𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐰𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐧𝐢 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐀𝐝𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐇𝐢𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐇𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐓𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞 𝐃𝐢𝐫𝐪𝐚𝐦𝐚 𝐃𝐚𝐚𝐧𝐠𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐮 𝐐𝐚𝐛𝐮 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞.
📕Manni murtii waliigala federaalaa dhaddachi ijibaataa galmee lakkoofsa 282248 ta'e irratti dhaddacha gaafa 6/2/2017 ooleen tumaan seeraa himatamaan tokko balleessaa ittin jedhame jalatti seeraan adabbii daangeessuun kan hin dhoorkamne yoo ta'e himatamaan guddisaa daa'immanii yoo ta'e fi kanas kan ibsatee jiru yoo ta'e miidhaa qaamaa fi xiinsammuu daa'imman irra gahu hanbisuudhaaf adabbii irraa daangeessuu dhabuun dogongora seeraa isa bu'uraati jechuun murtessee jira.
📗Murteen dhaddachaa ijibaataa qajeeltoo dantaa daa'immanii isa ol'aanaa haala tilmaama keessa galcheen kan kennameedha.
📕Haa tahuu garuu adabbii irraa daangeessuuf himatamaan guddisaa daa'immanii tahuun akkuma jiruti ta'ee haalli raawwii yakkaa fi ulfinni isaa akkasumaas daa'imman hanga himatamaan adabbii isaa xumuruti guddisaa biroo carraan itti argatan jirachuu fi miidhaan qaamaa fi xiinsammuu akkaataan isaan irra gahuu hin dandeenye jiraachuu fi dhabuun akkasumaan haalonni raawwii yakkichaa fi haala jireenya daa'immanii waliin wal qabatan akkaatuma rogummaa isaaniitiin tilmaama keessa galfamuun ilaalamuu kan qabuudha.
Murtiilee Gaa'ilaan walqabatee kenname
#Abbaan Manaa haadha Manaa lama kan qabu yoo ta'e,yeroo gaa'elli diigamu qoodinsa qabeenyaa ilaalchisee hiikoo seeraa Dhaddachi Ijibbaataa kenne maal jedha?
--------------------------------------------------------
👉#Dhaddachi_Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.219887 ta'e irratti dhaddacha guyyaa 25/04/215 ooleen "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e,gaa'elli du'aan ykn karaa biraa seera qabeessa ta'een kan diigame yoo ta'e,dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti shoora addaa(guddaa) taphattee xaarte ta'uu yoo mirkaneessite,qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuu akka dandeessu,fi dubartiin ishiin lammaffaan abbaa Manaa waliin walakkaa hafe qooddatti" jechuun hiikoo kennee ture(Jildiidhaan hin maxxanfamne hiikoo haaraa).

👉#Dhaddachi_Ijibbaataa MMWF Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 24625 ta'e irratti "abbaan Manaa haadha warraa lama qabu yoo du'e,haati Manaa lameenuu qabeenyicha gahee walakkaa bakka lamatti qooddachuu akka qaban" murteessee ture.

👉#Dhaddachi_Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 13ffaa Lakk.45548 ta'e irratti "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e,gaa'elli kan diigame yoo ta'e,dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti gahee guddaa taphatte ta'uu mirkaneessite,turtii gaa'elaa keessatti hangi ishiin ifaajje yaada keessa galee qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuuf mirga akka qabdu;dubartiin(haati Manaa isheen lammaffaan) qabeenyi yeroo horatamu hin xaarre qabeenya hafe walakkaa abbaa Manaa waliin qooddachuu qabdi" jechuun hiikoo kennee ture.Dhaddachi Ijibbaataa Jildii 11ffaa Lakkoofsa Galmee 50489 ta'ee fi Galmeelee biroo irratti hiikoo walfakkaataa kennee ture.
https://t.me/Ijooseera

𝐘𝐀𝐊𝐊𝐀𝐀𝐍 𝐀𝐃𝐀𝐁𝐀𝐌𝐔𝐔𝐍 𝐁𝐎𝐎𝐃𝐀 𝐒𝐄𝐄𝐑𝐑𝐈 𝐇𝐀𝐀𝐑𝐀𝐀𝐍 𝐃𝐇𝐔𝐅𝐔𝐔.....
============================
𝐒𝐞𝐞𝐫𝐫𝐢 𝐲𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚 𝐨𝐟𝐝𝐮𝐮𝐛𝐚 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢'𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐧 𝐡𝐨𝐣𝐣𝐞𝐭𝐮 𝐒𝐘 𝐤𝐞𝐞𝐰 5 , 𝐇𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐌𝐨𝐨𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐰 22(1).𝐒𝐞𝐞𝐫𝐫𝐢 𝐲𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚 𝐨𝐟𝐝𝐮𝐮𝐛𝐚 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢'𝐞𝐞 𝐡𝐨𝐣𝐣𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐡𝐚𝐚𝐥𝐚 𝐚𝐝𝐝𝐚𝐚𝐧 𝐲𝐨𝐨 𝐭𝐚'𝐮,𝐢𝐧𝐧𝐢𝐬 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐮𝐮 𝐤𝐚𝐧 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐮 𝐲𝐨𝐨 𝐭𝐚'𝐞 𝐨𝐟 𝐝𝐮𝐮𝐛𝐚 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐧𝐢 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐚𝐦𝐚.
