InterLink Alpha
1.55K subscribers
329 photos
29 videos
7 files
310 links
βž₯Your Face. Your Identity. Your World. Stay

πŸ‘‰You Get All In Once

$ITL, $ITLG Holder

Telegram Group

https://t.me/dare_Interlinklabs

Twitter Page

https://x.com/dare_tube

CEO: @daretube
Download Telegram
#Update #Kutaa_12ffaa #National_Exam #MoE #Ministeera_Barnootaa

Bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa gadhiifamuuf Ji'a tokko qofaatu hafe!

Bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 Ji'a Qaammee keessa akka gadhiifamu Ministeerri Barnootaa ibsuun isaa ni yaadatama.

Barattoonni sababa nageenyaatiin qormaata biyyaalessaa kana hin fudhanne 4,966 yoo ta'aan, isaanis qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 kana Hagayya 26-28 bara 2017 akka fudhatan himameera.

Yuunivarsiitiiwwan hundi Fulbaana 8 bara 2018 irraa kaasee barattoota haaraa simachuu ni eegalu.

Barattoota kutaa 12ffaa hundaaf #share taasisaa! ✈️

https://t.me/+4NS4E3rsmQ04YzI0
https://t.me/+4NS4E3rsmQ04YzI0
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❀10πŸ₯°2😍2
Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barsiisota #Afaan_Oromoo_fi_Herrega Barsiisan #Kuma_57 Ol Ganna 2017 Leenjisuuf Qopheesse Keessaa Kan Marsaa 1ffaa Leenji'an Guyyaafi Giddu Galli Leenjii Beekame


BBO - Adoolessa 30/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Rakkoo Dubbisuu, Barreessuufi Shallaguu Barattootaa Furuuf #Barsiisota_Sad_1ffaa_kutaa_3-5 barsiisan, dura bu'oota MBfi Supparvaayizaroota Barnootaa Kuma 57 ol ta'an #Marsaa_3n_Giddu_Gala_9 keessatti leenjisuuf qophaa'eera.

#A) Leenjiin Marsaa 1ffaa ;
- Hagayya 03/2017 kan jalqabu yoo ta'u, leenjitootni dursanii gara Giddu Gala Leenjichaa Galanii Ni Bulu!
#B_Giddu_Gala_Leenjichaafi_Godina/Bul. Magaalaa Ramadan;
#1_Mana_Barnootaa_Ifa_Boruu_Bulti_Addaa_Sad_2ffaa_Nageelleetti:- Godina Boorana Bahaa
#2_Yunivarsiitii_Booranaatti:- Godina Booranaafi Magaalaa Mooyyaalee
#3_Yunivarsiitii_Haramayaatti:-
Godina Harargee Bahaafi Magaalaa Maayaa
#4_Yunivarsiitii_Odaa_Bultum:- Godina Harargee Lixas
#5_Mana_Barnootaa_Ifa_Boruu_Bultii_Addaa_Sad_2ffaa_Ambootti:-
Magaalaa Holataa, Shaggar, Amboofi Walisoo
#6_Yunivarsiitii_Arsiitti:-
Godina Arsiifi Magaalaa Asallaa
#7_Yunivarsiitii_Dambi_Dollootti:- Godina Wallaggaa Lixaa, Qellem Wallaggaafi Najjoo
#8_Yunivarsiitii_S_T_Adaamaatti:-
Godina Arsii Lixaa
#9_Giddu_Gala_Qorannoofi_Leenjii_Barnootaa_Oromiyaa (GGQLBO) - #Magaalaa_Adaamaatti Argamu:-
Godina Shawaa Bahaa, Magaalaa Adaamaa, Bishooftuufi Baatuu dabalatee
#Marsaa 1ffaan, akkuma walii galaatti, barsiisotni, dura bu'ootni MB fi Supparvaayizarootni barnoitaa 27, 412
- Hagayya 03-07 //2017tti Barnoota Afaan Oromoofi Barnoota Herregaan kutaa 3ffaa - 5ffaa barsiisan ni leenji'u.

