Forwarded from Muhammedteyib Nure:Judge
Yaa'ii Gadaa Sikkoo Mandoo Dhaddacha Guutaatti.
Qajeelfama adabbii haaraa ykn 3/2017 keessatti manni murtii yakkoota sadarkaa fi gulantaan hin baaneef akkamiin baasa?

1) Qajeelfamni adabbii haaraa 3/2017 keessatti yakkoota sadarkaa fi gulantaan hin baaneef ilaalchisee  yookan seerota gara fuula duratti bahan kan sadarkaa fi gulantaan hin baaneef manni murtii haala kamiin akka baasuu qabu kwt 112 irraa kaasee ibsee jira.

2) Yakkichi adabbii hidhaa salphaa yookan cimaa akka filanootti wal faana kan qabu yoo ta’e manni murtii osoo sadarkaa hin baasiin dursee  hidhaa salphaa yookan hidhaa cimaa ta’uu isaa murteessa.

3) Erga hidhaa salphaa yookan immoo hidhaa cimaa filatee booda firiwwaan dubbii raawwii yakkichaa keessatti ibsamanii jiranii fi yaadaota adabbii salphisanii fi cimsan yaada keessa osoo hin galchiin dursee ciminaa fi raawwii yakkichaa:
A. Salphaa
B. Gidduu galeessa
C. Cimaa jechuun ni sadarkeessa.

4) Manni murtichaa salphaa, gidduu galeessa yookan immoo cimaa yeroo jedhee fudhatu sababa isaa murtii irratti haala ifa ta’een ibsuu qaba.
5) Dhimmoota qabxii 2 fi 3 jalatti ibsaman yeroo mani murtii murteessuutti qabxiilee armaan gadii kana akka sababatti itti fayadamuu danda’a. Haa ta’u malee sababoota waliigalaa adabbii cimsanii fi salphisan akka sababatti yookan ulaagatti itti fayadamuu hin danda’u. ulaagaleen ilaacha keessa galchee itti fayyadamuu danda’u:
A. Haala raawwii yakkichaa ilaalchisee,
B. Hamma miidhaa raawwiin yakkichaa dhaqqabsiiseen,
C. Bu’aa yakkichi argamsiiseen,
D. Yakkichi itti yaadamee raawwatamuu fi raawwatamuu dhabuu,
E. Yakkichi dagannoodhan yeroo rawwatamu kan adabsiisu yoo ta’e dagannoon sun kan beekamuu fi kan hin beekamne ta’ee
6) Manni murtichaa qabxiilee armaan olii 5ffaa jalatti tarreefamanii alatti ulaagaan  yookan sababni biraa kan jiru yoo ta’e itti fayyadamuu danda’a.

7) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa sadii jalatti ibsameen sadarkaan yakkaa erga addaan bahee booddee sadarkaa yakkaatiif ka’umsa adabbii murtessuudhaaf akka danda’amuuf kutaa seera yakkaa addaa keessatti haala taa’een ka’umsa adabbii fi fiixee adabbii gidduutti dheerina argamu bakka afuritti qooduudhaan:
A. Seera yakkaa keessatti ka’umsa adabbiitiif jedhamee hangi adabbii eegalu ¼ (yeroo yookiin hanga) gulantaa 1ffaa jedhama.
B. ¼ itti aananii kan argaman akkuma tartiiba isaanitti gulantaa 2ffaa, 3ffaa fi 4ffaa jedhamu.

8) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa sadiitiin yakkoota sadarkaa yakkaa salphaa jedhaman keessatti ramadamaniif manni murtii aangoo isaatiin gulantaa yakkaa jalqabaa ni murteessa.
9) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa sadiitiin yakkoota sadarkaa yakkaa Gidduu galeessa jedhaman keessatti ramadamaniif manni murtii aangoo isaatiin gulantaa yakkaa lammaaffaa ni murteessa.
10) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa sadiitiin yakkoota sadarkaa yakkaa Cimaa jedhaman keessatti ramadamaniif manni murtii aangoo isaatiin gulantaa yakkaa sadaffaa ni murteessa. Haa ta’u malee manni murtii gochi yakkaa raawwate baay’ee cimaadha jedhee yoo amane gulantaa kanan osoo hin ta’iin ka’umsa gulantaa adabbii gulantaa 4ffaa jalatti murteessuu ni danda’a.

11) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 8, 9, 10 jalatti ibsameen ka’umsi adabbii mana murtiidhaan murtaa’e gabatee maxxantuu adabbii ibsu gulantaa kam jalatti akka kufu ilaaluudhaan gulantaa adabbii adda ni baasa. Iddoo lamaa fi isa olitti kan argamu yoo ta’e immoo gulantaa isa gadaanaa ni qabata.
12) Gosoota yakkaa adabbiin isaanii bu’uura keewwata kanaatiin qarshii qofaan yookan adabbii hidhaatiin yookin immoo hidhaa fi qarshiitiin kan adabsiisan ta’uun isaa yeroo tumamutti yookin bu’uura seera yakkaa kwt 92/2 tiin qarshiidhaan adabuun barbaachisaa yoo ta’e, manni murtii seera yakkaa waliigalaa yookin kutaa addaa yookiin fiixee adabbii seera birootin tumame bu’uura godhachuudhaan gocha yakkaa cimaadhaaf hanga fiixee adabbii seerichaa keessatti taa’eetiin giddu galeessa kan ta’eef fiixee adabbii seerichaa keessatti taa’e irraa 1/3 hir’suudhaan hanga irra gahu fiixee adabbii gochuudhaan akkasumas salphaa kan ta’eef fiixee adabbii irraa 2/3 hir’isuun gadi bu’ee fiixee adabbii osoo hin caaliin adabbii
“Adeemsa Waldiddaan Lafa Baadiyaa Naannoo Oromiyaatiin Walqabatee Uumamu Ittiin Furamu: Xiinxala Dhimmaa”
==================================
Kan olitti warabbiin dhiyaate mata duree barreeffama (case analysis/comment) qo’annoo Seerota Bulchiinsa Lafa Baadiyaa mootummaa naannoo Oromiyaa fi hiikkoo Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Fedeaalaan galmee Lkk 169648 ta’erratti murtii laateen kennamuun Jiildii 24ffaa keessatti maxxanfamee argamu irratti xiinxala dhimmaa Joornaalii Seeraa Oromiyaatiif obboo Dassaaleny Biraanuutiin gumaachamuun maxxansa 14ffaa Joornaalichaa keessatti maxxanfamedha.
Obboo Dassaaleny Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigalaa fi Inistiitutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaattis leenjisaa beekamaa buleessadha.
=================
Barreeffamichi lafti qabeenya ummataa fi mootummaa ta’uu fi lammiileen dhuunfaa mirga abbaa qabiyyummaa fi itti fayyadamaa qofa kan qaban ta’uun Heera Mootummaa Federaalaa fi kan Naannoo Oromiyaa keessattis imaammata bu’uraa ta’uun kan kan tumame ta’uu isaa, abbaan qabiyyee lafa isaa irraa mirga seeraan ala buqqa’uu dhabuu kan qabu akka ta’ee fi kanaafis eegumsi heeraan kan taasifameef akka ta’e kutaa see sana keessatti gabaabinaan ibsee jira.
Kana malees wldiddaan ittifayyadamaa fi mirga abbaa qabiyyummaa Lafa Baadiyaa irratti naannicha keessatti uumamus kan ittiin furamu sirni seeraa ifaan labsiidhaan diriirfamee kan jiru akka ta’e tumaalee heeraa, Seerota Bulchiinsa fi Ittifayyadamaa mootummaa naannichaa kanaan dura hojii irra turan (Labsii Lkk 130/99 fi Dambii Lkk 151/2005) fi akkasumas Labsii Lkk 248/2015 yeroo ammaa hojiii irra jiru caqasuun adeemsa Waldiddaan ittiin furamu ifa ta’e seera baaftuun (caffeen) mootummaa naannichaa kan tume ta’uu isaatis kutaa 2ffaa barreeffamichaa keessatti ka’uun bal’inaan ilaalamee jira.
Akkasumas seenaa dhufaatii fi firiin ijoo dhimma Dhaddachi Ijibbaataa MMWF glme Lkk 169648 irratti ilaalamee gabaabinaan kutaa 3ffaa keessatti kan agarsiifame yoo ta’u inni ijoonis Waldiddaan qabiyyee Lafa Baadiyaa ilaalchisee iyyataa fi waamamtoota giddutti naannicha keessatti ka’ee ture mana Murtii Aanaatti jalqaba dhiyaachuun akkaataa Labsii Lkk 130/99 yeroo sana hojii irra tureetti kwt 16n dursee jaarsolii araaraan gandarratti ilaalamu malee kallattiin mana murtiitti dhiyaachuu hinqabu jedhamee kufaa ta’uun murtaa’uudhaan Manneen Murtii Naannichaa sadarkaan jiranittis ol’iyyannoo fi Ijibbaataan ilaalamee eega cime booda dhaddacha ijibbaataa MMWFtti immoo jaarsummaan filannoodha malee dirqama miti jechuun murtii Manneen Murtii Naannichaa diigee falmiin Waldiddaa Lafa Baadiyaa irratti ka’u kallattiin mana Murtiitti dhiyaachuu akka danda’u murteessuu isaa barreeffamichi kutaa 3ffaa keessatti ibsee jira.
Gama biraan aangoo seera baasuu, seera hiikuu fi seera raawwachiisuu mootummaa Federaalaa fi naannooleef adda addaan heericha kwt 51 fi 52 jalatti kan qooda me akka ta’ee fi bu’uruma kanaan mootummaan naannoleetis dhimmoota heericha kwt 52(2(d)) jalatti Lafa ilaalchisee seera baasuu aangoo kennameefitti fayyadamuun mootummaan Naannoo Oromiyaa Labsii Durant Lkk 130/99 kwt 16 jalatti fi dambii labsicha raawwachiisuuf bahe kwt 18 jalatti waldiddaan Lafa baadiyaan walqabatee naannicha keessattiwka’u jalqaba gandarratti jaarsummaan dursee ilaalamuu akka qabuu fi adeemsa kana malee kallattiin mana murtiitti dhiyaachuu akka hinqabne mootummaan naannichaa tumachuu isaa barreeffamichi kutaa 4ffaa keessatti bal’inaan eega xiinxale booda dhumarrattis hiikkoon dhaddacha ijibbaataa MMWFn dhimma glme olitti caqame irratti kenname faallaa heeraa fi Labsii caffeen naannichaa baafatee ta’uu irra darbee birkaddummaa aangoo seera baafachuu mootummaa naannichaaf heeraan kennameef kan cabse ta’uu isaa guduunfaa waliigalaan goolabee jira.
Gumaachi beekamtii fi dandeettii barreessichaa dhuunfatti daraan kan olbaasu ta’uun gamattis  maqaa fi beekamtii Inistiitiyutichaatis suga kan itti godhu waan ta’eef obboo Dassaalenyin dabalatee ogeessonni joornaalichaaf gumaacha taasisan hundi galata guddaatu malaaf.
2
Forwarded from Desalegn B. (Desalegn B.)
Labsiin Gurgurtaa (Daldala) Bu'aalee (Oomishaalee) Boba'aa, Lakk.1363 Kwt 25(1) jalatti:

"Namni kamiyyuu bu'aalee (oomishaalee) boba'aa iddoo hayyamameen alatti kuusee, nama itti gurguramuu hin qabnetti, iddoo fi sirna gurgurtaatiin ala osoo gurguruu yoo argame, ykn akkaataa qajeelfamaan murtaa'een baattoowwan (konteenaoota) miidhaa ni dhaqqabsiisu jedhamaniin osoo gurguruu yoo argame, bu'aaleen boba'aa qabame dhaalamee hidhaa cimaa waggaa 3-5fi qarshii 350,000-500000tiin adabama" jedha.

1) የነዳጅ ውጤቶችን ከተፈቀደው ቦታ ውጪ ያከማቸ፤ ሊሸጥ ከሚገባው ሰው፥ ቦታ እና የግብይት ሥርአት ውጪ ሲሸጥ የተገኘ ወይም በመመሪያ በተወሰነው መሠረት አደጋ ያስከትላሉ በተባሉ መያዣዎች ሲሸጥ የተገኘ ማንኛውም ሰው የተያዘው የነዳጅ ውጤት ተወርሶ ከሶስት አመት እስከ አምስት አመት በሚደርስ ጽኑ እሥራት እና ከብር ሦስት መቶ ሀምሳ ሺ እስከ አምስት መቶ ሺ በሚደርስ መቀጮ ይቀጣል::
    (የነዳጅ ውጤቶች ግብይት አዋጅ
ቁጥር  1363/2017 አንቀጽ 25)