𝐎𝐟𝐝𝐮𝐮𝐛𝐚 𝐃𝐞𝐞𝐛𝐢'𝐮𝐮 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐦𝐚𝐚𝐥𝐢 ? 𝐒𝐞𝐞𝐫𝐫𝐢 𝐲𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚 𝐡𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐢𝐫𝐫𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐮 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐚𝐝𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐭𝐮𝐦𝐞𝐞 𝐣𝐢𝐫𝐮𝐮𝐧 𝐧𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐚𝐝𝐚𝐛𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐲𝐤𝐧 𝐚𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐨𝐬𝐨𝐨 𝐣𝐢𝐫𝐮𝐮 , 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐫𝐢 𝐤𝐚𝐧 𝐛𝐢𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐝𝐮𝐫𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐡𝐚𝐪𝐮 𝐲𝐤𝐧 𝐟𝐨𝐨𝐲𝐲𝐞𝐬𝐬𝐮 𝐲𝐚𝐦𝐦𝐮𝐮 𝐭𝐮𝐦𝐚𝐦𝐮, 𝐘𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐨𝐬𝐨𝐨 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐢𝐜𝐡𝐢 𝐡𝐢𝐧 𝐛𝐚'𝐢𝐢𝐧 𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐚𝐝𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢𝐧 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐞 𝐲𝐤𝐧 𝐚𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚𝐫𝐫𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐮 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐢𝐢 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐮 𝐭𝐚𝐚𝐬𝐢𝐬𝐮𝐮 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚. 𝐊𝐚𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐭𝐞𝐞 𝐧𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐛𝐮'𝐮𝐮𝐫𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐠𝐨𝐜𝐡𝐚 𝐲𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚 𝐭𝐮𝐦𝐮 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨𝐨𝐧 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐞𝐞,𝐞𝐫𝐠𝐚 𝐚𝐝𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢𝐧 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐚𝐚'𝐞𝐞𝐧 𝐛𝐨𝐨𝐝𝐚 , 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐫𝐢 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐢𝐜𝐡𝐚 𝐟𝐨𝐨𝐲𝐲𝐞𝐬𝐬𝐮 𝐲𝐨𝐨 𝐭𝐮𝐦𝐚𝐦𝐞,𝐧𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐲𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐛𝐮'𝐮𝐮𝐫𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐝𝐮𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐭𝐮𝐫𝐞𝐞𝐧 𝐚𝐝𝐚𝐛𝐚𝐦𝐞 ,𝐬𝐞𝐞𝐫𝐫𝐢 𝐟𝐨𝐨𝐲𝐲𝐚'𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐧𝐚𝐚𝐟 𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚𝐦𝐮 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚𝐚𝐧 𝐢𝐲𝐲𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐧𝐢 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐚 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐮𝐮𝐝𝐡𝐚.
𝐃𝐇𝐈𝐌𝐌𝐖𝐅 𝐣𝐢𝐥𝐝 22𝐟𝐟𝐚𝐚 𝐋𝐆 151034 𝐭𝐚'𝐞𝐞𝐧 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚 28/2/2011 𝐭𝐢𝐢 𝐟𝐚𝐥𝐦𝐢𝐢 𝐀/𝐀𝐥𝐚𝐧𝐠𝐚𝐚 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐀𝐦𝐚𝐚𝐫𝐞𝐞 𝐑𝐚𝐭𝐭𝐚𝐚 𝐠𝐢𝐝𝐝𝐮𝐮 𝐭𝐮𝐫𝐞𝐞𝐧:- 𝐃𝐡𝐢𝐦𝐦𝐚 𝐲𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐞𝐫𝐠𝐚 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐞𝐞𝐧 𝐛𝐨𝐨𝐝𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐫𝐢 𝐡𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐛𝐚'𝐞 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐮 𝐲𝐨𝐨 𝐭𝐚'𝐞 ,𝐡𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐫𝐢 𝐡𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚𝐭𝐚𝐦𝐮 𝐠𝐨𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐢𝐲𝐲𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐲𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞 ,𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐚 𝐚𝐤𝐤𝐚𝐧𝐚𝐚𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐭𝐞𝐞 𝐚𝐦𝐚𝐥𝐮𝐦𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐟𝐚𝐥𝐦𝐢𝐢 𝐢𝐝𝐢𝐥𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢 𝐤𝐚𝐧 𝐢𝐥𝐚𝐚𝐥𝐚𝐦𝐮 𝐨𝐬𝐨𝐨 𝐡𝐢𝐧 𝐭𝐚𝐚𝐧𝐞 𝐲𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐦𝐞𝐭𝐭𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮𝐦𝐦𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐮 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐭𝐚'𝐞𝐞𝐟 ,𝐞𝐫𝐠𝐚 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐛𝐨𝐨𝐝𝐚 𝐢𝐲𝐲𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐞𝐝𝐡𝐚 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐟𝐮𝐝𝐡𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚 𝐝𝐡𝐨𝐫𝐤𝐮𝐮𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐚𝐦𝐮 𝐣𝐞𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐒𝐘 𝐤𝐞𝐞𝐰 6,9(1),𝐇𝐌𝐅 𝐤𝐞𝐞𝐰 22(2) 𝐟𝐢 𝐈𝐂𝐂𝐏𝐑 𝐤𝐞𝐞𝐰 15(1) 𝐰𝐚𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐢𝐤𝐤𝐨𝐨 𝐝𝐢𝐫𝐪𝐢𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐞𝐞𝐫𝐚.

👍1
.Dhaddachi_Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 17ffaa lakkoofsa galmee 97203 ta'e irratti "namoonni lamaa ol yakka raawwatanii yommuu argaman,tokkoon tokkoon isaa sadarkaa hirmaannaa isaaniitiin bu'uura madaallii ragaa seerri kaa'een adda baasamuu akka qabu" Seera yakkaa keewwata 32(1)(A),539(1)(A),40,540 fi 141 waliin wal qabsiisuun hiikkoo kennee ture.
https://t.me/Ijooseera
https://t.me/Ijooseera
Konkolaataa irratti bakki meeshaan itti dhokfamu (shaagiin) tolfamee meeshaan seeraan alaa (kotorobaandiin) achi keessatti fe’amee (dhokfamee) yoo argame konkolaatichi mootummaadhan dhaalamuu akka danda’u Labsii Gumurukaa Lakk. 859/2006 keewwata 147(3)(a) jalatti tumameera. Konkolaataa bifa kanaan meeshaa seeraan alaa fe’ee argame dhaaluuf abbaan qabeenyaa dhimmicha beekuu fi beekuu dhabuun yaada keessa galuu akka hin qabne MMWF Dh/Ijibbaataa galmee lakk. 204922 ta’e irratti hiikoo dirqisiisaa kenneera.
