InterLink Alpha
1.55K subscribers
329 photos
29 videos
7 files
312 links
βž₯Your Face. Your Identity. Your World. Stay

πŸ‘‰You Get All In Once

$ITL, $ITLG Holder

Telegram Group

https://t.me/dare_Interlinklabs

Twitter Page

https://x.com/dare_tube

CEO: @daretube
Download Telegram
Waltajjiin Dandeettiifi Kennaan Addaa Irratti Agarsiifamu Har'a Ganama Banama
----------------
BBO- Adoolessa 13/2017 Sirna Feestivaalii Barnootaa Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa  Waggaa 3ffaa har'a Ganama 13/11/2017 Magaalaa Adaamaa Istaadiyemii Yunivarsiitii Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaatti Banama.
Bakka hoggansa Olaanaan Mootummaa Naannoo Keenyaafi Mootummaa Federaalaa Argamanitti Sa'aatii 2;00 tti kan eegalu yoo ta'u, abbaa/haadha sirnaa kan ta'an barattootni qaxaleen Manneen Barnootaa Ifa Boru Bultii addaa Sad. 2ffaa 7, Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Waldaa Misooma Oromiyaa 2fi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa 41 walitti Manneen Barnootaa 50 Feestivaalicha haala ho'aa ta'een jalqabuuf mooraa Yunivarsiitii galuun qophii xumuraarra gahaniiru.

Barattootni qaxaleen dandeettii addaa fi kennaa dinqisiisaa qaban har'a ganama Dilbata sa'aatii 2:00 irraa jalqabe waltajjii ni too'atu, gahumsa ajaa'ibsiisaa ni  agarsiisu, mul'ata  dhaloota ifa boruu irraatti qabnu ni mirkaneessu.

Kanaafuu, Barsiisotni bu'aa keessan, barattootni obboleewwan keessan hawaasni ijoollee keessan Istaadiyemii Yunivarsiitii S. T. Adaamaatti argamuun akka daawwattan Biiroon Barnootaa Oromiyaa maqaa isaafi maqaa barattoota qaxalee Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Addaa Sad. 2ffaatiin isin Afeereera!

πŸ“Œ#Oromiyaa
πŸ“Œ#Adaamaa
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❀5πŸ‘2πŸ₯°2😘1
Godinaalee fi Magaalota Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Bara 2017'n Qabxii Olaanaan barattoota Dabarsan Beekaman

Biiroon Barnootaa Oromiyaa qabxii qormaata naannoo kutaa 8ffaa bara 2017 irratti, godinaalee fi magaalonni sadarkaa olaanaa galmeessan ifoomse.

Godinaalee sadarkaa olaanaa irra jiran:

1. Godina Arsii Lixaa – 92.24%

2. Jimmaa – 90.95%

3. Harargee Bahaa – 87.58%

Magaalota sadarkaa ol’aanaadhaan qabxii galmeessan:

1. Magaalaa Dodolaa – 99.74%

2. Bishooftuu – 94.88%

3. Mojoo – 90.19%

Gabaasni kun akka mul’isutti, barattoonni godinaalee fi magaalota kana keessaa qormaata kutaa 8ffaa milkaa’inaan darbuun gara kutaa 9ffaa ol guddataniiru.

Waajjirri Barnootaa Oromiyaas, milkaa’ina kana galmaan gahuuf gumaacha taasifameef barattoota, barsiisota, maatii, ogeeyyii barnootaa fi hoggantoota hunda galateeffeera. Qormaanni bara kanaa sadarkaa gaarii ta’een raawwatamuu fi kunis cimina qindoomina hirmaattota barnootaa agarsiisu ta’uu ibsameera.
πŸ₯°5❀3πŸ‘3
Feestivaalii Barnootaa
Barattoota MBBAfi MBA
#Adaamaa
πŸ‘6πŸ₯°3😍2
"Cabiinsa barnootaa furuuf hojjetamaa jira"- Dr. Tolaa Bariisoo

Kallacha Oromiyaa: Adoolessa 12, 2017- Hoogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo gaaffi miseensota Caffee irraa ka'aniif deebii kennaaniin bara kana cabiinsa barnootaa furuuf hojjii bu'a qabeessi hojjetamaa turuu himanii, caalmaatti rakkoo gama qulqullina barnootaatiin jiru furuuf immoo ciminaan kan irratti hojjetamu ta'uu himaniiru.

Hanqina kitaabaa bara kana furuuf hojii guddaan hojjetamuu himuun, kitaabonni miliyoona 29 hanqina kitaaba furuuf kan dhihaatu ta'uu himaniiru.

