Forwarded from 𝑯𝒖𝒔𝒔𝒆𝒊𝒏 𝑮𝒆𝒎𝒆𝒄𝒉𝒖 𝑳𝒂𝒘 𝑹𝒐𝒐𝒎 ⚖️
𝐻𝑖𝑖𝑘𝑜𝑜 𝐻𝑎𝑎𝑟𝑎𝑤𝑎
𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗗𝗵𝗮𝗱𝗱𝗮𝗰𝗵𝗶 𝗜𝗷𝗶𝗯𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 gaafa guyyaa 06/02/2017 𝗹𝗮𝗸𝗸. G𝗮𝗹𝗺𝗲 246989 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗠𝘂𝗿𝘁𝗲𝗲𝘀𝘀𝗲.
Dhaddachi ijibbaataa mana murtii Waliigalaa Federaalaa Murtii Manni murtii jalaa sirnaan osoo hin madaalin kenne fooyyeessuu fi Dogongora madaallii ragaa sirreessuuf Aangoo ni qaba jechuun hiikkoo Dirqisiisa kennee jira.
https://t.me/Fuula_Hubannoo_Seeraa
𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗗𝗵𝗮𝗱𝗱𝗮𝗰𝗵𝗶 𝗜𝗷𝗶𝗯𝗮𝗮𝘁𝗮𝗮 gaafa guyyaa 06/02/2017 𝗹𝗮𝗸𝗸. G𝗮𝗹𝗺𝗲 246989 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 𝗠𝘂𝗿𝘁𝗲𝗲𝘀𝘀𝗲.
Dhaddachi ijibbaataa mana murtii Waliigalaa Federaalaa Murtii Manni murtii jalaa sirnaan osoo hin madaalin kenne fooyyeessuu fi Dogongora madaallii ragaa sirreessuuf Aangoo ni qaba jechuun hiikkoo Dirqisiisa kennee jira.
#LAFA_NAMAA_IRRATTII_MANA_IJAARUU
✅ Lafa namaa qabiyyee biroo irrattii namnii mirga hin qabnee tokko abbaan qabiyyee osoo mormuu yookiin iddoo inni hin jirreetti yookiin abbaan qabiyyeedha yoo osoo hin mormiin calliisuu fi hayyamuun mana ijaaramuun wal qabsiisee irrattii seerri maal jedha❓
✍️ Seerrii biyya teenyaa nama qabiyyee nama irrattii mana ijaarratee ilaalchisee SHH kew.1170 fi 1179 irratti dubbatee jira.
Namni tokko lafa qabiyyee isaa hin ta'in yookiin kan nama biraa irratti mana ijaarachuu hin danda'u. Mirgii itti fayyadamuudha kan abba qabiyyeeti.
✍️ Namnii osoo abbaan qabiyyeedhaa ykn lafaa laftii kan kootii irratti hin ijaarrattu jechuun mormuu lafa nama irrattii mana ijaarrate furmaata lamaatu jira.
1-Baasii inni mana ittii ijaaree osoo hin kaffaliin mana keessaa baasuu ni danda'a.
2-Namichii lafa nama irraatti mana ijaare baasii isaatiin mana irraa diiggatee akka deemuu hayyamuufi.
Abbaan lafichaa yeroo namni biraa lafa isaa irraatti mana ijaarutti iddoo san yoo hin jirree fi ijaaramuu isaa yoo quba hin qabannee, yeroo dhagayetti ykn beeketti manicha akka gad dhiisee deemuu godhuu ni danda'a.
✍️ Namni lafa isaa irrattii nama biraatin manni ijaaramu osoo arguu ykn beekuu yoo kan hin mormiin ykn akka hin ijaarreef dhoorkuuf yaalii hin godhiin hayyamee ta'e
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii_6ffaa_lakk_galmee_30101_fi_jildii_20ffaa_lakk_galmee_105125 irrattii manni kan abbaa ijaarrateeti abbaan qabiyyee namicha mana irrattii hojjatee gatii baasii mana itti ijaare kaffallee keessa baasuu fi irraa fudhachuu hin danda'u jechuun murtii kennee ture.
https://t.me/Ijooseera

