Murtii dirqisiisaa DhIjMMWF LGMM 218309 irratti kenname

DhIjMMWF LGMM 218309 ta’e iratti dhaddacha gaafa 30/09/2014 ooleen dhimma falmii jeequmsa qabeenya ykn qabiyyeen wal qabatee  murtii dirqisisaa kenneera.
"..Himannaan dhimmaa Hariiroo Hawaasa jeequmsaan wal qabatee seerummaa gaafatamee jeequmsi uumame haa dhaabatu kan jedhu dhiyaate jechuun kan danda'amu qabeenyi ykn qabiyyeen falmiif sababa ta'e himataa harka turuufi dhugumatti ajajuu akka danda'uuf karaa seeraan alaatiin kan hin qabamnee tahuu mirkana'uu qaba. Akkasumas himatamaan gochicha raawwachuuf mirgaa fi aangoo kan hin qabne ta'uu yoo hubachiifame ta’uu akka qabu SDFHH keewwata 1140 fi 1149'n wal qabsiisee murtii dirqisisaa kennee jira.
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 224876 ta'e dhaddacha Onkoloolessa 2 bara 2015 ooleen "dhaaltuun qabeenya dhaalaa harkatti hin qabanne darbiinsa yeroo akka mormii sadarkaa duraatti bu'uura seera hariiroo hawaasaa keewwata 1000(1) tiin kaasuu hin danda'u.Himataan mirgii fi qabeenyi dhaalaa himatamaan qabamuu beeke kaasee waggaa 3(sadi) erga darbeen booda gaaffii dhaaltummaa dhiyeessuu akka hin dandeenye shh keewwata 1000(1) jalatti tumeera.Keewwatni kun qabiyyeen isaa darbiinsa yeroo kaasuu kan danda'u,nama qabeenyota dhaalaa qabatee jiruun qofa akka ta'e kan hubachiisuudha" jechuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.
https://t.me/Ijooseera
👍1
#Aangoo_Bakka_Bu'ummaa_fi_Itti_Gaafatamummaa_Yakkaa(#Power_of__Attorney_and_Criminal_liability)
✍️Dhaddachi Ijibbaataa #Jildii_13ffaa Lakk.Galmee #67408 ta'e irratti Hiikoo kenneen Bakka bu'aan tokko qabeenya bu'uura aangoo Bakka bu'ummaa bakka buusaa isaa irraa argateen fudhate deebisuuf fedhii kan hin qabne ykn kan dide yoo ta'e seera yakkaa keewwata 676(2) jalatti yakka amantaa hir'isuu cimaadhaan gaafatamuu danda'a jedhee jira.
https://t.me/Ijooseera
𝐇𝐚𝐦𝐛𝐢𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨𝐧 𝐀𝐦𝐚𝐧𝐮𝐮 𝐕𝐬 𝐘𝐚𝐚𝐝𝐚 𝐚𝐝𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐬𝐚𝐥𝐩𝐡𝐢𝐬𝐮
⚖️⚖️⚖️⚖️⚖️⚖️⚖️⚖️⚖️⚖️
𝐆𝐨𝐜𝐡𝐚 𝐘𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐞𝐞 𝐧𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐛𝐚𝐥𝐥𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐚𝐦𝐞 𝐰𝐚𝐚'𝐞𝐞 𝐲𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐠𝐮𝐮𝐭𝐮𝐮 𝐠𝐮𝐮𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐨𝐬𝐨𝐨 𝐡𝐢𝐧 𝐚𝐦𝐚𝐧𝐢𝐢𝐧 𝐠𝐚𝐫𝐭𝐨𝐤𝐤𝐞𝐞𝐧 𝐚𝐦𝐚𝐧𝐮𝐮 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐪𝐨𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐨𝐟 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐞𝐞 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚 𝐚𝐝𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐬𝐚𝐥𝐩𝐡𝐢𝐬𝐮 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨𝐭𝐭𝐢 𝐤𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐟𝐮𝐝𝐡𝐚𝐭𝐚𝐦𝐧𝐞𝐞𝐟 𝐭𝐚𝐡𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐢𝐤𝐤𝐨𝐨 𝐝𝐢𝐫𝐪𝐢𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐞𝐞𝐫𝐚.
𝐉𝐢𝐥𝐝𝐢𝐢 18𝐟𝐟𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤.𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 111006 𝐭𝐚'𝐞𝐞𝐧 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐠𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 30/11/2007 𝐒𝐘 𝐤𝐞𝐞𝐰 82(𝐞) 𝐰𝐚𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐦𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐝𝐢𝐫𝐪𝐢𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐞𝐞𝐫𝐚
