Forwarded from Jemal Kumbi
Dhimmi MMtti falmii irra jiru tokko akkaataa SDFHH kwt 274 -277tiin araaraan xumurameera kan jedhamu yoomiidha? Ulaagaa maal maal guutuu qaba?
==================================
Dhaddacharratti araarri taasifamuu fi bitaa fi mirgi araaraan xumuanneerra jechuun Dhaddachis kanuma mirkaneessee galmee cufuun dhimmichi bu’ura tumaalee seeraa olitti caqafamaniin araaraan xumurame kan jechisiisuu miti.
Araaraan xumurameera jedhamuu kan danda’u 1) waliigalteen araaraa barreeffamaan ta’uu, 2)gareewwaniin mallattaa’uu, 3) seeraa fi safuu kan eeggate ta’uun dhaddachaan ykn MMn mirkanaa’uu fi sanadni waliigaltichaa galmeen walqabachuu qaba.
Kana yoo ta’ee waliigalteen araaraa murtii MM ta’uun bu’aa murtiin MM tokko qabu hunda kan hordofsiisu ta’a. Bal’ina qabxii kanaa irratti xiinxala murtii Mana Maree Federeeshiinii glme Lkk 107/15 ta’erratti gaafa 28/10/2015 kenname 👇👇👇👇ilaalaa.
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Madaaallii Ragaa Dhimma Yakkaa Ilaalchisee Adeemsa Dhoorkame.
=========="========
𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝗴𝗮𝐥𝗮𝗮 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 220008 ta’e irratti bu'uura SDFY tiin namni yakkaan himatame ragaa ittisaa akka dhiyeessu kan ajajamu ragaan Abbaa Alangaa dhiyaate haala gahaa fi amansiisaa ta'een gochicha raawwachuu isaa yoo mirkaneesse akka ta'e SDFY kwt 141 fi 142 irraa ni hubatama.Manni murtii himatamaan ragaa ittisaa akka dhiyeeffatu ajajuu kan qabus dandeettii ragaa gama Abbaa Alangaatiin dhiyaate haala hunda galeessa ta'een himannicha mirkaneessuu isaa erga qulqulleessee booda akka ta'e tilmaamni ni fudhatama.Gama kanaan himatamaan ragaa ittisaa dhiyeesseen fashaleessuu hanga hin dandeenyetti balleessaa jedhamee kan adabamu ta'a.Kanaafuu,hanga ragaan ittisaa dhiyaate ragaa AA fashalleessuu hin dandeenyetti ragaan Abbaa Alangaa dura madaalamee ture Mana murtii murticha kenneen irra deebiin madaalamee ejjannoo ajaja/jal-murtii dura kennameen faallaa ta'e haalli itti qabamu faallaa kaayyoo SDFY ti.
Walumaagalatti,adeemsa falmii dhimma yakkaa keessatti namni yakkaan himatamee jiru tokko ragaan Abbaa Alangaa dhagahamee jal-murtii/ajajni akka ofirraa ittisu erga kennameen booda jal-murtii/ajajni akka ofirraa ittisu kennamee jiru sun dogoggora illee kan qabu yoo ta’e,Manni murtii dhimmicha ilaalaa jiru sun ragaa abbaa alaangaa irra deebidhaan madaaluun eejjennoo haarawaa qabachu kan hin dandeenye ta’u isaa ykn himatamaan ragaa ittisaa otoo hin dhiyeeffatiin murtii bilisaan gadi lakkisu kan hin dandeenye ta’uu isaa" hiikoo kenneera.