Hubachiisa:

✍️Labsichi kwt 2(1)fi 2(5) jalatti "Oomishaalee (bu'aalee) boba'aa" jechuunifi "Kuusuu" jechuun maal jechuu akka ta'an tumeera. Haala kanaan, kuusuu jechuun bu'aalee boba'aa diippoo boba'aan keessatti kuufamu keessa tursiisuu ta'uu ibseera.
✍️Labsichi buufata boba'aa irratti dirqamoota hedduu kan gate yemmuu ta'u isaan keessaa muraasni: Dirqama fayyadamtoota dhumaatiif tajaajila gurgurtaa sa'a 24 walirraa hin citne kennuu, dirqama osoo boba'aan buufata (fuel station) keessa jiruu tajaajila gurgurtaa addaan kutuu dhabuufaati. (Kwt 7(7,8))

Akkaataa tumaa kanaatti adabsiisuuf bu'aalee boba'aa hangamtu kuufamuu qabaa? Eessatti kufamuu qabaa? (Mee warri keessa beektan ykn dhimmichaa irratti leenjii argattan waa jedhaa muuxannoo qoodaa🧐)

    Join:-
@desberofMM

         Desalegn B.
Forwarded from Mulugeta F.Binegde
219802.pdf
619.3 KB
Raawwachiisa Murtiitiin wal qabatee- Murtii hin maxxanfamne galmee lakk. 2198ዐ2 ta’e irratti dhaddacha gaafa 02/02/2015 ooleen MMWFDHIJ tiin kenname.===============================
Murtii haadhoo kenname keessatti Iyyataan gidduu seenaa ta’ee moggaafamee kan jiruufi gabaasa qulqulleessa dhaalaa dhiyaate irrattis dhaaltota keessa nama tokko ta’uun isaa ibsamullee--- murticha keessatti mirgaaf dirqamni Iyyataa adda bahee hanga hin teenyetti –Iyyataan want raawwachiifatu kan hin jirre ta’uu.
225363 29..pdf
579.8 KB
Manni dhaalaa dhaalchistoonni qabaataa turan diigamee Manni biraa mormii malee dhaaltotaan ijaarame -qabeenya dhuunfaa dhaaltotaa warra ijaaranii ta’a malee qabeenyaa dhaalaa miti. SHH keewwatni 1179(1) qabiyyee nama biraa irratti abbaan qabiyyee osoo hin mormine mana ijaarame ilaalchisee falmii nama mana sana ijaareefi abbaa qabiyyee jidduutti uumamu kan ilaalu malee falmii dhaaltota jidduutti ka’u kan hin ilaalu miti.
227379.pdf
654.2 KB
Fuudhaaf heerumni osoo hin raawwatamiin akka haadha warraa fi abbaa warraatti wajjiin jiraachuu keessatti waliigalteen qabeenya ilaalchisee jidduu isaaniitti taasifamu , Mana Murtiitiin yoo mirkanaa’e malee bu’aa hin qabaatu.
ስለ አቤቱታ ማሻሻል 5 የሰበር ውሳኔዎች

1- ከሳሽ በመጀመሪያ ቀጠሮ ያላቀረበው ማስረጃ በሂደት እንዲያቀርብ ከተፈቀደ ተከሳሽም የቀረበውን ማስረጃ አግባብነት እና ተአማኒነት ለመቃወም እንዲችል የመከላከያ መልሱ እንዲያሻሽል ሊፈቀድለተ ይገባል፡፡ ተከሳሽ በማስረጃው ላይ አስተያየት ብቻ እንዲሰጥ መገደብ የመከላከል መብቱን ያጣብባል፡፡ /ሰ/መ/ቁ. 160314  ቅጽ 24/

ጥያቄ--ዓላማው አዲስ የቀረበውን ማስረጃ አግባብነት እና ተአማኒነት ለመቃወም ከሆነ ይህንኑ በሚሰጠው አስተያየት በሚገባ ለመቃወም የሚችል እንደመሆኑ የመከላከያ መልስ ማሻሻል ለምን አስፈለገ?

