#SIIFAN_GADDA! (1)
Yaa lafaftuu yaa inaaftuu!
Yaa cabsituu yaa hiraartuu!
Yaa tolfattuu yaa hamattuu!
Yaa dadhabduu yaa yarattuu!
Madaa qubaa natti hin ta'iin
Nan guddadhaa obboleesso
Na tuttuqxee nan dallansiin
Obsa hin qabuu mar'umaan ko!
Waan hin qabne narra hin kaa'iin
Na hammeessuuf qabdee yaa'ii
Si dhagahuuf yeroo hin qabuu
Dhamaatuu koo narraa taa'i!!
Sagal duttus sareen gandaa
Dhaabbatanii hundaan loluu
Inaaftuudhaan morkatanii
Way aaranii way of qoruu?
Gaaddidduu koo irraa siqi
Nan barbaadiin dubbii dabaa
Sadarkaan koo sin madaalu
Obboleessoo hojiin qabaa!!
Maaf gubatta maalif baqxa
Guyyuu dhabdee hirriba kee
Yoon guddadhe maal siif qaba
Maaf na sonta dirra-lafee?
Osuu kan koo bukeessituu
Gubateka maxinoon kee
Osuu anaan hadheessituu
Si darbekaa qaxaleen kee!!
Yeroo hin qabu sin dhagahu
Lafaa kaatee dhimma hin dhabiin
Milkooma kootti inaaftee
Quba nyaattee dhuka hin cabiin!!
Osuu hidhaa kan koo yaadduu
Si dabarte hireen kan ke
Kan si hidhee si gorfatu
Obboleessoo fira dhabde!!
Dhaalli kiyya sitti hin darbu
Kan kee keeti kiyya kan koo
Bakkee raftee mee dammaqii
Duubatti haftee obboleessoo..
----------------------------------------
Sadaasa 16,2011
Ifargan Guddataatiin
----------------------------------------
Yaa lafaftuu yaa inaaftuu!
Yaa cabsituu yaa hiraartuu!
Yaa tolfattuu yaa hamattuu!
Yaa dadhabduu yaa yarattuu!
Madaa qubaa natti hin ta'iin
Nan guddadhaa obboleesso
Na tuttuqxee nan dallansiin
Obsa hin qabuu mar'umaan ko!
Waan hin qabne narra hin kaa'iin
Na hammeessuuf qabdee yaa'ii
Si dhagahuuf yeroo hin qabuu
Dhamaatuu koo narraa taa'i!!
Sagal duttus sareen gandaa
Dhaabbatanii hundaan loluu
Inaaftuudhaan morkatanii
Way aaranii way of qoruu?
Gaaddidduu koo irraa siqi
Nan barbaadiin dubbii dabaa
Sadarkaan koo sin madaalu
Obboleessoo hojiin qabaa!!
Maaf gubatta maalif baqxa
Guyyuu dhabdee hirriba kee
Yoon guddadhe maal siif qaba
Maaf na sonta dirra-lafee?
Osuu kan koo bukeessituu
Gubateka maxinoon kee
Osuu anaan hadheessituu
Si darbekaa qaxaleen kee!!
Yeroo hin qabu sin dhagahu
Lafaa kaatee dhimma hin dhabiin
Milkooma kootti inaaftee
Quba nyaattee dhuka hin cabiin!!
Osuu hidhaa kan koo yaadduu
Si dabarte hireen kan ke
Kan si hidhee si gorfatu
Obboleessoo fira dhabde!!
Dhaalli kiyya sitti hin darbu
Kan kee keeti kiyya kan koo
Bakkee raftee mee dammaqii
Duubatti haftee obboleessoo..
----------------------------------------
Sadaasa 16,2011
Ifargan Guddataatiin
----------------------------------------
#Harmee_koo (2)
------------------------------
Yaaduu nan gaafatu barreessuuf waa'ee kee
Jechootas hin Dhabu dubbachuudhaaf kankee
Isa anaaf goote isa anaaf taate
Gonka nan qaanessu ifatti yoon baase ....
Isa anaaf raafamu corri mar'umaan kee
Isa jijjiirame naaf jedhee biftikee
Isa buusaan qaama kee naaf jettee leelofte
Isa ana sooruuf bar meeqa beelofte
Kaayyoo kiyya deeggaruuf isa hirriba dhabde
Yoon bahu yoon galu Sagalee na mil'atte!