Mana barnootaa sadarkaa 2ffaa manneen barumsaa 31 keessattis ibsaa galchuuf kan hojjetamaa jiru ta'uu dubbataniiru.

Ijaarsa mana barumsaa bu'uura boruu irrattis xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu himanii, caalmaatti kan itti fufu ta'uus eeraniiru.

Dhiheessi barsisaan wal qabatee barsiisaa 4,000 Ganna kana leenjisanii dhiheessuuf hojjetamaa jira jedhan.
❀5πŸ‘3😍2
#Remedial #Result

➑️Kan 2017 qabxiin gad dhiifame, Barattoonnii qabxii keessan link kanaan ilaalladha.

https://result.ethernet.edu.et

Qabxii gaarii
πŸ‘
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❀7πŸ₯°2😘2
πŸ’»Koodiiwwan Komputeraa

" komputeraa dhoksaa" kompiitara irratti, yeroo baayyee karaa gabaabaa kiiboordii kan agarsiisu yoo ta'u, oomishtummaa haalaan guddisuu danda'a. Karaa gabaabaa beekamaa fi faayidaa qabu tokko tokko Windows fi hojiiwwan kompiitaraa waliigalaa kunooti: πŸ‘‡πŸ‘‡

https://dhangaatips.com/koodiiwwan-komputeraa/
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
πŸ₯°5πŸ‘2πŸ”₯1
USSD Codes for Safaricom Ethiopia Users

Karaa salphaadhaan USSD Code safari nu gargaaran πŸ‘‡πŸ‘‡

https://dhangaatips.com/ussd-codes-for-safaricom/
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
πŸ₯°4😘2❀1πŸ‘1
#Remedial #Result

Qabxiin barattoota bara 2017 Remediyaalii qoramanii ifa ta'eera.

Barattoonni qabxii isaanii karaa https://result.ethernet.edu.et irraan laaluu ni danda'u.

Qabxiin darbiinsaa barattoota Saayinsii uumamaaf 250 yoo ta'u, kan Saayinsii Hawaasa 200 akka ta'e kan beekamuudha.

#BBO
❀7πŸ₯°2😘2😍1
πŸ“§ Hannaafi Gowwoomsaa Online irratti raawwatamurraa of eegaa, yeroo keessaniis hin gubinaa! πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

https://dhangaatips.com/hannaafi-gowwoomsaa-online/
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
πŸ‘6❀1πŸ™1😍1
βœ”οΈ "Itti haa Fayyadamnu!" - Dubbii profeesara tokkoo

Pirofeesarri tokko daree barnootaa isaatti barattootan akkas jedha. Isin amma qarshii 86,400 qabdu haa jennu. Namni tokko dhufee yoo qarshii 10 isin jalaa fudhatee fiigee sokke qarshii 86,390 dhiiftanitu qarshii kudhaniif namicha duukaa buutumoo? πŸ‘‡πŸ‘‡

https://dhangaatips.com/itti-haa-fayyadamnu/
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
πŸ‘4πŸ₯°2😘2❀1
Simalee - πŸ—“ #Kutaa 9ffaa

Simaleen immoo mataa raaftee "mucaa nuti barbaadaa jirru" Jettee imimmaan lolaasuu jalqabde. Iftuunis "Abdii jechuun isa kanaa?" Jettee deebiteemmoo yaadashee deebifattee "tasgabbaayi" naan jettee jennaanin anis naa galuu dinnaan taa'ee imimmaan maddiirra na yaa'e... πŸ‘‡πŸ‘‡

https://dhangaatips.com/qubeelaa-tokko-natti-laatte/
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
😍5❀2πŸ₯°1
BEEKSISA

Barsiisotaafi Hoggansa MB Leenjii Gannaa Argattan Hundaaf
---------
BBO - Adoolessa 23/2017  Barsiisotniifi Hoggansi Manneen Barnootaa Sad. 2ffaa Ganna Bara 2017 Leenjii Fooyya'insa Dandeettii Yunivarsiitiiwwan galtanii Leenji'uuf qophiirra jirtan hundi Adoolessa 27/2017 mooraa Yunivarsiitii ramadamtaniitti akka galtaniifi Adoolessi 28/2017 guyyaa galmee ta'uun ibsameera.

