Raawwii gaa’elaan walqabatee nikaan karaa maatii walfuutota biyya alaa jiraniif bakka isaan hinjirretti godhamu bu’ura seeraa niqabaa?==================================
Haala qabatama jiruu fi jireenyaa hawaasummaa irraan kan ka’e yeroo hedduu namoonni qaamaan argamuun fedhii isaanii kallattiin ibsachuun gaa’eela raawwachuu hindanda’an. Keessaayyuu lammiileen biyya kanaa sababa hojiitiin (irra caalaa dubartoonni) biyyoota Arabaa (biyya USA fi Auroppaas dhimmoonni akkasii nijira) deemuun lafuma jiran irraa karaa maatii isaanii biyya ofiitti nikaan yoo hidhamuuf ykn gaa’ela raawwatan baratamaadha. Garuu raawwiin gaa’ela ha haala kanaan raawwatamu seeraan kan hindhoorkamne ta’us qaamaan argamuun sababa humnaa oliitiin kan hindanda’amnee fi bakka bu’ummaan akka raawwatamu (nikaan hidhamu) sadarkaa federaalaatti Ministeera Haqaatiin, sadarkaa naannootti Mana Hojii Abbaa Alangaatiin (SMO) mirkanaa’ee eeyyamamuu akka qabu SMO kwt 29 jalatti tumamee jira.
Bu’ura kanaan nikaan beekamtii fi eeyyama Ministeera Haqaa ykn Mana Hojii Abbaa Alangaa malee karaa maatii walfuutotaa qofa bakka walfuutonni hinjirretti raawwatamu bu’ura seeraa hinqabu jechuun Dh Ijbta MMWF glm Lkk 247257 ta’erratti gaafa 06/02/2017 murtii haaraa sagalee caalmaan kennee jira.
Ulaagaan SMO keessatti raawwii gaa’elaaf haalduree ta’an hundi gaa’ela sirna kamiinuu raawwatu hundaaf raawwatiinsa akka qabu fi irraa maquun kan hindanda’amne ta’uus kanaan dura Dh Ijbt kun glm Lkk 213864 ta’erratti murtii hiikkoo dirqisiisaa ta’e kenneera.
Kanaaf walumaagalatti gaa’elli karaa sirna amantaa (nikaa)s ta’ee karaa sirnoota hafan seeraan beekamtii qaban lamaaniin raawwatamu walfuutonni lamaan qaamaan argamuun fedhii isaanii haala shakkii hinqabneen ibsachuu akka qabuu fi bakka bu’ummaan kan raawwatamu yoo ta’e sababa humnaa ol ta’een qaamaan argamuun kan hindanda’amne ta’uun Ministeera Haqaatiin ykn Mana Hojii Abbaa Alangaatiin yoo mirkanaa’e qofa fudhatama kan argatu akka ta’e hubatamuu qaba.
Garagalcha murtii Dh Ijbt glm Lkk 247257 irratti gaafa 06/02/2017 kennamee fuula Facebook Murawa Abbaa Kuraa irraa fudhatamuun gaditti dhoobamee jira.
murtii kanaan maal jettu?
Dhaalaan tokko qabeeya waliinii dhaaltotaa tokko haayyama dhaaltotaa malee dhoksaan yoo gurgurate dhaaltotni maali gochuu qabu?
Dhaalaa tokko qabeenya dhaaltotaa kan ta'e mana jireenyaa qabeenya waliinii dhaaltotaa kan ta'e karaa dhoksaa ta'een kaartaa gara maqaa ofii isaa nanneessuun manicha kana nama biraatti ykn qaama 3ffaa dabarsee yoo gurgurate dhaaltonni kan gochuun isaanirra jiraatu nama manicha bitate kana qabeenya dhaalaa haayyama dhaaltota hundaa osoo hin argatin dhoksaan bite waan ta'eef waliin galteen bittaa fi gurgurtaa manaa dhaalaa fi nama mana bitate giddutti taasifame nuuf diigamee manicha harkaan akka nu gahu jedhamanii himachuu hin danda'an. Namni mana bite kun ''good faith'' kan bitate yoo ta'e  isa himachuun hin danda'an. Isaan himachuu  kan qaban dhaalaa haayyama isaanii malee dhoksaan manicha gurgurate. Seerummaan isaan yeroo himata dhiyeessan mana murtii  gaafachuu qabanis dhaalaan dhoksaadhaan mana gurgure kun qarshii mana itti gurgure keessaa gahee keenna akka nuuf qoodu ykn kennuu jechuun gaafachuu qabu!
👉SHH 1960 bahe keewwata1266, 1060(1)
👉MMWF, Dh, Ij l, Jildii 10ffaa Lak,Gal. 41857
https://t.me/Ijooseera
Bu'uura seeraa deemsa hariiroo hawaasaa keewwata 33(2) himata himataan dhiyeessu irratti mirgaa fi faayidaa hin qabdu jechuun kan murtaa'uu himata dhiyaate irratti mirga qabaachuu isaa kan agarsiisu ragaa kan hin dhiyeesine yoo ta'e dha.

Himataan ykn iyyataan himata isaa keessatti qabeenya sababa himannaa ta'eef mirgaa fi faayidaa irraa qabaachuu isaa kan agarsiisu himata isaa waliin ragaawwaan garagaraa wal qabsiisee dhiyeessee osoo jiruu Manni Murtii himataan ykn iyyataan himannaa dhiyeessuuf mirgaa fi faayidaa irraa hin qabu jechuun himannaa dhiyaate kufaa gochuun dogoggora bu'uura seeratti.