HUBCHIISA:- #Marsaa_2ffaafi_3ffaa fuuldura Waan Ibsinuuf Nu Hordofaa!!

https://t.me/+4NS4E3rsmQ04YzI0
https://t.me/+4NS4E3rsmQ04YzI0
😍8❀2πŸ₯°1
#Yaadachiisa

πŸ” πŸ” πŸ” πŸ” πŸ”  βž– πŸ” πŸ” πŸ” πŸ” πŸ” πŸ” πŸ”  βž– πŸ” πŸ” πŸ”  πŸ‘

English Language πŸ‘‡

🌟 Engliffa Online tola barachuu namoonni barbaaddan channel armaan gadii join gochuun hordofaa!

πŸ˜΅πŸ€”πŸ™πŸ˜πŸ˜€β˜ΉοΈπŸ™β˜ΉοΈ

βž• Kitaabilee πŸ“š Kutaa 1ffaa hanga πŸ“š kutaa 12tti jiranillee ni argattu Join Us Now πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

https://t.me/+HByHxb8TR2A0MjRk
https://t.me/+HByHxb8TR2A0MjRk
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
πŸ‘8πŸ₯°2😘2❀1
Ethiopian Statistics Service
Finfinnee/Addis Ababa Branch Office

Vacancy Announcement
Published on Nehasie 03, 2017 E.C. in Addis Zemen Newspaper
Large number of job seekers
With work experience: 785
With zero years: 5717
πŸ₯°6😍2😘2
β–ͺ️Req No: 6502🎴Ethiopian Statistical Service🎴

β–ͺ️For Fresh & Exp
β–ͺ️Education: Any Feild
β–ͺ️🚩Deadline: August 20/25
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
πŸ₯°7πŸ‘2😍2
#Daandii_Qilleensaa-Itoophiyaat
Ethiopian Airlines #Galmeen
#August/Hagayya 11,2025 Eegala.
❀9😘2πŸ₯°1
Beeksisa

Barattoota Idileefi Haaraa Bara 2018 Hundaaf

#Galmeen_Barattoota_Idileefi_Haaraa Bara 2018 Hagayya 26/2017 Jalqabama.
------------------
BBO- Hagayya 08/2017 Galmeen Barattoota Idileefi Haaraa Bu'uura Boruu dabalatee barattootni kutaa 1- 12 jiran hundi #Hagayya 26/2017 Hanga #Qaammee 5/2017tti kan gaggeeffamu ta'uu Kalaandariin Barnootaa Bara 2018tti agarsiiseera.

Kalaandarii Barnootaa Bara 2018 #Guyyoota Barnootaa 214 Qaba.
#Semisteerri 1ffaan Guyyoota 112 kan qabu yoo ta'u,
#Semisteerri 2ffaan immoo Guyyoota 102 qaba.

#Odeeffannoo_guutuu_argachuuf Kalaandarii Barnootaa Asii Gadi Jiru Ilaalaa.

πŸ’™Oromia Education Bureau πŸ’ 
πŸ’™Tolaa Bariisoo Gadaa πŸ’ 
❀8πŸ‘2πŸ₯°2
Gorsa Dr. Biraanuu T. Bulchaa, Saayintistiin NASA, barattoota Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa fi MB Addaaf sagantaa Festiivaalaa Marsaa 3ffaa irratti kennan.
Egereen keenya hundi gorsa muuxannoo saayintistii kana irraa hedduu barachuu dandeessu.
Yeroo qalbiin dhaggeeffannaa gaarii!!!

βž–  Watch here: https://youtu.be/ty7nKMgLlLc?si=2LKlFdmLhL9thyXP

 πŸ’™Oromia Education Bureau πŸ’ 
  πŸ’™Tolaa Bariisoo Gadaa πŸ’ 

πŸ“± Facebook πŸ“± WhatsApp πŸ“±YouTube
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❀9πŸ‘3πŸ”₯2😍1
Forwarded from Kana Beektuu
Kana Beektuu ❓

Qubeen gabatee "Predikii"/Predictable " keessatti hin argamne, qubee #J qofa dha.

