ragaan kun qaama dhimmi ilaalu irraa waan dhiyaatuuf angoo kiyya jala waan hin jirreef ragaan ani balleessu hin jiru,
Teessoon kiyyas beekkamaa waan ta’eef seera jalaa hin miliqu,Kanaafuu, Mormiin A/Alangaa dhiyeesse kufaa ta’ee mirgi wabii akka naaf eeggamun gaafadha
jechuun falmachuun ni danda’ama.
M/Murtiis yaada bitaa fi mirgaa seera rogummaa qabu waliin madaaluudhaan ajaja/jalmurtii barbaachisu kan kennu ta’a, kunis Mirga wabii Eeyyamuu yookiin dhorkuudha.
Akka seeraatti gaaffiin Mirga wabii kun sa’aa 48 keessatti furmaata argachuu qaba.(s/d/f/y/kewt.66). Qabatama jiru garuu isiniifan dhiisa,keessattuu gara oliitti.

➪Sababoota armaan gadiitiin m/murtii mirga wabii shakkamaa hafaa gochuu/dhorkuu ni danda'a.[Seera Deemsa Falmii Yakkaa Keewwata 67 fi 63(1)]
✏️ 1) Shakkamaan/tuun bu'uura waraqaa wabii guutamee dhiyaatuun dirqama wabummaa raawwachuusaaf/isheef kan shakkisuusu ykn kan itti hin amanamne yoo ta'e,
✏️ 2) Shakkamaan/tuun wabiidhaan kan gadi lakkifamu/tu yoo ta'e yakka biroo ni raawwachuu danda'a jedhamee kan tilmaamamu yoo ta'e,
✏️ 3) Shakkamaan/tuun wabiidhaan kan gadi lakkifamu/tu yoo ta'e ragaa sossobuu, maallaqaan bituu, ykn ragaa gosa kamiiyyuu balleessuu danda'a/deessi jedhamee yoo tilmaamame,
✏️ 4) Yakki shakkamaan/tuun ittiin shakkame/te yakka murtii adabbii du'aan ykn hidhaa umrii guutuun ykn hidhaa cimaa waggaa 15 fi sanaa oliin adabsiisu ta'ee miidhamaa dhuunfaan yakki irratti raawwatame du'aaf kan yaaddessu yoo ta'e gaaffiin mirga wabii dhiyaate kufaa ykn hafaa ta'uu ni danda'a.
✍️ Sababoota kanneeniin ala namni kamiiyyuu mirga wabii heeraaf seeraan kennameef irraa mulqamuu hin danda'u.
Dargaggoonni umriin isaanii gaa'ilaaf hin geenye dhimma mirga wabii, himannaa fi qorannoo ilaalchisee adeemsa mataa isaa danda'een (akkaataa Sdfy keewwata 171-180tti) fi tumaalee seera yakkaatiin kan ilaalamu waan ta'eef mata-duree biraatiin kan ilaallu ta'a.
✍️ Mirga wabii irrattii
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waligalaa_Federaalaa_Jildii_24ffaa_Lakk_Galmee_182050 ta’een ‘’sababa yakki himatamaan raawwateen hamma miidhaa qaqqabe ilaalchisee Abbaan Alangaa keewwata seera himannicha hundeen hanga miidhaa yakkichaan dhaqqabe ibsuu dhabuun; himatamaan mirga wabiitiin yoo gadi lakkifame dirqama wabii kabajee dhihaachuu hin danda’u tilmaama jedhuun fudhachuun mirga wabii kan dhorkisiisuu miti, shakkamaan yakka biraatiin kan barbaadamu yoo ta’e malee mirga wabiin bahee dhimma isaa hordofatuu qaba’’ jechuun sdfy keewwata 67,Labsii Lakk.882/07 fi 434/1997 waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee ture.

Jilduma 24ffaa kana Lakkoofsa Galmee 182266 ta’e irratti seerri deemsa falmii yakkaa keewwattoonni 63 fi 67 himatamtoota irratti akkaataa kamiin raawwatiinsa akka qabu tokko tokkoon ibsuun sagalee caalmaan hiikoo kennee ture�.