Manni Murtii mirgiif faayidaan qabeenya hin sochoonee kan ittiin mirkanaa'uu danda'u kartaa mirkaneessa abbaa qabiyyuummaa dhiyeessuu qofaan akka waan ta'eetti fudhachuun murteessuun Murtii dirqisiisaa Dhaddachi Ijibbaataa Jildii 9ffaa Gal.Lakk. 36320 ta'e irratti kennee qabeenya hin sochoonee irratti himata dhiyeessuuf Kartaa Abbaa qabiyyuummaa dhiyeessuun dirqama akka hin taanee fi Abbaa qabiyyuummaa karaa birootiin mirkaneessuun akka danda'amu hiikoo Murtii dirqisiisaa kennameen ala waan ta'eef akkasumas tumaabseeraa hariiroo hawaasaa keewwata 1195 ala waan ta'eef dogoggora bu'uura seeraa qaba jechuun Dhaddachi Ijibbaataa MMWF galmee Lakk.22908 ta'e irratti dhaddacha gaafa guyyaa 29/07/2015 ooleen  hiikoo  Murtii dirqisiisaa kennee jira
https://t.me/Ijooseera
#Hoojjataa_Mootummaa
Hojjetaan mootummaa yakkaan erga hidhamee booda, gara hojiitti yoo deebi'e mindaan Yeroo hin hojjennee ni kaffalamaafi ? Dhaddachi Ijibbaataa maal jedhe ? Kunooti.

Labsii hojjettoota mootummaa federalaa lakk.1064/2010 kewt 86(3) irratti  hojjetaan hojii irratti sababa humnaa ol ta'een  kan hin argamne ta'uun Isaa yoo mirkanaa'e, iddoon ramaddii Isaa hanga ji'a jahaatti duwwaa ta'ee akka eeguu, keessattuu, yakkaan shakkamee ji'a jahaa ol mana hidhaa turee, garuu Yakka ittin shakkame irraa bilisa bahuu Isaa Ragaa yoo dhiyeesse, waajjirichi iddoo duwwaa qabu irratti mindaa duraan kanfalaafi tureen ramaduu akka danda'u kan tumame yoo ta'u, Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti Dhaddachi Ijibbaataa Lakk.galmee 193322(kan hin maxxanfamne) irratti, Kaayyoon tumaa kanaa hojjetaan yakkaan shakkamuu Fi hidhamuu qofaan wabii hojii akka dhabu taasisuu irraa darbee, Yeroo hin hojjennef  waajjirichi  mindaa akka kaffalu kan dirqamsiisu akka hin taanefidha. Yoo ta'ellee, Yakkaan shakkamee hidhamee turee, namni bilisaan gadhiifame, waajjirichi waliigalteen hojii akka addaan hin cinne taasisurraa kan hafe, Yeroo hin hojjenneef mindaa kaffaluuf akka hin dirqamne murtii dirqisiisaa kennee jira.
https://t.me/Ijooseera
Iyyannoo Mormii Murtii Bu'uura sdfs kwt 358tiin Dhiyaate Irratti Himanni Himatamummaa Dhiyaachuu Ni Danda'aa?

✓✓✓{{{{}}}}}✓✓✓✓{{{{}}}}✓✓✓

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 28/10/2015 ooleen Lakk.Ga.237196 ta'e (👆👆) irratti kenne keessatti:

"Akka waliigalaatti, waamamaan bu'uura sdfs kwt 358n iyyannoo mormii kan dhiyeesse murtii qabiyyeen falmiif sababa ta'e kan dhaalaati jedhamee kenname irratti yemmuu ta'u, iyyannoon isaa mirga qabiyyee lafaa dhuunfaa isaa kabachiifachuuf malee murtiin dhaalmaa ilaalchisee kenname mirga dhaaluu kiyya sarba jedhee waan hin taaneef, sababa kanaaf akka himataatti iyyannoo mormii dhiyeessuu waan hin dandeenyeef himanni himatamummaa waamamaa irratti dhiyaachuu hin danda'u. Gama birootiin, namni iyyannoo mormii dhiyeesse nama akkaataa sdfs kwt 40tti akka himataatti falmiitti makamuu danda'u ta'uun isaa yoo beekame, iyyannoon isaa bu'uura sdfs kwt 358tiin waan dhiyaateef qofa himanni himatamummaa irratti dhiyaachuu hin danda'u jechuun akka hin danda'amne hubachuun barbaachisaadha. Waan ta'eefis, Dhaddachi Ijibbaataa MMWO, dhimma amma harkaa qabnu keessatti, iyyannoo bu'uura sdfs kwt 358tiin dhiyaatu irratti himanni himatamummaa haala kamiiniyyuu dhiyaachuu hin danda'u jedhu bifa fakkaattuun ejjennoo qabachuun isaa sirrii ta'ee hin argamne" jechuun sababa murtii dhaddachichaa qeeqee bu'aadhaan murtii dhaddacha Ijibbaataa MMWO cimseera.

👉Qabiyyee murtichaa guutummatti dubbisuun waa'ee dhimmichaa hubannoo gahaa akka qabaannuuf waan nu gargaaruuf dubbisaa. (Z devil is in z detail)
👉Dhaddachichi hiikkoo kenne keessatti, namni bu'uura sdfs kwt 358tiin iyyannoo mormii dhiyeesse nama 'status'  akkamiitiin (himataa, himatamaa ykn of danda'ee) murtiin dura falmiitti makamuu qabu ykn danda'udha kan jedhu irratti hundaa'amee kan adda bahuu qabu ta'uu isaa ibsee waan xiinxale fakkaata.

https://t.me/Ijooseera   

.
1
#Dhaddachi_ijbbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Jiildii_24ffaa galmee lakk 169522 ta’e irratti hiikkoo kenneen
‘’Qaamni bulchiinsaa dhimma mana murtiitti falmiin irratti gaggeeffamaa jiru qulqulleessee akka dhiheessu mana murtiitiin yeroo ajajame Sanadoota harka isaa jiru qofa irraa qulqulleessee akka dhiheessu qofa ajajamuu qaba. Kana bira darbee qaamni bulchiinsaa dhimma mana murtiitti dhiyaate tokko irratti ragaa dhagahee yookin qaboo yaa’ii qabatee akka qulqulleessu ajajni kennamu fudhatama hin qabu.

Dhimmichi ragaadhaan (kan dabalataatiin) kan qulqullaa’u yoo ta’es Ragootadhiheessuudhaan bu’uura seera jiruutiin ragoota gaafatee fi qoratee qulqulleessuu kan qabu mana murtiiti malee qaama biraatii miti’’ jechuudhaan hiikkoo kennee jira. 