https://t.me/Ijooseera
#Daldalaa_Naannoo_biroo
𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗠𝗮𝗻𝗮 𝗠𝗮𝗿𝗲𝗲 F𝗲𝗱𝗲𝗿𝗲𝗲𝘀𝗵𝗶𝗻𝗶𝗶❗️
✍️ Daldalaan tokko Hayyama daldalaa Naannoo biroo qabatee Naannoo biroo keessatti Bittaa raawwachuu danda'aa?
Murtii Mana Maree federeeshinii Gal.Lakk. 66/11 ta'e irratti kenname.
Daldaalaan tokko Hayyama daldalaa Naannoo tokko irraa fudhate qabatee Naannoo biroo keessatti osoo hayyama Naannichaa hin qabaatiin bittaa raawwate jedhamee yakkan kan hin gaafatamne ta'uu; Heera Mootummaa Federaalaa Ripaablikaa Itoophiyaa kew.22 fi 32 waliin wal qabsiisuun murtii kennee ture.
Murtii isaa kana keessatti Daldalaan tokko Naannoo hojii daldala itti hojjechuuf jedhu keessaa Damee baanuuf yoo ta'e qofa waajjira dhimmi ilaalu biraatti hayyama daldalaa fi TIN qabatee argamuun beeksisuu qabu jechuun murtii kenneera.
https://t.me/Ijooseera
Qabeenya hin sochoonee kaartaa Abbaa qabiyyummaa  dhiyeessudhan qofa mirkaneessun akka  hin danda"amne DHIMMWF lakk,Galmee 229608.
Bu'uura SDFHH kewt 33(2) tin himataan himannaa dhiyeesse irratti mirgaa Fi faayidaa irraa hin qabu jedhame himannaan murtaa"u, himataan dhimma dhiyeesse irratti  mirgaa qabaachuu Isaa Ragaa osoo hin dhiyeessun yoo hafeedha.
Ol'iyyataan mana murtii jaalatti qabeenya himannaa irratti dhiyeesse irraa mirgaa Fi faayidaa qabaachuu Isaa Ragaa garaagaraa himannaa isaatin walqabsiisee osoo jiruu, manni murtii jalaa ol'iyyataan himannaa dhiyeessudhaaf mirgaa Fi faayidaa hin qabu jechuun himannaa kufaa taasisun murtiin kenname Fi ajajni manni murtii ol'iyyannoo dhagahu kenne murtii dogoggora bu'uura seeraa raawwatameedha. Manni murtii jalaa mirgii Fi faayidaan qabeenya hin sochoonee waraqaa Abbaa qabiyyummaa qofa dhiyeessudhan akka mirkanaa'u godhee murtii kan kenne yoo ta'u, Kun immoo DHIMMWF lakk,Galmee 36320 fuula 9 irratti qabeenya hin sochone irratti himannaa hundeessuf, kaartaa Abbaa qabiyyummaa mirkaneessu dhiyeessuun dirqama akka hin taanee Fi abbaan qabiyyummaa karaa biraatin mirkanaa"uu akka danda'u jechuun hiikoo seeraa dirqisiisaa kennameen ala ta'uun Isaa dogoggora seeraa bu'uuraa raawwatameedha.
https://t.me/Ijooseera
#Amantaa_Hir'isuu:
1️⃣. Badhaadhina hin malle argachuuf yaaduun wanta qabeenya gatii qabu kan nama biraa ta'eefi imaanaan isatti kenname kan ofiisaa taasisuun yakka imaanaa hir'isuutiin nama gaafachiisa.
2️⃣.Namni tokko yakka amantaa hir'isuu raawwate jedhamuuf waan gatii qabu yookiin maallaqa tajaajila beekamaaf oolchuuf nama biraa irraa bifa hadaraatiin yookiin bifa imaanaan fudhachuun akkaataa adaraan fudhate sanaan yoo deebisuu dide yookaan deebisuuf eeyyamamaa yoo hin taaneedha.
3️⃣Himatamtichi yommuu gaafatamu mi'a ykn maallaqa callaa imaanaan ykn hadaraan itti kenname deebisuuf yookiin kanfaluuf ykn haala mi'ichi itti jiru agarsiisuuf ykn tajaajila maluuf kan oolche ta'uu isaa hubachiisuu kan hin dandeenye yoo ta'e,qabeenyicha faayidaa hin malle ofiif ykn nama biraaf oolchuuf yaada akka qabutti lakkaa'ama.
