InterLink Alpha
1.55K subscribers
329 photos
29 videos
7 files
310 links
โžฅYour Face. Your Identity. Your World. Stay

๐Ÿ‘‰You Get All In Once

$ITL, $ITLG Holder

Telegram Group

https://t.me/dare_Interlinklabs

Twitter Page

https://x.com/dare_tube

CEO: @daretube
Download Telegram
Waa'ee Albert Einstein Dhugaawwan Dinqisiisoo 7 (torba) Beektuu?

Saayintistoota Beekamoo Badhaasa Noobeelii Injifatan Albert Einstein fa'a irraa maal baranna? Saayintistoota jaarraa 20ffaa keessa dhiibbaa guddaa geessisan keessaa tokko kan taโ€™e Albert Einstein ogeessa fiiziksii tiโ€™oorii relativiitii jedhu kan qopheesse ture.

Guutummaa isaa website keenya kana irraa dubbisaa!
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

https://gaggeessummaa.com/albert-einstein-eenyu-ture/
๐Ÿฅฐ5๐Ÿ‘2โค1
Bara barnootaa itti aanutti dhaabbilee barnootaa diijitaalessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetama- Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan bara barnootaa itti aanutti dhaabbilee barnootaafi sirna barnootaa diijitaalessuuf xiyyeeffannoo addaan ni hojjetama jedhan.

Waltajjiin marii biyyaalessaa misooma barnootaa mata duree โ€œ Barnoota Qulqullina Qabuufi Haqa Qabeessa Lammii Hundaafโ€ jedhuun magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.

Piroofeesar Birhaanuu Naggaan wayita kana akka jedhanitti, hojimaata dhaabbilee barnootaa sadarkaan jiranii hunda diijitaalessuuf sochiin eegalameera.

Tattaaffiiwwan barnoota qulqullina qabu guutuu biyyattiitti waliin gahuuf taasifaman cimanii itti fufuus ibsaniiru.

Sagantaan nyaata barattootaa hanga barattoota guddattootaa gara mana barnootaa dhufanii fooyyessaa akka jiru kaasanii, cimee itti fufuu akka qabus hubachiisan.

Manneen barnootaa 700 qormaata biyyaalessaa irratti barattoota dabarsuun raawwii gadi aanaa galmeessisan adda baasuun deeggarsi addaa akka taasifamuuf ibsaniiru.

Bara barnootaa 2018โ€™f kitaabileen haaraan miiliyoonni 26 maxxansarra jiraachuu kaasaniiru.

Hojiin fayyadamummaa barsiisotaa mirkaneessuufi dandeettii isaanii guddisuus dhimma xiyyeeffannoon hojjetamu taโ€™uu kaasanii, bara itti aanutti barsiisonni haaraan kuma 100 hanga kuma 100 fi kuma 50 taโ€™an madaallii gahumsaa fudhacuun gara hojiitti ni bobbaafamu jedhan.

โŒ›๏ธ @oromiastudentcenter
โŒ›๏ธ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
โค7๐Ÿ˜2๐Ÿฅฐ1
"Galmeen Barattootaa Haggayya 26-Qaam'ee 5tti gaggeeffama":- BBO

Naannoo Oromiyaatti galmeen bara barnootaa 2018 Hagayya 26 hanga Qaammee 5, 2017 akka gaggeeffamu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiseera.

Bara barnootaa kanatti barattoota miiliyoona 13 ol simachuun barsiisuuf karoorfamuu ibsameera

Akka naannoo Oromiyaattis dandeettii dubbisuu fi barreessuu barattootaa guddisuuf barsiisoota kutaa 3-5 barsiisan kuma 54 oliif leenjiin marsaa marsaan kennamaa jiraachu himameera.

Hagayya 23, 2017 irraa eegalee barsiisoonni hundi manneen barnootaatti ni argamu jedhameera.

Barnoonni akka Naannoo Oromiyaatti Fulbaana 5, 2018 ni eeegala.