Haa ta’u malee manneen murtii keenya Qaamolee bulchiinsaa ajajuudhaan ogeessonni qaamolee bulchiinsaa immoo akkuma mana murtiitti ragaa bitaa fi mirgaa dhagahuudhaan qaboo yaa’ii qabatanii, qaboo yaa’ii irratti xiinxala godhanii cuunfaa isaa gabaasa mana murtiitiif dhiheessu.  Manneen murtii keenyas ragaa kaksiisanii ofii dhagahan caalaa ragaa haala kanaan dhiyaateef madaallii guddaa kennuudhaan murteessaa jiru.

Kanarraa kan ka’e ragaa Sobaa manneen murtiitiin alatti osoo hin kakatin fuudhamuun haqni nama hedduu jal’achaa jira. Hojmaata sirrachuu qabuudha.
https://t.me/Ijooseera
👍1
Iyyannoo Mormii Murtii Bu'uura sdfs kwt 358tiin Dhiyaate Irratti Himanni Himatamummaa Dhiyaachuu Ni Danda'aa?

✓✓✓{{{{}}}}}✓✓✓✓{{{{}}}}✓✓✓

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 28/10/2015 ooleen Lakk.Ga.237196 ta'e (👆👆) irratti kenne keessatti:

"Akka waliigalaatti, waamamaan bu'uura sdfs kwt 358n iyyannoo mormii kan dhiyeesse murtii qabiyyeen falmiif sababa ta'e kan dhaalaati jedhamee kenname irratti yemmuu ta'u, iyyannoon isaa mirga qabiyyee lafaa dhuunfaa isaa kabachiifachuuf malee murtiin dhaalmaa ilaalchisee kenname mirga dhaaluu kiyya sarba jedhee waan hin taaneef, sababa kanaaf akka himataatti iyyannoo mormii dhiyeessuu waan hin dandeenyeef himanni himatamummaa waamamaa irratti dhiyaachuu hin danda'u. Gama birootiin, namni iyyannoo mormii dhiyeesse nama akkaataa sdfs kwt 40tti akka himataatti falmiitti makamuu danda'u ta'uun isaa yoo beekame, iyyannoon isaa bu'uura sdfs kwt 358tiin waan dhiyaateef qofa himanni himatamummaa irratti dhiyaachuu hin danda'u jechuun akka hin danda'amne hubachuun barbaachisaadha. Waan ta'eefis, Dhaddachi Ijibbaataa MMWO, dhimma amma harkaa qabnu keessatti, iyyannoo bu'uura sdfs kwt 358tiin dhiyaatu irratti himanni himatamummaa haala kamiiniyyuu dhiyaachuu hin danda'u jedhu bifa fakkaattuun ejjennoo qabachuun isaa sirrii ta'ee hin argamne" jechuun sababa murtii dhaddachichaa qeeqee bu'aadhaan murtii dhaddacha Ijibbaataa MMWO cimseera.

👉Qabiyyee murtichaa guutummatti dubbisuun waa'ee dhimmichaa hubannoo gahaa akka qabaannuuf waan nu gargaaruuf dubbisaa. (Z devil is in z detail)
👉Dhaddachichi hiikkoo kenne keessatti, namni bu'uura sdfs kwt 358tiin iyyannoo mormii dhiyeesse nama 'status'  akkamiitiin (himataa, himatamaa ykn of danda'ee) murtiin dura falmiitti makamuu qabu ykn danda'udha kan jedhu irratti hundaa'amee kan adda bahuu qabu ta'uu isaa ibsee waan xiinxale fakkaata.

https://t.me/Ijooseera
.
235844_MMWFDHIJ_Qabeenya_dhirsaaf_niitii_maqaa_garee_lamaaniin_yoo.pdf
175.2 KB
Murtii MMWFDHIJ galmee lakk.#235844        Falmii qooda qabeenyaa haadha warraa fi abbaa warraa keessatti ragaan abbaa qabeenyummaa maqaa garee lamaaniin jiraatullee,qabeenyaan sun gaa'ela dura kan horatame ta'uun isaa hanga hin haalamnetti qabeenyaa dhuunfaa ta'uu isaa:-
Jirtuu ?
Yakkaa qarshii gahaa osoo Cheekii irraa hin qabaatiin irratti ajajuu bu'uura Seera Yakkaa kwt.693 (1) tiin dhiyaatu ilaaluuf aangoo hundee dubbii sadarkaa jalqabaa kan qabu Mana Murtii Aanaa Naannoo keenyati jechuun galmee lakk.465352 ta'e irratti Dhaddachi Ijibbaataa keenyaa murtii kenneera.Wal fakkeenyummaan akka jiraatuuf Manneen Murtii keenya haala kanaan osoo hojjatanii gaarii dha.Guutuun murtichaa kunooti.
https://t.me/Ijooseera
Waliigalteen tajaajila abukaatummaa abukaatoo fi maamila giddutti taawwatamu akkuma waliigaltee ogummaa kamiittuu seera waliigalteen Buluu kan qabu waan ta’eef sababiin akka Wra Abbaa Alangaatti akka galmaa’uu fi hordofamu taasifamuuf Ifaa miti.
Sadarkaa mootummmaa Federaalaa fi B/Magaalaa Finfinneetti maamilli Lkk eeyyama abukaatumaa abukaatoo qofa Waajjira galmeessaa fi mirkaneessa waliigaltee fi ragaatti dhiyaaffachuun bakka barbaadetti abukaatoo filannoo isaatiif bakka bu’ummaa kennuun dhamaatii fi baasii tokko malee tajaajila bu’aa bahii hinbarbaachifne hinqabne argachuu jira.
Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Naannoo Oromiyaa immoo xalayaa fuula tokkoon kallattii kaahee jira. Kun Kenna tajaajila haqaa irratti dhiibbaa uumutu irra caala.
https://t.me/Ijooseera
1
Ragaan Dhaaltummaa Kennamuun, Namni Biroon Bifa Birootiin 'Namoonni Ragaa Dhaaltummaa Fudhatan Kun Ijoollee Du'aa Irraa Dhugumatti Dhalatan Miti' Jechuun Namoota Ragaa Fudhatan Kana Irratti Falmii Akka Hin Kaasne Ni Taasisaa (Dhorkaa)?
¢¢¢¢¢✓✓✓¢¢¢¢¢¢✓✓✓✓¢¢¢¢