Beekumsaaf
#JECHA AMANTAAFI WAAKKII HIMATAMAA IRRATTI MURTIILEE DhIjMMWF KENNE.
1) #DhIjMMWF Jildii 14ffaa LGMM 77842 ta’e irratti:
‘’Himatamaan himannaa ittiin himatame sana beekee/hubatee akkaataa himannaa keessatti ibsameen firiiwwan dubbii tokko tokkoo isaanii amanee jecha kan kennu yoo ta’e jecha isaa akka ragaatti fudhachuun bu’uuruma amantaa isaatiin murtiin balleessummaa kennamuu akka qabu;Manni Murtii himatamaan himannaa isarratti dhiyaate guutumaan guutuutti amanuu isaa tokko tokkoon gaafatee qulqulleeffatee galmeessee murtii balleessummaa kennuu akka qabu’’
Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 23 fi sdfy keewwata 134 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.
2) #DhIjMMWF Jildii 16ffaa LGMM 96954 ta’e irratti:
‘’Himatamaan tokko himannaa ittiin himatame tarree yakkichaa firii dubbii tokko tokkoon amanee jecha amantaa yoo kenne, himatamaan balleessaa ta’uu amaneera jechuun Manni Murtii erga galmeesseen booda himatamaa irratti murtii balleessummaa kennuu akka qabu; Manni Murtichaa jecha amantaa himatamaan kenne keessaa himatamaa kan fayyadu keessaa dhiisuun jecha himatamaan hin ibsinee fi hin galmeessisne akka ibsetti fudhachuun adabbii cimsuun kaayyoo fi galma sdfy keewwata 134(1) fi Qajeelfama Murteessa Adabbii Federaalaa Lakk. 2/2006 miti’’ jechuun hiikoo kenneera.
3) #DhIjMMWF Jildii 18ffaa LGMM11742 ta’e irratti:
’’Bu’uura jecha amantaa himatamaatiin murtiin kennamuu kan danda’u jecha amantaa himatamaan galmeessise akkaataa tarree himannaa keessatti caqafameen yakkicha raawwachuu isaa guutummaan guutuutti mirkaneessuu yoo danda’ee fi himatamaan yakkicha raawwachuu amanuu isaa mirkaneessuuf jecha himatamaan kenne ilaalamuu kan qabu tarree yakkichaa fi ulaagaa keewwata himatamaan ittiin himatame waliin ta’uu akka qabuufi jechi amantaa himatamaan galmeessise keewwata ittiin himatame waliin ilaallamee jecha amantaa himatamaa bu’uura godhachuun isaa bakka hin mirkanoofnetti
himatamaan amaneera jechuun murtii balleessummaa kennuun hin barbaachisu’’ jechuun sdfy keewwata 134(1) waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee ture.
4) #DhIjMMWF Jildii 17ffaa LGMM 96310 ta’een:
’’Namoonni baay’een iddoo tokkotti yeroo himataman,isaan keessaa himatamaan tokko gocha yakkaa sana gareedhaan raawwachuu isaa amanuun jechi inni kennu himatamtoota biroo isa faana himatamanii gochicha waakkachuun falmaa jiran irratti bu’aa seera qabeessa ta’e fidu hin jiru’’ jechuun hiikoo kennee ture.
5) #DhIjMMWF Jildii 12ffaa LGMM 63741 ta’e irratti:
"Himatamaan gocha himannaa keessatti caqafame tokko tokkoon isaa amanuun murtiin balleessummaa kan kenname yoo ta’e, murtii balleessummaa kenname irratti ol’iyyannoo gaafachuun hin danda’amu" jechuun sdfy keewwata 134(1) fi 185(1) waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa laatee ture..

👍2
(Dhaddachaa ijjibaata MMWF galmee lakk 208632 ta’erratti gaafa 30/09/2014 dhimma murtiin xumura argatee wal qabsiisee murtii dirqisisaa kennee dubbisa!
Manni murtii, firiin dubbii himannaa barreeffamaa keessatti ibsame kan hin himachiisne ta'uu, akkasumas dhimmi himannicha keessatti ibsame aangoo mana murtichaatiin ala ta'uu isaa hubachuudhaan,himannaan dhiyaate fudhatama hin qabu jedhee murteessuun isaa himataan himannaa isaa fooyyeeffatee ykn himannaa isaa keessa hanqina jiru sirreeffachuun guutuu taasisee dhimmichumaa san irratti irra deebiidhaan himannaa dhiyeessuu kan hin dhorkinee tahuu fi Irra deebiin himannichi dhiyaachuu kan hin danda'amne falmii duraa irratti ijoo qabamee fi ijoon dubbii walfakkaataa ta'uu fi garee walfalmitootaan wajjin tokkummaa qabaachuu isaa qofaa osoo hin taane ijoo dubbii irratti murtii dhumaa kennamuus qulqullaa'uu kan qabu ta'uu isaa xiinxaluun SDFHH keewwata 5 wal qabsiisee murtii dirqisisaa kennee jira.