π“ͺ𝓳π“ͺ𝓫.....
           π’𝐇𝐀𝐑𝐄 ➑️ Kana Beektuu
           𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄 ➑️ Kana Beektuu
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
πŸ‘7❀3😘2
#Siistama_Hojiin_Barnootaafi #Barnoonni_Daree Keessaa Itti Cimu Irratti Mariin Gaggeeffame
BBO, Hagayya 2017 Hojiin Baruufi barsiisuu sirnaan akka lafa qabatuuf dandeettii hooggansaafi barsiisaa akka cimuuf toora intarneetii (On-line) hooggansa manneen Barnootaa Bu’uura Boruu hanga barnoota Sad.2ffaatti jiran, barsiisota Bu’uura Boruu hanga sad.2ffaatti barsiisaa jiraniif akkaataa itti ofgahoomsaa deeman irratti mariin ogeessota waliin gaggeeffameera.
Kaayyoon Isaa:

Hooggansaafi_Baarsiisaa_deeggaruu
#Of-barsiisuun ogummaa isaanii caalmaatti akka ol guddifatan gochuu
#Barnoota dareetti kennamu guddisuu (Bu’a qabeessa gochuu)
#Ogummaa hoogganummaa akka cimsatan gochuu
#Mala baruu barsiisuu yeroo yerootti sakatta’uun fooyyessaa deemuu
#Madaallii gaggeessuufi kkf irratti yeroo yerootti dubbisuun akka ofcimsaniif karaa toora intarneetiin(On-Line) akka argataniif hatattamaan akka qophaa’u gochuun murteessaa waan ta’eef, gara hojiitti akka seenamu murtaa’eera.

Hog.BBO Dr.Tolaa Bariisoo maricharratti kan argaman yoo ta’u, barsiisaan yeroo yerootti dubbisee gahumsa isaa mirkaneeffatee barsiisuu waan qabuuf toora intarneetiin (On-Line) ofgahoomsuu akka qabutti haala mijeessuun murteessaa akka ta’e, hooggansi barnootaas haala yeroo hubatee hooggansa yeroo waliin deemuu danda’u akka kennutti akka ofijaaru gochuun akka ta’e kaasuun xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Itti dabaluunis hojiin barsiisummaa guyyaa guyyaan waan barsiisan irratti dubbisuu waan gaafatuuf mala baruu barsiisuurratti madaalliifi gamaaggama gaggeessuun, siistama barnootaa ammaa waliin wal-simsiisuun qabiyyee barsiisaan irratti barachuu danda’u qopheessuun dirqama akka ta’es ibsaniiru.
BBOtti Hog.Itti Aanaa Dr.Bultoosaa Hirkoo barreeffama hojiin kun ittiin hoogganamu hirmaatotaaf dhiyeessanii jiru.
πŸ₯°6😍2😘2❀1
Fooyya'insa

#Qabxii_Kutaa_6ffaafi_8ffaa Sagantaan Tutooriyaalii Gahee Olaanaa Akka Taphate Ibsame.
-----------
BBO- Hagayya 12/2017 Qabxiin barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2017 Qormaata Naannoo fudhatanii qabxii bara 2016 walcinaa qabamee yoo ilaalamu fooyya'insa guddaa agarsiiseera.

Fooyya'insa qabxii barattootaa kanaaf sababni isaa #sagantaa_tutooriyaalii_barsiisotni_yeroo_boqonnaa_isaanii_ijoollee keenyaaf kennan irraa kan madde ta'uun beekameera.
Barsiisotni qabxii bara 2017 fooyya'e kanaaf #Sanbataafi_Dilbata akkasumas, wayitii boqonaa isaanii barattootaaf tutooriyaalii kennuun barattootni akka ciman taasisuun qabxiin bara 2017 fooyya'eera.

Haaluma kanaan,
#barattoota_bara_2016 qormaata naannoo kutaa 6ffaa fudhatan keessaa, 81.1%  gara kutaa 7ffaa darbuu kan danda'an yoo ta'u,
#Bara_2017 immoo, barattootni 85.6% gara kutaa 7ffaa darbaniiru.
Kunis fooyya'insa 4.5% agarsiiseera.