Fuula kiyya ilaaltee rakkoon kiyya siif gala
Na kunuunsuuf dhiphatta anaaf qabda jaalala
Alex har'aa ta'uu koof sidha hundeen koo haqaa
Utubdee jabeessitee natti gooteetta maqaa
Nagaan ani meeladhe situ anaaf okkole
Wal'aansoo jireenya koo situ anaaf dorgome
Halkan naaf mijeessitee guyyaa anaan na soorte
Takkaa akkan an kolfuuf bara meeqa boosse
Daandii ati baafte sana daagaaf tabba qoffortee
natu irra deemaa jira ati eela okkolte
Kaayyoo kiyya dhugoomsuuf tabbaaf daka bu'uu kee
Anaaf rafi naan jettee ofii dafqaa buluu kee
Anaan mul'isuuf jettee ofii dawoo ooluu kee
Kiyyoo anaaf kaa'ame ofii naaf utaaluu kee
Maal godheen dhoksa harmee naan kennuwoo
boqonnaa
Himuyyuu narraa hin dhumu lallabee bonaaf ganna
Situ kafana kooti siinan lalisee late
Dhiphuu kiyya hundumaa situ narraa hirmate
Ati anaaf ifa kooti akeektuu daandii kiyyaa
Bakka hundaa naaf buutee haadha,fira,hiriyaa
Imimmaan naaf cobsita yoo hiixachuu dadhabdu
Kanat lafee koo cabsee natti base dirmammuu
Aarsaa ati naaf kafalteen ijji koo naaf baname
Gorsaaf dhamaatii Keenan nama har'aa jedhame
Soora ofii beeloftee naaf laatteenan jabaadhe
Lafa ati itti boossen ani boonee dhaabadhe
Dungoo ati naaf ibsitetu har'as naaf ifaa jira
Daandii ati naaf baafterran kunoo imalaa jira
Lafa lafeen kee cabettan lafaa ka'ee dhaabadhe
Akkan jedhu na goote, "bagan sirraa dhaladhe!"
Harmee koo garlaafettii bagan sirraa dhaladhe
Lafa ati gufattettan an olka'ee dhaabadhe
Gufuu dura koo soqxee,dirree goote, buqqifte
Ofii daartee beelofteet boonsitee na guddifte
Hiriyaan na qixxeessuuf hidhii kee anaaf xuuxxa
Dhabdu liqaatti fiigdee fedhii koo anaaf guutta
Ijji kee na sassata eenyuttuu nan amantu
Har'allee na sossobda akka mucaa dhalattuu
Halkan hirribaa kaatee afuura koo to'atta
Aadnaa kiyya dhagahuu daran balaaleffatta!
Anis ilmi kee kunoo dhamaatii kee hin ganne
Oolmaa fi dadhabbii kee gonka hin irraanfanne
Galaa ati naaf hiite sana harka kootti qabadhee
Kunootti fiigaan jira mudhii koo jabeeffadhee
Lafa ati naaf yaadde sana gahuuf jedheen wixxisa
Harmee koo naaf jiraadhu gatii kee nan deebisaa
Gatii kee dachaa baaseen kankee Ibsa Galata
Umurii naaf dheeradhu harmee koo sin sassataa!
Waaqa kee naaf kadhadhu harmee koo Karaa kiyya
Akka anarraa qabu diina darbatu xiyya!
-------------------------------
Ifargan guddataa tiin
--------------------------------
------------------------------
Yaaduu nan gaafatu barreessuuf waa'ee kee
Jechootas hin Dhabu dubbachuudhaaf kankee
Isa anaaf goote isa anaaf taate
Gonka nan qaanessu ifatti yoon baase ....
Isa anaaf raafamu corri mar'umaan kee
Isa jijjiirame naaf jedhee biftikee
Isa buusaan qaama kee naaf jettee leelofte
Isa ana sooruuf bar meeqa beelofte
Kaayyoo kiyya deeggaruuf isa hirriba dhabde
Yoon bahu yoon galu Sagalee na mil'atte!
Fuula kiyya ilaaltee rakkoon kiyya siif gala
Na kunuunsuuf dhiphatta anaaf qabda jaalala
Alex har'aa ta'uu koof sidha hundeen koo haqaa
Utubdee jabeessitee natti gooteetta maqaa
Nagaan ani meeladhe situ anaaf okkole
Wal'aansoo jireenya koo situ anaaf dorgome
Halkan naaf mijeessitee guyyaa anaan na soorte
Takkaa akkan an kolfuuf bara meeqa boosse
Daandii ati baafte sana daagaaf tabba qoffortee
natu irra deemaa jira ati eela okkolte
Kaayyoo kiyya dhugoomsuuf tabbaaf daka bu'uu kee
Anaaf rafi naan jettee ofii dafqaa buluu kee
Anaan mul'isuuf jettee ofii dawoo ooluu kee
Kiyyoo anaaf kaa'ame ofii naaf utaaluu kee
Maal godheen dhoksa harmee naan kennuwoo
boqonnaa
Himuyyuu narraa hin dhumu lallabee bonaaf ganna
Situ kafana kooti siinan lalisee late
Dhiphuu kiyya hundumaa situ narraa hirmate
Ati anaaf ifa kooti akeektuu daandii kiyyaa
Bakka hundaa naaf buutee haadha,fira,hiriyaa
Imimmaan naaf cobsita yoo hiixachuu dadhabdu
Kanat lafee koo cabsee natti base dirmammuu
Aarsaa ati naaf kafalteen ijji koo naaf baname
Gorsaaf dhamaatii Keenan nama har'aa jedhame
Soora ofii beeloftee naaf laatteenan jabaadhe
Lafa ati itti boossen ani boonee dhaabadhe
Dungoo ati naaf ibsitetu har'as naaf ifaa jira
Daandii ati naaf baafterran kunoo imalaa jira
Lafa lafeen kee cabettan lafaa ka'ee dhaabadhe
Akkan jedhu na goote, "bagan sirraa dhaladhe!"