✏️ Dhaddachi ijjibaataa mana murtii waliigala Federaalaa Lakk.Galmee 233903
gaafa 8/2/2015 kenne.(Hin maxxanfamne)✍️✍️
✍️ Dhimma yakkaa irratti teessoon jireenya himatamaa/shakkamaa iddoo biroo ta'uun isaa fi haala hojii isaatiin iddoo adda addaa socha'uun isaa qofti mirga wabii isa dhabsiisuu hin qabaatu.

✍️Bu'uura Heera FDRI kwt 32 tiin namni kamuu mirga socho'uu qabaachuu isaa faana yeroo ilaalamu iyyataan biyyattii keessatti iddoo barbaadutti socho'ee iddoo jireenya isaa murteessuuf mirga qaba.

✍️ kanaafuu iyyataan jiraataa iddoo biraa ta'uun isaan qofti mirga wabiidhaan bahuu bu'uura Heericha kwt 19(6) tiin mirkanaa'e akka mulqamu gochuu fi bu'uura heericha kwt 25 tiin namni kamuu seera fulduratti walqixa ta'uu fi eegumsa argachuu kan sarbu waan ta'eef fudhatama kan qabu miti jechuun murtii kenneera.
Hubannoo xiqqoo yoo argattaniif jedheeni,keessattuu Namoonni Ogummaa seeraa hin qabne ! Itti fayyadamaa

➠𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂 Federaalaa kenne
Himanni yakka daddabalamaan dhiyaachuun qofti mirga wabii himatamaa hin dhoorkisiisu jechuun dhaddachi ijibbaataa murtii lakk.galmee 275196 ta'e irratti gaafa 27-6-2017 kenneera.
1
(Hiikoo :- S/d/f/y jechuun gabaabbatee barreeffame, Seera Deemsa Falmii Yakkaa bara 1961 bahe jechuudha. )
https://t.me/http_Ijooseeraa
#Abbaan Manaa haadha Manaa lama kan qabu yoo ta'e,yeroo gaa'elli diigamu qoodinsa qabeenyaa ilaalchisee hiikoo seeraa Dhaddachi Ijibbaataa kenne maal jedha?
--------------------------------------------------------
??#Dhaddachi_Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.219887 ta'e irratti dhaddacha guyyaa 25/04/215 ooleen "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e,gaa'elli du'aan ykn karaa biraa seera qabeessa ta'een kan diigame yoo ta'e,dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti shoora addaa(guddaa) taphattee xaarte ta'uu yoo mirkaneessite,qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuu akka dandeessu,fi dubartiin ishiin lammaffaan abbaa Manaa waliin walakkaa hafe qooddatti" jechuun hiikoo kennee ture(Jildiidhaan hin maxxanfamne hiikoo haaraa).
--------------------------------------------------------
👉#Dhaddachi_Ijibbaataa MMWF Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 24625 ta'e irratti "abbaan Manaa haadha warraa lama qabu yoo du'e,haati Manaa lameenuu qabeenyicha gahee walakkaa bakka lamatti qooddachuu akka qaban" murteessee ture.
--------------------------------------------------------
👉#Dhaddachi_Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 13ffaa Lakk.45548 ta'e irratti "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e,gaa'elli kan diigame yoo ta'e,dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti gahee guddaa taphatte ta'uu mirkaneessite,turtii gaa'elaa keessatti hangi ishiin ifaajje yaada keessa galee qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuuf mirga akka qabdu;dubartiin(haati Manaa isheen lammaffaan) qabeenyi yeroo horatamu hin xaarre qabeenya hafe walakkaa abbaa Manaa waliin qooddachuu qabdi" jechuun hiikoo kennee ture.Dhaddachi Ijibbaataa Jildii 11ffaa Lakkoofsa Galmee 50489 ta'ee fi Galmeelee biroo irratti hiikoo walfakkaataa kennee ture.

