa ji'a Keessa
Buufame qur'aanni
Yaa baati keessa
Nassarame Mu'uminni

Tan keessa cufamu
Jahannam torbanuu
Tan keessa banamu
Jannanni hundinuu

Baati rahmataati
Hundi wal jaalata
Waliin nyaate dhugee
Yaame wal gorfata

Kan duraan wal oodees
Walitti araaramee
Dallansuu jijjiire
Jaalalaan jaaramee

Salaataaf azaana
Gaarummaaf arjummaa
Namu hamtuu dheeysee
Toltuutti wal yaamaa...

#Kutaan_2ffaan_itti_fuufa

@Nabel_Moha
@Nabel_Moha
❀20πŸ‘11
#Hojii_Gaariin


Hojiin tan tee gariin
Akhiraaf siin taane
Eega qabrii seente
Waa'e kee yoo kaasne

Wal jalaa qabudhaan
Maqaa kee faarsine
Dachii lafaatirra
Gaarumma kee himne

Wal ga'uus maqaan kee
Addunyaa mararra
Seena tee lallabaa
Suuraa siif ijaaraa

Bekkamtii fi oduun
Humaa siifin gootu
Dukkana qabrii san
Bari siin ibsitu

@Nabel_Moha
@Nabel_Moha
πŸ‘9πŸ₯°4❀3😭2
#Afoowna_Lillaah πŸ₯Ή


Assalamu Aleeykum
Obboleeyyan qaalii
Kan fagoof halaalaa
Ollaan firaaf aalii

Miseensa Islaamaa
Warri taatan marti
Xiqqaa guddaan janne
Kan dhiiraa dubartii

Rabbiif wal jaalachuun
Dirqama nu taate
Funyoon Laa Ilaaha Illallah
Walitti nu hiite

Osoo atin beeyneen
zannii sitti bade
Dogongoraan waa'e kee
Hamtuu meeqa yaade

Namoota muraasaaf
Nama heddu keessatti
Bakkaaniin taa'uu fi
Bakkaaniin deemutti

Si dubaa waaye kee
Namatti odeesse
Maqaa kan kee gaarii
Hamadhe hammeesse

Amma ji'a jaalalaa
Baatiin kheeyrii dhufte
Nattiis hin murteessin
Akka kiyya laalte

Yaa obboleeytii tiyya
Yaa obboleessa Islaamaa
Afoownaa Lillaahii
Dhiifama dhiifamaa

@Nabel_Moha ✍
@Nabel_Moha ✍
❀21πŸ‘9
Nabil Walaloo pinned Β«#Afoowna_Lillaah πŸ₯Ή Assalamu Aleeykum Obboleeyyan qaalii Kan fagoof halaalaa Ollaan firaaf aalii Miseensa Islaamaa Warri taatan marti Xiqqaa guddaan janne Kan dhiiraa dubartii Rabbiif wal jaalachuun Dirqama nu taate Funyoon Laa Ilaaha Illallah Walitti nu…»
#QASHTI

Akkaataan kiyya kun
Yooniif siif hin taane
Maaf .....
Karaa si dhiyaatuun
Deemte samiin baane

😏
😁15❀7
#Silkii

Yeroo naaf bilbiltu
Yoon hin kaasne silki
Hojiirra jiraachu koo
Nama koo naaf b
eeki

πŸ₯°
πŸ₯°13πŸ‘7❀3
#Jabaadhu


Yaa lubbu jabaadhu
Hin haftuu akkatti
Atis guyya tokko
Ni baata ballootti

Wal dhabu waa dhabuun
Seera uumamaatii
Gaaf tokko atilleen
Dabareen siif dhuftii

Obsi obsi lubbuu
Rab.! Si haa gargaaru
Rakkoo tee bakkatti
Rahmaan si haa furu

Hangasu hojjadhu
Dhugaa ofitti himii
Karoora kee qabadhu
Kaayyo keetti cimii

@Nabel_Moha ✍
@Nabel_Moha ✍
❀16πŸ‘5❀‍πŸ”₯1
#Hijaa_haajaa

Nattin beekhu Rabbiin
Hammeenya fi Hijaa
Kan na dhiisee deemeef
Takkan qabu haajaa
😏
πŸ‘11πŸ₯°7πŸ‘5❀4
#ILAAHII 🀲

ILAAHIIN yoo kufte
Lafaa ol si qabuu
Siif haa khennu rizqii
Qooda siin dhabuu
❀18πŸ‘2
#Hiree

Bar karaan dhangaggo
Hin qabu diriiraa
Kan waliin jaalate
Rabbiin waliif hiraa

😍
❀11πŸ₯°5πŸ‘2πŸ‘1
Alhamdulillaah


Silaa waa qabachuun
Gammachuun arkamte
Guyyaa takkaafillee
Hin kofallu turte

Garuu...
Gammachu fi gaddis
Lachuu Rabbii harkaa
Arkanne dhabnullee
Bar nuuf akka takkaa

Alhamdulillaah
❀21πŸ‘6
#Hojii

Hin tuffatin hojii
Dhabdu ni jibbamtaa
Gad jattee hojjattu
Ol jattee jiraattaa
πŸ‘11❀1
#Hin_aaru

Kaayyoof yoo baadhatan
Dhagaan hin ulfaatu
Nan aarsu dhabuun koo
Nama naaf hubatu
❀11