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildi_12ffaa Lakk.Galmee 64813 ta'een "namni tokko meeshaa biteen siif fida jedhee nama biroo irraa maallaqa(qarshii) erga fuudheen booda maallaqichas kan hin deebisne yoo ta'e ykn mi'a Sanas biteefi kan hin kennine yookiin kana lameenuu raawwachuuf eeyyamamaa ta'uu dhabuun isaa yoo mirkanaa'e yakka imaanaa hir'isuutiin kan gaafatamu ta'uu" hiikoo kennee ture.
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii_13ffaa Lakkoofsa Galmee 67408 ta'e irratti "namni tokko bakka bu'aa nama tokkoo ta'ee ture nama isa bakka buuse irraa wanta waan fudhate yoo deebisuu dide yakka amantaa hir'isuutiin gaafatamuu akka qabu"Seera Yakkaa keewwata 676(2) wal qabsiisuun murteessee ture.
4️⃣"Namni kamiyyuu badhaadhina isaaf hin malle argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaaduun wanta gatii qabu ykn maallaqa callaa kan nama biroo ta'eefi tajaajila murtaa'e tokkoof ykn imaanaan isatti kenname guutummaan ykn gar-tokkeen ofii isaaf kan taasise ykn nama biroof kan taasise,kan fudhate,kan fudhachiise,kan dhokse ykn tajaajila ofii isaatiif ykn nama biroof kan oolche ykn gochaawwan kana fakkaatan kamiiniyyuu Kan raawwate yoo ta'e,akka haala dubbichaatti hidhaa salphaan ykn hidhaa cimaa waggaa 5(shan) hin caalleen adabama,"Seera Yakkaa keewwata 675(1).
5️⃣"Yakki imaanaa hir'isuu kan raawwatame qabeenya mootummaa ykn jaarmiyaa ummataa irratti yoo ta'e ykn yakkicha kan raawwate Abbaa Taayitaa ykn Muudamaa Mootummaa ykn imaanaa kan itti kenname filatamaa ummataa yoo ta'e hidhaa cimaa waggaa 5(shanii) hanga waggaa 25(digdamii shanii) gahuu fi adabbii maallaqaa qarshii 100,000 hin caalleen adabama."
6️⃣"Yakka amantaa hir'isuu kan raawwate guddiftuu ykn eegduu qabeenyaa,qulqulleessaa herreegaa,Gorsaa seeraa ykn herreegaa,bakka bu'aa,abukaatoo,bulchaa qabeenyaa ykn sababa hojii isaatiin ykn itti gaafatamummaa isaaf kennameen qabeenyichi kan harka isaa gale nama biroo kamiyyuu yoo ta'e,hidhaa salphaa waggaa tokko(1) gadi hin taaneen ykn hidhaa cimaa waggaa 15 hin caalleen adabama."
7️⃣"Yakka imaanaa hir'isuu kan raawwate himatamtichi sanada imaanaan fuudhe irratti dirqama isa itti kenne abbaa idaa taasisu fakkeessee barreessuun ykn sanada maallaqni ittiin fuudhamu fakkeessuun ykn gocha akaakuu biroo kamiyyuu qabeenya mallatteessaa irratti miidhaa qaqqabsiisuun kan hojjate yoo ta'e hidhaa salphaa waggaa 1 gadi hin taaneen yookiin hidhaa cimaa waggaa 15 hin caalleen ni adabama."
8️⃣"Yakka amantaa hir'isuu kan raawwate nama qarshii walitti qabuuf ummataaf waamicha taasisu ta'ee faayidaa ofiif ykn waldaa daldalaa tokkoof ykn Baankiif ykn Jaarmiyaa biroof jecha nama maallaqa ykn wantoota gatii qaban kan walitti qabuun yoo ta'e hidhaa salphaa waggaa tokko gadi hin taaneen ykn hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalleen adabama,"Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 676.
#Hiikoo_Dirqisiisaa_Dhaddacha_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa:-
9️⃣Jildii 13ffaa Lakkoofsa Galmee 67408,
1️⃣0️⃣Jildii 15ffaa Lakk.Galmee 89276,
1️⃣1️⃣ Jildii 12ffaa Lakk.Galmee 65054,
1️⃣2️⃣Jildii 12ffaa Lakk.Galmee 64813,
1️⃣3️⃣Jildii 15ffaa Lakk.Galmee 89276.
https://t.me/Ijooseera
የስራ ቅጥር ማስታወቂያ ለአዲስ ተመራቂዎች

