Jaalala♡Qulqulluu💖
12.6K subscribers
219 photos
5 videos
10 links
Jaalalaafii ergaalee jaalalaan wal qabatan gaggabaaboo as jalaa argattu

Yaadaafii gaafii keessan @Yaada_Keessaan_Bot gubbaan dhiheeffachuuf karaan banaadha.
Download Telegram
Forwarded from 🥀Asoosama....!
Jaalala keessatti dorgommii hin seenin. Yoo dandeesse dhuunfadhu, yoo dadhabe sitti haa hafu. Nama tokko harkaa nama tokko fudhatuuf hin xaarin, nama si dhiisee namni biraa si harkaa fudhatees keetitti deeffachuuf hin xaarin.

Yoo dandeesse dhuunfadhu, yoo dhuunfatuu dadhabde garuu nama carraa lammaffaa eeggatu hin tahin. Namni deemu namatti dhuftaa mataa ol qabadhuu booni.

❤️‍🔥,,,,,,,,,,,, @furaa1 ,,,,,,,,,,,,💔
Dubartiin yeroo bilchaatte

"Nama kanaafii kanaatu na jaalate, nama kanaaf kanaan dide, ani isaafii isaan hin malle" jachuun hin dhaadattu.

Yoo gaafiin fuudhaa isiif dhiyaattee nama san qeebaluuf fadhii hin qabaanne illee hiccitii nama sanii dhooysiteeti qabdiif, eenyuttillee o'odeessitee if hin dhaadheessitu.

Bilchinni kanaatii bilchaadhaa. Yoo qeebaluuf qophii taatan qeebalaa, yoo fadha hin qabaanneeffiis didaa, garuu waa'ee isaa hin faffacaasinaa.

:¨·.·¨:
 `·.   @Jaalala_qulqulluu
"Dubartiin takka si jeequu dhiisnaan, Maaf kana goote maaf san goote jattee xiqqoofii guddoof mataa si nyaachuu dhiifnaan jaalalati isiin siif qabdu dhumee jiraa hubadhu" jacha ja'u kanaaf hedduu takka bakka guddaa hin qabaatinaamee dubartoonni keenya.

Wal hubannaa, waliif irra dabruufii wal kabajuu keessa jaalalati jirtu jaala wal cinquufii wal wareersuu keessa jirtu irra tasgabbiifii mi'aa qabdi. Mee takka akka xiyyeeyfannaan keessan sassaabamuuf walitti iyyaa ooluu tana xiqqeessaa. Walitti iyyaa ooluun qofti maaf akka obsituu jaalalaat isini mullate?

🎋Tasgabbii=pure love❤️‍🔥
:¨·.·¨:
 `·.   @Jaalala_qulqulluu
Drop some likes to motivate me for something 😊❤️‍🔥😅
Haati manaa Abbaa manaa irraa wanti isiin feetu guddaan tokko yoo jiraate  yeroodha. Yeroo kannaaf, taphachiisaa, yaada gaarii isii irraa dhageeyfadhaa kana goonaan haalaan booji'uu dandeessan.

🎋❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥
:¨·.·¨: 
 `·.   @Jaalala_qulqulluu
"Namni kun maaf akkatti na kabaja, maaliitu akkanatti bakka akka naaf qabaatu godhe, kabajaan isaa akkami akkana guddo?" Ja'anii hanga kabaja kee ajaaibsiiftan takkatti ilma namaa hunda kabaji. Keessaattu nama hireefii jireenyi walitti isin hidhe.

Kabaja kee kana garuu kopheen irra ejjatanii nama "zero" humaa keessa hin jirre, kan akka fadhanitti miidhaniis humaa takka isaan irraa irrisuu hin dandeenye tokkotti si lakkaawuu yeroo eegalan "Maaluma argatee akkatti jijjiirame, sadarkaa kamiitu akkatti akka nutti boonu isa godhe" ja'anii hanga yaadanitti lubbuu tee isaan irraa fageessi, mataa kee ol qabadhuutii jiraadhu.