አንድ በወንጀል የተከሰሰ ሰው የዐቃቤ ህግ ማስረጃ ተሰምቶ የመከላከያ ማስረጃዉን እንዲያቀርብ ብይን/ትዕዛዝ ከተሰጠ በኋላ እንዲከላከል የተሰጠው ትዕዛዝ ስህተት ቢኖረዉም እንኳን ተከሳሹ ማስተባበያ ማስረጃ ባልቀረበበት ሁኔታ ከሱን በሚሰማው ፍርድ ቤት የዐቃቤ ህግ ማስረጃ በድጋሚ መዝኖ ቀደሞ ከተሰጠዉ ብይን/ትዕዛዝ የተለየ አቋም በመያዝ ተከሳሽን በነፃ እንዲሰናበት ሊወሰን የማይችል ስለመሆኑ፡፡
የሰ.መ.ቁ.220008 ሐምሌ 26/2014 ዓ.ም (ያልታተመ)
👏1
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Olka M Law office
#Murtiilee Dh.Ij.MMWO:
1️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa MMWO Lakk.Galmee 375917 ta'e irratti "Meeshaa Waraanaa Bireenii walfakkaataa lamaa fi isaa ol namni harkatti qabame Meeshaalee Waraanaa heddummina qabu qabatee argamuun kan gaafatamu ta'uu" Labsii Meeshaa Waraanaa Bulchuu Fi To'achuuf Bahe Lakk.1178/2012 keewwata 2(10) Fi 22(3) wal qabsiisuun Jildii 10ffaa irratti hiikoo seeraa kennee ture.
2️⃣.#Dhaddachi Ijibbaataa MMWO Jildii 10ffaa Lakk.Galmee 376946 ta'e irratti" Rasaasni akka Meeshaa waraanaatti kan lakkaa'amu ta'ullee Rasaasni walfakkaataan lamaa fi isaa ol harka himatamaatti qabamu illee Sababa walfakkaataa ta'eef,akka Meeshaa Waraanaa heddummina qabutti kan hin lakkaa'amee ta'uu" Labsii Bulchiinsaa fi To'annoo Meeshaa Waraanaa Lakk.1177/2012 keewwata 4(1) fi 22(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo seeraa dirqisiisaa kennee ture.
#Murtiilee dhama qabeessa.
👉credit to mahammad nuuree

#URGENT
📌Dhimma yakkaa ilaalchisee akkaataa dhihaatinsaa fi madaallii ragaa irratti murtiilee dhaddacha ijibaataa mana murtii waliigala federaalaa fi naannoo oromiyaatin kennamme hunda isaa hammatee ibsa bal'aa waliin bifa pdf ttiin barreefamaa gabaaba qophaa’e fi akkaan barsiisaa ta'e dha
📌Barreefamni kun dhimma yakkaa ilaalchisee akkaataa ragaan itti dhiyaatuu fi madaalamu irratti murtiilee dhaddacha ijibaataa MMWFDI hunda isaa fi kan MMWODH dabalatee ibsa bal'aa waliin waan qophaa’e jiruuf dhimma yakkaa ilaalchisee akkaataa ragaan itti madaalamu irratti hubannoo gaha uumun rakkoolee sirna haqa yakkaa gama kanaan mul’atan furuuf kan qophaa’e waan taheef itti goraa dubbisaa hubannoo gaha irraa argadha kanneen birootifis share godha
📌Dabalataan Ogeeyyiin seeraa keenya fuula hubannoo seeraa MH qabdan kamiyyuu share akka gotan kabajaan isin gaafanna
📌Qopheessaan Muussaa Haashim Muussaa
https://t.me/musalawyer

#Dhimma_yakkaa ilaalchisee akkaataa dhihaatinsaa fi madaallii ragaa irratti murtiilee dhaddacha ijibaataa mana murtii waliigala Federaalaa fi Oromiyaatin kennaman.
👉Ragaa sirnaan qorachuuf madaaluu dhabuudhaan nama balleessaa ta’uu malu gadhiisuu ykn nama qulqulluu ta’e immoo adabuun amantaa hawaasni bulchiinsa sirna haqa yakkaa irraa qabu kan miidhuu fi akkasumaas mirga haqa argachuu ummata keenya kan sarbu waan taheef barreefama kana gadi fageenyaan itti yaade mata dure kanaratti murtiilee dhaddacha ijibaataa irratti dabalataan ibsa bal’aa waliin qopheesinee jira.
👉Barreefamni kun dhimma yakkaa ilaalchisee akkaataa ragaan itti dhihaatuu fi madaalamu irratti murtiilee dhaddacha ijibaataa mana murtii waliigala fedeeralaa hunda isaa fi kan mana murtii waliigalaa naannoo oromiyaa dhaddacha ijibaataatis dabalatee ibsa bal’aa waliin waan qopha’ee jiruuf dhimmaa yakkaa ilaalchisee akkaataa ragaan itti madaalamu irratti hubannoo gahaa uumuun rakkoolee sirna haqa yakkaa gama ragaa dhimma yakkaa madaaluu irratti mul’ataan furuuf kan qophaa’e waan taheef itti goraa dubbisaa hubannoo gahaa irraa argadhaa.
💟Ulaagaalee raawwii yakkaa (Elements of criminal liability) yokiin haldureewwan yakka hundeessan kan seera yakkaa keewwata 23 jalatti tumame keessaa kutaan yaadaa kan mirkanaa’u haala raawwii gocha yakka bu’ura godhachuun tahuu isaa (#Jildii 7ffaa lakk G.22069)
Haldureewwan yakka hundeessan keessaa kutaan yaada ulaagaa jabaa dha kunis namni tokko yakka raawwate jechuun kan gaafatamu kutaan yaada isaa jechuunis yakkicha itti yaaduun yokiin dagannoodhan raawwachuun isaa yoo mirkanaa’e qofa
Wanta ilmi nama sammuu isaa keessatti yaadu rabbi tokkicha qofaatu beeka waan taheef himatamaan yakka ittin himatame itti yaade raawwachuu fi dhabuun isaa kan mirkanaa’u haala raawwii gocha yakkaa himatamaan ittin himatame, akkaataa himatamaan yakkicha itti raawwatee fi akkasumaas dhimmoota raawwii yakkaa waliin walqabatan hunda isaa ilaaluu fi xinxaaluudhani
Forwarded from Jemal Kumbi
አካለ መጠን ላልደረሰ ልጅ ሐላፊነ=======

