Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
Beeksisa ILQSOn leenjisaa 1 fi qorataa 1 jijjiirraadhaan fudhachuuf baase
===✓✓===✓✓✓=====
Ogeeyyiin seeraa LLMfi Ulaagaa GPA barbaadamu guuttan dorgommii kana irratti hirmaadhaa.
keewwnni 41 wal falmitoonnii duraa dhimmii isaan irratti wal falmaa jiran dantaa qaama sadaffaa kan waliin makanii himatan yoo ta'e qaamni sadaffaan osoo galmeen hin murtaa'in iyyata g/seentummaa murtiin duraatiin kan falmatu jechuudha.kew 358 immoowalfalmitoonni dantaa qaama sadaffaa osoo inni hin beekin ykn hin dhagahin bakka qaamni sadaffaa hin jirreetti kan murtaa'e yoo ta'e galmeen cufamee ture deebi'ee sochoo'ee wal falmitoonni duras ajajaan dhiyaatanii akka falmamuuf kan duubatti deebisuu ykn murtii mormuu jechuudha. kew 418 immoo qabeenyaa qabame ykn murtii raawwachiisuuf akka uguramu ykn caalbaasin akka gurguramuuf manni murtii yoo ajajuu qaamni qabeenyicharraa dantaa qaba jedhu immoo qabeenyichi kan isaa ta'uu isaa mirkaneeffatee kan ittiin ajaja dura kenname jijjiirsisuuf ittiin iyyatamudha. Inni dhumaa immoo kew 450 qabeenyaa hin sochoone caalbaasiin gurguramee M/A/Mirgaaf akka kennamu ajajamee qaamni murtii mormu biroon immoo raawwicha kan gufachiisee yoo ta'e M/A/Mirgaan kan keewwata kanaan jeequmsii murtii raawwatamurratti narratti kahee jiru narraa dhhabbatee bu'uura ajajaan akka naaf raawwatu jechuun kan iyyatuudha amma hubannoo kootti Galatooma
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
👍2
Forwarded from ⚖️Shields Law🇪🇹 የህግ አገልግሎት / Legal service ⚖️
Seera Maatii; Sababoota qooda qabeenyaa keessaa garee tokko baasuun ykn gahee isaa hir’isuuf dandeessisan
=================================
Seera Maatii Oromiyaa kwt 111 fi kan Federaalaa kwt 116, Murtii Dh Ijbt MMWF glme Lkk 152968
=================Gaa’ela keessatti abbaan warraa ykn haati warraa reebicha isa tokkorratti raawwachuun, arrabsuu fi kabaja namoomaa salphisuun, akkasumas amanamuu dhabuun gaa’elaan alatti gochaa amanamummaa balleessu raawwachuun; walumaagalatti gochaa diiggaa gaa’elaaf sababa ta’e raawwachuun akkaataa Seera Maatii kwt 111 , kan federaalaa let 116tiin qooda qabeenyaa keessaa kan baasu ykn gahee hir’isiisu akka ta’e Dhaddachi Ijbta MMWF glme Lkk 152968 ta’erratti murtii kennee jira.
የቤተሰብ ህግ፣ የጋራ ሀብትን ሙሉ በሙሉ ወይም ከድርሻ በላይ ለአንዱ ተጋቢ ለመወሰን የሚቻልበት ሁኔታዎች
=================
የኦሮሚያ ቤተሰብ ህግ ቁጥር 111፣ የፌዴራል ቤተሰብ ህግ ቁጥር 116 እና በፌ/ሰ/ሰ/ፍ/ቤት በሰ/መ/ቁ 152968 ላይ የተሰጠ ውሳኔ
=================
በመርህ ደረጃ የባልና ምስት የጋራ ንብረት ጋብቸው ስፈርስ ለሁለቱ እኩል መካፈል ያለበት መሆኑ በክልሉ ቤተሰብ ህግ ቁጥር 117 የተደነገገ ሲሆን ጋብቻው የፈረሰበት ምክንያትም ፍቺ ለመጠየቅም ሆነ ለመወሰን አስፈላጊ አይደለም።
ይሁን እንጂ እንደ ድብደባ፣ ዛቻ፣ ስድብ፣ ክብሪን መንካት፣ መማገጥ እና የመሳሰሉት ድርጊቶች ለትዳር መፍረስ ምክንያት ከሆነ ከላይ በተጠቀሱት የህጉ ድንጋጌዎች መሠረት የጋራ የሆነው ሀብት በሙሉ ወይም በአብላጫው ጥፋት ለተፈፀበት ተጋቢ/ወገን ልወሰን የምችል መሆኑን የፌዴራሉ ሰበር ሰሚ ችሎት በሰ/መ/ቁጥር 152968 ላይ በ21/01/2011 አስገዳጅ ውሳኔ ሰጥቷል።

Forwarded from Muhammedteyib Nure:Judge
Yaa'ii Gadaa Sikkoo Mandoo Dhaddacha Guutaatti.