2- ክስ እንዲሻሻል ሲፈቀድ ከሳሽ ቀድሞ ያቀረበውን የክስ ምክንያት መቀየር አይችልም፡፡ ስለሆነም ብድር ለማስመለስ የቀረበ ክስ እንዲሻሻል ከተፈቀደ በኋላ የክሱን ምክንያት ወደ ያላአግባብ መበልፀግ በመቀየር የተሻሻለ ክስ ከቀረበ ፍርድ ቤቱ ሊቀበለው አይገባም፡፡ ያለመቀበሉ ውጤት ክርክሩን በቀድሞው የክስ ምክንያት እንዲቀጥል ያደርገዋል፡፡ ሆኖም ከሳሽ በቀድሞው የክስ ምክንያት መቀጠል ካልፈለገ ፍርድ ቤቱ መዝገቡን ይዘጋዋል፡፡ /ሰ/መ/ቁ. 161736  3 ለ 2 በሆነ በአብላጫ ድምጽ የተሰጠ/

ጥያቄ--መዝገቡ ከተዘጋ በኋላ ከሳሽ ዳኝነት ከፍሎ በቀድሞው ወይም በተሻሻለው የክስ ምክንያት አዲስ ክስ ማቅረብ ይችላል?

3- የመከላከያ መልስ እንዲሻሻል ሲፈቀድ ተከሳሽ በመጀመሪያ መልሱ ላይ ያላቀረበውን አዲስ የመጀመሪያ ደረጃ መቃወሚያ ማንሳት አይችልም፡፡ /ሰ/መ/ቁ. 55973 ቅጽ 12/

ጥያቄ-- የክስ አቤቱታው ከተሻሻለ ተከሳሽ በመጀመሪያው መልሱ ላይ ያላካተተውን አዲስ መቃወሚያ ማንሳት ይችላል?

4- አቤቱታ ሊሻሻል የሚችለው በጉዳዩ ላይ ፍርድ ከመሰጠቱ በፊት በማንኛውም ጊዜ ነው፡፡ ስለሆነም በጉዳዩ ላይ ፍርድ ተሰጥቶ መዘገብ ከተዘጋ በኋላ አቤቱታ ለማሻሻል የሚቀርብ ጥያቄ ተቀባይነት የለውም፡፡ /ሰ/መ/ቁ. 89641 ቅጽ 15/

5- ከሳሽ ክሱን እንዲያሻሽል ተፈቅዶለት ካሻሻለ ምንም እንኳን በተሻሻለው ክስ ላይ የተጨመረው ነገር መሰረታዊ የይዘት ለውጥ የማያመጣ መስሎ ቢታይም ፍርድ ቤት ተከሳሹ ለተሻሻለው ክስ አዲስ የመከላከያ መልስ እንዲያቀርብ ዕድል ሊሰጠው ይገባል፡፡ በመሆኑም “በተሻሻለው ክስ መልስ እንዲሰጥበት ማድረጉ የሚያመጣ ለውጥ አይኖረውም” በሚል ምክንያት ተከሳሽ ለተሻሻለው ክስ የመከላከያ መልሱን ሳያቀርብ ፍርድ ሊሰጥ አይችልም፡፡ /ሰ/መ/ቁ. 95620 ቅጽ 16/
https://t.me/http_Ijooseeraa
#MIRGA_WABII (s/d/f/y/kew.64)
Mirgi Wabii Mirga bu’uuraati, Heeraanis eegumsi kan godhamedha.
Heera MFDRI fi Heera M/N/Oromiyaa Kewt.19(3)(4) jalatti Namni to’annoo jala oolfame tokko,sa’aa 48 keessatti M/Murtii dhiyoo jirutti dhiyaatee, Mirgi wabii akka eeggamuuf gaafachuu akka danda’u fi M/Murtiis haqaaf jecha to’annoo jala tursuun yoo barbaachisaa ta’e malee, Mirga wabii eeyyamuu akka qabu tumameera.
Mirga wabiin gadi Lakkifamuun qajeeltoodha (Principle), yeroo muraasaaf to’atamuun immoo muraa addaa(Exception) dha. Muraan addaa immoo dhiphatee hiikkamuu qaba.

