Muaz Mohamed Official Tg
273 subscribers
232 photos
56 videos
2 files
196 links
Videolee Barsiisaa,Booharsaa akkasuma da3waalee gara garaa argachuuf argachuuf Channel keenya 🌻join🌻 godhaa !
Download Telegram
Kana tahu beeytaa ??

🌷 Muaz Mohamed Irraa....

1. Irra Caaltuu yeroo ?
2. irra Caaltuu guyyaa ?
3. Irra Caaltuu Guyyaa ?
4. Irra Caaltuu Sunnaa ?
5. Irra Caaltuu Dalagaalee ?
6. Irra Caaltuu Soomanaa.?
7. Irra Caalaan Namaa ?

Deebii

1. Tan Kheeyrii irratti dabarsitu
2. Guyyaa Jummataa
3. Halkan leeylatul qadrii
4. Salaata Halkanii
5. salaata yeroo isaarratti salaatuu
6. Soomana Ramadaanaa
7. Ergamaa Rabbii ( S.a.w )

Maal Eeydaree Guyyaanis Jummataa Salawaata buusi gaa

🌻🌻🌻🌻Sallallahu Aleyhi wasallam🌻🌻🌻🌻

Barumsaa gara garaa Argachuuf ammass liinkii armaan gadii kana tuqi Join 👋godhi👋 waa hedduu barta
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Muazmohamedofficial
@Muazmohamedofficial
@Muazmohamedofficial
Forwarded from MAHER AHMED☞ Official
SEENAA WARRA TOOWBATEE
Gurbaa Banii Israa'iil
Ibnu Qudaamaatu qissaa kana odeeysa
zamana Nabi Muusaa kessa (A.S) Banii Israa'ilitti abaar
guddaatu itti bu'e,umanni irratti walitti qabamee “yaa kan
Rabbiin dubbisu,akka Rabbiin kee nuuf roobu nuu kadhau”
ja'an,isaa wajji gama dirree takkatti bahan rooba
kadhachuuf,nama kuma torbaatam turan,fuuldura isaa
dhaabbatanii karachutti seenan,haala rifeensi faaggaa, dhukkee
beelaa fii dheebuu qabaniin kadhatan,Nabi Muusaa (A.S)
dhaabbattee kadhachutti seene “yaa ilaahii (yaa gabbaramaa
kiyya) rooba kee nu'obaasi,rahmata kee nurratti facaasi,ilmoo
hootuun,beeyladaa afaan hin beeynee,manguddoo salaattuun
ja'ii rahmata nuuf godhi,samiin duumeeysa iraa qulqulluu
tahuu malee waa hin idaane,aduuniis oowwa isii idaate,Nabi
Muusaa (A.S) “yaa Ilaahii nuobaasi” je'e
Rabbiin nije'e “akkamittiin isin obaasa haala isin kessa amata
afurtam guutuu diliin harbii nattii godhaa jiru jiruu,ummata
kessatti lallabi isin jidduu haabahu,sababaa isaani rooba
dhoorgamtan”
Nabi Muusaan (A.S) lallabeeti “yaa gabricha dilii dalagu,kan
amata afurtam guutuu dilii Rabbitti dalagaa ture nujidduu
bahi,sababaa keetiin rooba dhoorgamne” je'e
gabrichi dilaawaan mirgaa fii bita laale,namni tokkolleen hin
baahe,namni Muusaan ja'u isa tahuu beeke,
nafsee isaa kessatti “yaa uumaa dila kana kessaa ani achi
bahe,ummata banii israa'iil jidduuttiin qaanyawa,yoo isaan
jidduu taa'e ammoo sababaa kiyyaan rooba dhoorgaman” je'ee
qalbiin isaa cabxee,imimmaan dhangalaasee,mataa isaa
huccuu isaa kessa kaayee,haala hojii dalagaa tureen
sheenawee jiruun “yaa Rabbi yaa gooftaa kiyya amata afurtam
guutuu dilii sitti dalagaatiin turee nasattartee natursiiftee,am
ma ammoo haala qaalii kee godheen sitti deebi'ee
(toowbadhe)”je'ee Rabbii isattii iyyate,
jacha isaa waahin fixannee duumeeysi adiin takka isaan
marsiteeti akka afaan qarbattatti roomeef,
Muusaan ajaa'ibee,”yaa Rabbi bar namni tokkolleen nujidduu
hin baanee” je'e,
Rabbiin nije'e “yaa Muusaa kan sababaa isaatiin rooba
dhoorgamtaniitu sababaa isaatiin obaafamtan”
Muusaan “yaa Rabbi gabricha qaalii kee godhee deebi'e kana
nagarsiisi” je'e
Rabbiin nije'e “yaa Muusaa isaa dilii natti daluuhuu isa hin
qaanyeesinee,isaa natti deebi'een qaanyeessaa?