Haaluma walfakkaatuun, #Barattoota_kutaa_8ffaa
#Bara_2016 qormaata naannoo fudhatan keessaa 73.11% gara kutaa 9ffaa kan darban yoo ta'u,
#Bara_2017 immoo, barattoota qormaata naannoo fudhatan keessaa 78.7%  gara kutaa 9ffaa darbaniiru.
Kunis, fooyya'insa  5.59% agarsiiseera.

Fooyya'insa #qabxii_kana_Saalan adda baafnee yoo ilaallu:
1) Kutaa 6ffaa
#Barattoota_Dhiiraa Kutaa 6ffaa #bara_2016  qormaata fudhatan keessaa  81.18% ,
#bara_2017 immoo,  86.2% , kunis caalmaa 5.02% kan qabu yoo ta'u,

#Barattoota_Shamarran kutaa 6ffaa
#bara 2016 qormaata naannoo fudhatan keessaa 80.99% yoo darban,
#bara_2017 immoo, 85.1% ta'uun caalmaa  4.11% agarsiisee jira.

2) Kutaa 8ffaa Saalan
#Dhiira_bara_2016 qormaata fudhatan keessaa  76.44% kan darban yoo ta'u,
#Bara_2017 immoo, 81.7% darbuun fooyya'insa  5.26%  agarsiiseera.

#Shamarran_bara_2016 qormaata fudhatan keessaa  69.86% gara kutaa 9ffaa kan darban yoo ta'u,
#Bara_2017 kan qoraman keessaa immoo, 75.6% darbuun, 5.74%n fooyya'insa agarsiiseera.

- #Garaagarummaa_Saala_lamaan_jidduu jiru yoo ilallu:
1) #Kutaa_6ffaa
#Bara_2016_barattoota qorman keessaa #dhiirri  81.18% kan darban yoo ta'u, #dubarri 80.99% #garaagarummaan dhiira - dubara jidduu jiru 0.19% kan ture yoo ta'u,
#Bara_2017 immoo #dhiirri 86.2% kan darban yoo ta'u, #dubarri 85.1% ta'uun #garaagarummaan gara 1.1% bal'ateera. Kunis, xiyyeeffannoo irratti hojjatamuu qaba.

2) #Kutaa_8ffaa:
#Barattoota_Bara_2016 Qormaata fudhatan keessaa #dhiirri 76.44% fi #dubarri 69.86% darbuun #garaagarummaan dhiiraa - dubara jiddu jiru 6.56% kan ture yoo ta'u,
#Bara_2017tti immoo, #dhiirri 81.7%  #dubarri 75.6%  darbuun #garaagarummaan gara  6.1% gadi hir'atullee hojiin cimaan hojjatamuu akk qabu kan agarsiisedha.
#Kanaafuu, Garaagarummaa dhiiraa - dubara jidduu jiru fooyyessuuf barattoota dubaraa gahomsuu irratti hawaasni manneen barnootaafi maatiin barattootaa hojii manaa cimaatu nu eeggata.

Walumaa galatti, Sagantaan Tutooriyaalii barattootaaf barsiisotni keenya ofkennanii hojjachaa jiran fooyya'insa qabxii barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa irratti mul'ateera.
Kanaafuu, barsiisota sagantaa cimsaa kanarratti kutannoon hirmaachaa jiraniif biiroon keenya galata galchaa, barattootni, maatiin barattootaafi hawaasni keenya fooyya'insa bu'aa barachuu barattootaa irratti barsiisota keenya cinaa dhaabbachuun gahee keessan akka baatan dhaamsa keenya ta'a.
β™₯ Barsiisaan_Bu'uura Beekumsaati!