Kabajaan waa hundaa oli, odoo jaalala irrallee tahee.

🎋Kabaja waliif qabaadhaa❤️‍🔥
:¨·.·¨: 
 `·.   @Jaalala_qulqulluu
Always we are winners🥰
💥🏆🥇
Jaalala qofaa miti kubbaaniis ni moona 🫣💪

بطل❤️‍🔥
Dhugaa hadhooytuu.

Maallaqni jaalala ni mi'eeysa. Dargaggoonni waan isiniif laafe godhaatii If dandahaa, namni wal jaalate kan wal hubatu lama yoo wal argate wanti jaalala isaanii haalaan mi'eeysu maallaqa. Fadhii teenyaafii ta waliitiis akka guuttannuuf maallaqa horachuuf haa xaarruu. Hiyyummaa faarsaa hin oolinaa.

Hiyyummaan xuriidha😮‍💨
@Jaalala_qulqulluu
Dhuga moo soba?

Ilmi dhiiraa hanga kiisha isaa irratti hundaahee jaalata, yoo hiyyeessa tahe ta nama madaalti ja'u takka laalee jaalata, yoo duroome immoo isii hiyyummaa keessatti jaalate san ta caaltu argachuu fadha.
Anonymous Poll
72%
Dhuga
32%
Soba
Jaalala♡Qulqulluu💖
Dhuga moo soba?

Ilmi dhiiraa hanga kiisha isaa irratti hundaahee jaalata, yoo hiyyeessa tahe ta nama madaalti ja'u takka laalee jaalata, yoo duroome immoo isii hiyyummaa keessatti jaalate san ta caaltu argachuu fadha.
Ba Allah dhiira moo dhaalatu akkatti dhuga jachu jira🤦🤦‍♂😅

Ani baqqaa waa jaalala isin barsiisutti hin jiru. Isin maallaqaan wal madaaltuu?😅😅😜

Just for fun 🙌
Haadha manaa tiyya yoo taate Intala teenya amata 20 irratti heerumsiisuu, ilma keenya immoo umrii isaa amata 30 irratti fuusisuu irratti na waliin waliif ni galtaa? jannaaniin "odoo dachii hin binne farda bakka gulufsiisnu irratti wal hin morminu" naan jatte.

Ani umrii kanatti heerumaa, umrii kanatti fuudhaa isiniin hin janne san isinii beekkata, ani tiyyaa seenumaan isiniif hime😉😅

🎋❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥
:¨·.·¨: 
 `·.   @Jaalala_qulqulluu
Yeroo tokko tokko, namni tokko tokko, iddoo takka takkatti, sababa tokko tokkoof si jaalatan, sababni san Sababa tokko qofa, tokkichi saniis waan isaan nu fayyada ja'anii yaadan qabattee waan jirtuufi. Waanta san sirraa gaafa dhaban si dhiisanii deemu !

💪Jabaa yoo taate deemicha isaanii kana irraa hafta, bakka si dhiisanii deemanitti akka sitti hin deebineef halkaniif guyyaa hojjatta. Dadhabaa namaa yoo taate garuu odoo waan isaan sirratti hojjatan himaa ooltuuti amatuu gad deemta.

          Jabaa tahi. 
🎋❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥
:¨·.·¨: 
 `·.   @Jaalala_qulqulluu
Linkin kun callaa bareedaa Kafala. Guyyaa 7 qofaatu hafee tuqaatii xaq xaq godhaamee

https://t.me/tapswap_mirror_bot?start=r_6909300059 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift
Dhaabbii bareedaa qabda, nama si laale hundattuu akkanumatti tolta, namni si argee si hin jaalanne hin jiruumii?
☆Wanta sirra marse kana zinaa irraa fagaadhuutii tiiyfadhu. Hanga feete waan sirraa jaalatan qabaattuus guyyaa zinaa daleeyde irraahi rakishaa, mataa keetii wajjiin gammachuu dhabaa dhufta.

