Forwarded from Jemal Kumbi
Ragaa gareewwan falmii dhageessifatan hundumaa fi guutuu murtii keessatti caqasuun madaaluu dhiisuun dogongorri raawwatamu dogongora ijoo seeraa waan ta’eef Dh Ijbtn Ilaalamee kan sirraa’udha. ==================================
Hiikkoo duraan galmeewwan adda addaa irratti kenneen dabalata murtii haaraa Dh Ijbta MMWF glme lkk 247682 ta’erratti gaafa 05/02/1017 kenname ==================

Forwarded from Seneѕa-Laωyer
𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝acha 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐨𝐣𝐣𝐚𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐌𝐨𝐨𝐭𝐨𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐌𝐮𝐮𝐝𝐚𝐦𝐚 𝐀𝐚𝐧𝐠𝐨𝐨 𝐅𝐮𝐝𝐡𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐘𝐨𝐨 𝐃𝐢𝐝𝐞 𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐇𝐢𝐧 𝐆𝐚𝐠𝐠𝐞𝐞𝐟𝐚𝐦𝐧𝐞 𝐓𝐚𝐡𝐮 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞.
🔰 Manni murtii waliigala federaalaa galmee lakkoofsa 219345 ta'e Irratti hojjataan mootummaa muudama aangoo fudhachuuf kan hin dirqamne ta'uu fi sababa muudama fudhachuu dideef immoo hojii irraa ari'amuu akka hin qabne murtii dirqisiisaa kennee jira.

Dogongorri adeemsa falmii akkaataa SDFHH kwt 208n MM ofii isaa sirreessu kan akkamiiti?
==================================
Hiikkoo Dh Ijbt MMWF glm Lkk 245834 ta’erratti gaafa 07/02/2017 kenname ilaala =========================
Hiikkoo murtii Dha Ijbtf sababa kan ta’e dogongora moggaasa maqaa nama himannaa MM Sdrk Jalqabaa Federaalaatti dhiyeessee yoo ta’u innis maqaa himannaa duraa ittiin dhiyeesse jijjiiruun himannaa fooyyeffatee eega dhiyeesse booda MM maqaadhuma himannaa jalqaba ittiin dhiyeesseen murtii kennee ture.
Sana booda himatamaan maqaan koo sirriin isa himannaa fooyya’e keessatti caqafame waan ta’eef maqaan murtiin ittiin kenname akkaataa SDFHH kwt 208 n akka naaf sirraa’u jechuun gaafate.
MM sdrk Jalqabaa 1ffaa maqaan murtiin ittiin kenname kanuma himannaa keessatti himataan ibse waan ta’eef maqaa himannaa fooyya’e immoo MM waan hinfuuneef dogongorri MM adeemsa seeraa MM raawwatee fi ofii sirreessuu danda’u hinjiru.
Akkasumas 2ffaa maqaan himataa sirriin isa himannaan duraa ittiin dhiyaatee miti yoo ta’es dogongorichi kanuma himataa mataa isaati malee kan MM waan hintaaneef MM akkaataa SDFHH kwt 208n sirreessuu hindanda’u jedhee iyyannoo dhiyaate ajajaan kufaa godhe.
MMO Federaalaatis komii itti dhiyaate kufaa gochuun ajaja MM Sdrk jalqabaa waan cimseef himataan dhimmicha Dh Ijbtatti dhiyeeffate.
Dh Ijbta gama isaan 1) maqaan iyyataa kan himannaa fooyya’e ittiin dhiyaate moo kan himannaan duraa ittiin dhiyaatedha kan jedhu MM jalaa qulqulleeffachuun akka irra turee fi 2) dogongora maqaa dabalatee dogongorri adeemsa falmii akkaataa SDFHH kwt 208n sirraa’uu qabu kamiiyyuu Mana Murtiinis ta’ee gareewwaniin yoo raawwatame MM dogongoricha akkaataa SDFHH kwt 208n sirreessuu akka qabu ibsuudhaan murtii MM jalaa diigee MM Sdrk jalqabaa irra deeb’ee iyyannoo himataa qulqulleessee akka fala Kennu bu’ura SDFHH kwt 343(1)tiin itti deebisee jira.

👍1
Forwarded from Jemal Kumbi
Qooda qabeenya AW fi HW ilaalchisee eega qoodinsi raawwatamee galmeen cufame booda qabeenyi haaraan yoo argame SDFHH kwt 5(1) fi 216 waliin akkamitti ilaalama?
==================================
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF dhimmichi qabeenyi yeroo qooddiin gaggeeffamu jiraachuun isaa hinbaramne garuu qooddii booda beekamu akka qoodamuuf iyyanni/himanni dhiyaatu akkaataa SDFHH kwt 5(1)nis ta’ee kwt 216n kan daangeffamu akka hintaane hiikkoo dirqisiisaa kanaan dura galmee Lkk 36780 ta’erratti kennee ture yaadachiisuun murtii haaraa kennee jira ( Glme Lkk 251383 gaafa 07/02/2017).
Guutuun isaa 👇argama.