       πŸ’™Oromia Education Bureau πŸ’ 
       πŸ’™Tolaa Bariisoo Gadaa πŸ’ 

|πŸ“±Facebook πŸ“± WhatsApp πŸ“±YouTube

βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
πŸ‘5😍2😘2❀1
Ethiopian Airlines-Results.PDF
14.9 MB
β–ͺ️🚩10,000+  Candidates Were Selected🎴Ethiopian Airlines🎴🚩Call For Orginal Document & Preliminary Physical Screenning

β–ͺ️Job Position - Trainee Pilot
β–ͺ️Addiis Ababa Applicants
β–ͺ️Find More Details here
         
πŸ’§πŸ’§πŸ’§πŸ’§     

βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
😘6πŸ‘2❀1
Waa'ee Albert Einstein Dhugaawwan Dinqisiisoo 7 (torba) Beektuu?

Saayintistoota Beekamoo Badhaasa Noobeelii Injifatan Albert Einstein fa'a irraa maal baranna? Saayintistoota jaarraa 20ffaa keessa dhiibbaa guddaa geessisan keessaa tokko kan ta’e Albert Einstein ogeessa fiiziksii ti’oorii relativiitii jedhu kan qopheesse ture.

Guutummaa isaa website keenya kana irraa dubbisaa!
πŸ‘‡πŸ‘‡

https://gaggeessummaa.com/albert-einstein-eenyu-ture/
πŸ₯°5πŸ‘2❀1
Bara barnootaa itti aanutti dhaabbilee barnootaa diijitaalessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetama- Piroofeesar Birhaanuu Naggaa

Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan bara barnootaa itti aanutti dhaabbilee barnootaafi sirna barnootaa diijitaalessuuf xiyyeeffannoo addaan ni hojjetama jedhan.

Waltajjiin marii biyyaalessaa misooma barnootaa mata duree β€œ Barnoota Qulqullina Qabuufi Haqa Qabeessa Lammii Hundaaf” jedhuun magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.

Piroofeesar Birhaanuu Naggaan wayita kana akka jedhanitti, hojimaata dhaabbilee barnootaa sadarkaan jiranii hunda diijitaalessuuf sochiin eegalameera.

Tattaaffiiwwan barnoota qulqullina qabu guutuu biyyattiitti waliin gahuuf taasifaman cimanii itti fufuus ibsaniiru.

Sagantaan nyaata barattootaa hanga barattoota guddattootaa gara mana barnootaa dhufanii fooyyessaa akka jiru kaasanii, cimee itti fufuu akka qabus hubachiisan.

Manneen barnootaa 700 qormaata biyyaalessaa irratti barattoota dabarsuun raawwii gadi aanaa galmeessisan adda baasuun deeggarsi addaa akka taasifamuuf ibsaniiru.

Bara barnootaa 2018’f kitaabileen haaraan miiliyoonni 26 maxxansarra jiraachuu kaasaniiru.

Hojiin fayyadamummaa barsiisotaa mirkaneessuufi dandeettii isaanii guddisuus dhimma xiyyeeffannoon hojjetamu ta’uu kaasanii, bara itti aanutti barsiisonni haaraan kuma 100 hanga kuma 100 fi kuma 50 ta’an madaallii gahumsaa fudhacuun gara hojiitti ni bobbaafamu jedhan.

βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❀7😍2πŸ₯°1
"Galmeen Barattootaa Haggayya 26-Qaam'ee 5tti gaggeeffama":- BBO

Naannoo Oromiyaatti galmeen bara barnootaa 2018 Hagayya 26 hanga Qaammee 5, 2017 akka gaggeeffamu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksiseera.

Bara barnootaa kanatti barattoota miiliyoona 13 ol simachuun barsiisuuf karoorfamuu ibsameera

Akka naannoo Oromiyaattis dandeettii dubbisuu fi barreessuu barattootaa guddisuuf barsiisoota kutaa 3-5 barsiisan kuma 54 oliif leenjiin marsaa marsaan kennamaa jiraachu himameera.

Hagayya 23, 2017 irraa eegalee barsiisoonni hundi manneen barnootaatti ni argamu jedhameera.

Barnoonni akka Naannoo Oromiyaatti Fulbaana 5, 2018 ni eeegala.

βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
πŸ₯°5😘3❀2
Yaa'iin 41ffaan Waldaa Madaallii Barnootaa Afrikaa Magaalaa Finfinneetti Eegalame.