https://t.me/Ijooseera
https://t.me/Ijooseera
👍1
የአቃቤ ህግ ምስክሮች ባለመቅረብ ምስክሮች እስኪቀርቡ በሚል መዝገቡ ሲዘጋ በኤግዚቪትነት የተጠቀሰው ንብረት ለባለንብረት ሊመለስ የሚገባ ስለመሆኑ የፌዴራል ሰበር ሰሚ ችሎት በሰ/መ/ቁ 242866 ሐምሌ 28 ቀን 2015ዓ.ም አስገዳጅ ውሳኔ ሰጥቷል።
በወንጀል ክስ ኤግዚቪት ሆነው የቀረቡ ነገሮች የፍርድ ቤት መዝገብ ሹም ቁጥር እና ምልክት በማድረግ በተጠበቀ ስፍራ የሚያስቀምጣቸው መሆኑን እና ነገሩ በሚሰማበት እለት አቃቤ ህግ ፍርድ ቤት ይዞአቸው መቅረብ ያለበት መሆኑን ከወ/መ/ስ/ስ/ህ/ቁ 97 እና 124/2/ ድንጋጌ መገንዘ የሚቻል ነው፡፡ “(አስራሩ ሌላ ቢሆንም though the practice/reality is apart from the law)(”በተግባር አየተሰራበት ያለዉ እግዚቨት የሚቀመጠዉ በፖሊስ ተቋም ዉስጥ ነዉ)
ተከሳሾች ባለማቅረብ ተከሳሾች እስከሚቀርቡ ድረስ በሚል የፍርድ ሂደቱ ሲቋረጥ በኤግዚቪትነት የተያዘው ንብረት እንዲለቀቅ በቀረበ አቤቱታ ላይ ውሳኔ ሳይሰጥ ማቆየት ባለ ንብረቱ በንብረቱ ላይ እንዳይጠቀሙ የሚያደርግ ዉጤት በማስከተል ንብረት መብትን የሚጥስና ንብረቱ በሀገሪቱ ኢኮኖሚ ላይ አበርክቶ እንዳይኖረው የሚያደርግ በ በመሆኑ መዝገቡ መንቀሳቀስ ሳያስፈልግ በኤግዚቪትንት የተያዘው ንብረት ለንብረቱ ባለቤት ሊመለስ ይገባል በማለት በሰ/መ/ቁ 176890 እና 240930 ላይ አስገዳጅ የህግ ትርጉም ተሰጥቷል፡፡
አቃቤ ህግ ለመሰረተው የወንጀል ክስ ምስክሮችን አቅርቦ የማስረዳት ሃላፊነት አለባት፡፡ አቃቤ ህግ ምስክሮች ባለመቅረባቸው ሲዘጋ በኤግዚቪትነት የተያዘው ገንዘብ ምክንያታዊ ላልሆነ ጊዜ ተይዞ እንዲቆይ የሚያደርግ ትእዛዝ ለመስጠት ሚያሰችል የህግ ምክንያት የለም፡፡አቃቤ ህግ ምስክሮችን አቅርቦ ማስረዳት ባለመቻሉ ምስክሮችን ባቀረበ ጊዜ ያንቀሳቅስ ተብሎ እስከተዘጋ ድረስ በኤግዚቪትነት የተያዘ ንብረት በኤግዚቪትነት እንዲቆይ ማድረግ የተከሳሽን ንፁህ ሆኖ የመገመት ህገ-መንግስታዊ መብት የሚሸራርፍ፣ ንብረት መብት የሚጥስ እና ንብረቱ በኢኮኖሚው ላይ ያለውን አበርክቶ ሚያሳጣ ነው በማለት ንብረቱ ለባለንብረቱ መመለስ የሚገባ ስለመሆኑ አስገዳጅ የህግ ትርጉም ሰጥቷል፡:

Namni Dhimma Siviliitiin Himatame Deebii Barreeffamaa Keessatti "Qabeenyicha Yeroo Dheeraadhaaf Waanan Qabadheef Gadi Lakkisuu Hin Qabu" Jechuun Falmii Ijoo Waliin Walitti Makee Barreessuun Yoo Dhiyeesse, Akka Mormii Sadarkaa Duraa Darbiinsa Yerootiin Walqabatu Kaaseetti Fudhatamuu Qabaa? Gama Kanaan, Dhaddachi Ijibbaataa MMWF fi Manni Maree Federeeshinii Maal Jedhan?
¢¢¢¢¢✓✓¢¢¢¢¢✓✓✓✓¢¢¢¢¢¢
Gareewwan falmii tokko tokko "qabeenyicha yeroo dheeraadhaaf waanan qabadheef gadi lakkisuu hin qabu" jechuun falmii ijoo waliin walitti makanii deebii barreeffamaa isaaniitiin wayita dhiyeessan qabatamaan ni mul'ata. Falmiin kun darbiinsa yerootimoo falmii biroodha kan jedhu ifa miti. Kanaan walqabatee, Dhaddachi Ijibbaataa MMWF murtii, iyyataa:-Badreddiin Abdulwuhab fi waamamaa:-Qamaraa Ahmad gidduutti ilaalee kenne keessatti; iyyataan kan jechaa jiru, mana kiyya waamamaan yeroodhaaf akka keessa jiraatuuf kenneefii gadi naaf lakkisi gaafan jedhuun gadi naaf lakkisuu waan hin dandeenyeef manicha gadi lakkisee akka na harkaan gahu jechuun himannaa dhiyeesseera.
Waamamaan deebii isaatiin; iyyataan mana isaa naaf kennee waggaa 47f kanan keessa jiraadhe waan ta'eefi umriin iyyataa waggaa 105 waan ta'eef himannicha ofii isaatiin sammuu fayyaadhaan beekaa kan dhiyeessan ta'uu isaatiif manni murtii dhiyeessisee yoo naaf mirkaneesse manicha gadin lakkisa jechuun falmeera.