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 29/03/2015 ooleen Lakk.Ga.228124 ta'e (kan hin maxxanfamne) irratti kenneen:

"Akka qorannettis, gaaffii murtiin keessa deebiin akka ilaalamuuf iyyattoonni bu'uura sdfs kwt 6tiin dhiyeessan kan bu'uureffate, ragaa dhaaltummaa waamamtoonni ijoollee Awugichoo Abbabaa osoo hin ta'in mucaa isaati jechuudhaan mana murtii irraa fudhatan irratti ijoollee du'aa ta'uu dhabuun isaanii galmee mana murtii birootiin mirkanaa'eera waan ta'eef bu'uura kwt 6tiin nuuf haa ilaalamu jechuun dhiyeessanidha. Akkuma beekamu, ragaan dhaaltummaa ragaa namni tokko dhaaltuu du'aa ta'uu isaa mirkaneessuun mana murtiitiin kennamu ta'ullee, manni murtii ragicha kan kennu namni ragaan sun kennameef dhugumatti dhaaltuu ta'uufi dhabuu isaa ilaalchisee falmii gareewwan falmii dhiyeessan irratti hundaa'ee, ijoo dubbii qabateefi qorate akka hin taane ni beekama. Ragaan dhaaltummaa namni tokko dhaaltuu du'aa ta'uu isaa mirkaneessuuf malee akkaataa sdfs kwt 3tti akka murtiitti kan hin lakkaawamneefi dhaaltummaadhaan walqabatee falmii mana murtiitti taasifamuun ragaa faallaa dhiyaatuun fashalaa'uu kan danda'udha. Dhaddachi Ijibbaataa MMWFs galmee lakk.18576fi galmeewwan biroo irratti hiikkoo seeraa kenneera.

Gama birootiin, gaaffiin bu'uura sdfs kwt 6tiin murtiin keessa deebiin naaf haa ilaalamu jedhu kan dhiyaatu murtii dursee kenname jijjiirsisuuf yemmuu ta'u, caaseffamni tumaa seerichaas falmii bittaafi mirgan dhiyaate irratti hundaa'uun ijoon dubbii qabamee, falmiin taasifamee, ijoo dubbii murtiin irratti kenname jiraachuu kan hubannoo keessa galche ta'uu isaa qabiyyee tumaa seerichaa irraa hubachuun ni danda'ama. Gaaffiin akkasii fudhatama argachuuf ulaagaa seerichaan taa'e guutuu qaba....jedhee....ulaagawwan kwt 6 jalatti tarreeffaman erga tarreessee booda.....dhimma amma harkaa qabnu keessatti, waamamtoonni dhaaltuu du'aa ta'uu isaaniitiif ragaan kan kennameef ta'ullee dhugumatti du'aa irraa dhalachuu ykn dhalachuu dhabuu isaanii ilaalchisee falmiin gaggeeffamee, ijoon dubbii qabamee, qoratamee murtiin dhumaa kan irratti hin kennamne waan ta'eef, iyyattoonni haala biraadhaan falmii isaanii dhiyeeffatanii carraan mirga isaanii kabachiifachuu ni qabu. Kanaaf iyyannoo iyyattoonni bu'uura sdfs kwt 6tiin dhiyeessan qabiyyeefi kaayyoo tumaa seerichaa waliin hin deemu jechuun kufaa taasiseera.

            https://t.me/Ijooseera
.
1
𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐨𝐣𝐣𝐚𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐌𝐨𝐨𝐭𝐨𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐌𝐮𝐮𝐝𝐚𝐦𝐚 𝐀𝐚𝐧𝐠𝐨𝐨 𝐅𝐮𝐝𝐡𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐘𝐨𝐨 𝐃𝐢𝐝𝐞 𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐇𝐢𝐧 𝐆𝐚𝐠𝐠𝐞𝐞𝐟𝐚𝐦𝐧𝐞 𝐓𝐚𝐡𝐮 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞.
❇️Manni murtii waliigala federaalaa galmee lakkoofsa 219345 ta'e Irratti hojjataan mootummaa muudama aangoo fudhachuuf kan hin dirqamne ta'uu fi sababa muudama fudhachuu dideef immoo hojii irraa ari'amuu akka hin qabne murteessee jira.
https://t.me/Ijooseera
👍1
Seera Yakkaa Kwt  682 yakka dhoksaa ilaalchisee firiiwwan dubbii guutamuu qaban
( yakki dhoksaa raawwatame jechuuf yakki biroo duraan raawwatame jiraachuu isaa mirkaneessuun dirqama moo? miti?

