KAKU MEDIA
5.87K subscribers
43 photos
1 video
187 links
Ati yaa Abbaa Kaayyoo
Hin ta'in nama laayyoo

https://youtube.com/@KAKUMEDIA-2016
Download Telegram
Isa jalqaba fi isa kana keessaa karaa isinitti tolen qubee deebii sirrii qabate comment irratti nuuf barreessaa!
Gaffiin kamtu sirriidhan hin firoomne jedha?
A. Hewaan ☞ Addaam
B. Saaraa ☞ Abrahaam
C. Ribqaa ☞ Zakkariyaas
D. Sifooraa ☞ Musee
Forwarded from Nehemiah Promotion
Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu?

💠 Kitaaba Qulqulluu Abbaa 81
💠 Kitaaba Qulqulluu Abbaa 66
💠 Kitaaba Sirna Qiddaasee
💠 Raajii Maariyaam
💠 Kitaaba Hiikoo Andimtaa
💠 Sirna Mana Kiristaanaa
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa

💠 Kitaaba Aksimaaroos
💠 Kitaabolee Kadhannaa
💠 Dubbii Maariyaam
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa
💠 Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa!


👇👇👇
KAKU MEDIA
Kamtu sirriidhan hin firoomne?
Ribqaa - Zakkariyaas kan jedhu sirriin hin firoomne warreen yaaltan galatoomaa!
Forwarded from Nehemiah Promotion
Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu?

💠 Kitaaba Qulqulluu Abbaa 81
💠 Kitaaba Qulqulluu Abbaa 66
💠 Kitaaba Sirna Qiddaasee
💠 Raajii Maariyaam
💠 Kitaaba Hiikoo Andimtaa
💠 Sirna Mana Kiristaanaa
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa
💠 Kitaaba Aksimaaroos
💠 Kitaabolee Kadhannaa
💠 Dubbii Maariyaam
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa

💠 Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa!


👇👇👇
Baga Guyyaa yaadannoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyamii nagaan ittiin sin gahe,nugahe Ameen!
Kadhannaa fi araarsummaan ishee nu warra ishee abdannu irraa hin fagaatanii!🕊
                  👇👇👇
Telegram:- https://t.me/KAKU_MEDIA
Facebook profile:- https://www.facebook.com/finfinnee.oromoof.3
Facebook page:- https://www.facebook.com/KakuMedia2016
Youtube:- https://youtube.com/@KAKUMEDIA-2016
Tiktok:- https://www.tiktok.com/@kakumedia2016
YAA'II AFUURAA GUDDAA AFAAN OROMOON!

Waldaan Duuka Bu'ootaa Wiirtuu shawaa bahaa kutaa lallaba Wangeela Mana Kiristaanaa Kaatederaalaa Tulluu Biiftuu Qulqulleettii Maariyaamii Magaalaa Adaamaa waliin ta'uun "YAA'II AFUURAA GUDDAA" Afaan Oromoon walitti fufiinsan guyyoota sadiif turu (Bitootessa 13-15/2016) kan isin akka gaariitti Sagalee Waaqayyoo  irraa qoodattan qopheessee isin eegaa jira.
Guyyoota jedhaman kanattis Barsiisonni fi Faarfattoonni kennaan Waaqayyoo isaaniif baay'ate isin tajaajiluuf affeeramanii jiru, ati immoo inni/isheen ergaa kana ilaala jirtu dhaamsa kana namoota hunda bira akka gahuuf qoodu hin dagatin!

GALANNI WAAQAYYOOF HAA TA'U!
https://t.me/KAKU_MEDIA
Qulqulleettii (ቅድስት)

#Moggaasa

➥Faarfannaa  qulqulluu Yaareed, Kitaaba isaa Tsooma  Diggowaa  irratti  “Guyyaan kun  qulqulleettiidha” jedhurraa  kan  dhufe  yommuu ta'u  torbee  waa'een qulqullummaa Waaqayyoo,  qulqullummaaf waamamuu namootaa fi jireenya qulqullummaa  itti  lallabamudha.