Dhimma kana irratti manneen murtii Ijibbaataa gadi jiran hundi iyyataa dhaddachatti dhiyeessisanii, himannicha ofumaan kan dhiyeessan ta'uu mirkaneeffatanii waamamaan manicha gadi lakkisee iyyataa harkaan akka gahu jechuun murteessaniiru.
Dhimmi kun dhaddacha Ijibbaataa MMWF gahee, dhaddachichis hiikkoo seeraa dirqisiisaa galmee lakk.14047 (Jildii 1ffaa) ta'e irratti kenneen; falmii himatamaan waggaa 47f qabadheera jechuun kaasu akka mormii darbiinsa yeroo kaaseetti tilmaamni kan udhatamu ta'a. Iyyataan manicha kennaadhaan waamamaadhaaf kan kenne waan ta'eef, kunis bu'uura SHH kwt 2441(1)tiin darbiinsa yeroo waggaa lamaas ta'e, kan SHH kwt 1845 jalatti ibsame darbiinsi yeroo waggaa 10s darbeera waan ta'eef, waamamaan manicha iyyataa (himataa jalaa) harkaan gahuu hin qabu jedheera.
Dhimmi kun hiikkoo Heeraatiif Mana Maree Federeeshiniitti dhiyaatee, Manni Marichaas Yaa'ii gaafa 2/10/2011, bara paarlaamaa 4ffaa, waggaa 4ffaa gaggeessee, murtii lakk.Ga.68/11 ta'e irratti kenneen; seera deemsa falmii sivilii kwt 245(2) irratti Manni murtii ofii isaatiin mormii darbiinsa yeroo kaasuu akka hin dandeenye tumamee osoo jiruu Dhaddachi Ijibbaataa ofumaaf kaasee murteessuun isaa tumaa Heera Mootummaa kwt 79(3), kan abbootiin seeraa hojii isaanii seeraan qofa hojjetu jedhu, kan faallessudha. Mirga dinagdee namootaa Heera Mootummaa kwt 41(5)n kabajames kan faallessuufi bu'uura Heera Mootummaa kwt 40(1)(2)tinis mirga qabeenya horachuu lammilee kan sarbe ta'uurrayyuu mirgoota manguddoowwan umriin isaanii waggaa 100 ol ta'ees kan miidhu waan ta'eef murtii Heera faallessudha jechuudhaan diigeera.
(Yaadni kun Kitaaba Kaasee Malkaam, mata duree "Mormiiwwan Sadarkaa Duraa" jedhuun Afaan Amaaraatiin barreeffame irraa kan fudhatamedha. Kan hiike anadha).
Desalegn B.

👍4❤1
Himataa fi himatamaan falmii taasisan irratti qaamni 3ffaan Jiddu Lixummaa iyyatee erga hayyamameef booda Himataa fi himatamaan dhimma isaanii Araaraan xumurachuun himataan himannaa isaa yoo kaase, iyyatni Jiddu lixaa maal taha kan jedhuuf MMWFDhIjib lakk G. 211506 taheen guyyaa 04/02/2015 dhaddacha ooleen murtii dirqisiisaa dhimma iyyata Jiddu lixaa ilaalchisee falmiin itti fufee murtii dhumaa argachuu akka qabu murteessee jira.
https://t.me/Ijooseera
https://t.me/Ijooseera
Namni tokko iyyata jeequmsi narraa dhaabbatu jedhu sirri dhiyeesseera jechuuf qabeenyi falmiif sababa ta'e harka isaa jiraachuu fi qabeenya kana irratti dhugumaan ajajuudhaf haalli qabanna qabeenyicha kan waliin hin dhahamne fi karaa seeraan alaa kaminiyyuu kan hin argamne ta'uu qaba.
https://t.me/Ijooseera
https://t.me/Ijooseera
Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
By Elias K. (2014-2016 HF decision compiled)..pdf
212.5 MB
👉🏾MURTIIWWAN MANA MAREE FEDEREESHINII, BARA 2014 HANGA BARA 2016 TTI KENNAMAN. IDDOO TOKKOOTTI QINDAA’E.
👉🏾ከ2014 ዓ.ም እስከ 2016 ዓ.ም የተሰጡ የፌዴሬሽን ምክር ቤት ውሳኔዎች(በአንድ ላይ የተቀናጀ)፡፡ 👉🏾Compiled by Elias kasa (Advocate and Legal Consultant at law.)-Adama Call-0929399368 👉Tajaajila Gorsa Seeraa yoo barbaaddan Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa #"Eliyaas Kaasaa mariisisaa.
👉የጥብቅና አገልግሎት ሲፈልጉ ኤልያስ ካሳ ጠበቃ እና የሕግ አማካሪን ያማክሩ።
👉🏾ከ2014 ዓ.ም እስከ 2016 ዓ.ም የተሰጡ የፌዴሬሽን ምክር ቤት ውሳኔዎች(በአንድ ላይ የተቀናጀ)፡፡ 👉🏾Compiled by Elias kasa (Advocate and Legal Consultant at law.)-Adama Call-0929399368 👉Tajaajila Gorsa Seeraa yoo barbaaddan Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa #"Eliyaas Kaasaa mariisisaa.