โŒ›๏ธ @oromiastudentcenter
โŒ›๏ธ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
๐Ÿฅฐ5๐Ÿ˜˜3โค2
Yaa'iin 41ffaan Waldaa Madaallii Barnootaa Afrikaa Magaalaa Finfinneetti Eegalame.

BBO- Hagayya 19/2017 Yaa'iin Qulqullinaafi Ammayyummaa Sirna Madaallii Barnootaa Fooyyessu Irratti Mari'atu Mata Duree " Madaallii Barnootaa Ceesisuun/Fooyyessuun Barnoota Qulqullina Qabuufi Murtee Ragaarratti Hundaa'e" jedhuun yaa'ii 41ffaa Waldaa Madaallii Barnootaa Afrikaa Magaalaa Finfinneetti jalqabamee jira.
Yaa'ichis biyyoota miseensa waldichaa ta'an jiddutti sirnaa madaallii barnootaa cimaafi amanamaa ta'e ijaaruu ta'uun beekameera.
Yaa'in kun guyyoota 5f kan gaggeeffamu yoo ta'u, Sirna Madaalliifi Qormaata haqaafi gahumsa qabu diriirsuun hirmaannaa sadarkaa idil Adduunyaatti ol guddisuu, barnootaafi sirna madaallii qorannoon deeggarame ijaaruu, waliin hojjachuufi wal deeggarsa itti fufiinsa qabu taasisuu irratti xiyyeeffatamee kan mari'atamu ta'uunis beekameera.

Yaa'icharratti haasaa kan taasisan MMBI Prof. Birhaanuu Naggaa
"Biyya keenya keessatti jijjiirama Sirna Madaallii barnootaa dhufeen qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphatee jira" jedhaniiru. Qulqullina barnootaa eegsisuuf sirna madaallii irratti hojjatamuun barbaachisaadha kan jedhan Prof Birhaanuun, murtee ragaarratti hundaa'e dabarsuuf sirna madaallii qulqulluu ta'e diriirsuun barbaachisaadha. jedhaniiru.

Daayirektarri Olaanaan TaJaajila Madaallii Barnootaafi Qormaatawwanii Dr. Isheetuu Kabbadaa haasaa taasisaniin Madaalliin Barnootaa damee barnootaa waliigalaa/hundaarratti bu'a qabeessa waan ta'eef itti fayyadamuun barbaachisaadha jedhaniiru.

โŒ›๏ธ @oromiastudentcenter
โŒ›๏ธ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
โค9๐Ÿฅฐ2๐Ÿ˜˜2
Dameelee garaagaraan hojiileen egeree Afrikaa murteessuu dandaโ€™an raawwachuun  barbaachiisaadha- Pirofeesar Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Hagayya 19, 2017 (FMC) โ€“ Addunyaa jijjiiramaa jirtu keessatti hojiilee egeree Afrikaa murteessuu dandaโ€™an tumsan raawwachuun barbaachiisaadha jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan.

Gamtaan Madaallii Barnootaa Afrikaa Konfiraansii waggaa 41ffaa magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira.

Pirofeesar Birhaanuu Naggaan wayita kanatti, yeroo ammaa addunyaan qaroomina irra waan jirtuuf galmaa fi bakka gahuumsa egeree Afrikaa yaaduun murteessaadha jedhan.

Dameelee garaagaraan egeree Itiyoophiyaas taโ€™ee Afrikaa haala amansisaan ijaaruuf tumsaan hojjechuun barbaachisaa taโ€™uu dubbataniiru.

Fuulduratti jijjiirama Afrikaa hammatee egeree ishee murteessuu dandaโ€™an Qonna, Misooma Anniisaa, Bu'uuraalee Misoomaa fi damee Barnoootaa irratti  hojjechuu gaafata jedhan.

Daayrektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Dooktar Isheetuu Kabbadaa gamasaaniin, Madaalliin barnootaa milkaaโ€™ina barnootaa waliigalaaf barbaachiisaadha jedhan.