Dhimmi tokko akkaataa SDFHH kwt 7n Manneen Murtii adda addaatti ilaalamuu hinqabu, yoo dhiyaates MM himanni jalqaba itti dhiyaatetu aangoo qaba kan jedhamu yoom? Dhimmichi tokko ta’uun hoo maaliin madaalama?
==================
Qajeeltoowwan falmiin hariiroo hawaasaa ittiin hoogganamu keessaa aangoo MM murteessuun isa tokkodha. Aangoon MM immoo tumaalee qajeelchan keessaa tumaan SDFHH kwtni 7 isa tokkoodha. Innis dhimmi tokko sababa aangoo tooraan walqabatee MM adda addatti yoo dhiyaate MM jalqaba falmiin itti eegaletti akka ilaalamu tumaan kwtichaa niajaja.
Haata’u malee dhimmi tokko MM adda addaatti kan dhiyaate kan jedhamu ulaagaa maaliin akka madaalamu ifaan wanti tumame waan hinjirreef qabatamaan yeroo falmii kaasu nimul’ata.
Akka fakkeenyaatti dhimma MM Ol’aanaa Godina Silxeetii eegaluun Dh Ijbt MMWF gahuun murtaa’e tokko asitti ilaaluun nidanda’ama.
👇👇👇👇👇👇👇
Dh Ijbt glme Lkk 205762 (2014)
===========================
Jalqaba dhimmichi falmii qooda qabeenya Abbaa warraa fi Haadha warraa MM Sdrk jalqabaa Federaalaatti kan dhiyaate yoo ta’uqabeenyaan falmiin irratti ka’es qabeenya waliinii /gamtaati jedhamee qixxee abbaan warraa fi haadholiin warraa lama saditti akka qoodatan murtaa’e.
Sana booda qabeenya wixxee akka qooddatan jedhame keessaa mana jireenyaa Magaalaa Waraabeetti argamu waliigaltee bittaan kan argadhe irratti murtiin kenname akka keessaa naaf bahu jechuun gareen 3ffaan biroo iyyata mormii murtii akkaataa SDFHH kwt 58n MM Sdrk Jalqabaa Federaalaatti dhiyeeffatee falmiin beellamaan jira.
Sun otuu beellama irra jiru haadholii warraa lamaan keessaa ishiin tokko waliigalteen bittaa fi gurgurtaa mana Magaalaa Waraabeetti argamu qixxee akka qooddatan jedhame irratti mormataa murtichaan raawwatame qabeenya waliinii irratti beekamtii fi eeyyama koo malee waan ta’eef akka naaf diigamu jechuun himannaa haaraa waliigalteen akka diigamu gaafatu MMO Godina Silxeetti dhiyeessitee falmiin eegale.
Mormataan murtii MM Sdrk Jalqabaa Federaalaa himatamaa MMO G/Silxee waan ta’eef SDFHH kwt 7?caqasuun mormii kaaseen MMO godinichaas mormii ka’e fudhachuun dhimmichi tokko waan ta’ee fi dursee MM Sdrk Jalqabaa Federaalaatti ilaalamaa kan jiru waan ta’eef himannaa himattuutis ilaaluuf aangoo hinqabu jedhee murteessuun MMW Naannichaatis cimseera.
Dh Ijbta gama isaan komii himattuu fuudhee ilaaluun qabxii ijoo falmii dhimma mormii murtii MM Sdrk jalqabaatti ilaalamaa jiru mana qabeenya waliinii maatiiti jedhamee murtaa’e irraa mormataan murtii mirga qaba moo hinqabu ykn murtiin kenname ka’uu qaba moo miti, kan jedhu ta’uu fi kan dhimma MMO Godina Silxeetti dhiyaatee immoo waliigalteen diigamuu qaba moo hinqabu qabxii jedhu ta’uu kaasee sababa kanaan qabxii ijoo falmii fi seerummaan gaafatames adda adda ta’ee bakka jirutti dhimmicha ilaaluuf MMO godinichaa aangoo hinqabu jedhamuun dogongora jedhee diiguun ijootti seenee waliigalteen diigamuu qaba moo hinqabu kan jedhu ilaalee akka murteessu dhimmichi qajeelfamaan MMO Godina Silxeetti deebisee jira.
Kanaaf dhimmi tokko akkaataa kwt 7n MM adda addaatti dhiyaate kan jedhamuu fi MM boodarra falmiin itti ergale aangoo kan dhabsiisu 1)qabxii ijoo falmii tokko yoo ta’ee fi
2)seerummaan gaafatames tokko yoo ta’e akka ta’e hiikkoo Dh Ijbt kana irraa nihubatama.
Karaa Telegrama 👇kana hordofaa ; Http://t.me speaklawinabsentia

❤1
Forwarded from Jemal Kumbi
Dhimmi MMtti falmii irra jiru tokko akkaataa SDFHH kwt 274 -277tiin araaraan xumurameera kan jedhamu yoomiidha? Ulaagaa maal maal guutuu qaba?
==================================
Dhaddacharratti araarri taasifamuu fi bitaa fi mirgi araaraan xumuanneerra jechuun Dhaddachis kanuma mirkaneessee galmee cufuun dhimmichi bu’ura tumaalee seeraa olitti caqafamaniin araaraan xumurame kan jechisiisuu miti.
Araaraan xumurameera jedhamuu kan danda’u 1) waliigalteen araaraa barreeffamaan ta’uu, 2)gareewwaniin mallattaa’uu, 3) seeraa fi safuu kan eeggate ta’uun dhaddachaan ykn MMn mirkanaa’uu fi sanadni waliigaltichaa galmeen walqabachuu qaba.
Kana yoo ta’ee waliigalteen araaraa murtii MM ta’uun bu’aa murtiin MM tokko qabu hunda kan hordofsiisu ta’a. Bal’ina qabxii kanaa irratti xiinxala murtii Mana Maree Federeeshiinii glme Lkk 107/15 ta’erratti gaafa 28/10/2015 kenname 👇👇👇👇ilaalaa.