👉የጥብቅና አገልግሎት ሲፈልጉ ኤልያስ ካሳ ጠበቃ እና የሕግ አማካሪን ያማክሩ።
Konkolaataa irratti bakki meeshaan itti dhokfamu (shaagiin) tolfamee meeshaan seeraan alaa (kotorobaandiin) achi keessatti fe’amee (dhokfamee) yoo argame konkolaatichi mootummaadhan dhaalamuu akka danda’u Labsii Gumurukaa Lakk. 859/2006 keewwata 147(3)(a) jalatti tumameera. Konkolaataa bifa kanaan meeshaa seeraan alaa fe’ee argame dhaaluuf abbaan qabeenyaa dhimmicha beekuu fi beekuu dhabuun yaada keessa galuu akka hin qabne MMWF Dh/Ijibbaataa galmee lakk. 204922 ta’e irratti hiikoo dirqisiisaa kenneera.
https://t.me/Ijooseera
https://t.me/Ijooseera
👍1
Seera Ragaa: Jechi amantaa SDFY kwt, 35n kenname dirqama malee bilisaan kan kenname ta’uun akkamitti mirkanaa’a?==============================
Namni yakkaan shakkame tokko jechi adeems qorannoo yakkichaa keessatti mirgoota ijoo qabu keessaa tokko mirga ogeessa seeraa qunnamuu fi hangasitti mirga caldhisuu yoo ta’u dirqama tokko malee jaalatee fi itti amanee bilisummaa guutuun jecha isaa W/ra Poolisii dhimmicha qoratutti akkaataa SDFY kwt 27(2) kennuu akka danda’u tumaalee heeraa fi SDFY rogummaa qaban irraa nihubatama.
Akkasumas jecha amantaa W/ra Poolisiitti kenne sana Mana Murtiitti dhiyaatee akkaataa SDFY kwt, 35n yoo kenne booddee himannaa irratti dhiyaatuuf ragaa akka irratti ta’u ibsamee jira. Jechi amantaa SDFY kwt, 27(2) kenname ragaa biroon yoo deeggarame malee ofii isaatti yakka raawwatame jedhameef shakkamaa ykn himatamaa balleessaa gochuu akka hindandeenye saayinsiin seera ragaa waliigalaa kan akeeku ta’uu caalaayyuu Dh Ijib MMWF yeroo hedduu hiikkoo dirqisiisaa itti kennee jira. Gama biraan jechi amantaa akkaataa SDFY kwt, 35n kenname yeroo himannaan dhiyaatutti himatamaan dirqamee fedhii koo malee kan kennedha yoo jedhe fedhii isaatiin kan kenne ta’uun ykn kan hindirqisiifamne ta’uu fi dhiisuun akkamitti mirkanaa’a, qabxiin jedhu garuu hedduu falmisiisaa ta’ee mula’ta. Qabatama jiruunis ejjannoon adda addaa kan jiran yemmuu ta’u sana keessaa lama hedduu kan beekamudha.
Ogeeyyiin hedduun jecha mantaa akkaataa sdfy kwt, 35n Mana Murtii duratti kenname abbaan seeraa ulaagaalee seeraa guutuu isaa mirkaneessee, fedhii fi bilisa ta’ee shakkamaan kennuu isaa qulqulleefatee, dubbisee fi mallatteessisuun kan fuudhu waan ta’eef yeroo falmiin ka’etti jechichi bilisummaadhaan dirqama tokko malee kan kenname akka ta’etti tilamaamni kan fudhatamnu ta’uu fi garuu immoo himatamaan dirqamee kenne kan jedhu yoo ta’e dirqamee kennuu isaa ragaadhaan hubachisuu akka qabu falmu.
Gama biraan ogeeyyiin biroo immoo jalqabumaayyuu dirqamni balleessaa himatamaa mirkaneessuu jalqabaa kaasee hanga dhumaatti Abbaa Alangaa irra kan jiru ta’uu (legal burdon of proof) fi hanga Abbaan Alangaa dirqama isaa kan bahutti himatamaan akka nama qulqulluutti kan ilaalamu (presumption of innocence) ta’uun qajeeltoo seera ragaa fi heeraa waliigalaa ta’uu kaasu. Kana malees haalli qabiinsa shakkamaa yeroo qorannoon gaggeeffamutti poolisii harka waan ta’eef carraan dirqisiifamuu isaa jiraachuu fi kunis hanga Manna Murtiittis dirqiin akka amanu doorsifamuu akka danda’u qabatamaan bal’inaan kan jiru waan ta’eef jechichi himatamaan bilisaan kenne jedhamuun seerris ta’ee bu’urri qajeeltoo ragaa tilmaama fudhachiisu akka hinjirre falmu.
Akkasumas isuma akkaataa sdfy kwt, 132n eega himannaan irratti dhiyaate booda mana murtii duratti amanuuyyuu Manni Murtii barbaachisaa yoo ta’e ofeegannoon ilaalee akka hinamannetti fudhatee ragaa Alangaa Dhagahuu akka qabu tumamee kan jiru waliin yemmuu ilaalamus jecha 35n kenname bilisaan kennamuu isaa himatamaan yoo haale dirqamni mirkaneessuu kan Alangaati jedhu.
Muxannoon biyyoota birootis yemmuu ilaalamu kan biyyoota hedduu ejjannoo 2ffaa kana kan agarsiisu yoo ta’e akka fakkeenyeetti Afrikaa Kibbaa fudhachuun nidanda’ama.
https://t.me/Ijooseera
Namni yakkaan shakkame tokko jechi adeems qorannoo yakkichaa keessatti mirgoota ijoo qabu keessaa tokko mirga ogeessa seeraa qunnamuu fi hangasitti mirga caldhisuu yoo ta’u dirqama tokko malee jaalatee fi itti amanee bilisummaa guutuun jecha isaa W/ra Poolisii dhimmicha qoratutti akkaataa SDFY kwt 27(2) kennuu akka danda’u tumaalee heeraa fi SDFY rogummaa qaban irraa nihubatama.
Akkasumas jecha amantaa W/ra Poolisiitti kenne sana Mana Murtiitti dhiyaatee akkaataa SDFY kwt, 35n yoo kenne booddee himannaa irratti dhiyaatuuf ragaa akka irratti ta’u ibsamee jira. Jechi amantaa SDFY kwt, 27(2) kenname ragaa biroon yoo deeggarame malee ofii isaatti yakka raawwatame jedhameef shakkamaa ykn himatamaa balleessaa gochuu akka hindandeenye saayinsiin seera ragaa waliigalaa kan akeeku ta’uu caalaayyuu Dh Ijib MMWF yeroo hedduu hiikkoo dirqisiisaa itti kennee jira. Gama biraan jechi amantaa akkaataa SDFY kwt, 35n kenname yeroo himannaan dhiyaatutti himatamaan dirqamee fedhii koo malee kan kennedha yoo jedhe fedhii isaatiin kan kenne ta’uun ykn kan hindirqisiifamne ta’uu fi dhiisuun akkamitti mirkanaa’a, qabxiin jedhu garuu hedduu falmisiisaa ta’ee mula’ta. Qabatama jiruunis ejjannoon adda addaa kan jiran yemmuu ta’u sana keessaa lama hedduu kan beekamudha.