Join us: https://t.me/http_Ijooseeraa
1
Himataan seerummaa waliigalteen  gurgurtaa/kennaa qabeenyaa hin sochoone irratti  taasifame naaf yaa diigamu jechuun gaafatee, Manni Murtiis bu’uura SHH keewwata 1815 tiin bu’aa diiggaa irratti homaa osoo hin jenne, waliigaltee diigee qofa yoo dhiise-falli himataan qabeenyaa sana ilaalchisee  qabu maali?====================================================================
MMWFDHIJ murti hin maxxanfamne galmee lakk. 204195 ta’e irratti dhaddacha gaafa 30/06/2014 ooleen kenneen  kan kanaan gadii  jedheera.==========================================================
-Seerummaan qabeenyaan naaf yaa deebi’u jedhu gaafatamuuf baatu, Manni Murtii waliigalteen akka diigamu yeroo murtii kennu, bu;uura shh keewwata 1815 tiin bitaaf mirgi sababa waliigalteetiin   waan walitti daddabarsan akka walii deebisan yookaan  osoo waliigalteen hin taasifamiin dura bakka turanitti yaa deebi’an  jedhee Murteessuuf dirqama qaba.Haala kanaan murteessuu dhabuun Mana Murtii dogongoradha. ================================================================
-Manni Murtii qabeenyaan hin sochoone  haa deebi’u jedhee murteessuu dhabuun dogongora ta’us, dogongoarri kun Ol iyyataan kan sirreeffamu malee Manuma Murtii Murtii kenne sanatti sirreeffamuu kan danda’u miti. Dogonngorri tokko manuma murtii murtii kenne sanatti sirreeffamuu kan danda’u, bu’uura tumaaleen sdfs keewwata 6, keewwata 207-211, keewwata 358 tiin qofadha. ===============================================================
Akkaataa Murtii hin maxanfamne kanaan- dhimmichi  gabaabumatti yoo gudunfamu, himataan waliigalteen gurgurtaa/kennaa qabeenyaa naaf yaa diigamu jedhee yoo gaafatuufi Manni Murtiis waliigaltee kana kan  diigu yoo ta’e, bu’aa diigiinsi waliigaltee sanaa hordofsiisu waliin Murteessuu qaba. Manni Murtii waliigaltee diigee bu’aa isaa irratti  murtii yoo hin kennine garuu falli himataan qabu, Ol iyyataan sirreessisuu malee bu’uurri seeraa Manuma Murtii  Murtii  sanatti akka sirreefatu  isa dandeessisu hin jiru.Murtii👇https://t.me/http_Ijooseeraa
1🥰1
Dhimmi MMtti falmii irra jiru tokko akkaataa SDFHH kwt 274 -277tiin araaraan xumurameera kan jedhamu yoomiidha? Ulaagaa maal maal guutuu qaba?
==================================
Dhaddacharratti araarri taasifamuu fi bitaa fi mirgi araaraan xumuanneerra jechuun Dhaddachis kanuma mirkaneessee galmee cufuun dhimmichi bu’ura tumaalee seeraa olitti caqafamaniin araaraan xumurame kan jechisiisuu miti.
Araaraan xumurameera jedhamuu kan danda’u 1) waliigalteen araaraa barreeffamaan ta’uu, 2)gareewwaniin mallattaa’uu, 3) seeraa fi safuu kan eeggate ta’uun dhaddachaan ykn MMn mirkanaa’uu fi sanadni waliigaltichaa galmeen walqabachuu qaba.
Kana yoo ta’ee waliigalteen araaraa murtii MM ta’uun bu’aa murtiin MM tokko qabu hunda kan hordofsiisu ta’a. Bal’ina qabxii kanaa irratti xiinxala murtii Mana Maree Federeeshiinii glme Lkk 107/15 ta’erratti
https://t.me/http_Ijooseeraa
𝗠𝗨𝗥𝗧𝗜𝗜 𝐃𝐇/ 𝐈J𝗜𝐁𝐁𝐀𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐇𝐀𝐀R𝐀𝐀
⚖️ 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤. 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 249367 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶, gaafa 28/05/2017 ooleen 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝗠𝘂𝗿𝘁𝗲𝗲𝘀𝘀𝗲.