โŒ›๏ธ @oromiastudentcenter
โŒ›๏ธ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
โค8๐Ÿฅฐ1
Qormaata Saffisaan Yaadachuuf Tuqaalee Barbaachisoo jaha:

Qormaata saffisaan yaadachuuf tuqaalee jaโ€™a odeeffannoo garee xixiqqootti qooduu dabalatee, Mnemonics akka acronyms yookiin memory palaces fayyadamuun daataa walxaxaa yaadachuu

Website keenya kana seenuun barnoota baayee argachuu dandeessu! Subscribe gochuun odeeffannoo haaraa guyyaa guyyaan argachuu dandeessu!๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

https://gaggeessummaa.com/qormaata-saffisaan-yaadachuuf-tuqaalee-barbaachisoo-jaha/
๐Ÿฅฐ7โค2๐Ÿ˜2
Hojiin Tajaajila Lammummaa Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuu Keessatti Gahee Olaanaa Qaba Jedhame.

BBO - Hagayya 20/2017 Hojiin Kenniinsa Tajaajila Lammummaa Sagantaa Gannaa 2017 Misooma Barnootaa irratti taasifamaa jiru hirmaannaa qaama hawaasaa hunda hammateen gaggeeffamaa jira.

Hojiiwwan Misooma Barnootaa irratti Ganna kana hojjatama jiran bara barnootaa 2018f akka dhaqqabutti kutannoon kan hojjatamaa jiru ta'uun hubatameera.
Hirmaannaa hawaasa keenyaafi qindoomina Gumii Tiraansifoormeeshinii Barnootaa(GTB) tiin bu'aan qabatamaan lafarratti mul'ataa jira.

Saffisaa fi qulqullinaan raawwachuu irratti garaagarummaan aanaa irraa aanaatti, magaalaa irraa magaalatti kan mul'atu ta'ullee, akka waliigalaatti, rakkoo barnootaa keessa jiru furuu irratti abdii guddaa kan namatti horuudha.
Haaluma kanaan, hojiiwwan misooma barnootaa Ganna kana raawwachuuf karoofaman keessaa kan jalqaabamaniifi kan raawwataman hanga 16/12/2017tti kan beekame yoo ta'u, kan xumuraman ibsuun ni danda'ama.
Hanga Jimaata darbeetti
#1_MB Bu'uura Boruu (BB),116 xumuramee tajaajilaaf kan qophaa'e yoo ta'u,
MB BB dareen dabalataa 148 fi
MB BB Moodeleessuun 29 xumuramaniiru.
#2_MB Sad. 1ffaa
- 20 ijaarsi xumurame,
- 1089 dareen dabalataa yoo ijaaramu,
- MB,Sad. 1ffaa 24 moodeleeffameera.
#3_Paarkiin Dijitaalaa 8 xumuramuun tajaajilaaf qophaa'eera.
#4_Ijaarsi Mana Jireenya Barsiisota Baadiyaatti barsiisaniif manni 1310 xumuramuun barsiisotaaf kennamaniiru.
#5_Sagantaa_tutooriyaalii Gannaatiin barattootni kutaa 6ffaa, 8ffaa, 10ffaa, 11ffaafi 12ffaa, baay'inni isaanii 954 466
barachaa kan jiran yoo ta'u,
#6_Ga'eessotni 594 627 barnoota bu'uuraa hojii tajaajila lammummaa Ganna bara 2017 kennamaa jiruun barnoota argachaa jiraachuun beekameera.

#Haala_sosochii_Godinaaleen taasisaa jiraniin yoo ilaalamu,
#Ijaarsa_MB_Bu'uura Boruu
- Qellem Wallaggaa, MB Bu'uura Boruu 27 jiaaree kan xumure yoo ta'u,
- Gujiin, 18fi
-Arsii Lixaa immoo, 17 ijaarsa xumuruun tajaajilaaf bananiiru.

#Ijaarsa_MB_Sad_1ffaa,
- Gujii Lixaa MB Sad. 1ffaa 5
- Qeellem Wallaggaa 4
- Arsii Lixaa 4 ijaarsa xumuruun tajaajilaaf banaa godhaniiru.