Harmee koo garlaafettii bagan sirraa dhaladhe
Lafa ati gufattettan an olka'ee dhaabadhe
Gufuu dura koo soqxee,dirree goote, buqqifte
Ofii daartee beelofteet boonsitee na guddifte
Hiriyaan na qixxeessuuf hidhii kee anaaf xuuxxa
Dhabdu liqaatti fiigdee fedhii koo anaaf guutta
Ijji kee na sassata eenyuttuu nan amantu
Har'allee na sossobda akka mucaa dhalattuu
Halkan hirribaa kaatee afuura koo to'atta
Aadnaa kiyya dhagahuu daran balaaleffatta!
Anis ilmi kee kunoo dhamaatii kee hin ganne
Oolmaa fi dadhabbii kee gonka hin irraanfanne
Galaa ati naaf hiite sana harka kootti qabadhee
Kunootti fiigaan jira mudhii koo jabeeffadhee
Lafa ati naaf yaadde sana gahuuf jedheen wixxisa
Harmee koo naaf jiraadhu gatii kee nan deebisaa
Gatii kee dachaa baaseen kankee Ibsa Galata
Umurii naaf dheeradhu harmee koo sin sassataa!
Waaqa kee naaf kadhadhu harmee koo Karaa kiyya
Akka anarraa qabu diina darbatu xiyya!
-------------------------------
Ifargan guddataa tiin
--------------------------------
#Farroo_baraa (3)
Yoo muran hafa odaa
Xiqqaatu jufaarasaa
Jirmaa ka'ee goggogee
Leeleffata eelasaa
Dhibeen baalaa kan jirmaa
Kan haafaas dhibee hiddaa
Dhoksaa iccitii Oroo
tuqa sanyiisaa jibba!
______________________
Basoo manaa dulloome
tuggee jala jabeessu
Bara baraan farriftuu
Jabaa ta'anii dheessu!
Bara nama dhiisanii
Waldhaansoo baraan qaban
Daangaaf daangaan dhiibamaa
boqonnaaf yeroo dhaban....
Abjuun gudeelcha dhiibaa
Yoo eelan eelaa baraa
baafatanii himachuu
Dadhaban guba garaa....
Yoo angafa ta'anii
Quxisuudhaan dhaanaman
Qe'ee ofii buqqa'aa
Deeroof eegoon saamaman
Hin ilaalan taa'anii
Fe'atu malee farda
Imimmaan hin safartu
Sossobuu hin ta'u ganda!!...
________________
Sadaasa 27,2010 Ifargan Guddataati!
-----------------------------------
Yoo muran hafa odaa
Xiqqaatu jufaarasaa
Jirmaa ka'ee goggogee
Leeleffata eelasaa
Dhibeen baalaa kan jirmaa
Kan haafaas dhibee hiddaa
Dhoksaa iccitii Oroo
tuqa sanyiisaa jibba!
______________________
Basoo manaa dulloome
tuggee jala jabeessu
Bara baraan farriftuu
Jabaa ta'anii dheessu!
Bara nama dhiisanii
Waldhaansoo baraan qaban
Daangaaf daangaan dhiibamaa
boqonnaaf yeroo dhaban....
Abjuun gudeelcha dhiibaa
Yoo eelan eelaa baraa
baafatanii himachuu
Dadhaban guba garaa....
Yoo angafa ta'anii
Quxisuudhaan dhaanaman
Qe'ee ofii buqqa'aa
Deeroof eegoon saamaman
Hin ilaalan taa'anii
Fe'atu malee farda
Imimmaan hin safartu
Sossobuu hin ta'u ganda!!...
________________
Sadaasa 27,2010 Ifargan Guddataati!
-----------------------------------
#EESSA_JIRTAA? (4)
Ani si beekuu baadhus
Na wallaaltus atillee
Hallayyaa fakkeessinee
Ilaaluu hin qabnu dirree
...
Ati gar ta'e jirta
Hin beeku dhiyoo fagoo
Asan jira naan jedhii
Dubbadhumee jaala koo
...
Bareedduus ta'i fokkuu
Qancartuus ta'i ijoollee
Maaf kophummaan na miita
Kan booda dhufti hin oolle?
...
Na miliquuf hin yaaliin
Haala dawoo godhattee
Uumaan qaata murteesse
Akka ati naaf dhalatte
...
Giiftii koo tokkittii koo
Hirkoo koo bayeettii koo
Hin turiin hin barfatiin
Hin riphiin hin baqatiin
Hin guungumiin hin shakkiin
Calliftee narra hin darbiin
...
Yoon si beekuu baadhellee
Murteessee kana dura
Ela kunoo fuulli kee
Dhufee na dura jira.
...
Maalan dhoksas yaa tiruu
Sittimuu waanan ta'e
Kanin abjuudhan arge
Sun yoo dhugum si ta'e:
Dhugum si jaaladheetan
Guyyaas abjoochuuf mala
Araada na qabsiifteen
Taa'ee yaadaan maalala
....
Osuun hin yaadiin dhuftee
Kan halkan na naasifte
Maalta'a abjuu kana
Osuu dhugaa taasiftee?
Ergasii nama hundaan
Suma se'ee bir'adha
Si barbaaduuf jedheetan
Halkan guyyaa dhiphadha
...
Eessat na hafe tiruu
Laftin sin soqne dhugaa
Tarii sin argaan jedheen
Facebookiirratti muga!
...
Qalbiin kiyyas goodaanee
Yaada keen gitintiraa
Akkum kana dubbifteen
Naan jedhi "asan jira!"