Barreefamni gabaabaan kun yakka dhoksaa hundeessuuf firiiwwan dubbii guuttamuu qaban maal fa’a? yakki dhoksaa raawwatame jechuuf yakki biroo duraan raawwatame jiraachuu isaa mirkanneessuun dirqama moo?miti? kan jedhanii fi naannoo kanatti yakka Hannaa S/Y kwt 665 faana waljala dabarsuun kan mul’atu waan ta’eef firiiwwan dubbii yakkicha hundeessuuf guutamuu qaban ilaaluuf yaalla.
   Gama kanaan firiin dubbii keewwaticha jalatti ibsaman maal fa’aadha? kan jedhu ilaaluun barbaachisaa waan ta’eef kewwaticha haa ilaallu: S/Y kwt 682(1) Namni kamiiyyuu mi’ichi kan argame sababa yakka qabeenya tokko irratti raawwatameen ta’uu isaa osoo beekuu mi’a kana bituunis ta’ee, ergisaan, kennaan, qabsiisaan kan fuudhe yookiin haala kana fakkaatu biroo kamiiniyyuu kan fudhate, kan itti tajaajilame, kan kaa’e yookiin kan dhokse, dabarsee kan gurgure yookiin walta’iinsa gurgurtaafi jijjiirraa keessatti wal qunnamsiisaa ta’ee kan gargaare yoo ta’e yakka dhoksaa raawwachuun akka gaafatamu kaa’a. 
  Ulaagaa kana yeroo ilaallu mi’ichi kan argame sababa yakka qabeenya tokko irratti raawwatameen ta’uu isaa osoo beekuu kan jedhu waan kaa’uuf abbaan alangaa firii dubbii dirqamaan mirkanneessuu qabu keessaa tokko himatamaan yeroo yakka dhoksaa sana raawwatu mi’ichi ykn qabeenyichi kan argame gocha yakkaa qabeenyicha irratti raawwatameen ta’uu isaa fi qabeenya kana immoo himatamaan qabatee argamuu isaa mirkaneessuu qaba. dabalataan qabeenyichi harka midhamaaa keessaa kan bahe yakka raawwatame tokkoon akka ta’e agarsiisuu qaba.
Kanaafuu himatamaan qabeenyicha dhoksuu isaatiin ala gocha dhoksaatiif yakki sababa ta’e sa’aatii itti raawwatame,iddoo isaa,eenyummaa nama yakkicha raawwatee,haala kamiin akka raawwatamee fi akka waliigalaatti eenyummaan nama yakka sana raawwatee osoo beekkamee sadarkaa madaallii ragaa isa irratti mirkanaa’uu danda’uun dirqama hubachiisuu qaba jechuun hin danda’amu. Haa ta’u malee himatamaan gocha dhoksaa yeroo raawwatu mi’ichi kan argame yakka biroo mi’icha irratti raawwatameen ta’uu isaa osoo beekuu ykn beekuu osoo qabu firii dubbii jedhu fi mi’ichi harka midhamaatii kan bahe sababa  yakka raawwatame birootiin ta’uu isaa midhamaa irraa ykn ragaalee birootiin mirkaneessuun barbaachisaa dha.
  Kanaafuu himatamaan yakka dhoksaan gaafatamuuf qabeenyi argame bu’aa yakka dursa raawwatameen ta’uu isaa fi yakki duraan raawwatame eessatti raawwatame?haala kamiin raawwatame?kutaan yaadaa nama yakka duraan hojjatee maali? Yeroo fi iddoo yakkichi itti raawwatamee fi qabxiilee biroo gadifageenyaan mirkaneessuun barbaachisaa miti. Haa ta’u malee himatamaan gocha dhoksaa sana kan raawwate qabeenyichi/mi’ichi gocha yakkaa biroo raawwatameen kan argame ta’uu isaa osoo beekuu ykn beekuu osoo qabu gochicha kan raawwate ta’uu isaa fi qabeenyichi/mi’ichi midhamaa harkaa kan bahe gocha yakka biroo raawwatameen ta’uu isaa ragaadhaan mirkaneessuun barbaachisaa dha.Gosti ragaa gama kanaan dhiyaatu gosa ragaa kamuu ta’ee bu’aa yakkaa ta’uu isaa haala mirkaneessuun ta’uu qabaata. Kanaafuu bu’aa yakkaa ta’uu isaa mirkaneessuun hin danda’aamne taanaan gocha dhoksaatiin himatamaan itti gaafatamummaa hin qabu. dabalataan himatamaan meeshaan dhoksee argame bu'aa yakkaa ta'uu isaa beekuu isaa ykn haalonni beekuu isa dandeessisan jiraatanii osoo beekuu qabuu yakkicha raawwachuun isaa mirkannaa'uu qaba
    Mi'ichi yakka biraatiin miidhamaa harkaa bahuu isaa haalli ittiin hubachuu danda'uun yoo hin jiraanne yakki dhoksaa raawwatame hin jechisiisu.
💫Karam Tamaam

https://t.me/Ijooseera
#Gaaffiin Seerummaa Kaartaan Naaf Haa Haqamu Jedhu Kallattiidhaan Mana Murtiitti Dhiyaachuu Ni Danda'aa? Gama Kanaan LabsiinLakk.1183/2013 fi Dhaddachi Ijibbaataa MMWF (Jildii 26ffaa) Maal Jedhu?
¥¥¥¥¥¥^^^¥¥¥¥¥¥^^^^^¥¥¥¥¥¥¥^^^^^

Gara dhimma harkaa qabnuutti wayita deebinu, seerummaa iyyataan mana murtii jalaatti gaafate kaartaa waamamaa 2ffaan qabiyyee kiyya irraa hir'isee waamamaa 1ffaadhaaf irratti kenne akka naaf haaqamu  kan jedhudha. Qaamni kaartaa haquuf aangoo qabu qaamuma kennedha. Dhimma harkaa qabnu keessatti aangoon kaartaa kennuu kan waamamaa 2ffaa ta'uun isaa kan falmisiise miti. Kana jechuun murtii bulchiinsaa ta'uu isaa agarsiisa. Akkaataa Labsii Adeemsa Bulchiinsaa Lakk.1183/2013 kwt 2(3)tiin murtiin bulchiinsaa hojiiwwan waajjiraaleen bulchiinsaa guyyaa guyyaadhaan hojjetanidha. Murtiiwwan bulchiinsaa keessaas kaartaa haquun akka murtii bulchiinsaa tokkootti kan fudhatamudha. Murtiiwwan bulchiinsaa irraa immoo akkaataa labsicha kwt 43tiin komiin qaama komii keessummeessituu akkaataa labsicha kwt 44tiin komii dhagahuuf hundeeffametti kan dhiyaatuufi qaamni kun akkaataa kwt 46tiin murtii dhumaa waajjirichaa (qaama bulchiinsichaa) yemmuu kennu, akkaataa kwt 49tiin iyyannoon keessa deebiin akka naaf ilaalamu jedhu Mana Murtii Ol'aanaa Federaalaatti kan dhiyaatudha. Himannaan gama himataatiin dhiyaates, deemsota labsichaan diriiran hordofee adeemsota diriiran kanatti duguugee fayyadamee erga xumuree booda (exhaustion of local remedies) mana murtiitti dhiyeessuu osoo qabuu himannaa inni kallattiidhaan dhiyeesse labsicha kan bu'uureffate ta'ee hin argamne. Dhaddachi Ijibbaataa MMWF dhimma wal fakkaataa ta'e dhaddacha gaafa 28/10/2014 ooleen Lakk.Ga.220582 (kan hin maxxanfamne) ta'e irratti murtii dirqisiisaa kenneera. Manni murtii sadarkaa duraa federaalaa dhimmichi jalqaba dhiyaateefis dhimmi dhiyaateef gaaffii seerummaa kaartaan akka naaf haqamu jedhu ta'ee, dhimmicha ilaaluuf aangoo qabaachuufi dhabuu isaa jalqaba ilaaluu osoo qabuu dhimma ijoo irratti murtii kennuun isaa, Manni Murtii Ol'aanaa oliyyannoodhaan ilaales sirreessuu osoo qabuu osoo hin sirreessin ajajaan galmee cufuun isaa murtii dogoggorri bu'uura seeraa keessatti raawwatamedha" jedheera.
    (Murtii dirqisiisaa Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Ga.Lakk.220042 ta'e irratti dhaddacha gaafa 30/03/2015 ooleen Jildii 26ffaa irratti kenne)