#Ijaarsa_Paarkii_Dijitaalaa.
- Arsii Lixaa 2
- Baalee Bahaa 2 xumuruun tajaajilaaf qopheessaniiru.

#Ijaarsa_Mana_Jireenyaa Barsiisotaa:
- Godinni Jimmaa MJB 220,
- Qellem Wallagga Mana 156 ijaaree xumuruun barsiisotaaf dabarseera.

Walumaagalatti, Hojiin Tajaajila Lammummaa misooma barnootaa irratti kennamaa jiru kun rakkoo qulqullina barnootaa irratti qunname keessaa bahuuf gahee olaanaa kan taphatu ta'uu hayyootni barnootaa ragaa kan bahan yoo ta'u, hirmaannaan hawaasa keenyaas kanuma hubachuun gahee isaa bahachaa jira. Dabtaraafi qalama walitti qabuun, kitaaba wabii ta'an gumaachuufi kkf irratti hirmaachuun tajaajilli lammummaa hawaasa keenyaaf bu'aa qabatamaa agarsiisaa jira.

Kanaafuu, Barnootni dhaloota egereef dhaalchifnu hojii har'a raawwachaa jirruun waan ta'eef hundi keenya xiyyeeffannaan akka hojjannu dhaamsa keenya ta'a.

#Hubachiisa:- Ragaan asii olitti ibsaman kunniin #hanga_Hagayya_16/2017 kan gabaasame ta'uu hubatamuu qabs.

โŒ›๏ธ @oromiastudentcenter
โŒ›๏ธ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
โค9๐Ÿ˜4๐Ÿ˜˜2๐Ÿ‘Œ1
Sagantaan Barnootaa Al Idilee Fooyya'insa Jireenya Hawaasa Keenyaaf Murteessaa Ta'uun Himame
---------
BBO- 22/12/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Sagantaa Barnootaa Idileefi Al Idileen carraa barnootaa waliin gahuun hawaasa barreessuu, dubbisuufi herrega shallaguu danda'uifi jireenya isaanii keessatti kunuunsa maatii karaa saayinsaawaa ta'een hogganuufi jireenya fooyya'aa jirachuu ga'eessotaa keessatti iddoo guddaa qaba.

Haaluma kana bu'uureeffachuun Biiroon Barnootaa Oromiyaa haala mijeessitoota Barnoota Al Idilee, keessattu, kanneen barnoota Ga'eessotaatin adda duree ta'an bulchiinsa magaalaa 10 fi Godinaalee 19 irraa ogeessota 160 ta'an waamuun Magaalaa Adaamaatti leenjii fooyya'insa dandeetti hogganummaa kennuu eegaleera.

Leenjicha haasawaan kan banan Hog. I/A BBO Dr. Bultoosaa Hirkoo yoo ta'an, haasawa isaanii keessatti barmoota biyya keenyaa jalqabarraa kufee ture kan sirreessuu danda'u sirna barnootaa amma qophaa'efi barsiisota qofa waan taataniif lammii keessan gahumsaa itti horuufi dorgomaa taasisuuf carraan harka keessan jira jechuun barsiisotni sadarkaan jiran hundi kutannoo irratti hojjachuu qabna jedhaniiru.
Kanaafuu, haala mijeessitootni har'a leeni'aa jirtan hundi ummata keessan wallaala keessaa baasuuf cimee hojjachuu qaba jechuun, leenjiin ifaan ifatti banamuu ibsaniiru.

