Seera Dhaalaa; Qooda qabeenya Dhaala Du,aatti Hirmaachuuf Qabeenya Otuu Du’aan Jiru Fufhstame Deebisuun Dirqama (collation)
==================================
Seera Dhaalaa kwt 1065 - 1067; Murtii Dhadhacha Ijbt Glm Lkk 113247, 160761, 162475 fi Murtii haaraa glm lkk 249367 ta’errattti gaafa 28/05/2017 kenname waliin kan ilaalame
===========================
✅Qabeenya Dhaalaa kennaan otuu dhaalchisaab jiru fudhatame du’a isaa booda qabeenya dhaalaatti deebisuun (collation) yaadama seeraa gama tokkoon mirga dhaaltota kennaan fudhatan hinqabnee eeguu fi akkasumas gama biraan dhaalaan kennaa fudhate dabalataan hanga kennaa fudhateen alatti qooda isa dhaqqabuu qabu akka hindhabne eeguuf diriirfamedha. Kanaaf collation dhaaltota kennaa hinqabne qofa otuu hintaane Dhaalaa kennaa fudhates mirga isaa eeguun haqummaan akka jiraatu kan godhu yoo ta’u Seera Hariiroo Hawaasaa Kwt 1065 - 1067 jalatti bal’inaan diriirfamee jira.
✅Dhaddachi ijbt MMWF glm Lkk 113247, 160761 fi 162475 ta’an irratti dhaalaan qabeenya du’aa otuu du’aan jiru kennaan fudhate du’a booda qixa qabeenya fudhateen qooda qabeenya dhaalaa keessaa bahuu akka qabu murteessuun hiikkoo dirqisiisaa kan kenne yoo ta’u kunis dhaaltuun kennaa fudhate gonkuma dhaala du’aa keessatti hirmaachuu hinqabu hiikkoo jedhu otuu hintaane hanga qabeenya kennaan fudhatee qooda qabeenya dhaalaa keessatti makamuun shalagamee hangi kennaan fudhate hanga hanga qooda dhaalaan isa gahuu ol yoo ta’e kan fudhate qabatee qooda keessatti hirmaachuu irraa akka hafuu fi hangi fudhate hanga qooda silaa argachuu qabuu gad yoo ta’e immoo garaarummaa hafe dhaaltota kaan waliin qooddachuu akka qabu hiikkoo agarsiisudha.
Dhimma murtii haaraa glm Lkk 249367 ta’erratti gaafa 28/05/2017 kennameenis iyyataan gama tokkoon qabiyyee iddoo lamaa otuu dhaalchisaan jiru kennaan fudhate akkuma jirutti qabachuun gama kaaniin immoo qabeenya dhaalchisaa hafe dhaaltota kaan waliin hirmaachuuf gaaffiin dhiyeesse seeraan ala akka ta’ee fi yoo dhaala keessatti hirmaachuu barbaade qabiyyeewwan kennaan dursee fudhate deebisee dhaalatti makuu ykn immoo qabiyyee lamaan isaa qabatee dhaala du’aan ala ta’uu qaba jechuun murteessee jira.
✔Gabaabumatti karaa lama fayyadamuun akka hindanda’amne murtiin haaraan kun ifatti hiikkoo kan kenneedha.
https://t.me/http_Ijooseeraa

Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
👍2
Falmiin hariiroo hawaasaa tokko maloota hiikkaa waldiddaa birootin Mana Murtiin alatti fala argate raawwii isaatiif kallattiin Mana Murtiif dhiyaachuu ni danda'aa?
Dhimma kana ilaalchisee Dh/Ij/M/M/W/F lakk.G.196228 ta'e irratti hiikkoo dirqisiisaa kenneen 'falmiin hariiroo hawaasaa Mana Murtiin alatti maloota hiikkaa waldiddaa biraatin fala argate tokko Mana Murtiitti dhiyaatee raawwachiisni kan gaafatamu akkaataa s/d/f/h/h kwt.277 tin Mana Murtiif dhiyaatee kan mirkanaa'e yoo ta'e qofaadha. Kanaan alatti raawwii isaatiif dhiyaachuu akka hin dandeenye hiikee jira.

