InterLink Alpha
1.55K subscribers
329 photos
29 videos
7 files
310 links
βž₯Your Face. Your Identity. Your World. Stay

πŸ‘‰You Get All In Once

$ITL, $ITLG Holder

Telegram Group

https://t.me/dare_Interlinklabs

Twitter Page

https://x.com/dare_tube

CEO: @daretube
Download Telegram
Qormaata Saffisaan Yaadachuuf Tuqaalee Barbaachisoo jaha:

Qormaata saffisaan yaadachuuf tuqaalee ja’a odeeffannoo garee xixiqqootti qooduu dabalatee, Mnemonics akka acronyms yookiin memory palaces fayyadamuun daataa walxaxaa yaadachuu

Website keenya kana seenuun barnoota baayee argachuu dandeessu! Subscribe gochuun odeeffannoo haaraa guyyaa guyyaan argachuu dandeessu!πŸ‘‡πŸ‘‡

https://gaggeessummaa.com/qormaata-saffisaan-yaadachuuf-tuqaalee-barbaachisoo-jaha/
πŸ₯°7❀2😍2
Hojiin Tajaajila Lammummaa Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuu Keessatti Gahee Olaanaa Qaba Jedhame.

BBO - Hagayya 20/2017 Hojiin Kenniinsa Tajaajila Lammummaa Sagantaa Gannaa 2017 Misooma Barnootaa irratti taasifamaa jiru hirmaannaa qaama hawaasaa hunda hammateen gaggeeffamaa jira.

Hojiiwwan Misooma Barnootaa irratti Ganna kana hojjatama jiran bara barnootaa 2018f akka dhaqqabutti kutannoon kan hojjatamaa jiru ta'uun hubatameera.
Hirmaannaa hawaasa keenyaafi qindoomina Gumii Tiraansifoormeeshinii Barnootaa(GTB) tiin bu'aan qabatamaan lafarratti mul'ataa jira.

Saffisaa fi qulqullinaan raawwachuu irratti garaagarummaan aanaa irraa aanaatti, magaalaa irraa magaalatti kan mul'atu ta'ullee, akka waliigalaatti, rakkoo barnootaa keessa jiru furuu irratti abdii guddaa kan namatti horuudha.
Haaluma kanaan, hojiiwwan misooma barnootaa Ganna kana raawwachuuf karoofaman keessaa kan jalqaabamaniifi kan raawwataman hanga 16/12/2017tti kan beekame yoo ta'u, kan xumuraman ibsuun ni danda'ama.
Hanga Jimaata darbeetti
#1_MB Bu'uura Boruu (BB),116 xumuramee tajaajilaaf kan qophaa'e yoo ta'u,
MB BB dareen dabalataa 148 fi
MB BB Moodeleessuun 29 xumuramaniiru.
#2_MB Sad. 1ffaa
- 20 ijaarsi xumurame,
- 1089 dareen dabalataa yoo ijaaramu,
- MB,Sad. 1ffaa 24 moodeleeffameera.
#3_Paarkiin Dijitaalaa 8 xumuramuun tajaajilaaf qophaa'eera.
#4_Ijaarsi Mana Jireenya Barsiisota Baadiyaatti barsiisaniif manni 1310 xumuramuun barsiisotaaf kennamaniiru.
#5_Sagantaa_tutooriyaalii Gannaatiin barattootni kutaa 6ffaa, 8ffaa, 10ffaa, 11ffaafi 12ffaa, baay'inni isaanii 954 466
barachaa kan jiran yoo ta'u,
#6_Ga'eessotni 594 627 barnoota bu'uuraa hojii tajaajila lammummaa Ganna bara 2017 kennamaa jiruun barnoota argachaa jiraachuun beekameera.

#Haala_sosochii_Godinaaleen taasisaa jiraniin yoo ilaalamu,
#Ijaarsa_MB_Bu'uura Boruu
- Qellem Wallaggaa, MB Bu'uura Boruu 27 jiaaree kan xumure yoo ta'u,
- Gujiin, 18fi
-Arsii Lixaa immoo, 17 ijaarsa xumuruun tajaajilaaf bananiiru.