Itti aansuun haasawa kan taasisan BBOtti, Daayirektara Daayirektoreetii Barnoota Al Idilee obbo Tashoomaa Abbabaa yoo ta'an, haasawa isaanii keessatti mootummaan naannoo Oromiyaaf Biiroon Barnootaa Oromiyaa xiyyeeffannoo barnoota Al Idileef kennerraa kan ka'e Mindaa haala mijeessitootaa dabaluufi haala mijeessitoota yero yerootti leenjisuun dandeettii akka cimsatan gochuurratti baasii hedduu ta'e kan baasuuf jijjiirama hawaasa keenyaa, keessattuu jijjiirama Barnoota Ga'eessotaa qabatamaan lafarratti arguuf waan ta'eef leenjitootni hundi itti gaafatamummaa isinitti kenname qixa sirriin akka baatan jechuun kan dhaamsa dabarsan obbo Tashoomaa Abbabaati.

Walumaagalatti, BBO'n hawaasa dubbisuu, barreessuufi herrega shallaguu danda'u ummachuun foyya'insa hawaasummaatiif hojjataa kan jiru waan ta'eef sagantaa barnootaa Al Idilee hundarratti wal qixa hiriiruu qabna kan jedhu dhaamsa qabna.

โŒ›๏ธ @oromiastudentcenter
โŒ›๏ธ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
๐Ÿ‘7๐Ÿฅฐ2๐Ÿ˜2
#NGAT
#MoE

Qormaatni seensa digirii lammaffaa biyyaalessaa (NGAT) yeroo dhiyoo keessatti kan kennamu taโ€™uu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Qormaata NGAT kennuuf lakkoofsi eenyummaa biyyaalessaa (National ID Number) dirqama taโ€™uu Ministeerichi ibseera.

Namoonni fedhii qaban hundinuu, yeroon galmee yeroo gabaabaa keessatti akka beekkamus ibseera. kana dura qophii barbaachisaa taasisaa akka turan dhaabbatichi yaadachiiseera.

โŒ›๏ธ @oromiastudentcenter
โŒ›๏ธ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
โค7๐Ÿ˜2๐Ÿ˜˜2
Notice:

โœ“ Yoo balali'uu hin dandeenye; fiigi;
โœ“ Yoo fiiguu hin dandeenye; adeemi;
โœ“ Yoo adeemuu hin dandeenye; sussuki!
โœ“ Garuu, gara fuulduraatti tarkaanfachuu itti fufuu qabda!"

Martin Luther King ๐Ÿ‘‘
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
โค13๐Ÿ‘3๐Ÿฅฐ2
#Galmee_Barattootaa_Ilaalchisee Dr. Tolaa Bariisoo Ergaa Dabarsan
---------------
BBO- Hagayya 27/2017 Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo ๐Ÿ’  #galmee_barattoota_bara_2018 guyyaa kaleessaa jalqabame ilaalchisuun qooda fudhattoota barnootaa hundaaf ergaa dabarsaniiru.

Biyya diinagdee, siyaasaafi hawaasummaan dagaagde horachuuf bu'uurri barnoota yoo ta'u, barnootni  immoo dhaloota Saayinsiifi Teeknooloojiin gahoome qaree baasuu keessatti dorgomaa hin qabu kan jedhan Dr. Tolaan, barattoota gahumsa qaban horachuuf qulqullinni barnootaa murteessaa ta'uu ibsuun, qulqullina barnootaa mirkaneessuu kan dandeessisu keessaa tokko  wayitiin barnootaa otuu hin qisaasofne waggaa guutuu akkaataa kalaandarii barnootaa waggaatti fayyadamuu gaafata jedhaniiru.
Kanaafuu, wayitiin barnootaa bara 2018 akka hin qisaasofne gochuuf barattootni keenya hanga Qaammee 5/2017tti (haala kalaandarii barnootaan) galmee xumuruu akka qaban, akkasumas Fulbaana 05/2018 meeshaalee barnootaa(dabtara, qalamaafi kkf) qabatanii dareetti akka argaman ergaa dabarsaniiru.