---------------------------------
Sadaasa 17,2011
Ifargan Guddataatiin
---------------------------------
Ani si beekuu baadhus
Na wallaaltus atillee
Hallayyaa fakkeessinee
Ilaaluu hin qabnu dirree
...
Ati gar ta'e jirta
Hin beeku dhiyoo fagoo
Asan jira naan jedhii
Dubbadhumee jaala koo
...
Bareedduus ta'i fokkuu
Qancartuus ta'i ijoollee
Maaf kophummaan na miita
Kan booda dhufti hin oolle?
...
Na miliquuf hin yaaliin
Haala dawoo godhattee
Uumaan qaata murteesse
Akka ati naaf dhalatte
...
Giiftii koo tokkittii koo
Hirkoo koo bayeettii koo
Hin turiin hin barfatiin
Hin riphiin hin baqatiin
Hin guungumiin hin shakkiin
Calliftee narra hin darbiin
...
Yoon si beekuu baadhellee
Murteessee kana dura
Ela kunoo fuulli kee
Dhufee na dura jira.
...
Maalan dhoksas yaa tiruu
Sittimuu waanan ta'e
Kanin abjuudhan arge
Sun yoo dhugum si ta'e:
Dhugum si jaaladheetan
Guyyaas abjoochuuf mala
Araada na qabsiifteen
Taa'ee yaadaan maalala
....
Osuun hin yaadiin dhuftee
Kan halkan na naasifte
Maalta'a abjuu kana
Osuu dhugaa taasiftee?
Ergasii nama hundaan
Suma se'ee bir'adha
Si barbaaduuf jedheetan
Halkan guyyaa dhiphadha
...
Eessat na hafe tiruu
Laftin sin soqne dhugaa
Tarii sin argaan jedheen
Facebookiirratti muga!
...
Qalbiin kiyyas goodaanee
Yaada keen gitintiraa
Akkum kana dubbifteen
Naan jedhi "asan jira!"
---------------------------------
Sadaasa 17,2011
Ifargan Guddataatiin
---------------------------------
#Harmee_koorraa (5)
Siimessa koo didataa koo
Abbaa xiiqii abbaa firaa
Kutataa koo gameessa koo
Yaa jajjabee yaa dur-jiraa
...
Onnattuu koo bayeettii koo
Ciniinnattuu garaa bal'aa
Inaaftuu koo dallantuu koo
Raajimeessa ooda-argaa
...
Fakkartuu koo burraaqxuu koo
ilma haluu ilma sabaa
Rifataa koo hubataa koo
Subii furii hirma cabaa
...
Ofiin bulaa - of dhagahaa
Garraamii koo - waa danda'aa
Korbeettii koo - qancaraa koo
Safuun bulaa - qaqqaana'aa
...
Mootii ofii ilma boruu
Miixataa koo abbaa abjuu
An siif jiraa naaf jabaadhu
Nattimadhu yaada qabdu
---------------------
Ifargan Guddataatiin
---------------------
Siimessa koo didataa koo
Abbaa xiiqii abbaa firaa
Kutataa koo gameessa koo
Yaa jajjabee yaa dur-jiraa
...
Onnattuu koo bayeettii koo
Ciniinnattuu garaa bal'aa
Inaaftuu koo dallantuu koo
Raajimeessa ooda-argaa
...
Fakkartuu koo burraaqxuu koo
ilma haluu ilma sabaa
Rifataa koo hubataa koo
Subii furii hirma cabaa
...
Ofiin bulaa - of dhagahaa
Garraamii koo - waa danda'aa
Korbeettii koo - qancaraa koo
Safuun bulaa - qaqqaana'aa
...
Mootii ofii ilma boruu
Miixataa koo abbaa abjuu
An siif jiraa naaf jabaadhu
Nattimadhu yaada qabdu
---------------------
Ifargan Guddataatiin
---------------------
#Yaa_anaa. (6)
Yaa anaa kana!
----------------------
Kaayyoodhaaf xiiqeffadhee
nyaadhee galaa maxinoo
kallatti koo mil'achaa
osuu hin laaliin kan biroo...
gufadhee gitintiree
yoon hadheeffames obsee
yaada koon bibittimee
dafqa ijoollummaa cobsee...
...
Ciqilee Abbaa ormaas
Obsee danda'ee baadhee
gameessi abdii hin kutuuf
waanan argadhes nyaadhee...
Imala bu'aa bahiin
faanni koo baasee dhubbaa
hamileen koo caccabee
na hammeessaa na muddaa...
...
Na daddarbullee haalli
humna koo gamteeffadhee
miidhama laphee kootiis
koobaadhaan wayyeeffadhee...
...
Takka aaree of aarsaa
takkammoo of jabeessaa
Ofuma koon of lolee
Ofumaa of araarsaa...
Guyyaa har'aa arguun koo
ta'uu baatus naaf salphaa
Kaleessa koo yaadadheen
har'a kiyyatti gadda!
...
Kaleessi koo hin turre
akka har'a koo hamaa
dur anii koo fi ani
Waliif qabna jaalala...
Yaadaan gargar caccabnee
hin turre wal dararaa
harka walqabnee lufne
Walbaachaa wal mararaa!
...