Ogeeyyiin hedduun jecha mantaa akkaataa sdfy kwt, 35n Mana Murtii duratti kenname abbaan seeraa ulaagaalee seeraa guutuu isaa mirkaneessee, fedhii fi bilisa ta’ee shakkamaan kennuu isaa qulqulleefatee, dubbisee fi mallatteessisuun kan fuudhu waan ta’eef yeroo falmiin ka’etti jechichi bilisummaadhaan dirqama tokko malee kan kenname akka ta’etti tilamaamni kan fudhatamnu ta’uu fi garuu immoo himatamaan dirqamee kenne kan jedhu yoo ta’e dirqamee kennuu isaa ragaadhaan hubachisuu akka qabu falmu.
Gama biraan ogeeyyiin biroo immoo jalqabumaayyuu dirqamni balleessaa himatamaa mirkaneessuu jalqabaa kaasee hanga dhumaatti Abbaa Alangaa irra kan jiru ta’uu (legal burdon of proof) fi hanga Abbaan Alangaa dirqama isaa kan bahutti himatamaan akka nama qulqulluutti kan ilaalamu (presumption of innocence) ta’uun qajeeltoo seera ragaa fi heeraa waliigalaa ta’uu kaasu. Kana malees haalli qabiinsa shakkamaa yeroo qorannoon gaggeeffamutti poolisii harka waan ta’eef carraan dirqisiifamuu isaa jiraachuu fi kunis hanga Manna Murtiittis dirqiin akka amanu doorsifamuu akka danda’u qabatamaan bal’inaan kan jiru waan ta’eef jechichi himatamaan bilisaan kenne jedhamuun seerris ta’ee bu’urri qajeeltoo ragaa tilmaama fudhachiisu akka hinjirre falmu.
Akkasumas isuma akkaataa sdfy kwt, 132n eega himannaan irratti dhiyaate booda mana murtii duratti amanuuyyuu Manni Murtii barbaachisaa yoo ta’e ofeegannoon ilaalee akka hinamannetti fudhatee ragaa Alangaa Dhagahuu akka qabu tumamee kan jiru waliin yemmuu ilaalamus jecha 35n kenname bilisaan kennamuu isaa himatamaan yoo haale dirqamni mirkaneessuu kan Alangaati jedhu.
Muxannoon biyyoota birootis yemmuu ilaalamu kan biyyoota hedduu ejjannoo 2ffaa kana kan agarsiisu yoo ta’e akka fakkeenyeetti Afrikaa Kibbaa fudhachuun nidanda’ama.
https://t.me/Ijooseera
👍1
Murtiilee Gaa'ilaan walqabatee kenname
#Abbaan Manaa haadha Manaa lama kan qabu yoo ta'e,yeroo gaa'elli diigamu qoodinsa qabeenyaa ilaalchisee hiikoo seeraa Dhaddachi Ijibbaataa kenne maal jedha?
--------------------------------------------------------
👉#Dhaddachi_Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.219887 ta'e irratti dhaddacha guyyaa 25/04/215 ooleen "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e,gaa'elli du'aan ykn karaa biraa seera qabeessa ta'een kan diigame yoo ta'e,dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti shoora addaa(guddaa) taphattee xaarte ta'uu yoo mirkaneessite,qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuu akka dandeessu,fi dubartiin ishiin lammaffaan abbaa Manaa waliin walakkaa hafe qooddatti" jechuun hiikoo kennee ture(Jildiidhaan hin maxxanfamne hiikoo haaraa).
--------------------------------------------------------
👉#Dhaddachi_Ijibbaataa MMWF Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 24625 ta'e irratti "abbaan Manaa haadha warraa lama qabu yoo du'e,haati Manaa lameenuu qabeenyicha gahee walakkaa bakka lamatti qooddachuu akka qaban" murteessee ture.
--------------------------------------------------------
👉#Dhaddachi_Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 13ffaa Lakk.45548 ta'e irratti "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e,gaa'elli kan diigame yoo ta'e,dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti gahee guddaa taphatte ta'uu mirkaneessite,turtii gaa'elaa keessatti hangi ishiin ifaajje yaada keessa galee qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuuf mirga akka qabdu;dubartiin(haati Manaa isheen lammaffaan) qabeenyi yeroo horatamu hin xaarre qabeenya hafe walakkaa abbaa Manaa waliin qooddachuu qabdi" jechuun hiikoo kennee ture.Dhaddachi Ijibbaataa Jildii 11ffaa Lakkoofsa Galmee 50489 ta'ee fi Galmeelee biroo irratti hiikoo walfakkaataa kennee ture.
https://t.me/Ijooseera
https://t.me/Ijooseera
#Abbaan Manaa haadha Manaa lama kan qabu yoo ta'e,yeroo gaa'elli diigamu qoodinsa qabeenyaa ilaalchisee hiikoo seeraa Dhaddachi Ijibbaataa kenne maal jedha?
--------------------------------------------------------
👉#Dhaddachi_Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.219887 ta'e irratti dhaddacha guyyaa 25/04/215 ooleen "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e,gaa'elli du'aan ykn karaa biraa seera qabeessa ta'een kan diigame yoo ta'e,dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti shoora addaa(guddaa) taphattee xaarte ta'uu yoo mirkaneessite,qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuu akka dandeessu,fi dubartiin ishiin lammaffaan abbaa Manaa waliin walakkaa hafe qooddatti" jechuun hiikoo kennee ture(Jildiidhaan hin maxxanfamne hiikoo haaraa).
