Kello Media
8.83K subscribers
213 photos
13 videos
3 files
451 links
**** Official KM Telegram Channel ****
Download Telegram
Waraanni Bilisummaa Oromoo WBO'n humna waraanaa mootummaa kumoota hedduu ta'an barbadeesse.

Tibbana maqaa marii biyyooleessaa jedhuun erga lolli Kaaba Itoophiyaa dhaabbatee as waraanni guddaan Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jira. Humni waraanaa Kaaba Itoophiyaatti humnoota TPLF waraanaa ture guutummaan jedhamuu kan danda'uun naannoo Oromiyaatti bobba'uudhaan WBO loluu irratti akka argamu gabaafama.

Keessumattuu humnoota waraanaa Eertiraa, humnoota waraanaa naannoo Amaaraa kan naannoleen Itoophiyaa biroos keessa jiran, walii galli caasaa waraana mootummaa Itoophiyaa WBO lolaa jiraachuutu himama.

Odeessa Keelloo miidiyaan argateen bobbaa waraanaa gidduu kana adeemsifamaa jiruun WBO'n waraana mootummaa kuma dhibbootaan lakkaa'aman barbadeessuu isaa agarsiisa. Humni WBO daran gabbataa fi jabaataa adeemee kan jiru, humnoota waraanaa isa loluuf dhufan mara reeffa isaanii of duuba deebisuu irratti akka argamu gabaafame.

Lola gidduu kana WBO'n fudhate kan maxxanse miidiyaa Arraati Biyyooleessa Oromiyaa tarkaanfii waraana bilisummaa Oromoo Zoonii giddu galaatti lixa shaggar jechuun agarsiiseen konkolaataa waraana mootummaa dhibbootaan lakkaa'aman barbadaa'uu isaanii agarsiisa.

Waraanni mootummaa konkolaataa Taataa, Oraalii, 3F dhaan torban darbe WBO loluuf bobbaa taasisaa kan ture Lixa Shaggar keessatti akka daareffame mirkaneessa.

Odeessa qabnuun WBO'n Zoonii Kibbaa, Zoonii Lixaa fi Zoonii Giddu galaa keessatti humna waraanaa mootummaa kuma dhibbootaan lakkaa'aman kudha afurii asitti ajjeeseera.

Lolli gurguddaan zooniilee sadan kana keessatti kan adeemsifame ta'uu kan gabaafamu yoo ta'u, Oromiyaa Zoonii bahaa keessattillee lolli torban darbe gaggeeffamuu isaa gabaafama.

Lola bakkoota addaa addaatti gaggeeffamaa jiruun waraanni mootummaa kasaaraa hedduuf saaxilamuu isaa mirkaneeffanne. Bakkoota hedduutti humni waraanaa mootummaa lolaaf deeme baqatee akka of irra deebi'es odeeffannee jirra. Mootummaan Itoophiyaa wayiita ammaa humna Oromoon qabu WBO lafoo waraanuu hin dandeenye, jechuun haleellaa Diroonii eegaluu isaas kan himamu yoo ta'u, sanaan ammoo WBO osoo hin taane uummata nagaa miidhaa akka jiru gabaasni arganne ifa taasisa.

WBO'n lafoota qabatee jiru tasumaa kan hin gadhiisne irrattuu bakkoota hedduu tohannaa isaa jala galchataa akka jiru gabaafamaa jira. Komaandoowwan mootummaa fi miseensota waraanaa gosoota addaa addaas booji'aa akka jiruu fi kaan ammoo WBO tti akka harka kennataa jiran gabaafameera.

Humna afaan qawween uummata nagaa lolu kan dhabamsiisu afaan inni beeku Qawwee dhuma jechuun dargaggoonni Oromoo hedduun wayiita ammaa WBO tti makamaa, humni WBO guyyaa gara guyyaatti leenji'ee bobbaa'aa akka jiruu fi, Oromiyaa golee mara dhuunfataa jiraachuu WBO gabaasni argannu ifa taasisa.
Mootummaan hoteelli Riizortii Soodaree akka cufamu taasise.

