Forwarded from Solomon Debele Lemi (Solomon Dabale)
Qaxarrii haaraa fii Jijjiirraa Mana Murtii Olaanaa Godina Arsii
Gita Hojii: Ofiisara Seeraa mana Murtii Aanaa I
Forwarded from Roba Girma Law Office
Qooda qabeenya AW fi HW ilaalchisee eega qoodinsi raawwatamee galmeen cufame booda qabeenyi haaraan yoo argame SDFHH kwt 5(1) fi 216 waliin akkamitti ilaalama?
==================================
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF dhimmichi qabeenyi yeroo qooddiin gaggeeffamu jiraachuun isaa hinbaramne garuu qooddii booda beekamu akka qoodamuuf iyyanni/himanni dhiyaatu akkaataa SDFHH kwt 5(1)nis ta’ee kwt 216n kan daangeffamu akka hintaane hiikkoo dirqisiisaa kanaan dura galmee Lkk 36780 ta’erratti kennee ture yaadachiisuun murtii haaraa kennee jira ( Glme Lkk 251383 gaafa 07/02/2017).
1
Forwarded from Jemal Kumbi
Dhimmi MMtti falmii irra jiru tokko akkaataa SDFHH kwt 274 -277tiin araaraan xumurameera kan jedhamu yoomiidha? Ulaagaa maal maal guutuu qaba?
==================================
Dhaddacharratti araarri taasifamuu fi bitaa fi mirgi araaraan xumuanneerra jechuun Dhaddachis kanuma mirkaneessee galmee cufuun dhimmichi bu’ura tumaalee seeraa olitti caqafamaniin araaraan xumurame kan jechisiisuu miti.
Araaraan xumurameera jedhamuu kan danda’u 1) waliigalteen araaraa barreeffamaan ta’uu, 2)gareewwaniin mallattaa’uu, 3) seeraa fi safuu kan eeggate ta’uun dhaddachaan ykn MMn mirkanaa’uu fi sanadni waliigaltichaa galmeen walqabachuu qaba.
Kana yoo ta’ee waliigalteen araaraa murtii MM ta’uun bu’aa murtiin MM tokko qabu hunda kan hordofsiisu ta’a. Bal’ina qabxii kanaa irratti xiinxala murtii Mana Maree Federeeshiinii glme Lkk 107/15 ta’erratti gaafa 28/10/2015 kenname 👇👇👇👇ilaalaa.
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Madaaallii Ragaa Dhimma Yakkaa Ilaalchisee Adeemsa Dhoorkame.
=========="========
𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝗴𝗮𝐥𝗮𝗮 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 220008 ta’e irratti bu'uura SDFY tiin namni yakkaan himatame ragaa ittisaa akka dhiyeessu kan ajajamu ragaan Abbaa Alangaa dhiyaate haala gahaa fi amansiisaa ta'een gochicha raawwachuu isaa yoo mirkaneesse akka ta'e SDFY kwt 141 fi 142 irraa ni hubatama.Manni murtii himatamaan ragaa ittisaa akka dhiyeeffatu ajajuu kan qabus dandeettii ragaa gama Abbaa Alangaatiin dhiyaate haala hunda galeessa ta'een himannicha mirkaneessuu isaa erga qulqulleessee booda akka ta'e tilmaamni ni fudhatama.Gama kanaan himatamaan ragaa ittisaa dhiyeesseen fashaleessuu hanga hin dandeenyetti balleessaa jedhamee kan adabamu ta'a.Kanaafuu,hanga ragaan ittisaa dhiyaate ragaa AA fashalleessuu hin dandeenyetti ragaan Abbaa Alangaa dura madaalamee ture Mana murtii murticha kenneen irra deebiin madaalamee ejjannoo ajaja/jal-murtii dura kennameen faallaa ta'e haalli itti qabamu faallaa kaayyoo SDFY ti.
Walumaagalatti,adeemsa falmii dhimma yakkaa keessatti namni yakkaan himatamee jiru tokko ragaan Abbaa Alangaa dhagahamee jal-murtii/ajajni akka ofirraa ittisu erga kennameen booda jal-murtii/ajajni akka ofirraa ittisu kennamee jiru sun dogoggora illee kan qabu yoo ta’e,Manni murtii dhimmicha ilaalaa jiru sun ragaa abbaa alaangaa irra deebidhaan madaaluun eejjennoo haarawaa qabachu kan hin dandeenye ta’u isaa ykn himatamaan ragaa ittisaa otoo hin dhiyeeffatiin murtii bilisaan gadi lakkisu kan hin dandeenye ta’uu isaa" hiikoo kenneera.