--------------------------------------------------------
👉#Dhaddachi_Ijibbaataa MMWF Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 24625 ta'e irratti "abbaan Manaa haadha warraa lama qabu yoo du'e,haati Manaa lameenuu qabeenyicha gahee walakkaa bakka lamatti qooddachuu akka qaban" murteessee ture.
--------------------------------------------------------
👉#Dhaddachi_Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 13ffaa Lakk.45548 ta'e irratti "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e,gaa'elli kan diigame yoo ta'e,dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti gahee guddaa taphatte ta'uu mirkaneessite,turtii gaa'elaa keessatti hangi ishiin ifaajje yaada keessa galee qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuuf mirga akka qabdu;dubartiin(haati Manaa isheen lammaffaan) qabeenyi yeroo horatamu hin xaarre qabeenya hafe walakkaa abbaa Manaa waliin qooddachuu qabdi" jechuun hiikoo kennee ture.Dhaddachi Ijibbaataa Jildii 11ffaa Lakkoofsa Galmee 50489 ta'ee fi Galmeelee biroo irratti hiikoo walfakkaataa kennee ture.
https://t.me/Ijooseera
https://t.me/Ijooseera
Forwarded from Desalegn B. (Desalegn B.)
NAMNI JEEQUMSAAN HIMATAME-DESALEGN B. (1).pdf
214.1 KB
Namni (Qaamni) Himannaa Jeequmsaatiin (Abbaa Qabiyyummaatiin) Himatame Deebii Ittisaa Akkamii Dhiyeeffachuu Qabaa? Gama Kanaan Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Maal Jedhe?
👉Ebla 13, 2016 barreeffamee chaanaalii kana irratti kan dhoobamee ture. (Jeequmsaan Wal qabatee barreeffama 2ffaa ani barreessedha. Dubbisaa qeeqaa, sirni seeraa akkasitti guddata!
Desalegn B.
❤1
DhIMMWF Lakk.Galmee 230023 ta'ee irratti waa'ee guyyaa raawwii murtii mana maree federeeshini dhimma De facto Divorce irratti kennamee jiru irratti murtii kennee jira:-
✍️kana dura Murtii dhaddacha ijibbaata De Facto Divorce ilaalchisee kennee ture mana maree federeeshinaatiin gaafa 27/1/2012 ooleen diiguudhaan gaa'illi mana murtiidhaan qofa hiikkaan/diiggaan kennamu akka qabu murtii kennee jira.
✍️Gama kanaan murtiin manni maree federeeshinii kenne kun gaa'ila qabatamaan diiggame(de facto divorce) guyyaa murtiin kenname bara 2012 dura diiggame irratti raawwii hin qabu. kanaafuu akka murtii dhaddacha ijibbaataa kanatti namoonni gaa'illa isaanii qabatamaan bara 2012 dura diiganii adda deemanii jireenya mataa isaanii jiraachaa jiran ilaalchisee murtiin mana maree federeeshinaa raawwii kan hin qabne ta'u isaati.
የፌ/ጠ/ፍ/ቤትበሰ/መ/ቁ. 230023 ውሳኔ መሰረት የፌዴሬሽን ም/ቤቱን ውሳኔ ከ 2012 ዓ/ም በፊት ለተደረገ De Facto Divorce ተፈጻሚነት የለውም። ተፈጻሚነቱ ከ2012 ዓ/ም በኋላ ለተደረገ De Facto Divorce ነው።
በቸልተኝነት የሚፈፀም የሙከራ ወንጀል የለም
-------========------------===---
ሰ/መ/ቁ.181206፡- ተከሳሽ የግል ተበዳይን በሽጉጥ የመቱት በቸልተኝነት ከሆነና ድርጊቱ ሞትን ያላስከተለ በሙከራ ደረጃ የቀረ ከሆነ ክርክሩ ከወ/ህ/አንቀፅ 27(1) አንጻር ሊታይና ሊመረመር ይገባል።
በቸልተኝነት የሚፈፀሙ ድርጊቶች እንደ ሙከራ ሊቆጠሩ ይችላሉ የሚል አስተያየት ቢኖርም አንድን የወንጀል ድርጊት ሙከራ ነው ለማለት ድርጊቱ በእውቀትና በፍላጎት የተፈፀመ መሆኑን ማረጋገጥ መሰረታዊ መስፈርት መሆኑ በተለያዩ ሀገራት ህጎች ውስጥ መካተቱ በቸልተኝነት የሚፈፀሙ ድርጊቶችን እንደ ሙከራ መቁጠሩ በአሁኑ ጊዜ ብዙም ተቀባይነት የሌለው መሆኑን ያሳያል ። የወንጀል ህጋችንም በአንቀፅ 27(1) “ማንም ሰው አስቦ…” የሚለውን ሃረግ በማካተት መቀረፁ ድርጊቱ በአውቆ አጥፊነት የተጀመረ መሆኑ መረጋገጡ መሰረታዊ መስፈርት መሆኑን የሚያሳይ ነዉ።
በመሆኑም ተከሳሹ የተከሰሱበት ድርጊት በቸልተኝነት የተፈፀመ የሙከራ ድርጊት ከሆነ ማለትም አንቀጽ 27(1) እና 540) በመተላለፍ ከሆነ የጥፋተኝነት ውሳኔ ሊሰጥ የሚችለው ተከሳሹ ድርጊቱን አስበው የፈፀሙ መሆናቸው በአቃቤ ህግ ማስረጃ ሲረጋገጥ ሊሆን ይገባል።
በቸልተኝነት የተፈፀመ ከሆነ ተከሳሽ ከቀረበባቸው የመግደል ሙከራ የወንጀል ክስ በነፃ ሊሰናበቱ ይገባል ።
የወንጀል ሙከራ ድርጊቱ የተፈፀመበት መሳርያም ጉዳት ከማድረሱ በተጨማሪ ለመዉረስ አሳማኝና ህጋዊ ምክንያት ሊቀርብ ይገባል።
(መሳሪያዉን በጥንቃቄ አለመያዙ ስለተረጋገጠ መሳሪያዉ ሊወርስ ይገባል የሚል የልዩነት ሃሳብ አለዉ) ። መስከረም 27 ቀን 2013 ዓ/ም

Qabiyyee lafaa hanga murtii muummeen murtaa’ee olitti MAM raawwatame akka deebi’u akkamitti gaafatama?=================
Qabxii kanaan walqabatee ijoo falmii kan kaase galmee raawwiin irratti gaggeeffame irratti gaafatama moo galmee haaraa kan biroo irratti gaafatamuu qaba kan jedhudha. Dhimmichi Naannoo SSUK eegaluun Dh Ijb MMWF gahee dhimmichi akkaataa SDFHH kwt 349tiin glmeedhuma raawwii cufame sana irratti ilaalamuu qabame malee galmee raawwii kan biroo haaraa banamuun dogongora adeemsa seeraati jedhee murteessee jira.