ታክስ ይግባኝ ኮሚሽን

የስራ መደብ፦ ረዳት ዳኛ

የትምህርት ደረጃ፦ በሕግ የመጀመሪያ ዲግሪ

የስራ ልምድ፦ 0 ዓመት

የምዝገባ ጊዜ፦ እስከ ሚያዚያ 9 ቀን 2017 ዓ.ም
https://t.me/Shields_Law
murtii kanaan maal jettu?
Dhaalaan tokko qabeeya waliinii dhaaltotaa tokko haayyama dhaaltotaa malee dhoksaan yoo gurgurate dhaaltotni maali gochuu qabu?
Dhaalaa tokko qabeenya dhaaltotaa kan ta'e mana jireenyaa qabeenya waliinii dhaaltotaa kan ta'e karaa dhoksaa ta'een kaartaa gara maqaa ofii isaa nanneessuun manicha kana nama biraatti ykn qaama 3ffaa dabarsee yoo gurgurate dhaaltonni kan gochuun isaanirra jiraatu nama manicha bitate kana qabeenya dhaalaa haayyama dhaaltota hundaa osoo hin argatin dhoksaan bite waan ta'eef waliin galteen bittaa fi gurgurtaa manaa dhaalaa fi nama mana bitate giddutti taasifame nuuf diigamee manicha harkaan akka nu gahu jedhamanii himachuu hin danda'an. Namni mana bite kun ''good faith'' kan bitate yoo ta'e  isa himachuun hin danda'an. Isaan himachuu  kan qaban dhaalaa haayyama isaanii malee dhoksaan manicha gurgurate. Seerummaan isaan yeroo himata dhiyeessan mana murtii  gaafachuu qabanis dhaalaan dhoksaadhaan mana gurgure kun qarshii mana itti gurgure keessaa gahee keenna akka nuuf qoodu ykn kennuu jechuun gaafachuu qabu!
👉SHH 1960 bahe keewwata1266, 1060(1)
👉MMWF, Dh, Ij l, Jildii 10ffaa Lak,Gal. 41857
https://t.me/Ijooseera
Raawwii gaa’elaan walqabatee nikaan karaa maatii walfuutota biyya alaa jiraniif bakka isaan hinjirretti godhamu bu’ura seeraa niqabaa?==================================
Haala qabatama jiruu fi jireenyaa hawaasummaa irraan kan ka’e yeroo hedduu namoonni qaamaan argamuun fedhii isaanii kallattiin ibsachuun gaa’eela raawwachuu hindanda’an. Keessaayyuu lammiileen biyya kanaa sababa hojiitiin (irra caalaa dubartoonni) biyyoota Arabaa (biyya USA fi Auroppaas dhimmoonni akkasii nijira) deemuun lafuma jiran irraa karaa maatii isaanii biyya ofiitti nikaan yoo hidhamuuf ykn gaa’ela raawwatan baratamaadha. Garuu raawwiin gaa’ela ha haala kanaan raawwatamu seeraan kan hindhoorkamne ta’us qaamaan argamuun sababa humnaa oliitiin kan hindanda’amnee fi bakka bu’ummaan akka raawwatamu (nikaan hidhamu) sadarkaa federaalaatti Ministeera Haqaatiin, sadarkaa naannootti Mana Hojii Abbaa Alangaatiin (SMO) mirkanaa’ee eeyyamamuu akka qabu SMO kwt 29 jalatti tumamee jira.
Bu’ura kanaan nikaan beekamtii fi eeyyama Ministeera Haqaa ykn Mana Hojii Abbaa Alangaa malee karaa maatii walfuutotaa qofa bakka walfuutonni hinjirretti raawwatamu bu’ura seeraa hinqabu jechuun Dh Ijbta MMWF glm Lkk 247257 ta’erratti gaafa 06/02/2017 murtii haaraa sagalee caalmaan kennee jira.
