Jechaaf
525 subscribers
262 photos
1 video
21 links
Jechoota maraa
Download Telegram
πŸ‘2
"Sammuun beekaan beekaa biroo ni dinqisiifata, ni jajjabeessa,
sammuun hiyyoome beekaa jibba.

☞Sammuun beekaan jireenya uuma,
sammuun hiyyeessi jireenyatu natti uumame jedha

☞Sammuun sooressi mooachuuf taphata,
Sammuun hiyyeessi akka hin moo
atamneef taphata

☞Sammuun sooressi balisee yaada,
hiyyeessi ofitti dhiheessee yaada

☞Sammuun sooressi carraalee jiran ilaala,
sammuun hiyyeessi gufuulee(obstacles) jiran ilaala.

☞Sammuun dureessi rakkinnoota jiran irra heddummaatee argama,
sammuun hiyyeessi irra xiqqaatee argama.

☞Sammuun dureessi arjoomutti amana,
sammuun hiyyeessi danda
ee hin kennu jedha.
πŸ‘1
Haala yeroo amma qabatamanπŸ™…πŸ™…πŸ™…
πŸ‘4😁1πŸ€”1
❀2
Ni beekta mitii yeroo ati tasa na jalaa dogoggortee waa balleessitu, waan ani sirraa hin eegne raawwattu yookaan ilaaluuf duukaa buutu, akkan sitti dheekkamu ykn siin lolu. Eeyyen sirritti beekta. Haati ilmoo ishee yeroo isheen waa balleessitu ni loltiin, garuu haati lola dhugaa osoon taane mucaan ishee akka badii hin barreefidha malee jibbaaf miti.

Mucaan ishee lola isheen yoo dallantee boossu, haati mucaa deebitee garaa jaalalaan ofitti qabdee hammattee, dhudhungachaa, tattaphachiisaa aarii shee irraanfachiifti. Anis akkasuma garaa haadha deessuun siif qaba, siin loluun koos si jibbaaf osoon taane waaniin hundaa olitti si jaaladhuufi.

Akkasuma tolchee sababan si beekuuf karaa ani hin jaalanneef sirra hin fakkaanne dhiiftee; bakka sii malu, akkasuma amala gaarii fi kaayyoo harkaa qabduun bakkeewwan namoota gaggaariin oolan akka ooltuuf akka mul'attu waanin fedhuufi.

Atis kana sirritti beekta. Dheekkamsa koo hin mufattu dafeetu siif gala. Waanan si jaaladhuufan si adaba. Dogoggora keetirratti adabbiin an siif laadhu siif daandii milkaa'inaati. Kana atis beekta, suuta suutaan immoo akka qulqulleeffachaa adeemtu nan beeka.

Jetti xalayyaan halkan gaafasii barreeffamte sun
πŸ†2πŸ”₯1
πŸ’”4❀‍πŸ”₯2
πŸ‘3πŸ€”1
❀3
HarmeeπŸ₯°πŸ’”πŸ₯°
❀5πŸ‘1
Yaaluu hin sodaatin! Waan yaadde amma hin yaaletti yaaduma ta'ee sammuuke keessa tura, gaafa murteeffattee sodaake injifattee kaate garuu yaadike dhugoomun isaa hin ooluπŸ€” waan yaadan fiixan akka hin baafne kan nama godhu tokko sodaadha waan goote hin beekne kamuu gochuudhaf miirri sodaa sitti dhaga'amu danda'a,yoo sodaake injifattee Yaadake milkeessuu dandeessa. amma sodaake injifachuu hin dandeenyetti garuu yaada sirrii darbee dhaloota gahu danda'u baattee akka hiyyeessatti teessa sodaake mo'adhu nuffii malee yaali,yoos bakka yaadde ni geessa.πŸ˜‰πŸ‘
πŸ‘1
πŸ”₯2
❀4πŸ‘1πŸ‘1
πŸ‘4πŸ€”1
Bifti ati qabdu, ogummaa, hubannaa, jaalala, kabaja, beekumsa, dhugaa irraa fagoo jira taanaan gatiin kee ammallee xiqqoodha. Bakka ta'etti si gatee akka hin kaanetti si kuffisa. Ilaalchi kees akkasuma. Waan kamiinuu dorgomaa kan si taasisu sammuu keeti. Atiif eenyummaan kee dhugaa waliigaltee qabdu taanaan, humna, bareeda, simboo nama kamuu hawwatu, ofitti harkisu qabda.
πŸ‘3
πŸ‘2❀1
βœ“Jajamuunis ta'e qeeqamuun laman isaayyu sin miidhu.
=>Aduunis ta'e roobni daraaraa guddisuf ni fayyada.