BBO- Hagayya 19/2017 Yaa'iin Qulqullinaafi Ammayyummaa Sirna Madaallii Barnootaa Fooyyessu Irratti Mari'atu Mata Duree " Madaallii Barnootaa Ceesisuun/Fooyyessuun Barnoota Qulqullina Qabuufi Murtee Ragaarratti Hundaa'e" jedhuun yaa'ii 41ffaa Waldaa Madaallii Barnootaa Afrikaa Magaalaa Finfinneetti jalqabamee jira.
Yaa'ichis biyyoota miseensa waldichaa ta'an jiddutti sirnaa madaallii barnootaa cimaafi amanamaa ta'e ijaaruu ta'uun beekameera.
Yaa'in kun guyyoota 5f kan gaggeeffamu yoo ta'u, Sirna Madaalliifi Qormaata haqaafi gahumsa qabu diriirsuun hirmaannaa sadarkaa idil Adduunyaatti ol guddisuu, barnootaafi sirna madaallii qorannoon deeggarame ijaaruu, waliin hojjachuufi wal deeggarsa itti fufiinsa qabu taasisuu irratti xiyyeeffatamee kan mari'atamu ta'uunis beekameera.

Yaa'icharratti haasaa kan taasisan MMBI Prof. Birhaanuu Naggaa
"Biyya keenya keessatti jijjiirama Sirna Madaallii barnootaa dhufeen qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphatee jira" jedhaniiru. Qulqullina barnootaa eegsisuuf sirna madaallii irratti hojjatamuun barbaachisaadha kan jedhan Prof Birhaanuun, murtee ragaarratti hundaa'e dabarsuuf sirna madaallii qulqulluu ta'e diriirsuun barbaachisaadha. jedhaniiru.

Daayirektarri Olaanaan TaJaajila Madaallii Barnootaafi Qormaatawwanii Dr. Isheetuu Kabbadaa haasaa taasisaniin Madaalliin Barnootaa damee barnootaa waliigalaa/hundaarratti bu'a qabeessa waan ta'eef itti fayyadamuun barbaachisaadha jedhaniiru.

βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❀9πŸ₯°2😘2
Dameelee garaagaraan hojiileen egeree Afrikaa murteessuu danda’an raawwachuun  barbaachiisaadha- Pirofeesar Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Hagayya 19, 2017 (FMC) – Addunyaa jijjiiramaa jirtu keessatti hojiilee egeree Afrikaa murteessuu danda’an tumsan raawwachuun barbaachiisaadha jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan.

Gamtaan Madaallii Barnootaa Afrikaa Konfiraansii waggaa 41ffaa magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira.

Pirofeesar Birhaanuu Naggaan wayita kanatti, yeroo ammaa addunyaan qaroomina irra waan jirtuuf galmaa fi bakka gahuumsa egeree Afrikaa yaaduun murteessaadha jedhan.

Dameelee garaagaraan egeree Itiyoophiyaas ta’ee Afrikaa haala amansisaan ijaaruuf tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Fuulduratti jijjiirama Afrikaa hammatee egeree ishee murteessuu danda’an Qonna, Misooma Anniisaa, Bu'uuraalee Misoomaa fi damee Barnoootaa irratti  hojjechuu gaafata jedhan.

Daayrektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Dooktar Isheetuu Kabbadaa gamasaaniin, Madaalliin barnootaa milkaa’ina barnootaa waliigalaaf barbaachiisaadha jedhan.

βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❀8πŸ₯°1
Qormaata Saffisaan Yaadachuuf Tuqaalee Barbaachisoo jaha:

Qormaata saffisaan yaadachuuf tuqaalee ja’a odeeffannoo garee xixiqqootti qooduu dabalatee, Mnemonics akka acronyms yookiin memory palaces fayyadamuun daataa walxaxaa yaadachuu

Website keenya kana seenuun barnoota baayee argachuu dandeessu! Subscribe gochuun odeeffannoo haaraa guyyaa guyyaan argachuu dandeessu!πŸ‘‡πŸ‘‡

https://gaggeessummaa.com/qormaata-saffisaan-yaadachuuf-tuqaalee-barbaachisoo-jaha/
πŸ₯°7❀2😍2
Hojiin Tajaajila Lammummaa Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuu Keessatti Gahee Olaanaa Qaba Jedhame.