       https://t.me/Ijooseera
.
#D_Dhaamichi bara ji'aa fi guyyaa itti raawwatame mul'isu qaba,keewwata 887(1);
#E_Dhaamoon kun dhaamataan mataan isaa taayippiidhaan kan barreesse yoo ta'e,fuula hundarratti kanuma ibsuun barreeffama harkaatiin agarsiisuu qaba,shh keewwata 885.
#3ffaa,dhaamoo jechaan yookiin Afaaniin godhamu:-
Namni tokko duuti isaa itti dhihaachuu hubatee ragoota lama(2) kan umriin gaa'ilaaf gahee fi kan seeraan ykn murtiin hin dhoorkamin duratti haala jecha dhaamoo itti kennuudha.
Gosa dhaamoo isa 3ffaa kanaatiin:waa'een Sirna awwaalcha isaa,kennaa tilmaamni isaa qarshii 500 hin caalle godhuu fi waa'ee guddisa ijoollee gaa'ela hin gahin gama ilaaluun Murtii kennuu ni danda'a.
Isaan kanaan ala jechi dhaamoo afaaniin godhame gatii hin qabu.Garuu,tilmaamni qarshii 500 ol yoo ta'e gara qarshii 500 akka gadi xiqqaatu seerichi ifa taasisee jira,shh keewwata 893.
https://t.me/Ijooseera
Hordoftoonni amantaa Kiristaanaa hundi baga nagayaan ittiin isin gahe!
ለሁሉም የክርስትና እምነት ተከታዮች ፣ አንኳን በሠላም አደረሳችሁ
Happy reincarnation day to all Cristians!
#HUBADHAA ❗️
✍️ Yakki Yaalii Ajjeechaa ilaalchisee qaamni lamaan gama jaarsaatiin araaraan yoo xumuratan adeemsi yakkaa maal taha Gaaffii jettu namoonni heddun keessaan gaafachaa jiraniif ani gabaabsee akkuma waliigalaatti ija seeraatiin deebisuun dirqama natti taha.
Yakki yaalii Ajjeechaa j Araaraan xumuramuu hin danda'u ❗️
✍️ Akka qajeeltoo yakkaatti Yakka Araaraan hin xumuramnee fi xumuramanii jira. Garuu yaaliin ajjeechaa yakka dantaa ummataa waan taheef jaarsaan araaramuun itti gaafatama yakkaa jalaa bilisaa hin baastu. Qaamni lamaan ( Shakkamaa fi Miidhamaan) dhuunfatti araaramuu ni danda'u akkasumaas araarri ni jajjabeeffama.
Garuu qaamni lamaan araaramuun nama yakka yaalii ajjeechaa raawwate jedhamee shakkamee adeemsii qorannoo jalqabee qoratamee ulaagaan seeraa guutamnaan yakkaan himatamuun dirqama.
Qaamni yaalii irratti raawwate dhuunfaan araarame jedhee yoo eeruu hin kennine jedhamee bira hin darbamu.
Dhimma dantaa ummataa irratti miidhamaan eeruu kennuun dirqamaa miti. Karaa kamiinuu fkn. Odeeffannoon, nama hin beekkamneen, hawaasaan, miidiyaalee hawaasaan fi karaalee biroo kaminuu eeruun argamuu ni danda'a kanaafuu  Abbaa Alangaa fi poolisiin dhimmicha hordofuun Qorannoo yakkaa jalqabanii xumuruun Abbaa Alangaa himata isaa saaquun ykn qaama aangoo qabuuf dabarsuun dirqama.
Kanaafuu Abbaan Alangaa fi poolisiin waliin ta'uun yakkoota dantaa ummataa haala addaatiin irratti cimanii hojjachuun komii fi gaaffii ummataa karaa seerrii jedhuun deebisuun dirqama isaaniiti.
https://t.me/Ijooseera
Iyyannoo Mormii Murtii Bu'uura sdfs kwt 358tiin Dhiyaate Irratti Himanni Himatamummaa Dhiyaachuu Ni Danda'aa?
✓✓✓{{{{}}}}}✓✓✓✓{{{{}}}}✓✓✓

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 28/10/2015 ooleen Lakk.Ga.237196 ta'e (👆👆) irratti kenne keessatti:

"Akka waliigalaatti, waamamaan bu'uura sdfs kwt 358n iyyannoo mormii kan dhiyeesse murtii qabiyyeen falmiif sababa ta'e kan dhaalaati jedhamee kenname irratti yemmuu ta'u, iyyannoon isaa mirga qabiyyee lafaa dhuunfaa isaa kabachiifachuuf malee murtiin dhaalmaa ilaalchisee kenname mirga dhaaluu kiyya sarba jedhee waan hin taaneef, sababa kanaaf akka himataatti iyyannoo mormii dhiyeessuu waan hin dandeenyeef himanni himatamummaa waamamaa irratti dhiyaachuu hin danda'u. Gama birootiin, namni iyyannoo mormii dhiyeesse nama akkaataa sdfs kwt 40tti akka himataatti falmiitti makamuu danda'u ta'uun isaa yoo beekame, iyyannoon isaa bu'uura sdfs kwt 358tiin waan dhiyaateef qofa himanni himatamummaa irratti dhiyaachuu hin danda'u jechuun akka hin danda'amne hubachuun barbaachisaadha. Waan ta'eefis, Dhaddachi Ijibbaataa MMWO, dhimma amma harkaa qabnu keessatti, iyyannoo bu'uura sdfs kwt 358tiin dhiyaatu irratti himanni himatamummaa haala kamiiniyyuu dhiyaachuu hin danda'u jedhu bifa fakkaattuun ejjennoo qabachuun isaa sirrii ta'ee hin argamne" jechuun sababa murtii dhaddachichaa qeeqee bu'aadhaan murtii dhaddacha Ijibbaataa MMWO cimseera.