Forwarded from Reasonable Media
Qajeelfama adabbii haaraa ykn 3/2017 keessatti manni murtii yakkoota sadarkaa fi gulantaan hin baaneef akkamiin baasa?
1) Qajeelfamni adabbii haaraa 3/2017 keessatti yakkoota sadarkaa fi gulantaan hin baaneef ilaalchisee yookan seerota gara fuula duratti bahan kan sadarkaa fi gulantaan hin baaneef manni murtii haala kamiin akka baasuu qabu kwt 112 irraa kaasee ibsee jira.
2) Yakkichi adabbii hidhaa salphaa yookan cimaa akka filanootti wal faana kan qabu yoo ta’e manni murtii osoo sadarkaa hin baasiin dursee hidhaa salphaa yookan hidhaa cimaa ta’uu isaa murteessa.
3) Erga hidhaa salphaa yookan immoo hidhaa cimaa filatee booda firiwwaan dubbii raawwii yakkichaa keessatti ibsamanii jiranii fi yaadaota adabbii salphisanii fi cimsan yaada keessa osoo hin galchiin dursee ciminaa fi raawwii yakkichaa:
A. Salphaa
B. Gidduu galeessa
C. Cimaa jechuun ni sadarkeessa.
4) Manni murtichaa salphaa, gidduu galeessa yookan immoo cimaa yeroo jedhee fudhatu sababa isaa murtii irratti haala ifa ta’een ibsuu qaba.
5) Dhimmoota qabxii 2 fi 3 jalatti ibsaman yeroo mani murtii murteessuutti qabxiilee armaan gadii kana akka sababatti itti fayadamuu danda’a. Haa ta’u malee sababoota waliigalaa adabbii cimsanii fi salphisan akka sababatti yookan ulaagatti itti fayadamuu hin danda’u. ulaagaleen ilaacha keessa galchee itti fayyadamuu danda’u:
A. Haala raawwii yakkichaa ilaalchisee,
B. Hamma miidhaa raawwiin yakkichaa dhaqqabsiiseen,
C. Bu’aa yakkichi argamsiiseen,
D. Yakkichi itti yaadamee raawwatamuu fi raawwatamuu dhabuu,
E. Yakkichi dagannoodhan yeroo rawwatamu kan adabsiisu yoo ta’e dagannoon sun kan beekamuu fi kan hin beekamne ta’ee
6) Manni murtichaa qabxiilee armaan olii 5ffaa jalatti tarreefamanii alatti ulaagaan yookan sababni biraa kan jiru yoo ta’e itti fayyadamuu danda’a.
7) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa sadii jalatti ibsameen sadarkaan yakkaa erga addaan bahee booddee sadarkaa yakkaatiif ka’umsa adabbii murtessuudhaaf akka danda’amuuf kutaa seera yakkaa addaa keessatti haala taa’een ka’umsa adabbii fi fiixee adabbii gidduutti dheerina argamu bakka afuritti qooduudhaan:
A. Seera yakkaa keessatti ka’umsa adabbiitiif jedhamee hangi adabbii eegalu ¼ (yeroo yookiin hanga) gulantaa 1ffaa jedhama.
B. ¼ itti aananii kan argaman akkuma tartiiba isaanitti gulantaa 2ffaa, 3ffaa fi 4ffaa jedhamu.
8) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa sadiitiin yakkoota sadarkaa yakkaa salphaa jedhaman keessatti ramadamaniif manni murtii aangoo isaatiin gulantaa yakkaa jalqabaa ni murteessa.
9) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa sadiitiin yakkoota sadarkaa yakkaa Gidduu galeessa jedhaman keessatti ramadamaniif manni murtii aangoo isaatiin gulantaa yakkaa lammaaffaa ni murteessa.
10) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa sadiitiin yakkoota sadarkaa yakkaa Cimaa jedhaman keessatti ramadamaniif manni murtii aangoo isaatiin gulantaa yakkaa sadaffaa ni murteessa. Haa ta’u malee manni murtii gochi yakkaa raawwate baay’ee cimaadha jedhee yoo amane gulantaa kanan osoo hin ta’iin ka’umsa gulantaa adabbii gulantaa 4ffaa jalatti murteessuu ni danda’a.
11) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 8, 9, 10 jalatti ibsameen ka’umsi adabbii mana murtiidhaan murtaa’e gabatee maxxantuu adabbii ibsu gulantaa kam jalatti akka kufu ilaaluudhaan gulantaa adabbii adda ni baasa. Iddoo lamaa fi isa olitti kan argamu yoo ta’e immoo gulantaa isa gadaanaa ni qabata.