✏️ Namni Yakkaan Shakkamee to’annoo jala oole tokko, Mirgi wabii isaa jalqaba, Waj/Poolisiitti eeggamuu ni danda’a. s/d/f/y/kewt.28. Bu’uura keewwata kanaatiin Poolisiin wabiidhaan gadi Lakkisuu yoo dide, Mana Murtii tti iyyannoo mirga wabii dhiyeeffachuun ni danda’ama.

Angoo M/Murtii ilaalchisee, Iyyataan Mana Murtii Sadarkaa Kamittiyyuu Mirgi wabii akka eeggamuuf gaafachuu ni danda’a. s/d/f/y/kewt.64(3). Mana Murtii Aanaatti Mirga wabii gaafatee kufaa kan ta’e/kan dhorkame yoo ta’e immoo M/M/Itti aanutti Ol Iyyachuun mirga.

💥 #Mirgi_wabii_kan_gaafatamu:-

1ffaa, Namoota Ajaja M/Murtii malee, to’atamanii osoo M/Murtii hin dhiyaatiin jiran bu’uura s/d/f/y/) keewwata 64 tiin Mirgi wabii akka eeggamuuf gaafachuu ni danda’u.
Ykn Namoonni Murtii/Adabbii malee to’annoo jala jiran tiin Mirga Bilisummaa qaamaa (habeas corpus) M/Murtii aanaatti gaafachuu ni danda’u.

2ffaa, Namoonni Yakkaan shakkamanii Poolisiin to’annoo jala oolchee bu’uura s/d/f/y/kewt.59(2)tiin Yeroo beellamaa hanga guyyaa 14 gaafate irratti, Yeroon beellamaa jalqabas ta’ee dabalataan kennamuun barbaachisaa miti, Mirgi wabii akka naaf eeggamu jechuun gaafachuu ni danda’u,

3ffaan, Namni A/Alangaa Himannaa Yakkaa irratti dhiyeesse, Dhaddacharratti dhiyaatee Mirgi wabii akka eeggamuuf gaafachuu ni danda’a.

⚖️ Iyyataan ykn Shakkamaan yookiin Himatamaan, Mirga wabii yoo gaafatu, yeroo hunda A/Alangaa yookiin qorataan Poolisii yaada kan itti kennu ta’a.kewt.66.

💥 Yaadni kunis maal ta’uu danda’a:-
1ffaan A/Alangaa Yakkichi Mirga wabii kan hin dhorkine yoo ta’e, Mirgi wabii yoo eeggameef mormii hin qabnu jechuu danda’a,
2ffaa, Mirga wabii kan mormu yoo ta’e immoo bu’uura s/d/f/y/kewt.63 tiin ykn 67 tiin ykn seerri addaa yoo jiraates ibsuudhaan mormii dhiyeessuu ni danda’a.

⚖️ S/d/f/y/kewt.63 Yakki Ittiin himatame murtii du’aa yookiin Adabbii Hidhaa Cimaa waggaa 15 yookiin isaa ol, kan hin adabsiifne yoo ta’e fi Namni Yakki irratti raawwatame sababa miidhaa irra gaheetiin kan hin duune yoo ta’e,M/murtii Mirga wabii eeguu ni danda’a. garagaltoon hiikoo keewwata kanaa, ulaagaawwan kun yoo guuttaman mirgi wabii dhorkamu kan danda’u ta’uu isaati.

S/d/f/y/kewt.67 Ulaagaawwan Mirga wabii dhorkisiisan tarreessa, isaanis:-
Dirqama wabummaa seene kan hin raawwanne ta’uun yoo hubatame, Wabiin yoo gadi Lakkifame yakka biroo raawwata jedhamee yoo tilmaamame, Ragoota bituudhaan (sossobuudhaan) yookiin waan isaan mirkaneessan ragaan akka badu godha jedhamee yoo amaname mirgi wabii dhorkamuu ni danda’a.

Egaa, akkuma olitti ibsame, Mirgi wabii falmii bitaa fi mirgaati. Namni Mirgi wabii akka eeggamuuf gaafatu,sababa isaa ni ibsa, A/A/ ykn Poolisiinis sababa mormeef ni ibsa,Madaalliin kan mana murtiiti.

Kewt.67 kun akka seeraatti dhiphatee hiikkamuu osoo qabuu, yeroo baay’ee, akka qajeeltootti A/A/ fi Qorataan Poolisii yeroo mormii dhiyeessan mul’ata.