Yaada kiyya ijaaree
halkaniin diigaa hin turre
mukaa nama baqachaa
qor-qalbii of hin hubne...
Gaaffii ofirra tuulee
hin turre of dhiphisaa
Waanan qabutti boonaan
gammachuudhaan weeddisa!
...
===Har'a garuu... ===
Of ceepha'ee of darareen
Waraansaan of huba
Qalbii cabee booji'ameen
Garaacha of guba!
...
Baqadhee dawoo seeneen
kophaa kiyya guunguma
Mataa buusee meeladheen
abootteedhaan of tuna!
...
Haalotaan of madaaleen
Kiiloo kootti falfala
Al sagal ulaa baneen
deddeebisee danqara!
...
Adeemuuf tarkaanfadheen
Jilba kiyya mudhuksa
Of hifadhe of loleen
of dhaane of Kurkursa!
...
Ofii kootti dallaneen
of oodee of koo jibba
kallattii kiyya shakkeen
Dhaaphee Luka koo irba!
...
Argachuunis naaf homaa
hin gaddu hin gammadu
xaafii bokkaan dhaaname
hin dhawu hin cagadu.
...
Waan hundaan abjuu ta'een
Mataa buusee tiradha
bitaaf mirga koo shakkeen
sodaadhee bibir'adha!
=//==
Har'i kiyya na soqee
ana fakkeessee citaa
diina kiyya na godhee
ofumatti na bita...
Birmataa na dhabsiisee
Kophaa koon jilbaan siqa
Tarii boru maal beeku
Waaqayyo guyyaa fida!
----------
Ifargan Guddataatiin
Nov 1,2018
---------
Yaa anaa kana!
----------------------
Kaayyoodhaaf xiiqeffadhee
nyaadhee galaa maxinoo
kallatti koo mil'achaa
osuu hin laaliin kan biroo...
gufadhee gitintiree
yoon hadheeffames obsee
yaada koon bibittimee
dafqa ijoollummaa cobsee...
...
Ciqilee Abbaa ormaas
Obsee danda'ee baadhee
gameessi abdii hin kutuuf
waanan argadhes nyaadhee...
Imala bu'aa bahiin
faanni koo baasee dhubbaa
hamileen koo caccabee
na hammeessaa na muddaa...
...
Na daddarbullee haalli
humna koo gamteeffadhee
miidhama laphee kootiis
koobaadhaan wayyeeffadhee...
...
Takka aaree of aarsaa
takkammoo of jabeessaa
Ofuma koon of lolee
Ofumaa of araarsaa...
Guyyaa har'aa arguun koo
ta'uu baatus naaf salphaa
Kaleessa koo yaadadheen
har'a kiyyatti gadda!
...
Kaleessi koo hin turre
akka har'a koo hamaa
dur anii koo fi ani
Waliif qabna jaalala...
Yaadaan gargar caccabnee
hin turre wal dararaa
harka walqabnee lufne
Walbaachaa wal mararaa!
...
Yaada kiyya ijaaree
halkaniin diigaa hin turre
mukaa nama baqachaa
qor-qalbii of hin hubne...
Gaaffii ofirra tuulee
hin turre of dhiphisaa
Waanan qabutti boonaan
gammachuudhaan weeddisa!
...
===Har'a garuu... ===
Of ceepha'ee of darareen
Waraansaan of huba
Qalbii cabee booji'ameen
Garaacha of guba!
...
Baqadhee dawoo seeneen
kophaa kiyya guunguma
Mataa buusee meeladheen
abootteedhaan of tuna!
...
Haalotaan of madaaleen
Kiiloo kootti falfala
Al sagal ulaa baneen
deddeebisee danqara!
...
Adeemuuf tarkaanfadheen
Jilba kiyya mudhuksa
Of hifadhe of loleen
of dhaane of Kurkursa!
...
Ofii kootti dallaneen
of oodee of koo jibba
kallattii kiyya shakkeen
Dhaaphee Luka koo irba!
...
Argachuunis naaf homaa
hin gaddu hin gammadu
xaafii bokkaan dhaaname
hin dhawu hin cagadu.
...
Waan hundaan abjuu ta'een
Mataa buusee tiradha
bitaaf mirga koo shakkeen
sodaadhee bibir'adha!
=//==
Har'i kiyya na soqee
ana fakkeessee citaa
diina kiyya na godhee
ofumatti na bita...
Birmataa na dhabsiisee
Kophaa koon jilbaan siqa
Tarii boru maal beeku
Waaqayyo guyyaa fida!
----------
Ifargan Guddataatiin
Nov 1,2018
---------
#shira_kee (7)
Imimmaan ija gamnaa
Daftee mul'attiif malee
Na mootuus yaa giiftii koo
Dhugaan kanumkoo turee!
...
Saawwan kiyya hoossitee
Osuu hin argannee Wabii
Osuu dhugaa bitattee
Gurraacha hin godhiin adii
Injifataan anuma
Hiyyeessa dabni eelche
Afuura jabbiin kufti
Barcumni sobaan teesse
---------------------------
Ifargan Guddataatiin
Fulbaana 30,2010
---------------------------
Imimmaan ija gamnaa
Daftee mul'attiif malee
Na mootuus yaa giiftii koo
Dhugaan kanumkoo turee!
...