Seera Dhaalaa; Qooda qabeenya Dhaala Du,aatti Hirmaachuuf Qabeenya Otuu Du’aan Jiru Fudhatame Deebisuun Dirqama (collation)
==================================
Seera Dhaalaa kwt 1065 - 1067; Murtii Dhadhacha Ijbt Glm Lkk  113247, 160761, 162475 fi Murtii haaraa galmee lakk 249367 ta’e irratti kenname waliin kan ilaalame.
===========================
⚖️ Qabeenya Dhaalaa kennaan otuu dhaalchisaab jiru fudhatame du’a isaa booda qabeenya dhaalaatti deebisuun (collation) yaadama seeraa gama tokkoon mirga dhaaltota kennaan fudhatan hinqabnee eeguu fi akkasumas gama biraan dhaalaan kennaa fudhate dabalataan hanga kennaa fudhateen alatti qooda isa dhaqqabuu qabu akka hindhabne eeguuf diriirfamedha. Kanaaf collation dhaaltota kennaa hinqabne qofa otuu hintaane Dhaalaa kennaa fudhates mirga isaa eeguun haqummaan akka jiraatu kan godhu yoo ta’u Seera Hariiroo Hawaasaa Kwt 1065 - 1067 jalatti bal’inaan diriirfamee jira.

⚖️ Dhaddachi ijbt MMWF glm Lkk 113247, 160761 fi 162475 ta’an irratti dhaalaan qabeenya du’aa otuu du’aan jiru kennaan fudhate du’a booda qixa qabeenya fudhateen qooda qabeenya dhaalaa keessaa bahuu akka qabu murteessuun hiikkoo dirqisiisaa kan kenne yoo ta’u kunis dhaaltuun kennaa fudhate gonkuma dhaala du’aa keessatti hirmaachuu hinqabu hiikkoo jedhu otuu hintaane hanga qabeenya kennaan fudhatee qooda qabeenya dhaalaa keessatti makamuun shalagamee hangi kennaan fudhate hanga hanga qooda dhaalaan isa gahuu ol yoo ta’e kan fudhate qabatee qooda keessatti hirmaachuu irraa akka hafuu fi hangi fudhate hanga qooda silaa argachuu qabuu gad yoo ta’e immoo garaarummaa hafe dhaaltota kaan waliin qooddachuu akka qabu hiikkoo agarsiisudha.

⚖️ Dhimma murtii haaraa glm Lkk 249367 ta’erratti gaafa 28/05/2017 kennameenis iyyataan gama tokkoon qabiyyee iddoo lamaa otuu dhaalchisaan jiru kennaan fudhate akkuma jirutti qabachuun gama kaaniin immoo qabeenya dhaalchisaa hafe dhaaltota kaan waliin hirmaachuuf gaaffiin dhiyeesse seeraan ala akka ta’ee fi yoo dhaala keessatti hirmaachuu barbaade qabiyyeewwan kennaan dursee fudhate deebisee dhaalatti makuu ykn immoo qabiyyee lamaan isaa qabatee dhaala du’aan ala ta’uu qaba jechuun murteessee jira.
Gabaabumatti karaa lama fayyadamuun akka hindanda’amne murtiin haaraan kun ifatti hiikkoo kan kenneedha.
Credit to :- A/S Jemal Kumbii👇
https://t.me/http_Ijooseeraa
1👍1
Forwarded from Felmeta Debo Law Office
qajeelfama hojii gannaa 2017,2018.pdf
1.9 MB
Karoora Hojii Yeroo Gannaa Bara 2017/2018 Manneen Murtii Oromiyaa
𝐁𝐮'𝐮𝐫𝐚 𝐒𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐀𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐅𝐚𝐥𝐦𝐢𝐢 𝐇𝐚𝐫𝐢𝐢𝐫𝐨𝐨 𝐇𝐚𝐰𝐚𝐚𝐬𝐚 𝐊𝐞𝐞𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚 78 𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐅𝐚𝐥𝐦𝐢𝐢𝐧 𝐈𝐫𝐫𝐚 𝐃𝐞𝐞𝐛𝐢𝐢𝐧 𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐚𝐦𝐮𝐮𝐟 𝐈𝐲𝐲𝐚𝐭𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐮𝐮 𝐟𝐢 𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐈𝐲𝐲𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐞 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐮.