(Dhaddachaa ijjibaata MMWF galmee lakk 208632 ta’erratti gaafa 30/09/2014 dhimms murtiin xumura argatee wal qabsiisee murtii dirqisisaa kennee dubbisa!

👍1
Waamicha Eeggattoota Gargaaraa Abbaa Seeraa MMA
---------------------------
(Adoolessa 28,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Gargaartota Abbaa Seeraa MMA kallattii muudamni kennameefii ramadaman keessaa sagal (9) bakka ramaddiin kennametti kan hin argamneefi tokko (1) immoo gowwoomsaan ulaagaa cabsuun waan mirkanaa'eef bakka isaanii eeggattoota waamuun barbaachisaa ta'ee argameera.Waan ta'eefis dorgomtoota Gumiin eeggataa akka taatan murteesse keessaa kan maqaan keessan 1ffaa-10ffaatti tarreffamee jiru gaafa 2/8/2017 ( kamisa dhufu) magaalaa Adaamaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (Galma Abbaa Gadaa cinaatti argamu)tti argamuun unkaa qacarrii akka guuttanii fi leenjii guyyoota sadiif qophaa'e akka fudhattan ni beeksifna.
Hub-Durgoon oolmaa fuula dura bakka itti ramadamtanii waan isiniif kaffalamuuf ammaaf mallaqa turtii guyyoota sadiif isin tursiisu qabattanii akka argamtan ni hubachiifna.

#Exit_Exam_Certificate
==================
Erga bara 2015 dhimmi Exit exam eegalee as barataan 'exit exam' hin milkoofne 'Temporary degree' dhowwatamaa turuun isaa ni yaadatama.
Dhaabbanni barnootaa Olaanoo kan taatan hundi keessan Ministeerri barnoota, kan kufeefis kan darbeefis 'Waraqaa ragaa barnootaa 'Curicullum' irra jiru baratee xumuree jira, garuu isa hin milkaa'iin hafeef qormaata bahiinsaa hin milkoofne jedhamee akkasumas kan milkaa'efis milkaa'eera jechuun garee lachuuf ragaan barnootaa akka firii qabxii bahiinsa isaaniitti haa kennamuufi jedhee jira.
Kanumaafis kan tajaajilu Xalayyaa armaan olii dhaabbata barnoota Ol aanoo hundaaf ministeerichi ergee jira.
Barattootni dhimmi kun isin ilaallatu xalayyaa kana buufadhaatii 'Print' godhaa qaama ilaallatuuf ibsaatii ragaa barnootaa keessan fudhaa.
Odeeffannoo qulqulluu fi si'ataa argachuuf

(Dhaddachaa ijjibaata MMWF galmee lakk 218309 ta’erratti gaafa 30/09/2014 falmii dhimma jeequmsaa qabeenya ykn qabiyyee wal qabatee murtii dirqisisaa kennee kana dubbisa!
Himannaan dhimmaa Hariiroo Hawaasa jeequmsaan wal qabatee seerummaa gaafatamee jeequmsi uumame haa dhaabatu kan jedhu dhiyaatee jechuun kan danda'amuu qabeenyi ykn qabiyyee falmiif sababa ta'e himataa harka turuufi dhugumatti ajajuu akka danda'uuf karaa seeraan alaatiin kan hin qabamnee tahuu mirkana'uu akka qabu. Akkasumaas himatamaan gochicha raawwachuuf mirgaa fi aangoo kan hin qabne ta'uu yoo hubachiifame ta’uu akka qabu SDFHH keewwata 1140 fi 1149'n wal qabsiisee murtii dirqisisaa kennee jira.

Saayikooloojiin amala namaa bakka
gurguddaa Sadiitti Qoodee kaa’a
1. #Passive_person( Suutee)
Namni kun yeroo hundaa moo’amaadha, waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha. Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa. Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha.
2. #Aggressive_person (Ofittoo)
Namni akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baay’isa, yaada nama biraa qooddatu,ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffata.
Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu.Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu. Hiriyaa akkasii sirraa haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa. hanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa Irraa isin haa baraaruu!!!!!!!
3. #Assertive_Person Nama sammuu banaa qabu (open minded person), yaada nama biraa giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee keessaa gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka. Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa qophaa’aadha.
Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata. Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa’aan isaa ogummaan kan guutameedha. Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra hojiidhaan agarsiisuu filata.
Via kanan dubbisee irraa.