12) Gosoota yakkaa adabbiin isaanii bu’uura keewwata kanaatiin qarshii qofaan yookan adabbii hidhaatiin yookin immoo hidhaa fi qarshiitiin kan adabsiisan ta’uun isaa yeroo tumamutti yookin bu’uura seera yakkaa kwt 92/2 tiin qarshiidhaan adabuun barbaachisaa yoo ta’e, manni murtii seera yakkaa waliigalaa yookin kutaa addaa yookiin fiixee adabbii seera birootin tumame bu’uura godhachuudhaan gocha yakkaa cimaadhaaf hanga fiixee adabbii seerichaa keessatti taa’eetiin giddu galeessa kan ta’eef fiixee adabbii seerichaa keessatti taa’e irraa 1/3 hir’suudhaan hanga irra gahu fiixee adabbii gochuudhaan akkasumas salphaa kan ta’eef fiixee adabbii irraa 2/3 hir’isuun gadi bu’ee fiixee adabbii osoo hin caaliin adabbii

“Adeemsa Waldiddaan Lafa Baadiyaa Naannoo Oromiyaatiin Walqabatee Uumamu Ittiin Furamu: Xiinxala Dhimmaa”
==================================
Kan olitti warabbiin dhiyaate mata duree barreeffama (case analysis/comment) qo’annoo Seerota Bulchiinsa Lafa Baadiyaa mootummaa naannoo Oromiyaa fi hiikkoo Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Fedeaalaan galmee Lkk 169648 ta’erratti murtii laateen kennamuun Jiildii 24ffaa keessatti maxxanfamee argamu irratti xiinxala dhimmaa Joornaalii Seeraa Oromiyaatiif obboo Dassaaleny Biraanuutiin gumaachamuun maxxansa 14ffaa Joornaalichaa keessatti maxxanfamedha.
Obboo Dassaaleny Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigalaa fi Inistiitutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaattis leenjisaa beekamaa buleessadha.
=================
Barreeffamichi lafti qabeenya ummataa fi mootummaa ta’uu fi lammiileen dhuunfaa mirga abbaa qabiyyummaa fi itti fayyadamaa qofa kan qaban ta’uun Heera Mootummaa Federaalaa fi kan Naannoo Oromiyaa keessattis imaammata bu’uraa ta’uun kan kan tumame ta’uu isaa, abbaan qabiyyee lafa isaa irraa mirga seeraan ala buqqa’uu dhabuu kan qabu akka ta’ee fi kanaafis eegumsi heeraan kan taasifameef akka ta’e kutaa see sana keessatti gabaabinaan ibsee jira.
Kana malees wldiddaan ittifayyadamaa fi mirga abbaa qabiyyummaa Lafa Baadiyaa irratti naannicha keessatti uumamus kan ittiin furamu sirni seeraa ifaan labsiidhaan diriirfamee kan jiru akka ta’e tumaalee heeraa, Seerota Bulchiinsa fi Ittifayyadamaa mootummaa naannichaa kanaan dura hojii irra turan (Labsii Lkk 130/99 fi Dambii Lkk 151/2005) fi akkasumas Labsii Lkk 248/2015 yeroo ammaa hojiii irra jiru caqasuun adeemsa Waldiddaan ittiin furamu ifa ta’e seera baaftuun (caffeen) mootummaa naannichaa kan tume ta’uu isaatis kutaa 2ffaa barreeffamichaa keessatti ka’uun bal’inaan ilaalamee jira.
Akkasumas seenaa dhufaatii fi firiin ijoo dhimma Dhaddachi Ijibbaataa MMWF glme Lkk 169648 irratti ilaalamee gabaabinaan kutaa 3ffaa keessatti kan agarsiifame yoo ta’u inni ijoonis Waldiddaan qabiyyee Lafa Baadiyaa ilaalchisee iyyataa fi waamamtoota giddutti naannicha keessatti ka’ee ture mana Murtii Aanaatti jalqaba dhiyaachuun akkaataa Labsii Lkk 130/99 yeroo sana hojii irra tureetti kwt 16n dursee jaarsolii araaraan gandarratti ilaalamu malee kallattiin mana murtiitti dhiyaachuu hinqabu jedhamee kufaa ta’uun murtaa’uudhaan Manneen Murtii Naannichaa sadarkaan jiranittis ol’iyyannoo fi Ijibbaataan ilaalamee eega cime booda dhaddacha ijibbaataa MMWFtti immoo jaarsummaan filannoodha malee dirqama miti jechuun murtii Manneen Murtii Naannichaa diigee falmiin Waldiddaa Lafa Baadiyaa irratti ka’u kallattiin mana Murtiitti dhiyaachuu akka danda’u murteessuu isaa barreeffamichi kutaa 3ffaa keessatti ibsee jira.