Yoo hojiin kun(zinaan) sirraa argamee jiraate kufiitii Rabbiin akka siif dhiisu kadhadhu, yoo garuu hanga ammaatti tiiyfamtuu taate hadaraa hadaraa ifuma teetiif ja'iitii akka boqonnaan amma qabdu kun sirraa hin deemne tiiyfadhu.

Juma'aa gaarii
🎋❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥
:¨·.·¨: 
 `·.   @Jaalala_qulqulluu
Qaama keetirraa iddoon barbaachisaa hin taane hin jirtu, hundinuu qaaliidha, keessattuu immoo sammuun tee kana cufaaf matoora. Yoo sammuun tee fayyaa qabaatte ifittiis, namaa waliin jiraachuttiis gammadaa taata.

☆Sammuu kee kunuunsi, namni ati ilaa fiinxatti jaalattee itti if gattee isa abdattu tarii guyyaa tokko si dhiisuu(si ganuu) mala sammuun tee lama hin argamtu, takka sammuu tee dhabnaan wayyaahuu malta malee 100 irraa 100tti hin fayyitu, namni immoo lama qofaa mitii sadaffaahuu argamuu dandaha. Isaan haa deemaniitii dantaa dhabii irraa hafi, abadan eenyuufuu jattee sammuu tee if hin jijjiirin.


Jaaladhuu amanamiif, nama si ganee deeme immoo irraa hafuu dandahi. Ilma keessan ka harargeeti kan siif dhaamu jiru kun waan atii fayyaa sammuu qabu si arguu jaalatuuf.

🎋❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥
:¨·.·¨: 
 `·.   @Jaalala_qulqulluu
Reaction keessan irra dhaabbanneeti message keenya maxxansina. Isin nu hordofaa hin jirtan Yoo tahe maxxansuuf we haven't hamilee, so akka message keenya again and again isiniif maxxanfamuuf react godhaa. Tab tab argu ba telegramaachuu😅

Englishiffaa😇😅
Abbaan welluu kanaa eenyu sa?

❤️‍🔥Beekaa na miitii isheenoo moo'amuu kiyyaa hubattee
akka hin dhageenne garaan koo hin beekti kanaaf roorrifte,
Na gaabba moo ishi gaabba wanti hundi silaa ni darbaa
Garaa naaf kenne ishiif kenne waanuma yaanni si gootu otumaan laalee maal qaba ah ah ah ahaa
Maal rakkattee hin qoosti hoo
Jaalatamtuus hin boonti hoo
Maal rakkattee hin qoosti hoo
Jaalatamtuus hin boontiiii

@Jaalala_qulqulluu
Jaalala keessatti gammachuu yoo dhabde, kadhattee, waywaattee gammachuun ati argattuufii fidattu hin jiru. Make it pause bro😒

Jiraattuus deemtuu nama si hin barbanne, ka si hin iyyafanne tokkoon "maaf na hin barbaanne, maaf na hin iyyaafanne" jatteenii jacha kee kana booda si barbaaduu, si iyyaafachuu yoo eegale kuni zigaali malee jaalalaa miti.

Na jaaladhu, na barbaadi, na iyyafdhu jachuuun hin barbaachisu jidduu nama lamaatti jaalala dhugaatu jira yoo tahe. Miirri jaalalaa ifiif Raawwata malee if goggodhuufii fafakkeessuunii miti.
🎋❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥❤️‍🔥
:¨·.·¨: 
 `·.   @Jaalala_qulqulluu
Akka Rabbii hin beekhanii tab tab godhaa link gadii kanaan seenaatii https://t.me/tapswap_mirror_2_bot?start=r_6880738617 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift
:¨·.·¨: 
 `·.   @Jaalala_qulqulluu ❤️
Walaloo 🫶🏼
:¨·.·¨: 
 `·.   @Jaalala_qulqulluu ❤️