Ilaalcha Gaari--Positive Attitude
1.39K subscribers
27 photos
80 links
#POSITIVE_ATTITUDE.

#Our channel is free from any hate speech's, ideas, messages, posts, ...
#we share everything positively.
#We discuss on any issue only with positivity.


๐Ÿ‘‡Walin marif group kana ha fayyadamnu
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@ilaalch_gaarii
Download Telegram
Invite your friends and get bonuses for each invited friend! ๐ŸŽ

Your referral link: https://t.me/avagoldcoin_bot?start=d633311c384095547997
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
๐—๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ฎ๐—บ๐—ถ๐—ถ๐˜๐—ถ!
Hawwiin namaa dhuma hinqabu. Yoo abbaan daangaa itti gochuu baate qilleensa abootaa nama hambisa. Isa qabdutti gammaduu dadhabdee isa hinqabne utuu ariituu hafta. Of ta'uu dhiiftee akka abaluu ta'uuf joorta. Jireenyi akkasii joormaadha.

Seenaa tokkon sitti hima...
Namicha tokkotu ture. Dhagaa soofa. Sun hojii isaati. Garuu hojii isaa kana hin jaallatu. Itti gammadee hinbeeku.
Gaaf tokko dadhabee otoo hojiidhaa galaa jiruu mana daldalaa dureessa tokko bira ga'e. Dhaabbatee ilaale qabeenyawwan gati jabeeyyiifi barbaachisoo hedduu arge. "Daldalaan kun nama jabaa akkamiiti? Maal ta'a otoon akka isaa ta'ee!" jedhee hawwe. Yoon daldalaa dureessa ta'e dhagaa soofuu inni dadhabsiisaan ni hafa. Jireenya gammachuun guuten jiraadha jedhee yaade.

Yeroo booda akkuma hawwe daldalaa ta'e. Itti milkaa'ee baay'ee duroome. Daldaltoonni isaan gad jiran ni jibban, itti inaafan. Guyyaa tokko aanga'aan siyaasaa aangoo guddaa qabu konkolaataa baay'ee bareedaa yaabbatee, eegdotaan marfamee, otoo karaa sana darbuu arge. Gurguddoonni otoo hinhafiin kabaja isaaf gad jedhu turan. "Aanga'aan kun nama jabaa akkamiiti? Namuu ni sagadaaf. Eegdotaan marfamee deema. Maal ta'a otoon akka isaa ta'ee!" jedhee hawwe. 
Akkuma hawwe yeroo booda aanga'aa guddaa ta'e. Konkolaataa baay'ee bareedaa irra taa'ee deemuutti ka'e. Garuu namoonni naannoo isaa akka malee isa sodaatan. Gaaf tokko osoo miillaan deemuu aduun isa gube. Ol jedhee ilaale. Samii walakkaa teessee achii gad ifti. "Aduun kun jabduu akkamiiti? Eenyuunuu otoo hinsodaatiin achii gad ifti, abbaa feete gubdi. Maal ta'a otoon ishee ta'ee!" jedhee hawwe.
Booda akkuma yaade aduu ta'e. Uumama hunda irratti ifuu eegale. Garuu duumessi ifaafi ho'a isaa dhorkuu akka danda'u arge. "Duumessi jabaa akkamiiti? Humna guddaa qaba, Maal ta'a otoon isa ta'ee!" jedhee hawwe.

Itti fufuun duumessa ta'ee dirreewwaniifi gandeen jiran hunda guute. Garuu ammas humni guddaan isa dhiibuufi bittimsuu danda'u tokko akka jiru bare. Qilleensa ture. "Qilleensi kun jabaa akkamiiti? Humna guddaa qaba. Maal ta'a otoon isa ta'ee!" jedhee hawwe. Qilleensa ta'uuf fedha guddaatu itti dhaga'ame. 
Maarree ammas akkuma hawwe qilleensa ta'e. Bantii manneen namootaafi biqiloota buqqisuu eegale. Garuu wanti humna isaa gararraa ta'e, kan tole jedhee isaaf hinsochoone tureera. Hammamuu dhiibu dhagaa bakkaa kaasuu hindandeenye. "Dhagaan kun jabaa akkamiiti? Humni isaa ajaa'iba! Maal ta'a otoon dhagaa ta'ee!" jedhee hawwe. Dhagaa ta'uutu itti bareede. 

Hawwiin isaa milkaa'eefii dhagaa ta'e. Wantota addunyaa kana irra jiran hunda caalaa humna-qabeessa akka ta'e yaade. Garuu gaddumii (madooshaa) guddaan humnaan otoo isa rukkutuu arge. Ni caccabe. "Ana caalaa humna kan qabu eenyu? Eenyu kan rukkutee akkanatti na caccabse?" jedhee ilaale. Nama dhagaa soofu of biratti arge!

Namichi kun jalqaba nama dhagaa soofu ture. Garuu hojii isaatti hinquufne. Itti gammaduu hindandeenye. Kanaaf wantota hedduu ta'e. Garuu dhuma irratti dhufee, humna dhagaa caalu kan qabu nama dhagaa soofu ta'uu arge.

Hojii ofiitti quufuufi itti gammaduun umurii ofii qisaasessuu irraa nama oolcha. Baay'een keenya otoo akka nama biraa taanee jireenyatti gammadna jennee yaadna. Dhugaan isaa garuu akkana miti. Kan keetti hingammaddu taanaan akka namaa hawwituu yoo taates gammaduu hindandeessu. Ammas kan biraa hawwita. Waan ni caala jettu faana fiiguu eegalta.

Kanaaf hawwii kee daangessi. Fedhiin daangaa hinqabne dhukkuba. Wanta qabdutti gammadi. Hojii kee jaalladhu, ittiin booni!

๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™Ulfaadhaa๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

https://t.me/ilaalch_gaari
https://t.me/ilaalch_gaari
Ilaalcha Gaari--Positive Attitude pinned ยซhttps://t.me/Mxen_Airdrop_Bot?start=5764450951ยป
https://t.me/tapswap_mirror_2_bot?start=r_5764450951 ๐ŸŽ +2.5k Shares as a first-time gift
https://t.me/hamster_kombat_bot?start=kentId5764450951
Play with me, become cryptoexchange CEO and get a token airdrop!
๐Ÿ’ธ 2k Coins as a first-time gift
๐Ÿ”ฅ 25k Coins if you have Telegram Premium
Forwarded from EASY Cash๐Ÿ’ธ๐Ÿ’ฐ
๐Ÿ”ด๐ŸŸกโšช๏ธ Voici ton lien pour inviter๐Ÿ—ฃ๏ธ tes amis๐Ÿ‘ฅ ร  rejoindre EASY CASH๐Ÿ’ธ๐Ÿ’ฐ pour gagner de lโ€™argent !
โš™๏ธ โฌ‡๏ธ

๐Ÿ‘‰
https://t.me/Spead77_bot?start=Bot29433135 ๐Ÿ‘ˆ

๐ŸŸก Tu gagne 3000FCFA๐Ÿ˜ฑ pour chaque personne inviter

๐Ÿ”ด NB: Commence ร  retirer tes gains ร  partir de 10 personnes inviter

โšช๏ธ Tu peux demander un retrait ร  partir de 30 000FCFA!
๐Ÿ’ฐ