Firew Birhane:
📎Murtiilee dhaddacha ijibaataa Mana murtii waliigalaa ilaalamuu qaban.
1ffaa,Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 13ffaa Lakkoofsa Galmee 36887 ta'een
"waliigalteen jiraachuu yoo amaname mormii waliigaltichi qaama aangoo qabu biratti hin taasifamne jedhamee garee biraatiin ka'u fudhatama akka hin qabne" seera hariiroo hawaasaa keewwata 1731(1) fi 2878 waliin wal qabsiisuun Murtii dirqisiisaa laatee ture.Kunis,sababnii fi kaayyoon waliigalteen qaama aangoo qabu fuulduratti taasifamee galmaa'uu barbaachiseef waliigaltichi jiraachuu hubachiisuuf(mirkaneessuufidha).
2ffaa, Murtii dhaddacha ijibaataa hin maxxanfamne lakk 236987
Gaafa guyyaa 28/10/2015 kenname.
Qulqulleessi qabeenya dhaalaa raawwatamuu isaa kan beekame yoo ta'ee fi kunis mana murtii dhiyaatee kan mirkanaa'e yoo ta'e. Adeemsa qulqulleessi dhaalaa keessatti namni mirgi kiyya tuqameera ykn sababa kamiinuu mirga dhaalaa kiyya waliin dantaan ykn mirgi kiyya tuqameera jedhu kamiyyuu kanfaltii abbaa seerummaa kanfaluun qaama dhimmi ilaalu bu'uura seeraatiin himannaa dhiyeessuun mirga isaa kabachiisuun alatti irra deebiin qulqulleessi qabeenya dhaalaa nuuf haa raawwatu jechuun himanni dhiyaatu sababa seeraa gahaa hin qabu.
3ffaa, Murtii dhaddacha ijibbaataa hin maxxanfamne Lakk.L.G 230493 gaafa 2/2/2016 kenname.
Abbaan konkolaataa konkolaataa isaa yoo kireessee fi konkolaataan sun harka kireeffataa osoo jiruu miidhaa kamiiyuu yoo dhaqabsiisee midhaa dhaqabeef kireeffataa qofatu itti gaafatamummaa qaba. Abbaan konkolaataa kireeffataa waliin itti gaafatamummaa waliinii fi qeenxe hin qabu.(by majority). Murtii kana jildii 11ffaa L.G 55228 waliin madaalaa ilaalaa.
4ffaa, Murtii Dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa gaafa guyyaa 5/4/2016 lakk.galmee 247153 fi 245689 irratti kennee.
Abbaa Seeraa mana murtii jalaatti dhimmicha ilaalee murtii kennee ture irra deebi'ee dhimmichi mana murtii Ol'aanaa irratti yoo dhiyaate Abbaa Seeraa dura Mana murtii jalaatti dhimmicha ilaalaa ture Abbootii mana murtii olaanaa waliin sadi'iin moggafamee murtii kan ken nu yoo ta'e murtiin ol iyyannoodhan irratti mogafamee kenname bu'aa hin qabaatu.
5ffaa,Dhaddachi ijbbaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jiildii 24ffaa galmee lakk 169522 ta’e irratti hiikkoo kenneen.
‘’Qaamni bulchiinsaa dhimma mana murtiitti falmiin irratti gaggeeffamaa jiru qulqulleessee akka dhiheessu mana murtiitiin yeroo ajajame Sanadoota harka isaa jiru qofa irraa qulqulleessee akka dhiheessu qofa ajajamuu qaba. Kana bira darbee qaamni bulchiinsaa dhimma mana murtiitti dhiyaate tokko irratti ragaa dhagahee yookin qaboo yaa’ii qabatee akka qulqulleessu ajajni kennamu fudhatama hin qabu. Dhimmichi ragaadhaan (kan dabalataatiin) kan qulqullaa’u yoo ta’es Ragoota dhiheessuudhaan bu’uura seera jiruutiin ragoota gaafatee fi qoratee qulqulleessuu kan qabu mana murtiiti malee qaama biraatii miti’’ jechuudhaan hiikkoo kennee jira. Haa ta’u malee manneen murtii keenya Qaamolee bulchiinsaa ajajuudhaan ogeessonni qaamolee bulchiinsaa immoo akkuma mana murtiitti ragaa bitaa fi mirgaa dhagahuudhaan qaboo yaa’ii qabatanii, qaboo yaa’ii irratti xiinxala godhanii cuunfaa isaa gabaasa mana murtiitiif dhiheessu. Manneen murtii keenyas ragaa kaksiisanii ofii dhagahan caalaa ragaa haala kanaan dhiyaateef madaallii guddaa kennuudhaan murteessaa jiru. Kanarraa kan ka’e ragaa Sobaa manneen murtiitiin alatti osoo hin kakatin fuudhamuun haqni nama hedduu jal’achaa jira. Hojmaata sirrachuu qabuudha.