#Ijaarsa_MB_Sad_1ffaa,
- Gujii Lixaa MB Sad. 1ffaa 5
- Qeellem Wallaggaa 4
- Arsii Lixaa 4 ijaarsa xumuruun tajaajilaaf banaa godhaniiru.

#Ijaarsa_Paarkii_Dijitaalaa.
- Arsii Lixaa 2
- Baalee Bahaa 2 xumuruun tajaajilaaf qopheessaniiru.

#Ijaarsa_Mana_Jireenyaa Barsiisotaa:
- Godinni Jimmaa MJB 220,
- Qellem Wallagga Mana 156 ijaaree xumuruun barsiisotaaf dabarseera.

Walumaagalatti, Hojiin Tajaajila Lammummaa misooma barnootaa irratti kennamaa jiru kun rakkoo qulqullina barnootaa irratti qunname keessaa bahuuf gahee olaanaa kan taphatu ta'uu hayyootni barnootaa ragaa kan bahan yoo ta'u, hirmaannaan hawaasa keenyaas kanuma hubachuun gahee isaa bahachaa jira. Dabtaraafi qalama walitti qabuun, kitaaba wabii ta'an gumaachuufi kkf irratti hirmaachuun tajaajilli lammummaa hawaasa keenyaaf bu'aa qabatamaa agarsiisaa jira.

Kanaafuu, Barnootni dhaloota egereef dhaalchifnu hojii har'a raawwachaa jirruun waan ta'eef hundi keenya xiyyeeffannaan akka hojjannu dhaamsa keenya ta'a.

#Hubachiisa:- Ragaan asii olitti ibsaman kunniin #hanga_Hagayya_16/2017 kan gabaasame ta'uu hubatamuu qabs.

βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❀9😍4😘2πŸ‘Œ1
Sagantaan Barnootaa Al Idilee Fooyya'insa Jireenya Hawaasa Keenyaaf Murteessaa Ta'uun Himame
---------
BBO- 22/12/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Sagantaa Barnootaa Idileefi Al Idileen carraa barnootaa waliin gahuun hawaasa barreessuu, dubbisuufi herrega shallaguu danda'uifi jireenya isaanii keessatti kunuunsa maatii karaa saayinsaawaa ta'een hogganuufi jireenya fooyya'aa jirachuu ga'eessotaa keessatti iddoo guddaa qaba.

Haaluma kana bu'uureeffachuun Biiroon Barnootaa Oromiyaa haala mijeessitoota Barnoota Al Idilee, keessattu, kanneen barnoota Ga'eessotaatin adda duree ta'an bulchiinsa magaalaa 10 fi Godinaalee 19 irraa ogeessota 160 ta'an waamuun Magaalaa Adaamaatti leenjii fooyya'insa dandeetti hogganummaa kennuu eegaleera.

Leenjicha haasawaan kan banan Hog. I/A BBO Dr. Bultoosaa Hirkoo yoo ta'an, haasawa isaanii keessatti barmoota biyya keenyaa jalqabarraa kufee ture kan sirreessuu danda'u sirna barnootaa amma qophaa'efi barsiisota qofa waan taataniif lammii keessan gahumsaa itti horuufi dorgomaa taasisuuf carraan harka keessan jira jechuun barsiisotni sadarkaan jiran hundi kutannoo irratti hojjachuu qabna jedhaniiru.
Kanaafuu, haala mijeessitootni har'a leeni'aa jirtan hundi ummata keessan wallaala keessaa baasuuf cimee hojjachuu qaba jechuun, leenjiin ifaan ifatti banamuu ibsaniiru.

Itti aansuun haasawa kan taasisan BBOtti, Daayirektara Daayirektoreetii Barnoota Al Idilee obbo Tashoomaa Abbabaa yoo ta'an, haasawa isaanii keessatti mootummaan naannoo Oromiyaaf Biiroon Barnootaa Oromiyaa xiyyeeffannoo barnoota Al Idileef kennerraa kan ka'e Mindaa haala mijeessitootaa dabaluufi haala mijeessitoota yero yerootti leenjisuun dandeettii akka cimsatan gochuurratti baasii hedduu ta'e kan baasuuf jijjiirama hawaasa keenyaa, keessattuu jijjiirama Barnoota Ga'eessotaa qabatamaan lafarratti arguuf waan ta'eef leenjitootni hundi itti gaafatamummaa isinitti kenname qixa sirriin akka baatan jechuun kan dhaamsa dabarsan obbo Tashoomaa Abbabaati.