Saawwan kiyya hoossitee
Osuu hin argannee Wabii
Osuu dhugaa bitattee
Gurraacha hin godhiin adii
Injifataan anuma
Hiyyeessa dabni eelche
Afuura jabbiin kufti
Barcumni sobaan teesse
---------------------------
Ifargan Guddataatiin
Fulbaana 30,2010
---------------------------
#Jaalala (8)
Jaalalli mo'ataadha
Waa hundaanuu yeroo kamuu
Jaalalaan walsakaala
Waa hundumaarra namuu
Diimaan osuu hin jibbiin
Isa gurraacha nuugii
Beekumsaan wal qoranii
Waliratti hin qabatan muudii
"Ati fokkisaadha maalii
Nan dhungatiin maddii koo
Ija keessas nan ilaaliin
Narraa siqi hi'ii koo"
Nama hin jechisiisu jaalalli
Mudaan wal hin qeequ
Malaan damma baafata
kan kanniisa beeku!!
---------------------------------
Ifargan Guddataatiin
---------------------------------
Jaalalli mo'ataadha
Waa hundaanuu yeroo kamuu
Jaalalaan walsakaala
Waa hundumaarra namuu
Diimaan osuu hin jibbiin
Isa gurraacha nuugii
Beekumsaan wal qoranii
Waliratti hin qabatan muudii
"Ati fokkisaadha maalii
Nan dhungatiin maddii koo
Ija keessas nan ilaaliin
Narraa siqi hi'ii koo"
Nama hin jechisiisu jaalalli
Mudaan wal hin qeequ
Malaan damma baafata
kan kanniisa beeku!!
---------------------------------
Ifargan Guddataatiin
---------------------------------
#Unfriend (9)
Facebookn na eegaltee
isheen jaalala na dhaansifte
dubbi garaa kutannaa
'Unfriend' na taasifte!
(Ifargan Guddataatiin)
Facebookn na eegaltee
isheen jaalala na dhaansifte
dubbi garaa kutannaa
'Unfriend' na taasifte!
(Ifargan Guddataatiin)
#Jette_intalli (10)
Waggaa shan si jaaladhee
osuu sii hin himiin dhoksee
mar'imaan koo hidhadhee
ciniinnadheetum Obsee
...
Akka jaalalaaf garuu
Obsee hin danda'un ture
akka aadaa keenyaatti
durbi hin gaafattuuf malee!
________________
Ifargan Guddataatiin
---------------------------------
Waggaa shan si jaaladhee
osuu sii hin himiin dhoksee
mar'imaan koo hidhadhee
ciniinnadheetum Obsee
...
Akka jaalalaaf garuu
Obsee hin danda'un ture
akka aadaa keenyaatti
durbi hin gaafattuuf malee!
________________
Ifargan Guddataatiin
---------------------------------
#Fuula_kee (11)
Fuula kee hin kenniin gurbaa
Hundaaf hin hiriin garaa
Madaalii dursa beeki
Hiriyaa gaariif yaraa!
Ilkaan kee agarsiiftee
Har'a kolfiteef taanaan
Yommuu miilla si dhiitu
"No matter" jetta taanaan
.
.
Hamma kee si safaree
Si baasa kiiloo gubbaa
Haadhoo keefillee ta'u
Fuula kee hin kenniin gurbaa!!
Har'a 'Saree' siin jedhee
Yoo dhiifte kolfiteefii
Boru 'gadhee' siin jedhaa
Kuni hin hafuu eegi.
Maal godhuree:
Situ qaawwaa kee banee
Titiisa of seensise
Hammaa fi madaala kee
Hundumaa of beeksise!!
Cufaa eenyummaa keetii
Situ furtuu agarsiise
Hiika miira nyaara kee
Situ hundaa barsiise!
Egaa...
Erga kun hunduu ta'ee
Tarii eenyu komattaa?
Moo aartee gaabbiin gubattee
firaa orma baqattaa?
Sila kanaa:-
Akkuma bishaan taliilli
Jarmii dhokatoon makaa
Barbaadamee dhabameera
Hiriyaan yaadu nagaa!
Furtuu keessa kee gurbaa
Hin amaniin eenyuttuu
Ulaan sitti cufamee
Yoomillee ala hin bultuu!
----------------------------------
Ifargan Guddataatiin
Waxabajjii 5,2010
---------------------------------
Fuula kee hin kenniin gurbaa
Hundaaf hin hiriin garaa
Madaalii dursa beeki
Hiriyaa gaariif yaraa!
Ilkaan kee agarsiiftee
Har'a kolfiteef taanaan
Yommuu miilla si dhiitu
"No matter" jetta taanaan
.
.
Hamma kee si safaree
Si baasa kiiloo gubbaa
Haadhoo keefillee ta'u
Fuula kee hin kenniin gurbaa!!
Har'a 'Saree' siin jedhee
Yoo dhiifte kolfiteefii
Boru 'gadhee' siin jedhaa
Kuni hin hafuu eegi.
Maal godhuree:
Situ qaawwaa kee banee
Titiisa of seensise
Hammaa fi madaala kee
Hundumaa of beeksise!!
Cufaa eenyummaa keetii
Situ furtuu agarsiise
Hiika miira nyaara kee
Situ hundaa barsiise!
Egaa...
Erga kun hunduu ta'ee
Tarii eenyu komattaa?