Qabeenyummaan isaa kan ilma Oromoo kan ta'e, hoteelli Riizoortii Soodaree hojii akka dhaabu motummaan Itoophiyaa taasusuu isaa gabaafame. Hoteelichi hojii addaan kutuu isaa irraa kan ka'e, namooti hoteelicha keessaa dalaganii jiraataniif abbaan qabeenyaa hoteelichaa miidhaa dinagdeen haleelamuu isaa gabaafame

Hoteela beekamaa Oromiyaa keessa jiran keessaa tokko kan ta'e hoteelli Riizoortii Soodaree Shagar Bahaa Adaamaa keessatti kan argamu yoo ta'u, mootummaan Itoophiyaa itti yaadee irra deddeebiin akka cufutu himama.

Kanaan dura baatii torbaaf cufamee turuun isaa kan beekamu Soodareen, deebi'ee hojii eegalus ammas deebi'ee cufame. Hoteelli qabeenyummaan isaa kan Dinquu Dayyaasaa ture kun, ammas mootummaadhaan deebi'ee irratti akka cufame dhuma torban darbe keessa gabaafame.

Obbo Dinquu Dayyaasaa waan uummata Oromoo cina dhaabbataniif, rakkataa Oromoo waan gargaaraniif akkasuma Oromoo waan ta'an qofaaf irra deddeebiin qabeenyaa isaa miidhuu irratti xiyyeeffatamee akka hojjetamaa jiru himama.

Hoteelli Riisoortii Soodaree namoota 2000 ol ta'aniif ulaa hojii banuu isaa kan himamu, cufamuu isaa irraa ka'uun namooti hoteela kanarraa fayyadaman akka hubaman taasiseera jechuun eerame.
Naannoon Amaaraa Faannoo hidhachiisuuf daran hojiitti akka jiru beeksise.

Tibbana miidiyaaleen Amaaraa akka gabaasaa jiranitti naannoon Amaaraa karoora Faannoo qawwee hidhachiisuu malee hidhannoo hiikkachiisuu hin qabu jechuun dhaadachuun ibsan.

Wayiita Itoophiyaan rakkoo waraanaan daran miidhamtee jirtutti, biyyootiin addunyaa hedduun ammoo akka waraanni Itoophiyaa keessaa dhaabbatu yeroo dhaamsa dabarsaa jiranitti oduun gama naannoo Amaaraa irraa dhagaa'amu dargaggoota naannichaa maqaa Faannoo jedhuun waamaman hidhachiisee bobbaasuuf sagantaa akka qabu akeeke.

Qaamoleen Faannoo jedhamanii ijaaraman, kanneen Qawwee qabachuun bobbaafaman kunneen naannoo Oromiyaa keessattillee bobba'uudhaan saamicha adda addaa akkasumas ajjeechaa daguuggaa sanyii raawwachuu isaaniitu himama.

Mootummaan naannichaa humna yakkamaa ta'e kana hidhannoo daran hidhachiisuu malee hiikkachiisuuf sagantaa akka hin qabne labsee jira. Torban darbe kanas humna haaraa Faannoo leenjisee bobbaasuu isaa miidiyaa hawaasaa irraan haalaan qoodamaa tureera.

Dubbiin Faannoo daran hidhachiisuu kun kan dhagaa'ame, Jimaata darbe walga'ii hogganoota Faannoo fi Mootummaa naannoo Amaaraan qindaa'e irratti yoo ta'u, qondaalonni mootummaa naannichaa bakka walgaa'ii sanaa magaalaa Bahirdaar deemuun qooda irraa akka fudhatan himama.

Waltajji Jimaata darbe Baahidaar keessatti ta'amaa ture kana president naannoo Amaaraa Dr. Yiliqaal Kaaffalee, kantiibaa magaala Bahardaar akka gaggeessan eerama.

