Life Is Short🥹
4.39K subscribers
55 photos
1 video
2 files
371 links
Channalii bareedaa waan hedduu irraa barattan gorsa hadisa seenaa jechoota dinqisiisoo fi kkf
Join hiriyyoota keessaniif Share godhaa
بارك الله فيكم
yaadaaf
@Muzaa6899...irratti nu qunnamaa
Download Telegram
#Wal_Haa_Barruu⚫️🔴⚪️
Kana beektuu laata!.

1. Namichi yeroo jalqabaatiif Kaartaa Oromiyaa sarare #Lewis_Craft jedhama.

2. Baldhinni lafa Oromiyaa iskuweer kilomeetirii kuma dhibba ja'a (600,000 km2) dha.

3. Oromiyaan godina digdamii sadi (23) qabdi.

4. Oromiyaan Aanaa 353 qabdi.

5. Oromiyaan ganda 6600 qabdi.

6. Magaalaa guddittiin Oromiyaa Finfinneedha. bara 1886 hundeeffamte. erga hundeeffamtee waggaa 130 dha.

7. Namni yeroo jalqabaaf Qubee Afaan Oromoo boce #Sheek_Bakkir_Saaphaloo jedhama.

8. Baay'inni qubeewwan Afaan Oromoo dubbifamaan 21 dha.

9. Qubeewwan Afaan Oromoo dubbachiiftuun 5 dha. isaanis; A, E, I, O, fi U dha.

10. Qubeewwan Afaan Oromoo dachaan 6 dha. isaanis; Ch, Dh, Ny, Ts, Ph, fi Sh dha.

11. Qubeewwan Afaan Oromoo keessaa kanneen qophaasaanii dhaabachuun ergaa guutuu dabarsuu danda'an jiru. isaanis, E, U, fi kkf dha.

12. Qubeewwan Afaan Oromoo keessaa ingiliffaafi Oromiffa keessatti kan jijjiirama sagalee hin qabne O dha.

13. Qubeewwan Afaan Oromoo keessaa qubee xiqqaafi guddaan barreeffamuu kan danda'an 15 dha. Isaanis, Aa, Bb, Dd, Ee, Ff, Gg, Hh, Ii, Jj, Ll, Nn, Qq, Rr, Tt, Yy.

14. Qubeewwan Afaan Oromoo qubee guddaa malee qubee xiqqaa kan hin qane 11. dha. isaanis; C, K, M, O, P, S, U, V, W, X, Z.