Moo aartee gaabbiin gubattee
firaa orma baqattaa?
Sila kanaa:-
Akkuma bishaan taliilli
Jarmii dhokatoon makaa
Barbaadamee dhabameera
Hiriyaan yaadu nagaa!
Furtuu keessa kee gurbaa
Hin amaniin eenyuttuu
Ulaan sitti cufamee
Yoomillee ala hin bultuu!
----------------------------------
Ifargan Guddataatiin
Waxabajjii 5,2010
---------------------------------
#Soba_kee (12)
Sobaan dachee raaftee
Bakakkaa gad buuftee
Laagaadhaa baqaqxee
Akka cittaa yuuftee...
Muka hundaa kortee
Laga mara ceetee
Hundaaf ilkaan yaasuun
Jaalatamuu seetee?
◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇
Caamsaa 28,2010
Ifargan Guddataatiin
◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇
Sobaan dachee raaftee
Bakakkaa gad buuftee
Laagaadhaa baqaqxee
Akka cittaa yuuftee...
Muka hundaa kortee
Laga mara ceetee
Hundaaf ilkaan yaasuun
Jaalatamuu seetee?
◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇
Caamsaa 28,2010
Ifargan Guddataatiin
◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇◇
#Ee_garam (13)
Osuu adii arginuu
maaf nuun jettu gurraacha
Qurxummiidha seetanii
nu adamsiiftu naacha?
....
Mar'ataa lagaa harqu
buchillaa duttu seetuu
Sa'a eegeesaa nyaatu
humnaan ittisuu Feetuu?
...
Garaa keessi ciniinu
duuba maaf dhidhiibnaree
Sossobaan fira godhaa
ilma abbaasaa gane?
...
Nama sammuun hiyyoome
arraba itti buusa
Bara fafuuf falataa
waraabessat guyyaan yuusa
...
Akka durii seetanii
hundumat jijjiirame
Ijjis boo'uu dideera
yoo funyaan rukutame
...
Sareenis abbaa qe'eef
dhiifteetti waardiyyummaa
Isheenis eegalteetti
hojii malaammaltummaa
...
Korma bookkisee
gamee randa diigu booratee
Akka godhu wallaalee
bilisummaa dheebotee...
Galtuuf yartuun as baatee
xiinxala barreessiti
Kan maqaa masoo hin qabne
kan namaas balleessiti
=//=
Ebla 18,2010
Ifargan Guddataatiin
Osuu adii arginuu
maaf nuun jettu gurraacha
Qurxummiidha seetanii
nu adamsiiftu naacha?
....
Mar'ataa lagaa harqu
buchillaa duttu seetuu
Sa'a eegeesaa nyaatu
humnaan ittisuu Feetuu?
...
Garaa keessi ciniinu
duuba maaf dhidhiibnaree
Sossobaan fira godhaa
ilma abbaasaa gane?
...
Nama sammuun hiyyoome
arraba itti buusa
Bara fafuuf falataa
waraabessat guyyaan yuusa
...
Akka durii seetanii
hundumat jijjiirame
Ijjis boo'uu dideera
yoo funyaan rukutame
...
Sareenis abbaa qe'eef
dhiifteetti waardiyyummaa
Isheenis eegalteetti
hojii malaammaltummaa
...
Korma bookkisee
gamee randa diigu booratee
Akka godhu wallaalee
bilisummaa dheebotee...
Galtuuf yartuun as baatee
xiinxala barreessiti
Kan maqaa masoo hin qabne
kan namaas balleessiti
=//=
Ebla 18,2010
Ifargan Guddataatiin
#Albeewwan (14)
Durin tufee si dhiise
Xibaara kee lakkaa'ee
Amma hojiin kee hin jirre
Arraba sirra kaa'e
Miila koon nan dhaabadha
Lafaa fi samii walakaa
Osuu bokkaan hin roobiin
Gadin buusa bakakkaa
Bubbeeyyuu ofitti waameen
Bakkan fedhetti ergadha
Jettee faltii sobaatiin
Na maraguu maaf yaadda?
Kaboota gatamerraa
Warqee tumuu barbaadda!
Muu.....
Humnatu dhiba malee
Daangaa hin qabu kan fedhii
Anis atis Albeedha
Wal hin murruu - cal jedhi!
---------------------------------------
#Leta_Kenei_Aga tiin...
---------------------------------------
Durin tufee si dhiise
Xibaara kee lakkaa'ee
Amma hojiin kee hin jirre
Arraba sirra kaa'e
Miila koon nan dhaabadha
Lafaa fi samii walakaa
Osuu bokkaan hin roobiin
Gadin buusa bakakkaa
Bubbeeyyuu ofitti waameen
Bakkan fedhetti ergadha
Jettee faltii sobaatiin
Na maraguu maaf yaadda?
Kaboota gatamerraa
Warqee tumuu barbaadda!
Muu.....
Humnatu dhiba malee
Daangaa hin qabu kan fedhii
Anis atis Albeedha
Wal hin murruu - cal jedhi!
---------------------------------------
#Leta_Kenei_Aga tiin...
---------------------------------------
#Yaa_Michuu_koo (15)
Ati naaf dhibba jechuuf
Herreegni naan eeyyamu
Tokkittii koon siin jedha
Dhibbi siin hin dorgomu!