👉Qabiyyee murtichaa guutummatti dubbisuun waa'ee dhimmichaa hubannoo gahaa akka qabaannuuf waan nu gargaaruuf dubbisaa. (Z devil is in z detail)
👉Dhaddachichi hiikkoo kenne keessatti, namni bu'uura sdfs kwt 358tiin iyyannoo mormii dhiyeesse nama 'status'  akkamiitiin (himataa, himatamaa ykn of danda'ee) murtiin dura falmiitti makamuu qabu ykn danda'udha kan jedhu irratti hundaa'amee kan adda bahuu qabu ta'uu isaa ibsee waan xiinxale fakkaata.
#HUBADHAA ❗️
✍️ Yakki Yaalii Ajjeechaa ilaalchisee qaamni lamaan gama jaarsaatiin araaraan yoo xumuratan adeemsi yakkaa maal taha Gaaffii jettu namoonni heddun keessaan gaafachaa jiraniif ani gabaabsee akkuma waliigalaatti ija seeraatiin deebisuun dirqama natti taha.
Yakki yaalii Ajjeechaa j Araaraan xumuramuu hin danda'u ❗️
✍️ Akka qajeeltoo yakkaatti Yakka Araaraan hin xumuramnee fi xumuramanii jira. Garuu yaaliin ajjeechaa yakka dantaa ummataa waan taheef jaarsaan araaramuun itti gaafatama yakkaa jalaa bilisaa hin baastu. Qaamni lamaan ( Shakkamaa fi Miidhamaan) dhuunfatti araaramuu ni danda'u akkasumaas araarri ni jajjabeeffama.
Garuu qaamni lamaan araaramuun nama yakka yaalii ajjeechaa raawwate jedhamee shakkamee adeemsii qorannoo jalqabee qoratamee ulaagaan seeraa guutamnaan yakkaan himatamuun dirqama.
Qaamni yaalii irratti raawwate dhuunfaan araarame jedhee yoo eeruu hin kennine jedhamee bira hin darbamu.
Dhimma dantaa ummataa irratti miidhamaan eeruu kennuun dirqamaa miti. Karaa kamiinuu fkn. Odeeffannoon, nama hin beekkamneen, hawaasaan, miidiyaalee hawaasaan fi karaalee biroo kaminuu eeruun argamuu ni danda'a kanaafuu  Abbaa Alangaa fi poolisiin dhimmicha hordofuun Qorannoo yakkaa jalqabanii xumuruun Abbaa Alangaa himata isaa saaquun ykn qaama aangoo qabuuf dabarsuun dirqama.
Kanaafuu Abbaan Alangaa fi poolisiin waliin ta'uun yakkoota dantaa ummataa haala addaatiin irratti cimanii hojjachuun komii fi gaaffii ummataa karaa seerrii jedhuun deebisuun dirqama isaaniiti.
https://t.me/Ijooseera
👍1
𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐰𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐦𝐦𝐚 𝐃𝐡𝐚𝐚𝐥𝐦𝐚𝐲𝐚 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐊𝐞𝐧𝐧𝐚𝐦𝐞

❇️Dhaddachi Ijibaataa mana murtii waliigala federaalaa galmee lakkoofsa 243973 ta'e irratti dhaddacha gaafa 6/2/2017 ooleen namni tokko waraqaa ragaa dhaaltummaa kan harka qabu yoo ta'es qabeenya dhaalmayaa qabatee hanga itti hin fayyadamneti nama qabeenyicha qabate irratti himannaan dhiyeessuu darbinsa yeroo waggaa sadiitin kan daanga'u tahu isaa murteessee jira.

❇️አንድ ሰው የወራሽነት የምስክር ወረቀት የያዘ ቢሆንም ንብረቱን ይዞ እስካልተጠቀመ ድረስ የውርስ ንብረቱን በያዘው ሰው ላይ የሚያቀርበው ክስ በፍ/ብ/ሕ/ቁጥር 1000/1/ መሰረት በ3 ዓመት ይርጋ ቀሪ ነው"በማለት የሰ/መ/ቁ 243973 ጥቅምት 6 ቀን 2017ዓ/ም ውሳኔ ተሰጥቷል፡፡
https://t.me/Ijooseera
⚖️Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 220108 ta'e irratti "himataan iyyata ani kanfaltii Abbaa Seerummaa kanfaluuf qabeenya hin qabu,ani hiyyeessa ta'uun koo mirkanaa'ee Galmeen bilisaan akka naaf banamu jechuun dhiheeffatee,qabeenya osoo qabu hiyyummaa ragaa sobaatiin yoo mirkaneeffate badii gocha yakkaatiin kan isa gaafachiisuudha" jechuun adabbii murteessee ture.
jildiidhaan hin maxxanfamne.