#Join 👇👌 godhun nu hordofa jzkeyran 💐

@Maherzain123
@Maherzain123
@Maherzain123
#Akka_Malee_Garaa_Nama_Nyaata_Wallahi ....

👉 Abbaan Ilmaanii kun Afaaniin hin dubbatu nis hin dhagahu Subhaan Allaah 😭

Akka Malee garaa Na Nyaate waan taheef isiniif qooduuf dirqam.

Abbaan Ilmaan
Nuraddin bin Aliyyii:
{بسم لله الرحمان الرحيم}
( Obbaleeyyan kiyya kan islaamaa watoota 7 lubbuu teenya haa barsiisnuu )

√ dhukkubsataa gaafachuu
√ janaajaa gaggeessuu
√ Nama haxxifate alhamdu lillaah jedheen yarhamukkallah jechuu
√ qooda kee (gara )kee sirreessuu
√ yeroo hunda qaama miidhameef (cunqurfameef ) tumsuu
√ yaamicha afeerraa owwaachuu
√ yeroo hunda nagaya dhiyeessuu

@MuazmohamedOfficial
Video Nashiidaa tana daawwadhaa achumaan channel keenya kana subscribe godhaa !

https://youtu.be/N6yYP09Ap-w
Forwarded from BUTTON MAKER
@keyralumma @ibnu_surur✍️

📖AMALOOTA GAGGAARII (Aklaaqa) Ergamaa rabbii (S.A.W) keessaa muraasa;

☑️Ergamaan rabbii (S.A.W)irra arjaa namaati.
☑️Ammas Amala qabeessa.
☑️Amalaa fi uumaanis irra bareedaa namaati.
☑️Irra laafaa harkaati,Irra urgaa’aa hafuuraati.
~maatii isaa wajjiinis irra bareedaa namaati.
~Irra goota namaati.
~Irra beekaa namaati gara rabbiitis.
~Irra sodaataa namaati rabbii isaas.
☑️Ergamaan rabbii takkaa lubbuu isaatiif dallanee hin beeku,gadoos/gumaa bahatee hin beeku!.
Yoo daangaan rabbii diigamte qofa dallana.
☑️Irra uf gadi qabaa namaati,maatii isaatiifis haajaa fixa,namoota lallafoofis akkaan uf gadi qaba.
~Irra obsa qabeessa namaati.
~Irra saalfataa namaati(Idaayyaa gola jirtu irra).
☑️Hadiyyaa malee Sadaqaa namaa hin nyaatu.
~Dhibamaa ni gaafata.
~Gara laafutti nama ajaja.
~Akkasuma irra waliif dabrutttis nama ajaja.
~Haasawa fokkataa fi jecha badaallee namaan hin jedhu.
~Yoo badii irratti dalagan badiidhaan namaa hin deebisu,irra namaaf dabra.
~Ammas garaa baldhata.
☑️Uffataa fi nyaata keessattis uf hin dhaadu.
~Waan argate nyaata,waan argate dhuga.
~Beelarraa dhakaa garaa isaa irratti hidhataa ture.
~Rabbiin furtuu/qulfii kaaznaa dachee tanaa guutuu kenneefii,fudhachuu didee aakiraa filate.
Forwarded from Anas mohammed☞Official
Walaloo nashiidaa yatiim tan jattu
Mu'aaz &Hamzaa


Yaa akhii yaa ukhti yatim haa yaadannu
Waan qabnu hundan cina haa dhaabbannu
Duniyaaf aakhiraa akka milkooynuu
Rabbii keenya bira mindaa haa kaayannu


Yoonifi barbaadde milkii ganda lamaa
Gargaarii fiqabi me olmaan yatiimaa
Tahuu feenaan ollaa nabiyyi aalamaa
M.M amiin caalaa ilmaan namaa


Yatiim kan gargaare laalee rakkoo saatii
Milkiidha arkata duniyaa tanattii
Ammaas ollaa kooti bar jannatattii
Je'eeti dubbata ergaman rabbiitii


Yaa harmee yaa abbaa rakkame yatiimni
Garaan saani beela qullaadha qaamnini
Mana hin qaban ammaas ala jiraatanii
Waan qabduun laali baasi rakkoo saanii


Akka carraa taate isaan kan rakkate
Teetis tahuu malte yoo dubbin siif galte
Ilaalu hin feetu ilmaan ke rakkatee
Mee ufirra qabii laali waan isaan mudatee

Barreessaan :Hamdi abdujabar :


@hbbi11
@hbbi11
@hbbi11
Forwarded from Islam is peace
BARNOOTA SEENAA NABIYYII ﷺ
Kutaa 1ffaa

Qophii Ustaz Jafar Bayan

Siiraa Maaliif baranna?

1- Nabiyyitti ﷺ hidhachuuf Siiraa baruun dirqama.
Nabiyyii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam itti hidhatanii guututti hordofuuf Siiraa Isaa qulqulluu beekhuun dirqama.

2- Karaan Nabiyyii keenyaa Sallallaahu Aleeyhi Wasallam mizaana dalagaa hundaati, karaa Isaa beekhuun siiraa Isaa baruun malee hin taatu.
Sufiyaan bin Uyeynaa Akki je’e: Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Miizaana dalagaa hundaati. Dalagaan hundi tan isaatiin wal cinaa qabamtee laalamti, dalagaa Isaa tan qunnamte haqa, tan faalleeysite Baaxila.

3- Siiraa Nabiyyii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam baruun Kitaaba Rabbii (Qur’aana) hubachuuf nu gargaara. Jiruun Isaa hundi Qur’aana dalagaarra olchuudha. Inni Qur’aana lafarra deemu.

Haati Mu’mintootaa Aa’ishaan haalaa fii Amala Ergamaa Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam irra gaafatamtee akki jette: “Haalaa fii Amalli Isaa Qur’aana” Muslimtu gabaase.
4- Siiraa Barachuun Jaalala Nabiyyii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam qalbiitti nama guutti. Iimaanni Jaalala Isaatiin malee hin guuttamu.

Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam akkana je’e: “Tokkoon kheeysan hin amanne hanga ani Haadhaa fii Abbaa Isaa, Ilmaan Isaa fii Nama hundarra Isa biratti jaalatamaa tahutti.” Bukhaarii fii Muslim
5- Siiraa Nabiyyii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam baruun akka Iimaanni keenya dabaluu fii Jabaatu godha.
6- Seenaa Nabiyyii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Keeysa barnoonni Aqiidaa, beekkumsi Shari’aa, Beekkumsi Faraa’idaa fii Ibaadaatis hundi ni jira. Seenaa isaa hoggaa barre Shari’aa Islaamaa guutuu barre.
7- Siiraa Nabiyyi Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Baruun akkaataa beekkumsaan gama Islaamaa nama itti yaamuu qabnu nu barsiisa.
8- Seenaan Nabiyyii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Mallattoo Nabiyyummaa Isaa irraahi, Mallattoo dhugaan Nabiyyummaa Isaa ibsitu. Siiraan Nabi Muhammad Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Isa dhugoomsuu fii Isatti amanuuf sababaa taati.
--------

Share haa goonu kheeyrii
☆Join☆
✯┄┅┅✿❀♥️❀✿┅┅┄✯
https://t.me/joinchat/AAAAAEl3hGJVQ6E9aXlp3g
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Hoggu Furaan geesse mudannoo Akkanaa 🙈🙈🙈🙈
👇👇👇👌
@Hbbi11
@hbbi11
@hbbi11