Walumaagalatti, BBO'n hawaasa dubbisuu, barreessuufi herrega shallaguu danda'u ummachuun foyya'insa hawaasummaatiif hojjataa kan jiru waan ta'eef sagantaa barnootaa Al Idilee hundarratti wal qixa hiriiruu qabna kan jedhu dhaamsa qabna.

βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
πŸ‘7πŸ₯°2😍2
#NGAT
#MoE

Qormaatni seensa digirii lammaffaa biyyaalessaa (NGAT) yeroo dhiyoo keessatti kan kennamu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Qormaata NGAT kennuuf lakkoofsi eenyummaa biyyaalessaa (National ID Number) dirqama ta’uu Ministeerichi ibseera.

Namoonni fedhii qaban hundinuu, yeroon galmee yeroo gabaabaa keessatti akka beekkamus ibseera. kana dura qophii barbaachisaa taasisaa akka turan dhaabbatichi yaadachiiseera.

βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❀7😍2😘2
Notice:

βœ“ Yoo balali'uu hin dandeenye; fiigi;
βœ“ Yoo fiiguu hin dandeenye; adeemi;
βœ“ Yoo adeemuu hin dandeenye; sussuki!
βœ“ Garuu, gara fuulduraatti tarkaanfachuu itti fufuu qabda!"

Martin Luther King πŸ‘‘
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❀13πŸ‘3πŸ₯°2
#Galmee_Barattootaa_Ilaalchisee Dr. Tolaa Bariisoo Ergaa Dabarsan
---------------
BBO- Hagayya 27/2017 Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo πŸ’  #galmee_barattoota_bara_2018 guyyaa kaleessaa jalqabame ilaalchisuun qooda fudhattoota barnootaa hundaaf ergaa dabarsaniiru.

Biyya diinagdee, siyaasaafi hawaasummaan dagaagde horachuuf bu'uurri barnoota yoo ta'u, barnootni  immoo dhaloota Saayinsiifi Teeknooloojiin gahoome qaree baasuu keessatti dorgomaa hin qabu kan jedhan Dr. Tolaan, barattoota gahumsa qaban horachuuf qulqullinni barnootaa murteessaa ta'uu ibsuun, qulqullina barnootaa mirkaneessuu kan dandeessisu keessaa tokko  wayitiin barnootaa otuu hin qisaasofne waggaa guutuu akkaataa kalaandarii barnootaa waggaatti fayyadamuu gaafata jedhaniiru.
Kanaafuu, wayitiin barnootaa bara 2018 akka hin qisaasofne gochuuf barattootni keenya hanga Qaammee 5/2017tti (haala kalaandarii barnootaan) galmee xumuruu akka qaban, akkasumas Fulbaana 05/2018 meeshaalee barnootaa(dabtara, qalamaafi kkf) qabatanii dareetti akka argaman ergaa dabarsaniiru.

Karaa biraatin, adeemsa galmee ilaalchisee, daa'imman umriin barnootaaf gahe hunduu (MB Bu'uura Boruu irraa hanga kutaa 12 ffaa jiran) guyyoota galmeef taa'an (Hagayya 26 - Qaammee 5/2017 guyyaa Sanbata dabalatee akka galmaa'an dhaamsa kan dabarsan yoo ta'u, qooda fudhattootni barnootaa(barataa, barsiisaa, maatii barataa, GTB, Caasaan Mootummaa Sadarkaan jiru, Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee, Hoggantootni Amantaafi qaamni hawaasaa hundi) daa'imman umriin isaanii barnootaf gahe hundi mana barnootaa ala akka hin taane deeggarsa(galmeessiftan) jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Dhumarratti, Dr. Tolaan ergaa dabarsaniin . #Hoggansi_barnootaa_sadarkaan_jiru (BBO irraa eegalee, hoggansi Waajjira Barnootaa Godinaalee, Bul. Magaalotaa, Aanoleefi GTB sadarkaan jiran) hawaasa keessa galuun hanga guyyaan galmee xumuramutti  barattoota gara MB akka  ergan hojii hawaasa kakaasuufi manneen barnootaatti argamuun hojii supparviizyinii akka taasiftan jechuun dhaamaniiru.