በቅድሚያ አንድ ነጥብ ግለፅ አናድርግ በፍትሐብሔር ህግ ቁጥር 2124 መሠረት አካለመጠን ያልደረሰ ልጅ ሀላፈነትን የሚያስከትል ሥራ የሰራ እንደሆነ በፍትሐብሔር በኩል ለተሠራው ሥራ አላፊ የሚሆነው አባት ነው በማለት ቅድሚያ አባትን ያስቀምጠዋል፡፡ ለዚህ የሚሰጠው ምክንያት አባት የቤተሰብ አስተዳዳሪ መሆኑ ነው፡፡ ይህ ግን የኢፌዳሪ ህግ መንግስትንም ሆነ አዲሱን የተሻሻሉ የቤተሰብ ህጐችን የሚፃረር ነው፡፡ ለምሳሌ በኢፌዳሪ ህግ መንግስት አንቀፅ 34 /1/ መሠረት ባል አና ሚስት በጋብቻ ዘመን እኩል መብት ሲኖራቸው በተሻሻለው የቤተሰብ ህግ አንቀፅ 5ዐ መሠረት በቤተሰብ አመራር ረገድ ባልና ሚስት እኩል መብት አላቸው፡፡ ይህም በመሆኑ ባልና ሚስት ልጆቻቸው በመልካም ስነምግባር እንዲታነፁ ተገቢ ትምህርት እንዲቀስሙና ኃላፊነት የሚሰማቸው ዜጐች ሆነው እንዲያድጐ ለማድረግ መጣር አለባቸው፡፡

ስለሆነም አካለመጠን ያልደረሰ ልጅ ሀላፊ በሚሆንበት ጊዜ አባትና እናት እኩል ሀላፊ መሆን አለባቸው እንጂ በመጀመሪያ ደረጃ አባት በሁለተኛ ደረጃ እናት መሆን የለባቸውም፡፡ ስለዚህ ይህ የፍትሐብሔር ህግ ቁጥር ከኢፌዲሪ ሕገ መንግስትና ከተሻሻሉት የቤተሰብ ሕጐች አንፃር መቃኘት አለበት፡፡

ለአካለመጠን ያልደረሰ ልጅ ሀላፊ መሆንን በሚመለከት የኮመን ሎው አገሮችና የሲቪል ሎው አገሮች የተለያዩ አቋም አላቸው፡፡ በኮመን ሎው አገሮች ለአካለመጠን ላልደረሰ ልጅ አባትን ወይም እናትን ሀላፊ ለማድረግ በአባት ወይም በእናት በኩል ጥፋት መኖሩን ማረጋገጥን ይጠይቃል፡፡ በሲቪል ሎው አገሮች ግን አካለመጠን ያልደረሰ ልጅ ድርጊት ጉዳት ካደረሰ በወላጆች ዘንድ ጥፋቱ እንዳለ ይገመታል፡፡ ይህ ግምት ግን በተቃራኒ ማስረጃ ሊፈርስ የሚችል ግምት /ribufuble/ ነው፡፡