Ulaagaan SMO keessatti raawwii gaa’elaaf haalduree ta’an hundi gaa’ela sirna kamiinuu raawwatu hundaaf raawwatiinsa akka qabu fi irraa maquun kan hindanda’amne ta’uus kanaan dura Dh Ijbt kun glm Lkk 213864 ta’erratti murtii hiikkoo dirqisiisaa ta’e kenneera.
Kanaaf walumaagalatti gaa’elli karaa sirna amantaa (nikaa)s ta’ee karaa sirnoota hafan seeraan beekamtii qaban lamaaniin raawwatamu walfuutonni lamaan qaamaan argamuun fedhii isaanii haala shakkii hinqabneen ibsachuu akka qabuu fi bakka bu’ummaan kan raawwatamu yoo ta’e sababa humnaa ol ta’een qaamaan argamuun kan hindanda’amne ta’uun Ministeera Haqaatiin ykn Mana Hojii Abbaa Alangaatiin yoo mirkanaa’e qofa fudhatama kan argatu akka ta’e hubatamuu qaba.
Garagalcha murtii Dh Ijbt glm Lkk 247257 irratti gaafa 06/02/2017 kennamee fuula Facebook Murawa Abbaa Kuraa irraa fudhatamuun gaditti dhoobamee jira.
murtii kanaan maal jettu?
Dhaalaan tokko qabeeya waliinii dhaaltotaa tokko haayyama dhaaltotaa malee dhoksaan yoo gurgurate dhaaltotni maali gochuu qabu?
Dhaalaa tokko qabeenya dhaaltotaa kan ta'e mana jireenyaa qabeenya waliinii dhaaltotaa kan ta'e karaa dhoksaa ta'een kaartaa gara maqaa ofii isaa nanneessuun manicha kana nama biraatti ykn qaama 3ffaa dabarsee yoo gurgurate dhaaltonni kan gochuun isaanirra jiraatu nama manicha bitate kana qabeenya dhaalaa haayyama dhaaltota hundaa osoo hin argatin dhoksaan bite waan ta'eef waliin galteen bittaa fi gurgurtaa manaa dhaalaa fi nama mana bitate giddutti taasifame nuuf diigamee manicha harkaan akka nu gahu jedhamanii himachuu hin danda'an. Namni mana bite kun ''good faith'' kan bitate yoo ta'e  isa himachuun hin danda'an. Isaan himachuu  kan qaban dhaalaa haayyama isaanii malee dhoksaan manicha gurgurate. Seerummaan isaan yeroo himata dhiyeessan mana murtii  gaafachuu qabanis dhaalaan dhoksaadhaan mana gurgure kun qarshii mana itti gurgure keessaa gahee keenna akka nuuf qoodu ykn kennuu jechuun gaafachuu qabu!
👉SHH 1960 bahe keewwata1266, 1060(1)
👉MMWF, Dh, Ij l, Jildii 10ffaa Lak,Gal. 41857
https://t.me/Ijooseera
Bu'uura seeraa deemsa hariiroo hawaasaa keewwata 33(2) himata himataan dhiyeessu irratti mirgaa fi faayidaa hin qabdu jechuun kan murtaa'uu himata dhiyaate irratti mirga qabaachuu isaa kan agarsiisu ragaa kan hin dhiyeesine yoo ta'e dha.

Himataan ykn iyyataan himata isaa keessatti qabeenya sababa himannaa ta'eef mirgaa fi faayidaa irraa qabaachuu isaa kan agarsiisu himata isaa waliin ragaawwaan garagaraa wal qabsiisee dhiyeessee osoo jiruu Manni Murtii himataan ykn iyyataan himannaa dhiyeessuuf mirgaa fi faayidaa irraa hin qabu jechuun himannaa dhiyaate kufaa gochuun dogoggora bu'uura seeratti.

Manni Murtii mirgiif faayidaan qabeenya hin sochoonee kan ittiin mirkanaa'uu danda'u kartaa mirkaneessa abbaa qabiyyuummaa dhiyeessuu qofaan akka waan ta'eetti fudhachuun murteessuun Murtii dirqisiisaa Dhaddachi Ijibbaataa Jildii 9ffaa Gal.Lakk. 36320 ta'e irratti kennee qabeenya hin sochoonee irratti himata dhiyeessuuf Kartaa Abbaa qabiyyuummaa dhiyeessuun dirqama akka hin taanee fi Abbaa qabiyyuummaa karaa birootiin mirkaneessuun akka danda'amu hiikoo Murtii dirqisiisaa kennameen ala waan ta'eef akkasumas tumaabseeraa hariiroo hawaasaa keewwata 1195 ala waan ta'eef dogoggora bu'uura seeraa qaba jechuun Dhaddachi Ijibbaataa MMWF galmee Lakk.22908 ta'e irratti dhaddacha gaafa guyyaa 29/07/2015 ooleen  hiikoo  Murtii dirqisiisaa kennee jira
https://t.me/Ijooseera
#Hoojjataa_Mootummaa
Hojjetaan mootummaa yakkaan erga hidhamee booda, gara hojiitti yoo deebi'e mindaan Yeroo hin hojjennee ni kaffalamaafi ? Dhaddachi Ijibbaataa maal jedhe ? Kunooti.

Labsii hojjettoota mootummaa federalaa lakk.1064/2010 kewt 86(3) irratti  hojjetaan hojii irratti sababa humnaa ol ta'een  kan hin argamne ta'uun Isaa yoo mirkanaa'e, iddoon ramaddii Isaa hanga ji'a jahaatti duwwaa ta'ee akka eeguu, keessattuu, yakkaan shakkamee ji'a jahaa ol mana hidhaa turee, garuu Yakka ittin shakkame irraa bilisa bahuu Isaa Ragaa yoo dhiyeesse, waajjirichi iddoo duwwaa qabu irratti mindaa duraan kanfalaafi tureen ramaduu akka danda'u kan tumame yoo ta'u, Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti Dhaddachi Ijibbaataa Lakk.galmee 193322(kan hin maxxanfamne) irratti, Kaayyoon tumaa kanaa hojjetaan yakkaan shakkamuu Fi hidhamuu qofaan wabii hojii akka dhabu taasisuu irraa darbee, Yeroo hin hojjennef  waajjirichi  mindaa akka kaffalu kan dirqamsiisu akka hin taanefidha. Yoo ta'ellee, Yakkaan shakkamee hidhamee turee, namni bilisaan gadhiifame, waajjirichi waliigalteen hojii akka addaan hin cinne taasisurraa kan hafe, Yeroo hin hojjenneef mindaa kaffaluuf akka hin dirqamne murtii dirqisiisaa kennee jira.
https://t.me/Ijooseera
Iyyannoo Mormii Murtii Bu'uura sdfs kwt 358tiin Dhiyaate Irratti Himanni Himatamummaa Dhiyaachuu Ni Danda'aa?

✓✓✓{{{{}}}}}✓✓✓✓{{{{}}}}✓✓✓

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 28/10/2015 ooleen Lakk.Ga.237196 ta'e (👆👆) irratti kenne keessatti:

"Akka waliigalaatti, waamamaan bu'uura sdfs kwt 358n iyyannoo mormii kan dhiyeesse murtii qabiyyeen falmiif sababa ta'e kan dhaalaati jedhamee kenname irratti yemmuu ta'u, iyyannoon isaa mirga qabiyyee lafaa dhuunfaa isaa kabachiifachuuf malee murtiin dhaalmaa ilaalchisee kenname mirga dhaaluu kiyya sarba jedhee waan hin taaneef, sababa kanaaf akka himataatti iyyannoo mormii dhiyeessuu waan hin dandeenyeef himanni himatamummaa waamamaa irratti dhiyaachuu hin danda'u. Gama birootiin, namni iyyannoo mormii dhiyeesse nama akkaataa sdfs kwt 40tti akka himataatti falmiitti makamuu danda'u ta'uun isaa yoo beekame, iyyannoon isaa bu'uura sdfs kwt 358tiin waan dhiyaateef qofa himanni himatamummaa irratti dhiyaachuu hin danda'u jechuun akka hin danda'amne hubachuun barbaachisaadha. Waan ta'eefis, Dhaddachi Ijibbaataa MMWO, dhimma amma harkaa qabnu keessatti, iyyannoo bu'uura sdfs kwt 358tiin dhiyaatu irratti himanni himatamummaa haala kamiiniyyuu dhiyaachuu hin danda'u jedhu bifa fakkaattuun ejjennoo qabachuun isaa sirrii ta'ee hin argamne" jechuun sababa murtii dhaddachichaa qeeqee bu'aadhaan murtii dhaddacha Ijibbaataa MMWO cimseera.