Kanaafuu, #Yunivarsiitii_Itti_Ramadamtan Waajjira Barnootaa Godinaalee, Bu. Magaalotaa, Aanaalee/kutaa Magaalotaatti waan ergameef, isaan biraa mirkaneeffachuun gaafa 27/11/2017 mooraa Yunivarsiitii galuu, 28/11/2017 guyyaa galmee yoo ta'u, 29/11/2017 leenjichi kan eegalu waan ta'eef gamanumaa akka itti qophooftan isin beeksifna.
     BBO
❀6πŸ‘2πŸ₯°2😍1
Jijjiirraa Barsiisotaa Tuttuqaa Harkaarraa Bilisa Gochuuf Mosaajiin (Software) Misoome Ifoome.
------------
BBO- Adoolessa 23/2017 Biiroon Barnootaa Oromiyaa #Mosaajii_Jijjiirraa_Barsiisotaa_sadarkaa_guddina_barsiisotaa, qacarrii barsiisotaa, Qormaata ogummaa barsiisotaafi haala soorama bahuu barsiisotaa /Teachers Management Information System (TMIS) / jedhamu qopheessuun Waajjira Barnootaa Godinaalee bulchiinsa Magaalotaafi Aanaaleetiif "User Name" torban tokkoon dura gadibuuseera.

User Name' Godinaalee, Magaalotaafi Aanoleef ergaman kunniin barsiisotaa biraan akka gahan qajeelfamni kan kennameef yoo ta'u, waajiraaleen barnootaa aanaalee tokko tokko barsiisota biraan akka hin geenye beekameera.

Haaluma walfakkaatuun, mosaajicharran odeeffannoo barbaachisaa ta'e kan hin guutnes waan mul'atuuf hatattamaan akka guuttan isin beeksifna.

Mosaajiin kun jijjiirraa barsiisotaa dabalatee, sadarkaa guddinaa barsiisotaa, qacarrii barsiisotaa, qormaata dandeettii ogummaa barsiisummaafi haala soorama bahiinsa barsiisotaa tuttuqaa harkaarraa bilisa ta'een hojjachuuf kan gargaaruudha.

Barsiisotaaf: Barsiisotni 'User Name'n isin dhaqqabe immoo, liinkii asii gaditti kenname kana banuun haala iyyannoo dhiheeffachuu dandeessan irratti akka shaakaltan isin beeksisaa, daran daftanii akka hubattan barreeffamaafi viidiyoo gabaabaa tartiiba iyyannoo galfachuu agarsiisu isiniif ergina!

Liinkii:- https://tmis.oeb.gov.et
Hordofaa!
❀6😍3πŸ₯°2
Firii Qormaata kutaa 6ffaa - Namoonni hin ilaallatin jirtan:

➑️ Code fi maqaa keessan jalqabaa qubee sirrii ta'een walfaana bot armaan gadiitiin nuuf barreessaa!

➑️ Yommuu ergitan maqaan keessan jalqabaa qubee sirriin fi code keessan sirrii ta'uu mirkaneessaa! πŸ‘‡πŸ‘‡

✍️ @getpostbot
       @getpostbot
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
πŸ‘8😘4❀2πŸ™2
πŸ‘5❀1πŸ₯°1
#Update #BBO #Kutaa_6ffaa #Grade_6_Result #Kutaa_6

Barattoota kutaa 6ffaa hanga ammaatti qabxii keessan hin ilaallanneef;

Bu'aan qormaata naannoo kutaa 6ffaa kan Naannoo Oromiyaa akka gadhiifame beekamaadha, ta'us garuu sababa connection fi sababoota garaa garaatiin hanga ammaatti barattoonni hin ilaallanne jirtu.

Namoonni hanga ammaatti hin ilaalle fi connection isin dide ykn akka itti ilaallatan wallaaltan kunooti;

Jalqaba link kana Chrome, Firefox ykn Browser kan biraa irratti banaa sana booda bifa suuraa armaan oliin isiniif fida.

https://oromia6.ministry.et/#/result

Erga isiniif fide booda ;

βœ“ Bakka jalqabaatti Β«Registration NumberΒ» keessan galchaa
βœ“ Bakka lammaffaatti ammoo maqaa keessan sirrii Afaan Oromoon qubee osoo hin dogoggoriin galchaa sana booda Β«Check My ResultΒ» kan jedhu tuquun isiniif fida.

Barattoota kutaa 6ffaa hundaaf #share taasisaa!

Qabxii keessan ilaaluuf join fi share taasisaa!

https://t.me/+4NS4E3rsmQ04YzI0
https://t.me/+4NS4E3rsmQ04YzI0
😘8❀3πŸ₯°1
#Kutaa_6ffaa

Ilaalaa jirra! Namoonni Connection isin rakkise!

Code fi Maqaa jalqabaa karaa bot armaan gadiitiin nuuf erguun obsaan nu eeggadhaa!

➑️ Yommuu ergitan maqaan keessan jalqabaa qubee sirriin fi code keessan sirrii ta'uu mirkaneessaa! πŸ‘‡πŸ‘‡

✍️ @getpostbot
       @getpostbot
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
❀10πŸ‘2πŸ₯°2