#Kutaalee Kitaaba Qulqulluu Dubbifaman:

➥Luba dursaa: Mat 6:16-25
➥Luba gargaaraa: HDB 10:17-30
➥Daaqonii dursaa: 1Tas 4:1-13
➥Daaqonii gargaaraa: 1Phex  1:13-xumura

#Faarfannaa Daawwit (Misbaakii) :- (Far 95:5)

“Waaqayyo garuu samiiwwan uume
Amantii fi gaarummaan fuldura isaatii
Qulqullummaa fi surraan kabajaa mana qulqullummaa Isaa keessadha”

#Qiddaasee (Sirna Galatoo): ►Qiddaasee Ephifaaniyoos  

#Barumsa:
►Utubaan (ijoon) barumsa torban 2ffaa kanaa qulqullummaa ta'us yaadicha karaa garaagaraa ibsuuf dhimmoonni kutaalee kitaaba qulqulluu olitti caqasaman  keessatti ibsaman muraasni;

A). Akkamiin Haa Soomnu?

►Gooftaa Iyyesuus, “Yeroo soomtanitti immoo, akka warra of argisiiftuu  hin cologiinaa/hin laafiinaa! Isaan soomuun isaanii namootatti akka mul'atutti, fuula isaanii ni coologsu; dhuguman isinitti hima, isaan gatii isaanii fudhataniiru. Soomuun kee abbaa kee isa wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argutti malee, namoota duratti akka hin mul'anne godhi! Abbaan kee inni wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argu immoo gatii siif in kenna” jedhe. (Maat. 6:16-20)

B). Galmeen keenya eessa jiraachuu qaba?

►Gooftaa Iyyesuus, “lafa irratti iddoo bilii fi daana'oon nyaatutti, hattuunis cabsitee iddoo hattutti, galmee/qabeenya walitti hin qabatinaa!  Garuu  iddoo biliin yookiis daana'oon hin nyaannetti, hattuunis cabsitee iddoo hin hanne samii irratti galmee walitti qabadhaa! Bakka galmeen kee jiru lapheen kees ni jiraata" jedhe. (Maat. 6:19-21)

C). Gooftaawwan lamaaf bitamuun ni danda'amaa?

►Gooftaa Iyyesuus itti fufee, “Eenyu illee gooftaawwan lamaaf hojjechuu (bitamuu) hin danda'u, isa tokko jibbee isa kaan jaallachuu, isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha malee; isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf/maallaqaaf hojjechuu (bitamuu) hin dandeessan" jedhe. (Maat. 6:24)

D). Jireenya Waaqayyoon Gammachiisu

►"Obboloota nana! Kana irraa kan hafe immoo Waaqayyoon gammachiisuudhaaf attamitti jiraachuun akka isin irra jiru barumsa nu irraa argattaniittu; akkuma amma itti jirtan iyyuu caalchiftanii akka itti fuftan maqaa Gooftaa Iyyesuysiin isin in kadhanna; isin in gorsinas.  Waan gochuun isiniif ta'u maqaa Gooftaa Iyyesusiin gorsa akka isiniif kennine in beektu. Eeyyamni Waaqayyoo kunis qulqullaa'uu keessanidha. Waaqayyo halalummaa (ejja) irraa fagaattanii qulqullummaatti jiraachuu isin irraa in fedha. Akka saba warra kaanii warra Waaqayyoon hin beeknetti kajeellaa fedha foonii, hawwii isaattis of hin kenninaa! (1Tas.4:1-5)

E). Jireenya Qulqullummaaf waamamuu

►"Kanaaf mudhii yaada keessanii jabeeffadhaa, warra of qaban ta'aa, abdii keessan guutummaatti ayyaana (kennaa) isa yeroo Iyyesuus Kiristoos mul'atutti isiniif dhufu irra kaa'adhaa!  Akka ijoollee abboomamanii ta'aa malee, kajeellaa foonii isa bara gowwummaa keessanii duukaa hin bu'iinaa! Inni caaffata qulqullaa'aa keessatti,  “Ani qulqulluu waanan ta'eef,  isinis qulqulloota ta'aa!” jedheera. (1Phex. 1:13-16, Lew 19:2).