👉Qabiyyee murtichaa guutummatti dubbisuun waa'ee dhimmichaa hubannoo gahaa akka qabaannuuf waan nu gargaaruuf dubbisaa. (Z devil is in z detail)
👉Dhaddachichi hiikkoo kenne keessatti, namni bu'uura sdfs kwt 358tiin iyyannoo mormii dhiyeesse nama 'status'  akkamiitiin (himataa, himatamaa ykn of danda'ee) murtiin dura falmiitti makamuu qabu ykn danda'udha kan jedhu irratti hundaa'amee kan adda bahuu qabu ta'uu isaa ibsee waan xiinxale fakkaata.

        
https://t.me/Ijooseera   

.
1
#Dhaddachi_ijbbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Jiildii_24ffaa galmee lakk 169522 ta’e irratti hiikkoo kenneen
‘’Qaamni bulchiinsaa dhimma mana murtiitti falmiin irratti gaggeeffamaa jiru qulqulleessee akka dhiheessu mana murtiitiin yeroo ajajame Sanadoota harka isaa jiru qofa irraa qulqulleessee akka dhiheessu qofa ajajamuu qaba. Kana bira darbee qaamni bulchiinsaa dhimma mana murtiitti dhiyaate tokko irratti ragaa dhagahee yookin qaboo yaa’ii qabatee akka qulqulleessu ajajni kennamu fudhatama hin qabu.

Dhimmichi ragaadhaan (kan dabalataatiin) kan qulqullaa’u yoo ta’es Ragootadhiheessuudhaan bu’uura seera jiruutiin ragoota gaafatee fi qoratee qulqulleessuu kan qabu mana murtiiti malee qaama biraatii miti’’ jechuudhaan hiikkoo kennee jira. 

Haa ta’u malee manneen murtii keenya Qaamolee bulchiinsaa ajajuudhaan ogeessonni qaamolee bulchiinsaa immoo akkuma mana murtiitti ragaa bitaa fi mirgaa dhagahuudhaan qaboo yaa’ii qabatanii, qaboo yaa’ii irratti xiinxala godhanii cuunfaa isaa gabaasa mana murtiitiif dhiheessu.  Manneen murtii keenyas ragaa kaksiisanii ofii dhagahan caalaa ragaa haala kanaan dhiyaateef madaallii guddaa kennuudhaan murteessaa jiru.

Kanarraa kan ka’e ragaa Sobaa manneen murtiitiin alatti osoo hin kakatin fuudhamuun haqni nama hedduu jal’achaa jira. Hojmaata sirrachuu qabuudha.
https://t.me/Ijooseera
👍1
Iyyannoo Mormii Murtii Bu'uura sdfs kwt 358tiin Dhiyaate Irratti Himanni Himatamummaa Dhiyaachuu Ni Danda'aa?