6ffaa, Murtii Mana Murtii waliigala dhaddacha ijibaataa Federaalaa hin maxxanfamne Galmee 237667 ta'ee irratti gaafa Onkololeessa 06 Bara 2016 kennamee.
Wajjirri bulchinsaa fi Itti fayyadama lafa baadiyaa aangoo dhaamoo galmeessuu(Recordnig)malee aangoo dhaamoo raawwachisuu fi mirkaneessuu(Authentication) hin qabu.
7ffaa, Murtii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa dhaddacha ijibbaataa hin maxxanfamne Galmee lakk 185700 irratti murtii gaafa 30/6/2013 ooleen kenne.

❤1
#Murtii_haarawa_adabbii_daangeessu_irratti_kennamee
✍️ Ol'iyyata Abbaan Alangaa himatamaan osoo ulaagaalee seera yakkaa kew.197 jalatti tarreefaman hin guutiin fakkeenyaaf:- miidhamaa wajjiin araaramee osoo beenyaa hin kaffalin , baasii mana murtii fi wabii osoo hin qabsiisuun isaa osoo hin mirkanaa'in akkasumaas himatamaan kun gaafa jalqabaa himata irratti dhiyaate waakkate turee kanaafuu adabbiin irraa daanga'u hin qabuu jedhee ol iyyate ture.
👉 Murtii Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 185700 irratti murtii gaafa guyyaa 30/6/2013 oolee hikkoo dirqisiisaa kennee irrattii
''Himatamaan miidhamaa wajjiin araaramuun yookiin beenyaa kaffalluun akkasumaas himata irrattii dhiyaate waakkate falmachuun isaa adabbii irraattii kennaame akka irraa hin daangooyneef yookiin daanga dhoorkisiisuuf sababa tahuu hin danda'u.
Adabbii himatamaa irraatti kenname akkaa irraa hin daangoofnee sababaa tahuu kan danda'u ulaagaalee seeraa yakkaa kew.194 jalaatti kennaman qofaadha'' kanaafuu hanga ulaagaan keewwata 194 jalaatti ibsamee guutame hin argamneetti manni murtii adabbii daangeessuu ni danda'a jechuun murtii mana murti jalaa cimsuun murtii kennee jira.
👉 Himatamaan miidhamaa waliin Araaramuun akkasumaas himata irrattii dhiiyatee amanuun madaalli adabbii daangeessuuf akka haaldureetti ta'an osoo hin ta'in amala himatamaan yakkicha irraa barachuu isaaf akka wabiitti itti fayyadamuuf malee adabbii daangeessuuf kan seerri ifaatti kaa'e miti jechuun hikkoo dirqiisisa kennee ture.
✍️ Xiinxala Yakka Ajjeechaa Cimaa Keewwata 539(1)(a) fi Murtiilee DhIF)
(Eliyaas Kaasaatiin)
•••
↪️ Yakki ajjeechaa cimaa yakka lubbuu namaa irratti raawwatamu ta’ee mirga lubbuun jiraachuu heera mootummaa keewwata 25 jalatti tumame kan dhabsiisuu dha.
✅ Haala raawwii keewwata kanaatiin walqabatee oggeeyyii seeraa jidduu himannaa banuu hanga murtii kennuutti
hubannoon fi hiikkaan garagaraa kennamaa waan jiruuf keessattuu Seera Yakkaa keewwata 540 jalatti kan tumame
ajjeechaa dasiibaa waliin yeroo waljala dabarsan ni mul’ata.
Kanaafuu yakka ajjeechaa cimaa S/Y kwt 539(1)(a) qofa ilaalchisee rakkoolee mul’atan murtiilee dhaddacha ijjibbaataa
faana kan ilaallu ta’a.
✍️ Seera Yakkaa keewwata 539(1(a) jalatti namni kamiiyyuu nama ajjeesuuf yaadni yookiin sababni inni duraan qabu, meeshaan yookiin tooftaan itti fayyadame, haalli ajjeechaa yookiin ajjeechaan itti raawwatame sababni
waliigalaa adabbii cimsu (keewwata 84) yookiin sababni biroo /keewwata 86/yommuu ilaalamu ajjeesaan
keessumattuu garajabeessa, suukanneessaa, yookiin balaafamaa ta’uu isaa haala ibsuun itti yaadee kan raawwate yoo ta’e keewwata kana jalatti akka gaafatamu kaa’a.
↪️ Ulaagaalee keewwata kana jalatti kaa’aman yeroo ilaallu:
✅1ffaa raawwataan gocha ajjeechaa cimaa raawwachuuf dursee itti yaaduun (premeditation) gochicha haala garajabeenyummaa of keessaa qabuun, karaa suukanneessaa ta’een yookiin
haala balaafamaa ta’een raawwachuu qaba. Kunis dursee karoorsuu, haalota raawwiif tolan mijeessuu of keessaa qaba.
✅2ffaa sababni raawwataan gocha yakkaa kun miidhamaa kana ajjeesuuf inni duraan qabu (motives) gochicha akka raawwatu kan isa taasise gochichas haala garajabeenyummaa of keessaa qabuun, karaa suukanneessaa ta’een yookiin haala balaafamaa ta’een raawwachuu qaba. Fkn faayidaa, jibba,
walitti bu’iinsa ture haaloo qabachuun ta’a.
✅3ffaa Meeshaan gocha yakkaa raawwachuuf himatamaan fayyadame (weapon) kan du’a geessisuu danda’u ta’ee meeshaa balaafamaa ta’uu akka qabu agarsiisa.
✅4ffaa Malli ykn tooftaan (means) gochaan yakkaa kun ittiin raawwatame haala sukanneessaan, garajabeenyummaa of keessaa qabuun.
✅5ffaa Haalli gocha ajjeechaa yakkaa kun itti raawwatames haala suukanneessaa yookiin garajabeenyumaa of keessa
qabuun ta’uu qaba. Fkn haalli kunis yeroo gochaan raawwatu ykn erga gochaan raawwatameen booda tarkaanfiiwwan
garajabeenyummaa ykn hammeenyummaa of keessaa qaban
fudhachuu ni dabalata.

✅6ffaa Inni biraan gochi yakkaa kun haalota waliigalaa yookiin sababa addaa adabbii cimsan (kwt.84 ykn 86) haala of
keessatti hammateen kan raawwatame ta’uu akka qabu seerichi ni tuma.
✍️kanaafuu himanni kamuu keewwata kana jalatti yeroo dhiyaatu ulaagaa yakkicha hundeessan keessaa tokko qabiyyee himatichaa taasisuun dhiyaachuu qabu. Ragaaleen dhiyaatanis firii dubbii kana mirkaneessuuf dirqama qabu jechuu dha.
Gama kanaan ogeessota seeraa jidduutti ejjannoowwan sadiitu calaqqisa.
👉 Ejjannoon 1ffaan keewwaticha jalatti ulaagaleen kaa’aman hundi isaanii iddoo tokkotti guutamanii argamuu qaba.
👉Ejjannoon 2ffaan keewwaticha jalatti ulaagaaleen kaa’aman kophaa kophaa yoo argamanis gahaa dha. Haa ta’uu malee ulaagaalee hunda jalatti gochichi haala garajabeenyummaa of keessaa qabuun, karaa suukanneessaa ta’een yookiin haala balaafamaa ta’een raawwatamuu qaba.
👉Ejjannoon 3ffaa-ejjannoo 2ffaa waliin kan walfakkaatu ta’ee yaada duraan qabu ilaalchisee keessattuu haalonni
garajabeenyummaa, suukanneessaa fi balaafamaa jedhan ulaagaa biroof kan kaa’aman waan ta’aniif nama ajjeesuuf
dursanii itti yaaduun qofti ajjeechaa cimaa raawwachuuf gahaa dha jechuun kaa’u. Dursanii itti yaaduun isaanii qofti gahaadha jedhu.
✍️ Manni murtii waliigala Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa Jiildii 10ffaa lakk.Galmee 45927 ta’e irratti murtii dirqisiisoo kenneen namni tokko S/Y kwt 539(1) jalatti yakka ajjeechaa cimaatiin
gaafatamuuf gochichi ta’e jedhamee itti yaadamee irratti qophaa’uun ta’ee raawwataan gochicha haala
garajabeenyummaa of keessaa qabu, karaa suukanneessaa fi balaafamaa ta’een kan raawwate yoo ta’eedha jechuun kaa’eera.
Galmeelee ajjeechaa hedduu irratti kan mul’atu gochi tokko yaada ajjeechaa raawwataan duraan qabuu fi qophii taasise faana ajjeechaan taasifame haala suukanneessaa ta’een kan
raawwatame yoo ta’e keewwata kana jalatti itti gaafatamummaa akka qabu murtiin kennamaa jira. Gama kanaan yaadni ajjechaa raawwataan yakkichaa duraan qabu haaloo qabaachuun isaa yoo mirkanaa’e ykn ragaan ibsu yoo
jiraate garuu haalli ajjeechaa isaa suukanneessaa yoo hin taane fknf yeroo tokko cubeedhaan waraanuu ykn yeroo tokko meeshaa waraanaatiin dhukaasuun yoo ajjeesse maal ta’a kan jedhu ilaaluun barbaachisaa dha.
Kunis nama ajjeesuuf yaadni ykn sababni inni duraan qabu;
meeshaa ykn tooftaan itti fayyadame; haalli ajjeechaan itti raawwatame; sababni waliigalaa adabbii cimsu (keewwata 84) ykn sababni biroo/Keewwata 86/ kan jedhan ulaagaaleen
kunniin kophaatti of danda’anii kan dhaabatan ta’uu isaanii agarsiisa.
Gama kanaan Murtiileen dhaddacha ijjibbaataa kan agarsiisan (jildii 17ffaa lakk.Galmee 97203) ulaagaleen kunniin kophaa kophaatti ilaalamuu kan qaban ta’uu isaanii agarsiisa.
Kanaafuu gochi yakkaa tokko raawwataan yakkichaa haaloo osoo qabaachuu baatees haalli raawwii yakkichaa suukanneessaa ykn garajabeenyummaa kan of keessaa qabu
ta’uu isaa agarsiisuun yoo danda’ame gochichi S/Y kwt 539(1) jalatti itti gaafatamummaa kan qabu ta’a.
✅ Gama biraatiin ulaagaaleen kanneen osoo jiraatanuu raawwataan yakkichaa garajabeessa, suukanneessaa, yookiin
balaafamaa ta’uu isaa agarsisuun dirqama moo?miti? qabxii jedhu ilaaluun barbaachisaadha. Muuxannoon biyyoota
kanneen akka Ameerikaa ,Engiliizii fi Faransaay kan agarsiisu yakkichaaf dursanii itti yaaduun(premeditation) ykn haaloo qabachuun qofti yakka ajjeechaa cimaa(aggravated homicide) hundeessuuf gahaa dha.
✅ Dhaddachi Ijjibaataa Jiildii 24 irratti murtii kenneen ulaagaleen keewwata S/Y 539(1) jalatti kaa’aman kophaa kophaatti ilaalamuu kan qaban ta’uu isaa ibsuun keessumattuu ragaan dhiyaatu yaada ajjeesuu raawwataan yakkichaa duraan qabu ykn haaloo qabaachuun isaa agarsiisuun yoo danda’ame yakkicha hundeessuuf gahaa akka ta’e kaa’eera. Ka’umsa dhimma galmee kana irraa yeroo ilaallu du’aa ajjeesuuf raawwataan yakkicha itti yaadee mataa du’aa yeroo tokko dhakaadhaan darbatee erga dhahee booda kan ajjeese yoo ta’u haala raawwii yakkichaa fi meeshaanfayyadame yeroo ilaalamu waan adda ta’e kan hin qabne ta’uu isaa agarsiisa. Kanaafuu dursee itti yaaduun isaa yoo

mirkanaa’e gahaa dha kan jedhudha. Galmee kana irratti murtiin sagalee caalmaattin kan kenname ta’us sagaleen
xiqqaas ulaagaa irratti osoo hin ta’in dursee itti yaaduun isaa ragaadhaan hin mirkanoofne kan jedhuudha. Kunis yakkichi kan raawwatame dursee itti yaaduun ykn haaloo qabachuun ta’uun isaa yoo mirkanaa’e haala ajjeechaa isaa ilaaluun osoo hin barbaachisin himanni isaa kwt 539(1) jalatti ta’uu akka qabuu fi murtiinis sanuma jalatti kennamuu akka qabu kaa’a.
✅ Haa ta’uu malee du’aa fi ajjeesaa jiddutti wallolli osoo jiraateyyuu gochi yakkaa yeroo raawwatamutti sababa du’aan kakaaseef ajjeechaan kan raawwatame ta’ee gochichis akka tasaa wallola uumameen yoo ta’e, dursa wallolli jiraachuun ykn haaloo waliin qabaachuun isaanii waan jiruuf qofa(hanga raawwiin yakkichaa cimaa hin taaneetti) gochicha ajjeechaa cimaa kan taasisuu miti. Kanaafuu yeroo akkanaa keewwanni
rogummaa qabu S/Y kwt 540 ta’a.
Kanaafuu yaada ajjeesuu raawwataan yakkichaa duraan qabu ykn haaloo qabaachuu fi ajjeechaa yeroo sanatti raawwatame jidduutti sababnii fi
bu’aan jiraachuu isaa mirkaneessuun dirqama ta’a.
Horaa bulaa.
Galatoomaa.
(Eliyaas Kaasaatiin)
👇👇👇👇👇👇

👎1
FSCCD File No.222435
-------------------------------------
➭ Qabeenya dhaalaa duraan gurgurame irraa gahee qaba jedhee namni gahee isaa gaafatu, kan gaafachuu qabu, qaama sadaffaa of eeggannoo barbaachisaa godhee sammuu gaariin qabeenyicha bitate osoo hin taane, nama qabeenyicha nama 3ffatti dabarsee gurgureedha.
Kanaaf waliigalteen gurgurtaa raawwatame diiggamee gaheen dhaalaa kiyya akka naaf qoodamu jechuun gaaffiin dhiyaatu fudhatama hin qabu. SHH kwt 997፣ 1195፣ 2882-2884.
➭ Murtii mana murtii WFDHI lakk.glmee 222435(kan hin maxxanfamne)
➭ አስቀድሞ በተሸጠ የውርስ ሀብት ላይ ድርሻ አለኝ የሚል ሰው ድርሻውን ሊጠይቅ የሚችለው ተገቢውን ጥንቃቄ አድርጎ ሀብቱን ገዝቶ በእጁ ካደረገው የቅን ልቦና ገዥ ሳይሆን የውርስ ድርሻውን ለ3ኛ ወገን በሽያጭ ካስተላለፈው ሰው (ቤተሰብ) ስለመሆኑ።
በመሆኑም አስቀድሞ የተደረገ የሽያጭ ውል ፈርሶ የውርስ ሀብት ድርሻዬ ይለቀቅልኝ በሚል የሚቀርብ ጥያቄ ተቀባይነት የለውም። የፍትሐብሔር ህግ ቁጥር (997፣ 1195፣ 2882-2884)
ሰ.መ.ቁ.222435 (ያልታተመ)
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
➭ ሰ.መ.ቁ.222435 (ያልታተመ)

👍1
Darbiinsa Yeroo Qooda Qabeenya Maatii: ==========================================
Gaa’illi hiikkaan ykn du’a Walfuutota keessaa isa tokkoon yoo diigame gaaffiin qooda qabeenyaa Daangaa yeroo hangamii keessatti dhiyaachuu qaba?
================
Fuudhaa fi heerumni sababa hiikkaa gareewwan dhiyeessaniin ykn sababa du’uu ykn baduu walfuutota keessaa isa tokkootiin diigamuu nidanda’a. Yeroo sana falmiin qooda qabeenyaa walfuutota ykn haalota isa du’e ykn badee fi walfuutota keessaa isa jiru giddutti ka’uu akka danda’u beekamaadha.
Keessaayyuu gaa’illi eega hiikkaan diigame booda walfuutonni sababa adda addaatiin gaaffii qooda qabeenyaa otuu hindhiyeessin waggaata hedduu turanii falmii yeroo kaasan qabatamaan nimil’ata.
Akkasumas gaa’illi sababa du’a ykn badii isa tokkoon yoo diigamu walfuutota keessaa inni jiru qabeenyaa ijoollee isa du’e ykn bade waliin horate gabatee yeroo dheeraaf eega ture booda gaaffiin qooda qabeenyaa gahee isa du’ee ykn badee ka’uun himannaan waggoota hedduu booda dhaaltota isa du’een dhiyaachuun baratamaadha.
Yeroo akkasii gaaffii eega gaa’elli diigame booda qooddii qabeenyaa ilaalchisee dhiyaatu daangaa yeroo hangamii keessatti dhiyaachuu qaba isa jedhu Seera Maatiis ta’ee Seerri biroo rogummaa qabu kallattiin tume hinjiru.
Bara 2001 keessa Dh Ijbt MMWF glm Lkk 17937 ta’e (Jld 4ffaa) irratti gaaffiin qooda qabeenyaa guyyaa gaa’illi diigamee kaasee waggaa 10 keessatti dhiyaachuu akka qabuu fi yeroo kana keessatti yoo dhiyaachuu baate akkaataa SHH kwt 1845tiin daangaa yeroo waggaa 10n akka daangeffamu hiikkoo dirqisiisaa kennee ture. Yeroo sanii kaaseetis itti hojjetamaa turee jira.
Haata’u malee hiikkoon Dhaddacha Ijibbaataa olitti ibsame kun mirga qabeenya jiraachuu Heera mootummaa kwt 40 jalatti eegumsa argate kan faallessudha jedhamee Mana Maree Federeeshiiniin bara 2012 keessa glm Lkk 77/12 ta’erratti diigamuun gaaffiin qooda qabeenya abbaa warraa fi haadha warraa yeroo kamuu gaafatamuu akka danda’u murtiin biroo kennamee jira.
Garagalchi murtii MMFedereeshiin armaan gadiitti kaahamee jira👇👇👇

Forwarded from Jemal Kumbi
“Rakkoo aangoon aangoo abbaa seerummaa Ijibbaata Ijibbaatarratti Heera Mootummaa Federaalaan kennamuu sirna federaalisimii gaaga’a “
==================================
Ijibbaata irratti Ijibbaata!!!
Bu’uura HMFDRI lakk.1/1987 kwt. 80(3,B) fi HMNO lakk. 46/94 kwt. 64(2,B) fi labsii Gurmaa’ina Aangoo fi Hojmaata MMMNO lakk. 216/2011 kwt. 25(2,F)tiin dhimma naannoo murtii dhumaa argate irratti gaafiin dogoggora bu’uura seeraa raawwatame jedhu yoo dhiyaate aangoon ijibbaataan ilaaluu Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Dhaddacha Ijibbaataaf kennameefii jira. Gama biroon immoo bu’uura tumaa Heera MFDRI kwt. 80 (3,A) fi Labsii Mannee Murtii federaalaa lakk. 1234/2013 kwt. 10(2,(C,D)) tiin dhimmoota Murtii dhumaa argatan kamiirrattuu aangoo ijibbaatan ilaaluu kennameef bu'uura godhatee dhimma kamuu ofitti fuudhee murtii kennuun baay'achaa kan dhufe qofa osoo hin taanee hanga sirna Federaalizimii biyyi ittiin bulaa jirtu gaaffii keessa galchetu jira.Kana qofa miti Seera hiikuu caalaa,seera baasaa jira jedhamees bal'inaan komatamaa jira.Dhimmoota falmiin isaanii ijoo dubbii fi seeraa wal fakkaataa qaban irrattis murtii adda addaa bakki itti kenne jira.
Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Dhaddacha Ijbbaataa kan ta'an obboo Fiixaa Dachaasaa barreeffama mariif qophaa'e keessatti ''Manneen murtii ykn qaamonni seeraan murtii akka kennan aangeffaman dhimma qabaniif murtii ykn furmaata kennuuf seera hiikuun yoo isaan barbaachise, sababa hiikkaan seerichaa barbaachisaa itti ta’ee fi tooftaan ykn qajeeltoon hiikkaa seerichaatiif hordofan ifatti murticha keessatti mul’isuu qabaatu'' jechuun kan Dhaddacha Ijibbaataas kana irraa maquu akka hin qabne ibsu.
Sadarkaa Ijibbaata Mana Murtii Waliigala Oromiyaatiin dhimmoota bara 2016 fi 2017 keessatti Ijibbaata Federaalaan murtii argatanii gadi deebi'aan irratti xiinxalli gaggeeffamee mariin irratti gaggeeffamaa jira.Xiinxala kana keessatti rakkoon Ijibbaatni Ijibbaata irratti qabu qabatamaan dhimmootni hedduun xiinxalamanii Abbootii Seeraa MMWO hunda kan hirmaachise mariin guyyaa har'aa jalqabee jira.Marii dhimmootaa kana irraa maddi hanqinaalee jiranii adda bahee qulqullinni Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa ni dabala jedhamee eeggama.Dhimmoota bara kana Baatii saglan kana keessa Dhaddacha ijibbaataa keenyaa irraa gara Ijibbaataa Federaalaa oliyyatamanii ilaalamaanii murtii argatan keessaa 99.46% kan cimaniidha.
Maddi:- kan Kabajamoo obboo Makonnan Raggaasaati
Guyyaa Gaarii Qabaadhaa

That is exactly what is known as pure adversarial system of litigation or party oriented doctrine in the procedural law jurisprudence.
==================================
#Falmii abbaa qabiyyummaa Lafa baadiyyaan wal qabatee,gareen bitaaf mirgaa himannaaf deebii isaanii keessatti waa’ee bittaaf gurgurtaa osoo hin kaasneefi ragaan waa’ee kanaa yoo dubbate, Manni Murtii haalli qabannaa lafichaa bittaaf gurtaadha jedhee murteessuu danda’aa?
MMWFDHIJ Murtii hin maxxanfamne lakk.234625 ta’e gaafa 08/02/2016 kenneen kan armaan gadii jedheera.
#Falmii abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaatiin wal qabatee himataan himannaa isaa keessatti, himatamaan qabiyyee bittaaf gurgurtaan qabate jedhee bakka hin ibsinetti(himatamaanis deebii isaatiin firii dubbii kana bakka hin caqasnetti), ragaan jecha ragummaa kenneen, himatamaan qabiyyee kan qabate bittaaf gurgurtaan jechuun yoo dubbateefi Manni Murtiis kanuma fudhachuun himatamaan qabiyyee kan argate bittaaf gurgurtaan waan ta’eef haalli qabannaa isaa seeraan aladha- darbiinsi yeroo hin jiru jedhee Murteessuun-Murtii dogongorri Seera hooggansa falmii irratti raawwatamedha.
Credit to Mulugeta F. Binegde

Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Hiikoo_Jildiidhaan_hin_maxxanfamne_gara_Afaan_Oromootti_hiikame.pdf
13.3 MB
Hiikoo Jildiidhaan hin maxxanfamne gara Afaan Oromootti hiikame.pdf
❤1
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Hiikoo DhIJMMWF 2016 haaraa .pdf
21 MB
Murtiilee Dhaddacha Ijjibbaataa MMWF haaraa bara 2016 keessa hiikoo Kennan bakka tokkotti qindaa'an Volume 1.
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
2016 Volum.3 Hiikoo DhIJMMWF Haarawa.pdf
13.8 MB
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
part one-pre-trial (3).pptx
3.4 MB
Leenjii Seera Deemsa Falmii Yakkaa(ILQSO- 2015)-part One
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
seera traffika-1.pptx
1.1 MB
Seeraa fi Dambiilee Tiraafikaa.
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Haala_shallaggii_Adabbi_Yakkoota_Daddabalamaa_fi_irra_deddeebii.docx
48.3 KB