BBO - Hagayya 20/2017 Hojiin Kenniinsa Tajaajila Lammummaa Sagantaa Gannaa 2017 Misooma Barnootaa irratti taasifamaa jiru hirmaannaa qaama hawaasaa hunda hammateen gaggeeffamaa jira.

Hojiiwwan Misooma Barnootaa irratti Ganna kana hojjatama jiran bara barnootaa 2018f akka dhaqqabutti kutannoon kan hojjatamaa jiru ta'uun hubatameera.
Hirmaannaa hawaasa keenyaafi qindoomina Gumii Tiraansifoormeeshinii Barnootaa(GTB) tiin bu'aan qabatamaan lafarratti mul'ataa jira.

Saffisaa fi qulqullinaan raawwachuu irratti garaagarummaan aanaa irraa aanaatti, magaalaa irraa magaalatti kan mul'atu ta'ullee, akka waliigalaatti, rakkoo barnootaa keessa jiru furuu irratti abdii guddaa kan namatti horuudha.
Haaluma kanaan, hojiiwwan misooma barnootaa Ganna kana raawwachuuf karoofaman keessaa kan jalqaabamaniifi kan raawwataman hanga 16/12/2017tti kan beekame yoo ta'u, kan xumuraman ibsuun ni danda'ama.
Hanga Jimaata darbeetti
#1_MB Bu'uura Boruu (BB),116 xumuramee tajaajilaaf kan qophaa'e yoo ta'u,
MB BB dareen dabalataa 148 fi
MB BB Moodeleessuun 29 xumuramaniiru.
#2_MB Sad. 1ffaa
- 20 ijaarsi xumurame,
- 1089 dareen dabalataa yoo ijaaramu,
- MB,Sad. 1ffaa 24 moodeleeffameera.
#3_Paarkiin Dijitaalaa 8 xumuramuun tajaajilaaf qophaa'eera.
#4_Ijaarsi Mana Jireenya Barsiisota Baadiyaatti barsiisaniif manni 1310 xumuramuun barsiisotaaf kennamaniiru.
#5_Sagantaa_tutooriyaalii Gannaatiin barattootni kutaa 6ffaa, 8ffaa, 10ffaa, 11ffaafi 12ffaa, baay'inni isaanii 954 466
barachaa kan jiran yoo ta'u,
#6_Ga'eessotni 594 627 barnoota bu'uuraa hojii tajaajila lammummaa Ganna bara 2017 kennamaa jiruun barnoota argachaa jiraachuun beekameera.

#Haala_sosochii_Godinaaleen taasisaa jiraniin yoo ilaalamu,
#Ijaarsa_MB_Bu'uura Boruu
- Qellem Wallaggaa, MB Bu'uura Boruu 27 jiaaree kan xumure yoo ta'u,
- Gujiin, 18fi
-Arsii Lixaa immoo, 17 ijaarsa xumuruun tajaajilaaf bananiiru.

#Ijaarsa_MB_Sad_1ffaa,
- Gujii Lixaa MB Sad. 1ffaa 5
- Qeellem Wallaggaa 4
- Arsii Lixaa 4 ijaarsa xumuruun tajaajilaaf banaa godhaniiru.

#Ijaarsa_Paarkii_Dijitaalaa.
- Arsii Lixaa 2
- Baalee Bahaa 2 xumuruun tajaajilaaf qopheessaniiru.

#Ijaarsa_Mana_Jireenyaa Barsiisotaa:
- Godinni Jimmaa MJB 220,
- Qellem Wallagga Mana 156 ijaaree xumuruun barsiisotaaf dabarseera.