✓✓✓{{{{}}}}}✓✓✓✓{{{{}}}}✓✓✓

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 28/10/2015 ooleen Lakk.Ga.237196 ta'e (👆👆) irratti kenne keessatti:

"Akka waliigalaatti, waamamaan bu'uura sdfs kwt 358n iyyannoo mormii kan dhiyeesse murtii qabiyyeen falmiif sababa ta'e kan dhaalaati jedhamee kenname irratti yemmuu ta'u, iyyannoon isaa mirga qabiyyee lafaa dhuunfaa isaa kabachiifachuuf malee murtiin dhaalmaa ilaalchisee kenname mirga dhaaluu kiyya sarba jedhee waan hin taaneef, sababa kanaaf akka himataatti iyyannoo mormii dhiyeessuu waan hin dandeenyeef himanni himatamummaa waamamaa irratti dhiyaachuu hin danda'u. Gama birootiin, namni iyyannoo mormii dhiyeesse nama akkaataa sdfs kwt 40tti akka himataatti falmiitti makamuu danda'u ta'uun isaa yoo beekame, iyyannoon isaa bu'uura sdfs kwt 358tiin waan dhiyaateef qofa himanni himatamummaa irratti dhiyaachuu hin danda'u jechuun akka hin danda'amne hubachuun barbaachisaadha. Waan ta'eefis, Dhaddachi Ijibbaataa MMWO, dhimma amma harkaa qabnu keessatti, iyyannoo bu'uura sdfs kwt 358tiin dhiyaatu irratti himanni himatamummaa haala kamiiniyyuu dhiyaachuu hin danda'u jedhu bifa fakkaattuun ejjennoo qabachuun isaa sirrii ta'ee hin argamne" jechuun sababa murtii dhaddachichaa qeeqee bu'aadhaan murtii dhaddacha Ijibbaataa MMWO cimseera.

👉Qabiyyee murtichaa guutummatti dubbisuun waa'ee dhimmichaa hubannoo gahaa akka qabaannuuf waan nu gargaaruuf dubbisaa. (Z devil is in z detail)
👉Dhaddachichi hiikkoo kenne keessatti, namni bu'uura sdfs kwt 358tiin iyyannoo mormii dhiyeesse nama 'status'  akkamiitiin (himataa, himatamaa ykn of danda'ee) murtiin dura falmiitti makamuu qabu ykn danda'udha kan jedhu irratti hundaa'amee kan adda bahuu qabu ta'uu isaa ibsee waan xiinxale fakkaata.

           
https://t.me/Ijooseera
.
235844_MMWFDHIJ_Qabeenya_dhirsaaf_niitii_maqaa_garee_lamaaniin_yoo.pdf
175.2 KB
Murtii MMWFDHIJ galmee lakk.#235844        Falmii qooda qabeenyaa haadha warraa fi abbaa warraa keessatti ragaan abbaa qabeenyummaa maqaa garee lamaaniin jiraatullee,qabeenyaan sun gaa'ela dura kan horatame ta'uun isaa hanga hin haalamnetti qabeenyaa dhuunfaa ta'uu isaa:-
Jirtuu ?
Yakkaa qarshii gahaa osoo Cheekii irraa hin qabaatiin irratti ajajuu bu'uura Seera Yakkaa kwt.693 (1) tiin dhiyaatu ilaaluuf aangoo hundee dubbii sadarkaa jalqabaa kan qabu Mana Murtii Aanaa Naannoo keenyati jechuun galmee lakk.465352 ta'e irratti Dhaddachi Ijibbaataa keenyaa murtii kenneera.Wal fakkeenyummaan akka jiraatuuf Manneen Murtii keenya haala kanaan osoo hojjatanii gaarii dha.Guutuun murtichaa kunooti.
https://t.me/Ijooseera
Waliigalteen tajaajila abukaatummaa abukaatoo fi maamila giddutti taawwatamu akkuma waliigaltee ogummaa kamiittuu seera waliigalteen Buluu kan qabu waan ta’eef sababiin akka Wra Abbaa Alangaatti akka galmaa’uu fi hordofamu taasifamuuf Ifaa miti.
Sadarkaa mootummmaa Federaalaa fi B/Magaalaa Finfinneetti maamilli Lkk eeyyama abukaatumaa abukaatoo qofa Waajjira galmeessaa fi mirkaneessa waliigaltee fi ragaatti dhiyaaffachuun bakka barbaadetti abukaatoo filannoo isaatiif bakka bu’ummaa kennuun dhamaatii fi baasii tokko malee tajaajila bu’aa bahii hinbarbaachifne hinqabne argachuu jira.
Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Naannoo Oromiyaa immoo xalayaa fuula tokkoon kallattii kaahee jira. Kun Kenna tajaajila haqaa irratti dhiibbaa uumutu irra caala.
https://t.me/Ijooseera
1