Kuula koo iftuu namaa
Haadha simboof jaalalaa
Ija koo duraa hin badu
Suurri kee yeroo mara!
Obomboleettiin yoo ka'ee
Bubbises bubbeen birraa
Haa inaafan maleessa
Nuti walumaaf jirra!!
Yoo roobes yandoon dabaa
Biqiltuun keenya hin gogu
Michuu koo na amani
Garaan jaalate hin sobu.
---------------------------
Ifargan Guddataatiin
Ebla 24/2010
Ati naaf dhibba jechuuf
Herreegni naan eeyyamu
Tokkittii koon siin jedha
Dhibbi siin hin dorgomu!
Kuula koo iftuu namaa
Haadha simboof jaalalaa
Ija koo duraa hin badu
Suurri kee yeroo mara!
Obomboleettiin yoo ka'ee
Bubbises bubbeen birraa
Haa inaafan maleessa
Nuti walumaaf jirra!!
Yoo roobes yandoon dabaa
Biqiltuun keenya hin gogu
Michuu koo na amani
Garaan jaalate hin sobu.
---------------------------
Ifargan Guddataatiin
Ebla 24/2010
#ANII. (16)
Joonja'ees miti raata'ee
Basha'ees miti naaf ta'ee
Qabaadhees miti kooree
Fagaadhees miti jooree
Fudhadhees miti saamee
Fidadhees miti waamee
Ol kaa'ees miti kuusee
Bineensa'ees miti yuusee
Cabees miti meeladhee
Rukutees miti haleelladhee
Himatamees miti yakkamee
Dubbadhees miti dheekkamee
#MAALIF_GARUU?
Natti jigu natti dabuu
Wal furanii gad na qabuu
Na darbatu na sakaaluu
Hordofanii na takaaluu
Quba nyaatu ilkaan qaruu
Daandii kootti kosii haruu
Na hamatu natti maluu
Karaa koorra dalga galuu
Hamadhee nama hin yakkuu
Hojjetanii maaf na shakkuu?
#EGAA_ANIS
Jalaa hin qabu nan callisaa
Garaa kiyya nan ballisaa
Gumaa hin ba'u ofii kootii
Guddadhaatii ta'aa mootii
Gaariin godhe dabaa seetuu
Badii keessan natti feetuu
Boroon taa'a karra cufee
Haa dubbatu waaqni dhufee
An maalifan dunuunfadhaa
Kaayyoo koon kunuunfadhaa
An hin beeku sanyii akaa'uu
Dabaa keessan hin lakkaa'uu.........
©Poet: Amanti Degefa
Joonja'ees miti raata'ee
Basha'ees miti naaf ta'ee
Qabaadhees miti kooree
Fagaadhees miti jooree
Fudhadhees miti saamee
Fidadhees miti waamee
Ol kaa'ees miti kuusee
Bineensa'ees miti yuusee
Cabees miti meeladhee
Rukutees miti haleelladhee
Himatamees miti yakkamee
Dubbadhees miti dheekkamee
#MAALIF_GARUU?
Natti jigu natti dabuu
Wal furanii gad na qabuu
Na darbatu na sakaaluu
Hordofanii na takaaluu
Quba nyaatu ilkaan qaruu
Daandii kootti kosii haruu
Na hamatu natti maluu
Karaa koorra dalga galuu
Hamadhee nama hin yakkuu
Hojjetanii maaf na shakkuu?
#EGAA_ANIS
Jalaa hin qabu nan callisaa
Garaa kiyya nan ballisaa
Gumaa hin ba'u ofii kootii
Guddadhaatii ta'aa mootii
Gaariin godhe dabaa seetuu
Badii keessan natti feetuu
Boroon taa'a karra cufee
Haa dubbatu waaqni dhufee
An maalifan dunuunfadhaa
Kaayyoo koon kunuunfadhaa
An hin beeku sanyii akaa'uu
Dabaa keessan hin lakkaa'uu.........
©Poet: Amanti Degefa
#jaalala_lammii (17)
Kaayyoofi mul'atni kee
Gaafa ta'u gabaabaa
Otuma ati achi hin ga'iin
Jinniin mataa si yaaba.
Lammii kee - lafee keetiif
Gaafa waa yaaduu dhiistu
Halkan qaajja'aa bulta
Qabbaneeffatteehin ciistu.
Gaafa gabaa ormaa deemtu
Baattee qalqalloofi kittaa
Diyaamandiidha seetee
Buqqee tortoraa bitta!-
Bara toles bara ones
Kana beeki yaa tiruu
Lammii ofiif ta'uu caalaa
Wanti gaariin hin jiru!
By Leta Kenei Aga
Kaayyoofi mul'atni kee
Gaafa ta'u gabaabaa
Otuma ati achi hin ga'iin
Jinniin mataa si yaaba.
Lammii kee - lafee keetiif
Gaafa waa yaaduu dhiistu
Halkan qaajja'aa bulta
Qabbaneeffatteehin ciistu.
Gaafa gabaa ormaa deemtu
Baattee qalqalloofi kittaa
Diyaamandiidha seetee
Buqqee tortoraa bitta!-
Bara toles bara ones
Kana beeki yaa tiruu
Lammii ofiif ta'uu caalaa
Wanti gaariin hin jiru!
By Leta Kenei Aga