አንድ በወንጀል የተከሰሰ ሰው የዐቃቤ ህግ ማስረጃ ተሰምቶ የመከላከያ ማስረጃዉን እንዲያቀርብ ብይን/ትዕዛዝ ከተሰጠ በኋላ እንዲከላከል የተሰጠው ትዕዛዝ ስህተት ቢኖረዉም እንኳን ተከሳሹ ማስተባበያ ማስረጃ ባልቀረበበት ሁኔታ ከሱን በሚሰማው ፍርድ ቤት የዐቃቤ ህግ ማስረጃ በድጋሚ መዝኖ ቀደሞ ከተሰጠዉ ብይን/ትዕዛዝ የተለየ አቋም በመያዝ ተከሳሽን በነፃ እንዲሰናበት ሊወሰን የማይችል ስለመሆኑ፡፡
የሰ.መ.ቁ.220008 ሐምሌ 26/2014 ዓ.ም (ያልታተመ)
👏1
Forwarded from Olika M law Office (Olika ❤️🍅🍅 Mohmedzakir)
Olka M Law office
#Murtiilee Dh.Ij.MMWO:
1️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa MMWO Lakk.Galmee 375917 ta'e irratti "Meeshaa Waraanaa Bireenii walfakkaataa lamaa fi isaa ol namni harkatti qabame Meeshaalee Waraanaa heddummina qabu qabatee argamuun kan gaafatamu ta'uu" Labsii Meeshaa Waraanaa Bulchuu Fi To'achuuf Bahe Lakk.1178/2012 keewwata 2(10) Fi 22(3) wal qabsiisuun Jildii 10ffaa irratti hiikoo seeraa kennee ture.
2️⃣.#Dhaddachi Ijibbaataa MMWO Jildii 10ffaa Lakk.Galmee 376946 ta'e irratti" Rasaasni akka Meeshaa waraanaatti kan lakkaa'amu ta'ullee Rasaasni walfakkaataan lamaa fi isaa ol harka himatamaatti qabamu illee Sababa walfakkaataa ta'eef,akka Meeshaa Waraanaa heddummina qabutti kan hin lakkaa'amee ta'uu" Labsii Bulchiinsaa fi To'annoo Meeshaa Waraanaa Lakk.1177/2012 keewwata 4(1) fi 22(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo seeraa dirqisiisaa kennee ture.
#Murtiilee dhama qabeessa.
👉credit to mahammad nuuree

#URGENT
📌Dhimma yakkaa ilaalchisee akkaataa dhihaatinsaa fi madaallii ragaa irratti murtiilee dhaddacha ijibaataa mana murtii waliigala federaalaa fi naannoo oromiyaatin kennamme hunda isaa hammatee ibsa bal'aa waliin bifa pdf ttiin barreefamaa gabaaba qophaa’e fi akkaan barsiisaa ta'e dha
📌Barreefamni kun dhimma yakkaa ilaalchisee akkaataa ragaan itti dhiyaatuu fi madaalamu irratti murtiilee dhaddacha ijibaataa MMWFDI hunda isaa fi kan MMWODH dabalatee ibsa bal'aa waliin waan qophaa’e jiruuf dhimma yakkaa ilaalchisee akkaataa ragaan itti madaalamu irratti hubannoo gaha uumun rakkoolee sirna haqa yakkaa gama kanaan mul’atan furuuf kan qophaa’e waan taheef itti goraa dubbisaa hubannoo gaha irraa argadha kanneen birootifis share godha
📌Dabalataan Ogeeyyiin seeraa keenya fuula hubannoo seeraa MH qabdan kamiyyuu share akka gotan kabajaan isin gaafanna
📌Qopheessaan Muussaa Haashim Muussaa
https://t.me/musalawyer

#Dhimma_yakkaa ilaalchisee akkaataa dhihaatinsaa fi madaallii ragaa irratti murtiilee dhaddacha ijibaataa mana murtii waliigala Federaalaa fi Oromiyaatin kennaman.
👉Ragaa sirnaan qorachuuf madaaluu dhabuudhaan nama balleessaa ta’uu malu gadhiisuu ykn nama qulqulluu ta’e immoo adabuun amantaa hawaasni bulchiinsa sirna haqa yakkaa irraa qabu kan miidhuu fi akkasumaas mirga haqa argachuu ummata keenya kan sarbu waan taheef barreefama kana gadi fageenyaan itti yaade mata dure kanaratti murtiilee dhaddacha ijibaataa irratti dabalataan ibsa bal’aa waliin qopheesinee jira.
👉Barreefamni kun dhimma yakkaa ilaalchisee akkaataa ragaan itti dhihaatuu fi madaalamu irratti murtiilee dhaddacha ijibaataa mana murtii waliigala fedeeralaa hunda isaa fi kan mana murtii waliigalaa naannoo oromiyaa dhaddacha ijibaataatis dabalatee ibsa bal’aa waliin waan qopha’ee jiruuf dhimmaa yakkaa ilaalchisee akkaataa ragaan itti madaalamu irratti hubannoo gahaa uumuun rakkoolee sirna haqa yakkaa gama ragaa dhimma yakkaa madaaluu irratti mul’ataan furuuf kan qophaa’e waan taheef itti goraa dubbisaa hubannoo gahaa irraa argadhaa.
💟Ulaagaalee raawwii yakkaa (Elements of criminal liability) yokiin haldureewwan yakka hundeessan kan seera yakkaa keewwata 23 jalatti tumame keessaa kutaan yaadaa kan mirkanaa’u haala raawwii gocha yakka bu’ura godhachuun tahuu isaa (#Jildii 7ffaa lakk G.22069)
Haldureewwan yakka hundeessan keessaa kutaan yaada ulaagaa jabaa dha kunis namni tokko yakka raawwate jechuun kan gaafatamu kutaan yaada isaa jechuunis yakkicha itti yaaduun yokiin dagannoodhan raawwachuun isaa yoo mirkanaa’e qofa
Wanta ilmi nama sammuu isaa keessatti yaadu rabbi tokkicha qofaatu beeka waan taheef himatamaan yakka ittin himatame itti yaade raawwachuu fi dhabuun isaa kan mirkanaa’u haala raawwii gocha yakkaa himatamaan ittin himatame, akkaataa himatamaan yakkicha itti raawwatee fi akkasumaas dhimmoota raawwii yakkaa waliin walqabatan hunda isaa ilaaluu fi xinxaaluudhani