Karaa biraatin, adeemsa galmee ilaalchisee, daa'imman umriin barnootaaf gahe hunduu (MB Bu'uura Boruu irraa hanga kutaa 12 ffaa jiran) guyyoota galmeef taa'an (Hagayya 26 - Qaammee 5/2017 guyyaa Sanbata dabalatee akka galmaa'an dhaamsa kan dabarsan yoo ta'u, qooda fudhattootni barnootaa(barataa, barsiisaa, maatii barataa, GTB, Caasaan Mootummaa Sadarkaan jiru, Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee, Hoggantootni Amantaafi qaamni hawaasaa hundi) daa'imman umriin isaanii barnootaf gahe hundi mana barnootaa ala akka hin taane deeggarsa(galmeessiftan) jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Dhumarratti, Dr. Tolaan ergaa dabarsaniin . #Hoggansi_barnootaa_sadarkaan_jiru (BBO irraa eegalee, hoggansi Waajjira Barnootaa Godinaalee, Bul. Magaalotaa, Aanoleefi GTB sadarkaan jiran) hawaasa keessa galuun hanga guyyaan galmee xumuramutti  barattoota gara MB akka  ergan hojii hawaasa kakaasuufi manneen barnootaatti argamuun hojii supparviizyinii akka taasiftan jechuun dhaamaniiru.

Walumaagalatti, Ergaan Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dabarsan:-:
#Wayitiin Barnootaa Akka Hinqisaasofne;
#Daa'imman Umriin Isaanii Barnootaaf Gahe MB Alatti Akka HinHafne hanga Qaammee 5/2017ttii Qofa Galmeessisuu
#Fulbaana 05/2017  Adeemsi Baruu Barsiiisuu Kan Eegalu ( Barsiisaafi Barataan Dareetti Wal Argu) ta'a!

Tolaa Bariisoo Gadaa ๐Ÿ’ 
โค9๐Ÿฅฐ2๐Ÿ˜˜2
ODUU:
Carraan Barattoonni digrii isaanii qofan biyya alaatti hojii argachuu itti danda'an akka uumame himame.

Barattoonni digrii isaani qofa fayadamuun madaallii tokko malee hojii biyya alaatti akka argachuu danada'an Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee hayyamuuf beekamtii argachuu beeksise.

Beekamtii kana ilaalchisee ibsa gaazexeessitootaaf kan kennan Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Doktar Darajjee Ingidaa, Yuunivarsiitichi damee Saayinsii gosoota hojiirra oolan, kanneen akka Baayooteknooloojii, Sirna Nyaataa, Industirii Keemikaalaa fi Jiโ€™ooloojiin beekamtii idil-addunyaa argateera jedhan.

Itti dabaluunis beekkamtiin yuunivarsitichi argate kun barattoonni sagantaalee adda addaa irraa eebbifaman madaallii biroo tokko malee hojii biyya alaa akka argatan kan taasisu taโ€™uu ibsaniiru.

Pireezidaantichi kanaan dura barattoonni digrii isaaniitiin biyya alaatti hojii argachuu akka hin dandeenye ibsanii, biyya alaatti qacaramuuf qormaata fudhachuun dirqama ture jedhan. Amma garuu beekamtii amma kennameefiin kallattiin digrii isaaniitiin qacaramuu akka danda'an kan taasisu ta'uu ibsaniiru.

Akkasumas, barattoota biyya alaatiif sagantaalee barnootaa sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qaban dhiyeessuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru kaasaniiruu, qoโ€™annoon barattoota biyya alaa galii dabalataa yunivarsiitichaaf kan argamsiisu taโ€™uu ibsaniiru.

Beekkamtiin kun warra bara barnootaa 2023 irraa eebbifamanis kan haammatu yoo taโ€™u, sagantaaleen barnoota injinariingii sagal Adoolessa dhufu beekamtii idil-addunyaa ni argatus jedhaniiru.
โค11๐Ÿ˜˜3๐Ÿ‘2๐Ÿ˜2
Guyyaa 30/12/2017
#Yaadachiisa.

#Galmee_guyyoota_4_qofatu_hafe!
Daa'imman Umriin Isaanii Barnootaaf Gahe ( Waggaa 4fi ol) Hundi Gara Mana Barnootaa Haadhufan!
Haagalmaa'an! Haabaratan!
Daa'imni tokkollee mana barnootaa ala akka hin taane tumsa Haataasifnu!