በእኛ ህግ ግን ሁለቱም አቋም ያለ ይመስላል፡፡ በቁጥር 2124 ስር አባት ወይም በ2125 /1/ ስር እናትን ሀላፊ ለማድረግ ጥፋትን ማረጋገጥ አያሰፈልግም፡፡ በቁጥር 2ዐ52 መሠረት ግን ወላጅን ወይም ሌላ አካለመጠን ያልደረሰ ልጅ አሳዳሪነት ወይም ጠባቂነት የተሰጠውን ሰው ሀላፊ ለማድረግ ጥፋትን ማረጋገጥ ያስፈልጋል፡፡

ሌላው ግልፅ መሆን ያለበት ነጥብ ደግሞ ወላጆች ወይም ሌሎች በቁጥር 2125 የተጠቀሱት ሰዎችና አካላት ሀላፊነት የፍትሐብሔር ሀላፊነት ብቻ ነው፡፡ አካለመጠን ያልደረሰው ልጅ የወንጀል ድርጊት ቢፈፅምና ቢረጋገጥበት ከ9 ዓመት በላይ ከሆነ በወንጀል ድርጊት ተጠያቂነቱ ወደ ሌሎች ሰዎች አይተላለፍም፡፡ በመጨረሻም ቁጥር 2124 አስመልክቶ በፍትሐብሔር ህግ አማርኛውና እንግሊዝኛ መሃል ልዩነት አለ፡፡

አማርኛው ልጁ ሀላፊነትን የሚያስከትል ሥራ የሰራ እንደሆነ በማለት የልጁ ሀላፊነት ከሥራ የሚመነጭ መሆኑን ሲደነግግ እንግሊዝኛው ግን /Where his minor child incurs a liability/ ስለሚል የልጁ ሀላፊነት ወይ ልጁ ጥፋተኛ በመሆኑ ሊመነጭ ይችላል ወይም ጥፋት ሳይኖርበት ጉዳት የሚያደርሱ ነገሮች ባለቤት በመሆኑ ሊመነጭ ይችላል፡፡ ሌሎች ለልጁ ሀላፊ ተብለው በህግ ይገለፁ እንጂ ልጁም ከሀላፊነት አያድንም፡፡
#ጠበቃ_አደም_ሰይድ_ከማል
Forwarded from Jemal Kumbi
Waraqaa ragaa dhaaltummaa baafachuun qofaan darbiinsa yeroo mirga dhaalaa gaafachuu jalaa nama hinbaasu ========================
Dh, Ijbta MMWF glme Lkk, 243973 ( gaafa 06/02/2017)=========================
Kanaan dura Dh Ijbt MMWF hiikkoo dirqisiisaa galmeewwan adda addaa (205248, 44237, 38533 fi kkf) irratti kennee tureen dhaaltuun waraqaa ragaa dhaaltummaa fudhate yeroo barbaadetti dhaaltuu qabeenya dhaalaa harkaa qabu irratti himannaa dhiyeessuu kan danda’u ta’uu fi falmiin dhaaltota ragaa dhaaltummaa qaban giddutti ka’us falmii qooda qabeenyaa waan ta’eef darbiinsa yeroon kan hindaangofne akka ta’e murteessuun isaa nibeekama.
Amma garuu ejjannoo isaa jijjiiruun waraqaa ragaa dhaaltummaa qabachuun qofaa isaatti darbiinsa yeroo jalaa kan baasu akka hintaanee fi dhaaltuun waraqaa ragaa dhaaltummaa qofa baafatee otuu qabeenyatti hinfayyadamne dhaaltuu qabeenya dhaalaa harka qabu irratti himannaan waggaa sadii booda dhiyeessu akkaataa SHH kwt 1000(1) tiin waggaa aadiin akka daangeffamu murteessuun hiikkoo dirqisiisaa haaraa glme Lkk 243973 ta’erratti gaafa 06/02/2017 kennee jira. Hiikkoon dirqisiisaan kanaan dura galmeewwan adda addaa irratti ragaa dhaaltummaa qabaannaan darbiinsi yeroo akka hinjirretti kennee ture isa ammaa kanaan jijjiiruu isaatis ibsee jira.
Forwarded from Jemal Kumbi
Ragaa gareewwan falmii dhageessifatan hundumaa fi guutuu murtii keessatti caqasuun madaaluu dhiisuun dogongorri raawwatamu dogongora ijoo seeraa waan ta’eef Dh Ijbtn Ilaalamee kan sirraa’udha. ==================================
Hiikkoo duraan galmeewwan adda addaa irratti kenneen dabalata murtii haaraa Dh Ijbta MMWF glme lkk 247682 ta’erratti gaafa 05/02/1017 kenname ==================
Forwarded from Temesgen A.Lawyer
Murtiile DHIMMWF Waliigaltee Qabeenya hin sochoone ilaalchise kenne