Falmiin Nama Mirga wabii gaafatee kan ta’uu qabu:-
Yakkichi Mirga wabii kan hin dhorkine ta’uu,
Dirqama wabummaa seene kan raawwatu ta’uu isaa,
Wabiin yoo bahe Yakki biroo raawwatu akka hin jirre,
Wabiin yoo bahe Ragaan balleessus akka hin jirre, fakkeenyaaf Qorataan Poolisii ragaa Namaa dhagahee waan jiruuf ragaan ani balleessu hin jiru jechuu fi ragaa barreeffamaa yoo ta’e immoo
1👍1
ragaan kun qaama dhimmi ilaalu irraa waan dhiyaatuuf angoo kiyya jala waan hin jirreef ragaan ani balleessu hin jiru,
Teessoon kiyyas beekkamaa waan ta’eef seera jalaa hin miliqu,Kanaafuu, Mormiin A/Alangaa dhiyeesse kufaa ta’ee mirgi wabii akka naaf eeggamun gaafadha
jechuun falmachuun ni danda’ama.
M/Murtiis yaada bitaa fi mirgaa seera rogummaa qabu waliin madaaluudhaan ajaja/jalmurtii barbaachisu kan kennu ta’a, kunis Mirga wabii Eeyyamuu yookiin dhorkuudha.
Akka seeraatti gaaffiin Mirga wabii kun sa’aa 48 keessatti furmaata argachuu qaba.(s/d/f/y/kewt.66). Qabatama jiru garuu isiniifan dhiisa,keessattuu gara oliitti.

➪Sababoota armaan gadiitiin m/murtii mirga wabii shakkamaa hafaa gochuu/dhorkuu ni danda'a.[Seera Deemsa Falmii Yakkaa Keewwata 67 fi 63(1)]
✏️ 1) Shakkamaan/tuun bu'uura waraqaa wabii guutamee dhiyaatuun dirqama wabummaa raawwachuusaaf/isheef kan shakkisuusu ykn kan itti hin amanamne yoo ta'e,
✏️ 2) Shakkamaan/tuun wabiidhaan kan gadi lakkifamu/tu yoo ta'e yakka biroo ni raawwachuu danda'a jedhamee kan tilmaamamu yoo ta'e,
✏️ 3) Shakkamaan/tuun wabiidhaan kan gadi lakkifamu/tu yoo ta'e ragaa sossobuu, maallaqaan bituu, ykn ragaa gosa kamiiyyuu balleessuu danda'a/deessi jedhamee yoo tilmaamame,
✏️ 4) Yakki shakkamaan/tuun ittiin shakkame/te yakka murtii adabbii du'aan ykn hidhaa umrii guutuun ykn hidhaa cimaa waggaa 15 fi sanaa oliin adabsiisu ta'ee miidhamaa dhuunfaan yakki irratti raawwatame du'aaf kan yaaddessu yoo ta'e gaaffiin mirga wabii dhiyaate kufaa ykn hafaa ta'uu ni danda'a.
✍️ Sababoota kanneeniin ala namni kamiiyyuu mirga wabii heeraaf seeraan kennameef irraa mulqamuu hin danda'u.
Dargaggoonni umriin isaanii gaa'ilaaf hin geenye dhimma mirga wabii, himannaa fi qorannoo ilaalchisee adeemsa mataa isaa danda'een (akkaataa Sdfy keewwata 171-180tti) fi tumaalee seera yakkaatiin kan ilaalamu waan ta'eef mata-duree biraatiin kan ilaallu ta'a.
✍️ Mirga wabii irrattii
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waligalaa_Federaalaa_Jildii_24ffaa_Lakk_Galmee_182050 ta’een ‘’sababa yakki himatamaan raawwateen hamma miidhaa qaqqabe ilaalchisee Abbaan Alangaa keewwata seera himannicha hundeen hanga miidhaa yakkichaan dhaqqabe ibsuu dhabuun; himatamaan mirga wabiitiin yoo gadi lakkifame dirqama wabii kabajee dhihaachuu hin danda’u tilmaama jedhuun fudhachuun mirga wabii kan dhorkisiisuu miti, shakkamaan yakka biraatiin kan barbaadamu yoo ta’e malee mirga wabiin bahee dhimma isaa hordofatuu qaba’’ jechuun sdfy keewwata 67,Labsii Lakk.882/07 fi 434/1997 waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee ture.