📕Himatamaan tokko namni mana murtiiti isa himatee osoo hin dhiyaatin hafuun falmii fi ragaa himataa qofan murtiin iddoo inni hin jirreti kan kennamu yoo ta'e bu'ura seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa kewwaata 78 ttiin falmiin iddoo inni jirtuti irra deebin dhagahamee murtiin akka kennamu iyyannaa dhiyeefachuu ni danda'a.

📚Seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 78 jalatti murtiin iddoo himatamaan hin jiretti kenname ka’uun galmeen iddoo himatamaan jirutti irra deebiin kan ilaalamu waraqaan waamichaa akkaataa seeraatin himatamaa kan hin dhaqqabne yoo ta'e yokiin waraqaan waamichaa sirnaan isa dhaqqabee sababa gahaadhan kan hafu yoo ta’e qofa akka ta’e ifatti tumamee jira.

📗Bu’ura SDFHH keewwata 78 iyyannaa dhiyaatu yeroo ilaalu manni murtii himatamaan dhimma duubati deebisuuf beekaa hafuu fi dhabuu isaa mirga himataa wal bira qabun ilaaluun barbaachisaadha.

📕Bu'ura SDFFH keewwata 78 ttiin yeroo himatamaan iyyannaa dhiyeefatu himataan deebii akka irratti kennu taasifamee wanti falmisiisaan yoo jiraate falmii fi ragaan dhagahamuu qaba.

📗Himatamaan waraqaan waamichaa sirnaan ana hin dhaqqabne jechuun kan falmu yoo ta'e himataan waraqaa waamichaa sirnaan himatamaa dhaqqabsiisuu ragaan mirkaneessuu qaba.

📕Waraqaan waamichaa karaa bulchiinsa gandaatiin kan himatamaa dhaqqabu yoo ta’e bulchaa gandaa waraqaa waamichaa himatamaa dhaqqabsiise jedhame waamuun akkasumaas ragaa nama himatamaan yeroo waraqaa waamichaa fudhatu argan dhagahuun barbaachisaadha.

❇️Dhaddachi ijibaataa galmee hin maxxanfamin galmee lakkoofsa 198839 ta’e irratti haala kanaan murteessee jira.

📗Himatamaan waraqaan waamichaa na dhaqqabee sababa gahaniin hafe jechuun kan falmu yoo ta'e kana ragaan mirkaneessuu qaba.

📗Sababa gahan falmii irraa hafuu isaa mirkaneessuuf kan dirqama qabu himatamaa yommuu tahu waraqaa waamichaa himatamaa dhaqqabsiisuu isaa mirkaneessuuf kan dirqama qabu himataadha jechuudha.

📕Waraqaan waamichaa sirnaan tartiiba seerri ka’een himatamaa dhaqqabuun ragaa gahan mirkanoofnaan iyyannaan kufaa ta’a jechuudha.

📗Himatamaa waraqaan waamichaa isa dhaqqabee garuu sababa gahan kan osoo hin falmatin hafuun murtiin kenname yoo ta’e sababa himatamaan hafeef jedhu ragaan qulqullaa’ee sababa gahaa tahuu fi dhabu isaa madaalamuun jala murtiin kennamuu qaba.

📗Dhaddachi ijibaata mana murtii waliigala federaalaa jiildii 6ffaa lakkoofsa galmee 35403 ta’e irratti himatamaan sababa waraqaan waamicha hin dhaqqabiniif dhihaatee falmachuu yoo oole murtiin kenname ka'uun falmiin irra deebi'amee kan dhagahamu tahu murteessee jira.

📕Karaa biraatiin iyyanni gaafa himatamaan murtiin kennamuu beeke irra ji’a tokko keessatti dhiyaachu qaba jechuun kan SDFHH keewwata 78 jalatti tumame ilaalchisee manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa galmee hin maxxanfamin lakkofsi isii 198141 ta’e irratti darbinsi yeroo ji’a tokko absolute period of limitation akka hin taane fi ji’a tokko booda sababni humnaa olii yoo jiraate sana madaaluun barbaachisaadha jechuun murteesse jira.

📕Dabalataan dhaddachi ijibaataa mana murtii waliigala federaalaa jiildii 23ffaa lakkoofsa galmee 137704 ta'e irratti himatamaan bu'ura SDFHH keewwata 78 ttiin murtiin iddoo inni hin jiretti kenname akka ka'uuf gaafa murtiin kennamuu beeke irraa yeroo ji'a tokko keessatti iyyannaa dhiyeeffachuu qaba jechuun kan tumame mirga haqa argachuu himatamaa kan sarbu waan ta'eef bu'ura heeraa hin qabu jechuun murteessee jira.
https://t.me/http_Ijooseeraa
2👍2
Forwarded from Dereje Tariku Law Office (Dereje Tariku)
7438-15.pdf
9.8 MB
Murtii MMF

‎Falmii jiraattoota magaalaa Finfinnee fi Dire Dawaa fi Naannoolee jiddutti ka'u ilaalchisee dhimmicha ilaaluuf aangoo kan qabu Mana Murtii Federaalaati jechuun gaaffii hiikkaa heeraa Manni Murtii Waliigala Oromiyaa Dhaddacha Ijibbaataa qajeelche ilaalchise hiikkaa heeraa hin barbaadu jechuun calaltuu heeraa federaalaa sagalee calmaadhaan murtiin kenname kunoo guutuun isaa.

‎የህገመንግስት አጣሪ ጉባኤ በክልሎች፣ በአዲስአበባ ና በድሬዳዋ እና በክልሎች ነዋሪ መሀከል የሚደረግ ክርክር የፌዴራል ፍርድ ቤት በመሆኑ የህገ መንግሥት ትርጉም ጥያቄ አያስነሳም በማለት የሰጠው ውሳኔ.

Fuula FB Elias Kasa Ta irraa kan fudhatame
Forwarded from Jemal Kumbi
Manni murtichaa hojiitti akka deebi’u malee beenyaan akka kanfalamu Murtii haadhoo keessatti wanti murtaa’e akka hinjirree fi Manni Murtii kan raawwachiisu waan Murtii haadhoo keessatti murtaa’e qofa ta’uu ibsuudhaan iyyannoo iyyataa kufaa kan godhe yoo ta’u Manneen Murtii Naannichaa Ol’iyyannoo itti dhiyaatee fi Dhaddachi Ijbt naannichaatis komii iyyataa hindhiyeessisu jechuun haqanii jiru.
Dhumarratti Dhaddachi Ijbt MMWF immoo hojii irraa gaggeeffamuun seeraan ala jedhamee gara hojiitti akka deebi’u eega murtaa’e booda sababa hojjechiisaanis ta’ee hojjetaan kan hinbarbaanne yoo ta’e hojjetichaaf filannoon lammataa seeraan kaahame kabajamuufii kan qabu waan ta’eef hojitti deebisuun hafee beenyaan barbaachisu kanfalameefii gaggeeffamuu qaba jedhee jira. ከተፈረደለት ቦኃላ ሠራተኛው ለመመለስጠፈቃደኛ ሳይሆን ቢቀር የሥራ ክርክሮችን የሚወስነው አካል kan jedhus iyyannoon kan dhiyaatu mana Murtii ykn Dhaddacha dhimma haadhoo ilaalu otuu hintaane Dhaddachuma galmee raawwii qabate sanatti akka ta’e kan agarsiisu ta’uu Dhaddachi Ijbt MMWF xiinxala isaa keessatti ibsuudhaan murtii Manneen Murtii Naannichaa kennan diigee MMA Amboo akkaataa Labsii Lkk 377/2003 kwt 43(4) hanga beenyaa iyyataaf kanfaluu qabuu shalaguun galmeedhuma raawwii sana irratti akka raawwachiisuuf murteessee jira.
Murtii haadhoo keessatti beenyaan akka kanfalamu hinmurtoofne jedhamee iyyannoon iyyataa kufaa ta’uun dogongora bu’uraa ijoo seeraa labsicha kwt 43(3) irratti raawwatame akka ta’es Dhaddachi Ijbta ibsee jira.
NB: Labsii Lkk 1156/2011 kwt I 43 isuma Labsii Lkk 377/2003 jalatti tumamee turee fi hiikkoo olitti ibsame itti kennamedha.
Jemal K Kumbi
1
Forwarded from Muhammedteyib Nure:Judge
Firii dubbii himannaa keessatti hin ibsamne falmiis ta’ee komii keessatti kaasuus ta’ee ragaa irratti dhiyeessuun dogongora bu’uuraa ijoo seeraa fi qajeeltoo madaallii ragaati jechuun Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Galmee Lakk. 251700 ta’e irratti hiikoo gaafa 26/05/2017 kenne.
Forwarded from Vacancy Posts
Rammis Bank Job Vacancy 3 August 2025

BA degree in Accounting, Management, Economics, Finance, Business Administration, or a related field

LLB Degree in Law

Salary and benefits: As per the bank’s scale

How to Apply

https://elelanjobs.com/job/rammis-bank-external-vacancy-announcement-multiple-banking-positions-apply-by-august-6-2025/

Deadline : August 06- 2025
1
Maatii; Waliigalteen Guddifachaa Mana Murtii Dhiyaatee Yoo Mirkanaa’ee Malee Bu’aa Seeraa Hinqabu
==================================
Seera Maatii Federaalaa kwt 194, 205 ; SHH kwt 894(1); Seera Maatii Oromiyaa (SMO) kwt 207 fi 208 fi; Murtii Dh Ijbta MMWF glme Lkk 199906 ta’erratti gaafa 05/02/2014 kenname (Jld 27ffaa)
==================================
Mucummaan ykn ilmummaan guddifachaa waliigaltee  qophaa’e me nana murtiitti dhiyaachuun abbaa seeraan murkanaa’ee galmaa’e yoo jiraate malee guddifanni seera qabeessa jira jechuun hindanda’amu.
Akkasumas waliigalteen akkasii otuu hinjiraanne ani Ilma ykn mucaadha waan ta’eef dhaaltuudha jedhanii mirga dhaalaa gaafachuuf kan hindandeessifne ta’uu caalaayyuu ragaan dhaaltuu haala akkasiin fudhatame seeraan ala waan ta’eef haqamuu kan qabudha.
Kana malees waliigalteen guddifachaa seera qabeessi jiraaachuu fi dhiisuun qabxii ijoo gareewwaniin qofa ka’uu qabu kan jedhamu otuu hintaane Manni Murtii ofii isaa kaasee qulqulleessuu fi mirkaneeffachuu danda’u dha.
Dhaddacha Ijibbaataa MMWF glme Lkk 199906 ta’erratti murtii gaafa 05/02/2014 kennameen hiikkoo seeraa dirqisiisaa laatameedha .
Qabatamaan hawaasni biyya kanaa akka waliigalaatti, kan naannoo Oromiyaa addatti aadaa ijoollee Nama biroo guddifachuu bal’inaan kan qabuu fi kanas karama aadaatiin malee barreeffamaan qophaa’ee mana murtiitti kan raawwatamuu miti. Haala kanaan namoonni karaa aadaa daa’imummaa isaanii irraa guddifamuun Maatii guddisaa qofa akka Maatii ofiitti beekan , Maatii isaan uumate gonkumaa kan hinbeekne hedduudha. Namoonni akkasii yeroo guddisaan isaanii du’an ijoollee guddistoota irraa dhalataniin abbaa ykn haadha keenya irraa hindhalanne waan ta’eef dhaaluu hi danda’an jechuun yeroo falmiin irratti ka’u bal’inaan mul’ata.
Manneen murtiitis ragaa namaa dhagahuun miseensummaa maatiin ykn guddisuma aadaa bu’ura guchuun murteessaa turanii jiru. Amma garuu miseensummaas labsiin Lafa Baadiyaa Lkk 248/2015 waan haqeef guddisa karaa aadaa haqummaaf jecha ragaa namaan ilaalamaa tures hiikkoo Dhaddacha Ijibbaataa olitti ibsameen ifatti waan dhoorkameef murtiin walfakkaataa fi tilmaamawaa ta’e kan kennamu ta’a . Kun waan gaarii yoo ta’eeyyuu namoota karaa aadaa guddifamanii qe’ee fi ardaa maatii guddiseetti qofa ofbeekanii fi jiraatan haqa kan dhabsiisu ta’uun isaa yaaddoodha.
Jemal K Keweti
https://t.me/http_Ijooseeraa