Torban eebbifamaa nuuf haa ta'u! Ameen🙏

TELEGRAM:- https://t.me/KAKU_MEDIA
FACEBOOK PROFILE:- https://www.facebook.com/finfinnee.oromoof.3
FACEBOOK PAGE:- https://www.facebook.com/KakuMedia2016
YOUTUBE:- https://youtube.com/@KAKUMEDIA-2016
TIKTOK:- https://www.tiktok.com/@kakumedia2016
Forwarded from Nehemiah Promotion
Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu?

💠 Kitaaba Qulqulluu Abbaa 81
💠 Kitaaba Qulqulluu Abbaa 66
💠 Kitaaba Sirna Qiddaasee
💠 Raajii Maariyaam
💠 Kitaaba Hiikoo Andimtaa
💠 Sirna Mana Kiristaanaa
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa
💠 Kitaaba Aksimaaroos
💠 Kitaabolee Kadhannaa
💠 Dubbii Maariyaam
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa

💠 Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa!


👇👇👇
Live stream started
Live stream finished (7 minutes)
Mana Sagadaa (ምኩራብ)

#Moggaasa:
►Faarfannaa qulqulluu Yaareed isa,  “Iyyesuus  guyyaa  sanbataa  gara  mana  sagadaa Yihudootaatti  Seene”   jedhurraa  kan  dhufedha.

#Kutaalee Kitaaba Qulqulluu Dubbifaman:
►Luba dursaa: Yoh 2:12-xumura
► Luba gargaaraa: HDB 10:1-9
►Daaqonii dursaa: Qol 2:16-xumura
►Daaqonii gargaaraa: Yaa'i  2:14-xumuraa

#Faarfannaa Daawwit (Misbaakii) :- ( Faar Daw 68/9:9)
“Hinaaffaan mana kee na nyaate
Arrabsoon si arrabsanis anarra bu'e
Qaama koo soomidhaan nan dadhabsiise”

#Qiddaasee (Sirna Galatoo):-Qiddaasee Gooftaa

#Barumsa:
►Guyyaa kana addatti  waa'ee ta'ii  (event)  mana qulqullummaa Yihuudotaa keessatti ta'e tokkotu lallabama.  Ta'iin kuni dhimmoota dubbii waaqummaa, dubbii fayyinaa, dhimma tajaajila afuurawaa fi afuurummaa Ortodoksawaa of keessaa qaba.

TELEGRAM:- https://t.me/KAKU_MEDIA
FACEBOOK PROFILE:- https://www.facebook.com/finfinnee.oromoof.3
FACEBOOK PAGE:- https://www.facebook.com/KakuMedia2016
YOUTUBE:- https://youtube.com/@KAKUMEDIA-2016
MATADUREE DUBBII

• Aangoo phaaphaasummaa daanga-maleessa
• Seera bataskaanaa durii kan hin kabajamne
• Seera mana kiristaanaa ammaa akka bataskaanaf ta’utti osoo hin taane akka namoota dhuunfaaf ta’utti tumamaa jiru
• Dhaloota ‘baalawulataa’ isaa dagate
• Abboota tajaajila irratti dadhabanii amma gabaa arrabaa irratti afaman
• Oftuulummaa tajaajilitootaa
• Miiraan masakamuu gareewwan tajaajilaa
• Qabsooftota faayidaan moo’atte
• Bulchiinsa bataskaanaa dadhabaa ta’e
• Gubboo fi Gubbanyoota golga mana kiristaanaatti naqaman
• Siyaasa Masqaliin deeggaramu
• Warra qe’ee ofii irratti baqattuu ta’an
• Lallaba Kiristoos dheessu
• Aximaaqota sobaa fi joonjessa, gocha raajota sobduu irraa copy ta’aa jiran
• Gurmuu Farisootaa Daba dhiisuu didan
• Tajaajiltoota shakkitoota miila arraaban
• Abboota iccitii hin qabanne
• Dhaloota alaabaaf du’u
• Dhukkuba ‘Anaan Malee’
• Aggaammii fi Egeree Bataskaanaa Oromiyaatti
• Tuttuqii fi kajeellaa qabeenya ortodoksii
• Duula sabboonummaa dawoo taasifate
• Hooggantoota gorsa didan
• Araara akka moo’atamuutti
• Amanaa dhamni tokkummaa hin galleef
• Furmaata yeroo
• Tarsiimoo yeroo dheeraa
• Kan Waqaayyo jedhe fi jedhu