Jilduma 24ffaa kana Lakkoofsa Galmee 182266 ta’e irratti seerri deemsa falmii yakkaa keewwattoonni 63 fi 67 himatamtoota irratti akkaataa kamiin raawwatiinsa akka qabu tokko tokkoon ibsuun sagalee caalmaan hiikoo kennee ture�.

✏️ Dhaddachi ijjibaataa mana murtii waliigala Federaalaa Lakk.Galmee 233903
gaafa 8/2/2015 kenne.(Hin maxxanfamne)✍️✍️
✍️ Dhimma yakkaa irratti teessoon jireenya himatamaa/shakkamaa iddoo biroo ta'uun isaa fi haala hojii isaatiin iddoo adda addaa socha'uun isaa qofti mirga wabii isa dhabsiisuu hin qabaatu.

✍️Bu'uura Heera FDRI kwt 32 tiin namni kamuu mirga socho'uu qabaachuu isaa faana yeroo ilaalamu iyyataan biyyattii keessatti iddoo barbaadutti socho'ee iddoo jireenya isaa murteessuuf mirga qaba.

✍️ kanaafuu iyyataan jiraataa iddoo biraa ta'uun isaan qofti mirga wabiidhaan bahuu bu'uura Heericha kwt 19(6) tiin mirkanaa'e akka mulqamu gochuu fi bu'uura heericha kwt 25 tiin namni kamuu seera fulduratti walqixa ta'uu fi eegumsa argachuu kan sarbu waan ta'eef fudhatama kan qabu miti jechuun murtii kenneera.
Hubannoo xiqqoo yoo argattaniif jedheeni,keessattuu Namoonni Ogummaa seeraa hin qabne ! Itti fayyadamaa

➠𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂 Federaalaa kenne
Himanni yakka daddabalamaan dhiyaachuun qofti mirga wabii himatamaa hin dhoorkisiisu jechuun dhaddachi ijibbaataa murtii lakk.galmee 275196 ta'e irratti gaafa 27-6-2017 kenneera.
1
(Hiikoo :- S/d/f/y jechuun gabaabbatee barreeffame, Seera Deemsa Falmii Yakkaa bara 1961 bahe jechuudha. )
https://t.me/http_Ijooseeraa
#Abbaan Manaa haadha Manaa lama kan qabu yoo ta'e,yeroo gaa'elli diigamu qoodinsa qabeenyaa ilaalchisee hiikoo seeraa Dhaddachi Ijibbaataa kenne maal jedha?
--------------------------------------------------------
??#Dhaddachi_Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.219887 ta'e irratti dhaddacha guyyaa 25/04/215 ooleen "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e,gaa'elli du'aan ykn karaa biraa seera qabeessa ta'een kan diigame yoo ta'e,dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti shoora addaa(guddaa) taphattee xaarte ta'uu yoo mirkaneessite,qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuu akka dandeessu,fi dubartiin ishiin lammaffaan abbaa Manaa waliin walakkaa hafe qooddatti" jechuun hiikoo kennee ture(Jildiidhaan hin maxxanfamne hiikoo haaraa).
--------------------------------------------------------
👉#Dhaddachi_Ijibbaataa MMWF Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 24625 ta'e irratti "abbaan Manaa haadha warraa lama qabu yoo du'e,haati Manaa lameenuu qabeenyicha gahee walakkaa bakka lamatti qooddachuu akka qaban" murteessee ture.
--------------------------------------------------------
👉#Dhaddachi_Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 13ffaa Lakk.45548 ta'e irratti "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e,gaa'elli kan diigame yoo ta'e,dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti gahee guddaa taphatte ta'uu mirkaneessite,turtii gaa'elaa keessatti hangi ishiin ifaajje yaada keessa galee qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuuf mirga akka qabdu;dubartiin(haati Manaa isheen lammaffaan) qabeenyi yeroo horatamu hin xaarre qabeenya hafe walakkaa abbaa Manaa waliin qooddachuu qabdi" jechuun hiikoo kennee ture.Dhaddachi Ijibbaataa Jildii 11ffaa Lakkoofsa Galmee 50489 ta'ee fi Galmeelee biroo irratti hiikoo walfakkaataa kennee ture.

Join us: https://t.me/http_Ijooseeraa
1