Gama biraan aangoo seera baasuu, seera hiikuu fi seera raawwachiisuu mootummaa Federaalaa fi naannooleef adda addaan heericha kwt 51 fi 52 jalatti kan qooda me akka ta’ee fi bu’uruma kanaan mootummaan naannoleetis dhimmoota heericha kwt 52(2(d)) jalatti Lafa ilaalchisee seera baasuu aangoo kennameefitti fayyadamuun mootummaan Naannoo Oromiyaa Labsii Durant Lkk 130/99 kwt 16 jalatti fi dambii labsicha raawwachiisuuf bahe kwt 18 jalatti waldiddaan Lafa baadiyaan walqabatee naannicha keessattiwka’u jalqaba gandarratti jaarsummaan dursee ilaalamuu akka qabuu fi adeemsa kana malee kallattiin mana murtiitti dhiyaachuu akka hinqabne mootummaan naannichaa tumachuu isaa barreeffamichi kutaa 4ffaa keessatti bal’inaan eega xiinxale booda dhumarrattis hiikkoon dhaddacha ijibbaataa MMWFn dhimma glme olitti caqame irratti kenname faallaa heeraa fi Labsii caffeen naannichaa baafatee ta’uu irra darbee birkaddummaa aangoo seera baafachuu mootummaa naannichaaf heeraan kennameef kan cabse ta’uu isaa guduunfaa waliigalaan goolabee jira.
Gumaachi beekamtii fi dandeettii barreessichaa dhuunfatti daraan kan olbaasu ta’uun gamattis maqaa fi beekamtii Inistiitiyutichaatis suga kan itti godhu waan ta’eef obboo Dassaalenyin dabalatee ogeessonni joornaalichaaf gumaacha taasisan hundi galata guddaatu malaaf.

❤2
Guutuu barreeffamichaa armaan olitti ☝🏿☝🏿☝🏿argattu,
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from Desalegn B. (Desalegn B.)
Labsiin Gurgurtaa (Daldala) Bu'aalee (Oomishaalee) Boba'aa, Lakk.1363 Kwt 25(1) jalatti:
"Namni kamiyyuu bu'aalee (oomishaalee) boba'aa iddoo hayyamameen alatti kuusee, nama itti gurguramuu hin qabnetti, iddoo fi sirna gurgurtaatiin ala osoo gurguruu yoo argame, ykn akkaataa qajeelfamaan murtaa'een baattoowwan (konteenaoota) miidhaa ni dhaqqabsiisu jedhamaniin osoo gurguruu yoo argame, bu'aaleen boba'aa qabame dhaalamee hidhaa cimaa waggaa 3-5fi qarshii 350,000-500000tiin adabama" jedha.
1) የነዳጅ ውጤቶችን ከተፈቀደው ቦታ ውጪ ያከማቸ፤ ሊሸጥ ከሚገባው ሰው፥ ቦታ እና የግብይት ሥርአት ውጪ ሲሸጥ የተገኘ ወይም በመመሪያ በተወሰነው መሠረት አደጋ ያስከትላሉ በተባሉ መያዣዎች ሲሸጥ የተገኘ ማንኛውም ሰው የተያዘው የነዳጅ ውጤት ተወርሶ ከሶስት አመት እስከ አምስት አመት በሚደርስ ጽኑ እሥራት እና ከብር ሦስት መቶ ሀምሳ ሺ እስከ አምስት መቶ ሺ በሚደርስ መቀጮ ይቀጣል::
(የነዳጅ ውጤቶች ግብይት አዋጅ
ቁጥር 1363/2017 አንቀጽ 25)
Hubachiisa:
✍️Labsichi kwt 2(1)fi 2(5) jalatti "Oomishaalee (bu'aalee) boba'aa" jechuunifi "Kuusuu" jechuun maal jechuu akka ta'an tumeera. Haala kanaan, kuusuu jechuun bu'aalee boba'aa diippoo boba'aan keessatti kuufamu keessa tursiisuu ta'uu ibseera.
✍️Labsichi buufata boba'aa irratti dirqamoota hedduu kan gate yemmuu ta'u isaan keessaa muraasni: Dirqama fayyadamtoota dhumaatiif tajaajila gurgurtaa sa'a 24 walirraa hin citne kennuu, dirqama osoo boba'aan buufata (fuel station) keessa jiruu tajaajila gurgurtaa addaan kutuu dhabuufaati. (Kwt 7(7,8))
❓Akkaataa tumaa kanaatti adabsiisuuf bu'aalee boba'aa hangamtu kuufamuu qabaa? Eessatti kufamuu qabaa? (Mee warri keessa beektan ykn dhimmichaa irratti leenjii argattan waa jedhaa muuxannoo qoodaa🧐)
Join:-@desberofMM
Desalegn B.