Walumaagalatti, Ergaan Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dabarsan:-:
#Wayitiin Barnootaa Akka Hinqisaasofne;
#Daa'imman Umriin Isaanii Barnootaaf Gahe MB Alatti Akka HinHafne hanga Qaammee 5/2017ttii Qofa Galmeessisuu
#Fulbaana 05/2017  Adeemsi Baruu Barsiiisuu Kan Eegalu ( Barsiisaafi Barataan Dareetti Wal Argu) ta'a!

Tolaa Bariisoo Gadaa πŸ’ 
❀9πŸ₯°2😘2
ODUU:
Carraan Barattoonni digrii isaanii qofan biyya alaatti hojii argachuu itti danda'an akka uumame himame.

Barattoonni digrii isaani qofa fayadamuun madaallii tokko malee hojii biyya alaatti akka argachuu danada'an Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee hayyamuuf beekamtii argachuu beeksise.

Beekamtii kana ilaalchisee ibsa gaazexeessitootaaf kan kennan Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Doktar Darajjee Ingidaa, Yuunivarsiitichi damee Saayinsii gosoota hojiirra oolan, kanneen akka Baayooteknooloojii, Sirna Nyaataa, Industirii Keemikaalaa fi Ji’ooloojiin beekamtii idil-addunyaa argateera jedhan.

Itti dabaluunis beekkamtiin yuunivarsitichi argate kun barattoonni sagantaalee adda addaa irraa eebbifaman madaallii biroo tokko malee hojii biyya alaa akka argatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Pireezidaantichi kanaan dura barattoonni digrii isaaniitiin biyya alaatti hojii argachuu akka hin dandeenye ibsanii, biyya alaatti qacaramuuf qormaata fudhachuun dirqama ture jedhan. Amma garuu beekamtii amma kennameefiin kallattiin digrii isaaniitiin qacaramuu akka danda'an kan taasisu ta'uu ibsaniiru.

Akkasumas, barattoota biyya alaatiif sagantaalee barnootaa sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qaban dhiyeessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru kaasaniiruu, qo’annoon barattoota biyya alaa galii dabalataa yunivarsiitichaaf kan argamsiisu ta’uu ibsaniiru.

Beekkamtiin kun warra bara barnootaa 2023 irraa eebbifamanis kan haammatu yoo ta’u, sagantaaleen barnoota injinariingii sagal Adoolessa dhufu beekamtii idil-addunyaa ni argatus jedhaniiru.
❀11😘3πŸ‘2😍2
Guyyaa 30/12/2017
#Yaadachiisa.

#Galmee_guyyoota_4_qofatu_hafe!
Daa'imman Umriin Isaanii Barnootaaf Gahe ( Waggaa 4fi ol) Hundi Gara Mana Barnootaa Haadhufan!
Haagalmaa'an! Haabaratan!
Daa'imni tokkollee mana barnootaa ala akka hin taane tumsa Haataasifnu!

πŸ”” Barnootni_Lammii_Hundaaf

       πŸ’™Oromia Education Bureau πŸ’ 
       πŸ’™Tolaa Bariisoo Gadaa πŸ’ 

| |πŸ“±Facebook | |πŸ“± WhatsApp | |πŸ“±YouTube | |
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❀11😍2πŸ‘1πŸ₯°1
Jijjiirraan Barsiisotaa Ifoome.
-----------
BBO- Qaammee 2/2017 Jijjiirraan Barsiisotaa Mosaajii TMIS fayyadamuun 'online' iyyannoo jijjiirraa galfatan har'a gadlakkifamee jira.
Kanaafuu, Barsiisotni iyyannoo guuttan hunduu '#User_name' keessanitti fayyadamuun ''#passward' galchuun bu'aa dorgommii keessanii ilaalladhaa!