๐Ÿ”” Barnootni_Lammii_Hundaaf

       ๐Ÿ’™Oromia Education Bureau ๐Ÿ’ 
       ๐Ÿ’™Tolaa Bariisoo Gadaa ๐Ÿ’ 

| |๐Ÿ“ฑFacebook | |๐Ÿ“ฑ WhatsApp | |๐Ÿ“ฑYouTube | |
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
โค11๐Ÿ˜2๐Ÿ‘1๐Ÿฅฐ1
Jijjiirraan Barsiisotaa Ifoome.
-----------
BBO- Qaammee 2/2017 Jijjiirraan Barsiisotaa Mosaajii TMIS fayyadamuun 'online' iyyannoo jijjiirraa galfatan har'a gadlakkifamee jira.
Kanaafuu, Barsiisotni iyyannoo guuttan hunduu '#User_name' keessanitti fayyadamuun ''#passward' galchuun bu'aa dorgommii keessanii ilaalladhaa!

#Hub: Bal'ina odeeffannoo kanaa booda dhiheessina.
Nu hordofaa
๐Ÿ‘6โค3๐Ÿฅฐ1๐Ÿ˜1๐Ÿ˜˜1
Qabxiin qormaata kutaa 12ffaa guyyaa muraasa booda ifa akka taasifamu ibsame. Kunis, Phaagumee kana keessa qabxiin barattootaa gadhiifamuun qabxiin darbiinsaas ifa ni ta'a. Barattoonni qabxii darbiinsaa argatan Yuunivarsiitii itti ramadaman baruun fuulbaana gara jalqabaa akka Yuunivarsiitii seenuu qaban ibsamee jira. Kana hubachuun barattoonni kutaa 12ffaa bara kana xumurtan qophii barbaachisaa akka gootan isiniin jenna.

Odeeffannoowwan waqtawaa ariitiin argachuuf nu hordofaa๐Ÿ™
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
๐Ÿฅฐ11โค6๐Ÿ˜3๐Ÿ˜˜1
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Barnootaa, Barnootaa Ammas Barnootaa, . . . !
๐Ÿ‘5๐Ÿ˜2๐Ÿ˜˜2
Forwarded from Debela Tesgara
๐Ÿฅฐ7๐Ÿ˜˜2๐Ÿ‘1
โ—๏ธManneen barnootaa hundi wixxata irraa eegalee barsiisuu eegalu.

Hojiin baruu fi barsiisuu bara kanaa naannolee fi bulchiinsa magaalaa hunda keessatti Fulbanaa 5, 2018 irraa eegalee ni eegala.

Ministeerri Barnootaa bara barnootaa 2018 qophiin adda addaa, meeshaalee baruu fi barsiisuu sadarkaa hundatti dhiyeessuu dabalatee hojjiwan baruu fi barsiisuf barbachisan xumuramu ebsattin jiraa.

BirooBarnotaaOromiya

โŒ›๏ธ @oromiastudentcenter
โŒ›๏ธ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
๐Ÿ‘8โค2๐Ÿฅฐ2๐Ÿ˜˜2๐Ÿ˜1
#kutaa_12ffaa

Barattoonni saayinsii uumamaa 11.4% bara kana darbaniiru saayinsiin hawaasaa kan darban 5.3% , Akka biyyaatti 8.4% 50% ol fiduun darbaniiru.

Wail gala barattoonni 48,929 darbaniiru.
๐Ÿฅฐ6โค2๐Ÿ‘1๐Ÿ˜˜1
#Kutaa_12ffaa

Naannoon Oromiyaa bara kana fooyyaa'insa guddaa agarsiise jira jedhan ministeerri barnootaa Prof Birhaanuu Naggaa.

Naannoon Oromiyaa barattoota 14600 ol dabarsuun kan bara darbee 4000 oliin akka caaluus ibse.
โค6๐Ÿ˜2๐Ÿฅฐ1๐Ÿ˜˜1