Walumaagalatti, Hojiin Tajaajila Lammummaa misooma barnootaa irratti kennamaa jiru kun rakkoo qulqullina barnootaa irratti qunname keessaa bahuuf gahee olaanaa kan taphatu ta'uu hayyootni barnootaa ragaa kan bahan yoo ta'u, hirmaannaan hawaasa keenyaas kanuma hubachuun gahee isaa bahachaa jira. Dabtaraafi qalama walitti qabuun, kitaaba wabii ta'an gumaachuufi kkf irratti hirmaachuun tajaajilli lammummaa hawaasa keenyaaf bu'aa qabatamaa agarsiisaa jira.

Kanaafuu, Barnootni dhaloota egereef dhaalchifnu hojii har'a raawwachaa jirruun waan ta'eef hundi keenya xiyyeeffannaan akka hojjannu dhaamsa keenya ta'a.

#Hubachiisa:- Ragaan asii olitti ibsaman kunniin #hanga_Hagayya_16/2017 kan gabaasame ta'uu hubatamuu qabs.

βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❀9😍4😘2πŸ‘Œ1
Sagantaan Barnootaa Al Idilee Fooyya'insa Jireenya Hawaasa Keenyaaf Murteessaa Ta'uun Himame
---------
BBO- 22/12/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Sagantaa Barnootaa Idileefi Al Idileen carraa barnootaa waliin gahuun hawaasa barreessuu, dubbisuufi herrega shallaguu danda'uifi jireenya isaanii keessatti kunuunsa maatii karaa saayinsaawaa ta'een hogganuufi jireenya fooyya'aa jirachuu ga'eessotaa keessatti iddoo guddaa qaba.

Haaluma kana bu'uureeffachuun Biiroon Barnootaa Oromiyaa haala mijeessitoota Barnoota Al Idilee, keessattu, kanneen barnoota Ga'eessotaatin adda duree ta'an bulchiinsa magaalaa 10 fi Godinaalee 19 irraa ogeessota 160 ta'an waamuun Magaalaa Adaamaatti leenjii fooyya'insa dandeetti hogganummaa kennuu eegaleera.

Leenjicha haasawaan kan banan Hog. I/A BBO Dr. Bultoosaa Hirkoo yoo ta'an, haasawa isaanii keessatti barmoota biyya keenyaa jalqabarraa kufee ture kan sirreessuu danda'u sirna barnootaa amma qophaa'efi barsiisota qofa waan taataniif lammii keessan gahumsaa itti horuufi dorgomaa taasisuuf carraan harka keessan jira jechuun barsiisotni sadarkaan jiran hundi kutannoo irratti hojjachuu qabna jedhaniiru.
Kanaafuu, haala mijeessitootni har'a leeni'aa jirtan hundi ummata keessan wallaala keessaa baasuuf cimee hojjachuu qaba jechuun, leenjiin ifaan ifatti banamuu ibsaniiru.

Itti aansuun haasawa kan taasisan BBOtti, Daayirektara Daayirektoreetii Barnoota Al Idilee obbo Tashoomaa Abbabaa yoo ta'an, haasawa isaanii keessatti mootummaan naannoo Oromiyaaf Biiroon Barnootaa Oromiyaa xiyyeeffannoo barnoota Al Idileef kennerraa kan ka'e Mindaa haala mijeessitootaa dabaluufi haala mijeessitoota yero yerootti leenjisuun dandeettii akka cimsatan gochuurratti baasii hedduu ta'e kan baasuuf jijjiirama hawaasa keenyaa, keessattuu jijjiirama Barnoota Ga'eessotaa qabatamaan lafarratti arguuf waan ta'eef leenjitootni hundi itti gaafatamummaa isinitti kenname qixa sirriin akka baatan jechuun kan dhaamsa dabarsan obbo Tashoomaa Abbabaati.

Walumaagalatti, BBO'n hawaasa dubbisuu, barreessuufi herrega shallaguu danda'u ummachuun foyya'insa hawaasummaatiif hojjataa kan jiru waan ta'eef sagantaa barnootaa Al Idilee hundarratti wal qixa hiriiruu qabna kan jedhu dhaamsa qabna.

βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
βŒ›οΈ @oromiastudentcenter
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
πŸ‘7πŸ₯°2😍2