Seera yakkaa kew. 452(1) jalatti garee falmataan kamiyyuu Mana Murtiitti dhihaatee dhugaa akka dubbatu ajajamee Mana Murtichaan ijoo murtaa'u irratti ijoowwan dubbii rogummaa qaban ilaalchisee osoo beeku jecha sobaa kan kenne yoo ta'e,bu'aa inni barbaadu osoo hin argamin yoo hafellee,hidhaa salphaa waggaa 1 hin caalleen;ykn jecha sobaa kan kenne adeemsa himannaa yakkaa irratti ta'ee murtii haqa dhabeessa ta'e kan kan hordofsiisuu danda'u yoo ta'e,hidhaa cimaa waggaa 3 hin caalleen ni adabama jechuun tumeera.
https://t.me/Ijooseera
Hubannoo Waliigalaaf..
𝐇𝐈𝐈𝐊𝐎𝐎 𝐒𝐄𝐄𝐑𝗔𝐀 𝐃𝐇𝐀𝐃𝐃𝐀𝐂𝐇𝐀 𝐈𝗝𝗜𝐁𝐁𝐀𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐇𝐀𝐀𝐑𝐀𝐖𝗔:
𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆
𝐃𝐡IjMMWF LGMM 𝟮𝟒𝟗𝟗𝟏𝟏 ta'e irratti
"Mana maqaa garee bitaa mirgaatiin hin galmoofnee fi waliigalteen bittaaf gurgurtaa qaama aangoo qabu biratti maqaa nama kamiyyuutiin hin galmoofne dhimma akkanaa irratti gareen Manicha bitate of eeggannoo barbaachisaa osoo hin taasisin bitate jedhamee falmiin ka'u fudhatama hin qabu,dhimma kana ilaalchisee gareen bitate ilaalcha gaariin (goodfaith) dhaan kan bitate waan ta'eef,Manicha gadi lakkisuuf hin dirqamu" jechuun dhaddacha gaafa guyyaa 24/04/2017 ooleen hiikoo seeraa kenneera.

𝐃𝐡IjMMWF LGMM 𝟮𝟒𝟬𝟮𝟒𝟮 ta'e irratti:
"Waliigalteen adaraa qabeenya hin sochoone irratti taasifamu Mana Murtii ykn qaama aangoo qabu biratti barreeffamaan taasifamuu qaba" jechuun shh keewwata 1723(1) waliin wal qabsiisee hiikkoo kenneera.

𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝐋𝐚𝐟𝐚𝐚
𝐃𝐡IjMMWF LGMM 𝟮𝟑𝟒𝟱𝟬𝟬  ta'e irratti:
"Qabiyyee Lafa Baadiyaa Pilaanii Magaalaa jala gale irratti abbootiin qabiyyee Lafa sanaa Mana irratti ijaarrachuuf yookiin Mana duraan ture haaromsuuf qaama aangoo qabu irraa hayyama ijaarsaa baafachuun (hayyama fudhatanii harkatti qabaachuun) dirqama miti. Abbootiin qabiyyee sunniin eeyyama ijaarsaa malee Mana yoo ijaarratan akka ijaarsa seeraan alaatti lakkaa'amee Manicha sana diiguuf sochiin yoo taasifame;abbootiin qabiyyee sunniin jeequmsi uumame haa dhaabbatu jedhanii gaafachuu akka danda'an"  hiikoo kenneera.(Hiikoo Jildiin hin Maxxanfamne).

𝐃𝐡IjMMWF LGMM 𝟏𝟗𝟑𝟖𝟗𝟒 ta'e irratti
"Lafa qonnaa falmiif sababa ta'e ilaalchisee, qabiyyee Lafa baadiyyaa kana himattuu jalaatiif (ol'iyyattuu ammaatiif) Lafa waljalaa siqsuun qoodameefi itti fayyadamaa turte Ganda baadiyaa gadi dhiistee gara Magaalaa kan galte ta'uu,himattuun jalaa (ol'iyyattuun ammaa) Ganda baadiyaa sababni gadi lakkisteef humna waan hin qabnee fi nama ishii deeggaru dhabdee ta'uu Bulchiinsi Gandaa bara 2005 mirkaneessee qabiyyee isheef kan deebise ta'uu,yeroo murtaa'e booda bara 2008 seeraan ala ishee harkaa fudhatamee himatamtoota jalaatiif (waamamtoota ammaatiif) qooduun karaa seera faalleessuun kan fudhatame waan ta'eef, qabiyyeen Lafaa himannaaf sababa ta'e himattuu jalaatiif yookaan ol'iyyattuu ammaatiif haa deebi'u" jechuun dhaddacha gaafa guyyaa 27/03/2017 ooleen hiikoo kenneera.
(Hiikoo Jildiin hin Maxxanfamne).

𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝒉𝒂𝒂𝒍𝒂𝒂
𝐃𝐡𝐚IjMMWF LGMM 𝟮𝟒𝟑𝟗𝟕𝟑 ta'e irratti
"Waraqaan ragaa dhaaltummaa dhaalaa ta'uu tilmaamni fudhatamuu bira darbee qabeenya irratti mirga hin gonfachiisu;namni tokko dhaalaa ta'uusaa mirkaneeffatee waraqaa ragaa dhaaltummaa yoo fudhatellee, dhaalli akka qulqullaa'u yoo hin gaafanne
/ himannaa yoo hin hundeessine, waraqaa ragaa dhaaltummaa qabaachuun darbiinsa yeroo hin hambisu" jechuun hiikoo kenneera.

𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝐘𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚
𝐃𝐡IjMMWF LGMM 𝟮𝟒𝟮𝟗𝟱𝟖 ta'e irratti:
"Hojjataan yakka amantaa hir'isuu raawwachuutiin himatame; erga himanni yakkaa isa irratti dhiyaate maallaqa hir'ise yoo deebise ykn galii yoo godhe gocha raawwate gaabbuu isaa agarsiisa malee qarshii sana deebisuun isaa qofti gocha yakkaa amantaa hir'isuu hin raawwanne hin jechisiisu" jechuun hiike.

𝐃𝐡IjMMWF LGMM 𝟐𝟔𝟏𝟕𝟔𝟕 ta'e irratti:
"Himatamaan yakka amantaa hir'isuu cimaa raawwachuu isaa himataan ragaa isaatiin hanga hin mirkaneessinetti,qabeenyi yeroo lakkaa'amu dhabameef qofa himatamaan badhaadhina hin malle ofiif argachuuf yookiin nama birootiif argamsiisuuf yakkicha raawwate jedhamee labsii farra malaammaltummaa lakk.881/2007 tiin kan isa gaafachiisu waan hin taaneef, bilisaan gaggeessineerra" jechuun dhaddacha guyyaa 27/03/2017 ooleen hiikoo kenneera.
(Hiikoo Jildiin hin Maxxanfamne).
https://t.me/Ijooseera
👍1