#Hub: Bal'ina odeeffannoo kanaa booda dhiheessina.
Nu hordofaa
πŸ‘6❀3πŸ₯°1😍1😘1
Qabxiin qormaata kutaa 12ffaa guyyaa muraasa booda ifa akka taasifamu ibsame. Kunis, Phaagumee kana keessa qabxiin barattootaa gadhiifamuun qabxiin darbiinsaas ifa ni ta'a. Barattoonni qabxii darbiinsaa argatan Yuunivarsiitii itti ramadaman baruun fuulbaana gara jalqabaa akka Yuunivarsiitii seenuu qaban ibsamee jira. Kana hubachuun barattoonni kutaa 12ffaa bara kana xumurtan qophii barbaachisaa akka gootan isiniin jenna.

Odeeffannoowwan waqtawaa ariitiin argachuuf nu hordofaaπŸ™
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
πŸ₯°11❀6😍3😘1
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Barnootaa, Barnootaa Ammas Barnootaa, . . . !
πŸ‘5😍2😘2
Forwarded from Debela Tesgara
πŸ₯°7😘2πŸ‘1
❗️Manneen barnootaa hundi wixxata irraa eegalee barsiisuu eegalu.

Hojiin baruu fi barsiisuu bara kanaa naannolee fi bulchiinsa magaalaa hunda keessatti Fulbanaa 5, 2018 irraa eegalee ni eegala.

Ministeerri Barnootaa bara barnootaa 2018 qophiin adda addaa, meeshaalee baruu fi barsiisuu sadarkaa hundatti dhiyeessuu dabalatee hojjiwan baruu fi barsiisuf barbachisan xumuramu ebsattin jiraa.

BirooBarnotaaOromiya

βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
πŸ‘8❀2πŸ₯°2😘2😍1
#kutaa_12ffaa

Barattoonni saayinsii uumamaa 11.4% bara kana darbaniiru saayinsiin hawaasaa kan darban 5.3% , Akka biyyaatti 8.4% 50% ol fiduun darbaniiru.

Wail gala barattoonni 48,929 darbaniiru.
πŸ₯°6❀2πŸ‘1😘1
#Kutaa_12ffaa

Naannoon Oromiyaa bara kana fooyyaa'insa guddaa agarsiise jira jedhan ministeerri barnootaa Prof Birhaanuu Naggaa.

Naannoon Oromiyaa barattoota 14600 ol dabarsuun kan bara darbee 4000 oliin akka caaluus ibse.
❀6😍2πŸ₯°1😘1
#kutaa_12ffaa

Qabxii olaanaan bara kanaa

saayinsii uumamaa

591/600 Dodolaa Ifa Boruu irraa

579/600 finfinnee Bisraata Gabriel
❀8πŸ₯°3😍2
#kutaa_12ffaa

Qabxii olaanaan bara kanaa

saayinsii uumamaa

Dhiira 591/600 Dodolaa Ifa Boruu irraa

Dubara 579/600 finfinnee Bisraata Gabriel

Saayinsii Hawaasaa

Dhiiraa 562 Ambo Bording irraa
Shamara 548 Seent Jooseef irraa
πŸ‘8❀1πŸ₯°1
#kutaa_12ffaa

Bara kana manni barnootaa 1,249 barataa tokkollee dabarsuu hin dandeenye.
❀9😍3😘2
Ministeera barnootaa

Ministeerri Barnootaa akka beeksiseetti, barattoonni bara 2017 A.L.I. Caamsaa keessa Qormaata Kutaa 12ffaa fudhatan keeysaa 48,929 yookaan 16.6% bu’aa darbiinsaa argachuu isaanii ibseera.

Dhiira: 30,451 (9.9%)
Dubartii: 18,478 (6.7%)
πŸ‘9😍3πŸ‘2
Amboo fi Dodolaan bara kana injifannoon goolaban.

Qormaata kutaa 12ffaa bara kanaa qabxii olaanaa galmeessuun Dodolaafi Amboo Oromiyaa waamsisaniiru.

Bifuma kanaanis:

Mana barnootaa Ifa Boruu Dodolaa Dhiiraan qabxii 591 saayinsii Uumamaan tokkoffaa.

Mana Barbootaa Boordiingii Amboo Dhiiraan 562 Saayinsii uumamaan galmaa’eera.

βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
πŸ‘8❀4πŸ₯°3
Qormaati yoom gadhiifama?

Qormaati kan gadhiifamu guyya boru guyyaa haga sa’aa 6:00 tti ta’uu ministeerri barnootaa beeksiseera.

βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
πŸ‘9❀4😘2