TELEGRAM:- https://t.me/KAKU_MEDIA
FACEBOOK PROFILE:- https://www.facebook.com/finfinnee.oromoof.3
FACEBOOK PAGE:- https://www.facebook.com/KakuMedia2016
YOUTUBE:- https://youtube.com/@KAKUMEDIA-2016
Forwarded from Nehemiah Promotion
Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu?

💠 Kitaaba Qulqulluu Abbaa 81
💠 Kitaaba Qulqulluu Abbaa 66
💠 Kitaaba Sirna Qiddaasee
💠 Raajii Maariyaam
💠 Kitaaba Hiikoo Andimtaa
💠 Sirna Mana Kiristaanaa
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa
💠 Kitaaba Aksimaaroos
💠 Kitaabolee Kadhannaa
💠 Dubbii Maariyaam
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa

💠 Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa!


👇👇👇
Forwarded from Nehemiah Promotion
Baga nagaadhaan gara Channel Afuurawaa Ortodoksii Tawaahidoo kan Afaan Oromootti dhuftan!

Link kanaa gadi jiru tuquun chaanaalota kana add taasifadhaa! Faaruuwwan, Walaloowwan, Barnoota Amantaa, Koorsiiwwan fi k.k.f ni argattu!

👇👇👇
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!
Baga guyyaa Ayyaana waggaa guyyaa Fannifamuu Gooftaa keenya Fayyisaa Addunyaa Bitootessa 27 isa jalqabaa sanaan isin ga'e, nu ga'e!
"Dhugumatti dhibee keenya fudhate, dhukkubsachuu keenyas baateera, nuti garuu akka waan rukutameetti, akka waan Waaqayyoon miidhameetti , akka waan rakkateettis Isa lakkoofne. Inni garuu waa'ee irra darbuu keenyaaf madaa'e, waa'ee yakka keenyaafis ni bullaa'e; dheekamsi fayyina keenyaas Isarra ture. Madaa'uu Isaatiinis nuti fayyine. Nuti garuu hundi keenya akka hoolota tiksee hinqabneetti joorree (bittinnoofnee) banne. Nu keessaas isaan tokko tokko gara daandii mataasaatti gorani, ; Waaqayyos yakka hunda keenyaa Isarra kaa'e.
Ni dhiphate ni gidirfame, afaan Isaas hin bananne; akka hoolaa qalamuuf oofamuu, akka hoolaa fuuldura warra rifeensa irraa ciranii, akkuma kana afaan hin bananne" (Isa.53:7)
Arjummaa fi gargaarsi Fayyisaa Addunyaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos, araarsummaan haadha Amaanu'eel Dubroo Maariyaamii, waadaan Qulqullootaa nu haa gargaaru.
Waggaa dhufuunis nu haa ga'u.  Gaabbii gallee qulqulluu Foonsaa, kabajamaa Dhiigasaa nyaannee dhugnee miseensa mootummaa Isaa akka taanuuf nu haa gargaaru. Ameen

❖ BITOOTESSAA 27 B.A.2016 ❖
TELEGRAM:- https://t.me/KAKU_MEDIA
FACEBOOK PROFILE:- https://www.facebook.com/finfinnee.oromoof.3
FACEBOOK PAGE:- https://www.facebook.com/KakuMedia2016
YOUTUBE:- https://youtube.com/@KAKUMEDIA-2016