Sababaan walitti qabamuu walga'ii kanaa Faannoon akka hiikkatee nagaan biyyattii dhugoomuuf haasaan waan eegaleefi kan jedhan yoo ta'u; bulchitoonni naannichaa dhimma Faannoo irraa qawwee hiikuu kana ciminaan mormuu isaanii fi ibsa walga'ii bal'aa kana irratti kennanis sichi daran Faannoo hidhachiifnee bobbaafna jechuun akka dhaadatan gabaafame.

Naannoo Amaaraatti dargaggoonni Faannoo jedhamanii leenji'an kunneen bakkaa bakkatti socho'uun duula sanyii daguuggaa raawwatu. Addatti Kaaba Oromiyaa Walloo keessatti ilmaan Oromoo hedduu waan Oromoo ta'an qofaaf bara kana ajjeesaniiru.

Kana malees qabeenya saamuu, uummatoota biroo dhabamsiisuu ergama jedhuun kan warraaqaan yoo ta'u, biyyattii keessatti olaantummaan Amaaraa haa jiraatu dhaadannoo jedhu irra darbanii Amaaraan ala sabni kamuu jiraachuu hin qabu kaayyoo jedhuun warra socho'anidha.

Faannoo jechuun waraana ergama saba biraa hunda daguugee, uummata Amaaraa qofa Itoophiyaa keessatti hanbisuu jedhu qabu, kan Itoophiyaan hundi Amaara, lafti Itoophiyaa keessaa marti kan Amaaraati jechuun qabsoo hidhannoo gaggeessudha.
Oduu Gaddaa!

Wellisaan jaallatamaa Oromoo artist Nuhoo Goobanaa du'aan addunyaa kanarraa boqote.

Yeroo dheeraaf dhukkubsataa kan ture artist Nuhoo Goobanaa du'aan addunyaa kanarraa boqochuun isaa galgala kana dhagaa'ame.

Wellisaa jaallatamaan Oromoo roorroof saaminsa Oromoof Oromiyaa irra gahu falmuudhaan, bifa walleen akkasuma waan danda'uun qabsoo saba Oromoo waliin ture Nuhoo Goobanaa dhibeen isa qabateen du'aan boqochuu isaa Keelloon odeeffate.

Nuhoo Goobanaa jireenya isaa keessatti ABO utuu leellisuu, waan danda'uun osoo utubuu hanga gaafa dhukkubni isa gaadituutti walleen osoo faarsuu, erga dhukkubsatee irbaata siree ta'ees akka Oromoon ABO jabeeffatu utuu dhaamuu du'aan boqote.

Wellisaa Oromoo Nuhoo Goobanaa bool'i isaa booki haa guutu jenna. Ilmaan Oromoof maatii isaa maraaf Keelloon jajjabina hawwa.
ብልፅግና ስትገባበጥ...! 👇

Facebook 👇
https://www.facebook.com/kellomedia/videos/1010636262823399/

Youtube 👇
https://youtu.be/fjJFdcDreqM
Forwarded from Abdisa Defar (Abdisa Defar)
የትምክተኞቹ.. የማምታታት ፖለቲካ👇

Facebook 👇
https://www.facebook.com/kellomedia/videos/317589706964410/

YouTube 👇
https://youtu.be/dtXuqeQgGlQ
Forwarded from Abdisa Defar (Abdisa Defar)
የሰዎቹ ቀጣይ የጦርነት እቅድ.. 👇

Facebook 👇
https://www.facebook.com/kellomedia/videos/998847284310065/

Youtube 👇
https://youtu.be/dQ2A040Qb4c
Forwarded from Abdisa Defar (Abdisa Defar)
ፊንፊኔ ላይ ኦሮሞ የመሆን መከራው 👇

Facebook 👇
https://www.facebook.com/kellomedia/videos/753530169370044/

Youtube 👇
https://youtu.be/iDNMoqdWkog