Dhimma Falmii Investment Walqabatu ilaalchisee murtii Dh, Ijbt MMWO glm Lkk 437926 ta’erratti gaafa 05/06/2016 kenname============================================
Dhimma falmii inveestimantiin walqabatee haqamuu haayyama investimantii ykn adda cituu waliigaltee investmentin walqabatee kallattiin Mana Murtii Idileetti dhiyaachuu akka hinqabne Labsii Lkk 249/2015 kwt 48(2,3) fi dambii Lkk 244/2016 kwt 37(2,3) jalatti tumamee jira.
Haala kanaan jalqaba waajjira Investimantii fi indaastirii magaalaa ykn godinaa naannoof waamamanitti dhiyaachuun Biiroo Investimantii keessa darbee Korea Raawwachiistuu Dhimma Investimantiitti murtii dhumaa eega argate booda bifa komiitiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti dhiyaachuu akka qabu tumaalee olitti caqafamanii fi kwt 48(4) labsichaa fi kwt 37(4) dambichaa jalatti ifaan tumamee argama.
Kanaaf adda cituu waliigaltee investimantii fi haqamuu haayyamaatiin walqabatee kallattiin manni murtii idilee ilaaluu akka hindandeenye nihubatata.
Haata’u malee waliigaltee investimantii otuu hinmallatteessisin haalli lafti inveestimantiin itti kennamu jiraachuu isaa dhimmoonni qabatamaa agarsiisan hedduun kan jiran yoo ta’u kanumaan walqabatee otuu waliigalteen investimantii nugidduu hinjiraatin waliigalteen waan adda citeef qabeenya irraa qabdu kaafattee lafa akka gad-Lakkistu jechuun jeequmsi uuman akka dhaabbatu jedhamee himannaan Mana Murtii Idileetti yoo dhiyaatu nimul’ata.
Egaa manneen murtiitis waliigalteen jiraatuu yoo baateeytuu lafichi tajaajila investimantiif kan fudhatame waan ta’eef dhimma kallattiin mana murtiitti dhiyaatuu miti, ilaaluuf aangoo hinqabnu jechuun Labsii Lkk 249/2015 kwt 48 caqasuun murteessaa jiru.
Dhimma haala kanaan dhiyaatee Mana Murtii Magaalaa Shaggar MMA K/Magaalaa Malkaa Noonnootti egaluun Dh Ijb MMWOtti glm lkk 437926?ta’erratti ilaalameen Dh Ijb waliigalteen investimantii otuu hinjiraatin lafa akkaataa seera liiziitiin qaama aangoo qabu waliin waliigaltee liiziin fudhatame irratti waliigalteen investimantii waan adda citeef lafa akka gad-lakkisu jedhamuun gochaa jeequmsaa akka ta’ee fi kun immoo falmii dhimma investimantii otuu hintaane falmii jeequmsa qabiyyee akkaataa SHH kwt 1140 - 1149 tumaalee jiraniin ilaalamu waan ta’eef kallattiin fuudhanii ilaaluuf Manneen Murtii Idilee aangoo niqaba jedhee murtii Manneen murtii jalaa diigee jira.
Garagalchi murtichaa armaan gaditti argama👇

(Dhaddachaa ijjibaata MMWF jildii 26 galmee lakk199901 ta’e irratti gaafa 27/01/2014 falmii dhimmaa waliigaltee dhaaltota jidduutti qabeenya hin sochoone wal qabatee taasifamuu irratti murtii dirqisisaa kennamee kana dubbisa!
Qabeenya hin sochoone ilaalchisee dhaaltota jidduutti ulaagaa waliigalteen hirmaannaa dhaalaa itti raawwatamuu qabu ilaalchisee tumaan seeraa ifa ta’e yoo jiraachuu baatellee waliigalteen taasifamu namoota waliigalan jidduutti mirgaafi dirqama kan uumu waan ta’eef waliigalteen hirmaannaa fi daddabarsaa kamiyyuu barreeffamaan taasifamee qaama waliigaltee galmeessuuf aangoo qabu biratti galmeeffamee dhaaltota isaan ilaallatu hundumaatiin kan irratti mallatteeffamuu akka qabu jechuun SHH keewwata 1079,1719,1677 fi 1723(2) wal qabsiisee murtii dirqisisaa kennee jira.