Booddee murtiin Dh Ijbt qajeeltoowwan heeraan kan walfaallessuudha jedhamee komatuun Mana Maree Federeeshiiniitti dhiyaatee Manni Maree Federeeshiinii hiikkoon Dh Ijb heera Mootummaa kwt 40(4) kan faallessuudha jechuun gaafichi galmee haaraa irratti ilaalamuu akka danda’u murteessee jira.
https://t.me/ijooseeraa

👍2
Seera Ragaa: Jechi amantaa SDFY kwt, 35n kenname dirqama malee bilisaan kan kenname ta’uun akkamitti mirkanaa’a?==============================
Namni yakkaan shakkame tokko adeemsa qorannoo yakkichaa keessatti mirgoota ijoo qabu keessaa tokko mirga ogeessa seeraa qunnamuu fi hangasitti mirga caldhisuu yoo ta’u dirqama tokko malee jaalatee fi itti amanee bilisummaa guutuun jecha isaa W/ra Poolisii dhimmicha qoratutti akkaataa SDFY kwt 27(2) kennuu akka danda’u tumaalee heeraa fi SDFY rogummaa qaban irraa nihubatama.
Akkasumas jecha amantaa W/ra Poolisiitti kenne sana Mana Murtiitti dhiyaatee akkaataa SDFY kwt, 35n yoo kenne booddee himannaa irratti dhiyaatuuf ragaa akka irratti ta’u ibsamee jira. Jechi amantaa SDFY kwt, 27(2) kenname ragaa biroon yoo deeggarame malee ofii isaatti yakka raawwatame jedhameef shakkamaa ykn himatamaa balleessaa gochuu akka hindandeenye saayinsiin seera ragaa waliigalaa kan akeeku ta’uu caalaayyuu Dh Ijib MMWF yeroo hedduu hiikkoo dirqisiisaa itti kennee jira. Gama biraan jechi amantaa akkaataa SDFY kwt, 35n kenname yeroo himannaan dhiyaatutti himatamaan dirqamee fedhii koo malee kan kennedha yoo jedhe fedhii isaatiin kan kenne ta’uun ykn kan hindirqisiifamne ta’uu fi dhiisuun akkamitti mirkanaa’a, qabxiin jedhu garuu hedduu falmisiisaa ta’ee mula’ta. Qabatama jiruunis ejjannoon adda addaa kan jiran yemmuu ta’u sana keessaa lama hedduu kan beekamudha.
Ogeeyyiin hedduun jecha amantaa akkaataa sdfy kwt, 35n Mana Murtii duratti kenname abbaan seeraa ulaagaalee seeraa guutuu isaa mirkaneessee, fedhii fi bilisa ta’ee shakkamaan kennuu isaa qulqulleefatee, dubbisee fi mallatteessisuun kan fuudhu waan ta’eef yeroo falmiin ka’etti jechichi bilisummaadhaan dirqama tokko malee kan kenname akka ta’etti tilamaamni kan fudhatamnu ta’uu fi garuu immoo himatamaan dirqamee kenne kan jedhu yoo ta’e dirqamee kennuu isaa ragaadhaan hubachisuu akka qabu falmu.
Gama biraan ogeeyyiin biroo immoo jalqabumaayyuu dirqamni balleessaa himatamaa mirkaneessuu jalqabaa kaasee hanga dhumaatti Abbaa Alangaa irra kan jiru ta’uu (legal burdon of proof) fi hanga Abbaan Alangaa dirqama isaa kan bahutti himatamaan akka nama qulqulluutti kan ilaalamu (presumption of innocence) ta’uun qajeeltoo seera ragaa fi heeraa waliigalaa ta’uu kaasu. Kana malees haalli qabiinsa shakkamaa yeroo qorannoon gaggeeffamutti poolisii harka waan ta’eef carraan dirqisiifamuu isaa jiraachuu fi kunis hanga Manna Murtiittis dirqiin akka amanu doorsifamuu akka danda’u qabatamaan bal’inaan kan jiru waan ta’eef jechichi himatamaan bilisaan kenne jedhamuun seerris ta’ee bu’urri qajeeltoo ragaa tilmaama fudhachiisu akka hinjirre falmu.
Akkasumas isuma akkaataa sdfy kwt, 132n eega himannaan irratti dhiyaate booda mana murtii duratti amanuuyyuu Manni Murtii barbaachisaa yoo ta’e ofeegannoon ilaalee akka hinamannetti fudhatee ragaa Abbaa Alangaa Dhagahuu akka qabu tumamee kan jiru waliin yemmuu ilaalamus jecha 35n kenname bilisaan kennamuu isaa himatamaan yoo haale dirqamni mirkaneessuu kan Abbaa Alangaati jedhu.
Muxannoon biyyoota birootis yemmuu ilaalamu kan biyyoota hedduu ejjannoo 2ffaa kana kan agarsiisu yoo ta’u akka fakkeenyeetti Afrikaa Kibbaa fudhachuun nidanda’ama.