👉dhaddachi ijibbaata MMWF jildii 23 ffaa Lakk Galmee 153664 irratti namni tokko qabeenya hin sochoone dhaaltota keessa isa tokko qofa waliin Waliigalteen Bittaa fi Gurgurtaa raawwate qaama Angoo qabu biratti yoo hin galmoofnee Raawwatiinsa hin qabu.waliigalteen Bittaa fi Gurgurtaa yeroo diigamu immoo himata biraa dhiyeesuun osoo hin barbaachifne namni maallaqa sababa waliigalteetiin fudhate maallaqa kana nama kafaleef deebisuuf dirqama qaba.jechuun mirtii dirqisiisaa kennee jira.

👉dhaddachi ijibbaataa MMWF jildii 22ffaa Lakk Galmee 123761 irratti Namni tokko qabeenya mana waliigalteedhan bitee manicha kana Aangoo Qaama sadaffaatti dabarsuuf bakka bu’iinsa fi sanadoota Manicha ilaallatan gurguraa irraa fudhatuus waliigatichi qaama Aangoo qabu birati yoo hin galmoofnee (hin mirkanoofne) ta’ee fi manichii qaama sadaffaatii (bitaa 2ffaa ttii ) yoo darbee waliigaltee bittaa fi gurgurtaa fi Aangoo bakka bu’iinsa isaa waliigaltee qaama 3ffaa waliin raawatamee mormuuf akka ragaatti dhiyeesu hin danda’u jechuu murtii dirqisiisaa kennee jira.

👉dhaddacha ijibbaataa MMWF jildii 8ffaa Lakk,Galmee 39803 irratti S/H/H keewata
1723 (1) jalatti waliigalteen qabeenyaa hin sochoone ilaallatan Qaama waliigaltee galmeessuuf(mirkaneessuuf) Aangoo qabu fuula duratti yoo hin taasifamne fudhatama akka hin qabne ibsa. Karaa biraan immoo kennaan (donation) qabeenya hin sochoone immoo bu’uura keewata 1723 (1) ta’uu akka qabuu keewata 2443 ta’e 881 jalati hin ibsamne. keewatni 1723 (1) waliigaltee akka waliigalaatti(general) kan ilaallatu yoo ta’uu keewatni 2443 fi 881 immoo seera addaa (special laws) kennaa (donation) ilaallatanidha. Kanaaf waliigaltee kennaa (donation) qabeenya hin sochoone bu’uura keewatni 1723(1) ajajun qaama waliigaltee Raawachiisuuf Angoo qabu fuuldurati raawatamu baatus waliigaltichi kan
raga’edha jechuun murtii dirqisiisaa kennee jira.
  BAGA ITTIIN ISIN GAHE 🕌
             ☆EID MUBAREK
Obboleeyyan Koo Hordoftootni amantii Islaamaa Addunyaa mara irra jirtan hundi baga Iid Al-Adha(Arafaa) bara 1446ffaa (AH) nagaan geessan. Ayyaanni kun kan milkii,kan jaalalaa fi gammaachu bakka jirtanitti isiinif ha ta'uu.
        IID MUBAARAK

ለመላው የእስልምና እምነት ተከታዮች እንኳን ለ1446ኛው ዓመተ-ሒጂራ የዒድ አል-አደሃ በዓል በሰላም አደረሳችሁ/አደረሰን።
       ዒድ ሙባረክ

🕋 🕌 I wish you all a very happy and peaceful Eid. May Allah S.W.T accept your good deeds, forgive your mistakes and ease the suffering of all people around the globe
         Eid al Adha Mubarak
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa